Manni maree ministirootaa walgahiisaa 48ffaan murtoowwan garagaraa dabarse - ENA Afaan Oromoo
Manni maree ministirootaa walgahiisaa 48ffaan murtoowwan garagaraa dabarse

Waxabajjii 27/2017(TOI)- Manni maree ministirootaa walgahii 48ffaa har’a gaggeesseen murtoowwan garagaraa dabarse.
Manni marichaa jalqaba kan mari’ate wixinee labsii lama mootummaan Itiyoophiyaa waldaa misoomaa idil addunyaa waliin deeggarsa faayinaansii fi walii galtee liqii imaammata misooma guddinaa fulla’aa fi hundagaleessa lammaffaaf raawwachiisuuf oolu SDR 258,100,000 fi pirojektii deeggarsa misooma daandii saffisaaf raawwachiisuuf oolu SDR 27,300,000.00 akka mirkanaa’an dhihaatan irrattidha. Liqiin lamaanuu dhalarraa bilisa, kafaltiin tajaajilaa dhibbantaan 0.75 kan itti kaffalamu ta’ee yeroo eeggachuu waggaa 6 dabalatee yeroo dheeraatti kan kaffalamanidha. Manni marichaa waliigaltee liqii kana sagalee guutuun mirkaneessee mama maree bakka bu’ootaa ummataaf akka qajeelfaman murteesseera.
Itti aansuun labsii gibira galii federaalaa fooyyessuuf baherratti mari’ateera. Labsiin galii gibiraa federaalaa Kanaan dura ittiin hojjetamaa ture haala dinagdee biyyaalessaa fi idil addunyaa amma jiruun yoo ilaalamu hanqinoota hedduu waan qabuuf tumaalee labsichaa fooyyessuun sirni taaksii qajeelfamoota taaksii bu’ura ta’an milkeessuuf haala dandeessisuun akka bocamu gochuun waan barbaachiseef labsiin fooyya’e mana maree ministirootaaf dhihaateera. Manni maree kun marii bal’aa taasisuun sagalee guutuun mirkaneessee mana maree bakka bu’oota ummataaf akka qajeelfamu murteesseera.
Xumurarrattis walii galtee gamlamee mootummaa rippaabiliika demokiraatawaa Naayijeeriyaa waliin namoota paaspoortii dippilomaatikii fi Sarviisii qabaniif Viizaa hambisuuf mallatteeffama irratti mari’ateera. Waliigalteen kun anga’oonni mootummaa olaanoo, dippilomaatonnii fi lammiileen biyyoota lamaanii paaspoortii dippilomaatikii fi Sarviisii qaban hojiif wayita socho’an viizaa argachuuf haaldureewwan barbaachisanii fi yeroo fudhatu hubannoo keessa galchuun oolchuun akkasumas hariiroo gamlamee gama cimsuutiin faayidaa guddaa akka qabu amanamee mana mareef dhihaateera. Manni marees waliigaltee kanarratti mari’atee sagalee guutuun mirkaneessee mana maree bakka bu’oota ummataaf akka qajeelfamu murteesseera.