Diinagdee - ENA Afaan Oromoo
Diinagdee
Godinichatti gamaaggamni raawwii hojii mootummaa fi paartii kurmaana tokkoffaa gaggeeffame
Oct 30, 2026 113
Onkoloolessa 20/2019(ENA)-Godina Kibba Oromiyaa kilaastara Yaaballoo, Bulee Horaa fi Adoolaatti gamaaggamni raawwii hojii paartii fi mootummaa Kurmaana 1ffaa adeemsifameera. Sadarkaa pirezedaantii itti aanaatti bulchaa godina kibba oromiyaa obbo Ahmed Haajii gamaaggamichaa irratti yaada kaasaniin, Gamaaggamni kun karooraa fi raawwii madaaluu bira darbee, kallattii imala ce’umsaa qabanne murteessuu keessatti gahee olaanaa kan qabudha jedhaniiru. Qormaanni keenya karoora gaarii qopheessuu qofa osoo hintaane, kaayyoo isaa ifatti hubachuu, dandeettii raawwii keenya sirnaan qindeessuu, humnoota misoomaa qabnu guutummaatti sochoosuu fi raawwii yeroo gabaabaa galmoota ce’umsaa yeroo dheeraa waliin wal-simsiisuu ture jedhan. Gamaaggamni kun hanqinoota adda baasuu bira darbee, murtoo sirreeffamaa, itti gaafatamummaa ifaa fi tarkaanfii raawwii irratti waliigaltee uumuu keessatti hiikkoo tarsiima’aa kan qabaatu akka ta’e kaasaniiru. Tarkaanfiin keenya kamuu dinagdee jabaa uumuu, dhaloota dorgomaa horachuu fi sirna jabaa ijaaruutti kan nubaasu ta'uu qabaata jedhaniiru. Itti gaafatamaa Paartii Badhaadhinaa damee Godina Kibba Oromiyaa Obbo Wondimmuu Roobee gamaaggamicha irratti argamuun haasaa taasisaniin, Imalli badhaadhinaa waggoottan jijjiiramaa darban taasifne aarsaa heddu kan gaafatee fi bu'uura utaalchoo kan kaa'e ta'us, gahaadha jedhamuun kan itti quufinsaaf nukaadhimu miti jedhan. Har'as hiyyummaa, wallaallummaa fi boodatti hafummaa, hoji-dhabdummaa, rakkoo kenniinsa tajaajilaa fi hanni, hundaa'ol ammoo gufuuwwan badhaadhinaa kanneen salphifnee ilaaluun dhimma baldhinaan muldhatudha jechuun ibsaniiru. Haa ta’uu malee kurmaanota dhufan keessatti dhimmoota sirreeffaman ta'uu eeraniiru. Itti aanaa bulchaa fi itti gaafatamaa kilaastera misoomaa godina kibba Oromiyaa Obbo Adulaa Hirbaayyee, karoora milkeessuun waadaa galuu qofa miti jedhaaniiru. Humna qabnu hubachuu fi sirnaan qindeessuu, gufuuwwan mudatan irraa barachuu, hanqina sirreessuu fi bu’aa qabatamaa jireenya ummataa keessatti muldhatu dhugoomsuu, hundaa’ol ammoo ce’umsa sirnaawaa milkaa'aana qabu mirkaneessuu waan ta'eef kana hubannee irratti hojjechuu qabnaa jedhan.
Karoora of-danda'uu qonnaa waggaa shanii qabame milkeessuuf maatiin qonnaa fi qooda-fudhattoonni gahee isaanii bahachuu akka qaban ibsame.
Oct 30, 2026 69
Onkoloolessa 20/2019(ENA)- Karoora of-danda'uu qonnaa waggaa shanii qabame milkeessuuf maatiin qonnaa fi qooda-fudhattoonni gahee isaanii bahachuu akka qaban hogganaa biiroo qonnaa Oromiyaa obbo Tashoomaa Boggaalaa himan. Karoora of-danda'uu qonnaa waggoota shaniif qophaa'e gurmaa'insa godinaalee fi magaalotaa haaraatiin haala hojiirra ooluu danda'uurratti mari'atameera. Karoorri waggaa shanii bara 2019 - 2023 dhufutti oomisha qonnaa wabii nyaataa mirkaneessan, al-ergee fi galtee industirii ta'an oomishuun of-danda'uu irratti haala pootenshaalaa fi humna raawwachuu godinaalee fi magaalotaarrati hundaa'uun qophaa'e keessatti haala-dureewwan jiranii fi dhimmoota xiyyeeffannoo addaan deeggeramuu qabanirratti mari'achuun qooddiin karooraa gageeffamerratti mari'achuun Komiishinii karooraaf akka dhiyaatuuf waliigalameera.
Imala Seenaa qabeessa Konkolaataawan gaazii uumamaan
Oct 30, 2026 110
Itoophiyaan har’aa Awutoobisiiwwan gaazii uumamaan hojjetan hojii eegalchiiste jirti. Konkolaataawwan magaalaa 26 boba'aa irraa gara gaazii uumamaatti jijjiiramuun har'a hojii eegaluu isaanii Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad sirna kanarratti dubbtaniiru. Ministirri Muummee ergaa isaaniitiin, konkolaataawwan magaalaa boba'aa irraa gara gaazii uumamaatti jijjiiramanii hojii eegaluu isaaniitiin gammachuu guddaa natti dhaga'ame ibsuun barbaada jedhaniiru. Ji'oottan muraasa darbanitti oomisha gaazii uumamaa bakka oomishamuu irraa gara Finfinneetti geejibsiisuun, buufataalee gaasii qopheessuu fi konkolaataawwan magaalaa gara gaasii uumamaatti jijjiiruu irratti hojii bal'aan hojjetamaa turuusaa ibsaniiru. Tarkaanfiin seenaa qabeessi kun sharafa alaa guddaa boba'aa bituuf ba'u sadarkaa ol'aanaadhaan kan hambisu ta'uu dubbataniiru. Itti dabaluudhaanis, baasii tajaajilichaaf ba'u hir'isuun kaffaltii imala lammiilee walakkaan kan salphisu ta'uu ibsaniiru. Kantibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee gama isaaniitiin adeemsi Kuni tarkaanfii guddaa ta’uu eeruun, baasii geejjibaa fi faalama qilleensaa hir’isuu, yeroo lammiilee qusachuu,akkasuma qabeenya biyya keessaa sirnaan fayyadamuuf kan gargaaru ce’umsa teeknooloojii qabatamaa ta’uu eeraniiru. Hojiin dandeettii keenyaan eegalame kun yeroo itti aanu caalmaatti cimee itti fufa jechuun ibsaniiru. Awutoobisoonni Gaazii uumamaan socho’an haaraan 400 yeroo dhiyootti gara biyya keessaa kan galan ta’uu kantiibaa Adaanech dubbataniiru. Gaaziiin uumamaa damee geejjiba dabalatee madda humnaa fi annisaa murteessaadha. Gaaziin uumamaa Mana keessatti nyaata bilcheessuuf, Madda Anniisaa Indaastirii, galtee oomisha xaa’oo, Oomisha Kemikaalaa garagaraaf kan ooludha. Dabalataanis Paalaastikii, daawwaa fi oomishoota kemikaalaa garagaraa oomishuu keessatti tajaajila gudda kenna. Maashinoota gurguddoo sochoosuuf ni gargaara. akkasumas madda anniisaa qulqulluu waan taa’eef eegumsa qilleensa naannootis bu’a gudda qaba. Gaasii uumamaa fayyadamuun diinagdee fi anniisaa qulqulluu argachuuf gahee guddaa kan qabu yoo ta’u Itoophiyaan hirkattummaa boba’aa alaa galu hir’iisuufis ni gargaara. Keessaattu Gaazii uumamaatti fayyadamuun biyya keessatti warshaalee xaa'oo ijaaruun gatii xaa'oo hir'isee oomishaa fi oomishtummaa qonnaa guddisuuf carraa guddaa uuma. Warshaaleef humna anniisa amansiisaa dhiyeessuun invastimantii biyya keessaa fi alaa harkisuuf, akkasumas indaastiriin akka saffisaan guddatuuf bu'uura guddaa dha. Faalama qilleensaa hir'isuufis faayidaan gaazii uumama bakka gudda kan qabudha. Walumaagalatti, gaaziin uumamaa Itoophiyaa kun karoora misoomaa biyyattii keessatti damee qonnaa, indaastirii, fi annisaa irratti jijjiirrama guddaa fiduu danda'a jedhame kan itti abdatameedha. Itoophiyaatti Gaaziin uumamaa hojiirra oomuun imala badhaadhina biyyattii damee hundaan mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa qaba. hojii misoomaa hojjetamu hunda keessatti dameen geejibaa shoora gudda kan qabu waan ta’eef , kana milkeessuu keesatti damichi gaaziin umamaa biyya keessatti tajaajilaaf ooluun faayidaa hedduu qaba.
Konkolaataawwan Magaalaa 26 boba'aa irraa gara gaazii uumamaatti jijjiiramuun tajaajila eegalan –Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Oct 30, 2026 111
Onkoloolessa 20/2019 (ENA) – Konkolaataawwan magaalaa 26 boba'aa irraa gara gaazii uumamaatti jijjiiramuun har'a hojii eegaluu isaanii Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad beeksisan. Ministirri Muummee ergaa isaaniitiin, konkolaataawwan magaalaa boba'aa irraa gara gaasii uumamaatti jijjiiramanii hojii eegaluu isaaniitiin gammachuu guddaan natti dhaga'ame ibsuun barbaada jedhaniiru. Ji'oottan muraasa darbanitti oomisha gaazii uumamaa bakka oomishamuu irraa gara Finfinneetti geessuun, buufataalee gaasii qopheessuu fi konkolaataawwan magaalaa gara gaasii uumamaatti jijjiiruu irratti hojii bal'aan hojjetamaa turuusaa ibsaniiru. Tarkaanfiin seenaa qabeessi kun sharafa alaa guddaa boba'aa bituuf ba'u sadarkaa ol'aanaadhaan kan hambisu ta'uu dubbataniiru. Itti dabaluudhaanis, baasii tajaajilichaaf ba'u hir'isuun kaffaltii imala lammiilee walakkaan kan salphisu ta'uu ibsaniiru. Konkolaataawwan boba'aadhaan hojjetan dandeettii ofitiin gara gaasii uumamaatti jijjiiruun, dandeettii keessoo fi ce’umsa teeknoolojii qabatamaan kan mirkaneesse ta'uu ibsaniiru. Gara fuulduraattis hirkatumma boba'aa irratti qabnu guutummaatti hambisuu fi gaasii uumamaa biyya keessatti oomishamu bal'inaan hojii irraa oolchuuf kan gargaaran konkolaataawwan haaraa gaasii uumamaatiin hojjetan 400 dhiyeenyatti gara biyya keessa kan galan ta'uu eeraniiru. dameewwan nyaataan , mana jireenyaa fi geejjiba irratti hojiilee qabatamaa hojjechuudhaan jireenya lammiilee irratti jijjiirama bu'uuraa fiduuf carraaqqiiwwan jajjabeessoon eegalaman cimanii kan ittifufan ta'uu ministirri Muummee mirkaneessaniiru. See less
Har’a Awutoobisoota boba’aarraa gara Gaazii Uumamaatti jijjiiraman 26 hojii eegalchiifne – Kantibaa Adaanech Abeebee
Oct 30, 2026 71
Onkololeessa 20/ 2019 (ENA) – Har’a Awutoobisoota magaalaa boba’aarraa gara Gaazii Uumamaatti jijjiiraman 26 hojii eegalchiifneerra jedhan Kantibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee. Kunis tarkaanfii guddaa ta’uu eeruun, baasii geejjibaa fi faalama qilleensaa hir’isuu, yeroo lammiilee qusachuu,akkasuma qabeenya biyya keessaa sirnaan fayyadamuuf kan gargaaru ce’umsa teeknooloojii qabatamaa ta’uu eeraniiru. Hojiin dandeettii keenya eegalame kun yeroo itti aanu caalmaatti cimee itti fufa jechuun ibsaniiru. Awutoobisoonni Gaazii uumamaan socho’an haaraan 400 yeroo dhiyootti gara biyya keessaa kan galan ta’uu dubbataniiru.
Oomisha bunaa guddisuun gamatti qulqullinasaa eegsisuun gabaa addunyaaf dhiheessuuf hojjechaa jirra – oomishtoota
Oct 30, 2026 74
Onkoloolessa 20/2019 (ENA) – Oomishtoonni Bunaa godina kibba lixa Oromiyaa oomisha bunaa guddisuun gamatti qulqullinasaa eegsisuun gabaa addunyaaf dhiheessuuf kutannoon hojjechaa jiraachuu ibsan. Itiyoophiyaan bakka argama Bunaa fi oomisha Bunaatiin Afriikaarraa dursituu ta’uusheetiin,Bunni argannoo sharafa alaa biyyattiif, carraa hojii uumuu fi guddina dinagdeef bu’uradha. Oomishtoonni Bunaa godina kibba lixa Oromiyaa Buna qulqullinaan oomishuun Buna Itiyoophiyaa dandeettii dorgommii idil addunyaarratti qabukan guddisuu fi jireenyasaanii kan fooyyessu tarkaanfii cimaadha. Oomishtoota Bunaa godinichaa keessaa obbo Fayisal Abbaamaccaa, waggaa waggaan Buna toonii kuma 90 qulqullinaan walitti qabuun toonii kuma 3 fi 300 ol gabaa alaaf akka dhiheessan dubbataniiru. Bara kanas buna qulqullinaan oomishuun gabaa alaaf dhiheessuuf hojjechaa jiraachuu eeraniiru. Dureessi godinichaa obbo Abudaayid Shariif gamasaaniin, Buna qulqullinaan oomishaa jiraachuu eeraniiru. Baranas buna ispeeshaaliitii toonii 19 gabaa addunyaaf dhiheessuuf hojjechaa jiraachuu eeraniiru. Qulqullina Bunaa eegsisuuf bu’urarraa kaasee hojjechuun akka barbaachisu eeraniiru. Dargaggoo Abdallaa Abbaamaccaa fi Seeyifuu Hasan carraa hojii Obbo Abudaayid uumanitti kanneen fayyadaman keessaayyu. Dargaggoonni kun hojiitti galuun dura leenjiin ogummaa kennamuufii dubbataniiru. Waajjira qonnaa godina kibba lixa Oromiyaatti itti gaafatamaan itti aanaa damee bunaa, shaayee, kuduraa fi muduraa obbo Miftaah Gaalii gamasaaniin, qulqullina Bunaa eegsisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Hirmaattota damee kanaaf leenjii ogummaa kennuurra darbee sakatta’insi qulqullina bunaa raawwatamaa jiraachuu eeraniiru. Bara kanas godinicharraa buna toonii kuma 195 fi 118 gabaa alaa fi biyya keessaaf dhiheessuuf karoorfamee, kana keessaa toonii kumaa 44 fi 826 buna dhiqame, tooniin kuma 150 fi 292 ammoo buna gogaa ta’uu dubbatAniiru. Godinichatti warshaaleen buna qiqindeessan 620 akka jiran eeranii, kanneen keessaa 403 buna diimaa gabaaf dhiheessuuf qopheessuurra akka jiran ibsaniiru. Bulchaan godina kibba lixa Oromiyaa Dr. Rashaad Kamaal, godinichi bakka bunni baay’inaan keessatti oomishamu ta’uusaatiin buna baay’inaan oomishuun gamatti, qulqullinasaa eeguurratti xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru ibsuunsaanii ni yaadatama.
Karoorri of danda'uu dinagdee humneessuun birmadummaa Dinagdee mirkaneessa – Obbo Mokkonnon Baay'isaa
Oct 30, 2026 86
Onkoloolessa 20/2019 (ENA)-- Karoorri of danda'uu Dinagdee humneessuun Birmadummaa Dinagdee mirkaneessa jedhan itti Gaafatamaa Paartii Badhaadhinaa Damee Godina Giddugaleessa Oromiyaa Obbo Mokkonnon Baay'isaa. Godina Giddugaleessa Oromiyaa Magaalaa Ambootti Seektaroota sadarkaa Godinaa,Magaalaa fi Aanaalee waliin gamaggama raawwii hojii kurmaana tokkoffaa Paartii fi Mootummaa gaggeeffamaa jira. Gamaggamni raawwii hojii kurmaana 1ffaa gaggeeffamu kun raawwii hojii Paartii fi Mootummaa kurmaana tokkoffaa irratti hojjetamaa ture cimina jiru itti fufsiisuun hanqina jiru irratti xiyyeeffatamee akka hojjetamuuf ta'uun ibsameera. Itti Gaafatamaa Paartii Badhaadhinaa damee Godina Giddugaleessa Oromiyaa Obbo Mokkonnin Baay'isaa hoggansi tokko hogganaa jechuuf gaaffii uummatasaa yoo debise jechuun himanii poteenshaala Godinichi qabu beeknee karoorfannee jiruuf jireenya uummataa jijjiruutu nurraa eegamaa jedhaiiru. Koomunikeeshinii Godinichaarraa
Oromiyaan waktii hunda hojii misoomaatiin fuulduratti ariitiin tarkaanfataa jirti – Tajaajila Komnikeeshinii Oromiyaa
Oct 30, 2026 86
Onkololeessa 20/2019 (ENA)-- Oromiyaan waktii hunda hojii misoomaatiin fuulduratti ariitiin tarkaanfataa jirti jedhe Tajaajila Kominikeeshiini Oromiyaa. Tajaajilichi Qabeenya uumamaa sirnaan fayyadamuun misooma jallisii babal'isuu, oomisha qonnaa guddisuu fi lafa qonnaa gara oomisha olaanaatti jijjiiruun badhaadhina waaraa mirkaneessuuf hojjetamaa jira jedheera. Hojileen misoomaa kunneenis bonaa fi ganna, magaalaa fi baadiyyaatti itti fufinsaan gaggeeffamaa jira. Kunis imala Oromiyaa oomishaan of dandeessee badhaadhina hundagaleessa mirkaneessitu ijaaruuf taasifamuu ta’uus kaasera. Yeroo amma kanas oomisha gannaan misoome walitti qabaa, qonni Jallisii bonaa gaggeeffamaa akka jiruus ibseera.
Dinagdee Ummata Oromoo guddisuuf Aadaa qusannaa fi liqii gabbifachuu qabna –aadde Miskii Mohaammed
Oct 30, 2026 78
Onkoloolessa 20/2019 (ENA) Dinagdee Ummata Oromoo guddisuuf Aadaa qusannaa fi liqii gabbifachuu qabna jechuun Itti Aantuun Bulchaa fi Itti gaafatamtuun damee misoomaa Godina Baha Oromiyaa Aadde-Miskii Mohaammed ibsan. Manni Marii Baankii Sinqee Godina Baha Oromiyaa raawwii karoora kurmaana 1ffaa bara 2019 Magaalaa Hararitti qorateera. Waltajjii kana irratti itti aantuun Bulchaa fi Ittigaafatamtuun damee misoomaa Godina Baha Oromiyaa Aadde Miskii Mohaammed dabalatee ,Darektarri Baankii Siinqee Distriktii Dirree Dawaa Obbo Mangistuu Wandimmuu,Manaajarri Baankii Siinqee Kilaastara bahaa obboo Bilisummaa Yusuuf , Manaajarri Baankii Siinqee Kilaastara Lixaa obbo Aliyyii Saburii fi manaajarri dhiyeessa liqii fi deebii liqii distiriktii Dirree Dawaa obbo Awwal Qamar hirmaachuun mari'atameera. Itti Aantuun Bulchaa fi Itti gaafatamtuun Damee Misoomaa Godina Baha Oromiyaa Aadde Miskii Mahammad Baankiin Siinqee wirtuu dugdaa dinagdee ummata Oromooti jechuun dinagdeen uummata gahoomsuuf shoora guddaa qabaachuu ibsaniiru. Ummata Oromoo dinagdeen gahoomsuuf Aadaa Qusannee Liqii fudhachuu fi Liqii fudhanne deebisuu gabbifachuu qabna jedhaniiru. Kaayyoon waltajjii mana marii Baankii Siinqee kanaa kurmaana 1ffaa kana akkamitti Qusachiifnee liqii kenninee, liqii deebisisaa akka jirru ,Carraa hojii uumaa jirra jedhu gabaasni dhiyaatee hanqinoota fi ciminoota adda bahan irratti mari'achuun kallattii milkaa'ina hojii fuula duraa kennuuf ta'uu ibsaniiru. Waltajjii kanaan gabaasni Raawwii karoora hojii kurmaana 1ffaa Baankii Siinqee Manaajara Baankii Siinqee Kilaastara bahaa obboo Bilisummaa Yusuufiin dhiyaatee hanqinootaa fi cimoota irratti erga Mari'atame booda, kallattii milkaa'ina hojii fuula duraa kennamuun goolabameera.koomunikeeshinii Godinichaarraa
BRICS Afrikaa waliin tumsa industirii cimsuuf hojmaattota haaraa ifoomsite
Oct 29, 2026 192
Onkololeessa 19/2019 (Ira) -BRICS tumsa industirii Afrikaa waliin qabdu cimsuuf hojmaattota haaraa ta’an ifoomseera. Kun kan ibsame Yaa’ii Ruusiyaa-Afriikaa 3ffaa Moskootti mata duree “Waltajjiin BRICS guddina tumsa daldalaa Ruusiyaa fi Afrikaa” jedhuun qophaa’e irrattidha. Ministirri misooma diinagdee Raashiyaa Maksim Reshetniikov, BRICS biyyoota Afrikaatiif gabaa banaa ta’uu bira darbee, teeknooloojii, oomishaalee industirii fi invastimantii dhiyeessuufis akka tajaajilaa jiru ibsaniiru. Akka ibsa ministirichaatti, sirnoota haaraa qophaa’aa jiran keessaa tokko tokkoon isaanii Gamtaa Naannolee Dinagdee Addaa fi Dhaabbata Waljijjiirraa Daldala Midhaanii (Grain Exchange) kanneen jedhaman ni argamu. Kana malees, ministiroonni industirii biyyoota miseensota BRICS, damee industirii keessatti dijitaalaayizeeshinii fi tumsa teeknooloojii guddisuuf bu’uura tumsa waliinii diriirsuuf yaada dhiyeessuu isaanii gabaasni TV BRICS ni mul’isa. Reshetniikov itti dabaluunis, BRICS yeroo ammaa tumsa isaa marii siyaasaa qofa irratti daangessuu dhiisee, gara sagantaalee bu’aa qabatamaa argamsiisanitti jijjiiruuf hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Akkasumas, mootummoonni gufuuwwan tumsa daldalaa fi industirii gufachiisan akka kaasan gaafataniiru. Hawaasni daldalaa sirnoota haaraa kana bu’a qabeessa taasisuu keessatti gahee murteessaa akka qabuus hubachiisaniiru. Waltajjicharratti, biyyoota Afrikaa adda addaa fi Ruusiyaa gidduutti naannolee tumsa industirii uumamuun walitti dhufeenya fi hariiroo dinagdee gama lamaan cimsuuf gahee olaanaa akka qabu ibsameera. Bu’uuraalee misoomaa, geejjibaa, loojistikii, anniisaa fi nageenya saayibarii irratti pirojektoota bu’aa qabatamaa argamsiisan waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uunis waltajjicharratti irratti mari’atameera. Biyyoonni miseensota BRICS ta’an sirna kaffaltii walaba ta’e diriirsuu, invastimantii hawwachuu fi haala mijataa uumuu fi tumsa industirii isaanii babal’isuuf hojjechaa akka jiranis ibsameera. Dabalataanis, dura taa’aan waltajjichaa fi Daayirektarri Inistiitiyuutii Qorannoo Afrikaa kan Akkaadamii Saayinsii Ruusiyaa Irina Abramova, yeroo ammaa barattoonni Afrikaa kuma 37 ol ta’an Ruusiyaa keessatti barnoota isaanii hordofaa akka jiran ibsuu isaanii odeeffannoon TV BRICS ni mul’isa.
Hariiroon Itoophiyaan Galaana Diimaa wajjin qabdu bu'aa qindoomina seenaa, dinagdeefii Jii’oopolotikaati
Oct 29, 2026 430
Onkoloolessa 19/2019 (ENA) Hariiroon Itoophiyaan Galaana Diimaa wajjin qabdu bu'aa qindoomina seenaa, dinagdee fi jii’oopolotikaati jedhan hayyoonni seenaa fi saayinsii siyaasaa Yuunivarsiitii Jimma. Walitti hidhaminsi seenaa, jii’oopolotikaa fi dinagdee Itoophiyaan Galaana Diimaa wajjin qabdu kan dhalootaa dhalootatti ce'ee fi bu’uura guddina biyyattii ta'ee tureera. Ta'us, haalawwan seenaa keessa turanii fi shira irratti raawwatameen biyyattiin hula galaanaa uumamaa qabdu ture akka dhabdu ta’eera. Yuunivarsiitii Jimmaatti barsiisaa fi qorataan maandisa qabeenya bishaananii Dr.Daawud Tamaam bara qaroomina Aksumitti Itoophiyaan karaa hulaa Adulisiin kutaa addunyaa garagaraa wajjin hariiroo daldalaa qabaachaa turuushe eeraaniiru. Faayidaan tarsiimawaan Galaana Diimaa daldala addunyaa fi nageenya naannichaa wajjin kan walqabatu waan ta'eef, Itoophiyaan daandii daldala murteessaa kana wajjin hariiroo qabdu cimsuunii fi hulaa galaanaa argachuun ishee hirmaannaa riijiniif faayidaa guddaa kan qabu ta'uu hubachiisaniiru. Galaana Diimaa waljijjiirraa daldala addunyaatiif baay’ee murteessaa ta’uu kan eeran hayyuun kun hirmaannaan biyyoonni riijinichaa humna waraanaa fi dinagdee qabaniif faayidaa tarsiimo’aa kan agarsiisudha jedhaniiru. Itoophiyaan hirmaannaa daldala addunyaa keessatti qabdu guddisuuf, dhiibbaa naannichatti qabdu cimsuufi faayidaa dinagdee ishee eegsisuuf Hulaa Galaanaa argachuun ishee barbaachisaa fi dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu ta'uusaa ibsaniiru. Yuunivarsiitii Boongaatti barsiisaa fi qorataan seenaa Salamoon Kidaanee gamasaaniin, Itoophiyaan hulaa galaanaa dhabuu isheen daldalli Al-ergee fi Alaa galuuf bu'uuraan hulaa galaanaa biyyoota biraa irratti akka hirkatu taasiseera jedhaniiru. Kunis dhimma hulaa galaanaa argachuu dhimma nageenya biyyaalessaa fi dinagdee ta’ee akka turuusaa ibsaniiru. Itoophiyaan ummata miliyoona 130 ol qabdu dhiibbaa dinagdee fi siyaasa gaanfa Afrikaa keessatti qabduun hulaa galaana argachuun ishee hariiroo daldalaa fi guddina isheetiif barbaachisaa ta'uu eeraniiru. See less
Magaalaa Shaggaritti karoora nyaataan of danda’uu milkeessuuf oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf xiyyeeffatameera
Oct 29, 2026 167
Onkoloolessa 19/2019 (ENA) - Magaalaa Shaggaritti karoora nyaataan of danda’uu milkeessuuf oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf xiyyeeffatameera. Magaalaan Shaggar naannoo Oromiyaatti guddinni magaalaa si’ataa fi naannawoota baay’inni ummataa keessatti dabalaa jiru keessaa tokkodha. Magaalichi bakkeewwan gama tokkoon amaloota magaalaa fi gama tokkoon amaloota baadiyyaa qaban of keessatti kan qabate waan ta’eef, misooma qonnaa guddina magaalaa waliin walitti hidhuun gaggeessuun barbaachisaa ta’eera. Fedhii nyaataa ummataa fulla’insaan guutuu fi qaala’insa jireenyaa tasgabbeessuuf inisheetiivonni qonnaa garagaraa qama mul’ata nyaataan of danda’uu sadarkaa biyyaalessaa fi naannoo ta’an hojiirra oolaniiru. Guyyaa har’aas magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Malkaa Noonnoo, hoggantoonni sadarkaa garagaraan jiranii fi qonnaan bultoonni bakka argamanitti inisheetiivonni misooma qonnaa garagaraa fi badhaadhina maatii bakka argamanitti daawwannaan oyiruu taasifameera. Kantiibaan magaalaa Shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa, paartii badhaadhinaatti hogganaan waajjira dame magaalaa Shaggar obbo Alamaayyoo Tulluu, akkasumas hoggantoonni magaalaa fi kutaa magaalaa daawwannaa oyiruu irratti argamaniiru. Daawwannaa Kanaan inisheetiivonni horsiisa lukkuu, misoomni kilaastaraa Garbuu fi Qamadii, horsiifni saawwan aannanii, kilaastarri Muuzii fi sanyii Garbuu filatamaa baay’isuu daawwatameera.
Magaalaa Maayaatti karoora ofdanda’uu waggoota shanan dhufanii milkeessuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama – Dr. Ifrahaa Waziir
Oct 29, 2026 164
Onkoloolessa 19/2019(ENA) - Magaalaa Maayaatti karoora ofdanda’uu waggoota shanan dhufaniif qophaa’e bu’uura godhachuun qabeenya uumamaa sirnaan fayyadamuu fi dinagdee dameewwan garaagaraa irratti hundaa’e cimsuun badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf kan hojjetamu ta’uu Kantiibaan Magaalaa Maayaa, Dr. Ifrahaa Waziir ibsan. Dr. Ifrahaan Waziir ENAtti akka himanitti, karoorri of danda’uu kun hanqinoota raawwii karoora xiiqii keessatti mul’atan furuufi ciminoota galmaa’an itti fufsiisuun badhaadhinaafi birmadummaa dinagdee biyyaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qaba. Karooricha milkeessuuf oomisha tokko irratti qofa xiyyeeffachuu osoo hin taane, hojiiwwan misoomaa dameewwan garaagaraa irratti bobba’uun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Keessumaa, of danda’uun sadarkaa maatii irraa eegaluun akka qabu eeranii, maatiin hundi qabeenya, ogummaafi dandeettii qabu sirnaan fayyadamuun maddoota galii garaagaraa uumuu akka qabu hubachiisaniiru. Kanaafis, mala qonnaa ammayyeessuu, misooma qonna magaalaa keessatti hirmaachuu, ogummaa garaagaraa gabbifachuufi hojiiwwan galii maddisiisan irratti bobba’uun murteessaa ta’uu ibsaniiru. Dabalataan, carraa hojii barbaachaaf asii fi achi deemuu irraa gara carraa hojii ofii uumuu fi namoota biroof uumuutti ce’uun karoora of danda’uu milkeessuu keessatti gahee olaanaa akka qabu dubbataniiru. Ogummaa gabbifachuun industiriiwwan xixiqqaa hundeessuufi humna waloo ijaaruun sadarkaa maatii, ganda, aanaa, kutaa magaalaafi magaalaatti of danda’uu mirkaneessuuf hojjechuun barbaachisaa ta’uus eeraniiru. Akka Dr. Ifrahaan ibsanitti, Magaalaan Maayaa karoora kana milkeessuuf haaldureewwan mijatoo qabdi. Isaan keessaa uummata bal’aa misoomaaf qophaa’ee fi ofitti amanamummaa qabu, akkasumas caasaalee mootummaa qormaataafi rakkoolee garaagaraa keessa darbanii milkaa’ina galmeessisuu danda’an qabaachuun kanneen ijoodha. Kana malees, muuxannoon gaariin karoora xiiqii waggoota lamaan darban keessatti hojiirra oolchuun argame, karoora of danda’uu kana milkeessuuf bu’uura cimaa ta’uu ibsaniiru. Haa ta’u malee, hanqinoota adeemsa raawwii keessatti mudachuu danda’an dursanii adda baasuun furmaata itti kennuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru. Karoora of danda’uu kana keessatti galii dabaluun, dargaggootaaf carraa hojii bal’aa uumuun, akkasumas qabeenya uumamaafi carraawwan misoomaa Magaalaan Maayaa qabdu guutummaatti fayyadamuun xiyyeeffannoo olaanaa kan argatan ta’uu himaniiru. Keessumaa, oomishaafi oomishtummaa guddisuun, oomishaalee naannawaatti argamanitti fayyadamuufi dinagdee dameewwan garaagaraa irratti hundaa’e cimsuun hojiiwwan xiyyeeffannoon irratti hojjetaman ta’uu ibsaniiru. Karoorri of danda’uu kun sadarkaa waraqaa irratti qofa kan hafu osoo hin taane, gara hojii qabatamaatti jijjiiramuun badhaadhinaafi birmadummaa dinagdee biyyaa mirkaneessuuf kutannoon kan hojjetamu ta’uu eeraniiru. Kanaafis karooricha milkeessuuf hawaasa Magaalaa Maayaa fi qooda fudhattoota hunda bira ga’uun hubannoo walfakkaataa uumuufi hirmaannaa hawaasaa cimsuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu Kantiibaan Magaalaa Maayaa, Dr. Ifrahaa Waziir ibsaniiru.
Pirojektii misooma maneen miiliyoona 1 tuqaa 5 qaama labsii Gubaa ta’e milkeessuuf sadarkaa danda’amurra gahameera
Oct 28, 2026 317
Onkoloolessa 18/2019 (ENA)- Pirojektii misooma maneen miiliyoona 1 tuqaa 5 qaama labsii Gubaa ta’e milkeessuuf sadarkaa danda’amurra gahamuusaa ministirri magaalaa fi bu’ura misoomaa Injiinar Mahaammad Abdurahmaan ibsan. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Qaam’ee 4 bara 2017 hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa eebbifamuusaa erga ifoomsanii booda, waggoottan muraasa itti aananitti pirojektoota gurguddoo doolaara biiliyoona 30’n ijaaraman ifoomsaniiru. Pirojektoonni Gubaarratti ifooman Itiyoophiyaa cabiinsa dinagdee keessaa baasuun gara badhaadhina hunda galeessaatti kan ceesisanidha. Pirojektoonni kun madda nuukilaaraa, warshaa Xaa’oo, buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu, bakka gaaziin uumamaa itti oomishamu, calaltuu boba’aa fi misooma manneeniiti. Ministirri magaalaa fi bu’ura misoomaa injinar Mahaammad Abdurahmaan ENA’tti akka himanitti, mootummaan ida’amuu waggoottam muraasa dura hojiileen misooma magaalotaa fi ijaara maneen jireenyaatiin hojjete fayyadama walii galaa lammiilee kan mirkaneessanidha. Keessumaa Teeknooloojii fi tooftaaleen hojmaataa haaraan ijaarsa manneenii irratti hojiirra oolan qama labsii Gubaa kan ta’e pirojektiin misooma manneenii miiliyoona 1 tuqaa 5 muuxannoon guddaan kan irraa argame ta’uu ibsaniiru. Pirojekticha dhugoomsuuf gama faayinaansii, humna namaa, teeknooloojii fi hojiilee qophii bal’aa kana fakkaatan hojjetamuusaanii eeraniiru. Mootummaan ida’amuu fedhii dhiheessii manaa guutuuf hojiileen bu’a qabeessi hojjete keessaa hojiileen dame dhuunfaa waliin hojjetaman qooda guddaa akka qaban dabalanii ibsaniiru.
Tooftaawwan oomishtummaa qonnaa Itiyoophiyaa birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf bu'aa olaanaa galmeessisaa jiru
Oct 28, 2026 190
Onkoloolessa 18/2018(ENA)-Tooftaawwan oomishtummaa qonnaa Itoophiyaa birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf bu'aalee olaanoo galmeessisaa jiraachuu de’eetaan Ministira Tarsiimoo Biyyaalessaa Abbaas Mahaammad ibsan. Yaa'iin Imaammata Qonnaa Ardii Afrikaa, Inistiitiyuutii Qorannoo Imaammataa Itiyoophiyaa fi Inistiitiyuutii Qorannoo Imaammata Nyaataa fi Qonnaa Afrikaa waliin ta’uun qophaa'e Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera. Yaa'iin waggaa 13ffaan qooda fudhattoota ardii Afrikaa kun guyyaa har'aa dabalatee guyyoota sadiif kan turu yoo ta'u, mata duree “Dinagdee Nyaataa fi Qonnaa Dorgomaa Ijaaruu: Daandiiwwan Misooma Imaammataa, Daldalaa fi Industirii Afrikaa” jedhuun gaggeeffamaa jira. Deetaan Ministara Tarsiimoo Biyyaalessaa, Abbaas Mahaammad, yaa'icharratti akka ibsanitti, misoomni qamadii jallisii bonaa Itiyoophiyaa fedhii fayyadama biyya keessaa guutuun, biyyattii qamadii alaa galchuu irraa gara of danda'uutti ceesisuu danda'eera. Sagantaan Maaddii Guutuu oomishtummaa aannanii, lukkuu, damma, qurxummii, kuduraalee fi muduraalee guddisuun wabii nyaataa lammiilee mirkaneessuuf dandeettii guddaa uumuu ibsaniiru. Duulli Sagantaa Ashaaraa Magariisaas eegumsa biyyee fi bishaanii cimsuun oomishtummaa qonnaa waaraa mirkaneessuuf gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu himaniiru. Tattaaffiin Itiyoophiyaan oomishtummaa qonnaa gama maraan guddisuuf taasisaa jirtu, Afrikaa qabeenyaa fi dandeettii qonnaa bal'aa qabdu gara oomishtummaa dorgomaa ta'etti jijjiiruun birmadummaa nyaataa ardichaa mirkaneessuun akka danda'amu kan agarsiisu ta'uu ibsaniiru. Gara fuulduraattis, oomishtummaa qonnaa Afrikaa fooyyessuun sirna walitti hidhamiinsa gatii oomisha industirii jijjiirama qilleensaa dandamachuu danda'u diriirsuun barbaachisaa ta'uu hubachiisaniiru. Gama biraatiin, Daarektarri Olaanaan Inistiitiyuutii Qorannoo Imaammataa Itiyoophiyaa, Fiqaaduu Tsaggaa, fooyya'iinsi imaammata qonnaa Itoophiyaa damee qonnaa gara sirna ammayyaa fi gabaan hoogganamutti ceesisuu ibsaniiru. Keessumaa, maashinoota qonnaa gibira irraa bilisa ta'anii galchuu, gabaa dijitaalaa babal'isuu, misooma jallisii fi fooyya'iinsa sirna gabaa irratti hojiiwwan hojjetaman industiriiwwan oomisha qonnaa qindeessanii galtee itti dabalan guddisuu fi dargaggootaaf carraa hojii uumuuf gumaacha gaarii taasisaa jiraachuu himaniiru. Biyyoonni Afrikaas tarsiimoowwan oomishtummaa qonnaa Itiyoophiyaa irraa muuxannoo fudhachuun, sirna guddinaa fi badhaadhina waloo mirkaneessu hordofuu akka qaban ibsniiru. Walitti Qabaan Boordii Inistiitiyuutii Qorannoo Imaammata Nyaataa fi Qonnaa Afrikaa, Piroofeesar Andiruu Teemuu, gama isaanitiin, imaammattoonni qonnaa Afrikaa haala qabatamaa ardichaa irratti hundaa'uu akka qaban eeraniiru. Sagantaan Misooma Qonnaa Afrikaa Waliigalaa fi waliigalteen Naannoo Daldala Walabaa Ardii Afrikaa (AfCFTA) guddina ardichaa saffisiisuuf bu'uuraalee ifa ta'an ta'uu himaniiru. Daarektarri Olaanaan Inistiitiyuutii Qorannoo Imaammata Nyaataa fi Qonnaa Afrikaa, Dr Antoonii Chaapoottoo , sirna qonnaa fooyyessuuf qindoominni qooda fudhattoota damee qonnaa murteessaa ta'uu ibsaniiru. Yaa'iin qooda fudhattootaa kun bu'aalee qorannoo fi yaadota furmaataa oomishtummaa qonnaa Afrikaa guddisuu danda'an waljijjiiruun, tarkaanfiiwwan imaammataa qabatamoo fudhachuuf carraa kan uumu ta'uu himaniiru.
Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti lafa hektaara kuma 24 fi 900 rooba gannaan misoome irraa midhaan dhibbantaa 90 walitti qabameera
Oct 28, 2026 199
Onkoloolessa 18/2019 (ENA)- Naannoo Oromiyaa bulchiinsa magaalaa Adaamaatti lafa hektaara kuma 24 fi 900 rooba gannaan misoome rooba yeroo malee jalaa baasuuf midhaan dhibbantaa 90 duulaan walitti qabamuu waajjirri qonnaa bulchiinsichaa beeksise. Itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Alamuu Qilxuu har’a ENA’f akka ibsanitti, bara oomishaa 2018/19 bulchiinsa magaalichaatti lafa hektaara kuma 24 fi 900 irra sanyiin garagaraan facaafameera. Midhaan kana rooba yeroo malee jalaa baasuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Duula Kanaan kombaayinaroota 15 dabalatee barattootaa fi qaamolee nageenyaa akkasumas tola ooltota hirmaachisuun midhaan dhibbantoaa 90 walitti qabamuu dubbataniiru. Qonnaan bultoonni gareewwan misoomaa fi gurmaa’insatti gargaaramuun daboodhaan walitti qabachaa akka jiran himaniiru. Kan osoo walitti hin qabamiin hafe kutaalee hawaasaa garagaraa hirmaachisuun amma torban dhufuutti xumuruuf hojjetamaa akka jiru beeksisaniiru. Boqqoolloo, Qamadii, Xaafii fi midhaan biroo qisaasama irraa oolchuuf maashinaroota xixiqqaa fi kombaayinaroonni gahaan hojiirra oolfamuu ibsaniiru.
Gaaffiin mirga abbummaa hulaa galaanaa Itoophiyaa guddina waloofi nageenya naannichaaf murteessaadha - Ministirri Muummee duraanii Haayilamaariyaam Dassaalanyi
Oct 28, 2026 265
Onkololessa 18/2019 (ENA): Gaaffiin mirga abbummaa hulaa galaanaa Itoophiyaa guddina waloofi nageenya naannichaaf murteessaa waan ta’eef biyyoonni olla naannichaa mariif wal hubannaaf taa’uu qabu jedhan Ministirri mummee duraanii Hayilamaariyaam Dassaalanyi. Itoophiyaa fi Galaanni Diimaan adda bahanii jiraachuu hin danda’ani; galaanni Diimaan bu’uura jiraachuu lammiilee Itoophiyaati. Galaanni Diimaan qabeenya uumamaa Itoophiyaa, bu’uura daldalaa fi qaroomina akka ta’es seenaan, teessuma lafaa, aadaa fi seerri ni mirkaneessa. Ministirri Muummee Itiyoophiyaa duraanii Haayilamaariyaam Dassaalany ENAtti akka himanitti,Itoophiyaan biyya galaanaan hin marfamne, bal'ina lafaa bal'aa, baay'ina ummataa miliyoona 130 fi guddina dinagdee ariifataa qabdudha jedhani. Itoophiyaan galaana irraa km 60 fagaattee argamtus, karri galaanaa itti cufamuun sirrii akka hin taane dubbatan. Shirri Itoophiyaa hulaa gala irraa fageessuu akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1880moota keessa yeroo Awurooppaanonni Afrikaa weeraruuf qabatan akka ta’e yaadachiisuun, gaaffiin hulaa galaanaa Itoophiyaa yoo deebii sirrii hin arganne dhalootaa dhalootatti darbuun isaa waan hin oolledha jedhan. Gaaffiin hulaa galaanaa Itoophiyaa sirrii ta’uu ibsuun Hayilamariyaam Dassaalayni, akkaataa ittiin deebii sirrii argannu irratti qaamni hunduu tumsuu qaba jedhaniiru. Biyyoonni ollaas gaaffiin abbummaa hulaa galaanaa Itoophiyaa waliin guddachuu, nagaa fi tasgabbii eegsisuu, waan fooyya’aa dhaloota dhufuuf dabarsuu fi tasgabbiidhaan fi mariin taa’uu akka ta’e hubataniiru. #Mootummaa Ida’amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links
Ruuziin dinagdee ittiin fooyyeffachuu qofa osoo hin taane, oomisha birmadummaa biyya keenyaa kabachiisedha
Oct 28, 2026 146
Onkololessa 18/2019(ENA): Ruuziin dinagdee ittiin fooyyeffachuu qofa osoo hin taane, oomisha birmadummaa biyya keenyaa kabachiisedha jedhan qonnaan bultoonni Godina Lixa Oromiyaa. Qonnaan bultoonni Godina Lixa Oromiyaa Aanaa Hawaa Galaan Ruuzii alaa galu biyya keessatti oomishuun, wabii nyaataa mirkaneeffachaa jirra jedhan. Qonnaan bultootni kunniin Inisheetiivii Ruuzii kilaastaraan oomishaa jiran irraa fayyadamoo ta'aa jiraachuus himaniiru. Karoora Mootummaan oomisha alaa galan hambisuun biyya keessatti oomishuuf qabatee jiru milkeessuuf kilaastaraan Ruuzii misoomsuun fayyadamoo ta’uus dubbataniiru. Kanaanis aadaan qusannaa keenya gabbisuun diinagdeen keenya utubamaa waan jiruuf hojii oomisha ruuzii kana kan baroota darbaniirra dachaan dabaluun bal’ifnee hojjechaa jirras jedhan. Aanaa Hawaa Galaanitti bara kana Ruuzii lafa hektaara Kuma 16 ol irratti misoome irraa callaa kuntaala Kuma 74 ol argachuuf hojjetamaa jiraachuu, Bulchaa Itti Aanaafi Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaafi lafaa Aanichaa obbo Taarikuu Ittafaa himaniiru. Ruuziin misoomaa jiru kunis rooba yeroo maleetiin akka hin qisaasamneef qonnaan bultoonni waqtii isaa eeganii sassaabbachuu akka qabanis dhaamaniiru. #Mootummaa Ida’amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links
Naannoo Tigraayitti daldalaa jajjabeessuu fi gabaa tasgabbeessuuf hojjetamaa jira
Oct 27, 2026 247
Naannoo Tigraayitti daldalaa jajjabeessuu fi gabaa tasgabbeessuuf hojjetamaa jira Onkololeessa 17/2019 (ENA)-Naannoo Tigraayitti daldala jajjabeessuu fi gabaa tasgabbeessuuf hojjetamaa jiraachuu itti gaafatamaan olaanaa dhimma dinagdee fi deebisanii ijaaruu yeroo Ce’umsaa mootummaa federaalaa naannichaa Dr. Tewodiroos Aragaay ibsan. Naannichatti nageenyi akka mirkanaa’uu fi hojiiwwan deebisanii ijaaruu akka ciman mootummaan federaalaa xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuus ibsaniiru. Itti gaafatamaan olaanaa dhimma dinagdee fi deebisanii ijaaruu bulchiinsa yeroo ce’umsaa mootummaa federaalaa naannoo Tigraay Dr. Tewodiroos Aragaay har’a ENA’f akka ibsanitti, bulchiinsi yeroo ce’umsaa naannichatti erga hundeeffamee kaasee caasaalee hawaasummaa, dinagdee fi daldalaa miidhaman deebisanii ijaaruu fi rakkoolee uumaman furuuf ummanni jireenya isaa idilee akka itti fufuuf carraaqqiin guddaan taasifamaa jira. Sababa garee seeraan alaa ABUT’n dhaabbileen tajaajila idilee kennanii fi bu’uraaleen misoomaa yeroo dheeraaf addaan citanii turan gara hojii idileetti deebi’uu Dr. Tewodiroos ibsaniiru. Caasaalee mootummaa garee seeraan alaa ABUT’n diigaman deebisanii dhaabuu fi tajaajila ummataa itti fufsiisuuf qindeessitoota yeroo ramaduun cimee itti fufuu ibsaniiru. Naannichatti sochiin gabaa akka jabaatuu fi dhiyeessiin nyaataa fi meeshaaleen nyaataan walqabatan akka guutamuuf bulchiinsi yeroo ce’umsaa hawaasa daldalaa waliin ta’uun hojjechaa jiraachuu eeraniiru. Kanaanis hanqinni dhiyeessii jiru suuta suutaan furamaa jiraachuu ibsaniiru. Yeroo ammaa kana waltajjiiwwan hubannoo uummataa cimanii itti fufuu Dr.Tewodiroos ibsanii, fedhii fi gaaffieen ummataa waltajjiiwwanirratti kaafaman bu’ureffachuun deebiin kennamaa akka jiru ibsaniiru. Dhiyeessii meeshaalee barbaachisoo guutuu, sochii daldalaa jajjabeessuu fi gabaa tasgabbeessuuf abbootii qabeenyaa, baankotaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu biroo waliin ta’uun hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hojjetamuu isaanii ibsaniiru. Yeroo ammaa kana meeshaaleen nyaataa fi oomishaaleen nyaataan walqabatan gara naannichaa galamaa jiraachuus eeraniiru. Bulchiinsa magaalaa Maqaleetti adeemsi baruu fi barsiisuu jalqabame naannichatti iddoowwan hundatti akka jalqabamuuf qophiin barbaachisaan taasifamaa jiraachuus Dr. Tewodiroos ibsaniiru. Naannoo Tigraayitti nageenyi akka cimuu fi hojiiwwan deebisanii ijaaruu akka jabaatan mootummaan federaalaa xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Buna sanyii fooyya'aa misoomsuun irraa fayyadamaa jirra -Qonnaan Bultoota
Oct 27, 2026 165
Onkoloolessa 17/2019(ENA)-Godina Baha Oromiyaa Aanaa Daaroo Labuutti Oomisha Buna qulqullinaan dhiheessuun bu'aa gaariin irraa argachaa jirra jedhan qonnaan bultoonni buna oomishan. Aanichi Oomisha Bunaan bara dheeraa kan beekamu ta'us sababa rakkoo hanqina qulqullinaatiin faayidaa argachuu malan akka hin arganne dubbataniiru. Yeroo ammaa sanyii filatamaa Bunaa babal'isuun oomisha dabaluu fi qulqullina isaaf ammoo ulaagaa kaa'ame guutuun gabaaf dhiheessanii galiin argatan dabalaa jiraachuu qonnaan bultoonni aanichaa ibsaniiru. Qonnaan bultoonni kunneen yeroo ammaa galii dhuunfaa isaanii fooyyessuun sharafa alaas argamsiisuun dinagdee biyyaaf tumsaa jiraachuu dubbataniiru. Bulchaa Itti Aanaa fi Itti Gaafatamaan waajjira Qonnaa fi Lafaa Aanaa Daaroo Labuu Dr. Najjaash Abdallaa Buna sanyii filatamaa Jiddu gala Qorannoo Qonna Machaaraan mirkanaa’e babal’isuun oomishitummaa isaa gandoota aanichaa 32 keessatti dabaluuf hojjechaa jirra jedhan. Qulqullina Bunaaf immoo xiyyeeffannoon addaa kennamee hojjetamaa jiraachuu himaniiru. Bara kana Buna toonii kuma 3 gabaa jidduu galeessaaf dhiyeessuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.