Tamsaasa Kallatti:
Saayinsii fi teeknooloojii
Dijitaalli Itiyoophiyaa guddina dameelee hedduu dhufe irratti gumaacha olaanaa taasiseera
Sep 2, 2026 160
Hagayya 27/2018 (ENA): Hojiirra oolmaan Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa guddinaa fi milkaa’ina dameelee hedduu keessatti galmaa’eef gumaacha olaanaa akka qabu ogeeyyiin damee kanaa ibsaniiru. Itiyoophiyaan Raawwii Tarsiimoo Dijitaalaa bara 2025 milkaa’inaan xumuruun gara marsaa biraatti ce’uun Tarsiimoo Dijiitaalaa bara 2030 hojiirra oolchaa jirti. Hojiirra oolmaan tarsiimoo damichaan guddina olaanaa galmeessisuun hojiirra oolmaa fi haaromsa dijitaalaa dameelee adda addaa keessatti boqonnaa guddaa baneera. Dhimma kana irratti hayyoonni ENA waliin turtii taasias akka jedhanitti, hojiirra oolmaan Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa guddinaa fi milkaa’ina dameelee hedduu keessatti argameef gumaacha olaanaa taasiseera. Guddinni damichaa kallattiinis ta’e al-kallattiin hojii qabatamaa dameelee adda addaa keessattuu barnootaa fi fayyaa waliin kan walqabatu ta’uu hayyoonni kunneen eeruun, barnootaa fi fayyaa dabalatee dameewwan tajaajilaa adda addaa keessatti bu’aa qabatamaa ta’e fiduu danda'niiru jedhan. Yuunivarsiitii Dillaatti Daarektarri walitti hidhaminsa Industirii fi cehumsa Teeknooloojii Doktar Addisuu Faranjoo waggoota muraasa darban ijaarsa irraa kaasee hanga hojiirra oolmaa bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa hojiin mootummaan hojjetee fi bu’aan argame dinqisiisaa ta’uu ibsaniiru. Faayidaa adda baasuun, tajaajilli dhaabbata tokkoo Ministeera Maallaqaa fi hojiiwwan qabatamaan kanaan walqabatan biroo lammiileen tajaajila saffisaa akka argataniifi malaammaltummaa akka ittisan taasiseera jedhan. Akkasumas leenjiin Itiyoo Koodarootaa dargaggoonni keessumaa dargaggoonni damee kanarratti beekumsa akka horataniifi dorgomtoota gahumsa qaban ta’uun carraa hojii akka uumuuf gargaareera jedhan. Akka biyyaattis tajaajiloonni masoob fi faayidaan hojiirra oolaa jiru bu'aa olaanaa galmeessisaa jira jedhan. Tajaajilli yunivarsiitichaa hedduun karaa dijitaalaa kan raawwatamaa jiru ta’uu eeruun, dandeettii kalaqaa dargaggoonni damee kanarratti qaban guddisuuf leenjiin gama bulchiinsa humna namaa fi roobootikii irratti kennamaa akka jiru hubachiisaniiru. Yunivarsiitichatti barsiistuu fi qorattuu saayinsii kompiitaraa fi itti gaafatamtuu damee Dijitaalaazaayizeeshinii Tajaajila Hawaasaa fi Pirojektoota Alaa kan ta’an Sennaayit Mootii, hojiirra oolmaa Dijitaalaa Itiyoophiyaa sirna faayinaansii, tajaajilaa fi dameewwan biroo keessatti dandeettiin uumame olaanaa ta’uu ibsaniiru. Sirni dijitaalaa kenniinsa tajaajilaa fi akkaataa jireenyaa ta’aa akka jiru, ergaa waljijjiiruu irraa kaasee hanga tajaajila kamiyyuu waraqaa malee kennuu fi fudhachuutti hojiin tajaajila kamiyyuu babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Dhaabbileen barnoota olaanoo hubannoo hawaasaa damee kanaa guddisuun wiirtuu hojiirra oolmaa dijitaalaa damee kanarratti ta’uun Dijiitaalaa 2030 dhugoomsuuf hojjechaa jiraachuus hubachiisaniiru. Hojiirra oolmaan Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2025 damee dinagdee, hawaasummaa fi bulchiinsaa biyyattii keessatti jijjiirama bu’uuraa fi tarkaanfataa fiduun isaa ni beekama. #Ena Afaan Oromoo #Ena#
Ejensiin Geejjiba Oromiyaa leenjii ORO-Tikeetii irratti caasaa isaaf kenne
Sep 1, 2026 269
Hagayya 25/2018 (ENA) : Ejensiin Geejjiba Oromiyaa leenjii ORO-Tikeetii irratti caasaa isaa sadarkaan jiraniifi Waldaalee Geejjiba deddeebisa uummataaf kenneera. Itti Aanaa Hogganaa fi Itti Gaafatamaan Damee Mirkaneessa dhiyeessaa fi bobbii geejjibaa Obbo Dirribaa Magarsaa waltajjii kana irratti ORO- Tikeetiin konkolaataa sirnaan hogganuun tajaajilaa Geejjiba Naannicha ammayyeessuufi shoora olaanaa akka qabu kaasaniiru. Akkasumas Itti Aanaa Hogganaa fi Itti Gaafatamaan Damee Mirkaneessa Nageenya Tiraafikaa Obbo Lachiisaa Hayyuu waltajjii kana irratti yaada kanneen leenjii kana fudhattanii imaanaa mootummaa fi ummanni isaanitti kenne harcaatii tokko malee akka hojiirra oolchan dhaamaniiru. Obbo Lachiisaan tajaajila geejjibaa ammayyeessuun dhimma filannoo hin qabne ta'uu kaasuun ORO-Tikeetii hojiirra oolchuun to'annoo daandii fi buufata qulqullina qabu gaggeessuu, komii hawaasaa xiqqeessuu, Balaa Tiraafikaa hir'isuufi kan gargaaru ta'uu dubbataniiru. Hogganaan Ejensii Geejjiba Oromiyaa Obbo Kamaal Maammee Kallattii hojii kennaniin akka ibsanitti, Dameen geejjibaa seektara yeroo yeroon tajaajilli isaa ammaayyaa'aa deemu ta'uu dubbataniiru. Teekinoloojiin ORO-Tikeetii cabinsa sirna Tajaajila geejjibaa komii hawaasaaf sababa ta'e maqsuufi akka gahee qabu himaniiru. Hawaasni keenya tajaajila geejjibaa isaa malu akka argatu beekumsaan hoogganuun dirqama akka ta'e kaasaniiru. ORO-Tikeetiin seeran Alummaa Bobbii Geejjibaa wal qabatee mudatu hundeerraa jijjiiruufi shoora akka qabu kaasuun, qaamolee itti gaafatamummaa itti kenname sirnaan hin raawwanne irratti tarkaanfii Seeraa fi bulchiinssaa barsiisaa ta'e kan fudhatamaa jiruu fi kan fudhatamu ta'uu dubbataniiru. Xumura irratti Leenjii fudhatan kana Caasalee Geejjiba Sadarkaan jiranuuf akka kennanuu fi hojiirras akka oolchan cimsaanii dhaamanii jiru. kanamales Leenjiin kennamu,Teeknolojiin hojiirra oolfamu kamuu Tajaajila Geejjibaa Hawaasa keenya kennamuuf galmi isaa komii hawaasa keenya hir'isuu fi itti quufinsa tajaajila geejjibaa kennamu sirnaan mirkaneessuu akka ta'e keesumattuu Darbaa fe'uu,Taarifaa olkafalchiisuu fi alseerummaa Geejjiba keessatti mul'atan kamuu maqsuu akka ta'e hubachiisuun galma kana qabatanii akka hojiirra oolchan cimsanii dhaamaniiru.
Hojmaata badaa fi al-seerummaa damee geejjibaarratti mul’atu dhabamsiisuuf hojjetamaa jira-Ejensicha
Aug 29, 2026 458
Hagayya 23/2018(ENA)- Hojmaata badaa fi al-seerummaa damee geejjibaarratti mul’atu ittisuuf tajaajilli kennamu teeknooloojiin akka gaggeeffamu taasifamuusaa ejensiin geejjibaa Oromiyaa beeksise. Ejensiin geejjibaa Oromiyaa “Oro Tikkeet” dabalatee appilikeeshinii teeknooloojii hojjete saddet irratti kan xiyyeeffate waltajjiin marii fi gabbisa dandeettii magaalaa Adaamaa galma abbaa Gadaatti gaggeeffamaa jira. Tajaajila geejjibaa si’ataa, qaqqabamaa fi nageenyisaa kan mirkanaa’e gochuuf teeknooloojii hojjechuu fi fayyadamasaa irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan waltajjicharratti kan argaman hogganaan ejensii geejjiba Oromiyaa obbo Kamaal Maammee. Rakkoo bulchiinsa gaarii fi hojmaata badaa damee kanarratti mul’atan dhabamsiisuuf ga’umsaa fi naamusa konkolaachiftootaa guddisuun bobba’insi geejjibaa qulqullina qabu akka jiraatu taasifamaa akka jiru dubbataniiru. Riifoormii hojjetamu bu’a qabeessa gochuuf hojmaataa fi itti fayyadama teeknooloojii mirkaneessuun hojii adda duree ta’uu eeraniiru. Ejensichi hojmaata tikkeetii dijitaalaa “Oro Tikkeet” jedhamu hojiirra oolchuurra darbee bobba’insa buufataalee konkolaataa geejjiba ummataa naannichaa keessa jiru waajjira teeknolojiin hordofuudhaan muummeerraa kallattiidhaan hordofuun tarkaanfiin fudhatamaa jira jedhaniiru. Kana malees teeknooloojiiwwan saffisa daangessanii fi raadaariitti gargaaramuun hojmaanni to’annoo nageenya tiraafikaa ammayyeeffamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshiniin ejensichi hojjete saddet bobba’insa geejjibaa fi kenniinsa tajaajilaa waraqaarraa adda baasuuf kan akeekame ta’uu ibsaniiru. Haala Kanaan ka’umsaa fi ga’umsa konkolaataa kallattiin hordofuun al-seerummaa hir’isuun akka danda’ame eeraniiru. Kaayyoon ijoo waltajjii kanaa raawwachiiftota sektara geejjibaa sadarkaan jiraniif itti fayyadama teeknooloojii kanarratti beekumsaa fi ogummaa gahaa uumuu ta’uun eerameera. Itti gaafatamaan dhiheessii geejjibaa fi babbii ejensichaa obbo Dirribaa Magarsaa gamasaaniin, bobbii geejjiba ummataa guyya guyyaa teeknooloojiin gaggeessuun milkaa’ina riifoormii sektarichaaf murteessaa ta’uu dubbataniiru. Abbootiin konkolaataa tajaajila deddeebisa ummataa irratti hojjetanii fi waldaaleen appilikeeshinii kanarratti galmaa’uudhaan tajaajila kennuu akka qaban eeraniiru. Buufata konkilaataan ala fe’uun, taarifaan olitti kaffalchiisuunii fi lakkoofsaan ol fe’uun guddaa akka nama gaafachiisu hubachiisaniiru. Hoggantoonnii fi to’attoonni sektara geejjibaa godinaalee, magaalotaa fi aanaarra jiran itti fayyadama teeknooloojiirratti ogummaa fi hubannaa argatanii bu’a qabeessummaa jijjiirama kanaaf tumsaan akka hojjetan dhaamaniiru.
Teeknooloojiiwwan qonnaa hojiirra oolanii fi dhiheessiin sanyii filatamaa bu’a qabeessummaa qonnaan bulaa dabalaa jiru
Aug 29, 2026 196
Hagayya 23/2018 (ENA): Teeknooloojiiwwan qonnaa hojiirra oolanii fi dhiheessiin sanyii filatamaa oomishaa fi oomishtumma bu’a qabeessummaa qonnaan bulaa dabalaa jiraachuuhayyoonni ibsan. Mootummaan wabii nyaataa qonnaan bulaa mirkaneessuu fi fayyadama dinagdee guddisuuf qonna ammayyeessuurra darbee muuxannoo waqtii eeganii oomishuu jalaa bahuuf misooma qamadii jallisii Bonee hojiirra oolcheera. Kun ammoo oomishaa fi oomishtummaa qonnaan bulaa guddisuun hirkattummaa hambisuurra darbee Qamadii biyya alaatti erguuf gumaacha olaanaa gochaa jira. ENA’n hojiirra oolmaa fi bu’a qabeessummaa karoora misooma qonnaa mootummaa ilaalchisuun ogeessotaa fi qorattoota damichaa waliin turtii taasiseera. Ogeeyyota damichaa ibsa ogummaa taasisan keessaa qindeessaa sagantaa qorannoo qamadii biyyaalessaa fi qorataan wiirtuu qorannoo Bishooftuu Dr. Nagaash Galataa akka jedhanitti, hojiirra oolmaan misooma qonnaa teeknooloojiiwwan qonnaa fayyadamuu fi yeroo eeganii oomishuu jalaa bahuuf kan gargaarudha. Bishaan lafa jalaa fi lafa gubbaa faayidaaf oolchuudhaan qonnaan bulaan rooba eeguu jalaa bahee misooma jallisii bal’inaan fayyadamuudhaan oomishtummaa fi fayyadamummaa guddifachaa dhufuusaa dubbataniiru. Misoomni qonnaa bu’a qabeessa akka ta’u waggoottan darban xaa’ummaa lafaa guddisuu fi jiidhatti gargaaramee misoomsuuf hojiin hojjetame milkaa’uusaa dubbataniiru. Naannichatti sanyii filatamaa gargaaramuun alatti qonna kilaastaraa babal’isuun oomishtummaa qonnaa guddisuusaa kan ibsan ammoo intarpiraayizii sanyii filatamaa Itiyoophiyaatti ogeessa olaanaa agiroonoomii damee Baalee obbo Dassaalanyi Dajaneeti. Kanaafis, intarpiraayiziichi sanyiiwwan filatamoo qamadii, garbuu fi baaqelaa qonnaan bulaaf dhiyeessuu bira darbee, sirna kilaastaraa fi kunuunsa midhaanii irratti deeggarsa ogummaa taasisaa jiraachuu isaanii ibsaniiru. Dhiyeessii sanyii filatamaa kanaan midhaan dhukkubaa fi hongee dandamatu qonnaan bulaaf dhiyeessuun, dandeettii dinagdee isaanii guddisuuf gahee isaanii bahaa jiraachuu himaniiru. Keessattuu, misooma qamadii bonaa jallisii irratti dhiyeessiin sanyii filatamaa gahaa fi qaqqabamaa akka ta’u gochuun, bu’a qabeessummaa isaa guddisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Yuunivarsiitii Madda Walaabuu keessatti qindeessaa olaanaan piroojeektii qorannoo qamadii fi qorataa kan ta’an Gargaaraa Piroofeesaraa Jamaal Abdulkariim, gama isaaniitiin akka ibsanitti, yuunivarsiitichi misooma qamadii jallisii guddisuuf qonnaan bultoota leenjii fi galteewwan qonnaatiin deeggaramaa jira. Keessattuu, qonnaan bultoonni godinaalee Baalee, Baalee Bahaa fi Arsii Lixaa keessa jiran misooma qamadii Bonaa jallisii irratti beekumsa itti fayyadama teeknooloojiiwwan qonnaa akka argatan leenjii kennamaa jiraachuu ibsaniiru. Teeknooloojiiwwan qonnaa fi dhiyeessii sanyiiwwan filatamoo qaqqabamaa taasisuun, bu’a qabeessummaa qonnaan bulaa guddisuuf hojiiwwan hojjetaman oomishtummaa dabaluudhaan qonnaan bultoota fayyadamaa taasisaa jiraachuu beeksisaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Tarsiimoon Dijiitaala Itoophiyaa 2025 ce’umsa dijiitaalaa gara fuulduraaf bu'uura cimaa kaa’eera – Hayyoota
Aug 26, 2026 208
Hagayya 20/2018 (ENA): Tarsiimoon Dijiitaala Itoophiyaa 2025 Ce’umsa Dijiitaalaa gara fuulduraaf bu'uura cimaa kaa’uusaa Hayyoonni Yuunvarsiitii Jimmaa ibsan. Mootummaan Itoophiyaa bara Faranjootaa 2020tti tarsiimoo dijiitaalaa Itoophiyaa 2025n ifoomse,Teekinoolojii fayyadamuun guddina dinagdee biyyaattii ariifachiisuufi tajaajiloota ammayyeessuuf sagantaa biyyaaleessa qophaa’eedha. Tarsiimichi Qonna,Tturizimii, Maanuufakcharingii fi tajaajiloota dijitaalaa irratti xiyyeeffachuun sadarkaa jireenya lammiilee fooyyessuufi carraa hojii haaraa uumuuf kaayyoo kan godhatedha. Akka Hayyoonni ibsanitti, marsaa Dijital Itiyoophiyaa 2025 keessatti bu'aa olaanaan kan keessatti galmeeffamee fi milkaa'inaan kan xumuramee dha jedhaniiru. Bu'aawwan gurguddoo galmeeffaman keessaa babal'ina tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob, hojiirra oolmaa waraqaa eenyummaa dijitaalaa Fayyidaa, qormaata biyyaaleessa kutaa 12ffaa Intarneetiin kennuu fi leenjii Itiyoo koodarsii Lammiilee miiliyoonaan lakkoofamaniif kenname hayyoonni kun eeraniiru. Yuunvarsiitichatti Barsiisaan Kutaa Barnootaa Inistityuutii Teeknoolojii damee Makaanikaal Injiinarinjgii Barsiisaa Shawaangizaw Warqaaganyoo Sosochiin teeknoolojii biyyaattii bal’inaan guddachaa dhufuu ibsuun, milkaa’ina dabalataan ogeessota dame sanaa hedduu horachuu danda’amuu eeraniiru.   Babal'inni teekinoolojii dijitaalaa dhaabbilee adda addaa keessatti qabannaa odeeffannoo ammayyeessuu bira darbee tajaajila kennamu ariifachiisuu isaanii addeessaniiru. Kunis lammiileen tajaajila rakkoo malee akka argataniif, akkasumas yeroo fi qarshii isaanii akka qusatan isaan dandeessiseera. Keessumaa tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob rakkoolee kenniinsa tajaajilaa fi bulchiinsa gaariirratti mul’atan furuun gumaacha inni taasisaa jiru dinqisiifataniiru. Yunivarsiitii Jimmaatti daarektarri wiiirtuu hubannoo nam-tolchee Injinar Jaarmiyaa Baayyisaa akka jedhanitti, tajaajilli dijitaalaa qajeeltoo iftoominaa cimsuudhaan malaammaltummaa hir’isuudhaan gumaacha olaanaa taasisaa jira. Dhaabbileen ijaaramuu fi ammayyaa’uun, tajaajilli mobaayil baankiingii babal’achuunsaa, akkasumas filannoon walii galaa 7ffaan galmeerraa eegalee akkaataan odeeffannoon ittiin qindaa’e ammayyaa fi milkaa’aa ta’uunsaa bu’aalee cehumsa dijitaalaa isaan ijoo ta’uu ibsaniiru. Milkaa’inoonni galmaa’an fuulduras cimanii itti fufuu akka qaban Injiinar Jaarmayaan hubachiisaniiru. Keessumaa tarsiimoon dijitaalaa 2030 galma akka gahuuf hojiileen misooma dijitaalaa eegalaman qindoominaan itti fufuu akka qaban ibsaniiru. Tajaajiloota kanneen akka dijitaalaa wiirtuu tokkoo Masoob babal’isuu, leenjiiwwan akka Itiyoo-Koodarsii cimsuu fi damee Kanaan ogeeyyota ga’ooman hedduu horachuun milkaa’ina cehumsa dijitaalaa itti aanuuf murteessaa ta’uu Injiinar Jaarmiyaan dubbataniiru. Biyyoonni guddatan dinagdeesaanii cimsuuf akka ijootti kan itti gargaaraman teeknooloojii dhaabbilee dhuunfaatti fayyadamuunii fi babal’isuudhaan hirmaannaa cimaa taasisuun ta’uu eeranii, mootummaanis dhaabbilee dhuunfaa damee kanarratti hirmaachisuu cimsee itti fufuu qaba jedhaniiru.
Hannaa fi Malaammaltummaa Dhabamsiisuu Keessatti Gahee Wiirtuu Tajaajila Iddoo Tokkoo (Masoob)    
Aug 11, 2026 873
Hannaa fi Malaammaltummaa Dhabamsiisuu Keessatti Gahee Wiirtuu Tajaajila Iddoo Tokkoo (Masoob) Malaammaltummaan, hannii fi saamichi daranyoo guddina biyyaa fi diina bulchiinsa gaariiti. Tajaajilli mootummaa yeroo dheeraaf lafarra harkifachuu, iftoomina dhabuu fi hojmaata boodatti hafaa ta’een kan deeggaramu yoo ta’e, gufuu guddaa qulqullina tajaajilaa uumuun uummata komii keessa galchaa tureera. Haata’u malee, Mootummaan rakkoo fi hudhaa waggoota hedduuf uummata danqaa ture kana furuuf tarkaanfii seenaa-qabeessa fudhataa jira. Isaan keessaa inni ijoon Wiirtuu Tajaajila Iddoo Tokkoo (Masoob) teknoolojiidhaan deeggaruun hojiirra oolchuudha. Masoob tajaajila mootummaa si’ataa, ammayyaa'aa fi dhaqqabamaa gochuu qofa osoo hin taane, qaawwa malaammaltummaa fi saamicha diriiree ture cufuu keessatti gahee murteessaa qaba. Mootummaan bulchiinsa gaarii fi amanamummaa kenna tajaajilaa haqa-qabeessa, ammayyaa'aa fi malaammaltummaa irraa bilisa ta'e kennuuf hojjechaa jira. Wiirtuun Tajaajila Iddoo Tokkoo (Masoob) hudhaawwan waggoota hedduuf uummata rakkisaa turan furuudhaan itti-quufinsa uummataa mirkaneessaa jira. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad 'aappilikeeshinii' tajaajiloota bakka adda addaatti kennaman bakka tokkotti walitti fiduu fi tajaajila dijitaalaa qindaa'aa Afrikaatti kan jalqabaa yeroo eebbisaniitti akka jedhanitti, appilikeeshiniin kun tajaajiloota dhaabbilee garagaraa keessatti kennaman waltajjii tokkorratti kan walitti fidu akka ta’e dubbataniiru. Milkaa’inni guddaan kun biyya keenya guddaa kan boonsu ta’uun olitti teeknooloojiin kan gaggeeffamuu fi invastimantiin kaayyoon gaggeeffamu maal akka buusuu danda’u kan mirkaneessudha jedhanii turan. Bu’uura misoomaa dinagdee isa ijoo kan ta’e tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob, yeroo ni qusata, ulaa malaammaltummaa akka duuchu ibsanii, gama mootummaatiin amanamummaa fi cimina akka gabbisu dubbataniiru. Milkaa’ina kana akka cimsinu, muuxannoo keenya obbolootaa keenya Afriikaanotaaf akka qoodnu, akkasumas bu’aa kana caalu galmeessuuf kutannoon tarkaanfachuu barbaachisa jedhaniiru. Wiirtuu Tajaajila Iddoo Tokkoo (Masoob) Qaawwa Malaammaltummaa fi Saamichaa Akkamitti Cufa? Masoob sirna kenna tajaajilaa duraan ture sirreessuudhaan malaammaltummaa fi hanna qabataamaan hir’isa: Deddeebii fi Dhamaatii Hambisuu: Abbootiin dhimmaa waajjiraa waajjiratti deddeebi’uu fi deddeebisuun karaa itti mattaayaan gaafatamuu fi saaxilaman ture. Masoob tajaajila iddoo tokkotti waan walitti fiduuf, walitti dhufeenya kallattii abbaa dhimmaa fi tajaajila kennaa sana gidduu jiru hir’isuun carraa malaammaltummaa dhabamsiisa. Dijitaalessuu: Tajaajila tekinoolojiin deeggaramee fi dijitaala ta’e fayyadamuun hojmaata waraqaa ta’e ni dhabamsiisa. Hojmaanni dijitaalaa galmeen isaa ifa waan ta’eef, hannaa fi maallaqa seeraan ala gaafatamu hanqisa. Iftoomina fi Itti Gaafatamummaa: Sirni Masoob hojiiwwan hunda iftoominaan akka raawwataman taasisa. Namni tajaajila kennu beekumsa qabuu fi malaammaltummaa irraa bilisa ta’een akka deeggaramu gochuun, itti gaafatamummaa diriirsa. Yeroo fi Baasii Qusachuu: Tajaajila ariifataa sa'aatii muraasa keessatti kennuun, namoonni tajaajila saffisaa argachuuf jecha matta’aa akka hin kennine gochaa jira. Tarkaanfii Tarsiimawaa fi Bu'aawwan Galmaa'an Deddeebii fi dhamaatii tajaajilamaa xiqqeessuu. Tajaajila mijataa, saffisaa fi qulqullina qabu tekinoolojiin deeggaruudhaan baasii xiqqeessuu. Sirna iftoominaa fi itti gaafatamummaa diriirsuudhaan amantaa lammiilee guddisuu. Tajaajilli wiirtuu tokkoo akka naannoo Oromiyaattis magaaloota baay'ee irratti tajaajila kenna. Kanaanis itti-quufinsa uummataa haalaan kennuun rakkoolee kana dura hojmaata badaa waliin qabatee jiru hiikaa jira. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Innisheetivii Qonna Magaalaan jijiiramni guddaan mul’achaa jira
Aug 10, 2026 423
Hagayya 4/2018 (ENA) : hojiirra oolmaa Innisheetivii Qonna majgaalaan jijiiramni gudan mul’achaa jiraachuun Biiroon Misooma magaalaa fi manneenii Oromiyaa beeksise. Tarsiimoo Magaalota giddugala dinagdee taasisuuf hojjetama jiruun bu’aan abdachiisaan mul’achuusaa Hogganaa Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa Obbo Mohaammad Guyyee ibsaniru. Biiroon Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa waltaa'insa Yunvarsitii Naannoo Oromiyaa waliin ta'uun qorannoo rakkoo hawaas-dinagdee magaalota hiikuu dandeessisan gaggeesse irratti qooda fudhattoota waliin marii gaggeessa jira. Magaalota giddugala dinagdee taasisuufii fi beekumsan hogganuuf qorannoon deeggaramuun hojjetamaa jiraachuu Hogganaa Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa Obbo Mohaammad Guyyee ibsaniru. Mootummaan tarsiimoo magaalomsuu hojirra oolchaa jiruun jijjiiramni dhufa jiraachuu ibsuun qorannoo kanaan rakkoowwan raawwii keessatti mudaacha jiru addaa baasuun fi tarsiimoo haaraa bocuun hojjechuuf yaadame kan gaggeeffame ta'u Obbo Mohaammad himaniru. Qorannicha kan dhiheessan Yunvarsitii Naannoo Oromiyaa irra sanada "Urban Agriculture Initiatives" irratti kan dhiyeessan qorattoonni Dr Dasaalenyi Fiqaaduu fi Dr. Ahimed Mohaammad akka jedhanitti hojiin inisheetivii qonna magaalaa magaalota keessatti hojjetama jiran jijjiirama gaarii argamsiisaa jiraachuu ibsuun, hojiiwwan inisheetiviin hojjetamaa jiran daran ammayyeessuuf ''Innovative Urban Farming''(Qonna magaalaa kalaqaa) hojirra oolchuun yoo hojjetame misooma itti fufinsa barbaadame fiduun barbaachisa ta'u himaniru. Hojiin inisheetivii qonna magaalaa ijaarsa kilaastara beelladaa, omishaa kuduraa fi muduraa, misooma dammaa karaa qindaa'een hojjetamaa jiruun carraan hojii uumamuu, galii fayyadamtoota guddisuu, magaalaa iddoo oomishaa taasisuu, maddii madaalawwa lammileen akka argatan taasifama jiraachuus ibsameera. Magaalota jireenyaaf mijataa ta'an horaachuuf kan hojjetamu ta’uunis ibsameera. BMMMO irraa
Inishiyeetiiviin Kooderoota Itoophiyaa Miiliyoona 5 dandeettii dijitaalaa guddisuu fi jijjiirama biyyaalessaa saffisiisuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jira.
Aug 10, 2026 273
Hagayya 4/2018(ENA) : Inishiyeetiiviin Kooderoota Itoophiyaa Miiliyoona 5 dandeettii dijitaalaa guddisuu fi jijjiirama biyyaalessaa saffisiisuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jiraachuu Waajjirri Ministira Muummee beeksise. Waamicha biyyaalessaa Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) dargaggoonni Itoophiyaa Inishiyeetiivii Kooderota Itoophiyaa Miliyoona 5tti makamuun dhuma waqtii Gannaa lakkoofsi hirmaattota gara miliyoona 7tti akka ol guddatuuf hordofuun, sagantaan muuxannoo wal jijjiiraa gaggeessummaa Waajjira Ministira Muummeetiin adeemsifameera. Sagantaan kun hoggantoota industirichaa fi qaamolee imaammata baasan, eebbifamtoota jalqabbii kanarraa mirkanaa’anii fi ogeessota dargaggootaa walitti fideera. Sagantaan kun waltajjii hirmaattonni muuxannoo fi ilaalcha isaanii akka waliif qoodan taasisuudhaan Ajandaa Dijitaalaa Itoophiyaa bara 2030 guddina ogummaa dijitaalaa qabatamaan akka tarkaanfachiisu gumaacheera. ‎ Sagantaan kun agarsiisa hubannoo namtolchee irratti xiyyeeffate daawwachuudhaan kan eegale yoo ta’u, Waajjira Ministira Muummeetti Hoggantuun Sakreetariyaatii Pireesii Billenee Siyyum haasaa baniinsaa taasisaniiru. Itti Gaafatamtuun Biirichaa haasaa isaanii keessatti ogummaan teeknikaa fi dijitaalaa dargaggoota qabeenya biyyaalessaa murteessaa ta’uu ibsuun, waamicha Ministirri Muummee Ganna kana lakkoofsi koodaroota gara miiliyoona 7tti akka ol guddisu taasisan hojiirra ooluu isaa mirkaneessaniiru. ‎ Marii paanaalii itti aanu irratti ogeeyyiin afur kanneen Inishiyeetiivii Kooderoota Itoophiyaa Miiliyoona 5 irratti muuxannoo fi ilaalcha isaanii qoodaniiru. Paanaalistoonni Dr. Abiyyoot Baayyuu Gorsaa Olaanaa Ministira Innooveeshinii fi Teeknooloojii; Hojii Gaggeessaa Olaanaa dhaabbata Giiroo(gheero) Beeteeliheem Dassee , eebbifamaa inisheetivii kanaa Azmaraa Taaddasaa fi hojii uumtuu teknooloojii Maahileet Siyyum dha. Hirmaattonnii fi dargaggoonni dandeettii isaanii itti fufiinsaan akka guddisan, furmaata gochaan hojjetamuu danda’u akka qopheessan, guddinaa fi kalaqa sirna ikoo dijiitaalaa Itoophiyaa keessatti gahee isaanii akka ba’an jajjabeessaniiru. Dargaggoonni hirmaattonni ogummaa dijitaalaa ilaalchisee gaaffii paanalistootaaf kan dhiyeessan yoo ta’u, gaaffii isaaniif deebii kan argatanii fi guutuun waltajjii marii banaa fi muuxannoon kan itti wal jiijjirame ture. Muuxannoo wal jijjiiruun kun dandeettii dijitaalaa guddisuu fi jijjiirama biyyaalessaa saffisiisuu keessatti gahee olaanaa Inishiyeetiiviin Koodaroota Itoophiyaa Miiliyoona 5 qabu irra deebi’ee kan mirkaneesse ta’uu Waajjirichi ibseera. #PMOEthiopia #DigitalEthiopia2030 #5MillionEthiopianCoders #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Labsiin nageenya saayibarii bu’uuraalee misooma gurguddoo faayidaa biyyaalessaa Itoophiyaa kabachiisuuf ga’ee olaanaa qaba
Aug 7, 2026 322
Hagayya 1/2018 (ENA ) Labsiin nageenya saayibarii bu’uuraalee misooma gurguddoo nageenya saayibarii mirkaneessuun faayidaa biyyaalessaa Itoophiyaa kabachiisuuf ga’ee olaanaa akka qabu Daarektarri Olaantuun Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo (INSA) aaddee Tigisti Hamiid ibsan. Daayrektarri olaantuun aaddee Tigisti Hamiid labsichaa ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru. Ibsa isaaniitiinis labsichi waxabajjii 2 bara 2018 Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatiin ragga’uusaa eeraniiru. Eegumsi bu’uuraalee misooma gurguddoo imala ce’umsa diijitaalaa Itoophiyaa bu’uura nageenya saayibarii jabaa irratti ijaaruuf kan dandeessisu ta’uu kaasaniiru. Sagantaan Eenyummaa Diijitaalaa, sirni kaffaltii mobaayilaa fi bittaa elektirooniksii akkasumas pirojektoonni biyyaalessaa fakkaatan kun daataa hanga olaanaa ta’e kan maddisiisan ta’uu ibsuudhaan, nageenya odeeffannoowwan kanaa fi siistamootaa mirkaneessuun murteessaa ta’uu ibsaniiru. Kanaafuu hojiirra ooluun labsichaa nageenya saayibarii mirkaneessuun odeeffannoo lammiilee fi biyyaa miidhaa irraa ittisuudhaan olaantummaa odeeffannoo mirkaneessuuf tarkaanfii guddaa ta’uu ibsaniiru . Miidhaawwan bu’uuraalee misooma gurguddoo irratti gaggeeffaman dabalaa dhufuun isaa ba’uu labsichaaf sababa ta’uu ibsuudhaan, labsiin haaraan kun sodaa saayibarii bu’uura godhatee to’annoo fi sirna deebii ta’ee giddu-galeessa ta’e diriirsuuf kan dandeessisu ta’uu dubbataniiru. Akka labsichaatti bulchiinsichi dhaabbileen bu’uuraalee misooma gurguddoo guutuu qaban irratti qophii barbaachisaa ta’e akka godhan deeggaruun, eegumsa bu’uuraalee misooma gurguddoof kan gargaaran qajeelfamootaa fi istaandaardiiwwan qopheessuun dhimmoota caasaa seeraa keessatti kan hammataman ta’uu eeraniiru. Eegumsa bu’uuraalee misooma gurguddoo irratti ogeessa ga’umsa qabuu fi naamusaanis kan qophaa’e humna namaa gurmeessuun hojjetamuu isaa ibsaniiru. Dhimma labsichaa irratti hawaasaa fi qaamolee dhimmi ilaaluuf hojiin hubannoo uumuu kan raawwataman ta’us eeraniiru. Dhaabbileen abbaa qabeenyaa bu’uuraalee misooma gurguddoo ta’an ammoo ogeessa leenjifame bobbaasuu, ga’oomsuu fi qorannoo nageenyaa barbaachisaa ta’e gochuun akka irraa eegamu labsichi kan tumu ta’uu eeraniiru.
Milkaa'ina Naannoo Daldala Walaba Afrikaaf sirna safartuu fi safartuu amanamaa ijaaruun murteessaadha - Ministira Dr. Kaasahuun Gofee
Aug 5, 2026 425
Adoolessa 29/2018 (ENA): Sirna safartuu fi safartuu amanamaa ijaaruun milkaa’ina Naannoo Daldala Walaba Afrikaatiif murteessaadha jedhan Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa Naannawaa Dr. Kaasahuun Gofee. Yaa'iin Waliigalaa Dhaabbata Meetrooloojii Afrikaa 19ffaa mata duree "Metrooloojii Jijjiirama Dijiitaalaa; Safartuuwwan Amanamoon Egeree Afrikaaf" jedhuun Finfinneetti gaggeeffamaa jira.   Yaa’ii Waliigalaa kana irratti Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa Naannawaa Dr.Kaasahuun Gofee ; Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Meetrooloojii Itoophiyaa Dr. Mulugeetaa Darribaawu fi Pireezidaantiin Dhaabbata Meetrooloojii Afrikaa (AFRIMETS) Dr. Heenerii Kibeet Rootich , qondaaltota mootummaa olaanoo fi bakka bu’oota biyyoota Afrikaa adda addaa aragamaniiru. Ministirri Daldalaa fi walitti hdhaminsa naannawaa Dr. Kaasahuun Gofee wayita sana akka jedhanitti; Oomishaaleen biyya Afrikaa tokko keessatti oomishaman sakatta’iinsa qulqullinaa fi safartuu dachaa osoo hin darbiin bilisaan biyya tokko irraa gara biyya biraatti akka socho’an istaandaardii safartuu tokkummaa diriirsuun barbaachisaa dha jedhani. Ida’amuun daldala ardiilee bu’a qabeessa ta’uu kan danda’u biyyoonni sirna to’annoo safartuu walfakkaataa fi sadarkaa idil-addunyaatti fudhatama qabu yoo qabaatan qofa akka ta’e ibsaniiru. Itti dabaluunis sirna meetirooloojii ammayyeessuun dijiitaala gochuun Afrikaan hubannoo namtolchee fi teeknooloojiiwwan omishaa sadarkaa olaanaa qabaniif akka qophooftu taasisa jedhan. Bu’aan qorannoo laabraatoorii akka ardiitti fudhatama akka argatu gochuuf teeknooloojiiwwan dijitaalaa sirna meetrooloojii istaandaardii waliin walitti hidhuun danqaawwan daldalaa akka maqsus hubachiisaniiru. Dandeettii qorannoo laabraatoorii fi safartuu guddisuun danqaa daldalaa hir’isuu qofa osoo hin taane, daataa safartuu amanamaa ta’een ardii kana gara dinagdee dijitaalaatti akka ceetu kan deeggaru ta’uu ibsaniiru.   Itoophiyaan haaromsa dinagdee biyya keessaa isheetiin dandeettii dhaabbilee guddisuu, invastimantii biyya alaa hawwachuu, oomisha qulqullina qabu gara biyya alaatti erguuf hojjechaa akka jirtu hubachiisaniiru. Itoophiyaan michoota naannoo fi idil-addunyaa waliin hojjechuun istaandaardii meetirooloojii cimsuu fi walitti hidhaminsa dinagdee Afrikaa dhugoomsuuf kutannoo guutuu qabdu irra deebitee mirkaneessiteetti. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Ministirri Tiraansifoormeeshinii fi Innooveeshinii Dijitaalaa Beeniin, Mahunaa Akipiloogaan Tajaajila Giddugala iddoo tokkoo (Masoob) Federaalaa daawwatani
Aug 5, 2026 331
Adoolessa 29/2018 (ENA): Ministirri Tiraansifoormeeshinii fi Innooveeshinii Dijitaalaa Beeniin, Mahunaa Akipiloogaan Tajaajila Giddugala iddoo tokkoo (Masoob) Mootummaa Federaalaa daawwataniiru. Jilli Ministira Tiraansifoormeeshinii fi Innooveeshinii Dijitaalaa Beeniin Mahunaa Akipiloogaaniin durfamu daawwannaa hojii guyyoota shaniif Itoophiyaatti taasisuuf kaleessa galgala Finfinnee akka seenan ni beekama. Haaluma kanaan Ministirrii fi jilli isaanii yeroo ammaa Tajaajila kenninsa iddoo tokkoo (masoob) Federaalaa daawwachaa jiru.   Hojii gaggeessaan olaanaa masoob Federaalaa Yoonaas Alamaayyoo miseensota jila kanaaf ibsa kennaniiru. Hojii gaggeessaan olaanaa kun ibsa kennaniin, Tajaajilli kenniinsa iddoo tokkoo kuni waggaa tokko keessatti tajaajila mootummaa 200 ol karaa wiirtuu tokkicha bu’uuraalee misoomaa guutuu ta’een gahumsaan akka kennamuu dandeessisu ibsaniiru. Kunis bu’uuraalee dinagdee Itoophiyaa keessatti ijoo ta’uu fi tajaajilli mootummaa iftoominaa fi gahumsa akka qabaatu taasiseera, kunis madda komii baay’ee akka ture eeraniiru. Tajaajilli dhaabbata tokkoo hojii daldalaa fi invastimantii mijeessuuf bu’aa qabatamaa galmeessisuun isaa ni yaadatama. Tajaajilli kun dhaabbilee mootummaa walitti makuun tajaajilli mootummaa hundi mana tokko jalatti akka kennamu dandeessiseera jedhan. Turtii isaanii kanaan Ministirri Tiraansifoormeeshinii fi Innooveeshinii Dijitaalaa Beeniinii fi jilli isaanii dhimmoota waltajjiiwwan biyyoota lamaanii irratti mari’atamuu danda’an irratti hoggantoota olaanoo mootummaa waliin ni mari’atu.   Jijjiirama dijitaalaa, bulchiinsa mootummaa, kalaqaa fi bulchiinsa tarsiimoo irratti muuxannoo wal jijjiiruun ni eegama. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Itoophiyaan birmadummaan dijitaalaa kan mirkaneessu tarkaanfii kutannoo fudhachaa jirti - Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Aug 5, 2026 273
Adoolessa 29/2018 (ENA): Itoophiyaan birmadummaa dijitaalaa kan mirkaneessu tarkaanfii kutannoo fudhachaa jirti jedhan itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Imala jijjiirama dijitaalaa Itoophiyaa keessatti boqonnaa haaraa kan bane pirojektiin "Faayidaa Varsi" gaggeeffameera. Itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa sirna banininsa piroojektii kanaa sababeeffachuun akka jedhanitti; Pirojektiin "Faayidaa varsi" hojii eegaluun isaa tarkaanfii seena qabeessa Itoophiyaan birmadummaa dijitaalaa isheef kutannoo cimaa qabdu kan agarsiisudha.   Sagantaan Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa waggoota muraasa darban keessatti lafee dugdaa dinagdee dijitaalaa biyyattii ta’ee ijaaramuu isaa hubachiisuun, akkasumas hanga ammaatti lammiileen miliyoona 50tti siqan galmaa’uu isaanii ibsaniiru. Kunis waraqaa eenyummaa biyyaalessaa miiliyoona 13 ol kennuu, tajaajila mirkaneessa eenyummaa miiliyoona 160 ol kennuu, bu’uuraalee eenyummaa dijitaalaa damee dinagdee tarsiimoo 13 keessatti hundeessuun kan dabalatudha. Sagantaan waraqaa eenyummaa biyyaalessaa maqaa “Faydaverse” jedhuun Invastimantii Itoophiyaa Holdingis jalatti akka dhaabbata misooma mootummaatti irra deebiin gurmaa’uu ibsaniiru. Sagantaan kun giddugala bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa Itoophiyaa mataasaa danda’e ta’ee akka tajaajilu hubachiisaniiru. Pirojektichi bara 2030tti oomisha biyya keessaa (GDP) Itoophiyaa dhibbeentaa 6’n dabaluu fi bu’aa diinagdee kallattiin doolaara biliyoonaan lakkaa’amu argamsiisa jedhamee akka eegamu ibsaniiru. Tajaajilli kun karaa ‘application FaydaPass’ fi oomishaalee dijitaalaa ammayyaa birootiin kan kennamu yoo ta’u, kunis dhaqqabummaa fi dandeettii furmaataa tajaajilichaa haalaan kan dabalu ta’uu hubachiisaniiru. Itti dabaluunis yeroo keenyatti daataa utubaa dinagdee fi birmadummaa ijoo waan ta’eef teeknooloojiiwwan nageenya saayibarii ammayyaa fi imaammattoonni bulchiinsa daataa ciccimoon itti fufiinsaan hojiirra oolchuun nageenya odeeffannoo biyyaalessaa mirkaneessuu akka qaban ibsaniiru. Teeknooloojiin hawaasa baadiyyaa fi magaalaa walitti hidhuu, qaqqabummaa tajaajilaa babal’isuu fi hiyyummaa hir’isuuf gargaaruu akka qabu ibsaniiru. Hubannoo dijitaalaa lammiilee guddisuun qaama ijoo tarsiimoo ta’uu akka qabu cimsanii dubbataniiru. Tarsiimoo Dijitaal Itoophiyaa(“Digital Ethiopia 2030”) jedhuun walsimsiisuun muuxannoo bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa biyyoota Afrikaa biroo waliin qooddachuuf hojiin eegalame cimee itti fufa jedhaniiru. Kunis tumsa ardiilee fi dippilomaasii dijitaalaaf bu’uura cimaa akka ta’u ibsaniiru. Dhaabbanni Invastimantii Itoophiyaa akka fandii qabeenya birmadumaa biyyattiitti qabeenya biyyaalessaa haala bu’a qabeessa ta’een bulchuuf hojjechaa jiraachuu eeraniiru. “Fayidaa varsi” maatii kanatti makamuun isaa tarkaanfii seena qabeessa eenyummaan dijitaalaa akkuma daandii, humnaa fi telekoomii bu’uuraalee tarsiimoo murteessaa ta’uu isaa mirkaneessu ta’uu ibsaniiru. Ogeessota teeknooloojii, hoggantoota dhaabbatichaa, hojjettootaa fi michoota misoomaa milkaa’ina kana dhugoomsuuf gumaachan galateeffataniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Itoophiyaan karoora anniisaa niwukilaraa humna ibsaa maddisiisuudhaaf qabduun walsimsiisuun bu’uura danbii fi seeraa idil-addunyaa cimsaa jirti
Aug 4, 2026 539
Adoolessa 28/2018 (ENA): Itoophiyaan karoora anniisaa niwukilaraa humna ibsaa maddisiisuudhaaf qabduun walsimsiisuun bu’uura danbii fi seeraa idil-addunyaa cimsaa akka jirtu Abbaan Taayitaa Teeknooloojii Itoophiyaa beeksise. Abbaan Taayitaa Teeknooloojii Itoophiyaa wixinee dambii iddoowwan niwukilaraa irratti dhaabbilee mootummaa, waldaalee ogummaa fi qooda fudhattoota biroo waliin waltajjii marii gaggeessaa jira.   Itoophiyaan anniisaa niwukilaraa kaayyoo nagaa fi madda humna ibsaatiif fayyadamuu akka qabdu ifatti Ejensii Inarjii Atoomikii Idil-addunyaatiif erga ifatti beeksistee asitti sirna danbii cimsuuf hojiin bal’aan hojjetamaa turuusaa Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa Dr. Solomoon Geetaachoo ibsaniiru. Adeemsa kana keessatti ijaarsi dandeettii humna namaa, bu’uuraalee seeraa fi danbiiwwan qopheessuu, buufata fialachuu fi sirna inspeekshinii fi raawwachiisummaa akkaataa ulaagaa idil-addunyaatiin qophaa’aa jira jedhan. Wixineen dambii kun ulaagaalee dhaabbilee niwukilaraa bakka itti hundeessan, eegumsa nageenya naannoo fi hawaasaa, ittisa balaa uumamaa fi namtolchee fi deebii hatattamaa kan hammate ta’uu ibsaniiru.   Abbaan taayitichaa Komishinii to’annoo Niwukilaraa Ameerikaa (USNRC), dhaabbata to’annoo Raashiyaa (Rostechnadzor) fi michoota idil-addunyaa biroo waliin ijaarsa dandeettii fi tumsa ogummaa gaggeessaa jira jedhan. Marii kanarratti galteewwan qooda fudhattoota irraa walitti qabaman wixinee dambii kana fooyyessuu fi raggaasisuuf bu’uura ta’uun kan tajaajilu ta’uu ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Humni namaa cehumsa dijitaalaa hubannoo nam-tolchee si’achiisu leenji’aa jira
Jul 25, 2026 1184
Adoolessa 18/2018(ENA)- Humni namaa cehumsa dijitaalaa hubannoo nam-tolchee si’achiisu leenji’aa jiraachuu daarektarri olaanaa inistiitiyuutii hubannoo nam-tolchee Dr. Injiinar Warrquu Gaachanaa ibsan. Inistiitiyuutiin hubannoo nam-tolchee bakka Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa argamanitti yeroo jalqabaaf istaarti aappota hubannoo nam-tolcheen leenji’an eebbisiiseera. Daarektarri olaanaa inistiitiyuutichaa Dr. Injiinar Warquu Gaachanaa akka ibsanitti, cehumsi dijitaalaa humna namaa cimaa akkasumas bu’uraalee misoomaa amansiisaa gaafata. Inistiitiyuutiin kun yeroo gabaabaa hundeeffame keessatti biyyattii damee hubannoo nam-tolcheen fayyadamaa kan taasisan bu’aaleen hedduu argamuusaanii dubbataniiru. Dameee hubanno nam-tolcheetiin imaammannii fi tarsiimoon hubannoo nam tolchee Afriikaa keessatti yeroo jalqabaaf bocamuusaa, bu’aaleen rakkina furan oomishamuusaanii, ogeeyyota dijitaalaa ga’oomaa ta’an gabaa addunyaaf horachuun danda’amuu, bu’ura misoomaa hubannoo nam-tolchee diriirsuu fi bu’aaleen biroo argamuusaanii eeraniiru. Dameelee hundaan keessumaammoo dameelee dursi kennamuuf haqaa fi bulchiinsaa, mana murtii Ismaartii (mana murtii ammayyaa) fi buufata poolisii Ismaartii, fayyaa, tajaajila ummataa fi dameelee birootiin teeknooloojiiwwan ‘AI’n deeggaraman bal’inaan hojiirra ooluusaanii ibsaniiru. Milkaa’ina kanaaf misooma humna namaaf hojiileen gabbisa dandeettii Istaarti aappiin, Samar Kaampiin, maneen barnootaatti, dhaabbilee barnootaa olaanoo fi dhaabbilee biroo keessatti cimaan hojjetamuu isaatiini jedhaniiru. Eebbifamtoonni yeroo jalqabaaf inistiitiyuutii hubannoo nam-tolchee keessatti leenji’an bu’aalee dinagdee dijitaalaa sochoosuuf qophii ta’an, kan sakatta’aman, hojiirra oolanii fi gabaa keessa galuu danda’an dhiheessuusaanii ibsaniiru. Bu’aaleen kunneen tarsiimoon dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 qabatamatti cehuusaa akka agarsiisan dubbataniiru. Leenjifamtoonni bu’aalee teeknooloojii rakkoo furan fayyaa, barnoota, geejjiba, teeknooloojii afaanii, Ismaarti siitii, faayinaansii fi misooma namaarratti hojjetan agarsiisa qophaa’erratti dhiheessaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015