Bara bajatichaatti pirojektoonni bishaan dhugaatii ummata miiliyoona 1 caalan fayyadamoo taasisan naannoo Oromiyaatti ijaaramaniiru. - ENA Afaan Oromoo
Bara bajatichaatti pirojektoonni bishaan dhugaatii ummata miiliyoona 1 caalan fayyadamoo taasisan naannoo Oromiyaatti ijaaramaniiru.

Waxabajjii 28/2017(TOI)-Bara bajataa Xumuramaa jirutti pirojektoonni bishaan dhugaatii ummata miiliyoona 1 caalan fayyadamoo taasisan naannoo Oromiyaatti hojjetamuusanii biiroon bishaanii fi inarjii naannichaa ibse.
Itti aanaan ittigaafatamaa biirichaa obbo Araarsoo Abdulaxiif, bara bajataa xumuramaa jiru kanatti keessumaa dhiheessii bishaan dhugaatii qulqulluu fooyyessuuf hojii hojjetame ilaalchisuun TOI waliin turtii taasisaniiru.
Ibsa kennaniin, bishaan dhugaatii qulqulluu naannichatti waliin gahuuf naannawoota garagaraatti pirojektoonni ijaaramuu eeranii, cimee akka ittifufus ibsaniiru.
Bara bajataa kanatti pirojektoonni bishaan dhugaatii jiddugalaa fi xiqqaa hedduun hojjetamanii eebbifamuun tajaajilaaf ooluu dubbataniiru.
Ijaarsi pirojektootaas mootummaa, dhaabbilee deggartootaa fi hirmaannaa ummataan raawwatamuu eeranii, pirojektoonni ijaarsarra jiranis akka jiran himaniiru.
Pirojektoonni ijaaramanii xumuraman ummata miiliyoona 1 tuqaa 3 fayyadaa akka jiran dubbataniiru.
Dabalataanis pirojektoonni sababa garagaraan tajaajila dhaaban suphamanii hojii akka eegalan taasifamuu kaasaniiru.
Gama biraatiin hawaasni anniisaa humna qusatuu fi haaromfamaatti akka fayyadamu gochuuf hojii hojjetameen pirojektoonni Baayoo Gaazii kuma 3 fi 500 caalan ijaaramanii tajaajila kennaa jiraachuu dubbataniiru.
Naannichatti qaqqabummaa bishaan dhugaatii qulqulluu fi anniisaa babal’isuuf fuuldurs akka hojjetamu mirkaneessaniiru.