Leenjiin Koodersii Beekumsaa fi Dandeettii  Dijiitaalaa Fooyya’aa akka argannu carraa Gaarii nuuf uumeera-Dargaggoota 

Waxabajjii 27/2017(TOI)- Leenjiin Koodersii Beekumsaa fi Dandeettii  Dijiitaalaa Fooyya’aa akka argannu carraa Gaarii nuuf uumeera jechuun ibsan Dargaggoonni leenjii koodersii fudhatan.

Biiroon Innooveeshinii fi Teekinoolojii Naannoo Sumaalee gama saatiin, dargaggoonni waktii Gannaa Boqonnaarra jiran leenjii koodarsii akka fudhatan qophii taassisuu isaa beeksiseera.

Dargaggoota Leenjiin Itiyoo-koodarsi fudhatan keessaa Shirmaarkee Shekib Abdii, leenjiichi dargaggootaaf  carraa gaarii  waan ta’eef beekumsaa fi Dandeettii Dijiitaalaa akka  argannu  nu taassisaa jira jedheera.    

Beekumsaa fi dandeettii leenjicha irraa argateen weebsaayitii  uumuun hojii daldala dhuunfaasaa beeksisuuf fayyadamaa jiraachuu kaasuun, caaraa akkasii bilisaan argachuusaaf galateeffateera.

Beekumsi argamu biyya irra darbee Sadarkaa Idil Addunyaatti kan barbaadamu waan ta’eef carraan kun dargaggoota biroo akka hin dabarre  gorseera.

Dabalataanis  Dargaggoota  Leenjicha  argatan  keessaa Abdiishukur Mahaammad Abdii  fi  Sekeriyyee  Abdirehiman Alee, leenjiin koodersii  gama hedduun faayidaa akka qabu beekumsaa fi dandeettii argannerraa hubanneerra jedhaniiru.

Yeroon kun yeroo Teekinooloojii Dijiitaalaa  ta’uu kan  ibsan dargaggoonni barachuu, qophaa’uu fi  yeroo waliin deemuun dirqama ta’uu  kaasaniiru.

Kanaaf , waqtii Gannaa Manni Barumsaa Idilee cufaa waan ta’eef dargaggoonni yeroo isaanii leenjii koodarsii fudhachuun akka itti fayyadaman hubachiisaniiru.

Naannichatti Daarektarri  Bulchiinsa Wiirtuu Odeeffannoo Abdii Aziiz Abdilaahii Leenjiin Itiyoo Koodarsii  umuriin osoo hin daangessiin  lammiilee hundaaf  leenjii bilisaan kennamu  beekumsa dijiitaalaa ta’uu fi hunduu carrichatti akka fayyadamu  gorsaniiru.     

Keessumaa dragaggoonni beekumsa teekinooloojii yeroon barbaadu gonfachuun gahumsaa fi dorgomaa Idil Addunyaa ta’uuf leenjichi bay’ee akka isaan barbaachisu dubbataniiru.

Naannichatti hanga ammaatti  dargaggoonni kuma 48 ol leenjii Itiyoo koodarsii  fudhatanii  waraqaa ragaa fudhachuu ibsuun, dargaggoonni waqtii gannaa boqonnaarra jiran  hundi leenjicha akka fudhatan waamicha dhiheessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015