Misoomni ashaaraa magariisaa qabeenya uumamaa kunuunsuun gamatti wabii nyaataaf bu’ura ta’ee akka fulla’u hojjetamaa jira-obbo Awwaluu Abdii

Waxabajjii 24/2017(TOI)- Misoomni ashaaraa magariisaa qabeenya uumamaa kunuunsuun gamatti wabii nyaataaf bu’ura ta’ee akka fulla’u hojjetamaa jiraachuu itti aanaan pirezidaantii naannoo Oromiyaa Awwaluu Abdii ibsan.

Obbo Awwaluun, godina Shawaa lixaa Ambotti argamuun sagantaa ashaaraa magariisaa baranaa eegalchiisaniiru.

Ashaaraa magariisaa baranaaf dursee qophiin taasifamuu kaasanii, biqiltuun waan qophaa’eef hundi ashaaraasaa akka kaa’u hubachiisaniiru.

Biqiltuun Kanaan dura naannichatte dhaabaman guddataniifaayidaa kennaa akka jiran kaasanii, fuulduras biqiltuun bosonaaf, soorataaf, miidhaginaaf oolan akka dhaabaman dubbataniiru.

Milkaa’ina sagantaa kanaaf kutaan hawaasaa hundi ashaaraasaa kaa’uuf hirmaannaa cimaa akka taasisus gaafataniiru.

Bulchaan godina Shawaa Lixaa obbo Didhaa Guddataa, boolli biqiltuun keessa dhaabamu bakkeewwan filatamanitti waan qophaa’eef hundi keenya ashaaraa keenya haa keenyu jechuun ergaa dabarsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015