Tamsaasa Kallatti:
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Magalichatti Sagantaa dhaabbii Biqiltuu guyyaa tokko gaggeefamuuf lafti hektaarri 875 qophaa’eera
Aug 1, 2026 211
Adoolessa 25/2018 (ENA)- Magaalaa Shaggaritti Sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokko gaggeeffamuun lafti hektaarri 875 biqiltuu gara garaatiin akka dhaabbatu qophiin taasifamuu waajjirri Qonnaa Magaalichaa beeksise. Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Magaalaa Shaggar Obbo Dajanee Baqqalaa akka ibsaniitti, magaalichatti waggoota darban Sagantaa Ashaara Magaariisatiin biqiltuuwwan dhaabamaniin bishaan goganii turan kan maddaniifi, gabbina biyyee deebisuun omishaafi oomishtummaa guddisuu keessatti gumaacha olaanaa taasiseera jedhan. Sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo kan bara kanaatiin magaalichatti lafa hektaara 875 irratti biqiltuuwwan faayidaa adda addaa qaban bal'inaan akka dhaabaman ibsaniiru. Sagantichaan biqiltuuwwan miiliyoona 3tuqaa 6 ta'an dhaabbiif qophii ta'uu isaanii eeruun; iddoowwan adda baasuu, boolla qopheessuu, akkasumas biqiltuu geejibsiisuu irratti xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Biqiltuuwwan qophaa’an kun miidhagina Magaalatiif, soorataaf kan oolan, akkasumas bosonaa fi tajaajila garaa garaa kan kennan ta'uu ibsaniiru. Dhaabbiin biqiltuu guyyaa kana gaggeefamuu kun hawaasa kuma dhibba 210 kan hiraamachus ta’us himaniru. Hojichi misooma Magariisa Magaalichaaf bu'uura jabaa kan kaa'u ta'uu kan ibsan obbo Dajaneen; caalaatti milkeesuuf dhaabbii qofa irraatti kan xiyyeefatamu osoo hin taane kunuunsaa fi eegumsaa irratti xiyyeeffannoon kennamaa jiraachuu ibsaniiru.
Godina Shawaa Bahaatti lafti hektaara kuma 19 ol biqiltuu gosa adda addaatiin ni uwwifama
Jul 31, 2026 341
Adoolessa 24/2018 (ENA) : Godina Shawaa Bahaatti sagantaa duula dhaabbi biqiltuu guyyaa tokkoo Wixata dhufu gaggeeffamuun lafti hektaara kuma 19 ol sanyii biqiltuu gara garaatiin akka uwwifamu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise. Sagantaan kun hojii biqiltuu dhaabuu guutuu biyyaatti waggaa waggaatti geggeeffamuufi guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona hedduu dhaabuu irratti sosochii uummataa uumuuf yaadamee hojjetamudha. Itti aanaa hoogganaa Waajjira Qonnaa Godichaa obbo Abinnat Zagayyee ENA’f akka himanitti, aanaalee 11 Godinicha keessatti argaman keessatti uummata sagantaa kanarratti damaqinaan hirmaachisuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjetamaa jira jedhani. Sagantaa kanarratti biqiltuu faayidaa adda addaa qaban dhaabuuf hojiin biqiltuu iddoo itti dhaabbatuutti geejjibsiisuu haala of-eeggannoo qabuun raawwatamaa jiraachuus dubbataniiru. Guyyaan biqiltuu dhaabuu kun akka milkaa’uuf hawaasni gubbaa hanga gadiitti koreen adda addaa dhaabuun adeemsa kana ariifachiisaa akka jiru eeranii, keessattuu dargaggoonnii fi qonnaan bultoonni hojii biqiltuu geejjibsiisuu fi qopheessuu irratti hirmaannaa olaanaa gochaa jiraachuu isaanii ibsaniiru. Sagantaa duula biqiltuu dhaabuu guyyaa tokkoo Adoolessa 27/2018 gaggeeffamu kana milkeessuuf lafti hektaara kuma 19 ol adda bafamee qophaa'uu dubbataniiru. Obbo Abinnet akka himanitti, hojiin biqiltuu dhaabuu kun bakkeewwan sululaa fi lafa qophaa'an garagaraa irratti kan raawwatamu ta'adha jedhani. Guyyaa sanatti Godinicha keessaa namoota miliyoona 1.2 ta'an hirmaachisuuf qophiin xumuramuu ibsaniiru. Duula kanarratis kutaaleen hawaasa hundi kan irratti argaman, gaggeessitoota, qonnaan bultoonni, dargaggoonni, hojjettonni mootummaa, daldalttoonnii fi kutaaleen hawaasaa biroos ni hirmaatu jedhamee eegama jedhaniru. #Abdii haa dhaabnu #TOI #ENA Afaan Oromoo #Ashaaraamagariisaa #GreenLegacy
ENA’n Odeeffannoo Saffiisaa Dhiheessuu Qofa Osoo Hin Taane, Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Irrattis Hirmaannaa Cimaa Taasisaa Jira
Jul 31, 2026 217
Adoolessa 24/ 2018 (ENA) : ENA’n odeeffannoo sirrii, amanamaa fi yeroo isaa eeggate uummataaf dhiyeessuu qofa osoo hin taane, sagantaa Ashaaraa Magariisaa biyyaaleessaa milkeessuuf hirmaannaa qabatamaa taasisaa jiraachuu Itti Aanaan Hogganaa Olaanaa ENA Obbo Abrahaa Girmaay ibsan. Itoophiyaan erga sagantaa Ashaaraa Magariisaa jalqabdee biqiltuu biliyoona 48 ol dhaabuun milkaa'ina seenaqabeessa galmeessiteetti. Bara kanattis biqiltuu biliyoona 8 dabalataan dhaabuuf karoorfattee hojii jalqabdeetti. Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad, lammiileen Itoophiyaa hundi Wiixata dhufu tokkummaadhaan bahuun guyyaa tokko keessatti biqiltuu miliyoona 800 dhaabuun seenaa haaraa akka galmeessan waamicha dhiyeessuun isaanii ni yaadatama. Kaayyoo kana milkeessuuf hooggantoonnii fi hojjettoonni ENA Paarkii Inxooxoo keessatti argamuun biqiltuu dhaabaniiru. Obbo Abrahaa Girmaay akka himanitti, ENA’n madda odeeffannoo amanamaa ta'uu bira darbee hojiiwwan misooma biyyaarratti mootummaa fi uummata waliin hirmaannaa cimaa taasisaa jira jedhani. Dhaabbatichi akka aadaatti fudhachuun, hojjettoonni ENA waggaa waggaan sagantaa dhaabbii biqiltuu irratti hirmaachuun jijjiirama qilleensaa hir'isuu fi uwwisa bosonaa biyyattii guddisuuf gumaacha isaanii bahachaa jiru. Kana malees, biqiltoonni har’a dhaabbamaan naannoo waliin kan wal simuu fi hanga sirnaan latanii guddatanitti kunuunsaa fi eegumsi barbaachisu akka taasifamu ibsaniruu. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa dhaadannoo "Abdii Haa Dhaabnu" jedhuun gaggeeffamaa kan jiru yoo ta'u, Itoophiyaa magariisa, miidhagduu fi jireenyaaf mijattuu ijaaruun dirqama dhalootaa ta'uu irratti hirmaattonni hojjettoota ENA isaanii ibsaniiru. Daayirektarri Seeraa, Naamusaa fi Dhimmoota Addaa ENA aadde Taaddalech Boggaalaa, dhaabbatichi itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa hojii qabatamaatiin bahachaa jiraachuu eeruun, sagantaan Ashaaraa Magariisaas hojiiwwan mootummaa kana keessaa isa tokko ta'uu himaniiru. Ogeessi Bulchiinsa Qabeenyaa aadde Buzaayyoo Abaataa, yeroo jahaffaaf saganticha irratti hirmaachuu isaanii ibsuun, biqiltoonni dhaabbatan akka latanii guddatanitti kunuunsa barbaachisu hunda akka taasisan mirkaneessaniiru. Akkasumas, Ogeettiin Bulchiinsa Qabeenya Humna Namaa aadde Haagaree Tasfaahuun, biqiltuu dhaabuu qofa osoo hin taane sirnaan kunuunsuun dhiqama biyyee ittisuu, gabbina biyyee eeguu fi naannoo magariisaa uumuuf murteessaa ta'uu dubbataniiru. Kanaafis kunuunsa itti fufiinsa qabu gochuuf qophaa'oo ta'uu isaanii ibsaniiru. Waggoota saddeet darban keessatti ENA’n sagantaalee ashaaraa magariisaa irratti dammaqinaan hirmaatee, eegumsa naannoo fi guddina uwwisa bosonaa biyyattii keessatti gumaacheera. #Abdii haa dhaabnu #TOI #ENA Afaan Oromoo #Ashaaraamagariisaa #GreenLegacy
Sagantaa duula dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa guyyaa tokkoo irratti hirmaachuun ashaaraa keenya kaa’uuf qophoofneerra – Jiraattota
Jul 31, 2026 172
Adoolessa 24/2018 (ENA): Jiraattoonni Naannoo Hararii Sagantaa duula dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magarisaa guyyaa tokkoo gaggeeffamu irratti hirmaachuudhaan ashaaraa isaanii kaa'uuf qophaa'uu isaanii ibsaniiru. Sagantaa duula dhaabbii biqiltuu ashaaraa Magarisaa biyyaalessaa guyyaa tokkoo irratti wiixata dhufu gaggeeffamuun biqiltuu miiliyoona 800 dhaabuuf karoorfameera. Sagantaa dhaabbii biqiltuu magarisaa guyyaa tokkoo Naannoo Harariitti gaggeeffamuuf biqiltuuwwan faayidaa adda addaa qaban dhaabbiif qophaa'aniiru. Jiraattoonni naannichaa ENA’f yaada kennan akka ibsanitti, Sagantaan Ashaaraa Magariisaa faayidaa hedduu qabu hubachuudhaan, sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magarisaa guyyaa tokkoorratti hirmaachuudhaan ashaaraa isaanii kaa'uuf qophaa'uu isaanii dubbataniiru. Jiraattota keessaa Salamoon Fiqiree waggoottan darban sagantaa Ashaaraa Magariisaan lafti miidhame deebi’ee akka dandamatuu fi omishtummaan akka guddatuuf gahee isaanii ba'achuu isaanii ibsaniiru. Hojicha itti fufsiisuunis sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magarisaa guyyaa tokkoo kan bara kanaa irratti kaka'umsaan hirmaachuuf qophaa'uu isaanii dubbataniiru. Waggaa waggaan sagantaa dhaabbii biqiltuurratti hirmaachuun dhiibbaa jijjiirama qilleensaa hir'isuufi wabii nyaataa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamu keessatti gahee ishee ba'achaa jiraachuu Masaay Silashii ibsiteetti. Sagantaa dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magarisaa guyyaa tokkoorratti hirmaachuu qofa osoo hin taane, kunuunsuudhaan bu'aaf akka ga'an hojjechuuf qophaa'uu ishee ibsiteerti. Jiraataan Magaalaa biroon Obbo Abdullaaziiz Kadiir waggoota torban darban sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa irratti biqiltuu dhaabuudhaan hirmaachaa turuu isaanii yaadachiisaniiru. Sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magarisaa guyyaa tokkoo kan baranaarratti hirmaachuuf qophaa'uu isaaniis dubbataniiru. Waggaa waggaan biqiltuu dhaabuu qofa utuu hin taane kunuunsaafi eegumsa barbaachisaa taasisaa turuu isaanii kan dubbatan immoo Saabiit Xahaati. Jiraataan Magaalattii biqiltuu dhaabuu aadaa godhachaa dhufuu isaanii eeranii, sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magarisaa guyyaa tokkootiifis qophaa'uu isaanii dubbataniiru.
Naannoo Oromiyaatti guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 466 dhaabuuf qophiin xumurame.
Jul 31, 2026 167
Adoolessa 24/2018(ENA): Biiroon Qonnaa Oromiyaa duula dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa Adoolessa 27/2018 gaggeeffamu ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kenneera. Ibsicha kan kennan Hoogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu Naannoo Oromiyaatti duula dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa Adoolessa 27/2018 gaggeeffamuun mata duree 'Abdii Haa Dhaabnu' jedhuun biqiltuu mil. 466 lafa heektaara 182,105 irratti kan dhaabamu ta'uu himanii, kanaafis iddoowwan 4,778 adda bahanii jiraachuu dubbataniiru. Hojii sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara 2018tiin akka Naannoo Oromiyaatti buufataalee biqiltuu kuma 27 keessatti biqiltuu gosa adda addaa bil. 5.3 dhaabbiif qophaa'ee jiraachuu, 4.34 dhaabuuf karoorfamee hanga ammaatti biqiltuu biliyoona 3.5 ol dhabbateera. Naannoo Oromiyaatti sosochiin duula dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa bara 2011 kan eegalame yoo ta'u, waggoottan 7’n darbanitti naannichatti biqiltuuwwan faayidaa garagaraaf oolan biliyoonni 28.2 ol lafa hektaara miiliyoona 8.2 irra dhaabbachuu Obbo Geetuun himanii, biqiltuuwwan dhaabaman keessaa dhibbeentaan 85 qabachuu (latuu)himaniiru. Hojiiwwan Ashaaraa Magariisaa waggoottan darban hojjetamaniin uwwisni bosonaa Naannoo keenyaa gara %17 qofa ture gara dhibbeentaa 29 ol guddachuu himaanii, dabalataanis haroowwan gogan deebi'uu, dhiqamni biyyee hir'achuufi carraawwan hojii hedduun uumamuu kaasaniiru. Hojiin inisheetiivi magariisaatiin hojjetame dinagdee guddisuu irra darbee dhimma dippiloomaasiis ta'uu danda'eera jedhan. Sagantaa dhaabbi biqiltuuAshaaraa Magariisaa Adoolessa 27/2018 gaggeeffamu kana irrattis namoonni mil. 15 ol kan hirmaatan ta'uu himanii, guyyaa kanas hawaasni keenya tokkummaan bahee abdii egeree dhaabuudhaan Ashaaraa isaa kaa'u akka qabu waamicha dhiheessuu isaanii BKMNO ibseera. #Abdii haa dhaabnu #TOI #ENA Afaan Oromoo #Ashaaraamagariisaa #GreenLegacy
Ashaaraan Magariisaa mallattoo hambaa dippilomaasii Itiyoophiyaa fi tokkummaa biyyaalessaati
Jul 25, 2026 407
Adoolessa 18/2018 (ENA): Sagantaan Ashaaraa Magariisaa mallattoo hambaa dippilomaasii Itiyoophiyaa fi tokkummaa biyyaalessaa ta’uu Waajjira Ministira Muummeetti Ministirri Qindeessaa Giddugala Ijaarsa Dimokiraasii Dr. Biqilaa Hurrisaa himaniiru. Miseensonni hoggansa ENAfi mata duree “Abdii Haa Dhaabnu” jedhuun Ashaaraa Magariisa isaanii magaalaa Bishooftuu qarqara haroo Hora Arsadii irratti kaa’aniiru. Dr. Biqilaa Hurrisaan Ministira Qindeessaa Giddugala Ijaarsa Dimokiraasii Waajjira Ministira Muummee fi Dura taa’aan Boordii ENA akka jedhanitti, Ashaaraan Magariisaa jalqabbii biyyaalessaa dirree idil-addunyaa irratti maqaa Itiyoophiyaa guddisaa jirudha.   Ce'umsa biyyaalessaa booda Itiyoophiyaatti biqiltuuwwan biliyoonaan lakkaa'aman dhaabuun biyyattiin gara diinagdee magariisaatti ce'uu ishee qabatamaan kan agarsiisu ta'uu ibsaniiru. Ajandaan Magariisaa hojii eegumsa naannoo biyya keessaa bira darbee, tumsa naannoo keessatti ergaa dippilomaasii haaraa dabarsuu isaa hubachiisaniiru. Itiyoophiyaan biyyoota ollaatiif furmaata kennuu fi muuxannoo eegumsa naannoo waliif qooduun walitti dhufeenya naannoo cimsaa jiraachuu eeruun, kunis bu’aa dippilomaasii hedduu argamsiisaa jira jedhani. Jijjiirama qilleensaa ittisuuf tarkaanfiiwwan qabatamaan fudhanne addunyaan akka muuxannootti fudhachaa akka jirus hubachiisaniiru. Kunis Itiyoophiyaan beekamtii fi dinqisiifannaa idil addunyaa akka argattu taasiseera jechuun ibsaniiru. Akkasumas, Ajandaan Ashaaraa Magariisaa ajandaa misooma biyyaalessaa hirmaannaa waloo lammiilee guddisuun, amantii, umurii, saalaan osoo hin daangahiin kaayyoo tokko irratti kan walitti fide ta’uu himaniiru. Sagantaan kun dhimma biyyaalessaa irratti waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu kan agarsiisuu fi tokkummaa biyyaalessaa cimsuu isaa hubachiisaniiru. Gama diinagdeetiin, Ashaaraan Magariisaa oomishaa fi oomishtummaa guddisuun, akkasumas sadarkaa maatiitti jireenya fooyya’aa uumuudhaan dinagdee baadiyyaa fi magaalaa cimsuun gumaacha taasisaa akka jiru ibsaniiru.   Hojii gaggeessaan olaanaa ENA obbo Saayifee Darribee gama isaaniitiin, ENA’n akka dhaabbataatti sagantaa Ashaaraa Magariisaa keessatti hirmaannaa isaa cimsuu itti fufeera jedhan. Magaalaa Bishooftuutti biqiltuu dhaabuun hojii Ashaaraa Magariisaa ENA’n Ganna kana gaggeesse isa lammataa ta’uu ibsuun, gara fuulduraattis naannolee keessatti sagantaalee biqiltuu dhaabuu adda addaa gaggeessuu akka itti fufu ibsaniiru.   Akkasumas ENA’n hojii lammiilee Ashaaraa Magariisaa irratti dammaqinaan akka hirmaatan beeksisuu fi sochoosuu akka itti fufu mirkaneessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI # Ena #
Hojiin eegumsa naannoo Itiyoophiyaa beekamtii Ardii fi Idil-Addunyaa argachuun ijaarsa bifa biyyattiif gumaacha olaanaa taasisaa jira
Jul 25, 2026 353
Adoolessa 18/2018 (ENA): Hojiin eegumsa naannoo Itiyoophiyaa beekamtii ardii fi idil-addunyaa argachuun bifa biyyattiif gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu Daarektarri Olaantuun Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Dr. Injiinar Lalisee Namee ibsaniiru. Duulli eegumsa naannoo biyyaalessaa magaalaa guutuu mata duree “Itiyoophiyaa Qulqulluu;Dhalootaaf” jedhuun kan gaggeeffamu marsaa sadaffaan ifatti eegalameera.   Daarektarri Olaantuun Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Dr. Injiinar Lalisee Namee wayita sana akka jedhanitti, Hojiin eegumsa naannoo Itiyoophiyaa beekamtii ardii fi idil-addunyaa horachuun bifa biyyattiif gumaacha olaanaa taasisaa jira. Hojiin eegumsa naannoo lammiileen naannoo eeguun naannoo fayya qabeessaa fi qulqulluu ta’e keessa akka jiraataniif haala dandeessisu uumuus ibsaniiru. Sochii Itiyoophiyaa Qulqulluu marsaa sadaffaatiin ji’a tokkoffaan balfa pilaastikaa, ji’a lammaffaa balfa balaafamaa fi elektirooniksii, ji’a sadaffaan ammoo hojiin ittisa faalama sagalee kan hojjetamu ta’a.   Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee fi Hogganaan Biiroo Misooma Industirii obbo Jaanxiraar Abbay akka jedhanitti, Magaalichatti pirojektoonni bu’uuraalee misoomaa koridaraa fi qarqara lagaa naannoo fi fayyaa lammiilee waliin walsimsiisuun ijaaramaa jiru. Magaalaa Finfinneetti lakkoofsi buufataalee warshaalee bishaan xuraa’aa qulqulleessan gara 44tti ol guddisuun, uwwisni bishaan xuraa’aa magaalichaa qulqulleessu gara dhibbeentaa 43tti ol guddachuu ibsaniiru. Hojii uwwisa magariisaa magaalichaa haalaan guddisuuf hojjetamaa jiru keessatti lageen 76 kiiloo meetira 600 uwwisan faalama irraa eeguun tattaaffiin guddaan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.   Hogganaa Waliigalaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Magaalaa Finfinnee kan ta’an Dr. Isheetuu Lammaa gama isaaniin akka himanitti, qulqullinni mul’ata qaroomina magaalaa ta’uu ibsuun, hawaasni hundi sochii kana keessatti dammaqinaan akka hirmaatu waamicha dhiyeessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI # Ena #
Godina Iluu Abbaa Booraatti lafa heektaara kuma 26 ol ta’u irratti biqiltuun bunaa sanyii fooyya’aa dhaabamaa jira
Jul 22, 2026 429
Adoolessa 15/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaa Godina Iluu Abbaa Booraatti biqiltuu bunaa fooyya’aa ta’ee fi oomisha yeroo gabaabaa keessatti argamsiisu lafa heektaara kuma 26 ol irratti yeroo Gannaa dhaabamaa jiraachuu Waajjirri Qonna Godinichaa beeksise. Akka itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Addaamuu Taakkalaa jedhanitti, gosoota bunaa fooyya’aa ta’an kanneen dhukkuba dandamatan, oomisha yeroo gabaabaa keessatti kennanii fi oomishtummaan isaanii mirkanaa’e Godinicha keessatti dhaabamaa jira. Bu’uuruma kanaan Ganna amma jiru kana keessatti biqiltuun bunaa miiliyoona 200 ol lafa heektaara kuma 26 ol irratti dhaabamaa jiraachuu ibsaniiru. Hojiin biqiltuu bunaa dhaabuu lafa haaraa fi bakka biqiltuu bunaa goggogaan keessatti bal’inaan hojjetamaa jiraachuu ibsuun, kan dulloomee fi oomisha hin kennine buqqisuun hojiin bu’a qabeessa ta’e hojjetamaa jira jedhan. Qonnaan bulaan Godinichaa Aanaa Hurrumuu obbo Taammiruu Farrisaa biqiltoota bunaa yeroo Bonaa gamashan callaa gaarii irraa argachuuf kunuunsaa jiraachuu dubbataniiru. Yeroo ammaa kana biqiltuu bunaa fooyya’aa dhaabuun callaa bunaa babal’isuun caalaatti fayyadamoo ta’uu isaaniis akeekaniiru. Qonnaan bulaan Geetaachoo Jifaaris gargaarsa ogeeyyii qonnaatiin deeggaramuun hojiiwwan oomishaa fi oomishtummaa bunaa guddisan irratti bobba’uu isaanii ibsaniiru. Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaa jalatti biqiltuu bunaa fooyya’aa ta’e bal’inaan dhaabuun fayyadamummaa isaanii guddisuuf hojjechaa jiraachuus ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Gumaachi Itiyoophiyaan eegumsa qabeenya lubbuu qabeeyyetiif taasisaa jirtu ol’aanaadha
Jul 21, 2026 288
Adoolessa 14/2018 (ENA): Itiyoophiyaan eegumsa qabeenya uumamaa fi lubbu-qabeeyyiif sadarkaa addunyaatti gumaachi taasisaa jirtu ol’aanaa ta’uusaa Barreessituu hojii raawwachiiftuu waliigaltee qabeenya lubbuu qabeeyyii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (CBD) Astiriid Shomaker ibsan. Abbaan Taayitaa Eegumsa Bosonaa fi Bineensota Itiyoophiyaa ayyaana hundeeffama isaa waggaa 60ffaa kabajachaa jira. Waltajjii kanarratti Pirezidaantiin Ripaabilika Dimokiraatawaa Federaala Itiyoophiyaa Taayyee Atsqa-Sillaasee, Ministira Muummee duraanii fi walitti qabaa Boordii faawondeeshinii Haayilemaaramii fi Roomaan ,Haayilemaram Dassaaleny, De’eetaa Ministira Turiizimii Dr.Endegena Abbabaa, Daayirektara Olaanaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Bosonaa fi Bineensota Itiyoophiyaa Kumarraa Waaqjiraa dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoo fi keessummoonni dhaabbilee addunyaa affeeraman argamaniiru. Barreessituun hojiiraawwachiiftuu Waliigaltee qabeenya lubbuu qabeeyyii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (CBD) Astiriid Shoomaker, Itiyoophiyaan iddoo biqiltuu fi bineensota adda ta'an hedduu fi handhuura qabeenya uumamaa fi lubbuu qabeeyyii ta'uushee dubbataniiru. Shoorri biyyattiin eegumsa lubbuu qabeeyyii addunyaatiif gumaachaa jirtus caalaatti guddaa ta'uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan sanyiiwwan bineensotaa adda addaa addunyaa irratti bakka biraatti hinargamne ta'uushee eeruun; hambaan uumama addaa kun boonsaa Itiyoophiyaa qofa osoo hin taane, addunyaa guutuufis gatii shallagamuu hin danda’amnee ol ta'e akka qabu dubbataniiru. Dhaabbatichi waggoottan jaataman darbaniif qabeenya uumamaa fi lubbuu qabeeyyiif eeguuf kutannoo agarsiiseefis dinqisiifannaa isaanii ibsaniiru. Biyyattiin bakkeewwan eegumsaa sirnaan bulchuu, sanyiiwwan balaa irra jiran baraaruu fi walitti bu'iinsa namaa fi bineensota gidduutti uumamu to'achuuf carraaqqiin taassifamu jajjabeessaa ta'uu ibsaniiru. Galmawwan qabeenya lubbuu qabeeyyii kaa’ame milkeessuuf hawaasni addunyaa qabeenya bosonaa eeguu, sanyiiwwan balaa irraa baraaruu fi daldala bineensota seeraan alaa to'achuuf tarkaanfii ariifachiisaa fudhachuu akka qabu hubachiisaniiru.
Ashaaraan Magariisaa sirna ikkoo kunuunsuun dabalatatti, bineensota bosonaaf dahoofi bakka jireenyaa ta’uun carraa guddaa uumeera.
Jul 21, 2026 262
Adoolessa 14/2018 (ENA): Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa sirna ikkoo kunuunsuun dabalatatti, bineensota bosonaaf dahoofi bakka jireenyaa ta’uun carraa guddaa uumeera jedhan jedhan Pireezidaantin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen. Ayyaanni waggaa 60ffaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Bineensota Bosonaa Itiyoophiyaa mata duree “Waggoota 60 Bineensota Bosonaa Itiyoophiyaaf” jedhuun magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera. Pireezidaanti Taayyeen wayita kana, Itiyoophiyaanonni Eegumsa Bineensota bosonaa dhalootarraa dhalootatti dabarsuun duudhaa gaarii qabu jedhan. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa nageenya sirnakkoo eeguun bineensonni bosonaa bakka jireenyaa mijataa akka argataniif carra uumuu kaasaniiru. Barii jijjiirama biyyaalessaa waggoottan darban keessa qabeenya uumamaa fi madaala sirnakkoo eeguun hojiileen hedduun hojjetamuu eeraniiru. Sirni aadaa kunuunsa bineensota bosonaa lammiilee Itiyoophiyaa biratti gatii ajaa’ibaa dhalootaa dhalootatti darbaa akka ta’es dubbataniiru. Mallattoo bineensota bosonaa Itiyoophiyaa kan ta’e Waaliyaa Ayibeeksi gadi bu’uun isaa dhimma yaaddessaa ta’uu eeruun, Kana baraaruuf dirqama biyyaalessaa fi idil-addunyaa qabna jedhan. Bineensota bosonaa kunuunsuun barbaachisaa akka ta’e gorsaniiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Sagantaan Ashaaraa Magariisaa milkaa’ina hunda galeessa akka ta’u dandeessisuun nageenya heddummina lubbu qabeeyyiif gumaacha taasisaniif galateeffataniiru. Nageenya paarkiiwwanii mirkaneessuu fi bu’uuraalee misoomaa isaanii ammayyeessuun eegumsa bineensota bosonaa qofa osoo hin taane daawwattoota biyya keessaa fi alaa hawwachuuf tattaaffii taasifamaa jiruuf furtuu ta’aa jiraachuu ibsaniiru. Paarkoonni magaalota keessatti ijaaramaa jiran beekumsa hawaasni waa’ee bineensota bosonaa irratti qabus bal’isaa akka jiran hubachiisaniiru. Bu’aa damichaa irraa eegamu galmaan ga’uuf hojiin cimaan hojjetamuu akka qabu hubachiisuun, waggoota jaatama darban keessatti kunuunsa uumamaaf gumaacha guddaa aangawootaa fi michoota taasisaniif galateeffataniiru. Waltajjicharratti Pireezidaantiin Mootummaa Federaalaa Itiyoophiyaa, Taayyee Atsqasillaaseen, Ministira Muummee duraanii fi Dura taa’aan Boordii Faawundeeshinii Roomaa Hayilamaariyaam Dasaalee, De’eetaa Ministeera Tuurizimii Dr. Indaganaa Abbabaa, Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Bineensota Bosonaa Itiyoophiyaa, Kumarraa Waakjiraa, akkasumas haggantoota hojii olaanoo mootummaa fi keessummoonni dhaabbilee idil addunyaa irraa affeeraman argamaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Sagantaan ashaaraa magariisaa dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuurra darbee aadaa tajaajila tola ooltummaa dargaggootaa guddiseera
Jul 18, 2026 336
Adoolessa 11/2018(ENA)- Sagantaan ashaaraa magariisaa dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuurra darbee aadaa tajaajila tola ooltummaa dargaggootaa guddisaa akka jiru waldaan dargaggoota Finfinnee ibse. Yaada ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad maddisiisaniin bara 2011 kan eegalame sagantaan ashaaraa magariisaa bosona badaa dhufee fi biyyoo dhiqamaa ture ittisuudhaan gumaacha taasisaa jira. Waggoottan darban biqiltuuwwan biiliyoona 48 ol kan dhaabaman yoo ta’u baranas mata duree ‘abdii haa dhaabnu’ jedhuun biqiltuu biiliyoona 8 ol dhaabuuf hojiitti galameera. Sagantaan kun bosona dabaluun gamatti carraa hojiillee uumuuf gargaareera. Waldaan dargaggoota Finfinnee biiroo miidhagina magaalaa fi misooma magariisaa bulchiinsa magaalichaa waliin ta’uun guyyaa har’aa sagantaa ashaaraa magariisaa baranaa gaggeesseera. Gaggeessitoonnii fi dargaggoonni saganticharratti hirmaatan sagantaan ashaaraa magariisaa jijjiirama haala qilleensaa ittisuun gamatti aadaa tajaajila tola ooltummaa guddisuuf gumaacha taasisaa akka jiru ibsaniiru. Itti aantuun pirezidaantii waldaa dargaggoota Finfinnee Foolii Nugusee sagantaan ashaaraa magariisaa dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf, miidhagina magaalattii eeguu fi bakka mijataa uumuuf gumaacha akka qabu dubbatteetti. Barreessaan waldichaa Ermiyaas Wandimmuu gamasaatiin, sagantaa ashaaraa magariisaa baranaa guyyaa ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin ifoomee eegalee dargaggoon hirmaachaa akka jiran dubbateera. Sagantichi biyya fooyyofte, badhaadhinaa fi abdiin guutamte dhaloota dhufuuf dabarsuuf kan gargaaru ta’uu ibseera. Sagantaan ashaaraa magariisaa magaalattii magariisa, qulqulluu fi mijattuu akka taatu taasiseera kan jedhan ammoo kutaa magaalaa Booleetti itti gaafatamaa waajjira qulqullinaa fi miidhaginaa aanaa tokkoo Yenuus Mahaammadi. Saganticharratti kan hirmaatan dargaggoo Katamaa Baalchaa fi dargaggoo Taganee Boonee gamasaaniin har’a biqiltuu kunuunsuun dhaloota dhufuuf ashaaraa kaa’uu waan ta’eef fulla’insaan biqiltuu akka kunuunsan dubbataniiru.
ENA’n hirmaannaa qabatamaa ashaaraa magariisaarratti qabu cimsee itti ni fufa
Jul 11, 2026 1759
Adoolessa 4/2018(ENA)-Tajaajilli oduu Itiyoophiyaa sagantaa ashaaraa magariisaa milkeessuuf hawaasa dammaqsuun gamatti qabatamaan irratti hirmaachuun qooda adda durummaasaa cimsee akka itti fufu hojii raawwachiisaan olaanaa Seeyifee Darribee ibsan. Hoggantoonnii fi hojjettoonni ENA mata duree “abdii haa dhaabnu” jedhuun Paarkii Inxooxxootti ashaaraa magariisaa kaa’aniiru. Hojii raawwachiisaan olaanaa dhaabbatichaa Seeyifee Darribee wayita kana akka ibsanitti, Itiyoophiyaan waggoottan jijjiiramaa darban ashaaraa magariisaaf xiyyeeffannoo addaa kennitee biqiltuu dhaabuu aadaa godhatteetti. Itiyoophiyaan milkaa’ina ashaaraa magariisaan galmeessisaa jirtu itti fufsiisuuf akkasumas jijjiirama haala qilleensaa addunyaa yaaddessaa jiru qolachuuf ga’ee bahachaa jirtu addunyaaf beeksisuudhaan ENA’n qoodasaa akka bahu dubbataniiru. Galmi biyyaalessaa akka milkaa’u ENA’n hawaasa dadammaqsuu fi odeeffannoo dabarsuun gamatti, adda durummaan qabatamaan hirmaachuudhaan qoodasaa akka cimsu beeksisaniiru. Keessumaa hojiiwwan Itiyoophiyaan wiirtuu ashaaraa magariisaa akka taatu hojjetaman beeksisuu fi hubannoo uumuuf hojii itti jiru cimsee akka itti fufu dubbataniiru. Hoggantoonnii fi hojjettoonni ENA saganticharratti hirmaatan gamasaaniin, dhaloota dhufuuf biyya fooyyofte dabarsuuf ashaaraasaanii kaa’uusaaniif gammaduusaanii ibsaniiru. ENAtti daarektarri sagantaa qabiyyee Raahel Abbabaa, sagantichi bosona biyyattii dabaluurra darbee Itiyoophiyaan dippilomaasii magariisaatiin akka beekamtu humna guddaa uumaa akka jiru ibsaniiru. Itti aantuun qopheessituu kitaabee Nagaariit Yeshiimmabeet Dammaqaa gamasaaniin, ogeeyyonni Miidiyaaleen odeeffannoo tamsaasuun cinaatti qabatamaan hirmaachuudhaan itti gaafatama biyyaalessaa bahachuu akka qaban dubbataniiru. Biqiltuu dhaabuun cinaatti firii akka kennan kunuunsuun barbaachisaa akka ta’e hubachiisaniiru. Qopheessaan olaanaa deeskii afaan biyya alaa Heenook Taaddalaa yaada kenneen, Itiyoophiyaan bosonashee guddisuuf hojiin hojjettu addunyaaf fakkeenya ta’aa jiraachuusaa eereera. Ogeeyyonni ENA Reedwaan Shamdasir fi Sarkaalam Zallaqaa gamasaaniin, Itiyoophiyaa lalistuu uumuuf ashaaraasaanii kaa’uusaaniitti gammaduusaanii ibsaniiru.
Sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa furmaata jijjiirama haala qilleensaa addunyaaf agarsiiftuu adda dureedha
Jul 11, 2026 1213
Adoolessa 4/2018 (ENA)- Sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa furmaata jijjiirama haala qilleensaa addunyaaf agarsiiftuu adda dureedha jedhan ambaasaaddaroonni biyyoota garagaraa ibsan. Balaawwan uumamaa addunyaa qoraa jiran keessaa jijjiiramni haala qilleensaa adda durummaan eerama. Dhiimmaa kana qolachuuf yaada ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad maddisiisaniin bara 2011 irraa eegalee hojiirra oolaa kan jiru sagantaan ashaaraa magariisaa qabatamaan jijjiirama agarsiisaa barana wagga saddettaffaa qabateera. Sagantaawwan dhaabbii biqiltuu waggoottan kanneen keessatti dhaabamaniin bosona biyyattii akka dabaluu fi haalli qilleensaa mijataan akka uumamu gochuun olitti guddina oomishaa fi oomishtummaa damee qonnaaf qooda olaanaa gumaachuusaa qaamonni garagaraa ni ibsu. Itiyoophiyaan waggoottan darban biqiltuuwwan biiliyoona 48 ol dhaabuudhaan hojii fakkeenyummaa qabu kan raawwate yoo ta’u bara kanas mata duree “abdii haa dhaabnu” jedhuun biqiltuu biiliyoona saddet dhaabuuf hojiitti galameera. Ambaasaaddaroonni biyyoota garagaraa ENA’n dubbise, hojiin Itiyoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaatiin hojjechaa jirtu hawaasa addunyaaf fakkeenya guddaa kan ta’u milkaa’ina olaanaadha jechuun dinqisiifataniiru. Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Israa’el Dr. Abrihaam Nugusee akka dubbatanitti, Imaammanni ashaaraa magariisaa fi adeemsi dhaabbii biqiltuu Itiyoophiyaan gaggeessitu guddaa barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Dhimmi haala qilleensaa guutuu addunyaa kan yaaddessu mudannoo idil addunyaa waan ta’eef Itiyoophiyaan adeemsa kana keessumaa ardii Afriikaarraa adda durummaan dursaa akka jirtu ibsaniiru. Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Siriilaankaa Niirmallaa Paranaviitaa akka dubbatanitti, Itiyoophiyaan sagantaa misooma magariisaa akkasii hojiirra oolchuunshee adeemsa abshaalummaa ta’uu ibsaniiru. Sagantaan ashaaraa magariisaa guddina dinagdee biyyaaf gumaacha olaanaa qabaachuusaa ibsuudhaan, Siriilaankaan damee Kanaan Itiyoophiyaa waliin tumsaan hojjechuuf fedhii qabdu karaa hojiira oolchitu qorachaa akka jirtu ta’uushee eeraniiru. Itiyoophiyaatti bakka bu’aan daldalaa fi dhimmoota Invastimantii Paakistaan Baasiit Saaliim Shaah gamasaaniin, sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaaf miidhaginaa fi hanannaa addaa gumaachuun olitti, naannawa faalama qilleensaarraa qulqullqq’e babal’isuuf gimaacha guddaa taasisuusaa eeraniiru. Ummannii fi mootummaan Itiyoophiyaa yeroo gabaabaa keessatti sadarkaa guddaa kanarraa ga’uunsaanii dinqisiifatamuu qaba jedhaniiru.
Sagantaan  Ashaaraa Magariisaa Eegumsa Naannoo fi Haaromsa Sirna-Ikkoolojiitiif gumaacha olaanaa taasisaa jira
Jul 5, 2026 3164
Waxabajjii 28/2018 (ENA):- Sagantaan Ashaaraa Magariisaa hanga bosona biyyattii dabaluudhaan eegumsa naannoo fi haaromsa sirna-ikoolojiitiif gumaacha olaanaa taasiisaa akka jiru Daarektarri Olaantuu Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa Dr. Injiiner Lalisee Namee ibsan. Itiyoophiyaan miidhaa jijjiirama haala qilleensaarraa maddu dandamachuuf, Uwwisa bosonaa guddisuufi wabii nyaataa mirkaneessuuf kan dandeessisu sagantaa Ashaaraa Magariisaa innisheetivii Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin bara 2011 irraa eegalee sadarkaa biyyaalessaatti hojiirra oolchaa jirti. Hirmaannaa biyyaalessaa guddaa kanaan dura waggoottan dabran keessatti biqiltuuwwan bosonaa, fuduraalee fi gaaddisaa biliyoona 48 ol misoomsuun danda'ameera. Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaan mata duree "Abdii haa dhabbannu " jedhuun sadarkaa biyyaalessaatti biqiltuuwwan biliyoona saddeet dhaabuuf karoorfamee gara hojiitti galamuun isaa ibsameera. Har'as Eejensiin Bulchiinsa Qulqullina Magaalaa Finfinnee bakka kosii gogaa itti gatan Raphii jedhamutti sagantaa Ashaaraa Magariisaa gaggeesseera. Daarektarri Olaantuu Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa Dr. Injiiner Lalisee Namee wayita kanatti akka jedhanitti; sagantaan Ashaaraa Magariisaa naannoo faalamaa fi manca'iinsa irraa kan itti eegnu keessaa tokkodha jedhan. Waggoottan dabran keessa sagantaan Ashaaraa Magariisaa hojiirra ooleen uwwisni bosona biyyattii akka dabale ibsaniiru. Kunis eegumsa qilleensa addunyaatiif fala ta'aa dhufuu isaa dubbachuun; birmadummaa wabiinyaataa mirkaneessuu keessattis qoodasaa ba’achaa akka jiru ibsaniiru. Uwwisa bosona biyyattii dabaluudhaan eegumsa naannoo fi haaromsa sirna-ikoolojiitiif gumaacha olaanaa gumaacha akka jiru eeraniiru. Sadarkaa Itti aanaa Kantiibaatti Hojii gaggeessaa Olaanaan Magaalaa Finfinnee Injiiner Wandimmuu Seettaa gama isaaniitiin; bakka gatinsa kosii gogaa Raphiitti yeroo ammaa hojii deebisanii misoomsuu hojjetameen sodaa balaa irraa gara qabeenyummaatti jijjiiramaa dhufeera jedhaniiru. Daarektarri Olaanaan Eejensii Bulchiinsa Qulqullina Magaalaa Finfinnee Gazzaahenyi Deesisaa gama isaaniitiin; Raphiin bakka kosii gogaa itti gatan yeroo ammaa biqiltuudhaan uwwifamaa akka jiru dubbataniiru. Kanaanis yeroo ammaa deebisanii fayyadamuun gara qabeenyummaatti jijjiiramaa akka jiru eeraniiru. Hirmaattonni sagantichaa ENA’f yaada kennan; erga Ashaaraan Magariisaa jalqabamee kaasee waggaa waggaan dammaqinaan hirmaachaa akka jiran ibsuun; kanaan dura naannoo isaaniitti bakkeewwan kosii itti gatamaa turan amma deebi'anii dandamachuun biqiltuuwwan magariisaan uwwifamuusaanii dubbataniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015