Manni barumsaa loltuu bu’uraa Birshalaqoo hooggantoota raayyaa leenjise eebbisiisaa jira - ENA Afaan Oromoo
Manni barumsaa loltuu bu’uraa Birshalaqoo hooggantoota raayyaa leenjise eebbisiisaa jira

Waxabajjii 28 2017 (TOI)- Raayyaa ittisaatti izziin Bahaa hooggantoota raayyaa marsaa lammaffaaf mana barumsaa loltuu bu’uraa Birshalaqootti leenjise eebbisiisaa jira.
Ajajaan olaanaa Izzii Bahaa Letenaal Jeneraal Mahaammad Tasammaa, qondaaltonni olaanoo Izzichaa fi keessummoonni waamaman sirna eebbaarratti argamaniiru.
Kanneen har’a eebbifaman akkaataa tarree Izziitiin rejimantiirraa hooggantoota kutaa waraanaatti jiran ta’uun beekameera.
Turtiisaaniin qophaa’ummaa xin-sammuu, ogummaa fi beekumsa akkasumas leenjii gabbisa dandeettii loltummaa garagaraa teeknooloojiin deeggaraman leenji’aniiru.