ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Mootummaan hojiiwwan aadaa duudhaa amantaa ayyaana Masqalaa eeguu fi misoomsuuf hojjetamaniif deeggarsa barbaachisu nitaasisa-Ministira aadaa fi Ispoortii Qajeelaa Mardaasaa
Sep 27, 2023 296
Fulbaana 16/2016(TOI)- Mootummaan hojiiwwan aadaa duudhaa amantaa ayyaana Masqalaa eeguu fi misoomsuuf hojjetamaniif deeggarsa barbaachisu akka taasisu Ministirri aadaa fi Ispoortii Qajeelaa Mardaasaa ibsan. Ayyaanni Damaraa Masqalaa sirnoota amanta addaddaatiin addababayii Masalaatti kabajamaa jira. Ministirri aadaa fi Ispoortii qajeelaa Mardaasaa wayita kana akka jedhanitti, ayyaanota amantaa fi aadaa gurguddoo Itiyoophiyaan qabdu keessaa inni tokko ayyaana Damaraa Masqalaati. Ayyaanni Masqalaa duudhaalee afuuraa fi aadaa addaddaa kan qabuu ta’uusaa ibsanii, Itiyoophiyaanonni dammaqinaan akka kabajan dubbataniiru. Masqalli Itiyoophiyaarra darbee qabeenya Yuuneeskoo ta’eera jedhaniiru. Ayyaanni Masqalaa jaalala, walooma, walgargaaruu, tokkummaa fi nageenya kan barsiisu ta’uusaa kaasanii, barsiisa ayyaanichaa hordofuun jaalalaan tokko ta’uu fi nagana waliin jiraachuu qabna jechuun ibsan. Rakkoolee mudatan obsa, marii fi dhiifamaan bira darbuun nagaa fi tokkummaa Itiyoophiyaaf hojjechuun akka barbaachisu dubbataniiru. Duudhaaleen amantaa fi aadaa ayyaana Masqalaa akka eegamanii fi akka misooman akkasumas dhalootaaf akka dabarfaman deeggarsa barbaachisu akka taasisu obbo Qajeelaan dubbataniiru.
Hawaasni musliimaa nageenyii fi misoomni biyyaa akka mirkanaa’u yaalii taasisu cimsee akka itti fufuu waamichi taasifame
Sep 27, 2023 183
Fulbaana 16/2016 (TOI)- Hawaasni musliimaa nageenyii fi misoomni biyyaa akka mirkanaa’u yaalii taasisu cimsee akka itti fufuu waamichi taasifame. Ayyaanni dhalootaa Nabii Mahaammad kuma 1 fi 498ffaan “mata duree “Nabii abbaa dhiifamaa” jedhuun abbootiin amantaa Islaamaa, hooggantoonni mootummaa fi bakka bu’oonni dhaabbilee amantaa biroo fi keewssummoonni waamichi taasifameef bakka argamanitti masjiida Aniwaar Guddichatti kabajameera. Itti aanaan pirezidaantii mana maree olaanaa dhimmoota Islaamummaa Finfinnee Sheeh Fatihuddiin Haajii Zayinuu wayita kana, wayita ayyaana Mawuliidaa kabajnu karaa nagaa, jaalalaa fi tokkummaa ummataa cimsuun ta’uu qaba jedhaniiru. Hawaasni musliimaa misoomnii fi nageenyi ummataa akka mirkanaa’u yaalii taasisaa jiru caalaatti akka itti fufu waamicha dhiheessaniiru. Imaamiin Msjiida Aniwaar guddichaa Sheeh Xahaa Haaruun gamasaaniin, Mawuliidiin ayyaana jaalalaa, waloomaa fi tokkummaa ta’uusaa dubbataniiru. Hawaasni musliimaa Mawuliida wayita kabaju akkaataa bariisa Nabii Mahaammadiin gad ofqabuun, dhiifama gochuun fi walgargaaruun , dadhaboota gargaaruun akkasumas lammiilee hordoftoota amantaalee biro waliin walooma cimsuun ta’uu akka qabu hubachiisaniiru. Ittigaafatamtuun biiroo bulchiinsa nageenyaa Finfinnee Liidiyaa Girmaa, ayyaanni Mawuliidaa wayita kabajamu dhiifamni Nabii Mahaammad, gad ofqabuu fi duudhaaleen tolummaa kanneen biroo karaa agarsiisuun ta’uu qaba jedhan. Rakkoolee akka biyyaatti mudatan hiikuuf aadaa mari’achuu gabbisuun misooma Itiyoophiyaa hundagaleessaa fi milkaa’ina guddina hawaasummaaf hundi tumsuu akka qabu ittigaafatamtuun biiroo kun dubbataniiru.
Ayyaanni Damaraa Masqalaa magaalaa Gaambellaa fi naannawasheetti kabajamaa jira
Sep 27, 2023 55
Fulbaana 16/2016(TOI)- Ayyaanni Damaraa Masqalaa duudhaa amanttichaa karaa eegeen magaalaa Gaambellaa fi naannawasheetti kabajamaa jira. Ayyaanichi sirnoota amantaa addaddaatiin kabajamaa jira. Ayyaanni Damaraa Masqalaa duudhaa amantaan alatti tuuristii hawachuun guddina dinagdee biyyattiif qoodasaa bahachaa jira. Ayyaanni kun hambaa addunyaa ta’uun Yuuneeskootti galmaa’uunsaa niyaadatama. Ayyanichi Biishooppiin lallaba Gaambeellaa, Asoosaa, Qeellam Wallaggaa fi Sudaan Kibbaa Qulqulluu Abuna Rufaa’eel, bakka bu’aam kantiibaa Gaambeellaa, abbootiin beektotaa hordoftoonni amantichaa bakka argamanitti magaalaa Gaambeellaatti kabajamaa jira.
Naannoon Hararii ergaa baga ayyaana Damaraa Masqalaa geessanii dabarse
Sep 27, 2023 75
Fulbaana 16/2016 (TOI)- Mootummaan naannoo Hararii hordoftoota amantaa Kiristaanaatiin baga ayyaana Damaraa Masqalaa geessan jechuun ergaa dabarseera. Naannoon Hararii ergaa dabarseen hawaasni Kiristaanaa ayyaanichi duudhaa kabaja ayyaana Damaraa eegee akka kabajamu gochuun lammiilee rakkatan deeggaruun fi aadaa waliif gadduu fi waldeeggaruu ittiin beekamu hojiirra oolchuun ayyaanicha akka kabaju waamicha taasisaniiru. Hawaasa Kiristaanaa dabalatee jiraataan naannichaa hundi, nageenya, walooma, waliifqaqqabuu fi obbolummaa cimsuun akkasumas hojiiwwan misoomaa hunda galeessa naannichatti jalqabaman akka ciman deeggarsasaa akka cimsu mootummaan naannichaa nigaafata. Mootummaan naannichaa hordoftoota amantaa Kiristaanaa hundaan irra deebi’uun baga ayyaana Damaraa Masqalaa geessan jedheera. Ayyaanichi kan nagaa, tokkummaa, waliif yaaduu, gammachuu fi jaalalaa akka ta’u nihawwa. Fulbaana 16 bara 2016
Tumsi Tarsiimawaa Itiyoophiyaa fi Chaayinaa Dameelee Tumsaa Addaddaatiin Ittii Fufsiisuuf Hojjetamaa Jira- Ahimad Shidee
Sep 27, 2023 72
Fulbaana 16/2016 (TOI)- Tumsi Tarsiimawaa Itiyoophiyaa fi Chaayinaa Dameelee Tumsaa Addaddaatiin Ittii Fufsiisuuf Hojjetamaa Akka Jiru Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee ibsan. Guyyaan biyyaalessaa hundeeffama Rippaabiliika Chaayinaa waggaa 74ffaa kaleessa galgala Finfinneetti kabajameera. Hooggantoonni mootummaa olaanoo, miseensonni hawaasa dippilomaatikii fi keessummoonni waamichi taasifameef sagantaa kanarratti argamaniiru. Ministirri maallaqaa Ahimad Shidee wayita kana akka ibsanitti, Itiyoophiyaa fi Chaayinaan biyyoota michooma seenaqabeessa wal amantaarratti hundaa’e qabanidha. Haala Kanaan Chaayinaan Itiyoophiyaatti dameelee ijaarsaa daandii si’aayinaa, sarara baaburaa, ijaarsa anniisaa fi bu’uura misoomaatiin qooda guddaa bahaa akka jirtu ibsaniiru. Fuulduras akkaataa itti fayyadama walootiin tumsa tarsiimawaa biyyoota lamaanii caalaatti cimsuuf Itiyoophiyaan cimsitee kan hojjettu ta’uu mirkaneessaniiru. Itti aanaa dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa doktar Mooniik Nsaanzabagaanwaa, Chaayinaan ijaarsa dinagdee Afriikaarratti deeggarsa olaanaa taasisaa akka jirtu ibsaniiru. Fuulduras ijaarsa dinagdee dijitaalaa hammataa fi muuxannooshee hiyyuma hir’isuu qooduun dameelee tumsa misoomaa dargaggoota Afriikaa fayyadamaa taasisanirratti tumsashee cimsitee akka itti fuftu gaafataniiru. Itiyoophiyaatti gaggeessaan itti aanaa misiyoonii embaasii Chaayinaa Shiin Chiinmiin, Chaayinaan Inisheetiivii Beelt endi rood bocuun dameelee misoomaa Afriikaa addaddaa keessatti Ashaaraashee kaa’aa jirti jedhan. Hammattoo Kanaan waggoota 53 kan dabarse tumsi tarsiimawaa hundagaleessi Itiyoo-Chaayinaa tumsa siyaasaa fi dinagdeetiin cimee itti fufuusaa dubbataniiru. Guyyaan biyyaalessaa Rippaabiliika Chaayinaa “Shiiyyii” jedhamuun kan beekamu yemmuu ta’u, akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1949 pirezidaantii Rippaabiliikii Chaayinaa duraanii Maa’oo Zedoongiin mootummaan ummataa hundaa’uurraa isaatiin waggaa waggaa nikabajama.
Siyaasa

Odeeffannoo Wayitaawaa lakkoofsa 5 qajeelcha izzii labsii yeroo muddamaa irraa kenname
Sep 25, 2023 643
Ayyaaneffannaawwan Mawuliidii, Damadraa fi Masqalaa Fulbaana 16 fi 17 kabajaman naannoo Amaaraatti akkaataa sirni amantichaa eeyyamuun akka kabajaman Komandi poostichi hojjechaa jira. Labsii yeroo muddamaa Kanaan walgahiiwwan ummataa dhorkamuunsaanii niyaadatama. Kun ammoo humnoonni finxaaleyyii fi saamtotaa miidhaa ummatarraan gahan hir’isuuf yaadamee kan taasifamedha. Ayyaanonni amantaa Fulbaana 16 fi 17 kabajaman ayyaanota addabaabayiitti kabajaman waan ta’eef sirna ayyaanichaaf jecha addababayiirratti sassaabamuu eeyyamuun barbaachiseera. Waan kana ta’eef ajaja armaan gadii akka raawwataman qajeelchi Izzii labsii yeroo muddamaa nibeeksisa. Walgahuuwwan kunneen sirna kabajaa ayyaana amantaa qofaaf ta’uu qaba. Walgahuun kun ayyaanichi jalqabee amma xumuramutti qofa. Wayita ayyaanonni kunneen kabajaman nageenya ummataaf jecha qaamolee nageenyaa dhagahuun durqama ta’a. Fulbaana 14 bara 2016 Qajeelcha Izzii labsii yeroo muddamaa
Itiyoophiyaa fi Emereetonni Araba Gamtoomanii tumsa biyyoota lamaan jidduu jiru guddisuuf waliigalan
Sep 23, 2023 857
Fulbaana 12/2016 (TOI)- Itiyoophiyaa fi Emereetonni Araba Gamtoomanii tumsa biyyoota lamaan jidduu jiru guddisuuf waliigalteerra gahaniiru. Yaa’iin waliigalaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii 78ffaan mata duree “Nageenya. Badhaadhina, jijjiiramaa fi egeree” jedhuun taa’amaa jira. Itti aanaa ministira muummee fi ministirri dhimma alaa Dammaqaa Mokonnin yaa’ichaan cinaatti ministira dhimma alaa Emereetota Araba Gamtoomanii Sheek Abdullaah Biin Zaayid Al Nahiyaan waliin mari’ataniiru. Hooggantoonni lamaan wantoota fedhii waloo ta’an dhimmoota zoonii fi waloorratti mari’ataniiru. Mariin kun pirezidaantiin Emereetota Araba Gamtoomanii Sheek Abdullaah Biin Zaayid Al Nahiyaan Itiyoophiyaa erga daawwatanii booda kan adeemsifame ta’uun himameera. Marii taasisaniin biyyoonni lamaan tumsa taasisan cimsuuf waliigalteerra gahuunsaanii odeeffannoon ministeera dhimma alaa beeksiseera. Sheeh Abdullaahiin qooda Itiyoophiyaan yaa’ii jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii akka lakkoofsa Awurooppaatti 2023 tti adeemsifamurratti qabdu ilaalchisuun ibsi akka taasifameef odeeffannoon ministeera dhimma alaa agarsiiseera.
Itiyoophiyaa fi Chaayinaan tumsa poolisiin poolisiif jedhuun jalqaban gama hundaan sadarkaa olaanaarraan gahuuf waliigalan
Sep 23, 2023 126
Fulbaana 12/2016(TOI)- Itiyoophiyaa fi Chaayinaan tumsa poolisiin poolisiif jedhuun biyyoonni lamaan jalqaban gama hundaan sadarkaa olaanaarraan gahuuf waliigalan Jilli komishinara Jeneraalaa poolisii federaalaa Itiyoophiyaa fi pirezidaantii dhaabbata gamtaa ajajoota poolisii Afriikaa bahaa Dammallaash Gabramikaa’elii fi miseensa boordii fooramii tumsa nageenya ummataa idil addunyaan durfamu Caayinaa daawwateera. Fooramii lammaffaa tumsa nageenya ummataa idil addunyaa mata duree “One World, Common Security” jedhuun bulchiinsa Jiyaangisuu magaalaa Liyaanyuungaang qophaa’erratti kan hirmaatan komishinar Jeneraalichi hojii riifoormii dhaabbilee nageenyaa fi tasgabbii ministira muummee doktar Abiyyi Ahimadiin gaggeeffamaa jiruu fi milkaa’inoota jijjiiramaa argaman waltajjii idil addunyaa kanaaf dhiheessaniiru. Walgahii kana cinaatti ministira nageenya ummataa Chaayinaa Miister Waang Jiyaahoong waliin tumsa biyyoota lamaanii gama poolisii poolisiif jedhuurratti mari’ataniiru. Kanaanis tumsa biyyoota lamaan jidduutti jalqabame gama hundaan sadarkaa olaanaarraan gahuuf waliigaluusaanii odeeffannoon komishinacharraa argame ni’eera. Kanaa alatti komishinar jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el pirezidaantii dhaabbata poolisii idil addunyaa(Intarpool) fi ministira biyya keessaa emereetota Araba Gamtoomanii Meejer Jeneraal Ahimad Naasir Al-Raayisii waliin mari’ataniiru. Marii kanaanis tumsa biyyoota lamaanii fi dhaabbata poolisii idil addunyaa waliin jiru caalaatti cimsuun waliin hojjechuuf waliigalteerra gahaniiru. Pirezidaantiin Intarpoolii Meejer Jeneraal Ahimad Naasir Al-Raayisii dhiheenyatti Itiyoophiyaa akka daawwatan odeeffannoon ni’eera.
Sagantaan Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii adeemsa ijaarsa nagaa Itiyoophiyaa akka deeggaru ibseera
Sep 23, 2023 143
Fulbaana 12/2016 (TOI)- Sagantaan Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii adeemsa ijaarsa nagaa Itiyoophiyaa akka deeggaru beeksise. Yaa’ii dhaabbata mootummoota gamtoomanii 78ffaa New Yoorkitti taa’amaa jiru cinaatti itti aanaa ministira muummee fi ministirri dhimma alaa Dammaqaa Mokonnin itti gaafatamaa Yuu enni diipii Achiim Steeyinar waliin mari’ataniiru. Sagantaan misoomaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii Itiyoophiyaa waliin tumsa yeroo dheeraa akka qabu ittigaafatamaan kun marii kanarratti yaadataniiru. Dhaabbatichi Kana malees adeemsa nageenyaa Itiyoophiyaa, deebisanii ijaaruu fi dhaabuu deeggaruuf kutannoo akka qabu ibsaniiru. Imala misoomaa Itiyoophiyaan jalqabde akka itti fuftu dhaabbatichi deeggarsa barbaachisu nitaasisa jedhaniiru. Itti aanaa ministira muummee fi ministirri dhimma alaa Dammaqaa Mokonnin gamasaaniin sagantaan misooma Dh M G deeggarsa Itityoophiyaaf taasisaa jiru dinqisiifatanii, tumsi qaamota lamaanii hojjechuun akka barbaachisu ibsaniiru. Obbo Dammaqaan ittigaafatamaa kana waliin sagantaalee misoomaa biroorratti marii milkaa’aa taasisuusaanii ministeerri dhimma alaa beeksiseera.
Inistiitiyuutiin ngaa kabachiisaa idil addunyaa qondaaltota loltuu olaanoo digirii lammaffaan leenjise eebbisiisasa jira
Sep 23, 2023 114
Fulbaana 12/2016 (TOI)- Inistiitiyuutiin ngaa kabachiisaa idil addunyaa qondaaltota loltuu olaanoo digirii lammaffaan leenjise eebbisiisasa jira. Gorsaan loltummaa Shuumii eetaamaajoorii waliigalaa humnoota waraanaa fi ittigaafatamaan hooggansa dhukaasaa letenaal jeneraal Alamisheet Daggifee, itti gaafatamaan ajajaan nagaa kabachiisaa meejer jeneraal Addaamneh Mangistee, ajajaan inistiitiyuutii leenjii nagaa kabachiisaa idil addunyaa koloneel Dammaqaa Mangistuu, tiyoophiyaatti ambaasaaddarri Jaappaan Iitoo Taakaakoo, qondaaltonni loltuu fi keessummoonni biroo sirna eebbaa kanarratti argamaniiru. Qondaaltota loltuu har’a eebbiufaman keessaa Itiyoophiyaan alatti qondaaltonni waraanaa olaanoo biyyoota sadii keessatti ni’argamu. Eebbifamtoonni gosoota barnootaa qoondaaltummaa istaafii, taajjabdummaa loltummaa, wayitii walitti bu’iinsaa namoota nagaa eeguu, quunnamtii siviilii fi waraanaa, miidiyaa ergamaa/miishinii, loojistiiksii dabalatee barumsa nageenyii fi walitti bu’iinsi ittiin furamu hordofuunsaanii ibsameera.
Mariin nageenyaa ummata hirmaachise magaalaa Bahaardaaritti taa’amaa jira
Sep 22, 2023 356
Fulbaana 11/2016(TOI)- Mariin nageenyaa ummata hirmaachise magaalaa Bahaardaaritti taa’amaa jira. Mariin kun mata duree “nageenya gama hundaa egeree buusuuf tumsa qaama hundaa gaafata” jedhuun taa’amaa jira. Walitti qabaan komaand poostii Bahaardaarii fi naannawashee Meejer Jeneraal Mulu’alem Admaasuu, hooggantoonni bulchiinsa magaalaa Bahaardaar, abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa fi kutaaleen hawaasaa biroon waltajjicharratti hirmaachaa jiru. Gorsaan quunnamtii ummataa bulchiinsa magaalaa Bahaardaar obbo Gizeew Taakkalee barreeffama dhiheessaniin, rakkoo nageenyaa tureen namaa fi meeshaarratti gahuusaa ibsaniiru. Rakkooleen kunneen karaa nagaa egereef kan furamanidha kan jedhan obbo Gizeew, akkaataa kallattii mootummaan kaa’een akka hiikaman ummata waliin hojjetamaa akka jiru dubbataniiru. Nageenyaa fi misooma egeree mirkaneessuuf hirmaannaa ummataa cimsuun kaayyoo marii kanaa ta’uusaa beeksisaniiru.

Hawaasummaa
Mootummaan hojiiwwan aadaa duudhaa amantaa ayyaana Masqalaa eeguu fi misoomsuuf hojjetamaniif deeggarsa barbaachisu nitaasisa-Ministira aadaa fi Ispoortii Qajeelaa Mardaasaa
Sep 27, 2023 296
Fulbaana 16/2016(TOI)- Mootummaan hojiiwwan aadaa duudhaa amantaa ayyaana Masqalaa eeguu fi misoomsuuf hojjetamaniif deeggarsa barbaachisu akka taasisu Ministirri aadaa fi Ispoortii Qajeelaa Mardaasaa ibsan. Ayyaanni Damaraa Masqalaa sirnoota amanta addaddaatiin addababayii Masalaatti kabajamaa jira. Ministirri aadaa fi Ispoortii qajeelaa Mardaasaa wayita kana akka jedhanitti, ayyaanota amantaa fi aadaa gurguddoo Itiyoophiyaan qabdu keessaa inni tokko ayyaana Damaraa Masqalaati. Ayyaanni Masqalaa duudhaalee afuuraa fi aadaa addaddaa kan qabuu ta’uusaa ibsanii, Itiyoophiyaanonni dammaqinaan akka kabajan dubbataniiru. Masqalli Itiyoophiyaarra darbee qabeenya Yuuneeskoo ta’eera jedhaniiru. Ayyaanni Masqalaa jaalala, walooma, walgargaaruu, tokkummaa fi nageenya kan barsiisu ta’uusaa kaasanii, barsiisa ayyaanichaa hordofuun jaalalaan tokko ta’uu fi nagana waliin jiraachuu qabna jechuun ibsan. Rakkoolee mudatan obsa, marii fi dhiifamaan bira darbuun nagaa fi tokkummaa Itiyoophiyaaf hojjechuun akka barbaachisu dubbataniiru. Duudhaaleen amantaa fi aadaa ayyaana Masqalaa akka eegamanii fi akka misooman akkasumas dhalootaaf akka dabarfaman deeggarsa barbaachisu akka taasisu obbo Qajeelaan dubbataniiru.
Ayyaanni Damaraa Masqalaa magaalaa Gaambellaa fi naannawasheetti kabajamaa jira
Sep 27, 2023 55
Fulbaana 16/2016(TOI)- Ayyaanni Damaraa Masqalaa duudhaa amanttichaa karaa eegeen magaalaa Gaambellaa fi naannawasheetti kabajamaa jira. Ayyaanichi sirnoota amantaa addaddaatiin kabajamaa jira. Ayyaanni Damaraa Masqalaa duudhaa amantaan alatti tuuristii hawachuun guddina dinagdee biyyattiif qoodasaa bahachaa jira. Ayyaanni kun hambaa addunyaa ta’uun Yuuneeskootti galmaa’uunsaa niyaadatama. Ayyanichi Biishooppiin lallaba Gaambeellaa, Asoosaa, Qeellam Wallaggaa fi Sudaan Kibbaa Qulqulluu Abuna Rufaa’eel, bakka bu’aam kantiibaa Gaambeellaa, abbootiin beektotaa hordoftoonni amantichaa bakka argamanitti magaalaa Gaambeellaatti kabajamaa jira.
Naannoon Hararii ergaa baga ayyaana Damaraa Masqalaa geessanii dabarse
Sep 27, 2023 75
Fulbaana 16/2016 (TOI)- Mootummaan naannoo Hararii hordoftoota amantaa Kiristaanaatiin baga ayyaana Damaraa Masqalaa geessan jechuun ergaa dabarseera. Naannoon Hararii ergaa dabarseen hawaasni Kiristaanaa ayyaanichi duudhaa kabaja ayyaana Damaraa eegee akka kabajamu gochuun lammiilee rakkatan deeggaruun fi aadaa waliif gadduu fi waldeeggaruu ittiin beekamu hojiirra oolchuun ayyaanicha akka kabaju waamicha taasisaniiru. Hawaasa Kiristaanaa dabalatee jiraataan naannichaa hundi, nageenya, walooma, waliifqaqqabuu fi obbolummaa cimsuun akkasumas hojiiwwan misoomaa hunda galeessa naannichatti jalqabaman akka ciman deeggarsasaa akka cimsu mootummaan naannichaa nigaafata. Mootummaan naannichaa hordoftoota amantaa Kiristaanaa hundaan irra deebi’uun baga ayyaana Damaraa Masqalaa geessan jedheera. Ayyaanichi kan nagaa, tokkummaa, waliif yaaduu, gammachuu fi jaalalaa akka ta’u nihawwa. Fulbaana 16 bara 2016
“Ayyaanni Masqalaa fakkeenya waloomaa fi abdiiti”-Af-yaa’ii mana maree federeeshinii Aganyoo Tashaagar
Sep 27, 2023 50
Fulbaana 16/2016 (TOI)- “Ayyaanni Masqalaa fakkeenya waloomaa fi abdiiti” jedhan Af-yaa’ii mana maree federeeshinii Aganyoo Tashaagar. Ergaan baga geessanii dabarsan akka armaan gadiitti dhihaateera, “Ayyaanni Masqalaa ayyaana lafa lalisaan miidhagee abaaboo birraan ifee, tapha aadaa ijoolleetiin, eebbaa fi galata abbootiin dabaalamee addababayiirratti dammaqinaan kabajamudha. Ayyaanni kun biiftuun duumessa gannaan lalisaa lafaa waliin makattee ifa kan ittiin gonfattu, lafti sanyii facaafame biqilchitee asheeta kennuu wayita jalqabdu, namoonni dukkanaa bahanii abdii kan itti horatan waan ta’eef miidhagina addaa qaba. Kanaaf ayyaanni masqalaa fakkeenya waloomaa, ciminaan hojjechuu, obsaa fi abdiiti. Nuyi saboonni, sablammoonnii fi ummattoonni Itiyoophiyaa qormaattota imala waloomaa keenyarratti nuquunnaman abdii, obsaa, cichaa fi ciminaan hojjechuun darbuun carraa Itiyoophiyaa egeree miidhagsuuf kutannoon hojjechuutu nurraa eegama. Damaraan Masqalaa wayita qabsiifamu ifa olaanaa, miidhagina guddaa kenna, abdiis namatti hora. Nuyi Itiyoophiyaanonni akkuma damaraati. Lammiileen akkuma guchaa aadaa, afaan, xiin sammuu fi teessuma lafaa walfakkaataa qaban waliiti dhufanii saboonni, sablammoonnii fi ummattoonni akkuma gucaa walta’anii fi ida’amanii Itiyoophiyaan guddittiin akka dhugoomtu taasisaniiru. Utubaawwan gucoonni walta’anii akka dhaabatan dandeessisan ammoo duudhaalee waloo keenya biyyi bu’ura cimaarra akka dhaabattu taasisan waliin walfakkatu. Kanaaf ida’amnee tokko taanee nageenyii fi misoomni akka mirkanaa’u waloomaan yoo kaane akkuma ifa Damaraa olkaanee mul’annee fi miidhagnee nimul’anna. Dukkanni garaagarummaa naannoo keenya marse nigadhiisa. Kanaaf ayyaanni masqalaa hambaa addunyaatti galmaa’ee taateewwan addaddaan dabaalamee naannawa biyyattii addaddaatti kabajamu walitti bu’iinsa waljinii, walxaxuu, obbolaan walitti ka’uu garaa walitti jabaachuu fi gochoota diiggaa kanneen biroorraa of fageessinee obbolummaa, waloomaan, tolummaan, walkabajuun, walutubuu fi walgorsuun ijaarsa biyyaa fi guddina waloof akka qophoofnu ergaa koon dabarsa.
Diinagdee
Itiyoophiyaa fi Aljeeriyaan boqonnaa hariiroosaanii tumsa dinagdee olaanaatti ceesisanirratti argamu-Ambaasaaddar Mohaammad Laamnee Laabaas
Sep 26, 2023 46
Fulbaana 15/ 2016 (TOI)- Itiyoophiyaa fi Aljeeriyaan boqonnaa hariiroosaanii tumsa dinagdee olaanaatti ceesisanirratti akka argaman Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Aljeeriyaa Mohaammad Laamnee Laabaas ibsan. Itiyoophiyaatti ambaasaaddrri Aljeeriyaa ambaasaaddar Mohaammad Laamnee Laabaas TOI’f akka ibsanitti, biyyoonni lamaan hariiroo bara dheeraa qabu. Itiyoophiyaa fi Aljeeriyaan gama siyaasaan hariiroo cimaa qabaatanis, gama dinagdeetiin amma barbaadamu walitti hidhata akka hinqabne kaasaniiru. Tajaajilli geejjiba Xayyaaraa kallattii biyyoota lamaan jidduutti osoo hinjalqabamiin turuunsaa laafina tumsa dinagdeef sababa tokko akka ture eeraniiru. Kana fooyyesuus tajaajilli Xayyaaraa kallattii Finfinnee fi Aljeeriyaa jidduutti akka jalqabamu xiyyeeffannoon hojjetamaa akka turehimaniiru. Tumsa damee geejjibaa qilleensaa cimsuuf waliigaltee taasifameen torbee darbe daandiin qilleensaa Aljeeriyaa Aljeeriyaarraa gara Finfinneetti kallattiin balali’uunsaa ibsaniiru. Kun ammoo hariiroo daldalaa fi Invastimantii biyyoota lamaanii cimsuun gara tumsa dinagdee olaanaatti boqonnaa haaraa bana jedhaniiru. Tumsi damee aviyeeshiniin jalqabame Aljeeriyaan daandii qilleensaa Itiyoophiyaarraa muuxannoo akka argattu akka taasisu ibsanii, tumsa kana cimsinee itti fufna jedhan. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad Baatii Hagayyaa bara 2014 daawwannaa Aljeeriyaatti taasisaniin pirezidaantii biyyattii Abdulmajiid Taabuunee waliin haala tumsa walitti hidhamiinsa dinagdee biyyoota lamaanii cimsuu danda’anirratti mari’achuunsaanii niyaadatama. Hooggantoonni lamaan balallii kallattii biyyoota lamaan jidduutti jalqabsiisuu, wajijjiirraa daldalaa fi hariiroo ummattoota biyyoota lamaanii jidduutti cimsuun haala danda’amurratti mari’achuunsaanii niyaadatama. Aljeeriyaan akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1962 erga bilisa baatee jalqabee biyyoonni lamaan hariiroo dippilomaasii kan uuman yemmuu ta’u, Aljeeriyaan akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1976 Finfinneetti Embaasii banatteetti.
Hawaasni yakkamtoota ayyaana waggaa fayyadamuun maallaqa sobaan gabaa bahanirraa ofeeggachuu qaba- Baankii Biyyaalessaa
Sep 26, 2023 52
Fulbaana 15/2016 (TOI)- Hawaasni yakkamtoota ayyaana waggaa fayyadamuun maallaqa sobaan gabaa bahanirraa ofeeggachuu akka qabu Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa hubachiise. Baankiin biyyaalessaa Itiyoophiyaa ibsa TOI’f ergeen gabaan ayyaana waggaa dafi dafiin kan itti baay’atu waan ta’eef yakkamtoonni waliindhahuuf akka carraatti akka itti fayyadaman himaniiru. Haala Kanaan ayyaanota amantaa fi ummataa jidduu kana kabajaman sababeeffachuun gabaa jiranirratti yakkamtoonni hirmaachuu akka danda’an eereera. Kanaaf hawaasni yakkamtoota dafi dafii kanatti fayyadamanii birrii sobaa maxxansanii gabaa bahanirraa ofeeggachuu akka qabu hubachiiseera. Mallattoowwan ofeeggannoo maallaqarra jiran ilaaluun bittaa fi gurgurtaa raawwachuun akka barbaachisu baankiin biyyaalessaa hubachiiseera. Hawaasni yakkamtoota birrii maxxansan, deddeebisan akkasumas gabaaf dhiheessan qaamolee nageenyaaf eeranii ittigaafatamasaa akka bahu waamicha taasiseera.
Naannoo Amaaraatti Lafti Ruuziin misoomu dabalaa akka jiru biiroon qonnaa naannichaa beeksise
Sep 26, 2023 64
Fulbaana 15/2016(TOI)- Naannoo Amaaraatti misooma Ruuzii babal’isuuf yaalii taasifameen lafti Ruuziin misoomuu fi oomishni argamu dabalaa dhufuusaa biiroon qonnaa naannichaa beeksise. Bara oomishaa 2015/16 naannichatti lafa Ruuziin misoomerraa oomishni kuntaala miiliyoona 5 tuqaa 4 akka eegamu biirichi ibseera. Biirichatti qindeessituun misooma Ruuzii adde Inniyyee Asaffaa TOI’f akka ibsanitti, oomishni kun kan eegamu aanaalee 17 Ruuziin itti oomishamu lafa heektaara kuma 83 fi 650 irraa akka ta’e ibsaniiru. Raawwiin kun kan bardheengaddaa waliin walcinaatti yemmuu ilaalamu lafa heektaara kuma 22, oomishaan ammoo kuntaala miiliyoona 2 ol caalmaa akka qabaatu dubbataniiru. Kun ammoo lafti misoomuu fi misoomni argamu kan agarsiisu yemmuu ta’u jiddugaleessi qorannoo fi leenjii Ruuzii biyyaalessaa Fogaraa, fi dhaabbileen biroo sanyii fooyya’aa dhiheessaniin qonnaan bulaan wabii nyaataa akka mirkaneessuu fi fayyadama dinagdee akka guddisu akka gargaare dubbataniiru. Qonnaan bulaan godina Gondar Kibbaa aanaa Fogaraa ganda Aguwaakookiit Tsahaaynew Sinnishaawu yaada kennaniin, lafa heektaara lamatti hiiqurratti Ruuzii oomishaa akka jiran ibsaniiru. Barana hanqinni xaa’oo mudatus Ruuzii oomishamaa jirurraa kuntaala 130 akka argatan beeksisaniiru. Sanyiin Ruuzii oomisha guddaa kennan yeroo yerootti dhihaachuunsaanii nufayyadeera kan jedhan ammoo qonnaan bulaa aanichaa Allebbaachoo Guwaaddeeti. Lafa heektaara tokkoo fi walakkaarratti Ruuzii oomishaa akka jiran ibsaniiru. Naannichatti bardheengaddaa Ruuzii lafa heektaara kuma 61 fi 497 irratti misoomerraa oomishni kuntaala miiliyoona 3 tiqaa 2 ol argamuusaa biiroon qonnaa naannichaa beeksiseera. Naannoo Amaaraatti lafti oomisha Ruuziif ta’u heektaara miiliyoona 1 ol akka jiru odeeffannoon biiroo qonnaa naannichaarraa argame nimul’isa.
Abbootiin qabeenyaa Invastimantii misooma qonnaarratti hirmaachuunsaanii qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf akka gargaaru ibsame
Sep 25, 2023 80
Fulbaana 14/2016(TOI) - Abbootiin qabeenyaa Invastimantii misooma qonnaarratti hirmaachuunsaanii qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuu akka dandeessisu waajjirri Invastimantii fi Industirii godina Harargee lixaa ibse. Fooramiin Invastimantii dureeyyiin hojiirra jiranii fi barana haaraa itti makaman dabalatee hooggantoonni sadarkaan jiran itti hirmaatan har’a magaalaa Cirootti taa’ameera. Bakka bu’aan ittigaafatamaa waajjira Invastimantii fi Industirii godinichaa obbo Mahaammad Ibroo wayita kana akka jedhanitti, Invastimantiin hojii qonnaarratti xiyyeeffachuunsaa qaala’iinsa jireenyaa fi daballii gatii nitasgabbeessa. Godinichatti Inastaroota barana invast godhan kuma 1 fi 159 kessaa 980 kan ta’an hojiilee misooma qonnaa addaddaarratti akka bobba’an akka taasifamu dubbataniiru. Dinagdeen biyyaa kan guddatuu fi jijjiiramnihundagaleessi kan dhufu dandeettiin oomishtummaa fi baay’inni oomishaa wayita dabale ta’uu eeranii, dureeyyotaaf deeggarsa ogummaa taasisuun galma kaa’am emilkeessuun akka irraa eegamu dubbataniiru. Rakkoolee akka matta’aa, hanqina bakka babal’ifannaa irra deddeebi’anii kaafaman ta’uu eeranii, bara kana kanneen furuuf dureeyyii cinaa akka dhaabatan mirkaneessaniiru. Itti aanaa bulchaa godinichaa obbo Tashoomaa Gammadaa gamasaaniin yaaliin dureeyyiin invast gochuun biyyasaanii misoomsuuf taasisan beekumsaa fi hubannoo invast irratti taasisaii bal’isuun ta’uu akka qabu hubachiisaniiru. Godinichatti aanaa Hawwii guddinaatti qonnaa midhaan dibataarratti bobba’anii bu’a qabeessa kan ta’an dureettiin adde Samiiraa Abdulmaaliik oomisha amma maasaarra jirurraa oomisha gaarii akka argatan dubbataniiru. Saliixii, Boloqqee, Lawuzii fi midhaan dibataa kanneen biroo lafa heektaara 10 irratti oomishuun gabaaf akka dhiheessanii fi fuulduratti caalaa bal’isuuf yaalaa akka jiran himaniiru. Namoota kudhaniif carraa hojii uumuusaaniis dabalanii himaniiru. Aanaa Machaaraatti qonnaa waliigalaarratti kan hirmaatan obbo Naasir Mahaammad gamasaaniin, Boqqoolloo fi Barbaree oomishuun fayyadamaa ta’uusaanii nidubbatu. Midhaan addaddaa fi Barbaree lafa heektaara 36 olirratti akka oomishan himaniiru, namoota 30 oliif carraa hojii akka uuman eeraniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Ministirri Innoveeshinii fi Teeknooloojii hooggantoota kaampaanii Maayikiroosooftii waliin mari’atan
Sep 21, 2023 101
Fulbaana 10/2016 (TOI) - Ministirri Innoveeshinii fi Teeknooloojii doktar Ballaxaa Mollaa yaa’ii waliigalaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii 78ffaa Niyoorkitti taa’amaa jiru cinaatti hooggantoota kaampaanii Maayikiroosooftii waliin mari’ataniiru. Mariin kun haala maayikiroosooftii fi Itiyoophiyaan waliin hojjchuu danda’anirratti kan xiyyeeffatedha. Ministirichi yaalii babal’ina teeknooloojii, tiraanisfoormeeshinii dijitaalaa akkasumas dargaggoota beekumsa dijitaalaan cimsuuf Itiyoophiyaatti taasifamaa jiru hooggantootaaf ibsaniiru. Itiyoophiyaan hubannoowwan namtolchee guddisuuf hojii hojjechaa jirtu kan ibsan yemmuu ta’u, kun ammoo hojii kaampaanicha waliin tumsaan hojjetamu keessaa damee tokko akka ta’u dubbataniiru. Itiyoophiyaan bu’ura misoomaa dijitaalaa babal’isuuf keessumaa tajaajila kilaawudii, jiddugaleessa deetaa fi bu’aalee teeknooloojii dijitaalaa biroo maayikiroosooftii waliin hojjechuu akka barbaaddu ibsaniiru. Kaampaanichi alaqa hojii teeknooloojiirratti jalqabdoota jajjabeessuuf maallaqqan, leenjii fi galteewwan barbaachisan dhiheessuun haala Itiyoophiyaa itti gargaaruu danda’urratti ibsa kennaniiru. Hooggantoonni kaampaanii Maayikiroosooftii gamasaaniin, tajaajila teeknooloojiin dijitaalaa fayyaa, qonnaa fi akkasumas dameelee biroof kennu ammayyeessuuf yaalii taasifamu deeggaruuf fedhii akka qabu ibsaniiru. Kana malees sagantaa teeknooloojii dijitaalaa Afriikaatti babal’isuuf Itiyoophiyaa akka filmaataatti fayyadamuuf fedhii akka qabu hooggantoonni kunneen ibsaniiru.
Itoophiyaa waggoota 15 dhufanitti jiddugala Aviyeeshinii taasisuuf hojjetamaa jira.
Sep 7, 2023 496
Qaammee 2/2015 (TOI) - Itoophiyaa waggoota 15 dhufanitti jiddugala Aviyeeshinii taasisuuf hojjetamaa jiraachuu deetaan Ministira Geejibaafi Loojistikii obbo Dhengee Boruu beeksisan. Itoophiyaatti Agarsiifni jalqabaa Innooveeshinii Aviyeeshinii baatii Onkoloolessa dhufu gaafa guyyaa 13 -17/2016tti Finfinnee golambaa Saayinsiitti ni taasifama. Ministeerri Geejibaafi Lojiistikiifi Abbaan Taayitaa Sivilaaveeshinii Aveeshinii Itoophiyaa agarsiisa kana ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kennaniiru. Agarsiifni kun ''Innoveeshinii Aviiyeshinii dorgomaa ta'e'' jedhuun kan geggeeffamu ta'uu ibsameera. Deetaan Ministira Geejibaafi Lojiistikii obbo Dhengee Boruu wayita ibsa kenneen akka himanitti Itoophiyaan damee Aviyeeshiniin milkaa'ina guddaa gonfachaa jirti. Mikaa'ina kana caalaatti guddisuun gara fooyya'insa olaanaatti ceesisuuf hojiin adda addaa hojjetamaa jiraachuus himaniiru. Haaluma kanaan Itoophiyaa waaggoota 15 dhufanitti jiddugala Aviyeeshinii Afrikaa taasisuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Daarekatarri olaanaa Aviyeeshinii Itoophiyaa obbo Geetaachoo Mangistuu gama isaaniin kaayyoon agarsiisa qophaa'uuf jiru ogeeyyii hojii kalaqaa Aviyeeshinii irratti bobba'aniifi qaamolee adda addaaf beekamtii kennuu, deeggaruufi jajjabeessuu tekinolojiin Aviyeeshiniifi Innoveeshinii akka babbal'atu taasisuudha jedhaniiru. Dameen Aviyeeshinii bala'aafi baay'ee ta'uu himanii, Itoophiyaan geejiba qilleensarraan milkaa'ina qabdu damee biroo irratti babal'isuufi sadarkaa idil addunyaatti dargamtuu akka taatu hojjetamaa jira jedhaniiru. Agarsiisa kanarratti Daandii Qileensaarraa, Oomishistoota Xiyyaaraafi tekinolojii Aviyeeshinii biroo, Dhaabbtilee tajaajila Aviyeeshiniirratti hirmaatan kan biyya keessaafi alaa, dhaabbilee mootummaafi motummaa qamni ilaallatu akka irratti hirmaatan himaniiru. Kanneen hojii kalaqaa adda addaa of harkaa qaban ogeeyyiin hedduus agarsiisa kanarratti kan hirmaatan ta'uun himameera. Agarsiifini kun qindoomina abbaa taayitaa Aviyeeshii Itoophiyaa, Ministeera Geejibaafi Loojistikii, Garee Daandii Qilleensaa Itoophiyaa, Hunda qilleensaa Itoophiyaa, Bulchiinsa nageenya odeeffannoo biyyaaleessaa, Instiitituyuutii Intalajensii Artifashaalii Biyyaaleessaafi Instiitiyutii Ji'oo ispeeshaalii Saayinsii Hawaan kan qopha'uu ta'uu himaniiru.
Itiyoophiyaa dijitaalaa 2025 dhugoomsuuf dhaabbileen mootummaa hundi ittigaafatamasaanii bahuu qabu-Ministeera Innoveeshinii fi teeknooloojii
Sep 2, 2023 361
Hagayya 27/2015 (ኢዜአ) ፡- Itiyoophiyaa dijitaalaa 2025 dhugoomsuuf dhaabbileen mootummaa hundi ittigaafatamasaanii bahuu akka qaban Ministeerri Innoveeshinii fi teeknooloojiiibse. Waltajjiin xumuraa mirkaneessa raawwi hojii yeroo walakkaa tarsiimoo Itiyoophiyaa dijitaalaa 2025 adeemsifameera. Waltajjii dhaabbileen mootummaa dhimmi ilaalu itti hirmaatanirratti hojiileen akka hojjetaman tarsiimoon kaa’aman eessa akka gahan odeeffannoo sassaabuu fi hojiin mirkaneessuu hojjetamuunsaa ibsameera. De’eetaan ministiraa Innoveeshinii fiteeknooloojii Huuriyaa Alii akka ibsanitti, Itiyoophiyaa dijitaalaa 2025 dhugoomsuuf dhaabbileen mootummaa hundi fi dameen dhuunfaa tumsaa fi qindoominaan hojjechuutu irraa eegama. Hojii hunda keessatti odeeffannoon hatattamaan akka darbuu fi walhubachuun jiraachuu qaba kan jedhan de’eetaan ministiraa kun fuuldura odeeffannoon cuunfamee fi mirkanaa’e ummataaf akka ifoomu dubbachuusaanii odeeffannoon ministeericharraa argame nimul’iusa. Qonni, Tuurizimiin, industiriiwwan oomishaa idil addunyaa keessa galan tajaajiloonni infoormeeshinii fi komunikeeshinii keessa galan tarsiimoo Itiyoophiyaa dijitaalaa 2025’n dameelee dursi kennameef ta’uun himameera. Bu’ura misoomaa ijaaruun, haalota dandeessisan, appilikeeshinii dijitaalaa fi dirree dijitaalaa uumuun utubaa tarsiimoo kanaa yemmuu ta’an, dhaabbileen kanneen diriirsuuf qabeenyaa qusachuun fi waliiqooduun hojjechuu akka qaban eerameera.
Addunyaan Hojmaata Dijitaalaatti Gala Waan Jiruuf Hooggantoonni Dubartoonni Qophii Kana Xieeffannaa Keessa Galche Gochuu Qabu-Ministeera Inniveeshinii fi Teeknooloojii
Aug 30, 2023 390
Hagayya 24/2015 (TOI)- Addunyaan Hojmaata Dijitaalaatti Gala Waan Jiruuf Hooggantoonni Dubartoonni Kana Xieeffannaa Keessa Galchuun ofis ta’e biyyasaanii fayyaduuf hojjechuu qabu jedhan De’eetaan Ministiraa Inniveeshinii fi Teeknooloojii Huuriyaa Alii. Mata duree “Itiyoophiyaa dijitaalaa fi qooda dubartootaa” jedhuun waltajjiin hooggantoota dubartootaa naannawa Itiyoophiyaa hindaarraa walitti babahan irratti hirmaatan magaalaa Bishooftuutti adeemsifamaa jira. Waltajjichi imala dijitaalaa Itiyoophiyaa fi qooda dubartootaa, addunyaa dijitaalaa keessatti fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuu, qoodama dijitaalaa (digital divide) saayibarii rakkisuu fi abbaa irrummaa (cyberbullying) ittisuu jedhanirratti kan xiyyeeffatedha. De’eetaan ministiraa Innoveeshinii fi teeknooloojii Huuriyaa Alii waltajjicharratti akka jedhanitti addunyaan hojmaata dijitaalaatti gala waan jiruuf hooggantoonni dubartoonni qophii kanarratti xiyyeeffate gochuun ofis biyyasaaniis fayyadamaa taasisuuf hojjechuu qabu jedhan. Qoodmaa dijitaalaa dhiiraa fi dubartii jidduu jiru dhiphisuuf dubartoonni hooggantoonni qooda olaanaa akka qaban de’eetaan ministiraa kun dubbataniiru. Qoodmaan dijitaalaa saalaan, Umuriin, naannawaa fi meeshaalee itti fayyadamaniin akka mul’atu ibsanii, qoodmaa dijitaalaa dhiiraa fi dubartii jidduu jiru dhiphisuuf dubartoonni hooggantoonni qooda olaanaa qabu jedhaniiru. Itiyoophiyaan dinagdee dijitaalaa ijaaruuf hojjechaa kan jirtu yemmuu ta’u, qoodmaa dijitaalaa bifa addaddaan mul’atu dhiphisuun fayyadama walqixaa mirkaneessuuf hojjetamaa akka jiru himameera.
Ispoortii
Qiddus Goorgis garee Al Ahilii waliin Kaayirootti taphatee goolii 3 fi 0’n mo’ame
Sep 25, 2023 102
Fulbana 13/2016(TOI)- Tapha calallii marsaa jalqabaa marsaa lammaffaa shaampiyoonsi Liigii Kaafiin bara 2023/24’n Qiddus Goorgis garee Al Ahilii Gixiin goolii 3 fi o’n mo’ameera. Tapha Istaadiyeemii Kaayiroo Intarnaashinaalii daawwattoota kuma 75 qabatutti galgala taphatameen Huseen Alii Elshahaat goolii lama akkasumas Mahaammad Abdulqaadir lakkoofsiseen gareen Al Ahilii mo’ateera. Taphni deebii garee lamaanii Fulbaana 18/2016 kaayirootti nitaphatama. Al Ahiliin mo’ataa shaampiyoonaa Kaaf Kan yeroo ammaati.
Sagantaan dorgommii piriimer liigii Itiyoophiyaa ifoome
Sep 15, 2023 365
Fulbaana 04/2016 (TOI) - Sagantaan dorgommii piriimer liigii Itiyoophiyaa bara 2016 ifoomeera. Haala Kanaan dorgommichi Fulbaana 20/2016 Istaadiyeemii yunivarsiitii Saayinsii fi teeknooloojii Adaamaatti akka jalqabamu waldaan aksiyoonaa piriimer liigichaa beeksiseera. Dorgommiin jalqabaa liigichaa magaalaawwan Adaamaa fi Dirreedawaatti akka taasifamu ibsameera. Mo’ataan liigichaa kan bardheengaddaa Qiddusgoorgis turban jalqabaatti magaalaa Walqixxee waliin nitaphata. Dorgommiiwwan torbee jalqabaatiin Itiyoophiyaa Madin magaalaa Bahaardaar, magaalaan Hawaasaa Faasiil kanamaa, bunni Sidaamaa Buna Itiyoophiyaa, Magaalaan Adaamaa Baankii daldalaa Itiyoophiyaa, Hambarichoo duraamee magaalaa Dirreedawaa, Hadiyyaa Hoosaa’inaa Machaalii fi magaalaan Shaashamannee Walaayittaa Diichaa waliin tapha torbee taasifamanidha. Dorgommiin torbee jalqabaa piriimer liigiiti amma Guraandhala 10/2016tti akka turu waldichi beeksiseera.
Luusiiwwan dorgommii waancaa Afrikaaf tapha deebii taasifamuun Finfinneetti Burundii waliin ni taphatu
Sep 15, 2023 195
Fulbaana 4/2016 (TOI): Gareen kubbaa miillaa dubartoota biyyaaleessaa Itoophiyaa Luusiiwwan dorgommii waancaa Afrikaaf tapha deebii taasifamuun Finfinneetti Burundii waliin kan taphatan ta'uu Federeeshiniin Kubbaa Miillaaa Itoophiyaa beeksise. Itoophiyaan tapha dirree ishee Finfinneetti taasifamuu kana Istaadeemii Ababaa Biqilaatti kan taphatamu ta'uu CAF beeksisuu federeeshinichi beeksiseera. Gama birootiin Buruundiin tapha dirree isheerratti geggeeffamuu qabu waliigaltee Federeeshinii kubbaa miillaa Itoophiyaa waliin taasisaniin Finfinnee Istaadeemui Ababaa Biqilaatti akka taphatamu ta'uus federeeshinichi beeksiseera. Taphi jalqabaa Fulbaana 9/2016 kan taphatamu yoo ta'u Taphni lammataa Fulbaana 15/ 2016 akka taphatamu federeeshinichi beeksiseera.
Itiyoophiyaan injifannoo dinqisiisaa dorgommii fiigichaan qabdu dameelee atileetiksii birootiin dabaluuf xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba-ministira Aadaa fi Ispoortii Qajeelaa Mardaasaa
Sep 4, 2023 500
Hagayya 29/2015 (TOI)- Federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa Itiyoophiyaan injifannoo dinqisiisaa dorgommii fiigichaan qabdu dameelee atileetiksii birootiin dabaluuf xiyyeeffannoon hojjechuu akka qabu ministirri Aadaa fi Ispoortii Qajeelaa Mardaasaa ibsan. Atileetota Itiyoophiyaa shampiyoonaa Atileetiksii addunyaa 19ffaa Haangaarii Buudapeestitti adeemsifamerratti hirmaataniif kaleessa sagantaa beekamtii fi badhaasaa taasifameera. Ministirri aadaa fi ispoortii obbo Qajeelaas Mardaasaa waltajjicharratti haasawa taasisaniin, namoota hojii irratti ramadamanirratti bu’aa buusan badhaasuu fi beekamtii kennuun barbaachisaa akka ta’e dubbataniiru. Kaayyoon badhaasa atileetota shaampiyoonaa atileetiksiitiin Itiyoophiyaa waamsisaniif kenname fuuldura qabxii fooyya’aa akka fidanii fi dhalootaaf fakkeenya akka ta’anidha jedhaniiru. Qabxiin Buudapeestitti argame hojiin garee dorgommicharratti ture gumaacha olaanaa bahuusaa ibsanii fuuldura hanqinoota jiran sirreessuun qabxii fgooyya’aaf hojjechuun akka barbaachisu dubbataniiru. Itiyoophiyaan damee atileetiksiin injifannoo bara dheeraa akka qabdu ibsanii, dorgommiiwwan biroonis kana dabaluun akka barbaachisu kaasaniiru. Kanaafis federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa fuuldura dorgommii fiigichaan alatti dorgommiiwwan atileetiksii biroorratti xiyyeeffattee hojjechuu akka qabdu himaniiru. Pirezidaantiin federeeshinii atileetiksdii Itiyoophiyaa gargaartuu Komishinaraa Daraartuu Tulluu gamasheetiin, haala qilleensaa rakkisaa keessatti qabxiin Buudapeestitti argame amma eegame ta’uu baatus qabxii guddaadha jette. Qaama dadhaboo dorgommicharratti argfame sirreessuun taphoota Olompiikii fuuldura Paarisitti adeemsifamurratti qabxii fooyyee fiduuf akka hojjetamu mirkaneessiteetti.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Guyyoota kurnan itti aanan roobni qonnaa yeroo gannaaf mijataa ta'ee ni rooba
Sep 22, 2023 248
Fulbaana 11/2016(TOI) - Guyyoota kurnan dhufan bakkeewwaan rooba yeroo hannaa fayyadamoo ta'anitti irra caalaan roobni kan roobu ta'uu Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itoophiyaa beeksise. Inistiitiyuutichi ibsa TOI'f ergeen guyyoota kurnan dhufanitti roobni bakkeewwaan eerame kanatti roobu oomisha qonnaa waqtii gannaaf mijataa kan ta'edha jedheera. Keessattuu naannawwa bahaa fi kaaba bahaa biyyatti walakkeessa gannaarra eegalee hanqinni rooba tureetti roobni kan roobu ta'uu ibseera. Roobni bakkeewwan kanneenitti roobu mala bishaan kuusuu adda addaa fayyadamuun qonnaaf akka ooluu kuusuun barbaachisaa ta'uu Inistiitiyutichi akeekeera. Gama biraatiin kallattii Kibbaa fi Kibba Baha Itoophiyaatti uwwisni duumessaa dabalaa dhufuun walqabatee jiidhinni uumamuu danda’u naannawwaa horsiisee bultootaafi gariin horsiise bultootaatti roobni akka roobu haala kan mijeessuu ta'uu ibsa isaan eereera. Kana malees, raagni qilleessaa akka agarsiisutti, bakkeewwaan yaa'awwan Kaabaa, Kaaba lixaa, Lixaafi Baha Giddugaleessaatti jiidhinsi fooyya’aan ni jiraata. Haa ta’u malee, rooba cimaan bakka tokko tokkotti roobuu danda'uun qarqara galaanaa fi naannoo lolaadhaaf saaxilamoo ta'anitti signi lafaa mudachuu waan danda'uuf qaamonni dhimmi ilaallatu of eeggannoo barbaachisaa akka godhan inistiitiyutichi dhaamera. Hidhawwan akka Qoqaa, Yaa'a laga Awaash, Xaanaa Baalesiifi Fincaa'aa, bishaan isaanii guyyaa guyyaan dabalaa waan jiruuf hordoffiin barbaachisaan akka taasifamu tilmaamni kun ni mul’isa.
Harki jabaan Itoophiyaanootaa cichoominaan seenaa hojjechuu itti fufeera
Sep 18, 2023 151
Fulbaana 7/2016 (TOI) – Ministirri Muummee FDRI Dr. Abiy Ahimad harki jabaan Itoophiyaanootaa cichoominaan seenaa hojjechuu itti fufeera jedhan. Sagantaan Ashaaraa magariisaa yeroo gannaa har'a kan xumurame yoo ta'u Dr. sagantaa kanaan karooraa ol biqiltuu biiliyoona 7.5 dhaabneera jedhaniiru. Ministirri Muummee FDRI Dr. Abiy Ahimad ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaanii qoodaniin uummanni keenya ciminaafi cichoominaan hojii hojjeteef mootummaan baay'ee kabaja jedhaniiru.
Biqiltuuwwan bunaa waggaa sadii dura dhaabaman firii ashaaraa magariisaa kennaa jiru- Ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad
Sep 16, 2023 208
Fulbaana 05/2016 (TOI) - Biqiltuuwwan bunaa waggaa sadii dura dhaabaman firii ashaaraa magariisaa kennaa jiru jedhan Ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad ergaa fuula marsariitiisaaniirratti barreessaniin biqiltuuwwan bunaa waggaa sadii dura dhaabaman firii ashaaraa magariisaa kennaa jiru jedhaniiru. Sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoohiyaa lafa fooyyessuurra darbee misooma bosonaa qonnaa gabbisuurratti argama jechuun beeksisaniiru.
Haalli qilleensaa ji'aa fulbaanaa gara jalqabaa guyyoota 10 hojii qonnaaf gahee olaanaa qaba.
Sep 13, 2023 220
Haalli qilleensaa ji'aa fulbaanaa gara jalqabaa guyyoota 10 hojii qonnaaf gahee olaanaa qaba. Fulbaana 2/2016 (TOI) - Haalli qilleensaa ji'aa fulbaanaa gara jalqabaa guyyoota 10 hojii qonnaaf bu'aa olaanaa akka qabu Instiitiyuutiin Meetirolojii Itoophiyaa beeksise. Instiitiyutichi ibsa TOI'f ergeen Fulbaana kana guyyoota jalqabaa 10 haalli qilleensaa rooba fiduu danda'uu Itoophiyaa bakka adda addaatti akka jiraachuu danda'a jedheera. Haaluma kanaan naannaawwaa jiddugala lixaa biyyattirratti bal'inaan roobni gahaan waan jiraatuuf kunis hojii qonnaaf haala mijataa kan uumudha jedheera. Haalli qilleensaa kun oomishaalee kanaan dura facaafaman, kanneen firii godhachaa jiranfi kanneen guddina sadarkaa adda addaarra jiranii haala barbaadamuun akka guddatan kan dandeesisuu ta'uu ibsa isaan eereera. Gama biroon haalli qillensaa jiidhaa kaabaafi kaabaa bahaa biyyattirra xiqqaachaa kan deemuun kan dhabamu ta'uu haalli raaga qilleensaa jiru ni mul'isa jedhaniiru. Gama biroon naannawwaa horisiise bulaafi gariin horsiise bultootaatti rooba idilee olii kan argataniifi darbee darbee rooba idileen olii ni argatu jedheera. Kana hordofuunis bakkeewwan eeraman kanatti ofeeggannoon dursaa barbaachisaan godhuamuu akka qabu instiitiyutichi hubachiiseera.
Gabaasa addaa
Kabaja ayyaana bara haaraa irratti balaan tasaafi ibidda osoo hin mudatiin nagaan kabajameera.
Sep 13, 2023 234
Fulbaana 2/2016 (TOI) - Magaalaa Finfinneetti ayyaanni bara haaraa osoo balaan ibiddaafi kanneen biroon hin mudatiin nagaan kabajamuu Komishiniin hoggansa Ibiddaafi sodaa balaa beeksise. Hawaasni ergaawwaan ofeeggannoo kenna haalaa hojiirra oolchuuf deegarsaa taasiseef komishiniichi galateeffateera. Ogeessii kominikeeshinii Komishinichaa obbo Nigaatuu Maammoo jala bultii kabaja ayyaana bara haaraa irraa jalqabee balaan ibiddaafi balaan tasaa biroo osoo hin mudatiin darbuu himaniiru. Hojii hubannoo uumuu hojjetameen hawaasni ogeeffannoo barbaachisaa waan taasiseef balaan osoo hin mudatiin ayyaanichi karaa nagaa akka kabajamuu ta'uu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Sababoota Balaa ibiddaafi balaa tasaa uumuu danda'an hubachuun hojiirra oolchuun hawaasa biratti baratamaa dhufuu himanii, kunis balaan tasaa akka hin mudanee gahee olaanaa bahaa jira jedhaniiru. Ayyaanaoonni gara fuula duratti kabajamanis karaa nagaa akka kabajamaniif komishiinichi qophii gahaa taasisee kan jiru ta'uu himanii hawaasni sababoota balaa ibiddaafi balaa tasaa biroo uumuu danda'an irraa cimsee akka of eeguu hubachiisaniiru. Balaan ibiddaafi balaan tasaa biroo yoo mudate bilbila bilisaa 939, bilbila kallaatti 0111-55-53-00 ykn በ0111-56-86-01 bilbiluun beeksisuun Komishiinichi deebii hatattamaa balaa uumameef akka kennu beeksisaniiru.
Balaa konkolaataan lubbuun namoota 6 darbe
May 29, 2023 1478
Caamsaa 21/2015 (TOI) – Naannoo Harariitti balaa Tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 6 darbuu Komishiniin Poolisii naannichaa beeksiise. Balaan kun kan qaqqabee kaleessa galgala harkan saatii 4:30tti ganda Soofa qilee bakka jedhamutti akka ta'ee Komishiinii poolisii naannichaatti qorataan olaanaa balaa Saajin olaanaa Raastaam Mazihaar himaniiru. Konkolaataan fe'umsaa Azuuzuu lakkoofsa gabatee 3- 88036( Oro) meeshaa fe'ee Awwadaay irraa gara Jijjigaadeemu jiraatoota naannaawwichaa hamaamoota missirroo cidharra jiran waliin jiranitti bu'uun daandiirra bahee garagaluun balaa kun mudachuu himaniiru. Balaa kanaan namoota umuriin isaanii waggaa 20 hanga 25 ta'uu kanneen cidharra jiran jaha lubbuun isaanii darbuu himanii kanneen keessaas shan dubartoota ta'uu himaniiru. Dabalataan namoota 8 irra balaan salphaafi cimaan kan gahe yoo ta'u hospitaalatti waldhaansi fayyaa taasifamaafii jiraachuu himaniiru. Yeroodhaaf konkolaachisaan konkolaticha oofuu kan miliqe yoo ta'uu to'annaa jala oolchuuf hordoffiin taasifamaa jiraachuu himaniiru. Sababni balichaas qoratama jiraachuu himaniiru.