Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad pirezidaantii Biraazil Luwiiz Inaachiyoo Lula De Siilvaa waliin mari’atan - ENA Afaan Oromoo
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad pirezidaantii Biraazil Luwiiz Inaachiyoo Lula De Siilvaa waliin mari’atan

Waxabajjii 28/2017(TOI)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad pirezidaantii Biraazil Luwiiz Inaachiyoo Lula De Siilvaa waliin mari’ataniiru.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa fuula marsariitii isaaniirratti barreessaniin, yaa’ii BRICS 17ffaa dursuun pirezidaantii Biraazil Luwiiz Inaachiyoo Lula De Siilvaa waliin dhimmoota gamlamee fi gama hedduurratti mari’achuusaanii ibsaniiru.
Mariin kun hariiroo biyyoota lamaanii dhiheenya guddachaa dhufe caalaatti cimsuun fuulduratti kan tarkaanfachiisedha jedhaniiru.
Walitti hidhamiinsa daldalaa fi Invastimantii biyyoota lamaanii caalaatti cimsuuf waliigalteerra gahuusaanii ministirri muummee ibsaniiru.