Bara bajatichaatti lammiilee miiliyoona 4 tuqaa 5’f carraan hojii uumameera- Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Bara bajatichaatti lammiilee miiliyoona 4 tuqaa 5’f carraan hojii uumameera- Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Waxabajjii 26/2017(TOI):- Bara bajaaa 2017tti lammiilee miiliyoona 4 tuqaa 5’f carraan hojii uumamuusaa Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan.
Manni maree bakka bu’oota ummtaa walgahii idilee 42ffaa taa’aa jira.
Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad gaaffiiwwan Miseensota Mana maree irraa gaafatamaniif deebii fi ibsa kennaa jiru.
Bara bajataa 2017 Carraa hojii uumuundameewwan tarkaanfiin guddaan itti mul’ate keessaa tokko ta’uu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad himaniiru.
Haala Kanaan bara bajataa kanatti lammiilee miiliyoona 4 tuqaa 5’f carraan hojii uumamuu fi kana keesa miiliyoonni 1 tuqaa 8(dhibbantaan 39) carraa hojii damee qonnaan argame ta’uu eeraniiru.
Lammiileen miiliyoona 1 tuqaa 6 damee tajaajilaan, lammiileen kuma 680 damee industiriin carraa hojii argachuusaanii ibsaniiru.
Lammiilee kuma 500 caala hojiif biyyoota alaa garagaraatti ergamuus dubbataniiru.
Hojii fageenyaatiin (remote work)n lammiilee kuma 60 carraan hojii akka uumameef ministirri muummee dubbataniiru.
Hojiin Ministeerri hojii fi ogummaa hojiif biyya alaatti erguun fi hojii fageenyaarratti jalqabe waan gaariidha kan jedhan ministirri muummee, hojiin kun cimee akka ittifufu hubachiisaniiru.