Misoomni kooriidarii magaalaa Aggaaroo magaalattii jiraattotaa fi daawwattootaaf caalaatti mijeesseera - ENA Afaan Oromoo
Misoomni kooriidarii magaalaa Aggaaroo magaalattii jiraattotaa fi daawwattootaaf caalaatti mijeesseera

Waxabajjii 28/2017 (TOI)-Misoomni kooriidarii magaalaa Aggaaroo bifa magaalattii ifatti baasuun gamatti magaalattii jiraattotaa fi daawwattootaaf caalaatti mijeessuun jijjiirama fiduun ibsame.
Misoomni kooriidarii magaalattii kiiloomeetira 12 tuqaa 4 xumuramaa akka jiru bulchiinsi magaa,ichaa beeksiseera.
Jiraattota magaalaa Aggaaroo keessaa Hafiiz Kadir yaada kennaniin, misoomni kooriidarii magaalaa Aggaaroo haala konkolaataa fi namni walkeessa deemamaa ture jijjiiruun caalaatti mijataa taasisuusaa dubbataniiru.
Misoomichi bifa magaalaa Aggaaroo ifatti baasuun jiraattotaa fi daawwattootaaf mijachuun jijjiirama fiduusaa ibsaniiru.
Misooma kooriidariitiin daandii bal’isuun gamatti daandiin lafoo adda bahuunsaa fi biqiltuun dhaabaman magariisa uwwisuun miidhagina magaalatti ifatti akka bahu gochuusaa kan dubbatan barsiisaa Sisaayi Maaregee jedhamu.
Obbo Nabiil Alii misoomni kooriidarii magaalattii jiraattotaaf mijataa fi hawattuu gochuurra darbee namoota hedduuf carraa hojii uumuu dubbataniiru.
Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Aggaaroo obbo Naziif Mahaammad Amiin gamasaaniin, misoomni kooriidarii magaalaa Aggaaroo kiiloomeetira 12 tuqaa 4 xumuramaa akka jiru beeksisaniiru.
Misoomni kunis misooma magariisaa, faawunteenotaa fi kofii koornaroota kan ofkeessaa qabudha kan jedhan kantiibichi, namoota kuma 10 caalaniif carraa hojii uumuusaa ibsaniiru.