Tamsaasa Kallatti:
Hawaasummaa
Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob qisaasama yeroo fi maallaqaa hambisuun nu fayyadaa jira-jiraattota
Oct 15, 2026 74
Onkoloolessa 05/2019 (ENA)- Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob qisaasama yeroo hambisuun alatti baasii hin malleef akka hin saaxilamne akka isaan gargaare magaalaa Shaggaritti jiraattonni kutaa magaalaa Buraayyuu ibsan. Dhimmoota mootummaan akka ijootti qabate keessaa kenniinsa tajaajila mootummaa ammayyeessuu, bulchiinsa gaarii buusuu fi hudhaalee birokiraasii dhabamsiisuundha. Tajaajilamtoonni Kanaan dura dhimma tokkoof biirolee fi dhaabbilee garagaraa jidduu deddeebi’uun, yeroo dheeraa eeguun, akkasumas baasii hin malleef saaxilamuun bu’aa bayiin irra gahaa tureera. Hojmaanni haaraa kun qisaasama yeroo fi baasii uumuun gamatti, malaammaltummaa fi hojmaata badaaf ulaa banuun itti quufinsa ummata tajaajila barbaaduu gadi buusuun hariiroo ummataa fi mootummaa jidduutti dhiibbaa uumaa tureera. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob rakkoo kana furuuf hojmaattota addaan faffaca’an bakka tokkotti qindeessuun teeknooloojiin deeggaramee tajaajila kennaa jira. Hojmaanni kun bu’aa bayii tajaajilamtootarra gahu hir’isuun, iftoominaa fi si’aayina kenniinsa tajaajilaa guddisuun akkasumas itti quufinsa mirkaneessuun jijjiirama guddaa fidaa jira. Magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Buraayyuutti fayyadamtoota tajaajilichaa keessaa obbo Tamasgeen Ballaxaa akka dubbatanitti, Kanaan dura dhimma tokko raawwachiifachuuf deddeebii fi yeroo dheeraa akka gaafatu ibsanii, amma garuu yeroo gabaabaa keessatti tajaajila si’ataa argachaa jiru. Tajaajilli kun hawaasa kan fayyadee fi mootummaa fi hawaasa jidduutti wal amantaa uumuuf qooda olaanaa akka qabu eeraniiru. Tajaajilichi bakka tokkotti argamuunsaa deddeebii fi harkifannaa hambisuun, yeroo gabaabaa keessatti tajaajila gahaa argachuuf akka isa gargaare dargaggoo Baacaa Baqqaanaa ibseera. Adde Abarraash Makuraa gamasaaniin, Kanaan dura dhimma tokko raawwachiifdachuuf deddeebii fi yeroo dheeraa fudhachaa akka ture yaadachiisanii, amma garuu tajaajila wiirtuu tokkoo Masooniin tajaajila si’ataa fi qulqulluu battalatti argachuu akka danda’an ibsaniiru. Hojii gaggeessaan tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob kutaa magaalaa Burraayyuu Injiinar Isaayyaas Mokonnon akka ibsanitti, tajaajilichi deddeebii tajaajilamtootaa hambiseera. Hawaasni malaammaltummaaf akka hin saaxilamne gochuun mootummaa fi ummata jidduutti iftoomina kan guddise ta’uu dubbataniiru. Kana malees tajaajilli Kanaan dura waajjiraalee garagaraa keessatti faffaca’ee ture bakka tokkotti fiduun hawaasa kan bayyanachiise ta’uu eeraniiru.
Yunivarsiitiin Haroo Mayaa hojii baruu fi barsiisuun cinaatti tajaajila hawaasummaatiinis hawaasa fayyadamoo taasisaa jiraachuu ibse
Oct 15, 2026 92
Biyya guddoo, ummata guddaa, mul’ata guddaa Onkoloolessa 5/2019 (ENA)- Yunivarsiitiin Haroo Mayaa hojii baruu fi barsiisuu, hojiiwwan qorannoo fi tajaajila hawaasaatiin hojjetu cimsee akka itti fufu pirezidaantiin Yunivarsiitichaa beeksisan. Pirezidaantiin Yunivarsiitichaa Dr. Jamaal Yusiif akka jedhanitti, Yunivarsiitichi bara barnootaa 2019 gara ofiin of bulchuutti cehuuf bara imala itti eegaludha. Kanaan wal qabatee qajeelfamoota barbaachisan qooda fudhattootaa fi ogeeyyota biyya keessaa fi biyya alaatti argaman waliin sakatta’amee fi ceepha’amee qophaa’uusaanii dabalanii ibsaniiru. Keessumaa Yunivarsiitichi qorannoo fi tajaajiloota hawaasaatiin hawaasaa fi qonnaan bulaa gargaaraa akka jiru doktar Jamaal ibsaniiru. Yunivarsiitichi hojiiwwan qorannoo fi tajaajila hawaasaatiin hawaasa naannawichaa karaa fayyaduun hojii hojjetaman cimsee akka itti fufu himaniiru. Keessumaa bu’aalee qorannoo rakkoo furanii fi sanyii midhaanii fi beelladaa dhugoomsuuf xiyyeeffatee akka hojjetu beeksisaniru. Yunivarsiitichi tumsaa fi walitti hidhaminsa dhaabbilee biyya keessaa fi idil addunyaa waliin eegumsa naannoo, fayyaa hawaasaa fi dameelee biroorratti waliin hojjetu cimsuu fi hojiiwwan qorannoo guddisuuf akka hojjetamu eeraniiru. Yunivarsiitichi hojiiwwan tajaajila hawaasaa qonna, barnoota, fayyaa fi kanneen birootiin hojjetu akka guddisu doktar Jamaal dubbataniiru. Keessumaa tajaajila seeraa bilisaan kennamuun wal qabatee tajaajila hawaasummaa hojjetu cimsee akka itti fufu eeranii, ga’umsa barsiisotaa guddisuurrattis hojii xiyyeeffannoo kennuun hojjetu cimsee akka itti fufu ibsaniiru. Yunivarsiitichi bara barnootaa kana barattoota haaraa kuma 5 ta’an har’aa eegalee akka simatu eeranii, barattootaaf wanti barbaachisu qophii taasifamuu Dr. Jamaal dubbataniiru.
Magaalaa Shaggaritti wiirtuun bakka tokkoo Masoob tajaajila ariifataa fi si’ataa kennuudhaan itti quufinsa tajaajilamtootaa dabalaa jira
Oct 14, 2026 223
Onkoloolessa 04/2019 (ENA)- Magaalaa Shaggaritti wiirtuun bakka tokkoo Masoob tajaajila ariifataa fi si’ataa kennuudhaan itti quufinsa hawaasaa dabalaa akka jiru tajaajilli bakka tokkoo bulchiinsa magaalichaa ibse. Biyya guddoo, ummata guddaa, mul’ata guddaa Tajaajilli bakka tokkoo Masoob tajaajiloota dhaabbilee garagaraatti kennaman bakka tokkotti walitti qabuun namoonni yeroo fi humnasaanii qusatanii bu’aa bayii malee tajaajila si’ataa akka argatan gochuuf hojiirra kan ooledha. Naannoo Oromiyaa Bulchiinsa magaalaa Shaggarittis gaaffilee bulchiinsa gaarii hawaasaa deebisuu fi tajaajila caalaatti hawaasa biraan gahuuf tajaajila bakka tokkoo Masoob kutaalee magaalaa garagaraatti babal’isuurratti argama. Hojii gaggeessaan tajaajila bakka tokkoo Masoob magaalichaa obbo Kaasahuun Joobir turtii ENA waliin taasisaniin, bara bajataa 2019 wiirtuu muummee dabalatee dameewwan afur banuun walumaa gala wiirtuuwwan shan keessatti tajaajila si’ataa teeknooloojiin deeggarame kennaa jira. Hojii wiirtuuwwan kanneen keessatti hojjetamaniin, kurmaana jalqabaatti namoota tajaajila argachuuf dhufan kuma 165 fi 91 keessaa ulaagaa barbaadamu kan guutan kumni 161 ol tajaajilamuusaanii beeksisaniiru. Tajaajila Kanaan fedhii hawaasaa dhibbantaa 99 tuqaa 9 qaqqabsiiuu eeraniiru. Hawasni bu’aa bayii malee yeroosaatti gargaaramee misoomarratti akka xiyyeeffatu taasiseera jedhaniiru. Tajaajilamaan tokko jiddu galeessaan daqiiqaa 24 keessatti tajaajila argachuu akka danda’e obbo Kaasahuun kaasanii, hojmaanni kun rakkoolee bulchiinsa gaarii furuusaa fi hojiiwwan misoomaa si’achiisuudhaan fayyadama hawaasaa fi dinagdee ummataa mirkaneessuuf qooda guddaa akka qabaatu ibsaniiru. Akkasumas dhaabbilee tajaajila kennan kan faffaca’anii turan gara wiirtuu tokkootti fiduun yeroo gabaabaatti tajaajila ifaa fi guutuu kennuudhaan, amantaa fi hirmaannaa hawaasni mootummaarraa qabu qabatamaan guddisuusaa eeraniiru. Kunis wiirtuun kun galii mootummaa guddisuu, invastimantiin akka babal’atu gochuu akkasumas galmoota misoomaa karoorfaman si’achiisuurratti qooda olaanaa akka qabu hubachiisaniiru. Magaalaa Shaggaritti qaqqabinsaa tajaajilichaa babal’isuuf wiirtuleen kutaa magaalaa hundatti akka hundeeffaman obbo Kaasahuun kaasanii, bara bajataa kanas wiirtuuwwan dabalataa afur ijaaramanii tajaajilaaf akka oolan dubbataniiru.
Barnoonni keenya galma qabsoo keenyaa kan itti murteessinudha -- Obbo Shimallis Abdiisaa
Oct 10, 2026 707
Mootummaan Naannoo Oromiyaa cabiinsa sirna barnootaa keessatti mudate suphuun dhaloota ofitti amanamummaa fi dorgomaa ta’e akkasumas jaalala biyyaa qabu horachuuf Sirna barnootaa qulqullina qabu, dhaqqabummaafi haqa qabeessaa ta’e hojiirra akka oolu taasisaa jira. Biiroon Barnootaa Oromiyaas barattoota bara 2018 Qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaan qabxii olaanaa galmeessan guyyaa har'aa magaalaa Bishooftuutti beekkamtiifi badhaasa kenneera Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dagantaa kanarratti ergaa dabarsaniin Barnoonni keenya egeree keenya, meeshaa waa hundaan itti dursinu ta'uu kaasuun, Barnoonni keenyaa hundaa ol Galma qabsoo keenyaa kan itti murteessinu ta'uu ibsaniiru. Barnootarratti xiyyeeffannaan kennamee hojii hojjetamaa jiruun bakka kufeerraa mataasaa akka ol qabatu taasifamee jiraachuu kaasuun, sabni barnootaafi teeknolojiin hin gahoomne eessayyuu gahuu hin danda'u waan ta'eef dhaloota barnootaaf teeknoloojiidhaan gahoomsuudhaaf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu himaniiru. Yeroo itti aanuuttis barnoonni keenyaa ka'ee akka dhaabbatu, dandeettii barsiisoota keenyaa fooyyeessuu, gosoota baruumsaa murteessoo ta'an irratti xiyyeeffachuufi hooggansa barnootaa fooyyeessuurratti xiyyeeffachuun kan hojjetamu ta'uu dubbachuun, Barattoonni guyyaa har'aa badhaafaman qabxiin amma fidan qabxii sabichaa ta'uu beekuun naamusa cimaadhaan ergama qabsoo itti aanuuf of qopheessuu akka qaban dhaamaniiru.
Riifoormii fi imaamata damee Turiizimii caalatti dorgomaa taasisuuf hirmaannaan hawaasaa fi qooda fudhattootaa murteessadha
Oct 8, 2026 258
  Fulbaana28/2019 (ENA) Riifoormii fi imaamata damee Turiizimii caalatti dorgomaa taasisuuf hirmaannaan hawaasaa fi qooda fudhattootaa murteessata’uun ibsameera. Gumiin balballoommii Tajaajila Kominikeeshinii Oromiyaan qophaa'u dhimmoota sochii turizimiifi fayyadamummaa hawaasaan walqabatan ilaalchisuun Biiroo Tuurizimii Oromiyaa waliin turtii taasiseera. Gumiin Balballoommii tajaajilichaan qophaa'u akka naannichaatti dhimmoota dinagdee, hawaasummaa, nageenyaa fi kanneen biroorratti qorannoo bal'aa erga taasiseen booda sektera dhimmi ilaallatuuf firii qorannoo isaa dhiyeessuun kallattii furmaataa irratti ni mariisisa. Haaluma kanaan qorannoo misooma tuurizimii keessatti gaggeesseen hanqinoota jedhee kan adda baaseefi kallattii furmaataarratti mariyateera. Dhimmoota kana keessaas harkifannaa pirojeektii naannoo hawwata tuurizimii, fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuurratti, faalama naannoo to'achuun walqabatee, hanqina mana nyaataafi loojiiwwanii kanneen biroo mul’atanirratti xiyyeeffate.   Biiroo Tuurizimii Oromiyaarraa Obbo Naggaa Wadaajoo marii gaggeeffame kanarratti mootummaan jijjiiramaa guyyaa jijjiiramaa eegalee damee dinagdee keessaa sektera tuurizimiif xiyyeeffannoo addaa kennee hojii hojjeteen bu'aalee hedduufi abdachiisaan argamaa dhufuu himaniiru. Keessumaa riifoormiifi imaammata damee tuuriizimiirratti taasiseen bakkeewwan hawata turizimii turanii fi haaraan hedduun bakka qaqqabinsa tuuriizimii taasifamuun yaa'insi tuuristootaas dabalaa dhufeera. Haa ta’u malee sadarkaa barbaadamuun hawaasa irraa fayyadamaa taasisuuf hojiin guddaa kan hafuu fi qindoomina olaanaan hojjetamuu kan gaafatudha jedhan. Damee turizimii hawaasa hin hirmaachisne dinagdee maddisiisuun jijjiirama barbaadamu fiduun kan hin danda’amne ta’uu Obbo Naggaa ibsaniiru. Hawaasni naannichaa damee turizimii keessatti adda durummaan akka hirmaatuufi irraa fayyadamu taasifamaa kan jiru ta’uu kaasaniiru. Kanaaf mootummaan hirmaannaafi fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuu, qindoomina qooda fudhattootaa cimsuu, abbootii qabeenyaa hirmaachisuurratti xiyyeeffatee hojjetaa jiraachuu eeraniiru. Damicharraa adda durummaan fayyadamummaafi hirmaanna uummataa mirkaneessuudha kan jedhan Obbo Naggaan kana waanta'eef dhimmoota akka qaawwaatti ka'anirratti mootummaan kan hojjetuu cinaatti hirmaannaafi qoodafudhannaan hawaasaafi damee dhuunfaa murteessaa ta'uu ibsaniiru. Dursaan Garee Kominikeeshinii biirichaa Ashannaafii Habtee biyyi keenyas ta'e naannoon keenya hambaa qabatamaa fi hambaalee kiliyaa hedduu waan qabduuf yaa'insi tuuristootaa dabalaa jiraachuu ibsaniiru. Turtii tuuristootaa dheeressuuf,hojiin beeksisaa fi piromooshinii bal'aan hojjetamaa ture caalaatti itti fufee hojjetamuu akka qabu obbo Ashannaafiin ibsaniiru. Qabeenya tuurizimii naannoon keenya qabdu qixaan beeksisuufi galii biyyi argachuu qabdu akka argattu taasisuu keessatti gaheen miidiyaaleefi kominikeeshinii olaanaa waanta'eef qindoominni cimuu akka qabu dhaamaniiru. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa# Mul'ata Guddaa#
“Tokkummaan keenya Utubaa Amansiisaa Itoophiyaa Ceesisu Ta’uu Agarsiifneerra!” Pirezidaant Shimallis Abdiisa
Oct 4, 2026 781
Fulbaana 24/2019(ENA): Piresidaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa Irreechi nagaan xumuramuu ilaalchisee ergaa dabarsaniiru. Guutuun ergichaa akka itti aanutti dhiyaateera. Irreechi bara 2019 alaa manaan wayyoomeera. Waatiifi maatiin golaafi goorrootti, sabaanis bantii duudhaafi safuu keenyaa Malkaa Finfinneefi Hora Harsadeetti Irreeffannee milkoofneerra. Milkiinis qajeelee abbaan sirnichaa Oromoonis ayyaanomeera. Uummatni naannoofi biyya keenyaa martii baga hoofkaltan; baga waliin hoofkalle. Irreechi ayyaantummaadha; ayyaantummaanis waggaa maree dhufu nagaa, eebbaafi milkaa’ina fidee dhufa. Malkaa Finfinneefi Hora Harsadeetti Irreeffannee irraa goras hooddachuun injifannoo keenya tikfachaa tokkummaa keenyas jabeeffachaa bara haaraatti ceeneerra. Uumaan keenya ba’aafi galatti nu gargaaree gufuufi gufaata nu baraaree galateeffannaa keenya kan nuuf simate inni haa ulfaatu. Irreechi tokkummaa, nagaafi jaalala humna walooma keenya jabeessuun tokkummaa keenyas bu’uura jabaarratti bu’uuressaa dhufedha. Irreeffannaa keenya bara kanaatiinis tokkummaa keenya cimsinee obbolummaa sabootaas mirkaneessuun ijaarsa waliigaltee biyyaalessaaf humna taaneerra. Imala ijaarsa biyyaa keessatti boqonnaa haaraa saaqamaa jiruun Oromoon karaa hin reeqqifneen Oromiyaa ijaaraa, Itoophiyaa Utubaa duudhaa eenyummaasaa itti fufuu akka danda’u agarsiifneerra. Wayyoomni jabaafi ilaalamni guddaan kun waan guyyaa tokkotti uumame osoo hin taane falaasama jireenyaafi sansaka namoomaa qormaatota injifatee jiraataa kan dhufe itita safuufi aadaa Oromoo; icciitii tokkummaan ijaaramedha. Oromummaan tokkummaadha; kabajaafi jaalala waloomaa keenya tiksu; mana eenyuyyuu, sababa kamiinuu harkasaa irratti olkaasuu hin qabne ta’uu akka hubatamun barbaada. Duudhaan keenyas guddaadha; safuun keenyas idil-addunyaawaadha. Ilaalamni keenyas maxxanaa miti; ofdanda’aa ta’uusaa miraan osoo hin taane beekumsa ogummaan masakameen hunduu hubachuun qajeelfamee akka ittiin jiraatu hubachiisuun fedha. Imala ijaarsa Itoophiyaa aarsaa nu gaafatu hunda kaffallee itti gaafatamummaa seenaa nu harka jiru milkeessinee yeroon Afrikaaf ifa taanee Addunyaa raajeffachiifnu ga’eera. Hoggansa tarsiima’aa kana milkeessuuf uummata qorqalbiin guutuu ilaafi ilaameen qajeelfamee mareefi marabbaan bulu horachaa dhufneerra. Kanaafis dambaliin kabaja Ayyaana Irreechaa Malkaa Finfinneefi Hora Harsadeerratti argame qaama injifannoo kanaati. Sabootni, sablammootniifi uummattootni Irreecha irratti argamuun nu waalchitan hundi kabajamaa ulfina argadhaa. Waloomni keenya kabaja biyyaati. Waliin milkoofnee waliin waggaa haaraatti ceeneerra. Mootummaan Naannoo Oromiyaa walooma kana bu’uura amansiisaa irratti dhaabuuf cimsee kan hojjetu ta’a. Lammilee biyya alaa duudhaafi safuu keenya daawwatamee hin quufamnetti boqotan jaalala Oromummaan simannee ulfina itti agarsiifneerra. Obbolootni keenya biyya alaafi keessaa Irreechaa xiyyeeffannoo Addunyaa akka ta’uuf hojjettan galatoomaa ulfaadhaa jenneerra. Jiraattotni magaalaa Bishooftuus dhangaa dhamdhamsiiftanii Hora qopheessitanii keessummoota simachuun gaggeessaa kabajaas waan taasiftaniif galata argadhaa. Qaamoliin Nageenyaa nagaa Irreeffattootaa tiksuuf halkaniifi guyyaa hojjetan hundaaf galatan qaba. Ogeessotni miidiyaa biyya keessaafi alaa hundi sirna Oromoo qe’ee isaatti argamtanii tamsaasa sirnaawaa waan taasiftaniif isin dinqisiifachuun barbaada. Kabajamaa uummata keenya Malkaa Finfinneetti akkuma milkoomne Hora Harsadeettis wayyoomneerra. Ulfoo keessanitti kabaja hortanii keessummaa karra hundaan dhufe simattanii nyaachisuurratti gaarummaan magaalaa Finfinneetti mul’ate magaalaa Bishooftuuttis dabalameera. Gaarummaan Irreeffannaa irratti mul’ate; jaalalaafi tokkummaa oljedhee ife kana cimsitanii akka bulfattaniifi daran kunuunfattan waamichakoon isiniif dhiyeessa. Oromiyaa ni ijaarra, Itoophiyaa ni utubna, Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina; Waaqayyos nu gargaara! Shimallis Abdiisaa, PMNO Fulbaana 2019 Finfinnee #Biyya_Guddoo #Uummata_Guddaa #Mul'ata_Guddaa #Ethiopia #ENA Afaan Oromoo# Miseensa Maatii ENA ta’aa : https://www.ena.et/web/links
"Irreechi Hora Finfinneefi Harsadee milkaa'inaan xumurameera!" Abbootii Gadaa.
Oct 4, 2026 469
Fulbaana 24/2019(ENA) : Abbootiin Gadaa sirna kabaja ayyaana Irreechaa bara kanaa ilaalchisee ibsa miidiyaaf kennaniin, ayyaanni Irreechaa Hora Finfinneefi Harsadee rakkoo tokko malee karaa nagaa, jaalalaafi tokkummaan itti calaqqiseen kabajamee xumuramuu ibsaniiru.   Abbaan Gadaa Tuulamaa Geetuu Taliilaa, Irreechi bara kanaa jala bultiirraa eegalee bifa adda ta'een karaa aadaafi duudhaa Irreechaa eegeefi guddummaa Oromoo calaqqisiiseen kabajamee xumuramuu himaniiru. Sabaafi sablammoonni biyya keenyaa aadaa isaanitiin faayamanii ayyaana keenya nu waliin kabajuun obbolummaasaanii nutti agarsiisaniif ayyaanichaaf miidhagina addaa dabaluufi Oromoon haammataa ta'uu kan agarsiise ta'uus dubbatabiiru.   Uummanni Oromoo, qaamoleen nageenyaa, foolleefi daballeen qindaa'uun ayyaanichi karaa nagaan akka xumuramu gumaacha olaanaa taasisuu eeruun, qaamolee miidhaginaafi nageenyummaa ayyaanichaaf tumsan hunda galateeffataniiru.   Abbaa Gadaa Maccaafi Walitti Qabaan Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoo Warqinaa Tarreessaa, uummanni Oromoo bakka jirurraa walitti dhufuun uffata aadaafi meeshaalee ulfoo Oromootiin faayamee jaalalaafi tokkummaan kabajuu himan. Keessummoota kutaalee biyyattii adda addaarraa ayyaanicha isa waliin kabajuuf dhufeefis simannaafi kabaja addaa taasisuun guddummaa Oromoo kan itti agarsiise ta'uu dubbatanii, qaamolee milkaa'ina ayyaanichaaf kallattii garaagaraatiin tumsan hunda galateeffataniiru.   Hooggantuun Biiroo Aadaafi Ispoortii Oromiyaa Aadde Roozaa Biyyaa gamasaaniin, ayyaanni Irreechaa karaa milkaa'ina qabuun akka kabajamu mootummaan dursee hojjachaa turuu yaadachiisaniiru. Keessattuu ayyaanicha sadarkaa addunyaatti beeksisuuf hojiiwwan ayyaanicha olkaasuufi beeksisuu danda'an hojjachaa turuufi hirmaattonni ayyaanichaa akka hin rakkanneef haala mijataa uumuus dubbataniiru. Mootummaan Naannoo Oromiyaa ayyaanni Irreechaa ‘UNESCO'tti akka galmaa'uuf hojiiwwan jajjaboo hojjachaa jiraachuu ibsaniiruu.   Kantiibaan Bulchiinsa magaalaa Bishooftuu Obbo Alamaayyoo Asaffaas gama isaaniin haasawaa taasisaniin Irreechii duudhaalee gaggaarii qabaachuun Afrikaa bira darbee beekamtii Idil Addunyaa argatee jiraachuu ibsaniiru. Kanaan dura daandiin gara malkaa geessu tokko qofaa ture bu'uuraalee misoomaa guutuun waldhidhibbaa malee ummanni akka irreeffatan taasifamuun irreecha baranaa adda kan godhu ta'uu himuun, qaamolee ayyaanni irreechaa kun akka milkaa'uuf gahee isaanii bahatan galateeffataniiru. #Biyya_Guddoo #Uummata_Guddaa #Mul'ata_Guddaa #Ethiopia #ENA Afaan Oromoo# Miseensa Maatii ENA ta’aa : https://www.ena.et/web/links
Ayyaanni Irreechaa ayyaana Tokkummaan ummataa woloomnii fi jaalalli Itoophiyummaa kan itti mul’ate ayyaana guddaadha- Hirmaattota
Oct 4, 2026 384
Fulbaana 24/2019 (ENA): Ayyaanni Irreechaa ayyaana guddaa tokkummaa, waloomnii fi jaalalli Itoophiyummaa cimee itti mul’atedha jedhan hirmooattonni irreecha Hora Harsadee. Ayyaanni Irreecha Hora Harsadee sirna eebbootii Gadaan eegalamee yeroo ammaa haala ho’aan irreeffatamaa jira. Irreechi ayyaana ummanni Oromoo Ganna irraa gara Birraatti uumaan isa ceesiseef galata galfatudha.   Hirmaataa ayyaana kanaa kan ta’e Darajjee Fiqiruun yaada ENAf kenneen akka ibsetti, Ummanni ayyaanicha jaalalaa fi tokkummaan, uffata aadaa isaa uffachuun miidhagee kabajaa jira jedhe. Ayyaanni Irreechaa ayyaana namni hundi bifa miidhagaa fi hawwataa ta’een waliin kabaju ta’uu ibsuun, ayyaanni kun tokkummaa fi walooma kan guddisu ta’uu ibsaniiru.   Hirmaataa ayyaanichaa kan ta’e Booranaa Abarraa gama isaatiin,ayyaanichi haala aadaa fi safuu isaa eeggateen kabajamaa jira jedhe. Irreechi tokkummaa biyyaalessaa Itiyoophiyaanotaa kan mul’isu waan ta’eef ayyaanichi hariiroo waliin jireenya hawaasaa kan cimsudha jedheera. Irreechi ayyaana namni hundi Uumaa isaa galateeffatu tokkummaa fi waloomaan irratti hirmaatu waan ta’eef Itoophiyummaa cimsee kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.   Hirmaattuu ayyaanichaa kan biraa Siifan Urgeessaa gama isheetiin, duudhaaleen aadaa ayyaanichaa kunuunfamee dhaloota dhufuuf akka darbu hunduu ga’ee isaa bahuu akka qabu dubbatteetti. #Biyya_Guddoo #Uummata_Guddaa #Mul'ata_Guddaa #Ethiopia #ENA Afaan Oromoo#
Ayyaana Irreecha Hora Finfinnee haala tokkummaa fi walooma cimsuun kabajneerra – Hirmaattota ayyaanichaa
Oct 3, 2026 517
Fuulbana 23/2019 (ENA): Hirmaattonni ayyaanichaa akka ibsanitti, ayyaana Irreecha Hora Finfinnee gamtaan, tokkummaa fi obbolummaa haala cimsuun bifa miidhagaa fi oo'aan kabajuu isaanii hirmaattonni ayyaanichaa ibsaniiru. Itoophiyaan biyya guddoo, uummata guddaa fi mul'ata guddaa qabdudha. Qabeenya Guddummaa ishee kana mirkaneessan keessaa qabeenyi Amantaa, Aadaa, seenaa fi hambaa nam-tolchee, aadaa fi hawata tuuriizimii ishee isaan ijoodha. Qabeenya aadaa kana keessaa immoo ayyaani Irreechaa sirna Gadaa keessaa maddu isa tokkodha. Irreechi waggaa waggaadhaan sagantaa gara garaatiin dirreerratti kan kabajamu yoo ta'u, ayyaanni Irreecha Hora Finfinnee har'a magaalaa Finfinneetti bifa miidhagaa ta'een kabajameera.   Hirmaattonni ayyaanicha irratti hirmaachuuf kutaa Oromiyaa garaa garaa irraa dhufan akka ENA’f ibsanitti; ayyaanni Irreechaa jaalalaa fi tokkummaa kan walitti qabu mallattoo nagaati. Manguddoo biyyaa Amboo irraa dhufan obbo Baay'isaa Joobir; ayyaanni Irreecha Hora Finfinnee kan bara kanaa haala miidhagaa ta'een kabajamuu isaa dubbataniiru. Irreechi haaloo fi jibbinsa dhiisuun kan kabajamu ayyaana nagaa, araaraa fi tokkummaa ta'uu isaa eeranii; duudhaa nagaa Irreechaa uummata addunyaatiif bal'inaan beeksisuun akka barbaachisu dubbataniiru. Manguddoon Shaashamannee irraa dhufan obbo Alii Hamdaa gamasaaniin saboonni garaagaraa ayyaana Irreecha Hora Finfinnee irratti hirmaachuun obbolummaa fi jaalalaan haala miidhagaadhaan kabajuu isaanii dubbataniiru. Irreechi uummanni Oromoo tokkummaan walitti qabamee Uumaa isaa kan galateeffatu, akkasumas nagaa fi misooma kan itti cimsatan ta'uu ibsaniiru. Duudhaan Siinqee Kabaja, Araara fi mallattoo nagaa kan ta'e duudhaa aadaa Oromoo ta'uu kan ibsan immoo Arsii Asallaa irraa kan dhufan Haadha Siinqee Almaaz Bulaatuu dha. Irreechi uummata Oromoo qofa osoo hin ta'iin, sabootaa fi sab-lammoota biroos jaalalaa fi wal- amantaan kan irratti hirmaatanidha jechuun, jaalala, araaraa fi walooma Irreechaa cimsuun akka qaban dubbataniiru. Ayyaanni Irreechaa waggaa waggaadhaan gammachuudhaan kabajama, yeroo irraa gara yerootti bal'achaa fi jaalalaan kan kabajamuudha.   Hirmaattonni Ayyaanichaa uummata Oromoo qofa osoo hin ta'in saboonnii fi sab-lammiyonni biroos uffata adda addaa uffatanii mul'atu; kun uffata aadaa Oromoo qofa osoo hin ta'in, kan sabootaa fi sab-lammoota hundaati. Hirmaattonni ayyaanichaa duudhaan nagaa fi tokkummaa Irreechaa cimee fuuldurattis akka itti fufuu qabu ibsaniiru.  
“Irreechi Hora Finfinnee Ulfoo Oromoo Olkaasee kabaja biyyaa mul’iseera'' -Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa
Oct 3, 2026 256
Horri Finfinnee wiirtuu injifannoo Oromoo duudhaan hammannaa danoomni irratti calaqqise ulfoo guddaadha. Qe’ee keenyatti miliyoonotaan irreeffannee ulfoo keenyattis ulfina dacha horreerra. Uumaa keenya gurraacha garaa garbaa lemmoo garaa taliilaa uumama jiidhaa qabannee galataaf fuula isaatti dhiyaanne nagaan nu tiksee galata keenyas nuuf simateera. Uummatni keenyas Kaabaa Kibbaafi Bahaa Lixaa roga hundaan timmisee jaalalaa fi kabaja ulfoo isaaf qabu gochaan mul’iseef Mootummaan Naannoo Oromiyaa galata guddaa qaba. Sirni kabaja Ayyaana Irreecha malkaa Hora Finfinnee bara kana waloomaan gaggeessine kan waggoota darbaniirra olkaa’ee tokkummaan Oromoo akka itituuf boqonnaa haaraa saaqeera. Kunis uummatni keenya garaagarummaa ilaalcha siyaasaafi daangaa amantaa bira darbitanii tokkummaan Oromoo bu’uura jabaa irratti akka ijaaramaa deemu taasisuu keessaniin injifannoon addaa galmaa’uu danda’eera. Kanaanis uummatni keenya galma isaa kan hubateefi haaromsa aadaa eegale sadarkaa olaanaatti ceesisuuf qophaa’uummaa olaanaarra jiraachuu isaa kan agarsiisedha. Sabootni, sablammootniifi uummattootni Itoophiyaa duudhaa obbolummaa, jaalalaa ho’aafi kabajaan masakamtanii Irreecha irratti argamuun kabaja Oromoof qabdan gochaan waan mul’iftaniif galatni keenya guddaadha. Karri Finfinnee Shananuu karaa duudhaafi safuu isaa eeggateen saaqamee obboloota keenyaa biyya keessaafi alaa simachuun duudhaan hammannaa Oromoo hanga yaadameefi eegameen olitti guddaa ta’uus mul’ateera. Ilaalchi qeenxummaa diigamaa Itoophiyummaa dhugaa hundi keessatti of argu ijaaramaafi olka’aa jira. Jiraattootniifi bulchiinsi magaalaa Finfinnee dhangaa qopheessitanii; ardaa jilaa misoomsuufi qulqulleessuun midhaksitanii Irreecha Finfinnee ulfoo Oromoo waan tiksitaniif galatni keenya guddaadha. Simannaafi gaarummaa Irreeffattootaaf agarsiisuu keessaniin waloomaan caalmaatti akka injifannu argineera. Qaamoliin nageenyaas sadarkaa hundatti halkaniifi guyyaa dhaabbachuun Irreechii Hora Finfinnee milkii olaanaan akka xumuramuuf tumsa taasiftan hundaaf galatoomaa jenna. Ogeessotniifi dhaabbileen miidiyaa duudhaafi safuun Irreechaa mallattoo namooma dhugaa ta’e kun ba’ee uummata Addunyaaf akka mul’atu gochuun tajaajila uummata keenyaaf gootan hundaaf galata dhiyeessina. Kabajamaa uummata keenyaa; daandiin aarsaa qaaliin waliin eegalle milkaa’aafi injifannoon gonfannes waaqaafi nama duratti adda argateera. Milkoofneerra; uumaan keenyas nu gargaareera. Waloomni sabootni, sablammootniifi uummattootni Itoophiyaa Irreecha Hora Finfinnee irratti mul’isaniis kan yeroo kamii caalaa kan dinqisiifatamudha. Daneessummaan guyyaa har’aa olka’ee mul’ate kunis Irreechi waliigaltee biyyaalessaa uumuuf utubaa guddaa ta’uu isaaf agarsiiftuu guddaadha. Akkuma Malkaa Finfinneetti ulfoo keenyaaf kabaja laannee danooma keenyas olkaafnetti guyyaa boruu Hora Harsadeetti timmifna. Irreecha Hora Finfinneetti waaqni nu gargaaree; uummatni keenyas eenyummaa, aadaafi duudhaa isaaf kabaja malu kennee milkoofneerra; mareewoofi gabbisaayyoon uumaa keenya galateeffachaafi jajachaa guyyaa Boruu Hora Harsadee Bishooftuutti Irreeffachuuf qajeella. Harsadeenis Wayyuudha; wayyoomnis milkooma! Oromiyaa ni ijaarra, Itoophiyaa ni utubna, Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina; Waaqayyos nu gargaara! Shimallis Abdiisaa, PMNO Fulbaana 2019 Finfinnee
Ayyaani Irreecha Hora Finfinnee bifa miidhagaan kabajamee xumurame – Kantiibaa Adaanech Abeebee
Oct 3, 2026 148
Fulbaana23/2019 (ENA): Ayyaanni Irreecha Hora Finfinnee kan bara kanaa haala duudhaa fi aadaa isa eeggatteen, nagaan, gammachuunii fi bifa adda ta’een miidhagee kabajamee xumuramuu isa Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ibsan. Ayyaani Irreecha Hora Finfinnee bifa miidhagaan kabajamee xumurame – Kantiibaa Adaanech Abeebee Fulbaana23/2019 (ENA): Ayyaanni Irreecha Hora Finfinnee kan bara kanaa haala duudhaa fi aadaa isaa eeggateen, nagaan, gammachuunii fi bifa adda ta’een miidhagee kabajamee xumuramuu isa Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ibsan.   Kantiibaa Adaanech ergaa isaaniitiin, Irreechi ibsituu galataa, nagaa, jaalalaa fi tokkummaati jedhaniiru. Aadaa fi duudhaa isaarra dabruun, saboonni adda addaa jaalalaa fi obbolummaadhaan kan wal-arganii fi duudhaaleen waliin jireenyaa fi duudhaa waldanda’uu ummaa keenyaa kan keessatti calaqqisan ayyaana guddaa ta’uu isaa ibsaniiru. Duudhaalee Irreechaa hojiidhaan argisiisuun, humna keenya qindeeffannee fi tokkummaa keenya cimsuun, nagaa Itoophiyaa, waliigaltee biyyaalessaa fi badhaadhina waliigalaatiif waliin haa tattaafannu jechuun kantiibaa Adaanech waamicha dhiyeessaniiru. Ayyaanichi nagaan fi milkaa’inaan akka xumuramuuf warra gumaachan hundaaf, keessattuu keessummoota aadaa fi jaalala Itoophiyaatiin kan simatan jiraattota Finfinnee, Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqee, Foollee, qaamolee tasgabbii fi hoggantoota galateeffataniiru. "Irreecha waliigaltee biyyaalessaatiif! Irreecha nagaa fi tokkummaaf!" jechuun kantiibaa Adaanech ibsaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015