Hoggansii fi gurmaa’insi waraanaa gahumsa hundagaleessa olaanaan,Ogummaa waraanaa fi Teeknooloojii ammayyaan kan deeggaramedha-Leetenaal Jeneral Zawuduu Balaay - ENA Afaan Oromoo
Hoggansii fi gurmaa’insi waraanaa gahumsa hundagaleessa olaanaan,Ogummaa waraanaa fi Teeknooloojii ammayyaan kan deeggaramedha-Leetenaal Jeneral Zawuduu Balaay

Waxabajjii 20 /2017(TOI)-Hoggansii fi gurmaa’insi waraanaa gahumsa hundagaleessa olaanaan,Ogummaa waraanaa fi Teeknooloojii Ammayyaan kan deeggarame ta’uu Ajajaa Olaanan izii giddugalaa Daalol Leetenaal Jeneraal Zawuduu Balaay ibsan.
Festivaaliin Ispoortii Kooriwwan adda addaa Raayyaa Ittisa Biyyaatti izzii jiddugalaa Daalol jalatti argaman hirmaachise Magaala Jimmaatti eegalameera.
Baniinsa Feestivaalichaarratti kan argaman Raayyaa Ittisa biyyaatti ajajaa Olaanaan izzii giddugala Daalol Leetenaal Jeneraal Zawuduu Balaayi Izichi daangaa biyyaa kabachiisuurra darbee hojiiwwwan waloomaa fi Tajaajila Hawaasummaa cimsan raawwachaa jiraachuu ibsaniiru.
Izziin Daalol tajaajila tola ooltummaan dhiiga arjoomuun,mana namoota harka qal’eeyyii haaromsuu fi biqiltuu dhaabuu dabalatee hojiii misooma adda addaa irratti hirmaachuun beekama jedhaniiru.
Raayyaan Ittisa Biyyaa Tokkummaa Sab-Daneessummaa gootummaan kabajaa fi birmadummaa biyyaatiif halkanii fi guyyaa hojjechaa kan jiru raayyaa cimaa fi gahoome ta’uu dubbataniiru.
Raayyichi gahumsa hunda galeessa olaanaa, ogummaa waraanaa fi teekinooloojii ammayyaan haala gurmaa’een gaggeeffamaa jiraachuu kaasuun, gaachana birmadummaa biyyaa ta’uurra darbee, misoomaa fi tajaajila Hawaasummaa biroo itti gaafatamummaa isaa bahaa jiraachuu ibsaniiru.
Kanaaf Kaayyoon guddaan festivaala Ispoortii Iizzichi walitti dhufeenya raayyaa ittisa biyyaa fi hawaasa naannoo gidduu jiru daran cimsuuf ta’uu kaasaniiru.
Hogganaan Waajjira izzii Gidduugala Daalol Koloneel Bazaabbihi Yimar akka jedhanitti, kooriiwwan izzii kana jala jiran 5 dorgmmii Ispoortiii kana irrratiti kan hirmaatanii fi guyyaa10’f gosa ispootii adda addaan akka dorgoman himaniiru.
Sagantaa Baninsaa irrratti Qondaaltonni Olaanoon Raayyichaa, miseensonnii fi keessummooni wamichi taasifamee fi biroon argamaniiru.