Naannichatti Biqiltuuwwan Ashaaraa Magariisaan dhaabbatan kunuunsuun bu’aaf akka oolan gochuun ittifufa-Obbo Ordiin Badirii

Waxabajjii 28/2017(TOI)- Naannoo Haraariitti Biqiltuuwwan Ashaaraa Magariisaan dhaabbatan kunuunsuun bu’aaf akka oolan gochuun cimee akka itti fufu Bulchaan Naannichaa Ordiin Badirii  ibsan.

Pirezidaantichii fi Qondaaltonni Olaanoon Nannnichaa Biqiltuuwwan Naannoo Jogol dhaabbatan kunuunsaniiru.

Saganticha irratti Pirezidaanti Ordiin Badirii, Sagantaan Ashaaraan Magariisaa Hoggansa Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimadiin eegalame Naannichatti Hojiirra Ooluun Waggoottan darban Biqiltoonni Faayidaa hedduu qaban dhaabbachuu isaanii beeksisaniiru.

Biqiltuuwwan Sagantichaan Dhaabaman Naannicha Magariisa  gochuurra darbee  miidhagaa fi hawataa akkasumas jiraattotaa fi tuuristootaaf mijataa gochuusaa dubbataniiru.

Biqiltuuwwan sagantichaan dhaabaman hordofuu fi kunuunsuun bu’aaf  akka oolan gochuun cimee akka itti fufu ibsaniiru.

Kanaanis Naannoo Qulqulluu fi fayya qabeessa misoomsuu ta’uu eeraniiru.

Pirezidaantichi Hawaasnis ta’e dhaabbileen, Biqiltuuwwan Dhaaban kunuunsuu fi bishaan obaasuun gahee keenya bahachuu guddisuu qabna jedhaniiru.

Guyyoota Itti Aanaan Mata duree ‘’Dhaabuun Bayyanachuu‘’Jedhuun Naannichatti Aanaalee Magaalaa fi Baadiyaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Biqiltuuwwan Faayidaa Hedduu Qaban dhaabuu fi  kan dhaabaman kunuunsuun akka raawwatamu ibsaniiru.

Keessumattuu  poolisoota, Dargaggooaa fi  Miseensota Hawaasaa biroo saganticha irratti hirmaatanii fi biqiltuuwwan Kanaan dura dhaabbatan kunuunsan galateeffataniiru.

Hara’a ganama sa’aatii 12 eegalee sagantaa biqiltuuwwan Kanaan dura dhaabaman kunuunsuu irratti  Itti Aanaantuu Pirezidaantii Naannichaa Roozaa Umar, Miseensota Kabinee Naannichaa, Qaamolee Nageenyaa,hojjetota dhaabbiilee Mootummaa fi  Qooda Fudhattoonni biroon hirmaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015