Qooda dhaabbileen demokirasii bilisaa fi ofdanda’oon ijaarsa mootummaa cimaaf qaban caalaatti guddisuuf manni maree deeggarsasaa ittifufa-Af-yaa’ii Taaggasee Caafoo

Waxabajjii 28/2017(TOI)- Qooda dhaabbileen demokirasii bilisaa fi ofdanda’oon ijaarsa mootummaa cimaaf qaban caalaatti guddisuuf manni maree bakka bu’oota ummataa deeggarsasaa ciminaan akka ittifufu Af-yaa’ii Taaggasee Caafoo ibsan.

Waltajjiin waloo rawwii hojiiwwan riifoormii dhaabbatummaa dhaabbilee demokiraasii mana marichaaf itti waamamanii gaggeeffamaa jira.

Af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasee Caafoo ergaa baniinsa waltajjiirratti dabarsaniin, mirki namoomaa fi demokiraasii lammiilee akka kabajamu dhaabbileen demokiraasii qooda guddaa akka qaban ibsaniiru.

Miroonni namoomaa fi demokiraasii lammiilee sirnaan akka kabajaman akkaataa heera mootummaatiin dhaabbileen demokiraasii bilisaa fo ofdanda’oon hundeeffamanii hojjechaa jiraachuu yaadachiisaniiru.

Dhaabbileen kunneen ittigaafatamasaanii sirnaan akka bahan gufuulee sera fi gurmaa’insarratti mul’atan akka sirraa’an riifoormiin hojjetamuu ibsaniiru.

Manni marichaa qooda ijoo dhaabbileen demokiraasii ijaarsa mootummaa cimaaf qaban caalaatti  guddisuuf rakkoolee raawwiirratti mudatan furuuf kutannoon akka hojjetamu mirkaneessaniiru.

Manni marichaa yeroo yerootti raawwii dhaabbilee qorachuun hanqinoota sera fi hojmaataa guutuuf deeggarsa barbaachisu nitaasisa jedhaniiru.

Miidiyaaleen ajandaawwan nageenya biyyaa, tokkummaa fi misooma cimsan hubachiisuun ittigaafatama kennameef gahumsaan bahachuu akka danda’an riifoormii gochuusaanii  himaniiru.

Waltajjicharratti raawwiin karooraa riifoormii dhaabbatummaa boordii filannoo biyyaalessaa, komishinii miroota namoomaa Itiyoophiyaa, dhaabbata abbagaar ummata Itiyoophiyaa akkasumas tajaajila oduu Itiyoophiyaa, abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa, Itiyoophiyaa biroodkaast korporeeshinii fi dhaabbata pireesii Itiyoopiyaa dhihaatee nimari’atama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015