Saayinsii fi Teeknooloojii - ENA Afaan Oromoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Imala Hubannoo Namtolchee Itoophiyaa
Sep 10, 2026 736
Mootummaan Ida’amuu ergama teeknoolojii ammayyaa addunyaan bira geessee fi gahuuf jirtu teeknoolojii guddina dinagdee fi hawaasummaaf fayyadamuu qabu keessaa tokko kan ta’e Hubannoo Namtolchee (Artificial Intelligence - AI) teeknoolojii furtuu fi xiyyeeffannoo guddaa kennameefii hojjechaa jira. Itoophiyaan teeknoolojii kanaan addunyaa waliin tarkaanfachuun, humna dargaggootaa ijaaruu fi tajaajila uummataa ammayyeessuu irratti hojii seena-qabeessa raawwachaa jirti. Hojiilee gurguddoo fi dhaabbilee Hubannoo Namtolchee (AI) guddisuuf hojjetaman, fayyadamummaa lammiilee fi bifa biyyaas olkaasuun sadarkaa Afrikaa fi Idil-Addunyaatti guddisuun beekamtii argatteetti. Hojiilee gurguddoo Itoophiyaan agama kanaan hojjette ijoo isaanii isiniif dhiyeessina Itti dhiyaadhaa. 1. Dhaabbilee fi Inisheetiiviiwwan Hubannoo Namtolchee Gurguddoo (Key AI Institutions & Initiatives) Mootummaan bu'uura teeknoolojii fi beekumsaa uumuuf dhaabbilee fi sagantaalee gurguddoo armaan gadii diriirsee jira: Inistitiyuutii Hubannoo Namtolchee Itoophiyaa (Ethiopian Artificial Intelligence Institute - EAII): Bakkaa fi Dhaabbata: Finfinnee keessatti kan hundeeffame dhaabbata qorannoo fi misooma teeknoolojii hubannoo namtolchee (AI) ti. Gummaacha fi Hojii: Instityootiin kun fayyaa, qonna, tajaajila faayinaansii, fi seera kabachiisuu keessatti meeshaalee teeknoolojii AI fi algorizimoota biyya keessaa oomishaa jira. Keessattuu teeknoolojii afaanota biyya keessaa (Afan Oromo, Amharic, etc.) fi sirna adda baasa fuulaa (face recognition) ijaaruun tajaajila uummataaf dhiheessa. Inisheetiivii Kooderoota Itoophiyaa Miliyoona 5 (5 Million Ethiopian Coders Initiative): Ergamaa fi Hojii: Dargaggoota biyya keessaa leenjii koodingii, barnoota AI (Artificial Intelligence), data science, fi ‘cloud computing’ toora intarnetaatiin leenjisuun dandeettii dijitaalaa isaanii guddisuuf sagantaa guddaa jalqabamedha. Hanga ammaatti karooraan ol hojjetaeera. Fayyadamummaa: Dargaggoota miliyoona hedduun lakka'amaniif teeknoolojii ammayyaa sadarkaa idil addunyaatti dorgomaa ta'an uumuu fi carraa hojii teeknoolojii dijitaalaatiin deeggarame bantee jira. Teeknooloojii Daataa fi Muster AI (Tech Hubs & Data Centers): Ijaarsa giddugala Daataa sadarkaa idil addunyaa (National Data Center) fi bakka leenjii dargaggootaa uumuudhaan, hubannoo namtolchee irratti qorannoon akka babal’atuu fi oomishni teeknoolojii akka babal'atu deeggarsa ni kenna. 2. Fayyadamummaa Lammiilee Mirkanaa'e Teeknoolojiin AI yaad-rimee qofa ta'ee osoo hin hafiin, jireenya guyyaa guyyaa lammiilee irratti jijjiirama fidaa jira: Sektaara Fayyaa keessatti: Hubannoo Namtolchee(AI) fayyadamuun fakkiiwwan yaala fayyaa (medical imaging/X-ray/CT scan) xiinxaluudhaan dhukkuboota akka kaansarii fi daranyoo sombaa dafee adda baasuu fi wallaansa saffisaa kennuuf deeggarsa gochaa jira. Sektaara Qonnaa keessatti: Hubannoo namtolchee fayyadamuun dhukkuboota biqilootaa fi gabbina biyyee balleessan xiinxaluudhaan qonnaan bultootaaf gorsa teeknoolojiin deeggarame kennuu, akkasumas lafa qonnaa sattalaayitiidhaan hordofuun bu’aa olaanaa kennaa jira. Afaanota Biyya Keessaa ammayyeessuu: AI fayyadamuun afaanota akka Afaan Oromoo fi Amaaraa toora intarnetiitiin hiikuun, dubbii ykn sagalee gara barreeffamatti jijjiiru (speech-to-text) fi qorannoo NLP (Natural Language Processing) irratti hojjechuun lammiileen afaan dhaloota isaaniitiin teeknoolojii akka fayyadaman taasisaa jira. Faayinaansii fi FinTech: Bankiilee fi dhaabbilee maallaqaa keessatti sirna AI fayyadamuun odeeffannoo soobaa (fraud detection) ittisuu fi tajaajila baankii toora intarnetan kennamu saffisiisuun tajaajila olaanaa kennaa jira. 3. Fakkeenyummaa Sadarkaa Afrikaa fi Idil-Addunyaatti Qabu Hojiileen AI Itoophiyaa keessatti hojjetaman fakkeenyummaa fi dhiibbaa guddaa sadarkaa ardii fi addunyaatti uumanii jiru: Giddugaleessa Teeknoolojii Afrikaa (African AI Hub): Itoophiyaan Inistitiyuutii AI hundeessuun fi bajata guddaa itti ramaduun Afrikaa keessatti biyyoota muraasa teeknoolojii kanaan fuulduratti tarkaanfatan keessaa tokko taatee jirti. Biyyoonni Afrikaa biroonis muuxannoo fi qorannoo ‘EAII’ irraa muuxannoo horachuuf Itoophiyaa daawwachaa jiru. Biyyoonni Afrikaa muuxannoo AI Itoophiyaan galmeessifte kana gara biyyoota Afrikaa birootti akka babal’isaniif Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin Gamtaan Afrikaa Dursaa Damee Hubannoo Nam-tolchee (Artificial Intelligence - AI) fi Fayyaa Dijitaalaa taasisuun muude. Beekumsaa fi Misooma Biyya Keessaa: Galteewwan Hubannoon Namtolchee addunyaa irratti oomishamu baay'inaan afaanotaa fi aadaa dhihaa irratti hunda'a. Itoophiyaan garuu teeknoolojii AI aadaa, afaan fi haala dinagdee Afrikaatiif ta'u oomishuu keessatti fakkeenya guddaa taatee jirti. Yunivarsiitii Hubannoo Namtolchee: Itoophiyaan akka Afrikaatti isa jalqabaa kan ta’e yunivarsiitii hubannoo namtolchee hundeessuun waadaa galtee gara hojiitti seenteetti. Dorgomtummaa Idil-Addunyaa: Dargaggoonni inisheetiivii leenjii AI fi koodarootaa baratan gabaa idil-addunyaa (remote jobs, global IT market) irratti dorgomuu danda'aniiru. Kaniinis Itoophiyaa biyya teeknoolojii ammayyaatiin beekamtuu fi qophii qabdu gochuu keessatti gahee guddaa taphachaa jira. Walumaagalatti, mul'atni Mootummaa Ida'amuu AI irratti qabu Itoophiyaa teeknoolojii biyya biraatii Bitattuu qofa osoo hin taane, teeknoolojii Oomishtuu fi kalaqxua sadarkaa Afrikaa fi idil addunyaatti akka taatu gochuuf bu'uura cimaa kaa'eera. #Ena-Afaan -Oromoo #Ena#
Imala Dijiitaala Itoophiyaa
Sep 10, 2026 165
Itoophiyaan guddina hundagaleessa imala badhaadhina milkeessu galmaan ga'uuf tarkaanfilee gurguddaa galmoota tarsimaa'a waliin qopheessuun xiyyeeffannoon hojjetamaa jira. Tarkaanfilee tarsiimaa'a kanneen keessaa dijiitaala Itoophiyaan isa tokkoo dha. Itoophiyaa Dijiitaalaa 2030n waggoota dhiyootti dandeettii teeknoolojii biyyattii ol kaasuu xiyyeeffannoo kennuun hojjechaa jirti. Guddinni teeknoloojii dijiitaalaa Itoophiyaa saffisa olaanaadhaan guddachaa kan jiru yoo ta'u, karoora Dijiitaatala Itoophiyaa 2030 (Digital Ethiopia 2030) irratti huda'uun utubaa dinagdee biyyattii ta'aa jira. Keessattuu tajaajilawwan mootummaa fi dhuunfaa gara sirna dijiitaalaatti jijjiiruun milkaa'ina guddaan argameera. Tarsiimoon kun utubaawwan gurguddoo sadii irratti hundaa'a. "Itoophiyaan Dijiitaalaa 2030 dhaqqabamummaa bal'isuu, carraa wal-qixa uumuu fi dhaabbilee fi uummata hunda biratti amantaa uumuu irratti xiyyeeffata. Misooma digiitaalaa kana keessatti dhimmoonni ijoon akka armaan gadiitti ibsamu: 1. Bu'uuraalee Misoomaa fi (Telecom) Lakkoofsa Maamiltootaa: Lakkoofsi maamiltoota bilbila (mobile) miliyoona 97 kan gahe yoo ta'u, fayyadamtoonni intarneetaa miiliyoona 57 qaqqabaniiru. Tajaajila 4G fi 5G: Magaalonni kuma1 fi 030 ol tajaajila intarneeta saffisaa 4G kan argatan yoo ta'u, karoora 'Digital Ethiopia 2030' tiin tajaajila 5G gara magaalaa 100tti babal'isuuf hojjetamaa jira. 2. Kaffaltii Dijiitaalaa Kaffaltiin dijitaalaa Itoophiyaa keessatti waggoota dhihoo as saffisa olaanaadhaan guddachaa kan jiru yoo ta'u, tajaajiloonni garaagaraa fi sirnoota kaffaltii haaraa fayyadamuun bakka jiranitti bittaa, gurgurtaa fi kaffaltii gibiraa raawwachuun ni danda'ama. Telebirr fi Kaffaltiiwwan Biroo: Sirni kaffaltii maallaqa harkaa malee ykn dijiitaalaa gabaa keessatti baay'ee babal'ateera. Telebirr, Ethiopay, fi appilikeeshiniin baankota dhuunfaa fi mootummaa tajaajila dinagdee saffisiisaniiru. 3. Eenyummeessa Dijiitaalaa (Fayda - National ID) Sirni eenyummeessa biyyaaleessaa dijiitaalaa (Fayda) lammiilee miiliyoona dhibbaa ol walitti hidhuuf kan kaayyeffate yoo ta'u, kutaalee tajaajila baankii,tajaajiloonni biroon fi tajaajilawwan mootummaa argachuuf akka ulaagaa ijoo ta'etti tajaajilaa jira. Faayidaan eenyummeessaa imala dijitaalessuu kan milkeessudha. Tajaajilootni hedduunis waraqaaa eenyummeessa dijitaalaan kennamuu eegalaniiru. 4.Tajaajilawwan Mootummaa Dijiitaalessuu Mootummaan Itoophiyaa tajaajilawwan isaa 900 ol gara sirna digiitaalaatti jijjiireera. Kunis iftooma uumuuf, rakkoo bulchiinsa gaarii , qisaasama yeroo fi maallaqaa hanbisuun hawaasni tajaajila si’ataa akka argatuuf gargaareera. Walumaagalatti, imalli dijiitaalaa Itoophiyaa hojii dhabdummaa hir'isuu, kalaqa haaraa jajjabeessuu, fi dinagdee beekumsaa ijaaruu irratti xiyyeeffatee tarkaanfataa jira. Tajaajila wiirtuu tokkoo masoob sadarkaa biyyaalessati babal’isuun imala dijiitaala 2030 dhugoomsuu fi itti fayyadama hawaasaa guddisuuf hojjetamaa jira. Galmi isaa dorgommii dirree teeknoloojii jaarraa 21ffaa keessa seenuu yoo ta'u, kenni tajaajila mootummaas iftooma, haqa qabeessummaa si'ataa taasisuun al-seerummaafi hoj-maata badaa qolachuuf kan gargaarudha. Kanaanis imala dinagdee dijitaalaa akka biyyaatti qabame kan milkeessudha.
Itiyoophiyaan egereeshee har’a hojjechaa jirti-tajaajila komunikeeshinii mootummaa
Sep 10, 2026 100
Egereen kan murtaa’u hojii har’a hojjennuuni! Milkaa’inni boruu kan bocamu carraaqqii keenya har’aatiini. Kan darberraa muuxannoo gaarii fudhachuun, kan har’aa sirriitti hubachuun har’arra dhaabachuun mul’ata boruu ijaaruun amantaa cimaa fi amala mootummaan keenya ittiin beekamudha. Beekumsa man-dhalee teeknooloojii ammayyaa waliin walitti hidhuun egeree baraaruuf qophaa’uun itti gaafatama guddaa dhaloota kanarraa eegamu akka ta’e mootummaan cimseetu amana. Dijitaalaayizeeshinii akka damee dinagdeetti fudhachuun xiiyyeeffannoon guddaan kennameefii hojjetamaa kan jiru kanaafi. Itiyoophiyaan dhaloota dhufuuf mindaa malee idaa hin dhaalchiftu. Dhimma yeroon gaafatuuf deebii kennuu dadhabuun idaa dhalootaati. Biyyi keenya guddattoota miiliyoonaan lakkaa’aman mana barumsaa keessatti soorachiisuun kan barsiiftu kanaafi; dargaggoota miiliyoonaan lakkaa’aman leenjii koodarsii bilisaatiin ga’oomsaa kan jirtu kanaafi; yunivarsiitii hubannoo nam-tolchee kan jalqabaa hundeessaa kan jirtu kanaafi. Egereen beekumsa teeknooloojii malee, egereen nageenya saayibarii malee, egereen birmadummaa odeeffannoo malee balaa jiraachuu akka ta’e mootummaan keenya ni hubata; kanaaf ammoo dhaloota ni qopheessa. Damee dinagdee jedhamaa kan ture qonni bara dheeraaf boodatti hafaa kan jedhame fuulduraaf teeknooloojiin alatti itti fufiinsisaa balaarra jira. Balaawwan uumamaa fi nam-tolchee of eeggannoon duraa fi deebii kennuuf dijitaalaayizeeshiniin murteessaadha. Tajaajiloota mootummaa qulqullinaa fi hatattamaan lammiilee qaqqabsiisuuf hojmaatileen baroota darbanii boruuf mitii har’aafiyyuu nama hin baasan. Dargaggoota sadarkaa addunyaatti dorgomuu danda’anii fi hojii uuman baay’isuuf ogummaan dijitaalaa baay’ee barbaachisa. Itiyoophiyaan wantoota kana irratti xiyyeeffachuun hojjechaa waan jirtuufidha “Itiyoophiyaan egereeshee har’a hojjechaa jirti” kan jennuuf. Qaam’ee guyyaa shanaffaa guyyaa egeree jennee kabajuun keenya barri itti aanu dandettii dorgommii teeknooloojii kan barbaadu, murteen odeeffannoo xiinxaluu irratti hundaa’e kan itti kennamu, qorannoowwqan qonnarraa amma saayinsii hawaatti teeknooloojii dijitaalaan kan gargaaraman jala bultiirra waan jirruuf dhaloota kana madaalu baay’isuuf akka hojjennu hubachiisuufi. Qaam’ee 5 moggaasa guyyaa egeree jedhuun kabajamuunsaa dijitaalaayizeeshiniin ijaarsaa fi kabajamuu birmadummaa Itiyoophiyaa egereef biyyi keenya cehumsa dijitaalaayizeeshiniirra akka jirtu ibsuufi.
Ergaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Qaammee 5 Guyyaa Egeree ilaalchisuun dabarsan
Sep 10, 2026 142
Ergaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Qaammee 5 Guyyaa Egeree sababeeffachuun dabarsan Cehumsa Tekinooloojii Biyyaalessaa waraqatarraa gara dijiitaalaa, fayyadamtummaarraa gara kalaquutti! Kaleessa barachuufi sirreessuun, har’a kutannoo olaanaan ijaaruun tiraanisfoormeeshiniin dijiitaalaa aaddaa keenya hoggayyuu ta’aa jira. Daldalaafi tajaajila ni si’oomsa, walgeettii odeeffannoo ni mirkaneessa, sektaroota ni ammayyoomsa! Sochiin Koodaroota Itoophiyaa miliyoona 5 dargaggoota kalaqxoota artifiishaal intelejensii taasisuudhaan galma keenya miiliyoona 7tti qajeelaa kan jirru yoo ta’u, walgeettiifi qulqullina tajaajila dijiitaalaa mirkaneesseera. Birmadummaan saayiberii humna biyyaalessaatiin gabbate immoo maxxantummaa tekinooloojiiwwan to’achuu hin dandeenyerraa nu baraaree, Itoophiyaan haaraa misooma dijiitaalaatiin humna mataa isheetiin dhaabbattu boqonnaa haaraarra ta'uushee kabajaan ni labsa! #DigitalEthiopia2030
Diinagdee Dijitaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Babaliisuun, Egeree tokkummaa fi Misoomaa Cimsuuf Dandeessisu Ijaaramaa Jira
Sep 9, 2026 208
Qaammee 4, 2018 (ENA): Itoophiyaan diinagdee dijitaalaa fi bu’uuraalee misoomaa ishee babal’isuun, tokkummaa fi misooma cimsuuf haala mijataa uumuu kan dandeessisu egeree ijaaramaa jiru ta’uu Ministirri Innooveeshinii fi Teeknooloojii, Dr. Baallaxaa Mollaa ibsan. Ministeerri Innooveeshinii fi Teekinoloojii dhaabbilee mootummaa federaalaa biroo waliin ta’uun, Qaammee 5/2018 kan kabajamu “Guyyaa Egeree” ilaalchisee ibsa kenneera. Ministirri Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dr. Baallaxaa Mollaa yeroo kanatti akka jedhanitti, mootummaan guyyoota Qaammee maqaa garaagaraatiin kabajaa jira. Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii dhaabbilee mootummaa biroo waliin ta’uun, Itoophiyaa diinagdee dijitaalaan badhaate dhaloota dhufuuf dabarsuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran kan agarsiisu guyyaa Egeree ni kabaja jedhan. Itoophiyaan imaammataa fi tarsiimoowwan qopheessuun, diinagdee dijitaalaa ijaaruuf hojiiwwan barbaachisan hojjechaa akka jirtu ibsaniiru. Teeknooloojii dijitaalaan gahumsa kan cime, tajaajila mootummaa yeroo ammaa waliin walsimu ijaaruudhaan, akkasumas tajaajila mootummaa saffisaa fi bu’a qabeessa ta’e kennuun, egeree akkamii ijaaruu akka qabnuuf bu’uura kaa’aa jirra jedhaniiru. Ministirichi, “Egeree jechuun Itoophiyaa dhaloonni dargaggootaa ittiin dhaaluu dha” jedhan. Dhaloota dhufuuf haala tokkummaa, nageenyaa fi misoomaa uumu kan dandeessisu egeree ijaaruuf hojjechaa akka jirranis ibsaniiru. Barri haaraan yeroo abdii fi yaada haaraa itti maddisiifnudha. Kanaaf, waadaa ummata keenyaaf galle hojii irra oolchuu qabna jedhaniiru. Barri haaraan kun qormaatawwan garaagaraa keessa darbuun, nageenyaa fi misooma milkaa’aa galmeessinu akka ta’u hawwa jedhan.
Appilikeeshinichi galmoota imala dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2030 dhugoomsuuf gumaacha ni taasisa - Injiinar Taakkalaa Uumaa
Sep 4, 2026 876
Hagayya 29/2018(ENA): Dhaabbanni Geejjiba Galaanaa fi Loojistiksii Itiyoophiyaa appilikeeshinii Diijitaalaa tajaajila isaa caalmaatti si’oomsu ifoomseera. Appilikeeshinichi maamiltoonni bakka jiranii tajaajila dhaabbatichaa kamiiyyuu akka argatan kan dandeessisu Appilikeeshinii Diijitaalaa haaraa ta’uutu ibsame. Eegaluun appilikeeshinii dijitaalaa kun galmoota imala dijitaalaa Itoophiyaa bara 2030 dhugoomsuuf milkaa’ina guddaa akka ta’e miseensi Boordii Geejjibaa fi Loojistikii Galaanaa Itiyoophiyaa fi hoji gaggeessaan Dhaabbata Aksiyoona Geejjibaa Baaburaa Itiyoo-Jibuutii Injinar Taakkalaa Uumaa himaniiru. Appilikeeshinichi guyyoota torbanii tajaajila sa’aatii 24 kennuuf dandeessisa jedhan. Teeknooloojiin misooma hunda galeessa biyyattii saffisiisuuf wantoota barbaachisaan keessaa ijoo Injinar Taakkalaa Uuman himaniiru. Badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf damee Loojistiksiif ulaa Galaanaa qabaachuun diqrama akka ta’e hubachiiniiru. Tajaajilli dijitaalaa ifoome kun, imala Diijitaal Itiyoophiyaa 2030 milkeessuuf tarkaanfii tokko ta’uu eeraniiru Tajaajila si’ataa, ammayyaa fi uwwisa tajaajilaa bal’isuun hanqinaalee turan furuu keessatti appilikeeshinii gahee olaanaa akka qabu ta’uu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Dhaabbatichaa Injinar Abduulbar Shamsuun ibsaniiru. Hojiin teeknooloojii dijitaalaa cimsuu akka addunyaatti dorgomaa taasisuu fi tajaajila bu’a qabeessa ta’e akka kennu kan itti fufu ta’uus ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #Ena#
Tajaajilli Immigireeshinii fi Lammummaa sirna hojii isaa ammayyeessuun tajaajila saffisaa fi mijataa kennuu irratti argama -Obbo Tamasgeen Xurunaa
Sep 3, 2026 656
Hagayya 28/2018 (ENA) Tajaajilli Immigireeshinii fi Lammummaa sirna hojii isaa ammayyeessuun tajaajila saffisaa fi mijataa kennuu irratti kan argamu ta’uusa Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa dubbatan. Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa, Waajjira Muummee Tajaajila Immigireeshinii fi Lammummaatti argamuun hojiiwwan dhaabbatichaa daawwataniiru. Obbo Tamasgeen Xurunaa, daawwannaa isaaniin hojiiwwan maxxansa paaspoortii, tajaajila lammiilee biyyoota alaa fi kenniinsa tajaajila dhaabbatichaa waliigalaa daawwataniiru. Tajaajilli Immigireeshinii fi Lammummaa haaromsa addaa hojiirra oolchaa jiruun, sirna hojii isaa ammayyeessuun tajaajila saffisaa fi mijataa kennuu irratti argama. Humna namaa gahaa fi teeknooloojii fayyadamee of gurmeessuun, paaspoortii elektiroonikaa, viizaa, sanadoota imalaa, tajaajiloota lammiilee biyya alaa, akkasumas to’annoo daangaa lafaa fi qilleensaa dabalatee hojiiwwan hedduu bu’a qabeessummaan raawwachaa jira. Kunis, tajaajila saffisaa fi dhaqqabamaa lammiilee mirkaneessuu fi guddina biyyaalessaa itti fufsiisuuf mootummaan qajeeltoo Ida'amuu diriirsee hojiirra oolchu keessatti hiika addaa qaba.
Dijitaalli Itiyoophiyaa guddina dameelee hedduu dhufe irratti gumaacha olaanaa taasiseera
Sep 2, 2026 568
Hagayya 27/2018 (ENA): Hojiirra oolmaan Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa guddinaa fi milkaa’ina dameelee hedduu keessatti galmaa’eef gumaacha olaanaa akka qabu ogeeyyiin damee kanaa ibsaniiru. Itiyoophiyaan Raawwii Tarsiimoo Dijitaalaa bara 2025 milkaa’inaan xumuruun gara marsaa biraatti ce’uun Tarsiimoo Dijiitaalaa bara 2030 hojiirra oolchaa jirti. Hojiirra oolmaan tarsiimoo damichaan guddina olaanaa galmeessisuun hojiirra oolmaa fi haaromsa dijitaalaa dameelee adda addaa keessatti boqonnaa guddaa baneera. Dhimma kana irratti hayyoonni ENA waliin turtii taasias akka jedhanitti, hojiirra oolmaan Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa guddinaa fi milkaa’ina dameelee hedduu keessatti argameef gumaacha olaanaa taasiseera. Guddinni damichaa kallattiinis ta’e al-kallattiin hojii qabatamaa dameelee adda addaa keessattuu barnootaa fi fayyaa waliin kan walqabatu ta’uu hayyoonni kunneen eeruun, barnootaa fi fayyaa dabalatee dameewwan tajaajilaa adda addaa keessatti bu’aa qabatamaa ta’e fiduu danda'niiru jedhan. Yuunivarsiitii Dillaatti Daarektarri walitti hidhaminsa Industirii fi cehumsa Teeknooloojii Doktar Addisuu Faranjoo waggoota muraasa darban ijaarsa irraa kaasee hanga hojiirra oolmaa bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa hojiin mootummaan hojjetee fi bu’aan argame dinqisiisaa ta’uu ibsaniiru. Faayidaa adda baasuun, tajaajilli dhaabbata tokkoo Ministeera Maallaqaa fi hojiiwwan qabatamaan kanaan walqabatan biroo lammiileen tajaajila saffisaa akka argataniifi malaammaltummaa akka ittisan taasiseera jedhan. Akkasumas leenjiin Itiyoo Koodarootaa dargaggoonni keessumaa dargaggoonni damee kanarratti beekumsa akka horataniifi dorgomtoota gahumsa qaban ta’uun carraa hojii akka uumuuf gargaareera jedhan. Akka biyyaattis tajaajiloonni masoob fi faayidaan hojiirra oolaa jiru bu'aa olaanaa galmeessisaa jira jedhan. Tajaajilli yunivarsiitichaa hedduun karaa dijitaalaa kan raawwatamaa jiru ta’uu eeruun, dandeettii kalaqaa dargaggoonni damee kanarratti qaban guddisuuf leenjiin gama bulchiinsa humna namaa fi roobootikii irratti kennamaa akka jiru hubachiisaniiru. Yunivarsiitichatti barsiistuu fi qorattuu saayinsii kompiitaraa fi itti gaafatamtuu damee Dijitaalaazaayizeeshinii Tajaajila Hawaasaa fi Pirojektoota Alaa kan ta’an Sennaayit Mootii, hojiirra oolmaa Dijitaalaa Itiyoophiyaa sirna faayinaansii, tajaajilaa fi dameewwan biroo keessatti dandeettiin uumame olaanaa ta’uu ibsaniiru. Sirni dijitaalaa kenniinsa tajaajilaa fi akkaataa jireenyaa ta’aa akka jiru, ergaa waljijjiiruu irraa kaasee hanga tajaajila kamiyyuu waraqaa malee kennuu fi fudhachuutti hojiin tajaajila kamiyyuu babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Dhaabbileen barnoota olaanoo hubannoo hawaasaa damee kanaa guddisuun wiirtuu hojiirra oolmaa dijitaalaa damee kanarratti ta’uun Dijiitaalaa 2030 dhugoomsuuf hojjechaa jiraachuus hubachiisaniiru. Hojiirra oolmaan Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2025 damee dinagdee, hawaasummaa fi bulchiinsaa biyyattii keessatti jijjiirama bu’uuraa fi tarkaanfataa fiduun isaa ni beekama. #Ena Afaan Oromoo #Ena#
Ejensiin Geejjiba Oromiyaa leenjii ORO-Tikeetii irratti caasaa isaaf kenne
Sep 1, 2026 645
Hagayya 25/2018 (ENA) : Ejensiin Geejjiba Oromiyaa leenjii ORO-Tikeetii irratti caasaa isaa sadarkaan jiraniifi Waldaalee Geejjiba deddeebisa uummataaf kenneera. Itti Aanaa Hogganaa fi Itti Gaafatamaan Damee Mirkaneessa dhiyeessaa fi bobbii geejjibaa Obbo Dirribaa Magarsaa waltajjii kana irratti ORO- Tikeetiin konkolaataa sirnaan hogganuun tajaajilaa Geejjiba Naannicha ammayyeessuufi shoora olaanaa akka qabu kaasaniiru. Akkasumas Itti Aanaa Hogganaa fi Itti Gaafatamaan Damee Mirkaneessa Nageenya Tiraafikaa Obbo Lachiisaa Hayyuu waltajjii kana irratti yaada kanneen leenjii kana fudhattanii imaanaa mootummaa fi ummanni isaanitti kenne harcaatii tokko malee akka hojiirra oolchan dhaamaniiru. Obbo Lachiisaan tajaajila geejjibaa ammayyeessuun dhimma filannoo hin qabne ta'uu kaasuun ORO-Tikeetii hojiirra oolchuun to'annoo daandii fi buufata qulqullina qabu gaggeessuu, komii hawaasaa xiqqeessuu, Balaa Tiraafikaa hir'isuufi kan gargaaru ta'uu dubbataniiru. Hogganaan Ejensii Geejjiba Oromiyaa Obbo Kamaal Maammee Kallattii hojii kennaniin akka ibsanitti, Dameen geejjibaa seektara yeroo yeroon tajaajilli isaa ammaayyaa'aa deemu ta'uu dubbataniiru. Teekinoloojiin ORO-Tikeetii cabinsa sirna Tajaajila geejjibaa komii hawaasaaf sababa ta'e maqsuufi akka gahee qabu himaniiru. Hawaasni keenya tajaajila geejjibaa isaa malu akka argatu beekumsaan hoogganuun dirqama akka ta'e kaasaniiru. ORO-Tikeetiin seeran Alummaa Bobbii Geejjibaa wal qabatee mudatu hundeerraa jijjiiruufi shoora akka qabu kaasuun, qaamolee itti gaafatamummaa itti kenname sirnaan hin raawwanne irratti tarkaanfii Seeraa fi bulchiinssaa barsiisaa ta'e kan fudhatamaa jiruu fi kan fudhatamu ta'uu dubbataniiru. Xumura irratti Leenjii fudhatan kana Caasalee Geejjiba Sadarkaan jiranuuf akka kennanuu fi hojiirras akka oolchan cimsaanii dhaamanii jiru. kanamales Leenjiin kennamu,Teeknolojiin hojiirra oolfamu kamuu Tajaajila Geejjibaa Hawaasa keenya kennamuuf galmi isaa komii hawaasa keenya hir'isuu fi itti quufinsa tajaajila geejjibaa kennamu sirnaan mirkaneessuu akka ta'e keesumattuu Darbaa fe'uu,Taarifaa olkafalchiisuu fi alseerummaa Geejjiba keessatti mul'atan kamuu maqsuu akka ta'e hubachiisuun galma kana qabatanii akka hojiirra oolchan cimsanii dhaamaniiru.
Hojmaata badaa fi al-seerummaa damee geejjibaarratti mul’atu dhabamsiisuuf hojjetamaa jira-Ejensicha
Aug 29, 2026 506
Hagayya 23/2018(ENA)- Hojmaata badaa fi al-seerummaa damee geejjibaarratti mul’atu ittisuuf tajaajilli kennamu teeknooloojiin akka gaggeeffamu taasifamuusaa ejensiin geejjibaa Oromiyaa beeksise. Ejensiin geejjibaa Oromiyaa “Oro Tikkeet” dabalatee appilikeeshinii teeknooloojii hojjete saddet irratti kan xiyyeeffate waltajjiin marii fi gabbisa dandeettii magaalaa Adaamaa galma abbaa Gadaatti gaggeeffamaa jira. Tajaajila geejjibaa si’ataa, qaqqabamaa fi nageenyisaa kan mirkanaa’e gochuuf teeknooloojii hojjechuu fi fayyadamasaa irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan waltajjicharratti kan argaman hogganaan ejensii geejjiba Oromiyaa obbo Kamaal Maammee. Rakkoo bulchiinsa gaarii fi hojmaata badaa damee kanarratti mul’atan dhabamsiisuuf ga’umsaa fi naamusa konkolaachiftootaa guddisuun bobba’insi geejjibaa qulqullina qabu akka jiraatu taasifamaa akka jiru dubbataniiru. Riifoormii hojjetamu bu’a qabeessa gochuuf hojmaataa fi itti fayyadama teeknooloojii mirkaneessuun hojii adda duree ta’uu eeraniiru. Ejensichi hojmaata tikkeetii dijitaalaa “Oro Tikkeet” jedhamu hojiirra oolchuurra darbee bobba’insa buufataalee konkolaataa geejjiba ummataa naannichaa keessa jiru waajjira teeknolojiin hordofuudhaan muummeerraa kallattiidhaan hordofuun tarkaanfiin fudhatamaa jira jedhaniiru. Kana malees teeknooloojiiwwan saffisa daangessanii fi raadaariitti gargaaramuun hojmaanni to’annoo nageenya tiraafikaa ammayyeeffamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshiniin ejensichi hojjete saddet bobba’insa geejjibaa fi kenniinsa tajaajilaa waraqaarraa adda baasuuf kan akeekame ta’uu ibsaniiru. Haala Kanaan ka’umsaa fi ga’umsa konkolaataa kallattiin hordofuun al-seerummaa hir’isuun akka danda’ame eeraniiru. Kaayyoon ijoo waltajjii kanaa raawwachiiftota sektara geejjibaa sadarkaan jiraniif itti fayyadama teeknooloojii kanarratti beekumsaa fi ogummaa gahaa uumuu ta’uun eerameera. Itti gaafatamaan dhiheessii geejjibaa fi babbii ejensichaa obbo Dirribaa Magarsaa gamasaaniin, bobbii geejjiba ummataa guyya guyyaa teeknooloojiin gaggeessuun milkaa’ina riifoormii sektarichaaf murteessaa ta’uu dubbataniiru. Abbootiin konkolaataa tajaajila deddeebisa ummataa irratti hojjetanii fi waldaaleen appilikeeshinii kanarratti galmaa’uudhaan tajaajila kennuu akka qaban eeraniiru. Buufata konkilaataan ala fe’uun, taarifaan olitti kaffalchiisuunii fi lakkoofsaan ol fe’uun guddaa akka nama gaafachiisu hubachiisaniiru. Hoggantoonnii fi to’attoonni sektara geejjibaa godinaalee, magaalotaa fi aanaarra jiran itti fayyadama teeknooloojiirratti ogummaa fi hubannaa argatanii bu’a qabeessummaa jijjiirama kanaaf tumsaan akka hojjetan dhaamaniiru.
Magaalaa Goreetti Wiirtuun Tajaajila Iddoo tokkoo 'Masoob' hojii eegale.
Aug 29, 2026 310
Hagayya 23/2018(ENA): Magaalaa Goreetti Wiirtuun Tajaajila Iddoo tokkoo 'Masoob' hojii eegaluu ibsame. Jiraattonni Aanaa Aallees, kanaan dura seektaraaleen mootummaa walirraa fagachuun tajaajila argachuuf dhamaatiin adda addaa irra gahaa turuu himan. Wiirtuun kun hojii eegaluun dhamaatii hambisee baasii nuu qusachuun tajaajila si'ataa akka argannuuf nu gargaara jedhan jiraattonni kunniin. Bulchaan Aanaa Aallee Obbo Kaliifaa Zeenuu, wiirtuun tajaajila Iddoo tokkoo birrii miliyoona 100fi miliyoona 68 ijaarame kun foddaawwan 8 keessatti tajaajila gosa 69 kan kennu ta'uu himan. Bulchaan Godina Iluu Abbaa Boor obbo Indaalkaachoo Tafarii gama isaaniin, Mootummaan lammiileen tajaajila hunda karaa dijitaalaa akka argataniif hojjetaa jiraachuu eeraniiru. Tajaajilli wiirtuu Iddoo tokkoo 'Masoob' ammoo tajaajila si'aataa kennuu qofa osoo hin taane tajaajila loogii irraa bilisa ta'e hawaasaaf kennuuf gahee guddaa qaba jedhan. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Teeknooloojiiwwan qonnaa hojiirra oolanii fi dhiheessiin sanyii filatamaa bu’a qabeessummaa qonnaan bulaa dabalaa jiru
Aug 29, 2026 205
Hagayya 23/2018 (ENA): Teeknooloojiiwwan qonnaa hojiirra oolanii fi dhiheessiin sanyii filatamaa oomishaa fi oomishtumma bu’a qabeessummaa qonnaan bulaa dabalaa jiraachuuhayyoonni ibsan. Mootummaan wabii nyaataa qonnaan bulaa mirkaneessuu fi fayyadama dinagdee guddisuuf qonna ammayyeessuurra darbee muuxannoo waqtii eeganii oomishuu jalaa bahuuf misooma qamadii jallisii Bonee hojiirra oolcheera. Kun ammoo oomishaa fi oomishtummaa qonnaan bulaa guddisuun hirkattummaa hambisuurra darbee Qamadii biyya alaatti erguuf gumaacha olaanaa gochaa jira. ENA’n hojiirra oolmaa fi bu’a qabeessummaa karoora misooma qonnaa mootummaa ilaalchisuun ogeessotaa fi qorattoota damichaa waliin turtii taasiseera. Ogeeyyota damichaa ibsa ogummaa taasisan keessaa qindeessaa sagantaa qorannoo qamadii biyyaalessaa fi qorataan wiirtuu qorannoo Bishooftuu Dr. Nagaash Galataa akka jedhanitti, hojiirra oolmaan misooma qonnaa teeknooloojiiwwan qonnaa fayyadamuu fi yeroo eeganii oomishuu jalaa bahuuf kan gargaarudha. Bishaan lafa jalaa fi lafa gubbaa faayidaaf oolchuudhaan qonnaan bulaan rooba eeguu jalaa bahee misooma jallisii bal’inaan fayyadamuudhaan oomishtummaa fi fayyadamummaa guddifachaa dhufuusaa dubbataniiru. Misoomni qonnaa bu’a qabeessa akka ta’u waggoottan darban xaa’ummaa lafaa guddisuu fi jiidhatti gargaaramee misoomsuuf hojiin hojjetame milkaa’uusaa dubbataniiru. Naannichatti sanyii filatamaa gargaaramuun alatti qonna kilaastaraa babal’isuun oomishtummaa qonnaa guddisuusaa kan ibsan ammoo intarpiraayizii sanyii filatamaa Itiyoophiyaatti ogeessa olaanaa agiroonoomii damee Baalee obbo Dassaalanyi Dajaneeti. Kanaafis, intarpiraayiziichi sanyiiwwan filatamoo qamadii, garbuu fi baaqelaa qonnaan bulaaf dhiyeessuu bira darbee, sirna kilaastaraa fi kunuunsa midhaanii irratti deeggarsa ogummaa taasisaa jiraachuu isaanii ibsaniiru. Dhiyeessii sanyii filatamaa kanaan midhaan dhukkubaa fi hongee dandamatu qonnaan bulaaf dhiyeessuun, dandeettii dinagdee isaanii guddisuuf gahee isaanii bahaa jiraachuu himaniiru. Keessattuu, misooma qamadii bonaa jallisii irratti dhiyeessiin sanyii filatamaa gahaa fi qaqqabamaa akka ta’u gochuun, bu’a qabeessummaa isaa guddisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Yuunivarsiitii Madda Walaabuu keessatti qindeessaa olaanaan piroojeektii qorannoo qamadii fi qorataa kan ta’an Gargaaraa Piroofeesaraa Jamaal Abdulkariim, gama isaaniitiin akka ibsanitti, yuunivarsiitichi misooma qamadii jallisii guddisuuf qonnaan bultoota leenjii fi galteewwan qonnaatiin deeggaramaa jira. Keessattuu, qonnaan bultoonni godinaalee Baalee, Baalee Bahaa fi Arsii Lixaa keessa jiran misooma qamadii Bonaa jallisii irratti beekumsa itti fayyadama teeknooloojiiwwan qonnaa akka argatan leenjii kennamaa jiraachuu ibsaniiru. Teeknooloojiiwwan qonnaa fi dhiyeessii sanyiiwwan filatamoo qaqqabamaa taasisuun, bu’a qabeessummaa qonnaan bulaa guddisuuf hojiiwwan hojjetaman oomishtummaa dabaluudhaan qonnaan bultoota fayyadamaa taasisaa jiraachuu beeksisaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Tarsiimoon Dijiitaala Itoophiyaa 2025 ce’umsa dijiitaalaa gara fuulduraaf bu'uura cimaa kaa’eera – Hayyoota
Aug 26, 2026 218
Hagayya 20/2018 (ENA): Tarsiimoon Dijiitaala Itoophiyaa 2025 Ce’umsa Dijiitaalaa gara fuulduraaf bu'uura cimaa kaa’uusaa Hayyoonni Yuunvarsiitii Jimmaa ibsan. Mootummaan Itoophiyaa bara Faranjootaa 2020tti tarsiimoo dijiitaalaa Itoophiyaa 2025n ifoomse,Teekinoolojii fayyadamuun guddina dinagdee biyyaattii ariifachiisuufi tajaajiloota ammayyeessuuf sagantaa biyyaaleessa qophaa’eedha. Tarsiimichi Qonna,Tturizimii, Maanuufakcharingii fi tajaajiloota dijitaalaa irratti xiyyeeffachuun sadarkaa jireenya lammiilee fooyyessuufi carraa hojii haaraa uumuuf kaayyoo kan godhatedha. Akka Hayyoonni ibsanitti, marsaa Dijital Itiyoophiyaa 2025 keessatti bu'aa olaanaan kan keessatti galmeeffamee fi milkaa'inaan kan xumuramee dha jedhaniiru. Bu'aawwan gurguddoo galmeeffaman keessaa babal'ina tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob, hojiirra oolmaa waraqaa eenyummaa dijitaalaa Fayyidaa, qormaata biyyaaleessa kutaa 12ffaa Intarneetiin kennuu fi leenjii Itiyoo koodarsii Lammiilee miiliyoonaan lakkoofamaniif kenname hayyoonni kun eeraniiru. Yuunvarsiitichatti Barsiisaan Kutaa Barnootaa Inistityuutii Teeknoolojii damee Makaanikaal Injiinarinjgii Barsiisaa Shawaangizaw Warqaaganyoo Sosochiin teeknoolojii biyyaattii bal’inaan guddachaa dhufuu ibsuun, milkaa’ina dabalataan ogeessota dame sanaa hedduu horachuu danda’amuu eeraniiru. Babal'inni teekinoolojii dijitaalaa dhaabbilee adda addaa keessatti qabannaa odeeffannoo ammayyeessuu bira darbee tajaajila kennamu ariifachiisuu isaanii addeessaniiru. Kunis lammiileen tajaajila rakkoo malee akka argataniif, akkasumas yeroo fi qarshii isaanii akka qusatan isaan dandeessiseera. Keessumaa tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob rakkoolee kenniinsa tajaajilaa fi bulchiinsa gaariirratti mul’atan furuun gumaacha inni taasisaa jiru dinqisiifataniiru. Yunivarsiitii Jimmaatti daarektarri wiiirtuu hubannoo nam-tolchee Injinar Jaarmiyaa Baayyisaa akka jedhanitti, tajaajilli dijitaalaa qajeeltoo iftoominaa cimsuudhaan malaammaltummaa hir’isuudhaan gumaacha olaanaa taasisaa jira. Dhaabbileen ijaaramuu fi ammayyaa’uun, tajaajilli mobaayil baankiingii babal’achuunsaa, akkasumas filannoon walii galaa 7ffaan galmeerraa eegalee akkaataan odeeffannoon ittiin qindaa’e ammayyaa fi milkaa’aa ta’uunsaa bu’aalee cehumsa dijitaalaa isaan ijoo ta’uu ibsaniiru. Milkaa’inoonni galmaa’an fuulduras cimanii itti fufuu akka qaban Injiinar Jaarmayaan hubachiisaniiru. Keessumaa tarsiimoon dijitaalaa 2030 galma akka gahuuf hojiileen misooma dijitaalaa eegalaman qindoominaan itti fufuu akka qaban ibsaniiru. Tajaajiloota kanneen akka dijitaalaa wiirtuu tokkoo Masoob babal’isuu, leenjiiwwan akka Itiyoo-Koodarsii cimsuu fi damee Kanaan ogeeyyota ga’ooman hedduu horachuun milkaa’ina cehumsa dijitaalaa itti aanuuf murteessaa ta’uu Injiinar Jaarmiyaan dubbataniiru. Biyyoonni guddatan dinagdeesaanii cimsuuf akka ijootti kan itti gargaaraman teeknooloojii dhaabbilee dhuunfaatti fayyadamuunii fi babal’isuudhaan hirmaannaa cimaa taasisuun ta’uu eeranii, mootummaanis dhaabbilee dhuunfaa damee kanarratti hirmaachisuu cimsee itti fufuu qaba jedhaniiru.
Manneen Murtii Oromiyaa teekinooloojii Dijiitaalaa Hojiirra oolchuun kenna tajaajilaa haqaa saffisiisaa jira – Teediroos Mihirat
Aug 16, 2026 953
Hagayya Hagayya 10/2018 (ENA): Manneen Murtii Oromiyaa teekinoloojii Dijiitaalaa hojiirra oolchuun kenna tajaajilaa saffisiisaa jiraachuu Pirezadaantiin Mana Murtii Waliigalaa Federaaalaa Obbo Teediroos Mihirat ibsan. Yaa’iin Abbootii Seeraa bilisummaa abbaa seerummaafi haqaa Heera mootummaan kennameef akka dhugoomu kan gargaaru ta’uu, Pirezadaantiin Mana Murtii Waliigalaa Federaaalaa Obbo Tewodiroos Mihirat dubbataniiru. Manneen Murtii Oromiyaa teeknoloojiitti gargaaramuun tajajaila dijiitaalaa hojiirra oolchuun manneen murtii naannolee biyyattiif fakkeenya kan ta’uufi kan galateeffamu ta’uusaa dubbataniiru. Qulqullina, saffisaafi bu’a qabeessummaa haqaa mirkaneessuun ammoo hojii tumsa hundaa barbaadudha jechuun, Yaa'ii Abbootii Seeraa Naannoo Oromiyaa 8ffaa Magaalaa Bishooftuutti taa'amaa jirurratti argamuun dubbataniiru.
Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob kenna tajaajila Mootummaa Ammayyeessun Itti Quufinsa maamilaa dabalaa jira
Aug 13, 2026 875
Hagayya 07/2018 (ENA): Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob kenna tajaajila Mootummaa Ammayyeessun Itti Quufinsa maamilaa dabalaa jira Itti Aanaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii fi hoggantoonni olaanoon sadarkaa gara garaa Wiirtuu Tajaajila tokkoo Masoob Aanaa Maannaa daawwataniiru. Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob magaalotaa fi aanaalee keessatti babal’achaa jiru tajaajila mootummaa duraan bifa bittinnaa'een kennamaa tureefi qisaasama yeroo fi baasii hin malleef hawaasa Saaxilaa ture bu'uurarraa furuun itti quufiinsa maamilaa dabalaa akka jiru Obbo Awwaluun ibsaniiru. Yeroo ammaa kanattis magaalotaafi aanaalee Oromiyaa 96 keessatti baballachuun kaayyoo qabameef milkeessaa akka jirus himaniiru. Wiirtuun tajaajila tokkoo Masoob Bulchiinsa Aanaa Maannaa tajaajiloota 88 seekaroota aanichaa 10 irraa fooddaawwan 9 fi ogeeyyii 43 ta'aniin tajaajila kennaa jira. Daawwannaa kanarratti Ittigaafatamaa Damee Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Namarraa Buliifi Bulchaa Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir dabalatee Bulchoota Godinaaleefi Kantiibota Magaalota ollaa dabalatee qaamoleen gara garaa argamuusaanii odeeffannoon BKO argame mul’isa.
Hannaa fi Malaammaltummaa Dhabamsiisuu Keessatti Gahee Wiirtuu Tajaajila Iddoo Tokkoo (Masoob)
Aug 11, 2026 882
Hannaa fi Malaammaltummaa Dhabamsiisuu Keessatti Gahee Wiirtuu Tajaajila Iddoo Tokkoo (Masoob) Malaammaltummaan, hannii fi saamichi daranyoo guddina biyyaa fi diina bulchiinsa gaariiti. Tajaajilli mootummaa yeroo dheeraaf lafarra harkifachuu, iftoomina dhabuu fi hojmaata boodatti hafaa ta’een kan deeggaramu yoo ta’e, gufuu guddaa qulqullina tajaajilaa uumuun uummata komii keessa galchaa tureera. Haata’u malee, Mootummaan rakkoo fi hudhaa waggoota hedduuf uummata danqaa ture kana furuuf tarkaanfii seenaa-qabeessa fudhataa jira. Isaan keessaa inni ijoon Wiirtuu Tajaajila Iddoo Tokkoo (Masoob) teknoolojiidhaan deeggaruun hojiirra oolchuudha. Masoob tajaajila mootummaa si’ataa, ammayyaa'aa fi dhaqqabamaa gochuu qofa osoo hin taane, qaawwa malaammaltummaa fi saamicha diriiree ture cufuu keessatti gahee murteessaa qaba. Mootummaan bulchiinsa gaarii fi amanamummaa kenna tajaajilaa haqa-qabeessa, ammayyaa'aa fi malaammaltummaa irraa bilisa ta'e kennuuf hojjechaa jira. Wiirtuun Tajaajila Iddoo Tokkoo (Masoob) hudhaawwan waggoota hedduuf uummata rakkisaa turan furuudhaan itti-quufinsa uummataa mirkaneessaa jira. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad 'aappilikeeshinii' tajaajiloota bakka adda addaatti kennaman bakka tokkotti walitti fiduu fi tajaajila dijitaalaa qindaa'aa Afrikaatti kan jalqabaa yeroo eebbisaniitti akka jedhanitti, appilikeeshiniin kun tajaajiloota dhaabbilee garagaraa keessatti kennaman waltajjii tokkorratti kan walitti fidu akka ta’e dubbataniiru. Milkaa’inni guddaan kun biyya keenya guddaa kan boonsu ta’uun olitti teeknooloojiin kan gaggeeffamuu fi invastimantiin kaayyoon gaggeeffamu maal akka buusuu danda’u kan mirkaneessudha jedhanii turan. Bu’uura misoomaa dinagdee isa ijoo kan ta’e tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob, yeroo ni qusata, ulaa malaammaltummaa akka duuchu ibsanii, gama mootummaatiin amanamummaa fi cimina akka gabbisu dubbataniiru. Milkaa’ina kana akka cimsinu, muuxannoo keenya obbolootaa keenya Afriikaanotaaf akka qoodnu, akkasumas bu’aa kana caalu galmeessuuf kutannoon tarkaanfachuu barbaachisa jedhaniiru. Wiirtuu Tajaajila Iddoo Tokkoo (Masoob) Qaawwa Malaammaltummaa fi Saamichaa Akkamitti Cufa? Masoob sirna kenna tajaajilaa duraan ture sirreessuudhaan malaammaltummaa fi hanna qabataamaan hir’isa: Deddeebii fi Dhamaatii Hambisuu: Abbootiin dhimmaa waajjiraa waajjiratti deddeebi’uu fi deddeebisuun karaa itti mattaayaan gaafatamuu fi saaxilaman ture. Masoob tajaajila iddoo tokkotti waan walitti fiduuf, walitti dhufeenya kallattii abbaa dhimmaa fi tajaajila kennaa sana gidduu jiru hir’isuun carraa malaammaltummaa dhabamsiisa. Dijitaalessuu: Tajaajila tekinoolojiin deeggaramee fi dijitaala ta’e fayyadamuun hojmaata waraqaa ta’e ni dhabamsiisa. Hojmaanni dijitaalaa galmeen isaa ifa waan ta’eef, hannaa fi maallaqa seeraan ala gaafatamu hanqisa. Iftoomina fi Itti Gaafatamummaa: Sirni Masoob hojiiwwan hunda iftoominaan akka raawwataman taasisa. Namni tajaajila kennu beekumsa qabuu fi malaammaltummaa irraa bilisa ta’een akka deeggaramu gochuun, itti gaafatamummaa diriirsa. Yeroo fi Baasii Qusachuu: Tajaajila ariifataa sa'aatii muraasa keessatti kennuun, namoonni tajaajila saffisaa argachuuf jecha matta’aa akka hin kennine gochaa jira. Tarkaanfii Tarsiimawaa fi Bu'aawwan Galmaa'an Deddeebii fi dhamaatii tajaajilamaa xiqqeessuu. Tajaajila mijataa, saffisaa fi qulqullina qabu tekinoolojiin deeggaruudhaan baasii xiqqeessuu. Sirna iftoominaa fi itti gaafatamummaa diriirsuudhaan amantaa lammiilee guddisuu. Tajaajilli wiirtuu tokkoo akka naannoo Oromiyaattis magaaloota baay'ee irratti tajaajila kenna. Kanaanis itti-quufinsa uummataa haalaan kennuun rakkoolee kana dura hojmaata badaa waliin qabatee jiru hiikaa jira. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Hojiin humna namaa gahumsa qabu misoomsuu, kan naannoo nageenya saayibarii nageenya qabu ijaaruuf murteessaa ta’e cimee itti fufa
Aug 11, 2026 753
Hagayya 5/2018 (ENA): Itoophiyaatti haala nageenya saayibarii nageenya qabu ijaaruuf murteessaa kan ta’e hojiin humna namaa gahumsa qabu misoomsuu cimee itti fufa jedhan Daayrektarri Olaantuun Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa Tigist Hamiid. Leenjiin Kalaqa Saayibarii Waqtii Gannaa marsaa 5ffaan guyyaa har’aa eegalameera. Aadde Tigist Hamiid wayita kana leenjichi nageenyaafi birmadummaa saayibarii biyyattiif bu’uura kan kaa’u ta’uus ibsaniiru. Humna namaa gahoomsuu irratti hojjetamaa akka jiru eeranii, ittisa saayibarii milkaa’ina qabuuf misooma guddattoota irratti xiyyeeffatuuf xiyyeeffannoon kennamuus kaasaniiru. Pireezidaantiin Yuuniivarsiitii Saayinsiifi Teeknooloojii Finfinnee Dooktar Asraat Atsadawayin gamasaaniin, misoomni teeknooloojiirratti hundaa’e badhaadhina waaraa biyya tokkoof murteessaa ta’uu dubbataniiru. Sagantichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaan nageenyaafi birmadummaa Saayibarii biyyattii mirkaneessuuf yaadamee kan qophaa’e ta’uun eerameera. Leenjichaaf barattoonni kumni 14 ol kan galmaa’an yoo ta’u kanneen keessaa kumni 1 fi 249 leenjicha fudhachaa jiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Innisheetivii Qonna Magaalaan jijiiramni guddaan mul’achaa jira
Aug 10, 2026 430
Hagayya 4/2018 (ENA) : hojiirra oolmaa Innisheetivii Qonna majgaalaan jijiiramni gudan mul’achaa jiraachuun Biiroon Misooma magaalaa fi manneenii Oromiyaa beeksise. Tarsiimoo Magaalota giddugala dinagdee taasisuuf hojjetama jiruun bu’aan abdachiisaan mul’achuusaa Hogganaa Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa Obbo Mohaammad Guyyee ibsaniru. Biiroon Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa waltaa'insa Yunvarsitii Naannoo Oromiyaa waliin ta'uun qorannoo rakkoo hawaas-dinagdee magaalota hiikuu dandeessisan gaggeesse irratti qooda fudhattoota waliin marii gaggeessa jira. Magaalota giddugala dinagdee taasisuufii fi beekumsan hogganuuf qorannoon deeggaramuun hojjetamaa jiraachuu Hogganaa Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa Obbo Mohaammad Guyyee ibsaniru. Mootummaan tarsiimoo magaalomsuu hojirra oolchaa jiruun jijjiiramni dhufa jiraachuu ibsuun qorannoo kanaan rakkoowwan raawwii keessatti mudaacha jiru addaa baasuun fi tarsiimoo haaraa bocuun hojjechuuf yaadame kan gaggeeffame ta'u Obbo Mohaammad himaniru. Qorannicha kan dhiheessan Yunvarsitii Naannoo Oromiyaa irra sanada "Urban Agriculture Initiatives" irratti kan dhiyeessan qorattoonni Dr Dasaalenyi Fiqaaduu fi Dr. Ahimed Mohaammad akka jedhanitti hojiin inisheetivii qonna magaalaa magaalota keessatti hojjetama jiran jijjiirama gaarii argamsiisaa jiraachuu ibsuun, hojiiwwan inisheetiviin hojjetamaa jiran daran ammayyeessuuf ''Innovative Urban Farming''(Qonna magaalaa kalaqaa) hojirra oolchuun yoo hojjetame misooma itti fufinsa barbaadame fiduun barbaachisa ta'u himaniru. Hojiin inisheetivii qonna magaalaa ijaarsa kilaastara beelladaa, omishaa kuduraa fi muduraa, misooma dammaa karaa qindaa'een hojjetamaa jiruun carraan hojii uumamuu, galii fayyadamtoota guddisuu, magaalaa iddoo oomishaa taasisuu, maddii madaalawwa lammileen akka argatan taasifama jiraachuus ibsameera. Magaalota jireenyaaf mijataa ta'an horaachuuf kan hojjetamu ta’uunis ibsameera. BMMMO irraa
Inishiyeetiiviin Kooderoota Itoophiyaa Miiliyoona 5 dandeettii dijitaalaa guddisuu fi jijjiirama biyyaalessaa saffisiisuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jira.
Aug 10, 2026 288
Hagayya 4/2018(ENA) : Inishiyeetiiviin Kooderoota Itoophiyaa Miiliyoona 5 dandeettii dijitaalaa guddisuu fi jijjiirama biyyaalessaa saffisiisuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jiraachuu Waajjirri Ministira Muummee beeksise. Waamicha biyyaalessaa Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) dargaggoonni Itoophiyaa Inishiyeetiivii Kooderota Itoophiyaa Miliyoona 5tti makamuun dhuma waqtii Gannaa lakkoofsi hirmaattota gara miliyoona 7tti akka ol guddatuuf hordofuun, sagantaan muuxannoo wal jijjiiraa gaggeessummaa Waajjira Ministira Muummeetiin adeemsifameera. Sagantaan kun hoggantoota industirichaa fi qaamolee imaammata baasan, eebbifamtoota jalqabbii kanarraa mirkanaa’anii fi ogeessota dargaggootaa walitti fideera. Sagantaan kun waltajjii hirmaattonni muuxannoo fi ilaalcha isaanii akka waliif qoodan taasisuudhaan Ajandaa Dijitaalaa Itoophiyaa bara 2030 guddina ogummaa dijitaalaa qabatamaan akka tarkaanfachiisu gumaacheera. Sagantaan kun agarsiisa hubannoo namtolchee irratti xiyyeeffate daawwachuudhaan kan eegale yoo ta’u, Waajjira Ministira Muummeetti Hoggantuun Sakreetariyaatii Pireesii Billenee Siyyum haasaa baniinsaa taasisaniiru. Itti Gaafatamtuun Biirichaa haasaa isaanii keessatti ogummaan teeknikaa fi dijitaalaa dargaggoota qabeenya biyyaalessaa murteessaa ta’uu ibsuun, waamicha Ministirri Muummee Ganna kana lakkoofsi koodaroota gara miiliyoona 7tti akka ol guddisu taasisan hojiirra ooluu isaa mirkaneessaniiru. Marii paanaalii itti aanu irratti ogeeyyiin afur kanneen Inishiyeetiivii Kooderoota Itoophiyaa Miiliyoona 5 irratti muuxannoo fi ilaalcha isaanii qoodaniiru. Paanaalistoonni Dr. Abiyyoot Baayyuu Gorsaa Olaanaa Ministira Innooveeshinii fi Teeknooloojii; Hojii Gaggeessaa Olaanaa dhaabbata Giiroo(gheero) Beeteeliheem Dassee , eebbifamaa inisheetivii kanaa Azmaraa Taaddasaa fi hojii uumtuu teknooloojii Maahileet Siyyum dha. Hirmaattonnii fi dargaggoonni dandeettii isaanii itti fufiinsaan akka guddisan, furmaata gochaan hojjetamuu danda’u akka qopheessan, guddinaa fi kalaqa sirna ikoo dijiitaalaa Itoophiyaa keessatti gahee isaanii akka ba’an jajjabeessaniiru. Dargaggoonni hirmaattonni ogummaa dijitaalaa ilaalchisee gaaffii paanalistootaaf kan dhiyeessan yoo ta’u, gaaffii isaaniif deebii kan argatanii fi guutuun waltajjii marii banaa fi muuxannoon kan itti wal jiijjirame ture. Muuxannoo wal jijjiiruun kun dandeettii dijitaalaa guddisuu fi jijjiirama biyyaalessaa saffisiisuu keessatti gahee olaanaa Inishiyeetiiviin Koodaroota Itoophiyaa Miiliyoona 5 qabu irra deebi’ee kan mirkaneesse ta’uu Waajjirichi ibseera. #PMOEthiopia #DigitalEthiopia2030 #5MillionEthiopianCoders #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Wiirtuun Tajaajila IddooTokkoo 'MESOB' Kenniinsa tajaajila Abbaa Dhimmaa Sirnoomsuun tajaajila si'ataa fi dhaqabamaa taasisuu keessaatti qooda olaanaa qaba- Obbo Abbaabbuu Waaqoo
Aug 8, 2026 518
Hagayya 2/2018(ENA): Wiirtuun Tajaajila IddooTokkoo 'MESOB' Kenniinsa tajaajila Abbaa Dhimmaa Sirnoomsuun tajaajila si'ataa fi dhaqqabamaa taasisuu keessaatti qooda olaanaa qaba jedhan bulchaan godina Shawaa Bahaa obbo Abbaabbuu Waaqoo. Godina Shawaa Bahaa Aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaa Magaalaa Bulbulaatti Wiirtuun Tajaajila Iddoo Tokkoo (MESOB) ijaaramaa ture xumuramuun tajaajila kennuu eegaleera. Wiirtuun kenna tajaajila iddoo tokkoo hojii eegale kun rakkoo kenna tajaajilaa abbaa dhimmaa deeddebii irraa hambisuun rakkoolee bulchiinsa gaarii fi malaamaltummaa hundee irraa hiikuuf gahee olaanaa akka qabu Itti Aanaan Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii dubbatan. Wiirtuun kenniinsa tajaajila iddoo tokkoo magaalaa Bulbulaatti ijaarame kun Saktaaraalee adda addaa tajaajila kennuu fi ogessoota gahumsaa qabanii fi teeknoloojii ammaayyaa qabaniin tajaajila si'ataa fi iftoomina qabu kennuu eegaleera jechuun waajjirri komunikeeshinii Shawaa Bahaa gabaaseera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #