Sagantaan Ashaaraa magariisaa bifa magaalattii jijjiireera-kantiibaa magaalaa Adaamaa

Waxabajjii 24/2017 (TOI)- Sagantaan Ashaaraa magariisaa bifa magaalattii jijjiiruusaa kantiibaa magaalaa Adaamaa ibsan.

Sagantaan ashaaraa magariisaa jalqabsiisu har’a gaggeeffameera.

Saganticha kan jalqabsiisan kantiibaan bulchiinsa magaalaa Adaamaa Hayiluu Jaldee akka jedhanitti, qabeenya uumamaa xiqqaachaa deemu ittisuuf ashaaraan magariisaa xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.

Biqiltuuwwan waggoota darban magaalaa Adaamaatti ashaaraa magariisaan dhaabaman bifa magaalatti jijjiiruurra darbee madda galii ta’uun faayidaa buusaa jiru jedhaniiru.

Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiinis sululoota 14 irratti bakka km120 misoomsuuf karoorfamee hojiitti galamuu ibsaniiru.

Kana malees dhaabbilee barnootaa fi fayyaatti akkasumas lafa waloo fi bakka misoomni kooriidaraa itti adeemsifamuu fi bakkeewwan birootti biqiltuun akka dhaabamu dubbataniiru.

Hoogganaan biiroo qonnaa magaalaa Adaamaa obbo Alamuu Qilxuu gamasaaniin, biqiltuuwwan muduraa fi bosonaaf oolan magalattii keessa akka dhaabaman dubbataniiru.

Sagantaa kanarratti biqiltuu osoo dhaabanii kan dubbifne abbaa Gadaa Magraa Laggasaa TOI’f yaada kennaniin, ashaaraan magariisaa gammoojjummaa qolachuuf qooda olaanaa gumaachaa akka jiru dubbataniiru.

Jiraataan magaalaa Adaamaa Girmaa Toleeraa gamasaaniin, sagantaan ashaaraa magariisaa naannawa bayyanachiisuurra darbee miidhagina magaalattiif ashaaraa kaa’eera jedhan.

Haala walfakkaatuun kantiibaan magaalaa Jimmaa Xahaa Qamar guyyaa har’aa sagantaa shaaraa magariisaa baranaa magaalichatti eegalchiisaniiru.

Waamicha ministira muummee fudhachuun barana waggaa jahaffaaf biqiltuun dhaabamuu eeraniiru.

Sagantaa dhaabbii biqiltuu ganna kanaaf biqiltuuwwan muduraa fi mukaa buufata biqiltuu 12tti qophaa’uu dubbataniiru.

Sagantaa biqiltuu dhaabuurratti kan hirmaatan keessaa obbo Najiib Alamuu sagantaa ashaaraa magariisaa wagga waggaan gaggeeffamurratti hirmaachuusaanii dubbatanii, dhaabuu qofa osoo hintaane kunuunsuun akka barbaachisu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015