Manni maree bakka bu’oota ummataa bakka ministirri muummee Dr. Abiyyi argamanitti walgahii idilee taa’aa jira

Waxabajjii 26/2017(TOI)- Manni maree bakka bu’oota ummataa bakka ministirri muummee Dr. Abiyyi argamanitti walgahii idilee 42ffaa taa’aa jira.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad raawwii karoora mootummaa bara bajataa 2017 ilaalchisuun gaaffilee miseensota mana mareerraa gaafatamaniif walgahii kanarratti ibsaa fi deebii nikennu.

Manni marichaa wixinee bajata mootummaa federaalaa 2018 nimirkaneessa jedhameetu eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015