Tamsaasa Kallatti:
Hawaasummaa
Magaalaa Ambootti sagantaan soorata barattootaa qulqullina barnootaa fi hirmaannaa barattootaa guddisaa jira
Nov 1, 2026 29
Onkoloolessa 22/2019 (ENA)- Sagantaan soorata barattootaa magaalaa Ambootti hojiirra oole qulqullinni barnootaa akka fooyya’uu fi fedhiin barattoonni barachuuf qaban akka guddatu gumaacha taasisuusaa waajjirri barnootaa bulchiinsa magaalichaa beeksise. Sagantaan nyaata barattootaa bara 2014 irraa eegalee magaalaa Ambootti hojiirra oolaa jiru qulqullina barnootaa eeguu fi fedhii barattootaa barachuuf qaban guddisuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Caalaa Magarsaa ibsaniiru. Bara kana manneen barnootaa idileen duraa fi sadarkaa tokkoffaaa 17 keessatti barattoonni kuma13 fi 970 sagantaa kana irraa fayyadamaa kan jiran yoo ta’u, sagantichaafis baajanni Birrii miliyoona 34 ramadameera. Hawaasni fi Buusaa Gonofaanis hanga ammaatti Birrii miliyoona 7 tuqaa 5 deeggarsa kan taasise yoo ta’u, hawaasni deeggarsa isaa akka cimsu itti gaafatamaan kun waamicha dhiyeessaniiru. Saganticha babal’isuu fi qulqullina barnootaa guddisuuf sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuu fi meeshaalee barnootaa barbaachisan guutuufis hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Manni Barumsaa Sadarkaa 1ffaa Sadan Liibaan keessatti barattoonni kuma 2 fi 134 sagantaa nyaata barattootaa irraa fayyadamaa akka jiran daarektarri mana barumsichaa Caalaa Qananii ibsaniiru. Sagantichi keessumaa barattoota maatiin isaanii harka qalleeyyii barnoota isaanii rakkoo malee akka hordofanii fi bu’aa gaarii akka galmeessan gargaaraa jira jedhaniiru. Kana malees, baay’ina barattoota irra deddeebi’anii baratanii, barnoota addaan kutanii, hafanii fi barfatanii hir’isuun, dhibbeentaa darbuus dabaleera. Abbaan barataa Obbo Silashii Milkessaa fi barattuun Kiisee Dabalee gama isaaniitiin, sagantichi baasii fi yaaddoo maatii hir’isuu bira darbee barattoonni xiyyeeffannoo guutuu barnoota isaanii irratti akka xiyyeeffatanii fi bu’aa gaarii akka galmeessan gargaaraa jiraachuu ibsaniiru.
Lammii waan hunda guuttate uumuuf kutaan hawaasaa hundi qooda irraa eegamu bahachuu qaba-kantiibaa Adaanech Abeebee
Nov 1, 2026 102
Onkoloolessa 22/2019 (ENA) - Lammii waan hunda guuttate uumuuf kutaan hawaasaa hundi qooda irraa eegamu bahachuu akka qabu kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan. Kitaabni “Mili’innat’ jedhamu kan qrataa seenaa fi siyaasaa Dr. Alamaayyoo Aradaan barreeffame eebbifameera. Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee wayita kana akka jedhanitti, barreessaan Dr. Alamaayyoo Araddaa yeroo dheeraaf nama ummata tajaajilanidha. Kitaabichi dhugaa yeroo uummata tajaajilaa turan argan kan ibsu ta’uu dubbatanii, yaada wal-qoodinsa uumu dhabamsiisuu, waliin hojjechuu fi seenessa waloo ijaaruun barbaachisaa ta’uu hubachiisa jedha. Humni walitti ida’ame hunda kan fayyadu waan ta’eef, garaagarummaa ciminaatti jijjiiruun akka barbaachisu dubbataniiru. Kalaqni dargaggootaa fi yaadni hayyootaa dhaloota yaada madaalawaa qabu uumuuf murteessaa ta’uu ibsanii, hawaasa guutuu ijaaruun mootummaa qofa osoo hin taane hirmaannaa qaamolee hawaasaa hunda akka gaafatu hubachiisaniiru. Kitaabichi yaadama ida’amuu cimsuun dhalootaaf karaa ifaa kan agarsiisuu fi yaadni walitti ida’ame hawaasa guutuu akka ijaaru agarsiisa jedhaniiru. Qorataa seenaa fi siyaasaa Dr. Alamaayyoo Araddaa gumaacha taasisaniif galateeffataniiru. Barreessaan kitaabichaa, qorataan seenaa fi siyaasaa Dr. Alamayyoo Araddaa, kitaabichi galteewwan hawaasa guutuu ijaaruuf barbaachisan dabarsuuf kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan yeroo dheeraaf walitti bu’iinsa yaada siyaasaa fi Ayidiyooloojii keessa turuu yaadachiisanii, yeroo ammaa garuu karaa namoomaa hordofaa akka jirtu dubbataniiru. Hayyoonni kitaabicha irratti yaada kennanis, kitaabichi hawaasa guutuu ijaaruuf yaadota furmaataa adda addaa kan dhiyeessuu fi gara fuulduraatti ce’uuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru. Kitaabichi kutaa afurii fi boqonnaa 16 kan qabu yoo ta’u, fuula 328 irratti qophaa’ee dubbistootaaf dhiyaateera. Yunivarsiitii pabiliik sarviisii Itiyoophiyaatti diiniin kolleejii qorannoo misooma saayinsii hawaasaa Dr. Waaqgaarii Nagarii, kitaabichi jaarraa 21ffaa wajjin wal-simuun akkamitti tarkaanfachuu akka qabnu kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru. Kitaabichi yaada Ida’amuu kan cimsuu fi dhalootaaf ifa kan agarsiisu ta’uu kaasaniiru. Qorataan Saayinsii Hawaasaa fi dhimmoota daldalaa Damsee Gaaramaw gamasaaniin, yaadni walitti ida’ame guutummaa kan fiduu fi hawaasa guutuu ijaaruuf gahee olaanaa akka qabu kitaabichi bal’inaan kan ibsu ta’uu dubbataniiru. Kitaabichi kallattiiwwan furmaataa garaagaraas kan agarsiisu ta’uu hubachiisaniiru. Kitaabni ‘Milu’innat’ jedhu kutaa afurii fi boqonnaa 16 kan qabu yoo ta’u, fuula 328’n qophaa’ee dubbistootaaf dhiyaateera.
kitaabni Ida’amuu gara afaan Raashiyaatti hiikame
Oct 28, 2026 600
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Kitaaba Ida’amuu afaan Raashiyaatti hiikamee dubbistootaaf dhiyaate irratti argamuun ergaa dabarsaniir. Kitaabni kuni dubbistootaaf dhiyaachuu isaas karaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniin ibsaniiru. Ergaan isaanii akka itti aanutti dhiyaateera.   Har’a kitaabni Ida’amuu gara afaan Raashiyaatti hiikamee dubbistootaaf dhiyaateera. Sagantaa eebba kitaabaa irratti qaamaan argamuun gammachuu guddaan natti dhagahameera. Bu’aan seena qabeessa kun falaasamni Ida’amuu beekumsa dhalootaan Itoophiyaa keessaa bahee amma daangaa ce’ee addunyaa guutuutti babal’achaa akka jiru ragaa jiraataadha. Yeroo darbe kitaabni kun afaanota biyya keessaatiin alatti gara Ingiliffaa, Chaayinaa fi Arabiitti hiikamee dubbistoota bal’aa bira ga’uu isaa ni yaadatama. Amma garuu yaadni Itoophiyaa daangaa ce’ee balbala lammiilee Raashiyaa bal’aa bira ga’uun isaa, qaqqabummaa addunyaa fi hiika dippilomaasii falaasama kanaa daran guddiseera. Tarkaanfiin kun falaasamni, duudhaalee fi yaadni ida’amuu Itoophiyaan ala ummatoota biroo bira ga’uuf carraa haaraa uumuu qofa osoo hin taane, Itoophiyaan yaada bilchaataa mataa ishee addunyaaf gumaachuu qabdu ta’uu qabatamaan kan agarsiisudha. Akkuma Raashiyaan lammiilee Itoophiyaa hedduudhaaf lafa ogbarruu fi beekumsaa taatee tajaajilaa turte, amma yaadni Itoophiyaa afaan Raashiyaatiin dubbistoota Raashiyaa bira gahuun waljijjiirraa beekumsaati. Tattaaffii fi of kennuu ogeeyyiin miidiyaa fi hoggantoota dhaabbata ‘Russia Today’ (RT) milkaa’ina kana taasisaniifi qophii kitaabichaaf gumaacha guddaa godhan baay’een dinqisiifadha. Boqonnaan seenaa haaraan kun beekumsa, aadaa fi falaasama dhalootaan Itoophiyaa badhaadhaa ta’e waltajjii idil-addunyaa irratti daran guddisuu fi riqicha aadaa fi sammuu cimaa ummatoota gidduutti ijaaruu keessatti gahee olaanaa qaba. #Mootummaa Ida’amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links
Yuunivarsiitiin Finfinnee Hayyoota 10’f guddina sadarkaa piroofeesarummaa guutuu mirkaneesse
Oct 23, 2026 956
  Onkoloolessa 13/2019(ENA) Boordiin Bulchiinsaa Yuunivarsiitii Finfinnee guddina sadarkaa piroofeesarummaa guutuu mirkaneesseera. Boordichi murtoo kana kan dabarse walga'ii kaleessa gaggeessaniini. Guddinni sadarkaa kun bu'aalee fi gumaacha ol'aanaa hayyoonni kunniin barnoota fi tajaajila akadaamii, qorannoo fi tajaajila hawaasummaa irratti galmeessan irratti hundaa'uun kan kenname ta'uu yuunivarsiitichi beeksiseera. Bu’uuruma Kanaan: Dr.Abrahaam GabreeTekkaaleenyi – Istiraakcharaal Injiinaringiin, Dr.Adaanee Bitaw Tagnyi– Medikaal Maayikiroobaayoolojiitiin, Dr. Adeey Felleqee Dastaa–Invaayiroonmentaal Maayikiroobaayoolojiin, Dr. Dassaaleny Yaayyeehii Ayyaal – Diizaaster riski manaajimantiin, Dr. Haayileli'uul Nugusee Dubbaalee – Veeterinaarii Eepideemiyaalojii Dr. Kaasaa Mikaa'el W/Yesuus – Barnoota Herregaa Dr. Salamoon Gannet Gabree – Baayyookeemistrii Dr. Salamoon Ara'aayaa Kaasaa – Barnoota Waliigalaa (General Education) Dr. Yaregaal Assaabee Laaqee – Arfiishaala Intaallajensii Dr. Yedilfaanaa Sexxe'argee Mekonnin – Fiizikaal Keemistrii (Physical Chemistry) Milkaa'inni kun gumaacha yuunivarsiitichi fooyyinsa akkadaamii, qorannoo fi kalaqa haaraa akkasumas tajaajila hawaasaaf kennaa jiruus fi kanaan dura kennees kan agarsiisu ta'uun ibsameera. Yuunivarsiitiin Finfinnee hayyoota sadarkaa ol'aanaa akkadaamiikii kanaaf ga’aniif baga gammaddan jechuun, fuulduraafis milkaa'ina akkadaamii, qorannoo fi tajaajila jalqabame kana cimsuun akka itti fufsiistan waamicha dhiyeesseera
Qulqullina barnootaa mirkaneessuun dhaloota gahoome horachuuf xiyyeeffannoon hojjatamaa jira
Oct 23, 2026 319
Onkoloolessa 13/2019(ENA) Godinichatti qulqullina barnootaa mirkaneessuun dhaloota dandeettii fi teekinolojiin gahoome horachuuf xiyyeeffannoon hojjatamaa jiraachuun ibsame. Godina Kibba Baha Oromiyaa damee Asallaatti yaa'iin barnootaa hoggantootaa garaa garaa fi qooda fudhattoota barnootaa hirmaachise gaggeeffameera. Yaa'ichaan gabaasni raawwii hojii baruu fi barsiisuu manneen barnoota aanaalee fi magaalota damee Asallaa hirmaattotaaf dhiyaachuun milkaa'ina hojii fuulduraa irratti kallattiin kennameera. Hirmaattotni marichaas jijjiirama gama qulqullinaa barnootaan dhufaa jiru caalmaan ittifufsiisuuf tumsa kan taasisan ta'uu dubbataniiru. Itti aanaa bulchaa fi qindeessaan damee nageenyaa Godina Kibba Baha Oromiyaa obbo Abdurrazaaq Huseen waggoottan dabran xiyyeeffannoo mootummaan damee barnootaaf kennee hojjachaa tureen rakkooleen gama qulqullina barnootaan mul'atan furamuun raawwiin gaariin galmaa'uu ibsaniiru. Humna namaafi qabeenya jiru qindeessuun waliin gahiinsa qulqullina barnootaa mirkaneessuun dhaloota dandeettii fi teekinolojiin dorgomaa ta'ee uumuuf gurmaa'insi caasaa haaraa godinichaas gahee olaanaa kan qabu ta'uu himaniiru. Ittigaafatamaan Waajjira Barnootaa godina Kibba Baha Oromiyaa obbo Abraaham Haylee, godinichatti hirmaannaa qaamolee hunda bu'ureeffate diriirsuun bu'aa barachuu barattootaa foyyeessuu,manneen barnootaa mijataa taasisuu fi qulqullina barnootaa dabaluun gahuumsa dhaloota egeree mirkaneessuurratti jijjiiramni bu'aa qabeessa galmaa'uu dubbatan. Yaa'ii barnootaa gaggeeffameen cinaatti barattoota kutaa 6ffaa,8ffaa fi 12ffaa qormaata naannoo fi biyyaaleessatiin qabxii olaanaa galmeessan, barsiisota adda duree, daarikteroota manneen barnootaa fi qaamoolee galma gahiinsa barnootaa keessatti gahee olaanaa bahataniif sirni beekamtiifi badhaasaa kennameera.Koomunikeeshinii godinichaarraa
Ministeera hojii fi ogummaa Pirojektii ‘ELMIS’ irratti yakka malaammaltummaa birrii biiliyoona 1 ol raawwachuun Kan shakkaman irratti himanni baname
Oct 23, 2026 282
Onkoloolessa 13/2019 (ENA) -Ministeera hojii fi ogummaa pirojektii sirna odeeffannoo gabaa hojii Itiyoophiyaarratti yakka malaammaltummaa guddaa raawwachuun kan shakkame hojii gaggeessaa waajjira pirojektii odeeffannoo gabaa hojii Itiyoophiyaa kan ture Birhaanuu Alaqaa Asgadoom fi kanneen isa waliin yakka raawwachuun shakkaman irratti himanni banameera. Poolisiin federaalaa Adoolessa 17 bara 2018 irraa eegalee shakkamtootarratti qorannoo cimaa gaggeessaa ture xumuree abbaa alangaa ministeera haqaatti ergee himanni banameera. Birhaanuu Alaqaa Asgadoon fi hojjettoonni dhaabbatichaa biroon, abbootiin ejensii hojjetaa fi hojjechiisaa hojjechiisaa walitti Fidanii fi namoota biroo dabalatee namoonni 13 yakka kana keessatti hirmaachuusaanii fi shakkamtoonni itti gaafatama mootummaarraa kennameef cinaatti dhiisuun fi pirojekticha hojmaataan ala sochoosuudhaan jalqabumarraa sadarkaan qulqullinaa siistamichaa osoo hin mirkanaa’iin hojii akka eegalu gochuusaanii poolisiin qorannoo gaggeesseen mirkaneesseera. Birhaanuu Alaqaa Asgadoom namoota hin baranne ykn leenjii gahaa hin fudhanne kuma 81 fi 236’f namoota hojjetaa dhaabbatichaa hin taanee fi dhaabbatichihin beekne 3sadii waliin ta’uun mirga bulchiinsa siisatamaa addaa kennuudhaan nammoonni osoo hin leenji’iin mirkaneessa ga’umsa ogummaa sobaa akka argatan gochuusaa qorannoon akka bira gahame beekameera. Gocha yakkaa kanaaf buukiierraga baankii sobaa lama akka banaman gochuun gocha seeraan alaa Kanaan walumaa gala birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona 13 fi kuma 609 ol walitti qabuusaa qorannoon mirkanaa’eera. Kana malees firii yakka kanaa kan ta’e erraga baankii keessa kan ture birriin miiliyoona 249 kan dhorkame yakkamtoota maallaqicha karaa iccitii ta’een gara kiriiptoo karansiitti jijjiiruun kan kaa’an doolaara kuma 965 fi 508 qorannoo teeknooloojiin deeggaramuun mana murteetiin dhorka gochuun gara baankii biyyaalessaatti akka galu taasifameera. Kana malees shakkamtoonni sharafa alaa osoo hin galchiin osoo hin galchiin ejensiiwwan dhorkaman seeraal ala dhorkaa irraa kaasuun matta’aa birrii miiliyoona 10 fi kuma 100 kan fudhatamanii fi namoota kuma 64 fi 500 sanada viizaa sobaatiin gara Jordaanii fi gara biyyooya Arabaa birootti erguun bu’aa bayii olaanaaf saaxiluu poolisiin qorannoo cimaa taasiseen mirkaneessuusaa ibseera. Poolisiin ministeera haqaa, tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaabaankii biyyaalessaa waliin qindaa’uun qorannoo gaggeesseen maneen jireenyaa maqaa shakkamtichaan kutaa magaalaa Lammii Kuraa, Boolee fi Qirqoositti kan bitaman maneen jireenyaa ammayyaa 6 birrii miiliyoona 55 amma miiliyoona 68 baasan akkasumas konkolaataa ammayyaa V6 birrii miiliyoona 68’n bitame egzibiitiin to’annaa jala akka oolan taasiseera. Akkasumas ejensiiwwan yakka kana keessatti kan hirmaatanii fi seera qabeessummaan dahachuun sharafa alaa mootummaan argachuu qabu osoo hin galchiin hafanirratti qorannaa gaggeessaa jiru cimsee itti fufuusaa odeeffannoon poolisii federaalaa mul’iseera. Kana malees maatiin ijoolleesaanii biyya alaatti erganii eessa buuteensaanii jalaa badee fi yakka Kanaan wal qabatee namoonni odeeffaanoo qaban appilikeeshinii hirmaannaa lammiilee (EFPApp), bilbila tolaa (991) fi buufata poolisii ismaartii nama malee(SPS),eeruu akkasumas qajeelcha walii galaa qorannoo yakkaa qaamaan dhaquun raga bahu akka raawwatan dhaamaniiru.
Guyyaan sabootaa Sab-lammotaa fi ummattootaa tokkummaa sabdaneessummaa fi walooma cimsuuf shoora guddaa qaba
Oct 22, 2026 218
Onkoloolessa 12/2019 (ENA)- Guyyaan sabootaa Sab-lammotaa fi ummattootaa daneessummaa ummattootaa fi duudhaalee waloo gabbisuun tokkummaa sabdaneessummaa fi ijaarsa mootummaa biyyaalessaa cimsuuf shoora guddaa akka qabaatu itti aanaan af-yaa’ii mana maree federeeshinii Dastaa Leedaamoo ibsan. Af-yaa’onni maneen maree federaalaa fi naannoo ayyaanni guyyaa sabootaa sab-lammootaa fi ummattootaa bakka itti kabajamu magaalaa Jimmaatti argamuun qophiilee ayyaanichaaf taasifamaa jiru gamaaggamaniiru. Itti aanaan af-yaa’ii mana maree federeeshinii obbo Dastaa Leedaamoo wayita kana akka jedhanitti, guyyaan sabootaa, san-lammootaa fi ummattootaa daneessummaa, wal kabajaa fi duudhaalee waloo ummattootaa gabbisuun tokkummaa sab daneessummaa cimsa. Ayyaanni kun kabajamuunsaa Itiyoophiyaa cimtuu wal qixxummaa fi nageenyi waaraan keessatti bu’e ijaaruu fi ijaarsa mootummaa biyyaalessaa taasifamaa jiru keessatti shoora guddaa bahata jedhaniiru. Ayyaanichi duudhaaleen sabootaa sab-lammootaa fi ummattootaa cimsuun olitti Itiyoophiyaanonni qormaata waloomaan isaanirra gahu cehuun ijaarsa biyyaa akka cimsan ni gargaara jedhaniiru. Daawwannaa kanarratti kan argaman af-yaa’iin mana maree naannoo Beeniishaangul Gumuz adde Askaalech Albooroo gamasaaniin ayyaanichi daneessummaa cimsuun walooma guddisuuf, akkasumas walitti hidhamiinsa ummattootaa cimsuuf kan dandeessisudha jedhaniiru. Ayyaanichi magaalaa Jimmaatti kabajamuunsaa qabeenya turizimii magaalattiin qabdu beeksisuuf akka gargaaru fubbataniiru. Sadarkaa itti aanaa pirezidaantiitti bulchaan godina kibba lixaa Oromiyaa Dr. Rashaad Kamaal gamasaaniin, guyyaan sabootaa, sab-lammootaa fi ummattootaa ayyaana walitti hidhamiinsa Itiyoophiyaanotaati jedhan. Keessumaa yeroo caaseffamni haaraan naannoo Oromiyaatti gaggeeffametti kabajamuunsaa naannawichaaf carraa guddaa ta’uu eeraniiru.
Qulqullina Barnootaa mirkaneessuuf hirmannaa fi deeggarsi qoodafudhattootaa murteessaadha
Oct 21, 2026 359
Onkoloolessa 11/2019 (ENA) Hoijiileen qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojjetamaa jiran milkaa'ina akka argatanii fi itti fufinsa akka qabaataniif hirmaannaanii fi deeggarsi qooda fudhattoota hundaa murteessaa ta'uun ibsame. Godina Lixa oromiyaa Aanaa Laaloo Assaabiitti dhalataa Aanichaa kan ta’an Obbo Iskindir Abarraa dhaabbilee barnootaa naannichatti argamaniif deeggarsa meeshaalee adda addaa birrii miliyoona kudhan ta’u taasisaniiru. Deeggarsi taasifames meeshaa ijaarsaa suphaa mana barnootaaf ooluu fi kompiitaroota 50 meeshaa guutuu waliin taasisaniiru.   Sirna wal harakaa fuudhinsa deeggarsa kana irratti kan argaman Bulchaan Aanaa Laaloo Assaabii Obbo Fiqruu Mulaatuu akka jedhanitti; hojiileen qulqullina barnootaa mirkaneessuuf mootummaadhaan hojjetaman teeknoloojiidhaan akka deggeramaniif tumsi qaamolee hundaa barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Cabinsa gama barnootaan mul'atan sirreessuuf tarkaanfiileen mootummaadhaan fudhataman jijjiirama gaarii fiduusaanii ibsuun; tattaaffiiwwan eegalaman itti fufinsa akka qabaataniif xiyyeeffannoodhaan ni hojjenna jedhaniiru. Aanichatti hojiileen qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojjetamaa jiran milkaa'ina akka argataniifii itti fufinsa akka qabaataniif hirmaannaan fi deeggarsi qaamolee hundaas murteessaa ta'uus Obbo Fiqruun dubbataniiru. Deeggarsa meeshaa barnootaa har'a taasifame irraa barnoota fudhachuun akka barbaachisu kan eeran Obbo Fiqruu; lammiin deeggarsa dandeettii isaatiin uummata isaatiif gochuudhaan gahee isaasaa akka ba'atu waamicha dhiyeessaniiru.   Deeggarsa kan taasisan Obbo Iskindir Abarraa gama isaaniitiin; hojiileen misoomaa fi jijjiirama biyyaalessaa galma isaanii akka dhaqqabaniif lammiin deeggarsa dandeettii isaatiin gargaarsaa gochuu qaba jedhaniiru. Qulqullina barnootaa irratti hanqinaalee mul'atan sirreessuuf tattaaffii taasifamu keessatti deeggarsi qooda-fudhattoota hundaas barbaachisaa ta'uu Obbo Iskindir ibsuun; deeggarsa taasisaniinis gammadoo ta'uu isaanii dubbataniiru
Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob tajaajila si’ataa fi bu’aa bayii hin qabne bakka tokkotti akka argannu nu gargaareera-tajaajilamtoota
Oct 16, 2026 496
Onkoloolessa 6/2019 (ENA) - Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob tajaajila si’ataa fi bu’aa bayii hin qabne bakka tokkotti akka argannu nu gargaareera jedhan jiraattonni godina lixa Oromiyaa magaalaa Gimbii. Jiraattota magaalichaa ENA’f yaada kennan keessaa obbo Koorsaan akka ibsanitti, Kanaan dura dhimmasaanii raawwachiifachuuf waajjiraalee mootummaa garagaraa deemuun yeroo fi maallaqa qisaasaa turaniiru. Har’a garuu wiirtuun kun magaalaa Gimbiitti waan banameef dhimmasaanii yeroo gabaabaa keessatti xumurachuu waan danda’aniif gammaduusaanii ibsaniiru. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob tajaajila si’ataa bakka tokkotti akka argannu taasisuudhaan bu’aa bayii fi baasii hin malle Kanaan dura baasaa turre nurraa hambiseera kan jedhan ammoo jiraataa magaalaa Gimbii obbo Girmaa Biraasaati. Wiirtuun kun hojiirra ooluunsaa namoonni tajaajila fooyya’aa wal qixxummaan akka argatan kan gargaaru waan ta’eef hojiin kun cimee itti fufuu qaba jedhaniiru. Eyyama daldalaa haaromsuuf gara wiirtuu kanaa kan dhufan obbo Waaqjiraa Taammiruu gamasaaniin, baasiin hin mallee fi deddeebiin Kanaan dura ture hafee tajaajila barbaadan argachuu akka danda’an dubbataniiru. Tajaajilli wiirtuu tokkoo kun guutuu fi hawaasaaf tajaajila kennuudhaan rakkoolee bulchiinsa gaarii furuuf shoora guddaa qaba jedhaniiru. Hojii gaggeessaan olaanaa tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob magaalaa Gimbii obbo Waaqtolee Malkaa ENA’f akka ibsanitti, hawaasni bakka tokkotti tajaajila si’ataa akka argatu taasiseera. Wiirtuun kun rakkoolee kenniinsa tajaajilaa furuudhaan tajaajilamtoonni bu’aa bayii malee tajaajila akka argatan taasiseera jedhaniiru.
Kayyoon gurmaa'insa haaraa tajaajila si'ataa, amanamaa fi dhaqqabamaa taasisuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuudha'' Obbo Agenyew Fiqiruu
Oct 16, 2026 515
Onkoloolessa 6/2019 (ENA) Kayyoon gurmaa'insa haaraa tajaajila si'ataa, amanamaa fi dhaqqabamaa taasisuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuu ta’uu Itti gaafatamaan Waajjira Kantiibaa Magaalaa Shaggar Obbo Agenyew Fiqiruu ibsan. Itti gaafatamaan Waajjira Kantiibaa Magaalaa Shaggar Obbo Agenyew Fiqiruu Mootummaan jijjiiramaa komii, gaaffii fi yaada ummanni rakkoo tajaajilaa irratti qabu hundeerraa furuuf gurmaa'insaa fi qajeelfama haaraa gadi buusuu ibsaniiru. kaayyoon gurmaa’insa kanaa tajaajila si'ataa, amanamaa fi dhaqaabamaa hawaasni akka argatu taasisuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuudha jedhaniiru. Bulchiinsa Magaalaa Shaggariitti Qajeelfama Ramaddii Hojjettoota Mootummaa Manneen Hojii Naannoo Oromiyaa murteessuuf bahe lakk 34/2019 irratti bakka hooggantootnii, Manajimantii sektarootaafi dhimmamtootni argamaniitti mariin gaggeeffame. Mootummaan jijjiiramaa tajaajila si'ataa, dhaqaabamaafi amanamaa hawaasni haala mijataa ta'een akka argatu akkasumas amantaa ummanni mootummaa irratti qabu guddisuuf gurmaa'insaafi qajeelfama ramaddii hojjetoota mootummaan manneen hojii mootummaa Naannoo Oromiyaa haaraa gadi buusee jira.   Haaluma kanaan Bulchiinsa Magaalaa Shaggariitti qajeelfamaafi gurmaa'insaa haaraa kana karaa iftoomina qabu, loogii irraa bilisa ta'eefi bu'uura qajeelfamaan akka raawwatuuf mariin hooggantoota, manajimantii manneen hojii fi dhimmamtoota waliin gaggeeffameera. Itti gaafatamaan Waajjira Paabliik Sarviisiifi misooma Qabeenya namaa magaalichaa Dr .Cammaraa Shibbiruu kaayyoon gurmaa'insa haaraa fi qajeelfama ramaddii haaraa hojjetoota mootummaa loogii fi ogii malee gahumsaa fi dandeettiin hojjettootaa fi hojii walsimsiisuun tajaajila si'ataa, amanaafi bu'aqabeessa hawaasni akka argatu taasisuun itti quufinsa maamilaa guddisuu akka ta'e himaniiru. Mariichi Koreewwan Qajeelfama Ramaddii Hojjettoota Mootummaa Manneen Hojii Naannoo Oromiyaa murteessuuf bahe lakk 34/2019 raawwachiisan filachuun xumurameera jechuun Tajaajilli Koomunikeeshinii Magaalichaa gabaaseera. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa!
Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob qisaasama yeroo fi maallaqaa hambisuun nu fayyadaa jira-jiraattota
Oct 15, 2026 517
Onkoloolessa 05/2019 (ENA)- Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob qisaasama yeroo hambisuun alatti baasii hin malleef akka hin saaxilamne akka isaan gargaare magaalaa Shaggaritti jiraattonni kutaa magaalaa Buraayyuu ibsan. Dhimmoota mootummaan akka ijootti qabate keessaa kenniinsa tajaajila mootummaa ammayyeessuu, bulchiinsa gaarii buusuu fi hudhaalee birokiraasii dhabamsiisuundha. Tajaajilamtoonni Kanaan dura dhimma tokkoof biirolee fi dhaabbilee garagaraa jidduu deddeebi’uun, yeroo dheeraa eeguun, akkasumas baasii hin malleef saaxilamuun bu’aa bayiin irra gahaa tureera. Hojmaanni haaraa kun qisaasama yeroo fi baasii uumuun gamatti, malaammaltummaa fi hojmaata badaaf ulaa banuun itti quufinsa ummata tajaajila barbaaduu gadi buusuun hariiroo ummataa fi mootummaa jidduutti dhiibbaa uumaa tureera. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob rakkoo kana furuuf hojmaattota addaan faffaca’an bakka tokkotti qindeessuun teeknooloojiin deeggaramee tajaajila kennaa jira. Hojmaanni kun bu’aa bayii tajaajilamtootarra gahu hir’isuun, iftoominaa fi si’aayina kenniinsa tajaajilaa guddisuun akkasumas itti quufinsa mirkaneessuun jijjiirama guddaa fidaa jira. Magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Buraayyuutti fayyadamtoota tajaajilichaa keessaa obbo Tamasgeen Ballaxaa akka dubbatanitti, Kanaan dura dhimma tokko raawwachiifachuuf deddeebii fi yeroo dheeraa akka gaafatu ibsanii, amma garuu yeroo gabaabaa keessatti tajaajila si’ataa argachaa jiru. Tajaajilli kun hawaasa kan fayyadee fi mootummaa fi hawaasa jidduutti wal amantaa uumuuf qooda olaanaa akka qabu eeraniiru. Tajaajilichi bakka tokkotti argamuunsaa deddeebii fi harkifannaa hambisuun, yeroo gabaabaa keessatti tajaajila gahaa argachuuf akka isa gargaare dargaggoo Baacaa Baqqaanaa ibseera. Adde Abarraash Makuraa gamasaaniin, Kanaan dura dhimma tokko raawwachiifdachuuf deddeebii fi yeroo dheeraa fudhachaa akka ture yaadachiisanii, amma garuu tajaajila wiirtuu tokkoo Masooniin tajaajila si’ataa fi qulqulluu battalatti argachuu akka danda’an ibsaniiru. Hojii gaggeessaan tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob kutaa magaalaa Burraayyuu Injiinar Isaayyaas Mokonnon akka ibsanitti, tajaajilichi deddeebii tajaajilamtootaa hambiseera. Hawaasni malaammaltummaaf akka hin saaxilamne gochuun mootummaa fi ummata jidduutti iftoomina kan guddise ta’uu dubbataniiru. Kana malees tajaajilli Kanaan dura waajjiraalee garagaraa keessatti faffaca’ee ture bakka tokkotti fiduun hawaasa kan bayyanachiise ta’uu eeraniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015