Bara baajatichaatti daa’imman Miiliyoona 1 tuqaa 4 ol sagantaa waadaa Saqoxaan fayyadamoo ta’aniiru - ENA Afaan Oromoo
Bara baajatichaatti daa’imman Miiliyoona 1 tuqaa 4 ol sagantaa waadaa Saqoxaan fayyadamoo ta’aniiru

Waxabajjii 28/2017(TOI)-Bara baajatichaatti Daa’imman Miiliyoona 1 tuqaa 4 ol sagantaa waadaa Saqoxaan fayyadamoo ta’uun ibsame.
Waajjira Qindeessaa Sirna Soorataa Ministeera Fayyaatti Ittigaafatamaan Sagantaa olaanaa Kutaa Raawwachiisaa Sagantaa Federaalaa Waadaa Saqoxaa Dr. Sisaayi Siinaamoo Raawwii Sagantichaa ilaalchisuun TOI Waliin turtii Taasisaniiru.
Turtiisaaniin Bara Baajataa 2017 Xumuramaa Jirutti Waadaa Saqoxaan Daa’imman Miiliyoona 1 Tuqaa 4 Ol Fayyadamoo Gochuun Danda’ameera.
Sagantichaan Haadholii Ulfaa fi Hoossisan Miiliyoona 2 tuqaa 8 ol Fayyadamoo ta’uu Dubbataniiru.
Sagantichi Sektaroota Fayyaan, Barnootaan, Qonnaan, Bishaaniin, Dhimma Dubartootaa fi hawwaasummaa dabalatee sektaroota biroon raawwatamuu ibsaniiru.
Bara 2014 Sagantichi Sadarkaa Biyyoolessaatti keessumattuu Aanaaleen Quucarummaa Olaanaa Qaban 240 Hojiitti Galuusaanii Yaadachiisaniiru.
Sagantichaan Waggaa Waggaatti Daa’imman Quucarummaa fi Du’a Irraa Baraaruu Irratti Madaalaamee Bu’aa Argisiisuu Isaa Kaasaniiru.
Qorannoo bara darbe gaggeeffameen Daa’imman kuma 100 ol Quucaruu irraa, daa’imman kuma 1 ol immoo du’arraa baraaruun danda’amuu ibsaniiru.
Sagantichi waggoota itti Aanaan Aanota birootti kan babal’atu ta’uu beeksisaaniiru.
Sagantaa Waadaa Saqoxaan haala karoora waggaa 15 Kaa’ameen Aanota biroo dabalaan fayyadamoo taassisuu danda’uu dubbataniiru.
Kanaanis bara Baajatichaatti Aanaalee 334 Baajata Birrii Miiliyoona 750 oliin gara raawwii waadaa Saqoxaatti kan galan ta’uu beeksisaniiru.
Yeroo hojiirra oolmaa yaalii raawwii jalqabaa Sagantichaa Naannoo Amaaraa fi Tigiraayitti Aanaalee 40 tti babal’achuu isaa ibsaniiru.
Hawaasni saganticha abbummaan akka itti fufsiisu gochuu fi furmaata naannawaa akka fidu gochuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.
Rakkoon quuxarummaa ilaalchisuun hubannaa uumuuf qooda fudhattoota waliin hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.