Diinagdee - ENA Afaan Oromoo
Diinagdee
Pirojektoota namarratti xiyyeeffatan kan naannoo Harariitti gaggeeffamaa jiran qulqullinaa fi hatattamaan xumuruuntajaajilaaf akka oolan taasifamaa jira
Oct 17, 2026 99
Onkoloolessa 7/2019 (ENA) - Pirojektoota namarratti xiyyeeffatan kan naannoo Harariitti gaggeeffamaa jiran qulqullinaa fi hatattamaan xumuruuntajaajilaaf akka oolan taasifamaa jiraachuu pirezidaantiin naannichaa Ordiin Badrii ibsan. Pirezidaanti Ordii miseensota kaabinee waliin ta’uun pirojektoota qarqara lagaa, wiirtuu dhaabbilee, daandii fi misooma kooriidaraa magaalaa Hararitti hojjetamaa jiran daawwataniiru. Pirojektoonni kunneen qulqullinaa fi hatattamaan hojjetamaa akka jiran pirezidaantichi eeranii, hojiiwwan bu’ura misoomaa fi misooma kooriidaraa ummata fayyadamaa taasisan itti fufiinsaan akka hojjetaman dubbataniiru. Misoomni kooriidaraa qaqqabiinsa bu’ura misoomaa guddisuun alatti haala jireenya lammiilee fooyyessaa akka jiru eeranii, milkaa;inasaaf deeggarsi ummataa cimee itti fufuu akka qabu hubachiisaniiru. Magaalaa Hararitti misomni jijjiirama bu’uraa fidaa kan jiru yoo ta’u, fuulduras hojiileen misoomaa Kanaan wal qabatan akka hojjetaman mirkaneessaniiru.
Magaalaan Shaggar Magaalaa bu'aa Mootummaa ida’amuun yaada haaraan ijaaramuun dorgomaa ta'aa jirtudha – Doktar Tashoomaa Addunyaa
Oct 17, 2026 125
Onkoloolessa 7/2019 (ENA) – Shaggar Magaalaa ammayyaa bu'aa Mootummaa ida’amuun yaada haaraan ijaaramuun dorgomaa ta'aa jirtudha jedhan kantiibaan magaalattii Doktar Tashoomaa Addunyaa. Koreen Dinagdee Gooroo Oromiyaa Magaalaa Shaggaritti hojiiwwan kenna tajaajilaa Wiirtuu tajaajila tokkoo Masoob fi sochii hojii Pirojeektiiwwan misoomaa garagaraa daawwachaa jiru. Haaluma kanaan koreen Dinagdee Gooroo Oromiyaa Magaalaa Shaggaritti hojiiwwan kenna tajaajilaa fi sochiiwwan hojii Pirojeektiiwwan misoomaa garagaraa fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf hojjetaman daawwachaa jiru. Sagantaa kana irrattis Hogganaan Biiroo Maallaqaa Oromiyaa doktar Abdullaaziiz Daawud, hogganaa Biiroo karooraa fi misoomaa Oromiyaa doktar Abdii Yuuyyaa, akkasumas itti Aanaa mana hojii odiitara muummichaa Oromiyaa Obbo Tolasaa Abboomaa argamaniiru. Sadarkaa itti Aanaa Pirezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti kantiibaa Magaalaa Shaggar doktar Tashoomaa Addunyaa; Shaggar Magaalaa bu'aa Mootummaa ida’amuun yaadaa fi Pilaanii haaraa qindaa'aan hundoofte ta'uu ta’uu dubbataniiru. Magaalaa Shaggar dorgomtuu fi giddugala dinagdee taasisuuf carraawwan dameelee hundaa irratti xiyyeeffachuun hojii hojjetameen bu'aawwan gama hawaas-dinagdeen argaman olaanaa ta'uu himaniiru. Hojii waggoottan darbanitti hojjetameen gama Qonnaan Oomishaa fi Oomishtummaa sadarkaa olaanaatti kan guddate yoo ta'u, sochiiwwan babal'ina Investimentii tarkaanfachiisuun kan danda'ame ta'uu kaasaniiru. Kana malees sirna bulchiinsa qabeenya lafaa ammayyeessuun al-seerummaa fi saamicha lafaa hambisuun kan danda'amee fi mirga ragaa abbaa qabiyyummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuun danda'amuu ibsaniiru. . Dorgomtummaa fi ammayyummaa Magaalichaa dhugoomsuufis hojiin misooma Kooridarii qabiyyeewwan guutuun kiilomeetira 135 hojjetamuu eeraniiru. Waggoottan afran darbanitti fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf hojii hojjetameen Piroojeektiiwwan misoomaa garagaraa kuma 1 fi 363 tajaajilaaf qopheessuun kan danda'ame ta'uu ibsaniiru.
Pirojeektoota Mootummaa Idaa'amuu: Abdi dhaloota egere
Oct 16, 2026 307
Mootummaan Ida'amuu jireenya hawaasaa jijjiiruuf hojiiwwan misoomaa ariifachiisoo, teeknooloojii ammayyaa fi tajaajila hawaasummaa walitti hidhuun, badhaadhina dhugoomsuuf kutannoon hojjechaa jira. Yaad-rimeen kun guddina dinagdee gabaa hawaasummaa hordofuun hiyyummaa balleessuu fi qabeenya haqa qabeessaan qooduu irratti xiyyeeffata. Milkaa'inni Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa ijaarame milkaa'ina seenaa qabeessa biyyattii fi guutummaa Afrikaa ta'uun isaa ni beekama. Pirojektii guddicha kanaan milkaa’inni argame abdii imala guddina dinagdee biyyaa fi tokkummaan hawaasaa kan itti mirkanaa’edha. Lammiileen Itoophiyaa hundi bittaa boondii, gumaacha maallaqaa, akkasumas humnaafi beekumsa isaaniitiin qooda guddaan gumaachaniiru. Pirojektiin kun liqii fi gargaarsa alaa malee, guutummaatti humna, beekumsaa fi qabeenya Itoophiyaanotaa fi diyaasporaatiin xumurame. kunis Itoophiyaan hirmaanna tokkummaa uumatasheen karoorsitee raawwachuu akka dandeessu kan itti mul’istedha. Naannoo Hidhichaatti Haroon Nigaat uumamee misooma jallisii, horsiisa qurxummii, geejjiba bishaan irraa ykn doonii fi turizimiitiif carraa haaraa uumeera. Hidhichi dhiyeessii humna elektirikii amansiisaa biyya keessaaf kennuu cinaatti, humna ibsaa biyyoota ollaaf dhiyeessuun Itoophiyaa giddugala Humna Elektirikii Afrikaa Bahaa taasiseera. Hidhi haaromsaa mallattoo tokkummaa, obsa qabaachuu, jabinaa fi injifannoo ummata Itoophiyaa ta'uun mirkanaa'eera. Hidha Abbayyaa marsaa xumuraaf guutamuu Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad beeksisanii pirojektoota meeggaa fayyadamummaa Uummataa mirkaneessan ifoomsaniiru. Itoophiyaan waggoota dhiyoo keessa pirojektoota misoomaa gurguddoo hedduu hojjechuun guddina dinagdee, hojii uumuu fi jireenya uummataa fooyyessuuf hojjechaa jirti. Pirojektootni kunneen guddina yeroo dheeraa biyyaaf bu'uura ta'uu isaanii irratti kan xiyyeeffatanidha.kanneen keessaa mmuraasni : Ijaarsa Warshaa Xaa'oo Godee Waarshaan xaa’oo Godee pirojektoota gurguddoo fayyadamummaa uummataa mirkneessan keessaa tokko yoo ta’u, ijaarsa Warshaa yeroo gabaabaa keessatti xumuruuf xiyyeefatamee hojjetamaa jira. waarshaan kun yeroo xumuramu rakkoo dhiyeessii xaa'oo biyyattiin qabdu waliigalaan furuuf hojjetamaa jira. Damee qonnaaf galteewwan ammayyaa dhiyeessuun nyaataan of danda'uu kan mirkaneessuudha. Piroojektiin kun bajata guddaa doolaara biiliyoona 2.5 oliinii fi tumsa dhaabbilee gurguddoo akka Daangootee Giruuppii waliin jalqabameera. pirojektiin kun yeroo xumuramu Omishaa fi Omishtummaa qonnaan bulaa mirkaneessuun fayyadamummaa uumataa dhugoomsa. Ijaarsa Pirojektii Buufata Xiyyaaraa Bishooftuu Pirojektii buufata Xiyyaaraa Bishooftuu boqonnaa milkaa’inaa Itiyoophiyaa haaraa keessaa tokkodha. Waggoottan darban fayyadama walii galaa lammiilee mirkaneessuudhaan akkasumas dhaabbilee cimaa gama ijaaruutiin hojiileen ijoon biyyattii ol kaasan raawwatamanii jiru. Dhaabbilee milkaa’inni keessatti galmaa’an keessaa daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa isa tokkodha. Dhaabbatichi dameewan hundaan humnasaa guddifachaa jira. Kanaaf ammo ijaarsi buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu ragaadha. Mootummaan Ida’amuu Pirojektoota Meeggaa fayyadamummaa uummataa mirkaneessan bocuun hojiitti galeera.Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ijaarsa buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu yeroo jalqabsiisan dooniiwwan samiirra balali’aniif akka buufataatti tajaajila, Kunis cabinsa sirna loojistiksii Itoophiyaa bara dheeraaf deebii kan ta’udha jechuunsaanii ni yaadatama. Ijaarsi buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu agarsiiftuu guddina Aviyeeshinii Afriikaa fi fakkeenya guddaa akka ta’u ni abdatama. Pirojektiin kun Itiyoophiyaa Aviyeeshinii addunyaa adda duree ta’an keessaa tokko kan isa taasisuu fi dandeettii dorgommii Idil-Addunyaa daandii qilleensaa Itiyoophiyaa baay’ee guddisa. Seenaa Afriikaa keessatti pirojektii bu’ura misooma Aviyeeshinii isa guddaa waan ta’eef Itiyoophiyaan dandeettii damee geejjiba qilleensaatiin qabdu caalaatti beeksisa. Faayidaa Hawaas dinagdeef qabu Buufatni Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Bishooftuu faayidaawwan tarsiimawaa fi dinagdee gurguddoo dhiheessu qaba Misooma Magaala Haaraa: Dameewwan daldalaa, industirii fi turizimiitiin guddina naannawaichaaf gumaacha guddaa gochuun sochii dinagdee dabalataa ni uuma. Invastimantii Alaa: Sababa guddinaa fi faayidaa tarsiimawaa isaatiin invastimantii kallattii alaa gara Itiyoophiyaatti hawwata. Carraa Hojii Uumuu: Yeroo ijaarsaasaas ta'e erga xumuramee tajaajila kennuu egaleen booda lammiilee biyyattii kumaan lakkaa'amaniif carraa hojii kallattii fi al-kallattii ni uuma. Dandeettii Pirojektoota Gurguddoo Mirkaneessuu: Aadaa hojii haaraa Itoophiyaan pirojektoota meeggaa qulqullinaanii fi yeroo qabameef keessatti xumuruuf qabdusadarkaa idil-addunyaatti irra deebi'ee kan mirkaneessudha. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa!
Godin Kibba Lixa Oromiyaa Aanaa Daaboo Haannaatti oomishni garagaraa kilaastaraan misoomaa jiru hoggansa godinichaan daawwatame
Oct 16, 2026 211
Onkoloolessa 6/2019 (ENA)- Godin Kibba Lixa Oromiyaa Aanaa Daaboo Haannaatti oomishni jirbii, aatoo boonsituu fi sanyii filatamaa boqqolloon misoomaa jiru hoggansa godinichaan daawwatameera. Bulchaa ittaanaa fi itti gaafatamaan damee misoomaa godina Kibba Lixa Oromiyaa Obbo Indaalkaachoo Tafarii wayita kana akka jedhanitti, godinichi qabeenya dilbii misooma addaddaaf oolu qaba. Bu’aa hojii hanga ammaatti hojjetameen argameen olitti gurmaa'insa haaraatiin misooma caalaa mirkaneessuuf ni hojjetama jedhaniiru. Hojiiwwan misoomaa hojjetamaa jiruun oomishtummaa dabaluu fi damee qonnaatiinis carraa hojii bal'aa uumuun akka danda’ame eeraniiru. Fuulduraafis oomishtummaa dachaan dabaluuf kan hojjetamu tahuu dabalanii ibsaniiru. Itti gaafatamaa ittaanaan waajjira qonna godina Kibba Lixa Oromiyaa Obbo Geetahun Guuttataa, oomishaalee warshaaf galtee ta'an, alergiif oolanii fi dinagdee qonnaan bulaa fooyyessan irratti xiyyeeffachuun inisheetiiviiwwan misoomaa hojiirra oolaa jiraachuu dubbataniiru. Qonnaan bultootni Aanaa Daaboo Haannaas hojiiwwan misoomaa hojjetaniin callaa gaarii kan abdatan tahuu fi kanaanis galii isaanii guddifachuuf kan abdatan tahuu himaniiru. Komunikeeshinii godina kibba lixa Oromiyaarraa
Gamtaan Awurooppaa deeggarsa misooma itti fufinsa qabu Itoophiyaaf taasisu cimsee akka itti fufu mirkaneesse
Oct 16, 2026 243
Onkololeessa 6/2019 (ENA):-Gamtaan Awurooppaa deeggarsa misooma itti fufinsa qabu Itoophiyaaf taasisu cimsee akka itti fufu mirkaneesseera. Jilli Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa Doktar Iyyoob Takkalinyiin durfamu, walga’ii waggaa Dhaabbata Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) fi Baankii Addunyaa cinaatti, Komishinara Gamtaa Awurooppaa Dhimmoota Tumsa Idil-addunyaa, Yooseef Siikeelaa waliin mariyateera. Yeroo kanatti, dhimmoota ajandaa misoomaa waloo guddina dinagdee Itoophiyaatiif dursa kennaman, akkasumas tumsa fuulduraa irratti mariyataniiru. Komishinarri Gamtaa Awurooppaa Dhimmoota Tumsa Idil-addunyaa Yooseef Siikeelaa, marii isaaniin Itoophiyaan michuu Gamtaa Awurooppaa ta’uu ibsaniiru. Itoophiyaan nagaa fi tasgabbii Gaanfa Afrikaa, keessumaa naannoo Galaana Diimaa keessatti gumaacha olaanaa taasistu, akkasumas Gaanfa Afrikaa keessatti gahee ijoo tarsiimawaa qabdu dinqisiifataniiru. Dabalataanis, Gamtaan Awurooppaa galmawwan misooma itti fufiinsa qabu Itoophiyaan galmaan ga’uuf tattaaffii taasistu deeggaruu cimsee akka itti fufu mirkaneessaniiru.
Daawwannaan Midhaan Kilaasteraan omishamee gaggeeffame
Oct 16, 2026 149
Onkoloolessa 6/2019 (ENA) Godina Giddugaleessa Oromiyaa Aanaa Ejersa Lafootti guyyaa ayyaana qonnaan bulaa sababeeffachuun daawwannaan Kilaastera Qamadii fi Xaafii gaggeeffameera. Daawwanicharratti Itti Aanaa Qonnaa fi itti gaafatamaa damee Qonnaa Godina gidugaleessa Oromiyaa obbo Tarrafaa Araarsaa fi hoggantoonni biroon argamaniiru. Godinichatti Oomishaa fi Oomishitummaa dachaan dabaluun karoora of danda'uu hojiirra oolchuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira. Waajjira Qonnaa Godina giddugaleessa Oromiyaatti Itti Aanaa Qonnaa fi itti gaafatamaa damee Qonnaa Godina gidugaleessa Oromiyaa obbo Tarrafaa Araarsaa dinagdee qonnaan bulaa guddisuuf oomishaaf omishitummaa qonnaan bulaa dabaluun murteessaa ta'uu kaasanii; imala nyaataan of danda'uu hojiirra oolchuuf bonaaf ganna hojjechuun murteessaa ta'uudubbataniiru. Bulchaa Aanichaa Obbo Kabbadaa Leellisaa akka dubbatanitti,Aanichaatti Oomisha Kilaastera qonnaa keessatti hojiin hojjetamaa jiru fakkeenya gaarii fi muuxannoo qonnaan bultoota biroof qooduuf qofa osoo hintaane qonnan bulaan gootaraan isaa guutee dinagdeen akka of danda'uu fi galii biyyaa guddisuu Keessatti gahee Olaanaa qabaachuusaa ibsaniiru. Itti Aanaa Bulchaa,Itti gaafatamaa Waajjira Qonnaafi Lafaa Aanichaa Obbo Balaay Tasfaayee gama Isaaniin Ayyaanni Qonnaan Bultootaa kun milkaa’ina, badhaadhinaa fi oomishtummaa guddaa fiduu akka danda'uu himuun,Ogeeyyiin qonnaa qonnaan bultoota keenya deeggaruun, misooma qonnaa fi Imala badhaadhina dhugoomsuu ciminaan hojjenna jedhaniiru
Harkifannaa ijaarsa pirojektoota daandii irratti mul’atan furuun, yeroonii fi qulqullinaan xumuramanii tajaajila hawaasaaf akka oolaniif ni hojjetama – Doktar Rashaad Kamaal
Oct 15, 2026 231
Onkoloolessa 5/2019 (ENA) Harkifannaa ijaarsa pirojektoota daandiirratti mul'atan furuun yeroof qulqullinaan xumuramanii tajaajila hawaasaaf akka oolaniif akka hojjetamu Sadarkaa Pirezidaantii Ittaanaatti Bulchaan Godina Kibba Lixa Oromiyaa Doktar Rashaad Kamaal ibsan. Doktar Rashaad Kamaal babal'inaaf ijaarsawwan misoomawwan bu'uuraa uummataaf hojjetamanirratti dhaabbileen misoomaa, hoggantootni sadarkaan jiraniif hawaasni naannichaa qindoominaan hojjechuu qabu jedhaniiru. Mareen rakkoo harkifannaa pirojektoota daandiiwwan gurguddaa godina Kibba lixa Oromiyaa keessatti hojjetamaa jiran biratti mul'atan furuu irratti xiyyeeffate gaggeeffameera. Maricharratti hoggantootni Abbaa Taayitaa Daandiiwwan federaalaa Damee Jimmaa, waajjira tajaajila ibsaa fi hoggantootni aanaalee godinichaa ijaarsi daandiiwwan gurguddoon keessa qaxxaamuran argamaniiru. Harkifannaa Ijaarsa daandiiwwan gurguddoo kunneeniif sararootni ibsaa daandiirraa yeroon kaafamuu hafuu fi gaaffileen beenyaan walqabatan ijaarsi daandii yeroon akka hin xumuramneef sababa tahuun ibsameera. Kanaafis hoggansi sadarkaan jiruu fi waajjirri humna ibsaa wal hubannaan rakkoolee mudatan waloomaan akka furaniif ibsaniiru. Abbaan Taayitaa daandiiwwanii harkifannaawwan hojii ijaarsa pirojektoota keessatti mul'atu ariitiin furuun komee hawaasni tajaajila daandiirratti qabu akka deebisu hubachiisaniiru. Pirojektootni kunneen qulqullinaaf yeroon xumuramuu qabu kan jedhan Doktar Rashaad; dhaabbileen misoomaaf hoggansi sadarkaan jirus rakkoo ijaarsa pirojektii keessatti mul'atu waloomaan hiikuun galma barbaadane milkeessuu qabus jedhaniiru. Madda Koominikeeshinii Godinichaarraa. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa!
Qulqullina Bunaa fooyyessuun Buna gabaa giddu galeessaaf dhihaatu dabaluuf hojjetamaa jira
Oct 15, 2026 169
Onkoloolessa 5/2019 (ENA)-Qulqullina Bunaa fooyyessuun Buna gabaa giddu galeessaaf dhihaatu dabaluuf hojjetamaa jiraachuu waajjirri qonnaa godina Lixaa Oromiyaa beeksise. Bara oomishaa 2019 Buna kuntaala miiliyoona 1 fi kuma 130 fi 410 oomishuuf karoorfamee kana milkeessuuf hojjetamaa akka jiru itti aanaan itti gaafatama waajjira qonnaa godinichaa Dr. Darajjee Biraanuu ibsaniiru. Godinichatti hojiin oomisha Bunaa hedduun akka jiru kan dubbatan Dr. Darajjeen, rakkoolee qulqullinaa Buna walitti qabamu keessaa toonii kuma 42 fi 955 tuqaa 6 dhiheessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Amma ammaatti aanaalee afur irraa Bunnni toonii 119.34 gabaa jiddu galeessaaf dhihaachuun himameera. Qulqullina Bunaa mirkaneessuu fi akkaataa karoorfameen gabaaf dhiheessuuf oomisha Bunaa guddisuun gamatti galii oomishtoota guddisuu fi gabaa Bunaa biyyattii cimsuuf murteessaadha jedhaniiru. Godinicha aanaa guutoo Giddaatti Buna kan oomishan keessaa qonnaan bulaan Mitikkuu Balaayi qulqullina Bunaa fooyyesuuf muuxannoo haala oomishaa fooyya’aa fi akkaataa kunuunsa oomishaan boodaa hojiirra oolchuun barbaachisaa waan ta’eef deeggarsa ogeeyyota qonnaarraa argateen hojjechaa akka jiru ibseera. Buna Yeroon walitti qabuu fi qulqullinaa gogsuun gatii Bunaa dabaluuf akka gargaaru waan hubataniif qulqullinaan oomishanii gatii fooyya’aa argachuuf hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Qonnaan bulaa Yaasiin Warquu gamasaaniin, qulqullina Bunaa eeganii karaa gurmaa’een gabaaf dhiheessuun galii oomishtootaa guddisuun akka danda’amu ibsaniiru. Lafa heektaara tokko caalu irraa oomisha fooyya’aa argachuuf karoorsanii hojjechaa akka jiran ibsaniiru.
Gaaffiin hulaa galaanaa itti jirru galma akka gahu qooda keenya ni baana-Jiraattota magaalaa Adaamaa
Oct 15, 2026 207
Onkololessa 05/2019 (ENA)-Itiyoophiyaan hulaa galaanaa shiraan irraa fudhatame deedisiisuuf hojii mootummaa ida’amuun eegalame guutummaatti akka deeggaranii fi galmaan gahuun qoodasaanii akka bahan jiraattonni magaalaa Adaamaa ibsan. Itiyoophiyaan seenaashee keessatti barootaaf abbaa hula galaanaa galaana diimaa ta’uun daldala idil addunyaa, humna galaanaa fi dhageettii ji’oo siyaasaa fayyadamaa kan turte biyya galaanaa ishee duriiti. Haa ta’u malee diinonnishee yoomiyyuu shira xaxaniin Itiyoophiyaan biyya ummata mil. 120 qabdu biyya addunyaa hula galaanaa hin qabne taateetti. Jiraattonni magaalaa Adaamaa dhimma kanarratti ENA’f yaada kennan akka jedhanitti, Itiyoophiyaan mirga hula galaanaa dogoggoraan dhabde kabachiisuuf carraaqqii dippilomaasii fi tarsiimawaa mootummaan itti jiru guutummaatti ni deeggaru. Mul’ata biyyaalessaa kana galmaan gahuuf hojii hojjetamu keessatti qoodasaanii bahuuf qophii ta’uu isaanii jiraattonni ibsaniiru. Isaan keessaa obbo Dirribaa Caalaa akka ibsanitti, galaanni diimaa qabeenya Itiyoophiyaan uumamaan qabdudha. Kaayyoon keenya ijoon hula galaanaa shiraan dhanbne deebifachuu malee karaa bahumsaa barbaachuu miti kan jedhan obbo Dirribaan, haqni jiru qaqqabiinsi galaana diimaa abbaaf/Itiyoophiyaaf akka deebi’u gochuudha jechuun ibsaniiru. Abbummaa hula galaanaa mirkaneessuuf dippilomaasiin dursuu qabaatus, gaaffii keenya deebifachuuf amma aarsaa lubbuutti kaffaluuf qophiidha jechuun dubbataniiru. Hawaasni addunyaa haqa Itiyoophiyaa akka hubatu carraaqqii dippilomaasii fi garagaraa mootummaan ida’amuu itti jiru cimee itti fufuu qaba jedhaniiru. Obbo Xilahuun Raagoo yaada kennaniin, miseensa raayyaa ittisaa biyyaalessaa duraanii ta’uun Asabii fi Mitsiwwaa jiraachuun daangaa biyyaa eegsisaa akka turan dubbatu. Mootummaan ida’amuu gaaffii hula galaanaa ilaalchisee hojii dippilomaasii bu’a qabeessa hojjechaa jiraachuu kan dubbatan obbo Xilahuun, gaaffiin kun akka milkaa’u mootummaa cinaa dhaabannee deeggarsaa fi aarsaa barbaachisu nikaffalla jedhaniiru. Gaaffiin abbummaa hula galaanaa mootummaa ida’amuutiin gaafatame ija akka banannuu fi abdiin keenya akka lalisu nu taasiseera kan jedhan ammoo jiraataa magaalaa Adaamaa obbo Mallasaa Ayyaalooti. Kiraan buufataa fi qaraxni kaffalamu irraa kan ka’e ummata Itiyoophiyaa hiyyummaaf saaxiluusaa gaabbiidhaan dubbatu. Itiyoophiyaan hula galaanaa shira diinota keessaa fi alaatiin dhabde deebiftee harkatti akka galfattu sochii fi tarkaanfii mootummaa ida’amuutiin eegalamee akka milkaa’u waan nurraa eegamu hunda raawwachuuf qophiidha jechuun mirkaneessaniiru.
IMF guddinaa fi ce’umsa dinagdee hunda galeessa Itoophiyaaf deeggarsa taasisu akka ittifufu mirkaneesse
Oct 14, 2026 298
Onkoloolessa 4/2019 (ENA) Dhaabbanni Maallaqaa Addunyaa (IMF) deeggarsa ce’umsaa fi guddina diinagdee hunda-galeessa Itoophiyaaf taasiisu haala fulla’aa ta’een kan ittifufu ta'uu beeksiseera. Walgaa’iin waggaa Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa (IMF) fi Baankii Addunyaa Taayilaand, Baankokitti gaggeeffamaa jira. Walga’icharratti garee jilaa Bulchaa baankii biyyaalessaa Itoophiyaa Dr.Iyyoob Taakkaallanyiin durfamu hirmaachaa jira. Walga’icha cinaatti Dr. Iyyoob Takaaliny itti aanaa daarektara IMF Naayijeel Kilaarki waliin marii taasiisaniiru. Naayijeel Kilaarki, kaka'umsa, carraaqqii fi kutannoo cimaa Itoophiyaan riifoormii dinagdee itti fufsiisuuf qabdu dinqisiifataniiru. Biyyattiin qormaatilee ishee mudatan dandamachuudhaan kutannoo fi jijjiiramicha ittifufsiisuuf dandeettii ishee irratti xiyyeeffannoo kennanii dubbataniiru. Dabalataanis Itti aanaan Daarektarichaa, IMF hariiroo Itoophiyaa waliin qabu caalaatti cimsuuf fi tarsiimoo jijjiiramaa fi guddina diinagdee hunda-galeessa biyyattiif deeggarsa waaraa taasiisu caalaatti cimsee kan ittifufu ta'uu mirkaneessaniiru. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa!
Itoophiyaa fi Faransaay tumsa dinagdee isanii cimsuuf akka hojjetan ibsan
Oct 13, 2026 445
Onkoloolessa 3/2019 (ENA) Itoophiyaa fi Faransaay tumsa diinagdee yeroo dheeraa gidduu isaanii jiru caalaatti cimsuuf akka hojjetan beeksisan. Walga’iin waggaa Dhaabbata Maallaqa Addunyaa (IMF) fi Baankii Addunyaa bara 2026 Taayilaand, Baangkookitti gaggeeffamaa jiru itti fufeera. Jilli bulchaa Baankii biyyaalessaa Itoophiyaa Dr. Iyyoob Takaalinyiin durfamu Walga’ii kanarratti hirmaachaa jira . Jilli kun walga’ii kana cinaatti itti aanaa barreessaa olaanaa Maallaqaa Faransaay Thomaas Riviyaal waliin marii gam-lamee gaggeessaniiru. Walga'iin kun tumsa dinagdee yeroo dheeraa Itoophiyaa fi Faransaay gidduu jiru gamaaggamuuf carraa gaarii uumeera. Marichaanis, ce’umsa riifoormii diinagdee gooroo Itoophiyaan hojiirra oolchaa jirtuun jijjiiramni bu’aa qabeessi dhufeera. Dabalataanis, deeggarsaa fi hirmaannaa Faransaay dhiyeessii misoomaa Itoophiyaatiif gochaa jirtu irratti mari'atameera. Maricharratti gareen lamaan misooma faayinaansiin, sirna liqii itti fufinsa qabuu fi bulchiinsaa, investimentii fi ijaarsa dandeettii dhaabbilee irratti caalaatti waliin hojjechuuf yaada wal-jijjiirraniiru. Marii kun tasgabbii diinagdee fi guddina waaraa mirkaneessuuf tumsa itti fufinsa qabuuf gahee murteessaa akka qabu irratti xiyyeeffatameera.
Hojii dhabdummaadhaan yeroo dabarsinu gara oomishtummaatti jijjiiruun kanneen biroofis madda galii uumaa jirra
Oct 13, 2026 238
Onkoloolessa 03/2019 (ENA)- Dargaggoonni magaalaa Jimmaa Bunaa fi loozii sona itti dabaluun hojii dhabdummaadhaan yeroo dabarsan gara oomishtummaatti jijjiiruun kanneen biroofis madda galii uumaa jiraachuu ibsan. Jimmaa fi naannoon ishee Bunaa fi looziidhaan beekamaa ta’us, oomishaaleen kunneen sona osoo itti hin dabaliin callaansaanii gabaaf kan dhihaatan waan ta’eef oomishtootarraa kaasee amma dargaggootaatti kan fayyadamu nama muraasa ture. Kana malees dargaggoonni naannawichaa hedduun carraan hojii gahaan waan hin jirreef hojii dhabdummaaf saaxilamanii turaniiru. Haa ta’u malee yeroo dhihoo asitti dargaggoonni magaalaa Jimmaa waldaalee xiqqaa fi maayikiroon gurmaa’an hula kana gara carraa gaariitti jijjiiraa jiru. Oomishaalee akka jirutti gurguruu manna teeknooloojii fi kalaqatti gargaaramuun akaawwii, dhadhaa loozii fi daakuu fi buna saamsamame qiqindeessuun gabaaf dhiheessuu eegalaniiru. Jiraataan magaalaa Jimmaa dargaggoo Junaddii Alii hojii dhabee yeroosaa qisaasaa akka ture dubbata. Yeroo booda garuu haala naannawataa hubachuu fi qorachuun buna daakame gabaaf dhiheessuuf karoorsee hiriyyootasaa waliin gurmaa’ee hojii eegaluusaa ibseera. Bulchiinsi magaalichaarraa leenjii argachuusaa fi hordoffiin akka taasifameef ibsee, yeroo ammaa buna qiqindeessuun gabaaf dhiheessaa akka jiru dubbateera. Dargaggoo Najaa Danuur hiriyyootasaa waliin gurmaa’uun loozii qiqindeessuun carraa hojii uummatariiru. Bittaan maashinii fi bakki hojii erga mijeeffameefiif booda hojii eegalanii haadholii naannawichaa 13’f carraa hojii uumaniiru. Hojii kana gara Invastimantiitti jijjiiruuf fedhii akka qaban dargaggoo Najaa dubbateera. በDargaggoota Kanaan carraa hojii kan argatan adde Foozee Abbaafiraa hojii argachuusaaniitti akka gammadan dubbataniiru. Adde Waziifaa Abbaaraayyaa fi Shamsee Abbaamoggaa carraa hojii kanatti fayyadamuusaanii dubbataniiru. Waajjira carraa hojii uumuu magaalaa Jimmaatti dursaan garee carraa hojii uumuu obbo Ashannaafii Girmaa, bara kana namoota kuma 31 fi 700’f carraa hojii uumuuf karoorfamee kurmaana jalqabaatti namoota kuma 2 fi 300’f carraan hojii uumamuusaa ibsaniiru. Bara kana dargaggoota kuma 7 fi 400 caalan damee industiriin qofa hojiitti galchuuf karoorfamuu dubbataniiru. Kurmaana jalqabaatti industirii godootiin waldaaleen 23 gurmaa’anii hojii eegaluusaanii dubbataniiru. Dargaggoonni hojii eegalan oomishasaanii gabaaf akka dhiheessan baazaarii garagaraa fi kanneen birootiin dursa kennuun walitti hidhaminsi gabaa uumamaa jiraachuu obbo Ashannaafiin ibsaniiru. Sadarkaan qulqullinaas abbaa taayitaa to’annoo qorichaa fi nyaataa waliin qindoominaan hordofamaa akka jiru eeraniiru.
Itiyoophiyaa fi Emereetonni Araba Gamtoomanii damee Baankii fi faayinaansiin tumsa cimsuuf kutannoosaanii mirkaneessan
Oct 13, 2026 308
Onkoloolessa 3/2019 (ENA)- Itiyoophiyaa fi Emereetonni Araba Gamtoomanii damee Baankii fi faayinaansiin tumsasaanii caalaatti cimsuuf akka hojjetan beeksisan. Walgahiin wagga dhaabbata maallaqaa idil addunyaa (IMF) fi baankii addunyaa Taayilaandi Baankookitti gaggeeffamaa jiru har’a guyyaa lammaffaasaati. Gareen jilaa Itiyoophiyaa bulchaa baankii biyyaalessaa Itiyoophiyaa Dr. Iyyoob Takkaalinyiin durfamu walgahii kanarratti hirmaachaa kan jiru yoo ta’u marii gam lame garagaraa gaggeessaa jira. Doktar Iyyoob Takkaalinyi wal gahii kana cinaatti bulchaa baankii jiddu galeessaa Emereetota Araba gamtoomanii Kaaliid Mahaammad Baalaamaa waliin mari’ataniiru. Mariin bulchitoota baankota giddu galaa biyyoota lamaanii kun tumsa dhimmoota tarsiimawaa gama baankii fi faayinaansiin jiru caalaatti cimsuun haala danda’amurratti kan xiyyeeffatedha. Sirnoota faayinaansii biyyoota lamaanii caalaatti walitti fiduu fi muuxannoo wal jijjiiruuf dhimmoota gargaaranirratti yaada wal jijjiiraniiru. Mariin kun tumsa tarsiimawaa Itiyoophiyaa fi Emereetota Araba gamtoomanii jidduu jiru irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, tumsa gam lamee caalaatti cimsuuf kan akeeke ta’uun beekameera.
Magaalaa Bishooftuu wiirtuu turizimii fi konfaransii gochuuf hojiiwwan bu’a qabeessa hojjetaman caalaa gochuuf xiyyeeffatameera
Oct 13, 2026 158
Onkoloolessa 3 /2019 (ENA)- Magaalaa Bishooftuu wiirtuu turizimii fi konfaransii filatamtuu gochuuf hojiiwwan bu’a qabeessa hojjetaman caalaa gochuuf xiyyeeffatamuusaa kantiibaan magaalattii Alamaayyoo Asaffaa ibsan. Biyya guddoo, ummata guddaa, mul’ata guddaa Sababa misooma kooriidaraa yaadama mootummaa ida’amuutiin guutuu biyyaatti hojjetamaa jiraniin magaalota haaromfamanii fi haaromfamaa jiran keessaa magaalaan Bishooftuu ishee tokkodha. Bulchiinsi magaalaa Bishooftuu misooma kooriidaraa dabalatee kennaa magaalattiin misoomuuf qabdu misoomsuun hawata turizimiif qabdu caalaatti saaqaa jira. Kantiibaan magaalaa Bishooftuu Alamaayyoo Asaffaa turtii ENA waliin taasisaniin akka ibsanitti, baay’ina turistii dabaluudhaan carraa hojii haaraa lammiileef uumuuf hojjetamaa jira. Magaalattiin qabeenya uumamaa qabdu misoomsuun, bu’uraalee misoomaa turizimii caalaatti babal’isuun fayyadama dinagdee dame kanarraa argamu caalchisuuf xiyyeeffatamuu dabalanii ibsaniiru. Haroowwan magaalattii keessatti argaman torba, haala qilleensaa mijataa fi bu’uraalee misoomaa riizoortotaa fi hoteelotaatti fayyadamuun baay’ina daawwattootaa guddisuuf xiyyeeffatamuu ibsaniiru. Dureeyyii biyya keessaa fi biyya alaa qarree haroowwaniitti bu’uraalee misoomaa turizimii fi bakkeewwan bashannanaa ijaaruu barbaadaniif haalli mijataa uumamuu dubbataniiru. Magaalaan Bishooftuu bu’uraalee misoomaa wal gahiiwwan idil addunyaa keessummeessuuf gargaaran guutuuf hojjetamaa jiraachuu eeranii, hojiiwwan kun bara bajataa kanattis cimanii akka itti fufan mirkaneessaniiru. Qabeenyota uumamaa fi nam-tolchee misoomsuun baay’ina turizimii fi fayyadama dinagdee damee kanarraa argamu guddisuuf hojjetamaa akka jiru kantiibichi dabalanii dubbataniiru. Haala Kanaan wiirtuun konveenshinii fi galmi wal gahii akkasumas galmoonni tajaajila biroof oolan naannawa Haroo Harsadee jiraachuunsaanii kanaaf haala mijataa akka uuman ibsaniiru. Hoteelota, riizortiiwwanii fi bakkeewwan bashannanaa babal’isuudhaan dandeettii magaalattiin turistoota keessummeessuuf qabdu guddisuuf akka hojjetamu dubbataniiru. Buufanni Xiyyaaraa idil addunyaa magaalattiitti ijaaramaa jiru magaalattiif bu’aa dinagdee dabalataa ta’uusaa fi sochii dinagdee magaalattii guddisuun carraa hojii uumuuf gumaacha olaanaa akka gumaachu ibsaniiru.
Itoophiyaafi Baankiin Addunyaa hojiiwwan misoomaa bu’aa qabatamaa uummataaf argamsiisuu danda’an cimsuuf akka hojjataan ibsan.
Oct 12, 2026 298
Onkololeessa 2/2019 (ENA):-Itoophiyaa fi Baankiin Addunyaa hojiiwwan misoomaa bu’aa qabatamaafi waaraa uummataaf argamsiisan irratti tumsa isaanii cimsanii akka waliin hojjetan beeksisaniiru. Walgahiin waggaa Dhaabbata Maallaqa Idil-addunyaa (IMF) fi Baankii Addunyaa har’a Baankook, Taayilaanditti jalqabameera. Jilli olaanaa Itoophiyaa Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa, Doktar Iyyoob Takkalinyiin durfamu, walgahii waggaa Dhaabbata Maallaqa Idil-addunyaa fi Baankii Addunyaa irratti hirmaachuuf Baankook jira. De'eetaan Ministiraa Maallaqaa Aadde Tigist Fissahaa dabalatee, hooggantoonni mootummaa Itoophiyaa jila kana keessatti hammatamaniiru. Jilli Itoophiyaa walgahicha cinaatti Itti Aanaa Pirezidaantii Naannoo Afrikaa Bahaa fi Kibbaa Baankii Addunyaa, Dooktar Niidiyaamé Diyoop waliin marii taasiseera. Marichis tumsa misoomaa dameewwan garaagaraa irratti xiyyeeffateera. Marii kanaanis hariiroon tumsa cimaa yeroo dheeraa Itoophiyaafi Baankiin Addunyaa gidduu jiru gamaaggamamuu, akkasumas kallattiiwwan tumsa gara fuulduraa fi dameewwan dursa kennamuuf qaban irratti mari’atamuun ibsameera. Dhimmoota marii keessatti xiyyeeffannoo argatan keessaa tokko Bu’uura Waliigaltee Tumsa Biyyaalessaa haaraa qopheessuudha. Itti fufiinsa dinagdee gooroo mirkaneessuu, dameen dhuunfaa dorgomaa ta’e akka dagaagu taasisuu fi daldala al-ergii guddisuun dhimmoota ijoo xiyyeeffannoo argatan keessaa isaan muraasa ta’uun eerameera. Kana malees, qonna ammayyeessuu fi jijjiirama qilleensaa dandamachuu danda’u guddisuu, sirna waliiti hidhamiinsa gatii qonnaa cimsuu, bu’uuraalee misoomaa waaraa babal’isuu fi walitti hidhamiinsa anniisaa naannawaa guddisuun dhimmoota dursa argatan keessaa ta’uun ibsameera. Dabalataanis, misooma qabeenya namaa guddisuu fi sirna eegumsa hawaasaa cimsuun dhimmoota tumsa Itoophiyaafi Baankii Addunyaa keessatti xiyyeeffannoo argatan ta’uun himameera. Jilli Itoophiyaa, Waltajjii 32ffaa Jijjiirama Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (COP32), Itoophiyaan bara 2027 keessummeessuuf qophii taasisaa jirtu ilaalchisee deeggarsi teeknikaa Baankii Addunyaa cimee akka itti fufu gaaffii dhiyeesseera. Akkasumas, pirojektoonni misoomaa yeroo ammaa hojiirra jiran bu’aawwan barbaadaman yeroo gabaabaa keessatti akka argamsiisan raawwiin isaanii saffisiifamuu akka qabu waamicha dhiyeesseera. Dhuma irratti, Itoophiyaafi Baankiin Addunyaa hojiiwwan misoomaa bu’aa qabatamaafi waaraa uummata Itoophiyaaf argamsiisan milkeessuuf tumsa isaanii cimsanii fi kutannoo olaanaadhaan waliin hojjechuuf qophii qabaachuu isaanii mirkaneessaniiru. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa fi Mul'ata Guddaa!
Ergaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Oct 10, 2026 560
Waliigaltee Investimenti holdingii Itoophiyaa fi Saam Pireeshiyas Meetaals gidduutti taasifameen, Naannoo Diinagdee Addaa Boolee Lammiitti Zoonii dinagdee addaa ijaarame waarshaa biyyaalessaa Albuudawwan qaalii qulqulleessu eebsiisee hojii eegalchiisuu kootti gammachuu guddaantu natti dhaga'ama. Warrshaan qulqulleessaa kun waggaatti Albuudawwan qaalii ta'an toonii 600 ol qulqulleessuu danda'u kun; oomisha biyya keessatti sona dabaluuf, Damee Albuuda Itoophiyaa cimsuu fi biyya keenya riijinii Albuuda gatii qaalii ta’an taasisuuf imala eegalameef boqonnaa guddaadha. Mul'anni kun qabeenya keenya dandeettii indaastiriitiin wal-qabsiisuun galii daldala alaa guddisuuf, carraa hojii dandeettii irratti hundaa'e uumuuf, indaastirii miidhagaginaa deeggaruuf, akkasumas walitti hidhaminsa sona gatii warqee caalaatti dagaagsuuf iftoomina fi dorgomaa ta'e ijaaruuf kutannoo mootummaan 'Ida'amuu' qabu kan agarsiisudha
Ergaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa -Obbo Shimallis Abdiisaa.
Oct 9, 2026 453
Guyyaa har’aa, jila Pirezidaantii I/A Rippabiliika Federaalawaa Naayijeeriyaa, Kab. Kashiim Shettimaan durfamuufi qooda fudhattoota biroo waliin mariifi daawwannaa dirree taasifneerra. Sirni muuxannoo waljijjiirraa kun gama tokkoon magaalomsuu, gama birootiin ce’umsa qonnaafi baadiyyaa, akkasumas wabii nyaataafi soorata madaalawaa irratti kan xiyyeeffateedha. Muuxannoo ce’umsa qonnaafi baadiyyaa akkasumas wabii nyaataafi soorata madaalawaatiif, Oromiyaan gahiitii ta’eera. Marii keenya keessatti, ijaarsa cancala sonaa, babaldhina carraa hojiifi badhaadhinaa mirkaneessuu ilaalchisee, muuxannoo damee qonnaa keessatti horanne qoonneerra. Daawwannaan dirree ittaansee taasifnes, yaadi marii keessatti kaafne qabatamaan hojiitti hiikamaa jiraachuu mirkaneessuuf carraa kan uumedha. Kunis muuxannoo inisheetivoota ykn pirojektoota tokko tokkoon qooduu qofa osoo hintaane, imala ce’umsa qonnaafi baadiyyaa Oromiyaa keessatti maal jechuu akka ta’e; akkasumas wabii nyaataafi nyaata madaalawaa mirkaneessuu, oomishtummaa namaa dabaluu, carraa hojii uumuu, galii dabaluu, qusannaa guddisuu, invastimantii babaldhisuufi badhaadhina mirkaneessuu keessatti hiika maal akka qabu hubachuuf carraa ture. Nubiratti qonni damee omishaa qofa miti; madda carraa hojii, galii, wabii nyaataa, soorata madaalawaafi bu’uura jireenyaafi ce’umsa dinagdeeti. Kanaaf, qonna ammayyeessuun, ka’umsa ce’umsa dinagdeeti malee gahiitii miti. Galmi keenya qonnaan bulaa oomishtummaa olaanaa qabu, wabii nyaataafi soorata madaalawaa mirkaneeffate, cancala sonaafi gabaa keessatti hirmaatu, galii guddaa argatu, qusatu, qabeenya horatu, invastimantii keessatti hirmaatufi jireenya fooyya’aa jiraatu ijaaruudha. Daawwannaan Godina Giddugaleessa Oromiyaatti taasifnes, yaada kana qabatamaan muldhiseera. Kilaastara qamadii, inisheetivoota muuziifi paappayyaa, qonnaafi horsiisa qurxummii Qooqaa, Kurfeessa Qanna Lumee, Wiirtuu Leenjii Maaddii Guutuufi Badhaadhina Maatii Mojoo akkasumas Waldaa Aksiyoona Jabduu Mootors daawwachuun wanti argine, inisheetivootafi pirojektoota adda addaa qofa osoo hintaane 𝘀𝗶𝗿𝗻𝗮 𝗰𝗲’𝘂𝗺𝘀𝗮𝗮 𝗾𝗶𝗻𝗱𝗮𝗮’𝗮𝗮 𝘁𝗼𝗸𝗸𝗼 ture. Galmi keenya omisha baay’isuu qofa miti. Omisha argame kuusuu, qopheessuu, kurfeessuu, sona dabaluufi gabaaf dhiyeessuu; qoteefi horsiisee bultootarraa kaasee hanga indastiriifi gabaa baldhaatti, cancala sonaafi walitti hidhamiinsaa cimaa uumuudha. Teknooloojii, jallisii, faayinaansii, sirna galtee, qorannoo, gabaafi indastirii walitti hidhuun sirna oomishtummaa haaraa ijaaruudha. Qonna damee harkaa-gara-afaanii irraa gara 𝗺𝗼𝗼𝘁𝗼𝗿𝗮 𝗱𝗶𝗻𝗮𝗴𝗱𝗲𝗲tti ceesisuudha. Magaalaa Mojootti, mana maatii tokkootti goruun turtiin taasifne ammoo, bakka adeemsi keenya kun jalqabaa hanga dhumaatti itti madaalame ture. Maalifi yoojenne, gaaffiin dhumaa omishni hammam dabale ykn pirojektoonni hammam baay’atan kan jedhu qofa miti. Sochiin kun qabatamaan jireenya maatii jijjiireeraa? Maatiin nyaata madaalawaa mirkaneessaa jiraa? Galiin, qusannaafi qabeenyi isaa dabalaa jiraa? Carraan hojii umamaa jiraa? Dandeettiin of-danda’uu isaa cimeeraa? Bu’uuruma kanaan, haalli maatii kanaa, ce’umsi dinagdee jalqabame jireenya qabatamaatti ce’aafi badhaadhina maatii ce’aa jiraachuu kan mirkaneessedha. Daawwannaan buufata biqiltuu '𝗸𝗮𝗮𝘀𝗵𝗲𝘄' ammoo, hiika waljijjiirraa muuxannoo kanaa guutuu kan taasise. Mudurri gabaa ‘Kaashew’, yeroo duraatiif Naayijeeriyaarraa gara Itoophiyaa dhufe. Naannoon keenyas, haala qabatamaa biyya keenyatti madaqsuu irratti hojjechaa jira. Kunis naannoon keenya muuxannoo gaarii akkuma jirutti waraabuu osoo hintaane, hubachuu, madaqsuu, haaromsuufi gara sirna ofiitti galchuu irratti dandeettii horataa dhufuu kan mirkaneessedha. Adeemsa mara keessatti, Oromiyaan muuxannoo qonnaa qofa osoo hintaane, 𝘀𝗶𝗿𝗻𝗮 𝗷𝗶𝗷𝗷𝗶𝗶𝗿𝗮𝗺𝗮𝗮 𝗴𝘂𝘂𝘁𝘂𝘂 qoodaa jira. Muuxannoo ijaarsa sirna dinagdee ummata keenya daawwataa misoomaa ta’uurraa gara abbaa jijjiiramaatti ceesisuu irratti horanne qoodaa jirra. Qoteefi horsiisee bulaa, qonna, indastirii, faayinaansii, galtee, teknoolojii, cancala omishaafi sona dabalataa ooyruurraa kaasee hanga warshaafi gabaatti jiru gidduutti hariiroo cimaa waggoottan darban ijaaraa dhufne qoodaa jirra. Kanaaf, nuuf dhimmi qonnaafi baadiyyaa dhimma wabii nyaataa qofa miti; galmoota Qabsoo Ummata Oromoo milkeessufi milkeessuu dhabuu waliin walqabata. Galmi 𝗱𝗵𝗮𝗹𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗱𝗼𝗿𝗴𝗼𝗺𝗮𝗮 𝘁𝗮’𝗲 𝗵𝗼𝗿𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳 qabnu, dhaloota nyaata madaalawaa argatee guddina samuufi fayyaa qaamaa sirrii horateen utubama. Galmi 𝗵𝗮𝘄𝗮𝗮𝘀𝗮 𝗱𝗶𝗻𝗮𝗴𝗱𝗲𝗲𝗻 𝗮𝗮𝗻𝗴𝗼𝗺𝗲 𝘂𝘂𝗺𝘂𝘂𝗳 qabnu, teknooloojii, faayinaansii, galtee, indastirii, cancala sonaafi gabaa cimsuun, qonnaa madda carraa hojii, galii, dandeettii qusannaafi invastimantii taasisuun utubama. Galmi 𝘀𝗶𝗿𝗻𝗮 𝘂𝗺𝗺𝗮𝘁𝗮𝗮𝘄𝗮𝗮 𝗰𝗶𝗺𝗮𝗮 𝗶𝗷𝗮𝗮𝗿𝘂𝘂𝗳 qabnu, aadaa hojii cimaafi haaromaa, miira ofitti amananummaa, dandeettii ofiin dhaabachuufi harka-galfannaa alaa hambisuutiin utubama. Tokkos—sadis: dinagdeen yoo hinjabaatiin, carraan dhalootaa nidaangeffama; dhaloonni yoo hinyaadiin, hinkalaqin, dorgomaa hinta’in, dinagdeen boruu nidadhaba; sirni yoo hinjabaatin, dandeettii ummataa gara bu’aa dinagdeefi dorgomtummaatti jijjiiruun nirakkisa. Kab. Kashiim Shettimaan yeroo lammaffaaf gara Itoophiyaafi Oromiyaa dhufuun isaanii, adeemsa muuxannoo waljijjiirraa akkanaa Afrikaanota gidduutti cimsuuf carraa gaariidha. Rakkooleen jiran hedduun kan walooti; furmaanni isaaniis waloomina barbaada. Kanaaf, dandeettii keenya walitti fiduu, muuxannoowwan fakkeenya ta’an qooddachuu, milkaa’inoota jiranirraa barachuufi wal-sirreessuun gara fuulduraatti waliin socho’uun dhimma cimee ittifufuu qabuudha. Walumaagalatti, adeemsa muuxannoo waljijjiirraa Itoophiyaafi Naajeeriyaa kana keessatti, MNO muuxannoo isaa qoodera. Kanaaniis qonnaa ammayyeessuun galma dhumaa osoo hintaane, ka’umsa ce’umsa dinagdee ta’uu agarsiifnerra. Akkasumas, muuxannoowwan biroo irraa qooddachaa, irraa barachaafi haala ofiitti madaqsinee gara sirna omishaa keenyatti galchaa jiraachuu mirkaneessineerra. Dhumarratti, sochii mara hawaasa boru arguu barbaannu — 𝗱𝗵𝗮𝗹𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗱𝗼𝗿𝗴𝗼𝗺𝗮𝗮, 𝘂𝗺𝗺𝗮𝘁𝗮 𝗱𝗶𝗻𝗮𝗴𝗱𝗲𝗲 𝘆𝗮𝗯𝗯𝘂𝘂𝗳𝗶 𝘀𝗶𝗿𝗻𝗮 𝗰𝗶𝗺𝗮𝗮 — dhugoomsuu keessatti gahee qabuun kan madaallu ta’uu hubachiifnerra. Kun, 𝗜𝗺𝗮𝗹𝗮 𝗢𝗿𝗼𝗺𝗶𝘆𝗮𝗮ti! Maddaa-Oromia President Office
Gaaffiin Hulaa Galaanaa gaaffii jiraachuu fi jiraachuu dhabuu waan ta’eef deebii sirrii barbaada
Oct 8, 2026 493
Fulbaana 28/2019 (ENA) Gaaffiin hulaa galaanaa gaaffii jiraachuu fi jiraachuu dhabuu waan ta’eef, deebii sirrii hanga argatutti tattaaffii mootummaan taasisaa jiru akka deeggaran jiraattonni Godina Kibba Oromiyaa ibsan. Jiraattonni yaada isaanii ENA’f kennan;akka ibsanitti Gaaffii hulaa galaanaa mootummaan gaafachaa jiru dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu waan ta’eeef tattaaffii mootummaan hulaa galaanaa karaa nagaatiin argachuuf taasisaa jiru ni deeggarra jedhaniiru. Gaaffiin hulaa galaanaa guddina dinagdee fi wabii nageenyaatiif murteessaa waan ta’eef deebii madaalawaa barbaada; nutis gaaffichi hanga deebiii argatutti mootummaa cinaa dhaabbachuun shoora nu irraa eegamu bahuuf qophiidha jechuun jiraattonni ibsaniiru. Jiraattota kanneen keessaa jiraataan magaalaa Adoolaa Obbo Ashannaafii Daanqoo, guddina magaallichatti eegalame caalaatti cimsuudhaan itti fufsiisuuf shoora isaanii akka bahatan eeraniiru. Jiraataan magaalaa kan biraan Obbo Isheetuu Haayiluu gama isaaniitiin; mootummaan karaa nagaatiin hulaa galaanaa argachuuf tattaaffii gochaa jiru kan dinqisiifatamudha jedhaniiru. Tattaaffiin diploomaasii mootummaan gochaa jiru gara hojiitti hanga jijjiiramutti mootummaa bira dhaabbachuun shoora isaanii bahuuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru. Jiraattuu magaalaa Nagellee Booranaa Aadde Rahimaa Abdullaahii gama isaaniitiin; mootummaan badhaadhina biyyaalessaa mirkaneessuuf kallattii kaa’e guutummaatti akka deeggaran ibsaniiru. Bu’aawwan misoomaa kanaan dura galmeeffaman cimsuudhaan itti fufsiisuuf hulaa galaanaa argachuun dhimma filannoo hin qabneedha jechuun ibsaniiru. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa# fi Mul'ata Guddaa#
Itoophiyaa Hulaa Galaanaa irraa adda baasanii tursiisuun hin danda’amu - Obbo Abbaaduulaa Gammadaa
Oct 7, 2026 604
Fulbaana 27/2019 (ENA): Itoophiyaa Hulaa Galaanaa irraa adda baasanii tursiisuun hin danda’amu jedhan Af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota uummataa duraanii obbo Abbaadulaa Gammadaa. Itti dabaluudhaanis, Itoophiyaan buufata galaanaa mataashee qabdu turte kan dhabde shiraan murtee marii tokko malee namoota dhuunfaafi muraasaan kan murtaa’e ta’uu ibsaniiru. Obbo Abbaaduulaa Gammadaan turtii ENA waliin taasisaniin akka himanitti, diinonni seenaa Itoophiyaa jaarraa hedduuf Itoophiyaa buufata galaanaa irraa mulquuf shira xaxaa turuu isaanii dubbataniiru. Diinonni seenaa Itoophiyaa kun lola kallattiin injifachuu akka hin dandeenye yommuu hubatan baandaa keessoo uumuun itti fayyadamu jedhan. Kanaafis Masrii akka fakkeenyaatti kaasuun, hundeeffama Shaabiyaa fi TPLF duuba harki Masrii akka jiru ibsaniiru. Humni diinonni seenaa nu keessaa uumaman dantaan sabaa Itoophiyaa akka taphaatti akka dabarfamuu godheera jedhan. Keessattuu, Itoophiyaan buufata galaanaa ishee mulquuf murteen marii tokko malee namoota dhuunfaa muraasaan kan murtaa’e ta’uu ibsaniiru. ''Dhimma buufata galaanaa irratti murteen nuti murteessine kan waltajjii seeraa irratti mari'atamee fi irratti waliigalame hin jiru,'' jedhan. Dhimmoonni kunneen mootummaa seera qabeessa ta’e osoo hin jiraatiin kan raawwataman ta’uu hubachiisuun, mootummaan ce’umsaa yeroo sanaa heerri mootummaa osoo hin raggaasifamiin dhimma kamirrattiyyuu murtii kennuuf aangoo akka hin qabnes ibsaniiru. Haa ta'u malee kana cabsuun murteewwan namoota dhuunfaa muraasaan marii malee kan murteessan ta’uu ibsani. Haala kana keessatti dantaa biyyaalessaa guddichi Itoophiyaa kan ta’e buufata galaanaa dhabuun dogoggora seena qabeessa kan nama gaddisiisu ta’uu ibsaniiru. Akkasumas, mootummaan yeroo ammaa karaa nagaa fi karaa fayyadamummaa waloon buufata galaanaa kana mirkaneessuuf tattaaffiin gochaa jiru kan galateeffamu ta’uu ibsaniiru. Abbummaan buufata galaanaa Itiyoophiyaa dhimma dhaabni kamuu dhaabuu hin dandeenye ta’uus dubbataniiru. "Itoophiyaa Hulaa Galaanaa irra adda baasuun hin danda’amu jechuun” jechuun cimsanii dubbataniiru. Biyya Guddoo, Ummata Guddaa fi Mul’ata Guddaa! Miseensa Maatii ENA ta’aa: https://www.ena.et/web/links
Tattaaffii mootummaan ida’amuu misooma Itoophiyaaf taasisaa jiru deeggaruun imaanaa dhalootaati
Oct 7, 2026 270
Fulbaana 27/2019 (ENA): Mootummaan ida’amuu guddina Itoophiyaa fi eegumsa dantaa biyyaalessaa isaa deeggaruuf tattaaffii taasisaa jiru dhaloonni cimsee deeggaruu akka qabu ogeeyyiin barnootaa himani. Pireezdaanti Taayyee Atsqasillaasee mootummaan ida’amuu ifatti erga hundeeffamee booda hojiiwwan gurguddoo mootummaan raawwachuu qabu ilaalchisee haasaa taasisaniiru. Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) gama isaaniitiin haasaa bal’aa dhimmoota biyyaalessaa akkasumas haala naannoo fi ardiilee ilaallatu dubbataniiru. Ogeeyyiin barnootaa gama kanaan ENA waliin turtii taasisan akka himanitti, yaadonni Piresidantiin Biyyattii fi Ministirri Muummee kaasan, yeroo hojiirra oolan, biyyattiis ta’e dhalootaaf bu’aa olaanaa qaba jedhan. Toomaas Dubbaalee, barsiisaa lammummaa fi naamusaa kan ta’an akka himanitti, Mootummaan ida’amuu misooma, badhaadhinaa fi dantaa biyyaalessaa biyyattii dagaagsuuf hojjachaa jiraachuu fi bu'aa argamsiisaa jiraachuu ibsaniiru. Mootummaan haaraa ijaarame kun jalqabbii gaarii itti fufsiisuu, misoomaa fi guddina saffisiisuun badhaadhina biyyattiif hojjachuutu irraa eegama jedhaniiru. Waggoottan shanan dhufan keessatti hojiiwwan misiraachuu Gubaa ministirri muummee Doktar Abiyyi Ahimad labsanii fi hojiin isaanii waggoota shanan dhufan keessatti milkaa’inaan akka xumuramu ni eegama jedhaniiru. Mootummaan biyyattii hoogganaa jiru kabajaa fi abbaa biyyummaa Itoophiyaa tiksuun galma misoomaa fi badhaadhina biyyattii galmaan gahuuf ciminaan hojjechuutu irraa eegama jedhaniiru. Ogeeyyiin barnootaa biroo, Misiraaq Xilayee fi Wandasan Girmaa waggoota shanan dhufan keessatti mootummaa cinaa dhaabbannee misoomaa fi badhaadhina biyyattiif harka wal qabannee hojjechuun nurraa eegama jedhan. Adeemsa dhaloota ijaaruu fi mootummaa cimaa ijaaruu keessatti tattaaffiin mootummaan gochaa jiru kan galateeffatamuu fi Itoophiyaanonni kaayyoo waloo tokkoof tokkummaan biyya hundaaf mijatu ijaaruu akka qaban ibsaniiru. Tattaaffii mootummaan ida’amuu guddina Itoophiyaa fi eegumsa dantaa biyyaalessaa isheef taasisaa jiru deeggaruun imaanaa dhalootaa ta’uu ogeeyyiin kunneen ibsaniiru. Biyya Guddoo, Ummata Guddaa fi Mul’ata Guddaa! Miseensa Maatii ENA ta’aa: https://www.ena.et/web/links