Bara Kana Tuuristoonni Alaa Miiliyoona 1 tuqaa 3 ta’an Itiyoophiyaa daawwataniiru- Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Bara Kana Tuuristoonni Alaa Miiliyoona 1 tuqaa 3 ta’an Itiyoophiyaa daawwataniiru- Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad

Waxabajjii 26/2017(TOI)-Barana Tuuristoonni Alaa Miiliyoona 1 tuqaa 3 ta’an Itiyoophiyaa daawwachuu Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad ibsan.
Manni Maree bakka bu’oota Uummataa Walga’ii Idilee 42ffaa gaggeessaa jira.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffiiwwan Miseensota Mana Maree irraa ka’aniif deebii fi ibsa Kennaa Jiru.
Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Damee Tajaajilaa irratti haala Qindaa’een hojjechuun dandeettii Dinagdee Itiyoophiyaa baachuuf humna guddaa qaba jedhaniiru.
Itiyophiyaatti barana konfiraansiiwwan Idil Addunyaa150 ol keesummeeffamuusaanii fi kunis kan bara darbee dachaan akka caalu dubbataniiru.
Riifoormii Immiigireeshinii, Hojii Daandii Qilleensaa, Hoteelotaa fi bakkeewwan Turizimii babal’isuu, Misooma Koriideraa fi Hojiiwwan Biroon hawwata turistii dabaluuf qooda guddaa qabaachuu dubbataniiru.
Bara Baajataa kanatti Namoonni Miiliyoona 1 tuqaa 5 paarkii tokkummaa, Addababayii Michoomaa, Godambaa saayinsii, fi Masaraa Mootummaa Biyyoolessaa Daawwachuu fi kanaanis galiin birrii biiliyoona walakkaa ol argamuu ibsaniiru.
Waggoottan muraasa darbanitti bakkeewwan Afran Namoonni Miiliyoona 13 tuqaa 5 daawwachuu kaasaniiru.
Sadarkaa Magaalaa Finfineetti hoiiwwan hojjetamaniin lakkoofsi Daawwattoota biyya keessaa fi biyya alaa Sadarkaa Olaanaan guddachuu ibsaniiru.
Tuurizimii Utubaa Ijoo Damee Tajaajilati kan jedhan Ministirri Muummee , Mootummaan Hojii Damicharratti eegale cimsee akka itti fufu dubbataniiru.