Fudhatama Itiyoophiyaan konfaransii Tuurizimiin qabdu caalaatti guddisuun nibarbaachisa-Miseensota mana maree

Waxabajjii 28/2017 (TOI)- Fudhatama Itiyoophiyaan konfaransii Tuurizimiin qabdu caalaatti guddisuun akka barbaachisu Miseensonni mana maree bakka bu’ootaa ibsan.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Waxabajjii 26 bara 2017 raawwii karoora bara bajataa 2017 ilaalchisuun gaaffilee miseensota mana maree bakka bu’oota ummataarraa gaafatamaniif deebii fi ibsa kennuunsaanii niyaadatama.

Ministirri muummee wayita kana akka jedhanitti, Bara kana qofa Konfaransiiwwan idil addunyaa 150 caalan Itiyoophiyaa keessatti adeemsifamaniiru.

Kunis kan bardheengaddaan walbira yoo qabamu dachaan dabaluu eeraniiru.

Sabaoonni dhaabbileen idil addunyaa Itiyoophiyaa filatanii dhufaniif keessaa riifoormii immigireeshiniirratti taasifame, tajaajila daandii qilleensaa, bakkeewwan tuurizimii fi misooma kooriidarii wabeeffataniiru.

Bara bajataa kanatti tuuristoonni biyya alaa miiliyoona 1 tuqaa 3 Itiyoophiyaa daawwachuusaanii fi kunis baay’ina amma ammaatti jirurraa guddaa ta’uu kaasaniiru.

Miseensonni mana maree bakka bu’oota ummataa yaadasaanii TOI’f kennan yaada kana nifudhatu.

Miseensi mana maree Uztaaz Kaamil Shamsuu akka jedhanitti, misoomni saffisaa finageenyi Itiyoophiyaa fooyya’uunsaa akkasumas fudhatamni idil addunyaarratti qabdu dabaluunsaa dameen Tuurizimiin konfaransii akka dadammaqu godheera.

Magaalattiin magaalaa muummee Afriikaa fi teessoo dhaabbilee idil addunyaa ta’uunshee konfaransiif filatamtuu ieshee taasiseera jedhan.

Miseensi mana maree kan biraan Dr. Kafanaa Ifaa gamasaaniin,Carraaqqiin Itiyoophiyaan bu’ura misoomaa Konfaransii Tuuriizimiif  guutuuf taasiftee fi nageenyi argamaa jiru walgahiiwwan Afriikaa fi idil addunyaa akka keessummeessitu carraa uumeera.

Nageenyi Itiyoophiyaatti mul’ate gara nageenya fulla’aatti jijjiiruun fudhatamaa fi dhageettiin idil addunyaa gabbisuuf hojjechuun akka barbaachisu miseensonni kunneen dubbataniiru.

Namoonni miiliyoona 1 tuqaa 5 bara bajataa kana Paarkiin tokkummaa, golambaan Saayinsii, paarkiin michoomaa fi marasaa kan daawwatan yoo ta’u, kanarraas galiin birrii biiliyoona walakkaa argamuu ministirri muummee ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015