Waajjirri ministira muummee fi dhaabbileen isaaf itti waamaman manneen jireenyaa manguddootaaf naannoo Tigraayitti ijaarsise kennan

Waxabajjii 28/2017(TOI)- Waajjirri ministira muummee fi dhaabbileen isaaf itti waamaman manneen jireenyaa manguddootaaf naannoo Tigraayi magaalaa Wuquroo fi Maqaleetti ijaarsise kennan.

Ijaarsi manneenii xumuramuusaatiin gorsaan dhimmoota nageenyaa biyyaalessaa ministira muummee Dr. Qana’aa Yaadataa bakkatti argamuun maneen kanneen jirattotaaf kennaniiru.

Dhaabbileen kunneen manneen 5 Wuqurootti, manneen 15 ammoo Maqaleetti qulqullinaa fi hatattamaan xumursiisuun har’a jiraattotaaf kennamaniiru.

Ijaarsa manneen 20’f birriin miiliyoona 23 caalu baasii taasifamuun beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015