Tamsaasa Kallatti:
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Paarkiiwwan Biyyaalessaa Haala Qindoomina qabuun Hogganamuu Qabu - Abbaa Taayitichaa
Aug 6, 2026 224
Adoolessa 30/2018 (ENA): Hambaa idil addunyaa kan ta’e paarkiin biyyaalessa Gaarreen Baalee misoomsuunii fi madda galii itti fufinsa qabu taasisuuf waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa eegumasa Bineensota Bosonaafi fi Kunuunsa Itoophiyaa obbo Kumarraa Waaqjiraa ibsani. Workshopiin Karoora Bulchiinsa Waggaa Kudhanii Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee (2027-2036) irratti mari’achuuf Baalee Roobeetti qooda fudhattoota waliin gaggeeffamaa jira. Waltajjicharratti Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa obbo Kumarraa Waaqjiraa haasawa taasisaniin, waggoota darban keessatti paarkiiwwan biyyaalessaa fi iddoowwan eegumsa argatan keessatti hojii qindoominaan hojjetamaa tureen qormaanni paarkiiwwan mudatu hir’achuusaa ibsaniiru. Waggoota darbanitti bulchiinsa federaalaa, naannoo fi paarkii qindoominaan tattaaffii taasisaniin qormaanni paarkicha mudate hir’achuu isaa ibsaniiru. Akkasumas, dheedichi garmalee, bosona ciruu fi qubsumni seeraan alaa rakkoowwan jiraachuu paarkiiwwanii qormaata ta’aa turan keessaa tokko ta’uu fi yeroo ammaa hojii qindoominaan hojjetamaa jiruun hir’achaa akka jiran akeekaniiru. Bulchaan olaanaa godina Baalee obbo Abdulhaakim Alii akka jedhanitti, bulchiinsi paarkii biyyaalessaa fi heddummina lubbu qabeeyyii isaa sirnaan akka eegamu ciminaan hojjechatamaa jira. Kaayyoon guddaan karoora hoggansa waggaa kudhanii qophaa’aa jiru paarkicha eeguu fi misoomsuun fayyadamummaa hawaasa naannoo itti fufiinsa qabu mirkaneessuudha jedhan. Bulchiinsi paarkicha misoomsuu fi tiksuuf qooda fudhattoota sadarkaa sadarkaan jiran waliin ta’uun akka itti fufu akeekaniiru. Maastar pilaaniin mariif dhiyaate qooda fudhattoota hunda hirmaachisuun, filannoowwanii fi qormaata adda baasuun, furmaata itti kennuun itti gaafatamaan Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee obbo Shaamil Kadir himaniiru. Dhaabbata Barnoota, Saayinsii fi Aadaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNESCO)’n galmaa’ee hambaalee Itoophiyaa keessaa tokko kan ta’e Paarkiin Biyyoolessaa Gaarreen Baalee, Gadmsaa fi jeedala diimtuu dabalatee bineensota bosonaa bal’aa kan qabudha. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa guddina damee turizimii keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jira
Aug 6, 2026 176
Adoolessa 30/2018 (ENA): Waajjirri Aadaa fi Tuurizimii Godina Harargee Lixaa Sagantaan Ashaaraa Magariisaa guddina turizimii keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu beeksise. Waggoota saddeet darban keessatti hojiiwwan dhaabbii fi kunuunsi Sagantaa Ashaaraa Magariisaa jalatti hojjetaman uwwisa bosonaa dabaluu fi haroo goge deebisee burqisiisaa jiraachuu keessatti bu’aa qabatamaa agarsiisaniiru. Akka dursaan garee misooma gahumsa turizimii waajjirichaa obbo Saaniyoo Adam ENAtti akka himanittii, iddoowwan bosonaa fi ikoo-tuurizimii Godinicha keessa jiran mukkeen mandhaleen waan uwwifamaniif lakkoofsi bineensota bosonaa godinicha keessatti baay’ee dabalaa jira jedhan. Aanaa Doobbaa, Habroo, Odaa Bultum, Ancar, Shanan Dhugoo, Ciroo fi Gammachiis bosonni dandamachaa kan ture yoo ta’u, kunis baay’ina bineensota bosonaa dabalaa jira jedhan. Dursaan garee kun bosonni uumamaa aanaa Ancarii fi aanaa Gammachiis gaara Muktaar keessatti bosonni uumamaa argamu baay’ina bineensota bosonaa kanneen akka Gadamsaa, Karkarroo,Bosonuufi bineensonni biroon akka aragaman ibsaniiru. Milkaa’inni kan biraan waggoota kurnanii oliif gogee kan ture haroo Carcar aanaalee Habroo, Bookee fi Odaa Bultum keessatti argamu deebisee akka maddu taasiseera. Haroo kana daran misoomsuu fi beeksisuuf akkasumas bakka gahumsa turizimii isaa guddisuuf tattaaffiin taasifamaa akka jirus obbo Saaniyoo ibsaniiru. Hojii gaggeesituu Dhaabbata Bosonaa fi Bineensota Bosonaa Oromiyaa damee Harargee Aadde Faakiyaa Adam sagantaa Ashaaraa Magariisaa jalatti biqiltuu dhaabuun bosonni hawaasaa kanaan dura haalaan manca’ee ture ulfina duraan turetti deebi’uu isaa mirkaneessaniiru. Kunis baay’ina bineensota bosonaa naannoo sana jiran dabaluudhaan adamsa seera qabeessa ta’een galii akka argatan taasiseera jedhani. Bara baajataa xumurame kana qofatti adamsa seeraatiin birri miiliyoona lamaa ol kan argame ta’uu ibsuun, galiin irra caalaan isaa qonnaan bultoota kunuunsaa fi bulchiinsa bosona naannoo sanaa irratti bobba’aniif raabsamee, fayyadamummaa kallattiin hawaasaaf mirkaneesseera jedhani. Qonnaan bulaan aanaa Gammachiis Ganda Diingatee Ahmad Sulee sagantaan Ashaaraa magariisaa naannoon sun rooba idilee akka argatu gochuudhaan qonnaafi horsiisa beeyladaatiif haala mijataa uumeera jechuun ragaa ba’aniiru. Kanaan dura sababa qoginsaan baay’inni bosonaa hir’achaa kan ture yoo ta’u, amma garuu hojii ashaaraa magariisaa irraa kan ka’e baay’inni bosonaa dabalaa dhufuu fi lakkoofsi bineensota bosonaa dabalaa akka jiru yaadachiisaniiru. Odeeffannoon Waajjira Aadaa fi Tuurizimii godinicha irraa argame akka mul’isutti, godina Harargee Lixaatti bakkeewwan hawwata turizimii 50 ol adda baafamaniiru. Isaan keessaa harki caalaan isaanii bosona uumamaa fi ikoo-tuurizimii irratti kan xiyyeeffataniidha. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Waloomaan yoo hojjetan waanti hin milkoofne hin jiru-Hayyoota
Aug 6, 2026 171
Adoolessa 30/2018 (ENA): Sagantaan dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo kun Itoophiyaanonni yaada Ida’amuun yoo waliin hojjetan kaayyoo biyyaalessaa ofii galmaan gahuu akka danda’an agarsiisa jedhan hayyoonni yunivarsistii Madda Walaabuu. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Itoophiyaan guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 805.3 dhaabuun Afrikaaf fakkeenya ta’uu ibsaniiru. Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad biyyi keenya of bira darbitee, guutuu Afrikaaf fakkeenya guddaa ta'uu ishee beeksisaniiru. Sagantaa dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa guyyaa tokkoof adeemsifame ilaachisuun hayyoota damichaa yunivarsiistii Madda Walaabuu waliin ENA’n turtii taasiseera. Akka hayyoonni kun jedhanitti, sagantaan ashaaraa magariisaa kun aadaa dandeettii walootiin kaayyoo biyyaalessaa galmaan gahuu guddisuu qofa osoo hin taane, dhaloonni itti aanu mallattoo isaa akka kaa’u barsiiseera.   Barsiisaa Yunivarsiistichaa kan ta’an Gargaaraa Piroofeesar Alamaayyoo Abaataa hayyuu Bishaanii fi Eegumsa Naannoo, sagantaan dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo kun Itoophiyaanonni yeroo waliin dhaabbatan akkamitti dinqii hojjechuu akka danda’an fakkeenya guddaadha jedhan. Sagantaan ashaaraa Magariisaa biyyattii yeroo yeroon biqiltuu dhaabuu fi daagaa hidhuun lageen akka hin gogneefi gochuun faalama naannoo hir’isuuf gargaaraa turuu ibsaniiru. Jijjiirama qilleensaa ittisuu, oomishtummaa qonnaan bulaa guddisuu, carraa hojii uumuun milkaa’inni hedduun galmaa’uu isaas hubachiisaniiru. Itoophiyaanonni kaayyoo waloo tokkoof yeroo waliin dhaabbatan akkamitti raajii hojjechuu akka danda’an sagantaan biqiltuu dhaabuu guyyaa tokkoo fakkeenya guddaa ta’uu ibsaniiru. Ijaarsi Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa, kan lammiileen biyyattii miira xiiqiin dhugoome fakkeenyota tokkummaa fi dandeettii biyyaalessaa qindaa’aa kanaa keessaa tokko ta’uu eeraniiru.   Yunivarsiitichatti barsiisaa saayinsii naannoo fi qorataa damee bosonaa Umar Abdallaa akka himanitti, Sagantaan ashaaraa magariisaa biyyattiin hojiirra oolchaa jirtu kun eegumsa naannoo qofa osoo hin taane faayidaa itti fufiinsa qabuu fi addunyaa maraaf kan fayyadu dha jedhani. Waggoota darban keessatti hojiiwwan damee kana keessatti gabbina biyyee eeguu fi manca’iinsa lafaa ittisuun wabii nyaataa mirkaneessuuf hojjetamaa turan bu’aa jajjabeessaa agarsiisuu jalqabaniiru jedhan. Jijjiirama qilleensaa fi gogiinsa addunyaa dandamachuudhaan oomishtummaan qonnaa akka dabale eeraniiru. Hojii damee bosonaa fi eegumsa naannootiin hojjetamaa jiruun dargaggoota hedduuf carraa hojii uumuu bira darbee ummanni kaayyoo waloo biyyaalessaa dhaabuu fi kunuunsuun aadaa tokkummaa isaa cimsuuf waltajjii guddaa ta’uu ibsaniiru. Hayyoonni kunneen itti dabaluudhaan, Itoophiyaanoonni karoora, dandeettii fi tokkummaa cimaa mataa isaaniitiin yoo socho’an badhaadhina waliigalaa mirkaneessuu akka danda’an fakkeenya qabatamaa ta’uu ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Sosochiin Ummataa Duula Ashaaraa Magariisaa irratti mul’ate ummatni gamtaan yoo hiriire jijjiirama guddaa fiduu akka danda’u mirkaneessee jira
Aug 5, 2026 225
Adoolessa 29/2018 (ENA): Sosochiin Ummataa Duula Ashaaraa magariisaa irratti mul’ate ummatni gamtaan yoo hiriire jijjiirama guddaa fiduu akka danda’u kan mirkaneesse ta’uu Hayyoonni Yuunivarsiitii Jimma ibsan. Ministira Mummee Doktor Abiyyi Ahmadiin bara 2011 kan jalqabame Innisheetiivii Ashaaraa Magariisaa, faayyidan damdaneessuummaa isaa qabatamaan mul’achaa jira. Sagantaan kun keessattuu Miidhaa jijjiirama qilleensaan dhufu hir'isuuf, biyyeen akka hin dhiqamne ittisuuf,wabii nyaataa mirkaneessuufi uwwisa bosona biyyattii xiqqaate ture dabaluuf yaadameeti.   Kanaanis waggoota darbaniif guutuu biyyaatti "guyyaa tokkoon biqiltuu dhaabuu" dabalatee uummata tokkummaan sochoosuun biqiltuu biliyoonaan lakka'aman dhaabuun danda'amera. Bara kanas duula dhabbii biqiltuu guyyaa tokkoon biqiltuu miliyoona 800 dhaabuuf kan karoorfame ture yoo ta’u, tumsa fi hirmaannaa Itoophiyaanootaatiin karoora olitti galmaan ga'uun danda'ameera. Dhimma kana ilaalchisuun hayyoonni Yuunivarsiitii Jimmaa yaada isaanii ENA'f kennaniruu; sagantaan guyyaa tokkoon raawwatame kun tokkummaan yoo dhaabbannee biyya keenya guddisuu fi jijjiiruu akka dandeenyu qabatamaan kan agarsiisedha jedhan. Barsiisaa fi qorataan damee qabeenya uumamaa Kolleejjii Qonnaa fi Beelladaa Yuunivarsiitii Jimmaaa, Doktor Xibabuu Alamuu; uummanni dammaqinaan ba'ee biqiltuu dhaabuun isaa miira abbummaa uumuu bira dabree aadaa ta'aa dhufu dubbataniira. Hojiiwwan misoomaa duulaan raawwannu Itoophiyaa gara sadarkaa fooyya'aatti kan ceesisan fi dhaloota dhufuuf bu'uura kan kaa'an ta'uu isaa milka’inni biqiltuu dhaabuu guyyaa tokkoo argasiiseera jedhaniira. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa waggoota darbatan keessatti fayyadamummaa lakka'amee hin dhumne kan argamsiise ta'uu kan ibsan Doktor Xibabuu Alamuu; pirojeektiin kun naannoo jijjiiruu bira dabree dargaggootaaf carraa hojii uumuu isaa eeraniiru. Dabalataanis, dubartoota fi daa’imman dabalatee garaagarummaa tokko malee uummata kan tokkumsee fi uummanni faayidaa biqiltuu dhaabuu caalaatti akka hubatu kan taasisedha jedhaniiru. Sagantaan kun xiyyeeffannoo dhaabbilee Idil-Addunyaa fi dhaabbilee Sab-qunnamtii kan harkise ta'uu kan eeran hayyuun kun; kunis Itoophiyoonni yoo tumsan biyya dhiibbaa uumtuu fi mo'attu ijaaruu akka danda'an kan mirkaneessaadha jedhan. Bu'aa tokkummaa beekuu kan barbaadu Injiffannoo Adwaa fi Hidha Haaroomsaa Guddicha Itoophiyaa yaadachuun gahaa ta'uu kan dubbatan hayyuun kun; yoo waltumsine wal-dhiibuun hafee walii galteen caalaatti gabbachaa deema jedhaniiru. Barsiisaa fi qorataan damee qabeenya uumamaa Kolleejjii Qonnaa fi Beelladaa Yuunivarsiitii Jimmaaa, kan ta’an Geetinnat Sayid sagantaan Ashaaraa Magariisaa uwwisa bosonaa biyyattii dabaluu fi wabii nyaataa mirkaneessuu bira dabree, hiika guddaa fi cee’uumsaa kan qabu ta'uu ibsaniiru. Waqtii jijjiiramni qilleensaa addunyaa dhiphisaa jiru kanatti, tokkummaan keenya biyya irra dabree qaama furmaata rakkoo Addunyaa ta'aa jira jedhaniiru. Keessattuu sagantaa duula Ashaaraa Magariisaa guyyaa tokkoo irratti lammiileen garaagarummaa tokko malee waggaa waggaadhaan tokkummaadhaan ashaaraa isaanii kaa'uun isaanii; nagaa keenyaaf, guddina keenyaaf fi hiyyummaa balleessuuf shoora bakka hin buune kan taphatu ta'uu ibsaniiru.
ENA’n Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin Kaka’usa Hawaasaa Uumuun dabalatee Qabatamaan hojii Fakkeenyummaa qabu hojjechaa jira.
Aug 3, 2026 498
Adoolessa 27/2018 (ENA): ENA’n Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin Kaka’usa Hawaasa Uumuun dabalatee Qabatamaan hojii Fakkeenyummaa qabu hojjechaa akka jiru Hojii Raawwachisaa olaanaan Dhaabbatichaa obbo Sayifee Darribee himan. Sagantaan dhaabbii biqiltuu miliyoona 800 guyyaa tokkoo dhaabuuf mata duree "Abdii Haa Dhaabnu" jedhuun gaggeeffame ganama keessaa sa'aatii 12:00 jalqabee gaggeeffameera. ENA’n Hogganoota Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittii fi Aanaa 6 waliin ta'uun sagantaa ashaaraa magariisaatiin biqiltuu dhaabaniiru. Hojii Raawwachisaa olaanaan Dhaabbatichaa obbo Sayifee Darribee akka ibsanitti, dhaabbatichi sagantaa ashaaraa magariisaa bara 2018tiin yeroo sadaffaaf biqiltuu dhaabuu isaa eeraniiru. Sagantaa dhaabbii biqiltuu har'a gaggeeffame irrattis hooggantoonni fi hojjettoonni dhaabbatichaa hirmaachuu isaanii ibsuun, fuulduraattis biqiltuu dhaabaman kunuunsuu hojiin akka itti fufu dubbataniiru. ENA’n milkaa'ina sagantaa ashaaraa magariisaatiif hawaasa dammaqsuu fi kakaasuu bira darbee qabatamaan hojii fakkeenyummaa qabu hojjechaa akka jiru beeksisaniiru. Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti Hojii raawwachiisaan Aanaa 6 obbo Alamaayyoo Margaa akka jedhanitti, hirmaattoonni aanichaa halkan irraa jalqabee sagantaa ashaaraa magariisaa irratti dammaqinaan hirmaachaa turuu ibsan. Hirmaannaan jiraattoonni aanichaa sagantaa ashaaraa magariisaa irratti yeroo yeroon taasisan dabalaa dhufuu kan kaasan obbo Alamaayyoon, fuulduraattis kanuma cimsinee itti fufsiisna jedhaniiru. Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti sagantaan dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo sochii olaanaadhaan jalqabamee hawaasni hundi ba'ee biqiltuu dhaabaa ooluu kan dubbatan immoo Itti Gaafatamtuu Waajjira Komuniikeeshinii Kutaa magaalichaa Qiddist Nigaatuu ti. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena# Ashaaraa Magariisaa #GreenLegacy
Akkaataa Miidiyaaleen Idil Addunyaa sagantaa Ashaaraa Magariisaa Guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 800 dhaabuu gabaasaa oolan
Aug 3, 2026 331
Har’a sagantaa biyyaalessaa guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 800 dhaabuuf guutummaa Itoophiyaa keessatti adeemsifamaa jira. Ganama sa'aatii 12:00 irraa eegalee lammiileen Itoophiyaa hundi sagantaa dhaabbii biqiltuu seena qabeessa kana irratti dammaqinaan hirmaachaa jiru. Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad Sagantaa Ashaaraa Magariisaa irratti hirmaachaa kan turan yoo ta'u, ashaaraa magariisa isaanii dhaabaniiru. Ministirri Muummee ergaa yeroo sana dabarsan keessatti biqiltuun abdiidha; wanti dhaabaa jirru egeree boruu fi egeree ijoollee keenyaati jedhani. Itoophiyaanonni tokkummaa fi tumsaan galma biyyaalessaa kaa’an galmaan akka ga’anis waamicha dhiyeessaniiru. Itoophiyaan Sagantaa Ashaaraa Magariisaa isheetiin guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 800 dhaabuuf galma qabatte xiyyeeffannoo miidiyaalee idil-addunyaa hedduu hawwateera. Akka gabaasa CGTN Chaayinaa baaseetti, waamicha Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad dhiheessan hordofuun, lammiileen Itoophiyaa hundi duula biqiltuu dhaabuu kana irratti xiiqii guddaan hirmaachaa jiru jedha. Itoophiyaan qophii bal’aa hordofuun sagantaa dhaabbii biqiltuu guutuu biyyaatti biqiltuu miiliyoona 800 ta’u guyyaa tokkotti milkaa’inaan raawwachuuf hojjechaa jiraachuu gabaasni kun ibseera. Aljaziiraan Qaxar gama isaatiin duulli dhaabbii biqiltuu adda ta’e kun qophii Itoophiyaan Yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (COP32) 32ffaa bara 2027 gaggeeffamuuf taasiftu haalaan kan cimsuu fi kan deeggaru ta’uu ibseera. Gaazexaan Kooriyaa Poostiin Rippabiliika Kooriyaas duulli seena qabeessa kun sochii eegumsa naannoo qofa osoo hin taane jijjiirama dinagdee fi hawaasummaa biyyattii saffisiisuu keessatti jijjiirama guddaa ta’uu isaa gabaasa isaa keessatti ibseera. Miidiyaan ‘Somaaliyaa Horn Diplomat’ akka jedhutti Itoophiyaan guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 800 dhaabuuf karoorri qabdu mancaatii bosonaa to’achuuf, dhiibbaa jijjiirama qilleensaa qolachuuf, hirmaannaa ummataa guddisuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsa. Gaazexaan Kuubaa ‘Prensa Latina’ akka gabaasetti Itoophiyaan guyyaa tokkotti biqiltuu hamma sanaa dhaabuun milkaa’ina seena qabeessa kan biraa fi milkaa’ina galmaan ga’aa jirti jedha. Dhaabbiin biqiltuu kun ilaacha dippilomaasii Itoophiyaa calaqqisiisuu qofa osoo hin taane, suuraa biyya keessaa ishee mul’isuu isaa Asoosheetid Prees Paakistaan gabaaseera. Imbaasiin Itoophiyaa Paakistaan jirus dhaabbiin biqiltuu kun kaayyoo biyyattii deeggaruun michummaa biyyoota lamaanii cimsuuf kan kaayyeffate ta’uu hubachiiseera. Kan Yugaandaa Charmaar sochiin waggaa Itoophiyaan guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 800 dhaabuuf galma qabattee eegalte kun sadarkaa addunyaatti misooma itti fufiinsa qabuu fi eegumsa naannootiif agarsiistuu fi fakkeenya guddaa ta’uu hubachiise. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena# Ashaaraa Magariisaa #GreenLegacy
Biyya Waan Yaadde Milkeessitu!   
Aug 3, 2026 281
Itoophiyaan erga mootummaan jijjiiramaa Dooktar Abiyyi Ahimadiin durfamu gara aangootti dhufee as, hojiiwwan gurguddoon karoorfaman hundinuu milkaa’inaan xumuramaa tajaajila uummataaf oolaa jiru. Biyyi keenya karoora qabattee galmaan gahuun waan yaadde milkeessuu danda'uu ishee ragaalee qabatamaa hedduutu agarsiisa. Duula Asharaa Magariisaa Qabeenya uumamaatiin sagantaan Asharaa Magariisaa biyya laliistuu, magariituu fi jireenyaaf mijattuu taate uumuuf jalqabame akkuma karoorfametti milkaa'aa jira. Waggoota dhiyoo darban hunda keessatti karoorri biqiltuu dhaabuu qabaman hunduu karooraa olitti hojiitti hiikamaniiru. Keessattuu, duula sagantaa asharaa magariisaa guyyaa tokkoo keessatti gaggeeffameen, lammileen Itoophiyaa hundinuu garaagarummaa tokko malee waloon bahuun karoora seenaqabeessa ta'e milkeessaniiru.Duula guyyaa tokkoon biqiltuu miiliyoona 800 dhaabuuf waadaan galame akkuma karoorfametti Karoora ol biqiltuun miiliyoona 800 fi miiliyoona 5 ol milkiin goolabamee jira. Qabeenya uumamaa kunuunsuun dhaloota dhufuuf biyya badhaate dhalchiisuuf karoorri biyyi qabattee, dhiqama biyyee hir'isuun, bishaan lafa keessaa dabaluun, iddoo tokko tokkootti burqaan badee ture deebi'ee akka mirgisuufi uumamni yoo kunuunfame lubbu-qabeeyyiin akka kunuunfaman agarsiistuu dha. Haaluma kanaan, hojiin Ashaaraa Magariisaatiin biqiltuun dhaabbate bosona ta'uun, kuduraa fi muduraan firii buusee lammiilee fayyaduu irra darbee gara biyya alaatti erguudhaan sharafa biyya alaa argamsiisaa jira. Piroojektoota Gurguddoo fi Misooma Waaraa Gama misooma magaalaatiin piroojektootni gurguddoon Ministira Muummee Dooktar Abiyyi Ahimadiin qabaman kanneen akka: Maaddii Shaggar,Maaddii Biyyaafi Maaddii Dhalootaaf kanneen biroo akkuma karoorfametti xumuramuun hojiitti galaniiru; uummannis bu’aa isaa dhamdhamachaa jira. Gama qonnaatiin barmaatilee moofaa cabsuudhaan inisheetivii misooma jallisii Bonaa, qonna ammayyeessuu fi inisheetivii misooma "Maaddii Guutuu" hojiirra oolchuudhaan wabii nyaataa mirkaneessuun olitti oomishtummaa guddisuun danda'ameera. Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa: Utubaa Ineerjii Afrikaa Gama birootiin, Hidhi Haaromsa Guddichi Itoophiyaa waggoota hedduuf osoo hin xumuramiin harkifachaa ture, obsaa fi tattaaffii uummataatiin xumuramee ifa Itoophiyaaf kennuu bira darbee, biyyoota Afrikaa Bahaatiif madda ineerjii haaromfamuu fi madaallii dinagdee ta'aa jira. Biyya Guddoo Guddummaa ishee addunyaan ragaa bahaafii jiru,Itoophiyaa magariituu waan karoorsite xiiqiin hojiitti hiiktu. Baga Gammaddan; Baga Gammanne!
Nagaa fi Tasgabbii Eegsisuun cinaatti dhalootaaf wanta darbu kaahuun seenaa qooddataa jirra – Qondaaltotaa fi Miseensota Poolisii Federaalaa
Aug 3, 2026 77
Adooleessa 27/2018 (ENA) : Nagaa fi Tasgabbii Eegsisuun cinaatti dhalootaaf wanta darbu kaahuun Seenaa qooddataa jirra jechuun qondaaltonnii fi miseensonni Poolisii Federaalaa Itoophiyaa ibsan. Miseensonnii fi ajajoonni ol'aanoon Poolisii Federaalaa sagantaa Ashaaraa Magariisaa Guyyaa Tokkoo irratti hirmaachuun, jiraattota Godina Shawaa Bahaa Aanaa Luumee waliin ta'uun ashaaraa isaanii kaayyataniiru. Hirmaattota sagantaa kana keessaa Inspektar Ahimad Huseen akka jedhanitti, hojii ogummaa isaaniitiin ergama biyyaa fi ummataa karaa gahumsa qabuun raawwachuun cinaatti, hojiiwwan misoomaa irratti hirmaachuun gammachiisaa ta'uu ibsaniiru. Dabalataanis, guyyaa har'aa jiraattota naannichaa waliin ta'uun Godina Shawaa Bahaa Aanaa Luumeetti ashaaraa dhalootaaf ce'u kaahuu isaanii dubbataniiru. Qondaaltonnii fi miseensonni Poolisii Federaalaa Itoophiyaa ergama biyyaa itti kenname hundumaa irratti itti gaafatamummaa isaanii gahumsa olaanaadhaan bahachaa jiraachuu ibsaniiru. Ergama poolisummaa keenyaa cinaattis hirmaannaan nuti tajaajila hawaasaa fi hojiiwwan misooma biyyaa hunda galeessa irratti qabnu cimees kan fuulduratti itti fufu ta'as jedhaniiru. Hirmaataan sagantichaa kan biraan Gargaaraa Inspektar Roobaa Mootuu gama isaaniitiin, miseensonni poolisii ergama biyyaa itti kenname hundumaa irratti itti gaafatamummaa isaanii gahumsa olaanaadhaan bahachaa kan jiran ta'uu ibsuun, hojiiwwan misoomaa irrattis hirmaannaa cimaa gochaa jiru jedhaniiru. Guyyaa har'aas kutawwan hawaasaa garagaraa waliin ta'uun ashaaraa keenya kaahuu keenyaan kabajaa fi gammachuu guddaatu nutti dhagahamaa jechuun dubbataniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena# Ashaaraa Magariisaa #GreenLegacy
Daangaa Biyyaa Eegsisaa, Ashaaraa dhalootatti darbu waloon keenyeerra
Aug 3, 2026 61
Adoolessa 27/2018 (ENA) : Daangaa biyyaa eegsisaa, Ashaaraa dhalootatti darbu waloon keenyeerra jedhan hoggantoonnii fi miseensonni Ajaja Kaaba Bahaa Raayyaa Ittisa Biyyaa. Miseensonni fi hoggantoonni Ajaja kaaba Bahaa Raayyaa Ittisa Biyyaa sagantaa Ashaaraa Magariisaa guyyaa tokkoo mata duree "Abdii haa dhaabnu" jedhuun gaggeeffamaa jiru irratti hirmaataniiru. Gaggeessaan hojii faayinaansii Ajaja kaaba Bahaa Koloneel Biraanuu Xilaayee wayita sana akka jedhanitti; Raayyaan Ittisa Biyyaa ergama biyyaaleessaa ba'achuu bira darbee hojiiwwan misoomaa garaagaraa irratti hirmaachaa jira. Keessattuu sagantaa Ashaaraa Magariisaa irratti hirmaachuun hojiiwwan dhalootatti darban irratti gahee isaanii bahachaa jiraachuu isaanii addeessaniiru. Itti Gaafatamaan Miidiyaa fi Qunnamtii Uummataa Ajaja Kaaba Bahaa kumalaa Tsaggaayee Gabree gama isaaniitiin; Raayyaan Ittisa Biyyaa daangaa biyyaa kamirrattuu aantummaa uummaataaf qabu agarsiisuun dirqama isaa ba'achaa jira jedhan. Daangaa biyyaa eegsisuu cinaattis hojiiwwan misoomaa uummataaf faayidaa dinagdee argamsiisanirratti ashaaraa isaanii kaa’aa jiraachuu eeraniiru. Miseensa Raayyaa ittisaa sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa magariisaa irratti argamuun ashaaraa isaanii kaa’an Itti aanaan ajajaa dhibbaa Haannaa Takkaa Raayyaan hojiiwwan uummata fayyadamoo taasisan irratti hirmaachuudhaan aantummaa uummataaf qabu cimsee itti fufa jedhaniiru. Sagantaa dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa guyyaa tokkoo irratti hirmaachuudhaan hojii biyyattiin jijjiirama qilleensaa ittisuuf qabatte deeggaruun gaheesaanii bahachaa jiraachuu ibsaniiru. Sagantichi dhiibbaa jijiirama qilleensaa dandamachuu fi hir’isuuf faayidaa olaanaa waan qabuuf hojii dhaabbii biqiltuu irratti ashaaraa isaanii kaa'uusaanii ibsaniiru.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Eegumsa Naannoo fi Ijaarsa Dinagdee Magariisaa Keessatti Gahee Olaanaa Gumaachaa Jira
Aug 3, 2026 52
Adoolessa 27/ 2018 (ENA) : Sagantaan ashaaraa magariisaa biqiltuu dhaabuu bira darbee, Dinagdee magariisaa ijaaruun Itoophiyaa badhaatuu dhalootaaf dabarsuuf kan dandeessisu ta’uu isaa Akkaadamiin Gahumsa Hooggansa Afrikaa beeksise. Duula Ashaaraa Magariisaa "Guyyaa Tokkotti Biqiltuu Miiliyoona 800 Dhaabuu" jedhu kan guutuu biyyattiitti eegalame haala ho’aadhaan raawwatamaa kan jiru yoo ta’u, kutaaleen hawaasaa garagaraas baay’inaan bahuudhaan ashaaraa magariisaa isaanii kaa’aa jiru. Sagantaa inishatiivii Ministeera Muummee Dooktar Abiyyi Ahimadiin eegalame kana ka’umsa godhachuun, Akkaadamiin Gahumsa Hooggansa Afrikaa, Mana Murtii Bulchiinsaa Gabaa Kaappitaalaa Itoophiyaa fi hooggantoonni, hojjettoonnii fi jiraattonni Magaalaa Shaggaritti Kutaa Magaalaa Manaa Abichuu mooraa akkaadamiichaa keessatti biqiltuu dhaabuun ashaaraa isaanii kaa’aniiru. Itti Aanaa Pirezidaantii Akkaadamii Gahumsa Hooggansa Afrikaa Dooktar Wandiyyee Laggasaa yeroo kanatti akka jedhanitti, sagantaan ashaaraa magariisaa biqiltuu dhaabuu bira darbee, Itoophiyaa badhaatuu dhaloota itti aanuuf dabarsuuf kan dandeessisudha. Akkaadamichi yeroo ammaa hoogganaa gahumsa qabu horachuu dabalatatti, eegumsa naannoo irratti hirmaannaa cimaa taasisaa akka jiru dubbataniiru. Sagantaan kun Dinagdee deeggaruu fi wabii nyaataa mirkaneessuu bira darbee, dhiibbaa jijjiirama qilleensaitiif deebii kennuu irratti faayidaa biyyaalessaa fi addunyaalessaa olaanaa akka qabus eeraniiru. Waliitti qaban boordii Mana Murtii Bulchiinsaa Gabaa Kaappitaalaa Itoophiyaa obbo Abinnaat Zarfuu gama isaaniitiin, dhabbatichi biqiltuu dhaabuu bira darbee, biqiltoonni kunniin qabbatanii kaayyoo yaadameef akka oolan kan hojjetu ta’uu dubbataniiru. Biyyattii keessatti badhaadhina itti fufiinsa qabu fiduuf gama Dinagdee, misoomsa magariisaa fi wabii nyaataa mirkaneessuutiin hojiileen hojjetaman tokkummaa fi haala qindoominaan raawwatamuu isaa himaniiru. Magaalaa Shaggaritti Bulchaa Kutaa Magaalaa Manaa Abbichuu obbo Lammii Raggaasaa gama isaaniitiin, waggoota muraasa darban keessatti sagantaa ashaaraa magariisaa raawwatameen bosonaa manca’ee deebisuun akka damdaamatu ta’eera jedhaniiru.   Itti dabaluudhaanis, bineensota bosonaa godaananii turan gara bakka isaaniitti deebisuuf kan dandeessise yoo ta’u, burqituuwwan goganii turanis gabbisuun gumaacha bal’aa taasiseera jedhani. Yeroo ammaa kana magaalattii miidhagsuuf hojiilee raawwataman keessatti hirmaannaa olaanaa hawaasni kaka'umsa isaatiin agarsiise cimee itti fufuu akka qabus dhaamaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena# Ashaaraa Magariisaa #GreenLegacy
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa guddina fakkeenyaa waliigaltee biyyaalessaa biqiltuu waliin walqabsiisudha - Komishinara Olaanaa Piroofeesar Masfin Ara’ayyaa
Aug 3, 2026 38
Adoleessa 27/2018 (ENA): Sagantaan Ashaaraa Magariisaa guddina fakkeenyaa waliigaltee biyyaalessaa biqiltuu waliin walqabsiisudha jedhan Komishinarri Olaanaa Piroofeesar Masfin Ara’ayyaan. Galmi biyyaalessaa guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 800 dhaabuu ganama har'aa sa'aatii 12:00 irraa eegalee hojiirra oolaa jira. Mari’attoonni Komishinii Marii Biyyaalessaas biqiltuu dhaabanii Ashaaraa isaanii kaa’aniiru. Koomishinarri Olaanaa Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa Piroofeesar Masfin Ara’ayyaa yeroo sana akka ibsanitti, adeemsi yaadaa fi waliigaltee dhaabuu sirna dimokiraasiitiif si’eessituudha jedhani. Seenaa Itoophiyaa keessatti yeroo jalqabaatiif marii sadarkaa qaama miidhamtoonni, dubartoonni, horsiisee bultoonni, qonnaan bultoonnii fi kutaaleen hawaasaa hundi bakka bu’ummaa qaban irratti gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru. Adeemsi kun hundi adeemsa yaada dhaabuu, wal hubannaa fi marii akka ta’es Piroofeesar Masfin ibsaniiru. Komishinarri Olaanaan itti dabaluudhaan yaadota mariidhaan waliigalteetti geessan dhaabaa jirra jedhan. Komishinarri Olaanaan akka jedhanitti dhaggeeffachuus babal’isaa jirra; adeemsi kun bu’uura dimokiraasii Itiyoophiyaatiif bu’uura guddaa akka ta’u abdii qaban ibsaniiru. Biqiltuu dhaabuu bira darbee adeemsi marii kun gama meeshaa dhaabuu fi marii, nagaa fi misooma fiduu, akkasumas namoota walitti fiduun tokkummaa fi garaagarummaa cimsuutiin hiikkaa fakkeenyaa biqiltuu dhaabuu wajjin walfakkaatu akka qabu ibsaniiru. Hirmaattonni guyyaa kana irratti hirmaatan kuma 4 ummata Itoophiyaa miiliyoona 130’f biqiltuu dhaabuu isaanii Komishinarri kun ibsuun, guyyaan kun ummata biyyattiif guyyaa guddaa fi seena qabeessa ta’uu dubbataniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara kanaa mata duree Abdii haa dhaabuu jedhuun gaggeeffamaa jira. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena# Ashaaraa Magariisaa #GreenLegacy
Magaalaa Shaggariti milkaa'ina hojii Ashaaraa Magariisaatiin galmaa’e itti fufsiisuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama —Dr.Tashoomaa Addunyaa
Aug 3, 2026 64
Adoolessa 27/2018 (ENA): Magaalaa Shaggaritti milkaa'ina hojiiwwan sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin galmaa'an itti fufsiisuuf xiyyeeffannoon akka hojjetamu Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa beeksisan. Duula sadarkaa biyyaalessaatti guyyaa tokkotti biqiltuu AShaaraa magariisaa miiliyoona 800 dhaabuuf gaggeeffamaa jiru irratti ummatni Bulchiinsa Magaalaa Shaggaris bal'inaan hirmaachaa jira. Saganticharratti Kantiiban Magaalaa Shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa dabalatee hoggantoonni bulchiinsa Magaalattii fi kutannoowwan hawaasaa garaagaraa argamuun biqiltuu dhaabaniiru. Kantiibaan Magaalichaa Dr.Tashoomaa Addunyaa wayita sana akka ibsanitti; Magaalaa Shaggaritti waggoottan darban hojiiwwan sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin hojjetamaniin bu'aawwan hedduun galmaa'aniiru. Hojiin dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaan hojjetamaa jiru miidhagina magaalattii dabaluu bira darbee, mancaatii qabeenya uumamaa ittisuuf, uwwisa bosonaa dabaluu fi madaala qilleensaa eeguu keessatti shoora olaanaa taphachaa jiraachuusaa ibsaniiru. Magaalattii keessatti milkaa'ina hojii Ashaaraa Magariisaatiin argaman kana caalaatti itti fufsiisuuf xiyyeeffannoodhaan akka hojjetamuus Kantiibaan kun dubbataniiru. Sagantaa Ashaaraa Magariisaa guyyaa tokkoo kan har'aatiinis bosonaaf, miidhaginaaf, nyaataaf fi tajaajila biroof kan oolan biqiltoonni garaagaraa qophaa'anii dhaabachaa akka jiran ibsaniiru. Bulchiinsa magaalichaa kutaa magaalaa Gafarsaa Gujeetti raawwatametti Aadde Laliisee Tasfaaye akka jedhanitti, waamicha Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad dhiyeessan fudhatuun hojii dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa irratti hirmaachuu isaanii dubbataniiru.   Yeroo sadaffaaf duula biqiltuu dhaabuu irratti hirmaachuu isaanii ibsuun, fuulduraaf biyya dhalootaaf mijattu dabarsuuf biqiltuu dhaabaman kunuunsuudhaan gahee isaanii akka ba'atan dubbataniiru. Dargaggoo Tasfaaye Desisaa akka jedhetti; biqiltoonni fayyaa namaa fi beeyladaaf murteessaa waan ta'aniif hojii biqiltuu dhaabuu irratti dammaqinaan akka hirmaatu isa kakaasuu isaa dubbateera. Sagantaan dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa yeroo jalqabamee kaasee walitti fufiinsaan hirmaachaa akka jiruus dubbateera. Dachii magariituu dhalootaaf dabarsuuf har'a biqiltuu dhaabun murteessaa ta'uu ibsuun, biqiltootaaf kunuunsa barbaachisu akka godhus mirkaneesseera. Firoomsaa Fiqiramaaryam gama isaatiin yeroo jalqabaaf hojii biqiltuu dhaabuu irratti hirmaachuu isaa ibsee, biqiltuu dhaabuun qilleensa qulqulluu argachuu bira darbee abdii boruu keenya kan magarisa tasisuudha jedheera.
Ashaaraan Magariisaa dhaloota har'aa fi boruu eegumsa Uumamaan kan wal-qabsiisu Amaanaa walooti —Afa-yaa’ii Aganyoo Tashaagar
Aug 3, 2026 51
Adoolessa 27/2018 (ENA) : Ashaaraan Magariisaa dhaloota har'aa fi dhaloota boruu eegumsa uumamaatiin kan walitti hidhu amaanaa walooti jechuun Af-yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Aganyoo Tashaagar ibsan. Guyyaa har'aa guutuu biyyaatti duulli biqiltuu Ashaaraa Magariisaa miiliyoona 800 guyyaa tokkotti dhaabuu kan bara 2018 gaggeeffamaa akka jiru ni beekama. Afa yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Aganyoo Tashaagar Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaaliittitti Ashaaraa isaanii kaa'aniiru. Afa yaa’ichi Sagantaan Ashaaraa Magariisaa ummattoota Itoophiyaa garaa garummaa siyaasaa, Sabummaa fi amantiin olitti kaayyoo biyyaaleessa gudaa tokkoof waliin kan dhaabachiisuu fi walitti hidhu sosochii biyyaaleessaa ta'uu isaa ibsaniiru. Dabalataanis, sagantaan kun sadarkaa addunyaatti kutannoo Itoophiyaan eegumsa naannoof qabdu kan agarsiisu fakkeenya gaarii ta'aa dhufuu isaa eeraniiru. Biqiltuu dhaabuu qofti xumura milkaa'ina sagantichaa akka hin taane kan ibsan Afa –yaa’ichi, erga dhaabamee booda biqiltoota sana sirnaan kunuunsuu, eeguu fi gara firiitti geesisuun milkaa'ina waaraa sagantichaaf murteessaa ta'uu isaa hubachiisaniiru. Biqiltoonni dhaabaman eegamanii gara bosonaatti yoo jijjiiraman qofa kaayyoon eegumsa naannoo fi dandeettii dandamannaa jijjiirama qilleensaa yaadame milkaa'uu akka danda'u ibsaniiru. Sagantichi duudhaa tumsaa, ida'amuu fi tokkummaa cimsuudhaan Itoophiyaanonni kaayyoo waloo tokkoof kan irratti walitti qabaman waltajjii cimaa ta'uu isaa eeraniiru. Ashaaraan Magariisaa uwwisa bosonaa bal'isuun, qabeenya uumaamaa eeguun, jijjiirama qilleensaa dandamachuu fi madaala naannoo fooyyessuun gumaacha olaanaa gochuu isaa hubachiisaniiru. Akka ibsa Afa yaa’ichaatti, Ashaaraan Magariisaa dhaloota har'aa fi dhaloota boruu eegumsa uumamaatiin kan walitti hidhu amaanaa waloo ti. Sagantichi miira tokkummaa, ittigaafatama waloo fi hirmaannaa misoomaa Itoophiyaanotaa kan cimsu sochii biyyaaleessaa ta'uu isaa kan ibsan yoo ta’u, Lammiileen hundi biqiltuu dhaabuu qofarratti osoo hin daangeffamiin biqiltoota dhaabaman kunuunsuu fi eeguun gumaacha isaanii akka taasisan waamicha dhiyeessaniiru.
Qabeenya uumamaa abbootiin keenya kunuunsuun nuuf dabarsan nutis kunnuunsinee dhaloota dhufuuf dabarsina
Aug 3, 2026 75
Adoolessa 27/2018 (ENA) : Qabeenya uumamaa abbootiin keenya kunuunsuun nuuf dabarsan nutis kunnuunsinee dhaloota dhufuuf dabarsina jedhan jiraattonni Godina Iluu Abbaa Booraa. Sagantaan ashaaraa magariisaa guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 800 dhaabuu kutaalee hawaasaa hunda hirmaachisuun Godinicha keessatti cimee itti fufaa jira.   Jiraattonni aanaa Mattuu fi Bachoos ashaaraa magariisaa isaanii kaa’aa jiru. Mattuutti,Hojjettuun mootummaa aadde Ayinaalam Mokonnin, 'biqiltoonni har'a dhaabnu dhiibbaa jijjiirama qilleensaa har'a mudate qolachuun wabii nyaataa mirkaneessuuf ni gargaara; akkasumas dhaloota itti aanuuf galaa akka ta’uuf hojjechaa jirra jedhani. Obbo Shamsaddiin Yaasiin gama isaatiin ashaaraa magariisaa isaanii kaa’aa jiraachuu dubbatan. Haaluma wal fakkaattuun jiraataan godinichaa Alamnesh Bulaa akka jedhanitti, ashaaraa magariisaa guddina keenyaaf murteessaa ta’uu fi har’as ta’e boruu fayyadamoo ta’uu ibsaniiru.   Kanaaf Sagantaa Dhaabbii Ashaaraa Magariisaa guyyaa tokkotti biqiltuu uwwisa bosona, nyaataa, fi faayidaa diinagdee dhaabaa akka jiran himaniiru. Hogganaan Paartii Badhaadhina Godinichaa obbo Moosisaa Lammeessaa qabeenya uumamaa abbootiin keenya kunuunsanii nuuf dabarsan kunuunsuun kan dabarsinu qofa osoo hin taanee, ashaaraa keenya kaa’uun dhaloota egereef kan dabarsinu dha jedhani. Godina Iluu Abbaa Booraa keessatti, har’a sagantaa guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 800 dhaabuu kuni biqiloota kaayyoo hedduu qaban miiliyoona 36 dhaabuuf hojjetamaa jiraachu himameera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena# Ashaaraa Magariisaa #GreenLegacy
Sagantaan Asharaa Magariisaa qabeenya uumamaa eeguu fi Misoomsuu Keessatti galmoota gurguddoo qabaman milkeessaa jira – Pirezidaanti Taayyee AtsqaSillaasee
Aug 3, 2026 89
Adoolessa 27/2018 (ENA): Sagantaan Asharaa Magariisaa Itoophiyaan hojiirra oolchaa jirtu qabeenya uumamaa eeguu fi misoomsuu keessatti galmoota gurguddoo qabaman dhugoomsuuf dandeessisaa jiraachuu Pirezidaant Taayyee Atsqa Sillaasee ibsan. Sagantaa guutuu biyyaatti guyyaa tokkotti biqiltuu Miiliyoona 800 dhaabuuf qabatame milkeessuuf barii sa'aatii 12:00 jalqabee gaggeeffamaa jira. Pirezidaanti RDI Taayyee AtsqaSillaasees sagantaa kana irratti Asharaa Magariisa isaanii kaa'aniiru. Wayita sana haasaa taasisaniin; sagantaan Asharaa Magariisaa yaada Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin hojiirra ooluu jalqabee biyyattiin galmoota waggoota hedduudhaaf karoorsite hojiitti hiikaa kan jiru ta’uu ibsaniiru. Kanaan dura manca'inni bosonaa fi qabeenya uumamaa keessattuu jijjiirama qilleensaa fi ho'a qilleensaa wajjin walqabatee biyyattii balaa hongeef deddeebi'uun saaxilaa turuu isaa yaadachiisaniiru. Seenaa kana jijjiiruuf tarkaanfiilee murteessoo fudhataman keessaa sagantaan Asharaa Magariisaa isa guddaa ta'uu eeraniiru. Yeroo ammaa kanatti sochiiwwan waggaa waggaadhaan gaggeeffamaniin ummatni ofii isaafi dhaloota dhufuuf jedhee biqiltuu biliyoonaan lakkaawwamu dhaabuun hojii Rikoordii addunyaa qabatu raawwachaa jira jedhaniiru. Barana guutuu biyyaatti biqiltuu biliyoona saddeet kan dhaabamu ta'uu eeruudhaan; har'as guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 800 dhaabuu hojiin jedhu raawwatamaa jiraachuus ibsaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015