Paartiin Izeemaa Yaa’ii Waliigalaa Idilee 2ffaa gaggeessu eegale - ENA Afaan Oromoo
Paartiin Izeemaa Yaa’ii Waliigalaa Idilee 2ffaa gaggeessu eegale

Waxabajjii 28/2017(TOI)-Paartiin Haqa Hawaasummaa Itiyoophiyaa (Izeemaa) ya’ii walii galaa Idilee 2ffaa gaggeessuu eegaleera.
Yaa’ii guyyaa lamaaf turu kanarraatti mata duree ‘’yaadaan nimorkanna waa’ee biyyaaf waliintumsina” jedhuun filannoo gaggeessitoota paartii dabalatee wantoonni biroon akka raawwataman ibsameera.
Waltajjicha irratti haasaa kan taassisan Ministira Barnootaa fi dura taa’aan Izeemaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaa Izeemaan dhaabbata ejjennoo cimaa qabu biyyaaf dursa kan laatu dha jedhaniiru.
Izeemaan guutuu biyyaatti paartii bakka bu’aa qabuu fi akka biyyaatti deeggaramuu danda’udha.
Yeroo filannoo dhufutti paartii siyaasaa cimaa yaadaan dorgomu ta’ee hirmaata jechuun ibsaniiru.
Walitti qabaan Mana Maree Waloo Paartiilee Siyaasa Salamoon Ayyalee, paartiileen siyaasaa bu’uura biyya tokkoo waan ta’aniif qindoominaan hojjechuu akka qaban EBCn gabaaseera.
Jijiirama biyyoolessaa hordofuun paartiileen siyaasaa paartii Biyya Bulchu waliiin dhiheenyatti waliin mariiyachuu danda’uu isaanii fi Dirreen Siyaasa Jijiiraameera jechuun Paartii Badhaadhinaatti Hogganaa Damee Ijaarsa Aadaa Dimokiraasii obbo Mallas Alamuu ibsaniiru.
Itti dabaluunis Paartiin Badhaadhinaa Izeemaa waliin hariiroo qajeeltoo irratti hundaa’een biyyaaf waliin hojjechuuf kutannoo qaba jedhaniiru.