Benefiikaan Garaagarummaa Galchii Hedduun Oklaandi Siitii Mo’ate - ENA Afaan Oromoo
Benefiikaan Garaagarummaa Galchii Hedduun Oklaandi Siitii Mo’ate
Waxabajjii 14/2017(TOI)-Tapha Waancaa Addunyaa Kilaboota Fiifaa Ramaddii Sadiin Gaggeeffameen Benefiikaan Oklaandi Siitii 6 fi 0n Mo’ateera.
Taphni Kun Istaadiyoomii Intar Endi Koo’tti Gaggeeffame.
Tapha Walakkaa Jalqabaa Booda Sababa Bakakkaa cimaa fi Haala Qilleensaa Hammaataa Ta’een Sa’aatii Lamaaf Addaan Citee Ture.
Waancaa Addunyaa Kilaboota Fiifaatiin Sababa Haala Qilleensaatiin Yeroof Addaan Yoo Citu Tapha Afraffaati.
Akkaataa Qabxii Kanaatiin Benefiikaan Qabxii Afuriin Ramaddii Sadii Dursuu Eegaleera.
Oklaandi Siitiin Ramaddii Kana Keessatti Yeroo Lammaffaaf Mo’amee Siyaatil Saawundarsitti Aanee Kilaba Dorgommicharraa Gaggeeffame Kan Lammataa Ta’eera. Kilabni Niwuzilaandi Kun Taphoota Lamaan Galchiin 16 Ittigaleera.