Pirojektiin jallisii maxxantummaa bokkaa jalaa bahuun oomishtummaa guddisuuf nigargaara-Qonnaan bultoota Boorana Bahaa - ENA Afaan Oromoo
Pirojektiin jallisii maxxantummaa bokkaa jalaa bahuun oomishtummaa guddisuuf nigargaara-Qonnaan bultoota Boorana Bahaa

Waxabajjii 28/2017(TOI)- Pirojektiin jallisii maxxantummaa bokkaa jalaa bahuun oomishtummaa guddisuuf akka isaan gargaaru Qonnaan bultoota Boorana Bahaa dubbatan.
Garee hooggantoota olaanoo naannichaa pirezidaantii naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan durfamu hojiillee misoomaa Boorana Bahaatti hojjetamaa jiran daawwachaa jira.
Amma ammaattis pirojektii jallisii Fiinaa godina Boorana Bahaa aanaa Gooroo Doolatti ijaarame, gurmaa’insa gandaa fi kilaastara Fayyaa daawwataniiru.
Mootummaan naannichaa hawaasa maxxantummaa roobaa jalaa baasuuf pirojektoota jallisii xixiqqaa garagaraa hojjechuun fayyadamummaa guddisaa jira.
Haala kanaa pirojektoota jallisii xiqqaa Fiinaa jedhuun ijaaraman keessaa pirojektiin Boorana Bahaa aanaa Gooroo Doolaatti ijaaramee xumurame isa tokkodha.
Gareen hooggantootaa pirezidaantii Shimallis Abdiisaan durfamu pirojektii jallisii kana daawwateera.
Qonnaan bultoonni tOI’n wayita kana dubbise mootumman pirojektii jallisii naannawichatti hojjetee tajaajilaaf qopheessuu dubbataniiru.
Qonnaan bulaan Baqqalaa Mi’eechaa fi Kanayyuu Wuddeessaa akka jedhanitti, pirojektiin jallisii kun maxxantummaa roobaa jalaa bahuun oomishtummaa guddisuuf akka isaan gargaaru ibsaniiru.
Fuulduras bishaa hidha kanaatti fayyadamuun kuduraa fi muduraa dabalatee midhaan garagaraa misoomsuuf akka itti fayyadaman dubbataniiru.
Pirezidaantii naannoo Oromiyaa Shimallis abdiisaa dabalatee paartii badhaadhinaatti hoogganaan waajjira damee naannoo Oromiyaa Kaffaaloo Tafarraa akkasumas hooggantoonni olaano naannichaa daawwannaa hojii misoomaa godina Boorana Bahaatti taasifamaa jirurratti hirmaachaa jiru.