Ispoortii - ENA Afaan Oromoo
Ispoortii
Haarii Keen - Injifataa Baaloondoor (Ballon d'Or) 2026 ta’e
Oct 27, 2026 417
Onkololessa 17/2019(ENA): Taphataan sarara fuulduraa Kilaba Baayerni Muunik Haarii Keen injifataa Baaloondoor (Ballon d'Or) kan bara 2026 ta’eera. Keen badhaasa kana mo'achuudhaan taphataa lammii Ingilaandi waggaa 25 booda kabaja kana argatedha. Lammii Ingilaandi ta'ee yeroo dhihootti badhaasa kana kan injifate, Maayikil Oowen bara 2001 keessa ture. #Mootummaa Ida’amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links
Gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa wagga 17 gadii Waancaa Afriikaaf sadaffaa ta’ee darbuuf Ruwaandaa waliin ni taphata
Oct 19, 2026 1186
Onkoloolessa 9/2018 (ENA)- Gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa wagga 17 gadii gulaallii Seekaafaa Waancaa Afriikaa gitasaa Ruwaandaa waliin tapha sadarkaa har’a ni gaggeessa. sadaffaa ta’ee darbuuf Ruwaandaa waliin ni taphata Taphni garee lamaanii har’a guyyaa keessaa sa’aatii 7tti Ruwaandaa Kiigaalii Istaadiyoomii Peeleetti ni gaggeeffama. Gareen kun Ruwaandaa waliin gaggeessu yoo mo’ate Waancaa Afriikaaf darbuusaa ni mirkaneeffata. Fulbaana 30 bara 2019 irraa eegalee qopheessummaa Morookoon gaggeeffama kan ture gulaalliin Seekaafaa Waancaa Afriigaa wagga 17 gadii har’a xumurama. Biyyoonni dorgommii Kanaan tokkoffaa amma sadaffaa bahan zoonii Seekaafaa bakka bu’uudhaan Waancaa Afriikaa wagga 17ffaa wagga 17 gadii A.L.A 2027 Morookoon qopheessiturratti akka hirmaatan odeeffannoon federeeshiniinn kubbaa miilaa Afriikaa(Kaaf) ni mul’isa. Moorookoo dabalatee biyyoonni 16 dorgommii kanarratti ni hirmaatu. See less
Atileet Taammiraat Tolaa Maaratooni Beejingi qabxii olaanaa galmeessuun ta’een injifate
Oct 18, 2026 985
Onkoololeessa 8/2019 (ENA) Atileet Taammiraat Tolaa dorgommii Maaratoonii Beejingi rikkoordii haaraa fooyyessuun injifateera. Ramaddii dubartootaatiin dorgommii gaggeeffameen immoo atileet Anchiin aaluu Dassee injifachuu dandeesseetti. Atleetoonni Itoophiyaa dorgommii maaraatoonii Beejingi kan bara 2026 kanaan, atileet Taammiraat Tolaa qabxii haaraa galmeessisuun injifannoon xumureera. Atileet Taammiraat Tolaa dorgommii kana sa’aa 2 fi daqiiqaa 03 fi sekondii 10n xumuruun, qabxii dorgommii duraanii daqiiqaa afuriin fooyyessuun dandeettii ajaa’ibsiisaa agarsiiseera.
Taphni Arsenaal fi Nottingiham Forest, akkasumas Manchesteer yuunaayitidii fi Liidsi yuunaayitid Sagantaawwa hawwiin eegamanidha
Oct 18, 2026 915
Onkoloolessa 8/2019 (ENA) Taphoota torbee 7ffaa Piriimeer Liigii Ingilaandi guyyaa lammaffaa har'a taphooni afur ni gaggeeffamu. Galgala sa'aatii 12 fi daqiiqaa 30 irratti Nottingiham Foresti Arsenal waliin Istaadiyeemii Siti Giraawundiitti ni taphatu. Nottingiham Forest qabxii shan qabaachuudhaan sadarkaa 17ffaa irratti argama. Shaampiyooniin liigii yeroo ammaa Arsenal qabxii 15 dhaan sadarkaa lammaffaa irratti taa'eera. Keessummeessaan Foresti taphoota liigii darban lamaanmoo injifatamuu dabarsaniiru. Sagantaan kun gara injifannoo deebi'uuf kan taasifamu dha. Torbee ja'affaatti Leedsi United 2 fi 1 injifachuun gara injifannoo deebi'e Arsenaal deemsa injifannoo isaa itti fufuuf ni tapha. Arsenaal yoo injifatan garagaraa qabxii Liigii durfamaa Manchester Siitii waliin qaban gara sadiitti gadi buusu. Sagantaa biraa irratti Liidsi yuunited Manchester yuunaayitid waliin Istaadiyeemii ayilaandi Rooditti waaree booda sa'aatii 10 irratti tapha isaanii ni gaggeessu. Keessummeessaan Leedsi qabxii sagal qabaachuudhaan sadarkaa 8ffaa irratti argama. Dorgomaan isaa Manchisteer Yuunaatid qabxii ja'aan sadarkaa 14ffaa irratti argama. Liids yuunaayitid taphoota lamaan darban, Manchister yuunaayitid immoo sagantaawwan liigii afur darban injifachuu hin dandeenye. Kilaboonni lamaan gara injifannoo deebi'uuf tapha taasisan dorgommii wal-madaalaa akka qabu ni eegama. Sagantaawwan biroo irratti Birayitan Kiristaal Paalaas waliin, akkasumas Boornimaawuz Sanidar Laandi waliin walduraa duubaan waaree booda sa'aatii 10 irratti tapha isaanii ni taasisu.
Dorgommii Maaraatoonii Atileetiksii Toroontoo fi Amisteerdaam irratti Atileetonni Itoophiyaa hawwiidhaan eegamu
Oct 18, 2026 742
Onkoloolessa 8/2019 (ENA) Maaraatooniin Toorontoo 37ffaan har'a waaree booda sa'aatii sagal irraa eegalee ni gaggeeffama. Dorgommicharratti Koorniyaa lamaaniinuu atileetoonni Itoophiyaa 11 ni hirmaatu. Dubartootaan Ayinaadis Tashoomee, Maarituu Katamaa, Nigisti Haaftuu, Zawdiituu Adaraaw, Ilfinash Damsee fi Qabbanee Caalaa ni hirmaatu. Maaraatoonii Siyeel bara kanaarratti sa'aatii 2 fi daqiiqaa 20 sekondii 51 galuun kan injifatte Ayinaadis Tashoomee dorgommicha ni injifatti jedhamuun atileetota hawwiin eegaman keessaa tokko dha. Yeroon isheen itti seentes yeroo fooyyee dhuunfaa fageenyichaa ti. Sa'aatiin 2 fi daqiiqaa 16 sekondii 07 yeroo fooyyee dhuunfaa ishee kan ta'e Maarituu Katamaanis atileetii biraa kan eegamtu dha. Atileetonni lammii Keeniyaa Ruut Chebitook fi Biitriis Cheseerek dorgomtoota cimoo atileetota Itoophiyaa ta'u jedhamuun eegamu. Dinqalaam Ayyaalaa, Gizaalaw Ayyaanaa, Limanih Geetaachaw, Yismaaw Axinaafuu fi Fiqaaduu Liichee Atileetota Itoophiyaa dhiirootaa hirmaatanidha. Sa'aatii 2 fi daqiiqaa 6 sekondii 43 yeroo dhuunfaasaa kan fooyyeefate qabu Dinqalaam Ayyaalaa atileetota tilmaama injifannoo argatan keessaatti argama. Akkasumas Gizaalaw Ayyaanaa Atileetii biraa kan eegamu yoo ta'u, sa'aatii 2 fi daqiiqaa 5 sekondii 35 yeroo fooyyee dhuunfaasaa qaba. Dhiirootaan injifataan Maaraatoonii Toorontoo yeroo ammaa atileetiin lammii keeniyaa Leeyonaardi Laangaat fi atileetiin biyyattii biraa Elviis Cheboy dorgommicharratti ni eegamu. Maaraatoonii Toorontoo 37ffaarratti koorniyaa lamaaniinuu atileetonni 44 ni hirmaatu. Atileetota kana dabalate namoonni kuma 30 ol hirmaattota dha. A.L.A bara 1990 kan jalqabame Maaraatoonii Toorontoo dorgommii Atileetiksii Addunyaatiin beekamtii kan qabu (World Athletics Elite Label Road Race) dha. dabalataanis Maaraatoonii Amisteerdaam 50ffaan har'a ganama sa'aatii afur irraa eegalee ni gaggeeffama. dorgommichaan Dubartoota injifatan yeroo ammaa Ayinaalam Dastaa ni eegamti. Masarat Ballaxxaa, Buuzee Dirribaa, Mastaawot Fiqiree fi Yashii Kaalayyuu dorgommicharratti ni hirmaatu. Dhiirootaan Lammii Birhaanuu, Tsaggaayee Geetaachoo fi Hayimaanot Aleewu kan hirmaatan ta'u. Maaraatoonii Amisteerdaam sadarkaa Pilaatiiniyamii Atileetiksii Addunyaatiin kan kennameefiidha. Miseensa Maatii Dijiitaalaa ENA ta’aa https://linktr.ee/ENADigital #BiyyaGuddoo,UmmataGuddaa#Mul'ataGuddaa!
Bunni Itiyoophiyaa Qiddus Goorgisiin 2 fi 1’n mo’ate
Oct 17, 2026 443
Onkoloolessa 7/2019(ENA)-Piriimar Liigii Itiyoophiyaa tapha darbii torban lammaffaatiin Bunni Itiyoophiyaa Qiddus Goorgisiin 2 fi 1’n mo’ateera. Bafiqaaduu Alamaayyoo daqiiqaa 57ffaa, Okaayi Juul daqiiqaa 75ffaatti Bunaaf yoo galchan, Amaanu’eel Erboo daqiiqaa 82ffaatti Qiddus Goorgisiif galcheera. Xumura tapha kanaatti taphattoonni garee lamaanuu kaardii diimaadhaan dirreerraa bahaniiru. Bunni Itiyoophiyaa mo’achuusaatiin sadarkaa 14ffaa irraa 7ffaatti yoo guddatu, Qiddus goorgis 9ffaarraa gara 13ffaatti gadi bu’eera.
Cheelsiin Evertan mo’achuun sadarkaasaa gara afraffaatti guddifate
Oct 17, 2026 271
Onkoloolessa 7/2019 (ENA)-Piriimar liigii Ingiliz torban toorbaffaa sagantaa jalqabaatiin Cheelsiin Evrtaniin 2 fi 0’n mo’ateera. Tapha Istaadiyeemii Hiil Dikiinsanitti gaggeeffameen Peedroo Neetoo daqiiqaa 46ffaa fi 90ffaatti gooliiwwan lama galcheera. Cheelsiin qabxii 13’n sadarkaa afraffaatti guddifateera. Evertan qabxii 10niin sadarkaa jahaffaatti gadi siqeera.
Finfinnee bakka turizimii ispoortii taasisuuf hirmaannaan jiraattota magaalattii murteessaa ta’uun ibsame
Oct 17, 2026 238
Omkoloolessa 7/2019(ENA)- Finfinnee bakka turizimii ispoortii taasisuuf hirmaannaan jiraattota magaalattii murteessaa ta’uu Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ibsan. Ispoortiin fayyaaf, tokkummaaf, michoomaaf akkasumas guddina turizimii fi dinagdee magaalattiif gumaacha olaanaa akka qabus eeraniiru. Finfinnee bakka turizimii ispoortii gochuu hirmaannaan jiraattota magaalattii hundaa murteessaa ta’uu kan eeran kantiibaa Adaanech, hojmaattonni dargaggoota, dubartoota, qama miidhamtootaa fi kutaalee hawaasaa hunda wal qixxummaan hirmaachisan cimuu akka qaban cimsanii kaasaniiru. Bu’uraalee misoomaa Ispoortii qulqullina qaban babal’isuun, kunuunsuu fi itti gaafatamummaan itti fayyadamuun akka barbaachisu ibsanii, guddinni ispoortii itti gaafatama waloo ta’uusaa fiispoortiirratti hirmaachuun, dargaggoota deeggaruun akkasumas bu’uraalee misoomaa eeguudhaan Finfinnee fooyyee qabdu ijaaruun akka barbaachisu dhaamaniiru.
Dursaan liigichaa Maanchistar Siitiin Epswiich Taawun walii ni taphata
Oct 17, 2026 185
Onkoloolessa 7/2019 (ENA)- Torban toorbaffaan piriimar Liigii Ingiliz har’a eegala. Har’a taphoonni shan ni gaggeeffamu. Waaree booda sa’aatii 11ti Maanchistar Siitiin Epswiicha Taawun waliin ni taphata. Manchistar Siitiin taphoota jaha taphate hundaan mo’atee qabxiin 18’n liigicha dursaa jira. Morkataansaa Epswiich Taawun qabxii 9’n sadarkaa 10ffaarra jira. Sagantaa biraatiin Evertan Cheelsii waliin guyyaa keessaa sa’aatii 8tti Istaadiyeemii Hiil Diikiinsanitti ni taphata. Evertan qabxii 10niin sadarkaa shanaffaarra jira. Morkataansaa Cheelsiin qabxii wal fakkaataa 10niin gooliin caalamee sadarkaa jahaffaarra jira. Guyyaa sa’aatii 10tti Bireentifoordii fi Liivarpuul Istaadiyeemii Jiiteek komuniitiitti ni taphatu. Kilabiin Landan Bireentifoordi qabxii 10niin sadarkaa afraffaarra jira. Morkataansaa Livarpuul qabxii sagaliin sadarkaa saglaffaa qabateera. Sagantaawwan birootiin Fulhaam Huul Siitii waliin waaree booda sa’aatii 11tti, Niwukaastil Yunaayitid Asronviilaa waliin galgala sa’aatii 1:30tti ni taphatu.
Itiyoophiyaan dorgommiiwwan kubbaa harkaa sadarkaa Ardiitti gaggeeffamu ni keessummeessiti
Oct 16, 2026 293
Onkoloolessa 6/2019 (ENA)- Itiyoophiyaan dorgommiiwwan kubbaa harkaa dubartoota guddattoota Afriikaa 34 fi dubartoota shamarran Afriikaa 23ffaa akka keessummeessitu filatamte. Itiyoophiyaan dorgommii kana akka keessummeessitu kan murteesse mana maree konfedereeshinii kubbaa harkaa Afriikaati. Manni marichaa wal gahii idilee Angoolaa Luwaandaatti gaggeesseen guddina ispoortii kubbaa harkaa Itiyoophiyaa keessatti mul’achaa jiruu fi dandeettiin dorgommii keessummeessuuf qabdu filatamuusheef sababa ta’uu ibseera. Federeeshiniin kubbaa harkaa Itiyoophiyaa fi pirezidaantiin baha Afriikaa zoonii 5ii akkasumas miseensi mana maree konfedereeshinii kubbaa harkaa Afriikaa Dr. Fitiih Waldasanbat wal gahii kanarratti hirmaataniiru. Itiyoophiyaan dorgommii kana qopheessuuf qophii ta’uushee pirezidaantichi dubbataniiru. Dorgommii kubbaa harkaa shamarran guddattootaa Afriikaa irratti biyyoonni 34 ni hirmaatu jedhameetu eegama. Dorgommii dargaggootaarratti irratti biyyoonni 15 ol akka hirmaatan odeeffannoon federeeshiniin kubbaa harkaa Itiyoophiyaa ni mul’isa. Dorgommiiwwan sadarkaa Afriikaa kun A.L.A bara 2027tti gaggeeffamu.
Gareen Madaaltota teeknikaa Kofedereeshiniin kubbaa Miilaa Afriikaa Finfinnee galan
Oct 15, 2026 280
Onkoloolessa 5/2019 (ENA) Gareen Madaaltota teeknikaa Kofedereeshiniin kubbaa Miilaa Afriikaa (CAF) dandeettii qophii Itoophiyaan Waancaa Afrikaa kan bara 2028 qopheessuuf qabdu madaaluuf Finfinnee seeneera. Ministirri Dargaggoo fi Ispoortii Dr. Akliiluu Taaddasaa ETV akka ibsanitti, gareen kun turtii isaatiin fooyya'insa caasaa ispoortii, sadarkaa istaadiyeemotaa, dame hoteelaa fi keessummeessummaa, akkasumas qophii geejjibaa fi loojistiikii sirriitti madaala. Madaallii Finfinneetti taasisuun alattis, hojiiwwanii fi sochiiwwan misoomaa biyyattii keessatti raawwataman deddeemanii ni daawwatu. Gareen kun odeeffannoo barbaachisu walitti qabee erga xumuree booda, gabaasa walii galaa dhiyeessu irratti hundaa'uun murtoo dhumaa biyya qopheessituu koree hojii Hojii Raawwachiisaa CAF'f kan dhiyeessu ta'a. Itoophiyaan walakkaa jaarraa booda dorgommii Ardii irra deebiin gara biyya isaatti deebisuuf gaaffii dhiyeessuun kan yaadatamudha.
Atileet Tigisti Asaffaa kaadhimamtuu Atileetii Filatamtuu Dubartoota Atileetiksii Addunyaa taate
Oct 6, 2026 1239
Fulbaana 26/2019 (ENA ): Atileet Tigisti Asaffaa kaadhimamtuu Atileetii Cimtuu Dubartoota Atileetiksii Addunyaa bara 2026 keessatti hammatamte. Atileetiksiin Addunyaa har'a atileetota addunyaa kanarraa ciccimoo ta'an 10 koorniyaa lamaanii ifoomsoosera. Kaadhimamtoota dubartoota keessaa atileetii lammii Itoophiyaa Taagisti Asaffaati. Atileet Taagisti kanaan dura Atileeti Cimtuu Dubartoota Atileetiksii Addunyaa bara 2023 fi 2025 ta’uun kaadhimamtee turte. Tibbana Maraatoonii Barliin irratti miidhamaan qoramtee turtus, atileetiin kun sa'aatii 2, daqiiqaa 11 fi sekondii 04’n xumuruun sa'aatii saffisaa addunyaa irratti sadarkaa 3ffaa galmeessiteetti. Akkasumas Maraatoonii Landan bara 2026 irratti sa'aatii 2, daqiiqaa 15 fi sekondii 41’n maaraatoonii dubartootaatiin riikardii addunyaa haaraa galmeessiteetti.
Fiigichi guddichi Irreechaa duudhaalee ayyaana Irreechaa addunyaatti beeksisuuf gahee olaanaa qaba
Oct 1, 2026 1183
Fulbaana 21/2019 (ENA) — Fiigichi Guddichi Irreechaa, fageenya kiilomeetira 10n magaalaa Bishooftuutti gaggeeffame, faayidaa ispoortii, hawaasummaa fi biyyaalessaa cimsuu bira darbee, Ayyaana Irreechaa sadarkaa addunyaatti beeksisuuf gahee olaanaa qabaachuun ibsame. Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Ispoortii Oromiyaa, Aadde Rozaa Biyyaa, sagantaa jalqabbii fiigichaa guddicha Irreechaa irratti ergaa dabarsaniin, ispoortiin nagaa, jaalala, tokkummaa fi obbolummaa ummatootaa cimsuuf gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru. Aadde Rozaan, fiigichi guddaan kun duudhaalee, aadaa fi seenaa Ayyaana Irreechaa hawaasa addunyaatti bal’inaan beeksisuuf waltajjii guddaa ta’uu himaniiru. Kanaaf fiigicha kana osoo walirra hin kutiin waggaa waggaan akka gaggeeffamu kan hojjetamu ta'uu himaniiru. Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu, Obbo Alamayyoo Asaffaa, gamasaaniin, fiigichi kun Bishooftuu giddugala turiizimii caalaatti taasisuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran saffisiisuufi cimsuuf gumaacha olaanaa qabaachuu ibsaniiru. Fiigichi kun waggoota torba booda yeroo lammaffaaf, mata-duree “Irreechaa Waliigaltee Biyyaalessaaf” jedhuun gaggeeffame. Fuuldurattis addaan osoo hin cinne, waggaa waggaadhaan akka gaggeeffamu himaniiru. Dorgommicharratti hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaa fi naannoo, Abbootiin Gadaa, maatii atileetota beekamoo addunyaa kanneen akka Xuruneesh Dibaabaa, atileetonni profeeshinaalaa 1,400 ol, akkasumas jiraattonni Magaalaa Bishooftuu fi deeggartoonni 50,000 ol hirmaataniiru.
Fiigichi irreechaa 2ffaan mata duree “irreechi walii galtee biyyaalessaaf” jedhuun Biishooftuutti gaggeeffamaa jira
Oct 1, 2026 989
Fulbaana 21/2019 (ENA)- Jala bultii ayyaana irreechaa 2019 ilaalchisuun fiigichi irreechaa 2ffaan mata duree “irreechi walii galtee biyyaalessaaf” jedhuun Biishooftuutti gaggeeffamaa jira. Irreechi ayyaana galateeffannaa, araaraa, jaalalaa fi tokkummaa ta’uun olitti, sabaa fi sab lammoota garagaraa bakka tokkotti kan fidu akkasumas waliigaltee,nageenyaa fi obbolummaa kan cimsu waltajjii waloo ta’aa dhufeera. Ayyaanni irreechaa aadaa fi duudhaa Oromoo dhalootarraa dhalootatti dabarsuurra darbee, garaagarummaa keessatti walkabajaa fi jaalala guddisuun Itiyoophiyaaf qabeenya waloo ta’uudhaan biyya keenya sadarkaa idil addunyaatti beeksisaa jira. Kaayyoon fiigichi daandiirraa kun irreechi waltajjii obbolummaa, tokkummaa fi dhiifamaa ta’uusaa addunyaaf beeksisuudhaan hawattummaasaa guddisuu akka ta’e ibsameera. Atileetonni biyya keessaa fi biyya alaa akkasumas namoonni kuma 50 caalan fiigicha irreechaa daandiirraa km. 10 fagaatu kanarratti hirmaachaa jiru.
Atileettonni Itoophiyaa maratoonii Barliin koorniyaa Lamaaniinuu Injifatan
Sep 27, 2026 1215
Fulbaana 17/2019 (ENA): Maratooniin Barliin 52ffaan har'a ganama gaggeeffameera. Dubartootaan atleetiin Tigist Asaffaa sa'aatii 2, daqiiqaa 11 fi sekondii 04n injifatteetti. Atileetiin kun Maratoonii Barliin yoo injifattu kan ammaa yeroo sadaffaadhaaf. Dhiiraan atileetiin Guyyee Adoolaa sa'aatii 2, daqiiqaa 2 fi sekondii 51n injifataa ta'eera. Kanaan dura waggaa shan dura dorgommicha injifateera. Atleetiin kun dorgommii waggaa darbeerratti sadarkaa 4ffaan xumuruun isaa kan yaadatamudha.
Maratoonii Barliin Atleetonni Itoophiyaa hawwiin kan Eegaman
Sep 27, 2026 579
Fulbaana 17 / 2019 (ENA) Maratoonii Barliin 52ffaan har'a waaree dura ni gaggeeffama. Dorgommiin koornyaawwan lamaaniinuu taasifamu kun xiyyeeffannoo jaallattoota atileetiksii addunyaa harkiseera. Dorgommii dubartootaan Tigist Asaffaa, Deeraa Diidhaa, Badhaatuu Hirphaa, Zaynabaa Yimar, Bosonaa Mulaatee, Misgaanaa Alamaayyoo, Baqqalech Guddataa, Gaaddisee Muluu, Eebbisee Addunyaa, Aminaat Ahimad fi Alam addis Iyyaayyuu atIleetota Itoophiyaa dorgommicharratti hirmaatanidha. Atileet Tigist Asaffaa A.L.A bara 2022 fi 2023tti dorgommii Maratoonii Barliin mo’achuun ishee ni yaadatama. Dorgommii bara 2023 irratti sa'aatii 2:11:53n xumuruun, rikkoordii addunyaa Atileet Keeniyaa Birjid Kosgeyi sa'aatii 2:14:04n qabamee ture daqiiqaa 2 fi sakondii 11n fooyyessuun rikkoordii addunyaa haaraa galmeessuun ishee ni yaadatama. Haa ta’u malee rikkoordiin kun yeroo ammaa sababa qoricha humna dabaluun kan dhorkamte lammii Keeniyaa Ruut Cheppingetichiin A.L.A bara 2024 dorgommii Maratoonii Chikagoo irratti cabeera. Yeroo sanatti sa'aatiin ishee galmeessite sa'aatii 2:09:56 ture. Atileet Tigist Asaffaa yeroo sadaffaaf dorgommicha ni moo'atti jedhamee tilmaamni kennameera. Dorgommii Maratoonii Barliin bara darbee irratti dorgommii xumuruun sadarkaa 2ffaa kan baate Deeraa Diidhaa atleetii biraa kan eeggamtudha. Injifattuu dorgommii Maratoonii Barliin kan yeroo ammaa kan taate atleet Keeniyaa Rozimarii Wanjiruu dorgoommii cimaa ni taasisti jedhamee eeggama. Dhiiraan dorgommii kanaan Geetaaneh Mollaa, Shuraa Qixxaataa, Milkeessaa Mangashaa, Guyyee Adoolaa, Salomoon Bareegaa fi Cimdeessaa Dabalee ni hirmaatu. Maratoonii Barliin 51ffaa irratti Cimdeessaa Dabalee sadarkaa 3ffaa, Guyyee Adoolaa immoo sadarkaa 4ffaa ba'uun isaanii ni yaadatama. Mootichi dorgommii fageenya dheeraa atleet Qananiisaa Baqqalaa jalqaba irratti dorgommicha irratti ni hirmaata jedhamee kan ture yoota’u , odeeffannoowwan ba'aniin garuu dorgommii har'aa irratti akka hin hirmaanne ibsameera. Maratoonii Barliin 51ffaa irratti kan mo'atte atileetii Keeniyaa Saabaasiistiyaan Saawees dorgommicha irratti ni hirmaata jedhamee yoo eeggamuus, yeroo shaakalaatti miila isaa irratti miidhaa qaqqabeen dorgommichaa ala ta'uuf dirqameera. Eerik Saangii fi Riichaard Yaatoor atleetota Keeniyaa irraa eeggamanidha. Koorniyaawwan lamaaniinuu atleetotni Itoophiyaa ni eeggamu. Atleetota dorgommicha irratti hirmaataniif badhaasni Yuuroo kumaa 230 ol qophaa'eera. Itti dabalees, atleetii rikkoordii bakki dorgommiichaa qabu fooyyesseef yuuro doolaara kuma 30, Atileetii rikkoordeii Idil- addunyaa cabseef immoo badhaasa dabalataa yuuroo kuma 50 ni argata Maratooniin Barliin A.L.A bara 1974 jalqabame, dorgommiiwwan maratoonii gurguddoo addunyaa ja'an keessaa isa tokko ta'uun kan beekamudha.
Atileetikoo Maadiriid Riyaal Maadiriidiin injifate
Sep 21, 2026 1146
Fulbaana 11/2019(ENA): Tapha Laaliigaa Ispeen Maadiriid darbii Atileetikoo Maadiriid Riyaal Maadiriidiin 2 fi 1'n injifate. Taphichaan goolii injifannoof isaan geessifte kan lakkoofsisan Aleeksi Giriimaaldoo fi Joonaataan Deeviid yoo ta'an, Riyaal Maadiriidiif galchii tokko kan lakkoofsise immoo Antooniyoo Ruudiigar dha. Yeroo ammaa kanatti sadarkaa Laaliichaan Atileetikoo Maadiriid qabxii 16'n sadarkaa 2ffaa yoo qabatu, Riyaal Maadiriud immoo qabxii 15'n sadarkaa 3ffaa qabateera. Liigichaan taphoota walitti aanan 7 injifachuun Baarseeloonaan qabxii 21'n dursaa jira. See less
Tapha Maanchister Yunaayitid fi Fuulhaam Gidduutti gaggeeffamen wal qixa xumurame
Sep 21, 2026 780
Fulbaana 10/2019 (ENA): Tapha Pirimeeyeer liigii Ingilizii torbee 5ffaa har'a Maanchistar Yunaayitid fi Fuulhaam Gidduutti gaggeeffamen gareen lamaan otoo wal hinmo'in walqixxee bahan. Galchii Maanchister Yunaayitid Matiiyaas Kunyaa daqiiqaa 89tti lakkoofsiiseera. Galchii Fuulhaam Taphataan Maanchister Yunaayitid Maartineez garee isaarratti daqiiqaa 63ffaarraatti lakkoofsiiseera. Taphoota liigichaan har'a dursee gaggeeffamen Maanchister Siitiin Saandarlaandii 5 fi 3n injifatera, akkasumas Liivarpuul Boornimaawuuziin 1fi 0 Injifatera.
Taphoota har’aa Maanchistar Siitiin Saandarlaandii waliin, Fuulhaam Maanchistar Yunaayitid waliin fi Boornemaawuz Liivarpuul Waliin taasisan haalan eegama
Sep 20, 2026 1065
Fulbaana 10/2019 (ENA): Piriimiyerliigiin Ingiliiz torbee shanaffaan har'a xumurama. Pireemeerliigichaan Har'a taphoonni afur ni gaggeeffamu. Maanchistar Siitiin sa'aatii waaree booda sa’aatii 11:00 irratti istaadiyeemii Itihaaditti Saandarlaandiin ni keessummeessa. Siitiin taphoota afran darban liigichaan injifachuun qabxii 12’n sadarkaa tokkoffaa irra jira. Saandarlaandiin qabxii afuriin sadarkaa 14ffaa irra jirta. Gareen kun taphoota lamaan darban irratti injifannoo hin arganne. Maanchistar Siitiin yoo injifate qaawwa Arsenaal waliin qaban gara qabxii sadiitti guddisa. Arsenaal kaleessa Biraayitan irratti 3 fi 0’n mo'ame. Saandarlaandiin gara daandii injifannootti deebi'uuf garee qe'ee isaanii qormaata keessa galchuuf ni ilaala. Fuulhaam galgala sa'aatii 12:30tti Maanchistar Yunaayitid ‘Craven Cottage’ irratti keessummeessa. Abbaan dirree Fuulhaam sadarkaa 20ffaa irraa qabxii tokkoon fagaatee jira. Maanchistar Yunaayitid gama isaan taphoota lamaan darban injifachuu dadhabuun qabxii afuriin sadarkaa 13ffaa irra jira. Tapha birootiin Boornemaawuz har’a waaree booda sa'aatii 10tti Istaadiyeemii ‘Vitaalitii’ irratti Liivarpuul keessummeessa. Boornemaawuz qabxii sadiin sadarkaa 16ffaa irratti argama. Liivarpuul qabxii 6’n sadarkaa 10ffaa irra jira. Liidsi Yunaayitid waaree booda sa'aatii 10tti Istaadiyeemii Laandi Rood irratti Kiristaal Paalaas waliin taphata. Miidiyaa Dijitaalaa ENA hordofaa- https://www.ena.et/web/links
Fiigicha shaampiyoonaa idil addunyaa daandiirraa isa xumuraa atileetonni Itiyoophiyaa meedaaliyaa argatu jedhamee eegamu har'a gaggeeffama
Sep 20, 2026 565
Fulbaana 10/2019 (ENA): Fiigicha shaampiyoonaa idil addunyaa daandiirraa isa xumuraa atileetonni Itiyoophiyaa meedaaliyaa aragatu jedhamee eegamu har'a gaggeeffama. Shaampiyoonaan Daandii Atileetiksii Addunyaa 2ffaan har’a xumurama. Guyyaa xumuraa shaampiyoonaa kanaatti dorgommiin xumuraa lama ni gaggeeffama. Dorgommiin xumuraa walakkaa maaraatoonii dubartootaa sa’aatii 4:10 irratti ni gaggeeffama. Massalech Alamaayyoo, Tsigge Gabrasalaamaa, Zamam Barakiinaa fi Fitaaw Zaraayi atileetota Itiyoophiyaa bakka bu'anii hirmaatanidha. Dorgommiin xumuraa walakkaa maaraatoonii dhiiraa ganama sa’aatii 10:45 irratti ni gaggeeffama. Dorgommii kanarratti Balaay Xilahuun, Barakat Naggaa, Bayyellinyi Tashaagar fi Taaddasaa Warquu ni hirmaatu. Itiyoophiyaan kaleessa guyyaa baniinsa shaampiyoonaa kanaan meedaaliyaa warqee tokkoo fi meetii tokko injifatteetti. Shaampiyoonaa Daandii irraa Atileetiksii Addunyaa 2ffaan har'a xumurama.