Sagantaan ashaaraa magariisaa lafti miidhame akka bayyanatuu fi oomishtummaan akka dabalu waan godhuuf biqiltuu dhaabuurratti cimnee nihirmaanna-Jiraattota godina Iluu Abbaa Boor

Waxabajjii 25/2017(TOI)- Sagantaan ashaaraa magariisaa lafti miidhame akka bayyanatuu fi oomishtummaan akka dabalu waan godhuuf biqiltuu barana dhaabuurratti cimanii akka hirmaatan Jiraattonni godina Iluu Abbaa Boor ibsan.

Sagantaan jalqabsiisa biqiltuu ashaaraa magariisaa dhaabuu bara 2017 godinichatti aanaa Alleetti gaggeeffameera.

Jiraataan godinichaa saganticharratti hirmaatan obbo Sisaayi Wandimmuu, sagantaalee biqiltuu waggaa waggaan dhaabuuf qophaa’anirratti hirmaachaa turuu ibsaniiru.

Biqiltuu dhaabuun lafti miidhame akka bayyanatu kan godhuu fi oomishtummaa kan dabalu waan ta’eef  akkuma waggoottan darbanii baranas biqiltuu dhaabuurratti akka hirmaatan dubbataniiru.

Obbo Huseena Kabbadaa biqiltuuwwan dhuunfaa fi waloon dhaabaman irratti gumaacha isaanii taasisaa akka jiran eeraniiru.

Hojiilee misooma magariisaa waggoottan darban raawwatamaniin naannoon isaanii jjjiiramaa dhufuu, oomishtummaan fooyya’aa waan jiruuf baranas hirmaannaasaanii akka cimsan ibsaniiru.

Bulchaan aanaa Allee Yohaannis Kabbadaa gamasaaniin  sagantaa ashaaraa magariisaan aanichatti muduraawwan Avokaadoo, Muuzii dabalatee biqiltuuwwan faayidaa dinagdee qabaniif xiyyeeffannoon kennamee akka dhaabamu dubbataniiru.

Biqiltuu dhaabuun dhaloota boruu hubannoo keessa galchuun waan ta’eef sagantaa ashaaraa magariisaa gannaatiin biqiltuuwwan faayidaa garagaraa qaban akka dhaabaman kan ibsan ammoo bulchaa godina Iluu Abbaa Boor Indaalkaachoo Tafariidha.
 

Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaa mata duree “dhaabuun bayyanachuu” jedhuun gaggeeffamuun biqiltuuwwan lafa miidhaman bayyanachiisanii fi faayidaa dinagdee qabaniif xiyyeeffannoon nitaasifama jedhaniiru.

Saganticharratti kan argaman komishinariin komishinii manneen sirreessaa naannoo Oromiyaa Shaafii Huseen, biqiltuu dhaabuun madaallii uumamaa eeguu fi naannawa oomisha kennu uumuuf akka gargaaru ibsaniiru.

Hojii waggoottan darban hojjetamaniin naannawoonni hedduu miidhaman bayyanatanii magariisatti jijjiiramaniiru jedhaniiru.

Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiin hawaasni biqiltuuwwan naannawa jijjiiruu fi faayidaa dinagdee mirkaneessuu danda’an dhaabee akka kunuunsu ergaa dabarsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015