Ispoortii - ENA Afaan Oromoo
Ispoortii
Fiigichi guddichi Irreechaa duudhaalee ayyaana Irreechaa addunyaatti beeksisuuf gahee olaanaa qaba
Oct 1, 2026 115
Fulbaana 21/2019 (ENA) — Fiigichi Guddichi Irreechaa, fageenya kiilomeetira 10n magaalaa Bishooftuutti gaggeeffame, faayidaa ispoortii, hawaasummaa fi biyyaalessaa cimsuu bira darbee, Ayyaana Irreechaa sadarkaa addunyaatti beeksisuuf gahee olaanaa qabaachuun ibsame. Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Ispoortii Oromiyaa, Aadde Rozaa Biyyaa, sagantaa jalqabbii fiigichaa guddicha Irreechaa irratti ergaa dabarsaniin, ispoortiin nagaa, jaalala, tokkummaa fi obbolummaa ummatootaa cimsuuf gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru. Aadde Rozaan, fiigichi guddaan kun duudhaalee, aadaa fi seenaa Ayyaana Irreechaa hawaasa addunyaatti bal’inaan beeksisuuf waltajjii guddaa ta’uu himaniiru. Kanaaf fiigicha kana osoo walirra hin kutiin waggaa waggaan akka gaggeeffamu kan hojjetamu ta'uu himaniiru. Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu, Obbo Alamayyoo Asaffaa, gamasaaniin, fiigichi kun Bishooftuu giddugala turiizimii caalaatti taasisuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran saffisiisuufi cimsuuf gumaacha olaanaa qabaachuu ibsaniiru. Fiigichi kun waggoota torba booda yeroo lammaffaaf, mata-duree “Irreechaa Waliigaltee Biyyaalessaaf” jedhuun gaggeeffame. Fuuldurattis addaan osoo hin cinne, waggaa waggaadhaan akka gaggeeffamu himaniiru. Dorgommicharratti hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaa fi naannoo, Abbootiin Gadaa, maatii atileetota beekamoo addunyaa kanneen akka Xuruneesh Dibaabaa, atileetonni profeeshinaalaa 1,400 ol, akkasumas jiraattonni Magaalaa Bishooftuu fi deeggartoonni 50,000 ol hirmaataniiru.
Fiigichi irreechaa 2ffaan mata duree “irreechi walii galtee biyyaalessaaf” jedhuun Biishooftuutti gaggeeffamaa jira
Oct 1, 2026 73
Fulbaana 21/2019 (ENA)- Jala bultii ayyaana irreechaa 2019 ilaalchisuun fiigichi irreechaa 2ffaan mata duree “irreechi walii galtee biyyaalessaaf” jedhuun Biishooftuutti gaggeeffamaa jira. Irreechi ayyaana galateeffannaa, araaraa, jaalalaa fi tokkummaa ta’uun olitti, sabaa fi sab lammoota garagaraa bakka tokkotti kan fidu akkasumas waliigaltee,nageenyaa fi obbolummaa kan cimsu waltajjii waloo ta’aa dhufeera. Ayyaanni irreechaa aadaa fi duudhaa Oromoo dhalootarraa dhalootatti dabarsuurra darbee, garaagarummaa keessatti walkabajaa fi jaalala guddisuun Itiyoophiyaaf qabeenya waloo ta’uudhaan biyya keenya sadarkaa idil addunyaatti beeksisaa jira. Kaayyoon fiigichi daandiirraa kun irreechi waltajjii obbolummaa, tokkummaa fi dhiifamaa ta’uusaa addunyaaf beeksisuudhaan hawattummaasaa guddisuu akka ta’e ibsameera. Atileetonni biyya keessaa fi biyya alaa akkasumas namoonni kuma 50 caalan fiigicha irreechaa daandiirraa km. 10 fagaatu kanarratti hirmaachaa jiru.
Atileettonni Itoophiyaa maratoonii Barliin koorniyaa Lamaaniinuu Injifatan
Sep 27, 2026 545
Fulbaana 17/2019 (ENA): Maratooniin Barliin 52ffaan har'a ganama gaggeeffameera. Dubartootaan atleetiin Tigist Asaffaa sa'aatii 2, daqiiqaa 11 fi sekondii 04n injifatteetti. Atileetiin kun Maratoonii Barliin yoo injifattu kan ammaa yeroo sadaffaadhaaf. Dhiiraan atileetiin Guyyee Adoolaa sa'aatii 2, daqiiqaa 2 fi sekondii 51n injifataa ta'eera. Kanaan dura waggaa shan dura dorgommicha injifateera. Atleetiin kun dorgommii waggaa darbeerratti sadarkaa 4ffaan xumuruun isaa kan yaadatamudha.
Maratoonii Barliin Atleetonni Itoophiyaa hawwiin kan Eegaman
Sep 27, 2026 304
Fulbaana 17 / 2019 (ENA) Maratoonii Barliin 52ffaan har'a waaree dura ni gaggeeffama. Dorgommiin koornyaawwan lamaaniinuu taasifamu kun xiyyeeffannoo jaallattoota atileetiksii addunyaa harkiseera. Dorgommii dubartootaan Tigist Asaffaa, Deeraa Diidhaa, Badhaatuu Hirphaa, Zaynabaa Yimar, Bosonaa Mulaatee, Misgaanaa Alamaayyoo, Baqqalech Guddataa, Gaaddisee Muluu, Eebbisee Addunyaa, Aminaat Ahimad fi Alam addis Iyyaayyuu atIleetota Itoophiyaa dorgommicharratti hirmaatanidha. Atileet Tigist Asaffaa A.L.A bara 2022 fi 2023tti dorgommii Maratoonii Barliin mo’achuun ishee ni yaadatama. Dorgommii bara 2023 irratti sa'aatii 2:11:53n xumuruun, rikkoordii addunyaa Atileet Keeniyaa Birjid Kosgeyi sa'aatii 2:14:04n qabamee ture daqiiqaa 2 fi sakondii 11n fooyyessuun rikkoordii addunyaa haaraa galmeessuun ishee ni yaadatama. Haa ta’u malee rikkoordiin kun yeroo ammaa sababa qoricha humna dabaluun kan dhorkamte lammii Keeniyaa Ruut Cheppingetichiin A.L.A bara 2024 dorgommii Maratoonii Chikagoo irratti cabeera. Yeroo sanatti sa'aatiin ishee galmeessite sa'aatii 2:09:56 ture. Atileet Tigist Asaffaa yeroo sadaffaaf dorgommicha ni moo'atti jedhamee tilmaamni kennameera. Dorgommii Maratoonii Barliin bara darbee irratti dorgommii xumuruun sadarkaa 2ffaa kan baate Deeraa Diidhaa atleetii biraa kan eeggamtudha. Injifattuu dorgommii Maratoonii Barliin kan yeroo ammaa kan taate atleet Keeniyaa Rozimarii Wanjiruu dorgoommii cimaa ni taasisti jedhamee eeggama. Dhiiraan dorgommii kanaan Geetaaneh Mollaa, Shuraa Qixxaataa, Milkeessaa Mangashaa, Guyyee Adoolaa, Salomoon Bareegaa fi Cimdeessaa Dabalee ni hirmaatu. Maratoonii Barliin 51ffaa irratti Cimdeessaa Dabalee sadarkaa 3ffaa, Guyyee Adoolaa immoo sadarkaa 4ffaa ba'uun isaanii ni yaadatama. Mootichi dorgommii fageenya dheeraa atleet Qananiisaa Baqqalaa jalqaba irratti dorgommicha irratti ni hirmaata jedhamee kan ture yoota’u , odeeffannoowwan ba'aniin garuu dorgommii har'aa irratti akka hin hirmaanne ibsameera. Maratoonii Barliin 51ffaa irratti kan mo'atte atileetii Keeniyaa Saabaasiistiyaan Saawees dorgommicha irratti ni hirmaata jedhamee yoo eeggamuus, yeroo shaakalaatti miila isaa irratti miidhaa qaqqabeen dorgommichaa ala ta'uuf dirqameera. Eerik Saangii fi Riichaard Yaatoor atleetota Keeniyaa irraa eeggamanidha. Koorniyaawwan lamaaniinuu atleetotni Itoophiyaa ni eeggamu. Atleetota dorgommicha irratti hirmaataniif badhaasni Yuuroo kumaa 230 ol qophaa'eera. Itti dabalees, atleetii rikkoordii bakki dorgommiichaa qabu fooyyesseef yuuro doolaara kuma 30, Atileetii rikkoordeii Idil- addunyaa cabseef immoo badhaasa dabalataa yuuroo kuma 50 ni argata Maratooniin Barliin A.L.A bara 1974 jalqabame, dorgommiiwwan maratoonii gurguddoo addunyaa ja'an keessaa isa tokko ta'uun kan beekamudha.
Atileetikoo Maadiriid Riyaal Maadiriidiin injifate
Sep 21, 2026 1080
Fulbaana 11/2019(ENA): Tapha Laaliigaa Ispeen Maadiriid darbii Atileetikoo Maadiriid Riyaal Maadiriidiin 2 fi 1'n injifate. Taphichaan goolii injifannoof isaan geessifte kan lakkoofsisan Aleeksi Giriimaaldoo fi Joonaataan Deeviid yoo ta'an, Riyaal Maadiriidiif galchii tokko kan lakkoofsise immoo Antooniyoo Ruudiigar dha. Yeroo ammaa kanatti sadarkaa Laaliichaan Atileetikoo Maadiriid qabxii 16'n sadarkaa 2ffaa yoo qabatu, Riyaal Maadiriud immoo qabxii 15'n sadarkaa 3ffaa qabateera. Liigichaan taphoota walitti aanan 7 injifachuun Baarseeloonaan qabxii 21'n dursaa jira. See less
Tapha Maanchister Yunaayitid fi Fuulhaam Gidduutti gaggeeffamen wal qixa xumurame
Sep 21, 2026 702
Fulbaana 10/2019 (ENA): Tapha Pirimeeyeer liigii Ingilizii torbee 5ffaa har'a Maanchistar Yunaayitid fi Fuulhaam Gidduutti gaggeeffamen gareen lamaan otoo wal hinmo'in walqixxee bahan. Galchii Maanchister Yunaayitid Matiiyaas Kunyaa daqiiqaa 89tti lakkoofsiiseera. Galchii Fuulhaam Taphataan Maanchister Yunaayitid Maartineez garee isaarratti daqiiqaa 63ffaarraatti lakkoofsiiseera. Taphoota liigichaan har'a dursee gaggeeffamen Maanchister Siitiin Saandarlaandii 5 fi 3n injifatera, akkasumas Liivarpuul Boornimaawuuziin 1fi 0 Injifatera.
Taphoota har’aa Maanchistar Siitiin Saandarlaandii waliin, Fuulhaam Maanchistar Yunaayitid waliin fi Boornemaawuz Liivarpuul Waliin taasisan haalan eegama
Sep 20, 2026 811
Fulbaana 10/2019 (ENA): Piriimiyerliigiin Ingiliiz torbee shanaffaan har'a xumurama. Pireemeerliigichaan Har'a taphoonni afur ni gaggeeffamu. Maanchistar Siitiin sa'aatii waaree booda sa’aatii 11:00 irratti istaadiyeemii Itihaaditti Saandarlaandiin ni keessummeessa. Siitiin taphoota afran darban liigichaan injifachuun qabxii 12’n sadarkaa tokkoffaa irra jira. Saandarlaandiin qabxii afuriin sadarkaa 14ffaa irra jirta. Gareen kun taphoota lamaan darban irratti injifannoo hin arganne. Maanchistar Siitiin yoo injifate qaawwa Arsenaal waliin qaban gara qabxii sadiitti guddisa. Arsenaal kaleessa Biraayitan irratti 3 fi 0’n mo'ame. Saandarlaandiin gara daandii injifannootti deebi'uuf garee qe'ee isaanii qormaata keessa galchuuf ni ilaala. Fuulhaam galgala sa'aatii 12:30tti Maanchistar Yunaayitid ‘Craven Cottage’ irratti keessummeessa. Abbaan dirree Fuulhaam sadarkaa 20ffaa irraa qabxii tokkoon fagaatee jira. Maanchistar Yunaayitid gama isaan taphoota lamaan darban injifachuu dadhabuun qabxii afuriin sadarkaa 13ffaa irra jira. Tapha birootiin Boornemaawuz har’a waaree booda sa'aatii 10tti Istaadiyeemii ‘Vitaalitii’ irratti Liivarpuul keessummeessa. Boornemaawuz qabxii sadiin sadarkaa 16ffaa irratti argama. Liivarpuul qabxii 6’n sadarkaa 10ffaa irra jira. Liidsi Yunaayitid waaree booda sa'aatii 10tti Istaadiyeemii Laandi Rood irratti Kiristaal Paalaas waliin taphata. Miidiyaa Dijitaalaa ENA hordofaa- https://www.ena.et/web/links
Fiigicha shaampiyoonaa idil addunyaa daandiirraa isa xumuraa atileetonni Itiyoophiyaa meedaaliyaa argatu jedhamee eegamu har'a gaggeeffama
Sep 20, 2026 524
Fulbaana 10/2019 (ENA): Fiigicha shaampiyoonaa idil addunyaa daandiirraa isa xumuraa atileetonni Itiyoophiyaa meedaaliyaa aragatu jedhamee eegamu har'a gaggeeffama. Shaampiyoonaan Daandii Atileetiksii Addunyaa 2ffaan har’a xumurama. Guyyaa xumuraa shaampiyoonaa kanaatti dorgommiin xumuraa lama ni gaggeeffama. Dorgommiin xumuraa walakkaa maaraatoonii dubartootaa sa’aatii 4:10 irratti ni gaggeeffama. Massalech Alamaayyoo, Tsigge Gabrasalaamaa, Zamam Barakiinaa fi Fitaaw Zaraayi atileetota Itiyoophiyaa bakka bu'anii hirmaatanidha. Dorgommiin xumuraa walakkaa maaraatoonii dhiiraa ganama sa’aatii 10:45 irratti ni gaggeeffama. Dorgommii kanarratti Balaay Xilahuun, Barakat Naggaa, Bayyellinyi Tashaagar fi Taaddasaa Warquu ni hirmaatu. Itiyoophiyaan kaleessa guyyaa baniinsa shaampiyoonaa kanaan meedaaliyaa warqee tokkoo fi meetii tokko injifatteetti. Shaampiyoonaa Daandii irraa Atileetiksii Addunyaa 2ffaan har'a xumurama.
Itiyoophiyaan shaampiyoonaa fiigicha dirreerraa addunyaatiin meedaaliyaa jalqabaa argatte
Sep 19, 2026 357
Fulbaana 9/2019 (ENA)- Shaampiyoonaan fiigicha daandiirraa addunyaa lammaffaan har’a Deenmaark Koppanhaganitti eegalameera. Dorgommii xumuraa maayilii tokkoo dubartootaan gaggeeffameen atileet Fireewayinii Hayiluu daqiiqaa 4 sakondii 24 maayikiroo sakondii 35niin xumuruun lammaffaa baatee meedaaliyaa meetii argatteetti. Atileetiin Itiyoophiyaa Birqee Hayyaloom 29ffaa bahuun xumurteetti. Lammiin Faransaayi atileet Agaatee Giilmot daqiiqaa 4 fi sakondii 22 fi maayikiroo sakondii 74’n xumuruun tokkoffaa baateetti. Atileetiin Keeniyaa Miiriiya Cheerop sadaffaa baateetti. See less
Dursaan liigichaa Arsanaal Biraayitan waliin ni taphata
Sep 19, 2026 269
Fulbaana 9/2019 (ENA) – Torban shanaffaa oolmaa guyyaa lammaffaa piriimar liigii Ingiliziin taphoonni shan ni gaggeeffamu. Waaree booda sa’aatii 11tti Braayitanii fi Arsanaal Istaadiyeemii Ameeksitti ni taphatu. biraayitan qabxii shaniin sadarkaa jahaffaarratti argama. Shaamiyoonaan liigichaa kan ammaa Arsanaal qabxii 12’n liigicha dursaa jira. Sagantaa turban afraffaatiin Biraayitan dirreesaan alatti reefu kan guddate Kovantarii Siitii 5 fi 0’n mo’uunsaa ni yaadatama. Arsanaal tapha liigichaa afur taphate mo’achuun jalqabbii gaariirra jira. Arsanaal tapha kana yoo mo’ate garaagarummaa qabxii hordofaa Manchistar Siitii gara sadiitti guddifata. Sagantaa biraatiin Totanihaam Hotisparsi Astonviilaa waliin ni taphatu. Totaniham Hotisparsi qabxii lamaan 17ffaa, Astonviilaan qabxii tokkoon sadarkaa gadi bu’aa 19ffaarratti argamu. Evertan Epsiwiich taawun akkasumas Niwukaastil Yunaayitid Hul Siitii waliin yeroo wal fakkaataa waaree booda sa’aatii 11tti ni taphatu. Notiingihaam Foresti Kovantarii Siitii waliin galgala sa’aatii 1:30tti Istaadiyeemii Siitii Giraawunditti ni taphatu. Miidiyaa dijitaalaa ENA hordofaa- https://www.ena.et/web/links See less
Tapha jalqabaa torban shanaffaa liigichaan Bireentifoordi Cheelsii waliin taphatu
Sep 18, 2026 407
Fulbaana 8/2019 (ENA) – Sagantaan torban shanaffaa piriimar liigii Ingiliz har’a eegala. Halkan sa’aatii afuritti Bireentifoordi Cheelsii waliin Istaadiyeemii Jiiteek Komuniitiitti taphatu. Bireentifoordi qabxii jahaan sadarkaa torbaffaarra jira. Morkataansaa Cheelsiin qabxii torbaan sadarkaa jahaffaarra jira. Bireentifoordi taphoota sadii darban, Cheelsiin ammoo taphoota lama darban hin mo’anne. Kilaboonni Landan kunneen taphni mo’achuuf taasisan dorgommiin wal gitu ni taasifama jedhameetu eegama. Sagantaan torban shanaffaa piriimar liigii Ingiliz amma Fulbaana 10 bara 2019tti gaggeeffama.
Gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa waggaa 20 gadii wal qixa bahe
Sep 17, 2026 348
Fulbaana 7/2019 (ENA)-Gulaallii zoonii seekaafaa Waancaa Afriikaa wagga 20 gadiitiin Itiyoophiyaa fi Ruwaandaan 0 fi 0’n gargar bahaniiru. Taphni kun Taanzaaniyaa Istaadiyeemii Uhuruutti gaggeeffame. Akkaataa qabxii kanaatiin Itiyoophiyaan qabxii jalqabaa argatteetti. Gareen biyyaalessaa kun tapha lammaffaa Fulbaana 9 bara 2019 dorgommicha kan qopheessite Taanzaaniyaa waliin taphata. Ramaddii Kanaan tapha dheengadda taphatameen Taanzaaniyaan 3 fi 0’n Ruwaandaa mo’atteetti. Itiyoophiyaan xumura walakkaatti darbuuf Taanzaaniyaa mo’achuu qabdi. Gulaalliin zoonii Seekaafaa waancaa Afriikaa wagga 20 gadii Fulbaana 5 bara 2019 irraa eegalee gaggeeffamaa jira. Biyyoonni sagal ramaddii sadiitti qoodamanii dorgommii taasisaa jiru. Gulaallii Kanaan biyyoonni xumuraaf qaqqaban lama riijinicha bakka bu’uun waancaa Afriikaa wagga 20 gadii A.L.A bara 2027 Gaanaatti gaggeeffamurratti hirmaatu. Gulaalliin zoonii seekaafaa amma Fulbaana 15 bara 2019tti ni gaggeeffama.
Manchistar Yunayitid dorgommii Kaaraabaa’oo kaap irraa gaggeeffame
Sep 17, 2026 340
Fulbaana 7/2019 (ENA)-sagantaa sadaffaa Kaaraabaa’oo Kaap Ingiliziin Biraayitan Manchistar Yunaayitidiin 3 fi 2’n mo’ateera. Tapha kaleessa galgala Istaadiyeemii Olditiraafoolditti taphatameen Manchistar Yunayitid 2 fi 0’n duraa ture. Biraayitan galchii sadii lakkoofsiseen mo’achuu danda’eera. Haala Kanaan Biraayitan gara marsaa afraffaatti yoo darbu Manchistar Yunaayitid gaggeeffameera. Sagantaalee birootiin Astonviilaan Koventarii Siitii 3 fi 1’n, Everton Wolvisiin, akkasumas Filiitwud Shefildi Yunaayitidiin qabxii wal fakkaataa 1 fi 0’n mo’achuun marsaa itti aanutti darbaniiru. Sagantaan marsaa sadaffaa Kaaraabaa’oo Kaap Waancaa kan of harkaa qabu Manchistar Siitii fi Leestar Siitiin tapha boru taphataniin xumurama.
Obbo Isaayyaas Jiraa Pirezidantii Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa ta'uun filataman
Sep 15, 2026 664
Fulbaana 5/2019(ENA) Obbo Isaayyaas Jiraa yeroo 3ffaaf walitti aansuun Pirezidantii Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa ta'uun filatamaniiru. Federeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa yaa'ii waliigalaa 18ffaa adeemsisaa kan jiru yoo ta'uu Obbo Isaayyaas Jiraa irra deebiin yeroo 3ffaaf Federeshinicha Pirezidaantummaan akka gaggeessaniif filatamaniru. Obbo Isaayyaas bara bulchiinsa isaanii waggoota 4'n itti aanan keesssatti misooma kubbaa miilaa Itoophiyaa caalmaatti guddisuu dabalatee gareen biyyaalessaas waltajjii gurguddaa irratti akka hirmaatuuf kutannoon kan hojjetan tahuu waadaa galaniiru. Obbo Isaayyaas Jiraa sagalee 88 keessaa sagalee 81 argachuun waggoota 4 itti Aanan Pirezidaantummaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa irra deebiin gaggeessuuf filatamaniiru.
Taphoota har'a galgala taphatamuuf karoorfaman
Sep 15, 2026 389
Fulbaana 05/2019(ENA): Taphoota har'a galgalaaf karoorfaman keessaa muraasni: ●Taphoota waancaa Kaaraabaa'oo marsaa 3ffaatiin 3:45 Weestaam Yuunaayitid vs Fuulhaam 4:00 Ipisiwiich Taawoon vs Arseenaal 4:00 Liveerpuul vs Tooteenhaam 4:00 Reediingi vs Bireentifoordi ●Torbee 6ffaa Laaligaa Ispeen 2:00 Raayoo Vaayookaanoo vs Ispaanyool 3:00 Dipoortivoo Alaavis vs Vaaleenshiyaa 4:30 Eelchee vs Riyaal Maadrid
Taphni Darbii Maanchistar yeroo 199ffaa har’a gaggeeffamen olaantummaa Maanchister siitiin xumuramera
Sep 14, 2026 457
Fulbaana 3/2019 (ENA)፦ Piriimeer Liigii Ingiliiziittin tapha torbe 4ffaattin, Maanchistar Yunaayitid fi Maanchistar Siitiin har’a tapha darbii magaalaa Maanchistariin waliin taphataniin Maanchister siitin galchii 1 fi 0 injifatera. Erliing Haalaand Daqiiqaa 60 irratti galchii lakkoofsiiseen Gareen isaa akka injifatuu taasiseera. Taphni cimaan torbee kana galgala sa’aatii 12:30 irratti Istaadiyeemii Old Tiraaforditti gaggeeffamen olaantummaa Siitin xumurame jira. Tapha kanaan Taphatan Maanchister siitii Fiil Fodaan Balleessa hojjateen tapha boqonnaa duraan kaardii diimaa Dirree keessa bahera. Kana booda daqiiqaa hafaan kilabichi taphataa kudhaniin taphachuuf dirqameera
Darbiin Maanchistar yeroo 199ffaa har’a gaggeeffama
Sep 13, 2026 565
Fulbaana 3/2019 (ENA)፦ Piriimeer Liigii Ingiliiziittin tapha torbe 4ffaattin, Maanchistar Yunaayitid fi Maanchistar Siitiin har’a tapha darbii magaalaa Maanchistariin waliin taphatu. Taphni dorgommii cimaa ta’e kun galgala sa’aatii 12:30 irratti Istaadiyeemii Oold Tiraaforditti ni gaggeeffama. Maanchistar Yunaayitid qabxii 4’n sadarkaa 13ffaa irratti argama,Maanchistar Siitiin immoo qabxii 9’n sadarkaa lammaffaa irra jira. Kilaboonni lameen kun dorgommiiwwan hunda keessatti yeroo wal qunnaman, kun yeroo 199ffaa dha. Taphoota 198 kanaan dura taphatan keessatti, Maanchistar Yunaayitid yeroo 81 mo’achuun dursaa yoo ta’u, Maanchistar Siitiin yeroo 63 injifateera. Taphoota 54n immoo walqixa xumuramaniiru. Piriimeer Liigii keessatti yeroo 58 walitti kan dhufaan yoo ta’u, Maanchistar Yunaayitid yeroo 27 yoo injifatu, Maanchistar Siitii yeroo 21 injifateera. Taphoota 10 hafan irratti immoo walqixa xumuramaniiru. Taphoota liigii isaanii shanan darban keessatti, kilaboonni lameen tokkoon tokkoon isaanii yeroo lama injifataniiru. Tapha tokko irratti immoo walqixa xumuramaniiru. Maanchistar Yunaayitidii fi Maanchistar Siitiin kilaboota magaalaa tokkoo kanneen bara dheeraa wal dorgomaa turanidha. Kilaboonni lameen yeroo jalqabaaf bara 1881 walitti dhufanii kan taphatan yoo ta’u, tapha sana Maanchistar Yunaayitid goolii 3 fi 0’n injifateera. Kilaboonni lameen tapha isaanii isa jalqabaa irraa eegalee waggoota 145f dorgommii cimaa Ingiliizii fi sadarkaa Awurooppaa irratti gaggeessaa turaniiru. Maanchistar Yunaayitid waancaa liigichaa yeroo 20 moo’achuun kilaboota Ingiliizii keessatti dursaa yoo ta’u, Maanchistar Siitii immoo yeroo 10 waancaa liigichaa moo’ateera. Kilaboonni lameen yeroo dhumaaf Piriimeer Liigii keessatti kan wal qunnan Guraandhala 2018 yoo ta’u, yeroo sanatti Maanchistar Yunaayitid goolii 2 fi 0’n injifachuun isaa ni yaadatama. Maanchistar Yunaayitid torban sadaffaa keessatti Evarton waliin 2-2n walqixa baheera. Har’a ammoo gara mo’ichaatti deebi’uuf kaayyoo guddaa qabaachuun dirree seena. Morkataan magaalaa isaa Maanchistar Siitiin immoo taphoota liigii sadan jalqabaa hunda injifateera. Har’a yoo injifate, dursummaa liigii Arsenaal irraa deebi’ee fudhachuuf carraa qaba. Tapha har’aa irratti dorgommii walqixa fi hawwataa ta’e akka mul’atu ni eegama. Abbaan murtii umuriin isaa waggaa 41 Mikaa’el Olivar, tapha darbii eegamaa jiru kana ni dursu. Guyyaa har’aa sagantaan taphaa biraa Koovantarii Siitii fi Biraayiton gidduutti kan gaggeeffamu yoo ta’u, sa’aatii 10:00 irraa eegalee ni taphatu.
Baayer Muniik Boodoo Giliimti fi Maanchistar Yunaayitid Saabaah waliin ni taphatu
Sep 10, 2026 699
Qaam’ee 5/2018 (ENA)-Sagantaan shaampiyoonsi liigii Awurooppaa boqonnaa liigii marsaa jalqabaa har’a xumurama. Baayer Muniik halkan keessaa sa’aatii afuritti kilaba Noorweeyi Bodii waliin Istaadiyeemii Aliyaanzi Areenaatti ni taphata. Sagantaa biraatiin Manchistar Yunaayitid fi Saabaah halkan keessaa sa’aatii afuritti Istaadiyeemii Oldtiraafoorditti ni taphatu. A.L.Atti bara 2017 kan hundeeffame kilaba Azarbaajaan kan ta’e Saabaah yeroo jalqabaaf shaampiyooni liigiitti hirmaata. Sagantaalee birootiin yeroo jalqabaaf shaampiyoonsi liigiitti kan hirmaatu kilabni Xaaliyaanii Koomoo Arbii Layipziig fi Silaaviyaa Piraag Leensi waliin sa’aatii wal fakkaataa halkan sa’aatii afuritti ni taphatu. Fiinerbaachee Roomaa waliin akkasumas PSV Ayindihoven Shaakaataar Doneski waliin sa’aatii wal fakkaataa galgala sa’aatii 1 fi daqiiqaa 45tti ni taphatu.
Guyyaa jalqabaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa bara dorgommii haaraattti
Sep 8, 2026 639
Qaammee 3/2018(ENA): Dorgommiiwwan kubbaa miilaa addunyaa gurguddoo keessaa tokko kan ta'e Shaampiyoonsi Liigiin Awurooppaa turtii ji'ootaa booda har'a eegalama. Dorgommichi bifa haaraan gaggeeffamuu erga jalqabee kun bara dorgommii 3ffaadha. Dorgommichaan har'a taphoonni jaha yoo taphataman, galgala sa'aatii 4:00tti taphni Riyaal Maadriid, Intarmiilaan waliin Saantiyaagoo Barnaabaawoo irratti taphatu xiyyeeffannoo argateera. Shaampiyoonaan dorgommichaa yeroo 15'n Riyaal Maadriid, waggoota lamaan darban waancaa irraa fagaatee turus, kilabicha irra deebiin leenjisummaan kan fudhatan Joosee Mooriinoo fi kilabichatti kan makame taphataa akka Kiliyaan Mbaappeefaa qabatee bara dorgommichaa eegaleera. Shaampiyoonii Awurooppaa yeroo 3 kan ta'e Intarmiilaan dorgommii baraa haaraa Seeri ‘A’ Itaaliitiin taphoota jalqabaa sadi injifachuu danda'eera. Shaampiyoonsi Liigiin waancaa isaa jalqabaa kan fudhate garuu waggoota 16 dura akka lakkoofsa awurooppaa bara 2010 Leenjisaa Riyaal Maadriid ammaa Joosee Moriinoon wayita durfamu ture. Dorgommii Shaampiyoons Liigii kanaan Maanchester Siitiin gara Istaadiyoo De Diraagaawoo imaluun sa'aatii 4tti Poortoo waliin taphata. Kana malees Astoviilaan sa'aatii 1:45tti gara Siwiizarlaandi imaluun Kilab Biruuzhin waliin yoo taphatu, galgala sa'aatii 4:00tti Boruushiyaa Doortimundi ammoo Viyaariyaal keessummeessa
Tapha torbee sadaffaa Pirimeeyeer Liigii Ingilizii har'a gaggeeffamen Arsenaal yoo injifatu, Maanchister Yunaayitid qixa ba'e
Sep 7, 2026 595
Qaammee 1/ 2018(ENA) - Darbiin Landan 216ffaan olaantummaa Arsenaaliin xumuramun,Arsenaal galchii 2 fi 1'n Cheelsii injifateera. Kaayi Haavartiizii fi Maartiin Oodiigaardii galchiiwwan Arsenaal injifannoo goonfachiisan tokko tokko galchaniiru. Kanaanis Arsenaal piriimeer liigichaan taphoota 3 walitti aansuun injifateera. Moorgaan Roojarsi ammoo galchii tokkoottii Cheelsii injifatamuurraa hin oolchine galcheera. Liigichaan Cheelsiin ALA 2021 kaasee Arsenaal Injifate hin beeku. Liigichaan Tapha dursee gaggeeffamen Maanchister Yunaayitid Eevartoon waliin 2 qixa xumuraniiru. Biraan Mibeemoofi Beenjaamiin Sheeskoon galchii Yunaayitid yoo lakkoofsisan Taayirik Joorji fi Maatiilaand Naayiliis Eevartooniif goolii galchuun qixa bahaniira.