Akkaadaamiin Leenjii Siviil Aviyeeshinii Itiyoophiyaa biyyoota Afriikaaf jiddugala leenjii filatamaa ta’aa jira-Abbaa taayitichaa - ENA Afaan Oromoo
Akkaadaamiin Leenjii Siviil Aviyeeshinii Itiyoophiyaa biyyoota Afriikaaf jiddugala leenjii filatamaa ta’aa jira-Abbaa taayitichaa

Waxabajjii 24/2017(TOI)- Akkaadaamiin Leenjii Abbaa taayitaa Siviil Aviyeeshinii Itiyoophiyaa biyyoota Afriikaaf hedduuf jiddugala leenjii filatamaa ta’aa akka jiru daarektarri tajaajila reeguleeshinii ernaavigeeshinii fi eeggataan daarektaraa akkaadaamichaa Li’ulsaggad Gullulaat ibsan.
Akkadaamichi bu’a qabeessummaa industirichaaf ogeeyyota horachaa jira jedhan turtii TOI waliin Taasisaniin.
Waggoota dheeraaf naannolee biyyattii garagaraatti to’annaa tiraafika qilleensaa, damee komunikeeshinii fi Naavigeeshin Sarviilaansi(CNC)n ogeeyyota Aviyeeshinii ga’oomaa boddaasaa akka jiru eeraniiru.
Bara kana qofa ogeeyyota 86 leenjisee hojiitti galchuu kaasaniiru.
Akkaadaamichi biyyoota ollaa fi biyyoota Afriikaa biroof leenjii ga’aa kennaa akka jiruu fi fudhatama guddaa argachaa akka jiru dubbataniiru.
Dhihoo kana leenjifamtoota Aviyeeshinii Jibutii, Somaaliyaa akkasumas Komoroosii fi biyyoota biroorraa dhufan leenjisuusaa dubbataniiru.
Biyyoonni Afriikaa hedduun ogeeyyotasaanii akkaadaamii leenjii Aviyeeshinii Itiyoophiyaatti leenjisuuf leenjisuuf filachuusaanii dubbataniiru.
Akkaadaamichi Afriikaa keessaa maqaa gudda fi fudhatama akka qabu kaasanii, riijinicha walitti hidhuuf hojiilee hedduu hojjechaa akka jiru beeksisaniiru.
Akkaadaamichatti leenjiftuu fi to’attuun tiraafika qilleemsaa Beeteliheem Mollaa Gamasheetiin, leenjichi sadarkaa industiriin Aviyeeshinii addunyaa irra gaheen kennamaa akka jiru ibsiteetti.
Baatii sadan darban leenjii ga’aa argachuusaa kan dubbate ammoo Dirree Dawaa irraa kan dhufe Mintasinoot Alamaayyoo jedhama.