ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Duudhaan Raayyaa Ittisa Biyyaa, biyyaa fi ummata tiksuu bira darbee itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa bahachuudha.
Aug 5, 2026 9
Adoolessa 29/2018 (ENA): Duudhaan bu’uuraa Raayyaa Ittisa Biyyaa hojii tola ooltummaa irratti dammaqinaan hirmaachuudhaan itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa ba’uudha jedhan Daarektarri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Birgaadeer Jeneraal Hulluhaagarish Diras. Hoggantoonnii fi miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa dhaabbata tola ooltummaa Maqadooniyaa daawwachuun deeggarsa meeshaa fi maaddii qooddataniiru. Akka Daarektarri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Birgaadeer Jeneraal Hulluhaagarish Darasiitti, Raayyaan Ittisa Biyyaa hojii tola ooltummaa adda addaa irratti dammaqinaan hirmaachuudhaan itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa bahaa jira. Har’as dhaabbata tola ooltummaa Maqadooniyaa keessa jiru daawwachuun deeggarsa bal’aa taasisuu akka danda’es eeraniiru. Hojiin waldichaa "nama gargaaruuf nama ta'uu" qofti gahaa dha jedhu irratti kan hundaa'e namummaa guddaa kan agarsiisuu fi biyyaaf fakkeenya ta'uu eeruun, lammiilee deeggarsa barbaadan gargaaruun, nagaa biyyaa fi ummataa eeguun alatti, duudhaa bu’uuraa raayyaa ittisa biyyaa ta’uu ibsaniiru. Deeggarsi waliigalaa kun taatee yeroo tokkoo osoo hin taane, waldicha cinaa dhaabbachuun deeggarsa isaanii cimsuu kan itti fufan ta’uu mirkaneessaniiru. Maanguddootaa fi dhukkubsattoota deeggaruun itti gaafatamummaa nama hundaa ta’uu akka qabu hubachiisuun, ummanni Itoophiyaa guutuun, invastarootaa fi lammiileen biyya alaa jiraatan kaayyoo qulqulluu kana cinaa akka dhaabbatan waamicha dhiyeessaniiru. Akkasumas, maanguddootaa fi dhukkubsattoota waldicha keessa jiraniif ergaa dabarsuudhaan, "Isin qabeenya biyya keenyaa fi imaanaa keenyaati; isin kophaa keessan miti, raayyaan ittisaa fi ummanni guutuun isin waliin jira" jechuun dhaamsa dabarsaniiru. Hundeessaa fi daayreektarri Waldaa tola ooltummaa Maqadooniyaa Biiniyaam Ballaxaa gama isaaniitiin, Raayyaan Ittisa Biyyaa deeggarsa meeshaa fi waldicha maaddii qooddachun isaatiif galata guddaa qaban ibsaniiru. Dhaabbileen biroos ta’e namootni dhuunfaa fakkeenyummaa Raayyaa Ittisa Biyyaa hordofuun waldichaaf deeggarsa danda’amu hunda akka taasisanis waamicha dhiyeessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Naannichaatti hojiilee hordoffii fi to’annoo gabaa cimsuun qaala’insa jireenyaa salphisuuf xiyyeeffannoon kennameera
Aug 5, 2026 14
Adoolessa 29/2018 (ENA): Bara baajataa qabametti hojiilee hordoffii fi to'annoo gabaa cimsuun akkasumas dhiyeessii omishaalee qonnaa fi industirii akka fooyya'u taasisuun qaala’insa jireenyaa salphisuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta'uu Ejensiin Misooma Daldaa Naannoo Hararii beeksise. Hogganaan Ejensii Misooma Daldaa Naannoo Hararii obbo Shariif Mummee dhimmoota raawwii ijoo bara baajata kanaa irratti ibsa kennaniiru. Ibsa isaaniitiinis bara baajata kanatti naannichatti qaala’insa jireenyaa salphisuuf hojiileen dandeessisan cimee kan raawwatamu ta'uu ibsaniiru. Keessattuu hojiilee hordoffii fi to'annoo gabaa cimsuun dhiheessii omishaalee qonnaa fi industirii akka fooyya'u taasisuun hojiileen xiyyeeffannaa olaanaa kan kennamuuf ta'uu dubbataniiru. Daldaltootaa Hawaasa shamaachaa baasii hin mallee saaxilanii fi kan rakkisan akkasumas daballii gatii hin malle raawwatan irratti hojiin iti gaafatamaa taasisuu hojjetama jedhan. Dhiyeessii omishaa fooyyaessuun, hudaawwan waliti hidhaminsa gabaa hiikuunii fi daldala seeraan alaa to'achuuf hojiileen xiyyeeffannaa addaa kennameefii kan hojjetamu ta'uu eeraniiru. Gabaa Sanbataa fi Dilbataa cimsuun omishaalee kuduraafi muduraafi bu'aalee industirii kallattiin shamaataaf dhiyeessuun qaala’insa jireenyaa salphisuuf kan hojjetamu ta'uu dubbataniiru.
Hirmaattonni marii dhimmoota Itoophiyaaf fayyadan irratti mari'achaa jiru - Komishinara Olaanaa Piroofeesar Masfin Ari’aayaa
Aug 5, 2026 16
Adoolessa 29/2018 (ENA): Hirmaattonni Yaa’ii marii biyyaalessaa irratti hirmaachaa jiran garaagaruumaa jiru dhiisuun dhimmoota bu'aa waloo biyyaa dursan irratti mari'achaa jiraachuu Komishinar Piroofeesar Masfin Ari’aayaa ibsan. Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa Piroofeesar Masfin Ari’aayaa, yaa’ii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennaniiru. Yaa’iin Marii kun garee tarsiimo'aa 250 irratti mari'achaa jiraachuu komishinarri olaanaan ibsaniiru. Gareewwan tarsiima'aa 250 dhimmoota ramadaman irratti yaada kaasan irratti mari'achuun qaboo walga'ii qabachuun mallatteessuu eegaluu isaanii dubbataniiru. Adeemsi qaboo yaa’ii mallatteessuu har'a yoo xumurame yaa’iin tarsimo'aa gareewwan 500 boru akka eegalamu hubachiisaniiru. Mariin gareewwan tarsiimo'aa yaadota irratti taasisan har'a kan darbu yoo ta'e yeroon yaa’ichi 500 itti eegalamu akka dheeratuus dubbataniiru. Mariilee gareewwan kanaa keessatti yaadotni ka'an hedduun gara waliigalteetti kan geessan ta'uu eeruun, yaadotni tokko tokko qulqulleeffachuu bal'aa kan gaafatan ta'uu dubbataniiru. Hirmaattonni garaagarummaa yaadaa yoo qabaatanillee guddummaa Itoophiyaa ilaaluun mari'achaa jiraachuu fi gahee isaanii ba'aa jiraachuu dubbataniiru. Yaa’iin marii biyyaalessaa yeroo qabameefiitti haala gaariin gaggeeffamaa jiraachuu dubbataniiru. Yaa’iin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa Adoolessa 8 bara 2018 irraa eegalee gaggeeffamaa jira.
Haaromsa kallattii hedduun waggoota darban keessatti gaggeeffame keessatti bu'aan milkaa'aan galmaa'eera – Obbo Adam Faaraah
Aug 5, 2026 25
Adoolessa 29 /2018 (ENA): Riifoormii roga hedduun waggoota darban keessatti gaggeeffameen bu’aan milkaa’aan galmaa’uu isaa Itti Aanaa Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa fi Hogganaan Waajjira Waliigalaa Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah himaniiru. Waajjirri Waliigalaa Paartii Badhaadhinaa gamaaggama raawwii karoora bara baajata 2018 fi waltajjii seensa karoora bara baajata 2019 gaggeesse. Akka Itti Aanaa Pireezidaantii paartii Badhaadhinaa fi Hogganaan Waajjira Waliigalaa Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah jedhanitti damee siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa fi dippilomaasii irratti hojiin haaromsaa bal’aan galmaa’ee jira. Akkasumas, sochii marii biyyaalessaatiin uumame fayyadamuun riifoormichi gara jijjiirama sirna siyaasaa guutuutti galmaan ga’uuf akka itti fufu ibsaniiru. Finxaaleyyii qolachuufi hariiroo paartilee lameenii guddisuufi dhaabbilee ciccimoo uumuuf hojiin istaandardii taasifamuu eegalame cimee itti fufuu akka qabus eeraniiru. Obbo Adam mootummaan Ida’amuu Paartii Badhaadhinaan durfamu hojii dhaabaa bu’a qabeessa ta’ee fi mootummaa cimaa fi biyya cimtuu ijaaru raawwachuu danda’uu isaa ibsaniiru. Hogganaa fi miseensota dabalatee caasaa hunda sochoosuun hojiin misoomaa ummata fayyadamoo taasisu hojjetamuus ibsaniiru. Hoggansii fi miseensonni sadarkaa sadarkaan jiran itti gaafatamummaa itti kenname qulqullinaa fi gahumsaan raawwachuu akka qaban kan ibsan obbo Adam, bu’aa olaanaa bara baajataa keessatti galmaa’eef gumaacha hooggansaa fi hojjettoonni waajjirichaa taasisaniifis galateeffataniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Milkaa'ina Naannoo Daldala Walaba Afrikaaf sirna safartuu fi safartuu amanamaa ijaaruun murteessaadha - Ministira Dr. Kaasahuun Gofee
Aug 5, 2026 56
Adoolessa 29/2018 (ENA): Sirna safartuu fi safartuu amanamaa ijaaruun milkaa’ina Naannoo Daldala Walaba Afrikaatiif murteessaadha jedhan Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa Naannawaa Dr. Kaasahuun Gofee. Yaa'iin Waliigalaa Dhaabbata Meetrooloojii Afrikaa 19ffaa mata duree "Metrooloojii Jijjiirama Dijiitaalaa; Safartuuwwan Amanamoon Egeree Afrikaaf" jedhuun Finfinneetti gaggeeffamaa jira. Yaa’ii Waliigalaa kana irratti Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa Naannawaa Dr.Kaasahuun Gofee ; Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Meetrooloojii Itoophiyaa Dr. Mulugeetaa Darribaawu fi Pireezidaantiin Dhaabbata Meetrooloojii Afrikaa (AFRIMETS) Dr. Heenerii Kibeet Rootich , qondaaltota mootummaa olaanoo fi bakka bu’oota biyyoota Afrikaa adda addaa aragamaniiru. Ministirri Daldalaa fi walitti hdhaminsa naannawaa Dr. Kaasahuun Gofee wayita sana akka jedhanitti; Oomishaaleen biyya Afrikaa tokko keessatti oomishaman sakatta’iinsa qulqullinaa fi safartuu dachaa osoo hin darbiin bilisaan biyya tokko irraa gara biyya biraatti akka socho’an istaandaardii safartuu tokkummaa diriirsuun barbaachisaa dha jedhani. Ida’amuun daldala ardiilee bu’a qabeessa ta’uu kan danda’u biyyoonni sirna to’annoo safartuu walfakkaataa fi sadarkaa idil-addunyaatti fudhatama qabu yoo qabaatan qofa akka ta’e ibsaniiru. Itti dabaluunis sirna meetirooloojii ammayyeessuun dijiitaala gochuun Afrikaan hubannoo namtolchee fi teeknooloojiiwwan omishaa sadarkaa olaanaa qabaniif akka qophooftu taasisa jedhan. Bu’aan qorannoo laabraatoorii akka ardiitti fudhatama akka argatu gochuuf teeknooloojiiwwan dijitaalaa sirna meetrooloojii istaandaardii waliin walitti hidhuun danqaawwan daldalaa akka maqsus hubachiisaniiru. Dandeettii qorannoo laabraatoorii fi safartuu guddisuun danqaa daldalaa hir’isuu qofa osoo hin taane, daataa safartuu amanamaa ta’een ardii kana gara dinagdee dijitaalaatti akka ceetu kan deeggaru ta’uu ibsaniiru. Itoophiyaan haaromsa dinagdee biyya keessaa isheetiin dandeettii dhaabbilee guddisuu, invastimantii biyya alaa hawwachuu, oomisha qulqullina qabu gara biyya alaatti erguuf hojjechaa akka jirtu hubachiisaniiru. Itoophiyaan michoota naannoo fi idil-addunyaa waliin hojjechuun istaandaardii meetirooloojii cimsuu fi walitti hidhaminsa dinagdee Afrikaa dhugoomsuuf kutannoo guutuu qabdu irra deebitee mirkaneessiteetti. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Siyaasa

Adeemsi yaa’ii Mariichaa Abdachiisaadha
Aug 5, 2026 71
Adoolessa 29/2018 (ENA): Adeemsi yaa’ii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa abdachiisaa ta'uu hirmaattonni mariichaa ibsan. Yaa’iin marii biyyaalessaa guddaan Itoophiyaa Adoolessa 8 bara 2018 irraa eegalee wiirtuu Konveenshinii Idil-Addunyaa Addisitti gaggeeffamaa jira. Bakka bu'oonni ummata Itoophiyaa kuma afur biyya keessaa fi biyya alaa jiraatan dhimmoota ijoo saddeet irratti waliigaltee irra ga'uuf marii bal'aa fi hirmaachisaa ta'e gaggeessaa jiru. Bakka bu'oonni uummataa yaa’icharratti hirmaatan ENA’f akka ibsanitti Walga’iin marii biyyaalessaa kun sagaleen Itoophiyaanota hundaa kan itti dhaga'amu, hirmaachisaa fi iftoomina kan qabu ta'uu ibsaniiru. Hirmaattota marii gidduutti tokko yaada namaa biroo kan dhaggeeffatan carraa gaarii kan uume, waliigaltee waloo kan ijaaruu fi abdachiisaa ta'uu ibsaniiru. Hirmaataan marichaa kan ta’an Obbo Caalaa Gaarummaa akka ibsanitti, gaaffiileen biyyaalessaa Itoophiyaa keessatti ka'an deebii argachuuf bara dheeraaf walitti bu'insii fi wal dhabbiin yeroo dheeraaf kan baratame taa’ee tajaajileera. Mariin karaa furmaataa fi waliigaltee bu'a qabeessaadha kan jedhan hirmaataan kun bakka bu'oonni ummataa kuma afur ta'an waliin ta'uun waa'ee biyyaarratti mari'achuuf carraan uumamuun isaa yaadaa haaraa ibsachuuf kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Aadaan ijaarsa biyyaa olaantummaa yaadaarratti hundaa’ee dagaagsuuf ashaaraa keenyaa kan itti keenyu carraa guddaa uumuusaa fi itti gaafatamummaadha jedhaniiru. Hirmaataan biraa Obbo Wandimmuu Gizaawu gamasaaniin, walgahichi dhaloota dhufuuf olaantummaa yaadaarratti kan hundaa'e waliigalteen kan keessatti uumame Itoophiyaa dabarsanii kennuuf bu'uura kan kaa'u ta'uu ibsaniiru. Adeemsi bu'a qabeessi yaa’ii marii biyyaalessaa kunis Itoophiyaa gara sadarkaa fooyya'uutti kan ceessisuu fi abdii kan namatti horu ta'uu dubbataniiru. Walgahichi qorumsa Itoophiyaan bara dheeraaf dabarsite mariidhaan furuun dhimmoota bu'uuraa biyyaalessaa irratti furmaata waliinii fi waliigaltee ijaaruuf gahee guddaa akka qabu kaasaniiru. Dhimmoota gurguddoo biyyaalessaa irratti mari'atamu irratti marii bal'aa, hirmaachisaa fi ifaa ta'e taasifamaa jira kan jedhan immoo hirmaataa Obbo Taammannaa Haayiluuti. Marichaan iftoominaa fi hirmaannaan yaadni maddisiifamu waliigaltee waliiniirratti kan hundaa'e mootummaa biyyaalessaa cimaa ijaaruuf gumaacha gaarii akka gumaachaniif abdi qaban ibsaniiru. Hirmaataa biroon Obbo Balaayinee Densaamoo gamasaaniin kan nu qoodanirra dhummoonni nu tokkoomsantu caala, marii keenyaanis nagaa waaraa, misoomaa fi guddina Itoophiyaatiif kan barbaachisu mijeessuuf mari'achaa jirra jedhaniiru. Yaa’iin marii biyyaalessaa kun qabxii garaagarummaa gara waliigaltee waliiniitti jijjiiruun, Itoophiyaa fooyyoftuu, nagaa qabduu fi badhaadhina mirkaneessite ijaaruuf carraa seenaa qabeessa ta'uu isaas ibsaniiru.
Shira Kaayiroo Duuba; Dhugaa Itoophiyaa CNN’n Ifoomse
Aug 5, 2026 51
Tarsiimoon Masriin laga Abbayyaa to'achuuf qabdu inni guddaan foormulaa "Itoophiyaan cimtuu fi tasgabbaa'aan Kaayiroodhaaf balaadha" jedhu ture. Kanaaf mootummoonni Kaayiroo walduraa duubaan Itoophiyaan tasgabbooftuu akka taatuu fi qabeenya ishee akka sirnaan hin fayyadamne gochuuf carraaqqii guddaa taasisaa turaniiru. Seenaa keessatti madda laga Abbayyaa guutummaatti to’achuuf yaalii hedduu kan goote Masrii, lola seena qabeessa Gundeet (1875) fi Guuraa (1876) irratti harka Itoophiyaanotaan kufaatii hadhaawaa argatteetti. Kaayiroon waraana kallatti irraa erga deebitee booda tooftaa ishee gara "bittinnaa'uu keessootti" jijjiirteetti. Kunis mootummaan Itoophiyaa xiyyeeffannoo fi qabeenya maallaqaa isaa pirojektoota misoomaa (keessumaa hidha haaromsa guddicha Itoophiyaa fi bu’uuraalee misoomaa) irraa gara nagaa fi tasgabbii eeguutti akka deebisu taasisee, biyyattii jeequmsa keessoo dhuma hin qabne keessa galchuuf shira hedduu raawwachaa tureera. Kun yeroo fashalaa’u akka filannootti odeeffannoo sobaatti gargaaramuun ammas itti fuftee jirta. Erga ijaarsi Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa eegalamee as saayintistoonni siyaasaa fi dippilomaatonni Masrii seeneffama sobaa isaanii babal’isuun “hidhichi biyyoota yaa’a gadii irratti miidhaa hamaa geessisa” jechuun hawaasa addunyaa burjaajessaa turaniiru. Haa ta’u malee, hoggansa ogummaa qabuun Ministira Muummee Dr. Abiyiy Ahimad jalatti Itoophiyaan dhiibbaa alaa fi qormaata keessoo irra aanuun pirojektii guddaa kana xumuruu dandeesseetti. Kun fakkeenya guddaa qormaata gara carraatti jijjiiruudha; kunis yaada ida’amuuti. Ijaarsa hidhichaa hordofuun Kaayiroon irra deddeebiin komii sobaa fi olola jal’aa ta’u dhiyeessitus, dhugaan jiru suuta suutaan addunyaaf ifa ta’aa jira. Kana kan agarsiisu gabaasa gaazexeessituu Viktooriyaa Rubaadirii sagantaa CNN’n ji’a ji’aan “Connecting Africa” jedhu irratti dhiheessitedha. Badhaasa BBC’n bara 2020 ‘Komla Dumor Prize’ kan injifatte Viktooriyaa Rubadirii gabaasa ijaarsa hidha haaromsa guddicha Itoophiyaa irratti dhiheessiteen dhugaawwan qabatamaa fakkeessaa Kaayiroo fashaleessu hawaasa addunyaaf ifa goote. Agarsiisa gahumsa injinariingii fi misooma waloo CNN gabaasa isaa keessatti Hidhi Haaromsaa shira sobaa waggootaaf odeeffamaa ture osoo hin taane, moodeela gahumsa injinariingii tattaaffii injinarootaa fi ogeeyyii ijaarsaa Itoophiyaa miliyoonaan lakkaa’aman dhugoomse ta’uu ibseera. Mootummaan Masrii hidhicha akka “madda balaatti” fakkeessuuf yaalus, hidhichi Itoophiyaa qofaaf osoo hin taane guutummaa naannichaaf waltajjii misooma waliinii ta’uu gabaasni CNN ibseera. Pirojektiin guddaan Fulbaana bara 2025 ifatti eebbifame kun, dhiyeessii anniisaa biyyattii guddisuun lammiilee miliyoonaan lakkaa’amaniif ibsaa akka jiru agarsiiseera; akkasumas hidhichi qaama Itoophiyaan hiyyummaa keessaa of baasuuf taasiftu ta’uu mul’iseera. Gabaasni Gaazexeessituu Rubadirii Ijipti irra deddeebiin komii fi shira xaxaa turte qabxiilee gurguddoo sadii irratti ni morma. Qajeelfama Faayidaa Wal-faayidaa: Hidhichi pirojektii qajeelfama wal-faayyaduu irratti hundaa’e yoo ta’u, biyyoota yaa’a gadii hin miidhu, garuu dhangala’aa bishaanii to’achuu fi biyyee hir’isuu keessatti gahee gaarii kan qabu ta’uu hogganaan ijaarsa hidhichaa Injinar Kiflee Horoo agarsiisaniiru. Yaada Ida'amuu Naannoo: Itoophiyaan humna ibsaa gurguruun galii argachuun alattis hidhichi biyyoota naannichaa karaa anniisaa fi diinagdee kan walqunnamsiisu ta’uu ibsameera. Kunis mul’anni naannoo mootummaa ida’amuu Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin hoogganamu, jechuunis “waliin guddachuu fi wal deeggaruu” hojii irra ooluu fi akka Masriin jettutti naannicha gara tasgabbii dhabuutti akka hin geessine kan agarsiisudha. Cehumsa dinagdee ummata giddu galeessa godhate: Akkuma Gabaasa CNN keessatti hammataman Itti Gaafatamaa Giddugala Guddina Idil Addunyaa (IGC) Itoophiyaa Teediroos Mokonnen ifatti ibsan, Itoophiyaan ummanni ishee dhibbeentaa 70 umuriin isaa waggaa 30 gadi ta'e, galii mataa namaa giddu galeessa waggoota 15 duraa gadi ture Afrikaa keessaa dinagdee guddicha keessaa tokko taatee jirti. Hidhichi humna dargaggeessa kana gara oomishtummaa itti fufiinsa qabuutti jijjiiruuf tattaaffii taasifamaa jirudha. Goolaba: Walumaagalatti duulli dippilomaasii fi ololaa Masriin hidha kana irratti hundaa’uun gaggeessaa jirtu qumaara siyaasaa waan ta’eef dhugaa saayinsii fi lafa irraan wal hin simnedha. Hidhi Haaromsa Itoophiyaa guddichi, dandeettii biyya keessaa fi hoggansa biyyaalessaa ogummaa qabuun dhugoome, utubaa misoomaa bara diinagdee Itoophiyaa egeree bocuu fi naannoo Afrikaa humnaa fi daldalaan kan walqunnamsiisu yoo ta’u, biyya kamiifuu balaa kan ta’u miti. Injifannoon seena qabeessa yaadama ida’amuun kan guutame kun naannicha guutuu ibsuu itti fufee jira. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Yaa’ii Marii Biyyaalessaan yaadota waldhabdee mariitiin furuu fi waliigaltee biyyaalessaa kan uumuu danda’an ni eegamu - konfiraansii marii
Aug 5, 2026 138
Adoolessa 29/2018 (ENA): Konfiraansiin marii kun yaadota garaagarummaa mariitiin hiikuu fi nagaa waaraa fi waliigaltee biyyaalessaa uumuu danda’an ni qopheessa jedhamee eegama. Konfiraansiin marii Itoophiyaa guddichi Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee magaalaa Finfinee Giddugala Walgahii Idil Addunyaa Addis konveenshinii keessatti gaggeeffamaa jira. Hirmaattonni konfiraansii marii kuma afur, lammiilee Itoophiyaa biyya keessaa fi biyya alaa jiraatan bakka bu’uun ajandaa biyyaalessaa gurguddoo saddeet irratti mari’achaa jiru. Hirmaattota konfiraansii marii kana keessaa tokko Ongolay Goshando ENAtti akka himanitti, Konfiraansiin marii kun Itoophiyaa keessatti nagaa dhugaa fi waaraa uumuuf waadaa guddaa qaba jedhani. Konfiraansichi ilaalchaa fi yaada adda addaa bilisaan calaqqisiisuun dhaloota dhufuuf biyya fooyya’aa fi tasgabbaa’aa ijaaruuf bu’uura kan kaa’u ta’uu ibsaniiru. Yaada kennituun biraa Shaaron Amanaawuu waltajjiin kun yaada lammiilee Itoophiyaa hundaa ifatti kan calaqqisu ta’uu dubbataniiru. Bakka hirmaattonni yaada isaanii bilisaan ibsachuu fi garaagarummaa dhiphisuu fi hubannoo walootti dhufan ta'uu ibsiteetti. Hirmaattonni namootaa fi jaarmiyaalee kutaalee biyyattii adda addaa bakka bu’an waltajjii tokko irratti walga’uun isaanii tokkummaa biyyaalessaa daran kan ijaaru ta’uu obbo Sir’aat Sangireetiin ibsaniiru. Mariin waloo Itoophiyaa karaa bakka bu’oota isaanii taasifamu biyya waloo isaanii waliin ijaaruuf kutannoo qaban kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Filannoon Waliigalaa 7ffaan Kutannoo Ummanni Itoophiyaa Sirna Diimokraasii Ijaaruuf Qabu Qabatamaan Kan Mirkaneesseedha
Aug 2, 2026 853
Adoolessa 26/2018 (ENA): Filannoon waliigalaa 7ffaan kutannoo ummanni Itoophiyaa sirna diimokiraasii ijaaruuf qabu qabatamaan kan mirkaneesse ta'uu Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Korporeeshinii Miidiyaa Amaaraa (AMICO) waliin turtii taasisaniiru. Turtii isaaniitiinis, filannoon waliigalaa 7ffaan buufataalee filannoo kuma 50 ol irratti kan gaggeeffamee fi ummatnis osoo hin nuffiin sa'aatii dheeraa hiriiree sagalee isaa kenne ta'uu eeraniiru. Filannoon agarsiistuu sirna diimokiraasiiti kan jedhan Ministirri Muummeen filannoon karaa ummatni mootummaa diimokraatawaa ijaaruuf kutannoo qabu ittiin agarsiisu ta'uu isaas dubbataniiru. Lammiileen miiliyoona 54 ol ta'an adeemsa filannoo kana irratti hirmaachuun isaanii waan baay'ee akka barannu nu taasiseera kan jedhan Ministirri Muummeen, nageenya keenya akka sakattaanu, dhaabbilee keenya akka fooyyessinuu fi miira ummataa caalaatti akka hubannu nu taasiseera jedhaniiru. Kanaan booda Itoophiyaa keessatti karaa filannootiin ala karaa biraatiin aangoo itti argatan akka hin jirres eeraniiru. Filannoon waliigalaa 7ffaan aangoo karaa nagaa fi eeyyama ummataatiin qofa argachuun akka danda'amu kan agarsiise ta'uu eerun, filannichi hiika guddaa kan qabu ta'uu ibsaniiru. Filannoon waliigalaa 7ffaan dammaqsaas ture kan jedhan Ministirri Muummeen, lammiileen sagaleen dhukaasaa osoo itti dhaga'amuu, roobni, qorrii fi gufuuleen osoo isaan hin daangessiin gatii baasanii sagalee isaanii kennuuf tattaaffiin taasisan kan dinqisiifamudha jedhaniiru. Filannichi Itoophiyaanonni ijaarsa biyyaa irratti yaada faallaa dhaga'uuf qophaa'oo ta'uu dhabuu isaanii qabatamaan kan agarsiise ta'uus ibsaniiru. Ijaarsa biyyaa fi jiraachuun mootummaa faayidaan isaa maal akka ta'e dhaamsa guddaa kan dabarse ta'uus dubbataniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Ummanni naannoo Amaaraa akkuma ummatoota Itoophiyaa hunda tasgabbii biyyattii fi bal’ina iddoo siyaasaa isheef gumaacha guddaa taasiseera – Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Jul 31, 2026 1082
Adoolessa 24/2018 (ENA): Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad uummanni naannoo Amaaraa akkuma ummatoota Itoophiyaa hunda tasgabbii biyyattii fi babal’ina iddoo siyaasaa isheef gumaacha guddaa gumaacheera jedhan. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Dhaabbata Miidiyaa Amaaraa (AMC) waliin marii taasisaniiru. Ummanni naannoo Amaaraa akkuma ummatoota Itoophiyaa hunda sirna siyaasaa fooyyessuu, imala diinagdee saffisiisuu fi hunda hammatee taasisuuf yeroo jijjiirama biyyaalessaa ammaa fi kanaan duraa keessatti qabsaa’aa turuu yaadachiisaniiru. Imala jijjiirama kana hordofe keessatti ummanni naannoo Amaaraa fi ummanni Itiyoophiyaa guutuun harka isaa diriirsuun jijjiirama kana fudhachuun biyya tasgabbeessuu keessatti ga’ee isaanii akka ba’an hubachiisaniiru. Mootummaan haala siyaasaa fi diinagdee jijjiirama kanaan dura ture jijjiiruuf hojiiwwan bal’aa hawaasummaa raawwachuu isaa eeruun, adeemsa baniinsaa kana keessatti wanti gaariin mul’ateera jedhan. Haa ta'u malee, humnoonni karaa baname irratti dantaa sabaa Itiyoophiyaa mormuu fi miidhuuf hiriiran jiraachuus hubachiisaniiru. Qormaatni jiraatus ummanni naannoo Amaaraa karaan ida’amuu filannoo qofa ta’uu fi badhaadhinaaf carraaqqiin taasifamu sirrii ta’uu waan amanuuf, filannoon bara kanaa amantaa sana qabatamaan mirkaneessee jira. Kana malees, waliin hojjechuun, ciminaan hojjechuun, akka biyyaatti tokkummaan biyya seena qabeettii cimsuu akka dandeenyu ummanni yeroon itti amanu amma ta’uu ibsaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo
Yaa’ii ijoon gareewwan saddet hirmaattota 500 qabaniin Wiixata dhufu eegala- Piroofeesar Masfin Ara’aayaa
Jul 31, 2026 799
Adoolessa 24/2018(ENA) : Yaa’ii ijoon gareewwan saddet hirmaattota 500 qabaniin Wiixata dhufu ni eegala jedhan Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Piroofeesar Masfin Ara’aayaan. Piroofeesar Masfin Ara’aayaan adeemsa yaa’ii marii biyyaalessaa ilaalchisee ibsa kennaniin, gareewwan 16 hirmaattota 250 qaban ajandaalee irratti mari’achaa turan gabbisuun gareewwan 8 hirmaattota 500 qabaniif kan dhiyeessan ta’uu ibsaniiru. Mari’attoonni ajandaalee irratti waliigalteerra gahuun akka irraa eegamu eeranii, waliigalteerra gahuun seeraafi sirna mataasaa qaba jedhaniiru. Adeemsa waliigalteerra gahuu keessatti guutummaatti waliigalamuu yoo baate adeemsi ittiin hiikamu jiraachuus kaasaniiru. Kanaaf immoo gareen bakka bu’oota sadarkaa naannoo fi federaalaatti filatan jiraachuu eeruun, garichis garee naannoo fi bulchiinsa magaalotaa yookaan garee dhaabbilee federaalaa akka jedhamu ibsaniiru. Ogeeyyiin garaagaraa guyyoottan itti aanan hirmaattotaaf deeggarsa akka taasisan kaasanii, ogeeyyiin kunneen Kanaan duras deeggarsa gochaa turuu eeraniiru. Yaa’iin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee adeemsifamaa jira. #TOI #ENA Afaan Oromoo

Hawaasummaa
Duudhaan Raayyaa Ittisa Biyyaa, biyyaa fi ummata tiksuu bira darbee itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa bahachuudha.
Aug 5, 2026 9
Adoolessa 29/2018 (ENA): Duudhaan bu’uuraa Raayyaa Ittisa Biyyaa hojii tola ooltummaa irratti dammaqinaan hirmaachuudhaan itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa ba’uudha jedhan Daarektarri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Birgaadeer Jeneraal Hulluhaagarish Diras. Hoggantoonnii fi miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa dhaabbata tola ooltummaa Maqadooniyaa daawwachuun deeggarsa meeshaa fi maaddii qooddataniiru. Akka Daarektarri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Birgaadeer Jeneraal Hulluhaagarish Darasiitti, Raayyaan Ittisa Biyyaa hojii tola ooltummaa adda addaa irratti dammaqinaan hirmaachuudhaan itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa bahaa jira. Har’as dhaabbata tola ooltummaa Maqadooniyaa keessa jiru daawwachuun deeggarsa bal’aa taasisuu akka danda’es eeraniiru. Hojiin waldichaa "nama gargaaruuf nama ta'uu" qofti gahaa dha jedhu irratti kan hundaa'e namummaa guddaa kan agarsiisuu fi biyyaaf fakkeenya ta'uu eeruun, lammiilee deeggarsa barbaadan gargaaruun, nagaa biyyaa fi ummataa eeguun alatti, duudhaa bu’uuraa raayyaa ittisa biyyaa ta’uu ibsaniiru. Deeggarsi waliigalaa kun taatee yeroo tokkoo osoo hin taane, waldicha cinaa dhaabbachuun deeggarsa isaanii cimsuu kan itti fufan ta’uu mirkaneessaniiru. Maanguddootaa fi dhukkubsattoota deeggaruun itti gaafatamummaa nama hundaa ta’uu akka qabu hubachiisuun, ummanni Itoophiyaa guutuun, invastarootaa fi lammiileen biyya alaa jiraatan kaayyoo qulqulluu kana cinaa akka dhaabbatan waamicha dhiyeessaniiru. Akkasumas, maanguddootaa fi dhukkubsattoota waldicha keessa jiraniif ergaa dabarsuudhaan, "Isin qabeenya biyya keenyaa fi imaanaa keenyaati; isin kophaa keessan miti, raayyaan ittisaa fi ummanni guutuun isin waliin jira" jechuun dhaamsa dabarsaniiru. Hundeessaa fi daayreektarri Waldaa tola ooltummaa Maqadooniyaa Biiniyaam Ballaxaa gama isaaniitiin, Raayyaan Ittisa Biyyaa deeggarsa meeshaa fi waldicha maaddii qooddachun isaatiif galata guddaa qaban ibsaniiru. Dhaabbileen biroos ta’e namootni dhuunfaa fakkeenyummaa Raayyaa Ittisa Biyyaa hordofuun waldichaaf deeggarsa danda’amu hunda akka taasisanis waamicha dhiyeessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Bara bajata kanatti hojiiwwan tokkummaa sab-lammootaa cimsan raawwatamaniiru
Aug 5, 2026 53
Adoolessa29/2018 (ENA) Bara baajataa xumurametti hojiin tokkummaa sab-lammootaa caalaatti cimsan raawwatamuu isaanii Ministirri Aadaa fi Ispoortii Shawwiit Shaankaa ibsaniiru. Ministeerri Aadaa fi Ispoortii gamaaggama raawwii karoorraa bara baajataa 2018, marii karoora bara baajataa 2019 fi walga’ii waggaa akkasumas waggoota sadan dhufan kan giddu-galeessaa gaggeessaa jira. Ministirri Aadaa fi Ispoortii Shawwiit Shaankaa yeroo kana akka ibsanitti, walga’ichaan aadaan, Aartii fi Ispoortiin dinagdee biyyaa fi jireenya hawaasaaf gumaacha taasisaniin karaa saayinsaawaa ta'een deeggaruuf fuuldurattis kallattii imaammataa bocuuf mariin kan taasifamu ta'uu ibsaniiru. Bara baajatichaatti hojiwwan gurguddoo raawwataman kan kaasan Ministirri kun bara baajatichaa ayyaanota jijiirraa waggaa sab-lammootaa 47 fi ayyaanota kabajaa biyyaalessaa 5 milkaa’inaan kabajamuu isaanii dubbataniiru. Ayyaanota kana irratti ummanni miliyoona 46 ol hirmaachuun tokkummaa sab-lammootaa caalmaatti cimsuu isaa hubachiisaniiru. Dabalataan bara baajatichaatti imaammanni ispoortii waggoota 28 darban hojiirra ture fooyya'uu isaa ibsanii, imaammatichi dinagdeef gumaacha akka taasisuf kan yaadame ta'uu ibsaniiru.
Sadarkaa biyyaatti dhibeewwan bishaaniin daddarban ittisuuf hojiwwan ittisaa fi to’annoo qindaa’aa raawwatamaniin bu’aan argameera
Aug 4, 2026 308
Adoolessa 28/2018 (ENA) – Sadarkaa biyyaatti dhibeewwan bishaaniin daddarban ittisuuf hojiwwan ittisaa fi to'annoo qindaa'aa raawwatamaniin bu’aan argamuusaa Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa beeksise. Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa karoora dhibee Koleeraa biyyattii keessaa balleessuu fi hojiwwan raawwataman irratti kan xiyyeeffate konfiraansii marii guyyaa sadii gaggeessuu eegaleera. Sirna baninsa mariicharratti Itti aanaan Daarektara Olaanaa Inistitiyuutichaa Dr. Malkaamuu Abitee akka ibsaniitti; yeroo gannaa dhibeewwan bishaaniin daddarban ittisuuf hawaasni bishaan qulqullaa'e fayyadamuu fi of eegggannoo barbaachisaa taasisuu qaba jedhaniiru. Qaamota dhimmi ilaalu wajjin ta’uun hojiiwwan ittisaa hojjetamaa jiraachuun kan eerame yoo ta'u; hawaasni waanti shakkisiisaan yoo isa quunname lakkoofsa sarara bilisaa 8335 irratti bilbiluun odeeffannoo argachuu akka danda'u ibsaniiru. Dhaabbileen fayyaa fi Ogeeyyiin qophii ta’uusaanii ibsuun; Hawaasni wal’aansa barbaachisaa argachuu akka danda'u dubbataniiru. Ammaan dura dhibee Koleeraa ittisuuf hojiiwwan ittisaa fi to'annoo qindaa'aa raawwatamaniin bu’aan argamuu ibsaniiru. Qulqullinaan, talaalliin akkasumas damee dursanii ittisuun hojiiwwan milkaa’oon raawwataman Koleeraa balleessuuf kan dandeessisan ta'uu ibsanii; bu'aa kana cimsanii itti fufsiisuuf hojiin qindaa'aan hojjetamaa jira jedhaniiru. Sadarkaa biyyaalessaatti tarsiimoo Koleeraa dhabamsiisuuf qophaa’ee biyyoota biroof fakkeenya kan ta’u fi haala bu’aa qabeessa ta’een hojiirra oolaa jiraachuu ibsaniiru. Itoophiyaan damee kanaan hojii Afriikaaf fakkeenya kan ta’u kan raawwatte yoo ta’u naannoo daangaa biyyoota ollaa wajjin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Dhaabbilee michootaa fi qaamota dhimmi ilaalu wajjin mariin taasifamu kun dhibicha guutummaatti balleessuuf tattaaffii taasifamu kan cimsu ta'uu ibsaniiru. Daarektarri to’annoo Balaa Fayyaa Hawaasaa, Deebii fi Deebisanii dhaabuu Inistitiyuutichaa Obbo Madaaniyyee Habtatsiyoon human namaa fi laabiraatoorii dhibeewwan ittisuuf dandeessisu jiraachuu ibsaniiru. Kunis hojiiwwan adda baasuu saffisaa raawwachuuf deebii ariifachiisaa kennuudhaaf kan dandeessise ta'uu ibsaniiru. Maricharratti kan argaman Itoophiyaatti ogeessi balaa tasaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr. Iinoosenti Komaakech gama isaaniitiin, Itoophiyaan Koleeraan yaaddoo fayyaa hawaasaa akka hin taane hojiin isheen raawwatte kan dinqisiifatu ta'uu ibsaniiru. Dabalataanis Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa tattaaffii Itoophiyaan taasiftu deeggaruuf michummaasaa cimsee kan itti fufu ta'uun ibsameera.
Bara baajataa xumurameetti Finfinneen fayyadamummaa hawaasummaa ummataa mirkaneessuun bu'aawwan olaanoo galmeessisteetti
Aug 4, 2026 178
Adoolessa 28/2018 (ENA) – Bara baajataa 2018 xumurameetti Finfinneen fayyadamummaa hawaasummaa ummataa mirkaneessuun bu'aawwan olaanoo kan galmeessite ta’uun ibsameera. Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Kilaastara Misooma Hawaasummaarratti raawwii bara baajataa 2018 fi karoorra bara baajataa 2019 irratti mari’ateera. Hogganaan Biiroo Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi bakka bu’aan qindeessaa Kilaastara Misooma Hawaasummaa Dr. Yohaannis Caalaa akka ibsaniitti; kilaastarichi bara baajataa 2018 qindoominaan hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hedduu raawwateera. Hojiiwwan dhaabbata tokko qofaan eegalmanii xumuramuu hin dandeenye fi tumsa dhaabbilee biroo gaafatan walitti qindaa’anii karoorfamanii, waliin gamaggamamuun bu’a qabeessummaadhaan hojjetamuu isaanii yaadachiisaniiru. Haaluma kanaan bara baajataa xumurameetti fayyaa, barnoota fi dameewwan hawaasummaa biroo keessatti uummata fayyadamaa kan taasisan hojiwwan hedduun qindoominaan bu’a qabeessummaadhaan hojjetamuu eeraniiru. Sirni qindoomina kanaa dhaabbilee hundaaf dandeettii kan uumuu fi muuxannoo gaarii ta’uu isaatiin, fuuldurattis dameewwan hundatti cimee kan ittifufu ta'uu ibsaniiru. Itti aanaan Hogganaa Biiroo Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Obbo Saamsoon Mallaasaa bara barnootichatti milkaa’owwan galmaa’an akka milkaa’an Kilaasatarri Misooma Hawaasummaa gahee ol’aanaa taphachuu isaa ibsaniiru. Kilaastarichi fayyaa barattootaa, nyaata, qulqullina barnootaa fi leenjii akkasumas to’annoo waliin hojiwwan raawwataman saffisiisuuf gumaacha ol’aanaa gumaachuu isaa eeraniiru. Kanaanis bara baajataa xumurameetti dhaabbilee barnootaa hunda keessatti adeemsi barsiisuu fi barachuu tasgabaa’aa, nagaa fi mijataa ta'e akka jiraatu dandeessiseera. waajjira Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti Obbo Mollaa Nugus gama isaaniitiin, bara baajatichaatti damee hawaasummaatiin bu'aan olaanaan galmaa'uu ibsaniiru. Bara baajataa 2019ttis bu'aawwan ol’aanoo galmaa’an itti fufsiisuuf bu'aa caalu galmeessuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba hubachiisaniiru.
Diinagdee
Naannichaatti hojiilee hordoffii fi to’annoo gabaa cimsuun qaala’insa jireenyaa salphisuuf xiyyeeffannoon kennameera
Aug 5, 2026 14
Adoolessa 29/2018 (ENA): Bara baajataa qabametti hojiilee hordoffii fi to'annoo gabaa cimsuun akkasumas dhiyeessii omishaalee qonnaa fi industirii akka fooyya'u taasisuun qaala’insa jireenyaa salphisuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta'uu Ejensiin Misooma Daldaa Naannoo Hararii beeksise. Hogganaan Ejensii Misooma Daldaa Naannoo Hararii obbo Shariif Mummee dhimmoota raawwii ijoo bara baajata kanaa irratti ibsa kennaniiru. Ibsa isaaniitiinis bara baajata kanatti naannichatti qaala’insa jireenyaa salphisuuf hojiileen dandeessisan cimee kan raawwatamu ta'uu ibsaniiru. Keessattuu hojiilee hordoffii fi to'annoo gabaa cimsuun dhiheessii omishaalee qonnaa fi industirii akka fooyya'u taasisuun hojiileen xiyyeeffannaa olaanaa kan kennamuuf ta'uu dubbataniiru. Daldaltootaa Hawaasa shamaachaa baasii hin mallee saaxilanii fi kan rakkisan akkasumas daballii gatii hin malle raawwatan irratti hojiin iti gaafatamaa taasisuu hojjetama jedhan. Dhiyeessii omishaa fooyyaessuun, hudaawwan waliti hidhaminsa gabaa hiikuunii fi daldala seeraan alaa to'achuuf hojiileen xiyyeeffannaa addaa kennameefii kan hojjetamu ta'uu eeraniiru. Gabaa Sanbataa fi Dilbataa cimsuun omishaalee kuduraafi muduraafi bu'aalee industirii kallattiin shamaataaf dhiyeessuun qaala’insa jireenyaa salphisuuf kan hojjetamu ta'uu dubbataniiru.
Godina Gujiitti Omiishni Rooba Arfaasaatiin Misoome Kombaayiinaraan Deeggaramee Walitti Qabamaa Jira
Aug 5, 2026 39
Adoolessa 29/2018 (ENA) : Naannoo Oromiyaa Godina Gujiitti omiishni rooba Arfaasaatiin misoomee ga’e Kombaayiinaraan deeggaramee walitti qabamaa jiraachuun ibsame. Godinichatti roobni Arfaasaa Bitootessaa hanga Eblaatti waan roobuuf hojiin qonnaa fi facaasaa kan geggeeffamu yoo ta'u, omiishni ga'es hanga walakkaa Hagayyaatti kan walitti qabamu ta'uun ni beekama. Waajjirichatti Dursaan Garee Misoomaa fi Eegumsa Midhaanii Obbo Mangistuu Hirbaayee ENA’f akka ibsanitti, omisha rooba Arfaasaatiin lafti hektaara kuma 301 fi 956 ta'u misoomera. Kana keessas lafti hektaara kuma 240 ol ta'u kilaastaraan kan misoome yoo ta'u, lafa misoome kana irraas omishni kuntaala miiliyoona 7 ol ni eegama jedhaniiru. Yeroo ammaa maashinoota Kombaayiinaraa godinicha galaniifi humna namaatiin deeggaramuun hojiin omiisha walitti qabuu ariitiidhaan gaggeeffamaa jiraachuu eeraniiru. Keessattuu midhaan maashiniin walitti qabuun yeroo fi humna qusachuu malees, qulqullina omishaa eeguu fi qisaasama ittisuu keessatti shoora olaanaa akka qabu ibsaniiru. Hojii hanga ammaatti hojjetameen lafa hektaara kuma 149 fi 175 ol irraa omishni kuntaala miiliyoona 2.8 walitti qabamuu danda'eera jedhaniiru. Midhaan ga'e rooba darbee darbee roobuun akka hin mancaane tumsaan walitti qabamaa kan jiru yoo ta'u, misooma kana irratti qonnaan bultoonni kuma 129 ol akka hirmaatan himaniiru. Godinichatti Aanaa Adoolaa Reeddee Ganda Qiilxuu Sorsaatti qonnaan bulaa kan ta’an Shuunaa Goobanaa yaada kennaniin, rooba Arfaasaatiin midhaan qamadii kilaastaraan facaasan irraa omisha gaarii akka argatan dubbataniiru. Rooba roobaa jiruun midhaan ga'e akka hin miidhamneef qonnaan bultoota naannoo sanaa waliin daboon walitti qabaa akka jiran himaniiru. Naannichi gammoojjii fi rooba xiqqaa waan argatuuf, waggaa waggaadhaan omiishni argatan dadhabbii isaanii waliin kan hin madaalle akka ture qonnaan bulaan kun himaniiru. Teknoolojii fooyya'aa fayyadamuu fi midhaan tooraan fi kilaastaraan facaasuu erga jalqabanii as omishtummaan isaanii dabaluun fayyadamaa ta'uu isaanii ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Naannoo Oromiyaatti hanga ammaatti lafti heektaara miiliyoona 8 ol kilaastaraan sanyii filatamaa gosa adda addaan uwwifameera
Aug 5, 2026 46
Adoolessa 29/2018 (ENA) : Naannoo Oromiyaatti hanga ammaatti lafti heektaara miiliyoona 8 ol kilaastaraan sanyii filatamaa gosa adda addaatiin facaafamuu Biiroon Qonna Naannichaa beeksise. Akka Itti Gaafatamaan Biiroo Qonnaa Naannichaa obbo Geetuu Gammachuu Naannichatti teeknooloojii fi hojmaata qonnaa bal’inaan fayyadamuun wabii nyaataa mirkaneessuuf hojiiwwan hojjetamaa jiru jedhaniiru. Bara oomishaa kanatti lafa heektaara miiliyoona 11.1 ol misoomsuun kuntaala miiliyoona 380 fi kuma 659 ol oomishuuf karoorfamuu ibsaniiru. Lafti heektaara miiliyoona 10 fi kuma 199 ol qotamee facaasaaf qophaa’uu isaa hubachiisuun, kana keessaa lafti heektaara miiliyoona 8 fi kuma 259 ol sanyii filatamaan olaanaa qabu adda addaatiin misoomuu isaa hubachiisaniiru. Fayyadamummaa qonnaan bulaa misooma kana irraa argamu guddisuuf, qophii lafaa irraa eegalee, fooyya’iinsa ogummaa fi leenjii hubannoo bal’aan kennameera jedhan obbo Geetuun. Akkasumas ogeeyyii qonnaatiin deeggarsaafi hordoffiin taasifamaa akka jiru himaniiru. Misooma kana keessatti baay’inaan boqqolloo, qamadii, garbuu, fi midhaan gurguddoo biroo akkasumas sanyii zayitaa adda addaa bal’inaan misoomsaa jiraachuu ibsaniiru. Omishaa fi omishtummaa guddisuuf galteewwan bal’inaan kan dhiyaatan ta’uu kan ibsan hogganaan kun, bara oomishaa kanatti xaa’oo biyyee kuntaala miiliyoona 14 ol dhiyeessuuf karoorfamee, karaa waldaalee hojii gamtaa fi yuniyeenotota naannichaatiin kuntaalli miiliyoona 9 fi kuma 864 fi 569 qaqqabuu isaa ibsaniiru. Itti dabaluunis hojii hanga ammaatti hojjetameen qonnaan bultootaaf kuntaalli miiliyoona 6 fi kuma 787 ol raabsameera jedhani. Kana malees, oomishtummaa guddisuu fi fayyadamummaa qonnaan bulaa guddisuuf kuntaala kuma 673 fi 368 kenname keessaa sanyii filatamaa adda addaa kuntaala kuma 627 fi 953 wabii nyaataa mirkaneessuuf ooluu isaa ibsaniiru. Itti dabaluudhaan oyiruu qonnaan bultootaaf sanyii kuntaala kuma 948 fi 749 qophaa’uu ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Imala wabii nyaataa milkaa’ina qabatamaatti jijjiirame
Aug 5, 2026 73
Buusaa Gonofaa Oromiyaa ergama ijoo Naannoo Oromiyaa keessatti qormaatilee uumamaa fi namtolchee tasa mudatan humna waloo hawaasa bal’aa hirmaachiseen walirraa qolchuu bu’uura godhatee hojjechaa jira. Buusaa Gonofaa duudhaa keenya ganamaa iddootti deebisuuf hojjechaa jira. Gama biraan; Buusaa Gonofaa Oromiyaa deeggarsaan olitti ceesisuun akeeka galma biyyoolessaa kan ta’e yaadama deeggarsa namoomaa humna ofiin-kabajaa fi birmadummaa hunda galeessaaf, jedhu dhugoomsuuf hojjechaa jira. Haaluma kanaan qabeenya uumamaa naannoo keenya keessatti argamu sakatta’uudhaan lafa qonnaa tajaajila malee lafa bulaa jiru irratti abbummaa itti fayyadama lafaa mirkaneeffachuun maashinarii qonnaa humna namaan dabaaluun Godinaalee Oromiyaa haala mijataa qaban keessatti invastimantii qonnaa gaggeessuu irratti argama. Bu’uuruma kanaan invastimantii qonnaa kilaastara Lixaa Godina Wallagga Bahaa Aanaa Guutoo Giddaa Ganda Luugoo Baadiyyaatti akaakuu midhaan Boqqoolloo bara oomishaa 2018/19 tiif lafa heektaara dhibba afurii olirratti faca’ee jiru ogeeyyii qonnaa wiirtuu irratti argamaniin haala gaariin kunuunfamaa kan jiruu kan abdii namatti horudha. Imala birmadummaa wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf biyyi keenya tattaafachaa jirtu fiixa baasuuf hojii fakkeenyummaa qabu raawwachaa kan jiruu fi fuula duraafis Godinaalee biroo keessatti hirmaannaa qooda fudhattootaan daran babal’isuuf sochii gochaan dabaalame mul’saa jira. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Saayinsii fi teeknooloojii
Milkaa'ina Naannoo Daldala Walaba Afrikaaf sirna safartuu fi safartuu amanamaa ijaaruun murteessaadha - Ministira Dr. Kaasahuun Gofee
Aug 5, 2026 56
Adoolessa 29/2018 (ENA): Sirna safartuu fi safartuu amanamaa ijaaruun milkaa’ina Naannoo Daldala Walaba Afrikaatiif murteessaadha jedhan Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa Naannawaa Dr. Kaasahuun Gofee. Yaa'iin Waliigalaa Dhaabbata Meetrooloojii Afrikaa 19ffaa mata duree "Metrooloojii Jijjiirama Dijiitaalaa; Safartuuwwan Amanamoon Egeree Afrikaaf" jedhuun Finfinneetti gaggeeffamaa jira. Yaa’ii Waliigalaa kana irratti Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa Naannawaa Dr.Kaasahuun Gofee ; Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Meetrooloojii Itoophiyaa Dr. Mulugeetaa Darribaawu fi Pireezidaantiin Dhaabbata Meetrooloojii Afrikaa (AFRIMETS) Dr. Heenerii Kibeet Rootich , qondaaltota mootummaa olaanoo fi bakka bu’oota biyyoota Afrikaa adda addaa aragamaniiru. Ministirri Daldalaa fi walitti hdhaminsa naannawaa Dr. Kaasahuun Gofee wayita sana akka jedhanitti; Oomishaaleen biyya Afrikaa tokko keessatti oomishaman sakatta’iinsa qulqullinaa fi safartuu dachaa osoo hin darbiin bilisaan biyya tokko irraa gara biyya biraatti akka socho’an istaandaardii safartuu tokkummaa diriirsuun barbaachisaa dha jedhani. Ida’amuun daldala ardiilee bu’a qabeessa ta’uu kan danda’u biyyoonni sirna to’annoo safartuu walfakkaataa fi sadarkaa idil-addunyaatti fudhatama qabu yoo qabaatan qofa akka ta’e ibsaniiru. Itti dabaluunis sirna meetirooloojii ammayyeessuun dijiitaala gochuun Afrikaan hubannoo namtolchee fi teeknooloojiiwwan omishaa sadarkaa olaanaa qabaniif akka qophooftu taasisa jedhan. Bu’aan qorannoo laabraatoorii akka ardiitti fudhatama akka argatu gochuuf teeknooloojiiwwan dijitaalaa sirna meetrooloojii istaandaardii waliin walitti hidhuun danqaawwan daldalaa akka maqsus hubachiisaniiru. Dandeettii qorannoo laabraatoorii fi safartuu guddisuun danqaa daldalaa hir’isuu qofa osoo hin taane, daataa safartuu amanamaa ta’een ardii kana gara dinagdee dijitaalaatti akka ceetu kan deeggaru ta’uu ibsaniiru. Itoophiyaan haaromsa dinagdee biyya keessaa isheetiin dandeettii dhaabbilee guddisuu, invastimantii biyya alaa hawwachuu, oomisha qulqullina qabu gara biyya alaatti erguuf hojjechaa akka jirtu hubachiisaniiru. Itoophiyaan michoota naannoo fi idil-addunyaa waliin hojjechuun istaandaardii meetirooloojii cimsuu fi walitti hidhaminsa dinagdee Afrikaa dhugoomsuuf kutannoo guutuu qabdu irra deebitee mirkaneessiteetti. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Ministirri Tiraansifoormeeshinii fi Innooveeshinii Dijitaalaa Beeniin, Mahunaa Akipiloogaan Tajaajila Giddugala iddoo tokkoo (Masoob) Federaalaa daawwatani
Aug 5, 2026 50
Adoolessa 29/2018 (ENA): Ministirri Tiraansifoormeeshinii fi Innooveeshinii Dijitaalaa Beeniin, Mahunaa Akipiloogaan Tajaajila Giddugala iddoo tokkoo (Masoob) Mootummaa Federaalaa daawwataniiru. Jilli Ministira Tiraansifoormeeshinii fi Innooveeshinii Dijitaalaa Beeniin Mahunaa Akipiloogaaniin durfamu daawwannaa hojii guyyoota shaniif Itoophiyaatti taasisuuf kaleessa galgala Finfinnee akka seenan ni beekama. Haaluma kanaan Ministirrii fi jilli isaanii yeroo ammaa Tajaajila kenninsa iddoo tokkoo (masoob) Federaalaa daawwachaa jiru. Hojii gaggeessaan olaanaa masoob Federaalaa Yoonaas Alamaayyoo miseensota jila kanaaf ibsa kennaniiru. Hojii gaggeessaan olaanaa kun ibsa kennaniin, Tajaajilli kenniinsa iddoo tokkoo kuni waggaa tokko keessatti tajaajila mootummaa 200 ol karaa wiirtuu tokkicha bu’uuraalee misoomaa guutuu ta’een gahumsaan akka kennamuu dandeessisu ibsaniiru. Kunis bu’uuraalee dinagdee Itoophiyaa keessatti ijoo ta’uu fi tajaajilli mootummaa iftoominaa fi gahumsa akka qabaatu taasiseera, kunis madda komii baay’ee akka ture eeraniiru. Tajaajilli dhaabbata tokkoo hojii daldalaa fi invastimantii mijeessuuf bu’aa qabatamaa galmeessisuun isaa ni yaadatama. Tajaajilli kun dhaabbilee mootummaa walitti makuun tajaajilli mootummaa hundi mana tokko jalatti akka kennamu dandeessiseera jedhan. Turtii isaanii kanaan Ministirri Tiraansifoormeeshinii fi Innooveeshinii Dijitaalaa Beeniinii fi jilli isaanii dhimmoota waltajjiiwwan biyyoota lamaanii irratti mari’atamuu danda’an irratti hoggantoota olaanoo mootummaa waliin ni mari’atu. Jijjiirama dijitaalaa, bulchiinsa mootummaa, kalaqaa fi bulchiinsa tarsiimoo irratti muuxannoo wal jijjiiruun ni eegama. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Itoophiyaan birmadummaan dijitaalaa kan mirkaneessu tarkaanfii kutannoo fudhachaa jirti - Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Aug 5, 2026 67
Adoolessa 29/2018 (ENA): Itoophiyaan birmadummaa dijitaalaa kan mirkaneessu tarkaanfii kutannoo fudhachaa jirti jedhan itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Imala jijjiirama dijitaalaa Itoophiyaa keessatti boqonnaa haaraa kan bane pirojektiin "Faayidaa Varsi" gaggeeffameera. Itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa sirna banininsa piroojektii kanaa sababeeffachuun akka jedhanitti; Pirojektiin "Faayidaa varsi" hojii eegaluun isaa tarkaanfii seena qabeessa Itoophiyaan birmadummaa dijitaalaa isheef kutannoo cimaa qabdu kan agarsiisudha. Sagantaan Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa waggoota muraasa darban keessatti lafee dugdaa dinagdee dijitaalaa biyyattii ta’ee ijaaramuu isaa hubachiisuun, akkasumas hanga ammaatti lammiileen miliyoona 50tti siqan galmaa’uu isaanii ibsaniiru. Kunis waraqaa eenyummaa biyyaalessaa miiliyoona 13 ol kennuu, tajaajila mirkaneessa eenyummaa miiliyoona 160 ol kennuu, bu’uuraalee eenyummaa dijitaalaa damee dinagdee tarsiimoo 13 keessatti hundeessuun kan dabalatudha. Sagantaan waraqaa eenyummaa biyyaalessaa maqaa “Faydaverse” jedhuun Invastimantii Itoophiyaa Holdingis jalatti akka dhaabbata misooma mootummaatti irra deebiin gurmaa’uu ibsaniiru. Sagantaan kun giddugala bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa Itoophiyaa mataasaa danda’e ta’ee akka tajaajilu hubachiisaniiru. Pirojektichi bara 2030tti oomisha biyya keessaa (GDP) Itoophiyaa dhibbeentaa 6’n dabaluu fi bu’aa diinagdee kallattiin doolaara biliyoonaan lakkaa’amu argamsiisa jedhamee akka eegamu ibsaniiru. Tajaajilli kun karaa ‘application FaydaPass’ fi oomishaalee dijitaalaa ammayyaa birootiin kan kennamu yoo ta’u, kunis dhaqqabummaa fi dandeettii furmaataa tajaajilichaa haalaan kan dabalu ta’uu hubachiisaniiru. Itti dabaluunis yeroo keenyatti daataa utubaa dinagdee fi birmadummaa ijoo waan ta’eef teeknooloojiiwwan nageenya saayibarii ammayyaa fi imaammattoonni bulchiinsa daataa ciccimoon itti fufiinsaan hojiirra oolchuun nageenya odeeffannoo biyyaalessaa mirkaneessuu akka qaban ibsaniiru. Teeknooloojiin hawaasa baadiyyaa fi magaalaa walitti hidhuu, qaqqabummaa tajaajilaa babal’isuu fi hiyyummaa hir’isuuf gargaaruu akka qabu ibsaniiru. Hubannoo dijitaalaa lammiilee guddisuun qaama ijoo tarsiimoo ta’uu akka qabu cimsanii dubbataniiru. Tarsiimoo Dijitaal Itoophiyaa(“Digital Ethiopia 2030”) jedhuun walsimsiisuun muuxannoo bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa biyyoota Afrikaa biroo waliin qooddachuuf hojiin eegalame cimee itti fufa jedhaniiru. Kunis tumsa ardiilee fi dippilomaasii dijitaalaaf bu’uura cimaa akka ta’u ibsaniiru. Dhaabbanni Invastimantii Itoophiyaa akka fandii qabeenya birmadumaa biyyattiitti qabeenya biyyaalessaa haala bu’a qabeessa ta’een bulchuuf hojjechaa jiraachuu eeraniiru. “Fayidaa varsi” maatii kanatti makamuun isaa tarkaanfii seena qabeessa eenyummaan dijitaalaa akkuma daandii, humnaa fi telekoomii bu’uuraalee tarsiimoo murteessaa ta’uu isaa mirkaneessu ta’uu ibsaniiru. Ogeessota teeknooloojii, hoggantoota dhaabbatichaa, hojjettootaa fi michoota misoomaa milkaa’ina kana dhugoomsuuf gumaachan galateeffataniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Itoophiyaan karoora anniisaa niwukilaraa humna ibsaa maddisiisuudhaaf qabduun walsimsiisuun bu’uura danbii fi seeraa idil-addunyaa cimsaa jirti
Aug 4, 2026 212
Adoolessa 28/2018 (ENA): Itoophiyaan karoora anniisaa niwukilaraa humna ibsaa maddisiisuudhaaf qabduun walsimsiisuun bu’uura danbii fi seeraa idil-addunyaa cimsaa akka jirtu Abbaan Taayitaa Teeknooloojii Itoophiyaa beeksise. Abbaan Taayitaa Teeknooloojii Itoophiyaa wixinee dambii iddoowwan niwukilaraa irratti dhaabbilee mootummaa, waldaalee ogummaa fi qooda fudhattoota biroo waliin waltajjii marii gaggeessaa jira. Itoophiyaan anniisaa niwukilaraa kaayyoo nagaa fi madda humna ibsaatiif fayyadamuu akka qabdu ifatti Ejensii Inarjii Atoomikii Idil-addunyaatiif erga ifatti beeksistee asitti sirna danbii cimsuuf hojiin bal’aan hojjetamaa turuusaa Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa Dr. Solomoon Geetaachoo ibsaniiru. Adeemsa kana keessatti ijaarsi dandeettii humna namaa, bu’uuraalee seeraa fi danbiiwwan qopheessuu, buufata fialachuu fi sirna inspeekshinii fi raawwachiisummaa akkaataa ulaagaa idil-addunyaatiin qophaa’aa jira jedhan. Wixineen dambii kun ulaagaalee dhaabbilee niwukilaraa bakka itti hundeessan, eegumsa nageenya naannoo fi hawaasaa, ittisa balaa uumamaa fi namtolchee fi deebii hatattamaa kan hammate ta’uu ibsaniiru. Abbaan taayitichaa Komishinii to’annoo Niwukilaraa Ameerikaa (USNRC), dhaabbata to’annoo Raashiyaa (Rostechnadzor) fi michoota idil-addunyaa biroo waliin ijaarsa dandeettii fi tumsa ogummaa gaggeessaa jira jedhan. Marii kanarratti galteewwan qooda fudhattoota irraa walitti qabaman wixinee dambii kana fooyyessuu fi raggaasisuuf bu’uura ta’uun kan tajaajilu ta’uu ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Ispoortii
Ispeen Arjentiinaa injifachuun waancaa addunyaa kaafte
Jul 20, 2026 1397
Adoolessa 13/2018 (ENA): Ispeen tapha xumuraa waancaa addunyaa 23ffaa irratti Arjentiinaa 1 fi 0’n injifatte. Taphichi Niiw Yoorkitti Istaadiyeemii Niiw Jeersii keessatti kan gaggeeffame kun yeroo xapha idilee booda goolii malee qixa xumurame. Taphataan sarara gidduu Arjentiinaa Enzoo Fernandez daqiiqaa 93ffaa irratti kaardii keelloo lamaa fi kaardii diimaa erga argateen booda dirreedhaa lakkisee baheera. Gareen kunneen daqiiqaa 90 booda osoo hin injifatiin gara sa'aatii dabalataatti seenaniiru. Taphataan jijjiirraa Feeraan Toorees daqiiqaa 106ffaa irratti goolii injifannoo galcheera. Ispeen tapha kana irratti ol'aantummaa qabattee jirti. Goolii eegaa Arjentiinaa Emiliyaanoo Maartineez kubbaa hedduu qusachuu danda'eera. Morkattoonni Arjentiinaa tapha kana irratti ga’umsa gaarii agarsiisaniiru. Gareen kun carraa goolii galchuu tokkollee uumuu hin dandeenye. Bu'aa kana hordofuun Ispeen waancaa addunyaa ishee lammaffaa injifatte. Biyyi Awurooppaa kun waancaa addunyaa 19ffaa akka lakkoofsa Awurooppaa bara 2010 Afrikaa Kibbaatti gaggeeffame irratti injifchuun ishee ni yaadatama. Arjentiinaan ulfina waancaa addunyaa ishee itti fufsiisuuf turte hin dandeenye. Abjuun isaanii yeroo 4ffaaf waancaa kana injifachuuf qaban diigameera.
Ciminni Ispoortii ummataa dhaloonni fayyaa buleessi akka jiraatu gochuun olitti duudhaa waloomaa niguddisa
Jul 11, 2026 2822
Adoolessa 4/2018 (ENA)- Ciminni Ispoortii ummataa dhaloonni fayyaa buleessi akka jiraatu gochuun olitti duudhaa waloomaa kan guddisu ta’uu komishiniin ispoortii naannoo Hararii beeksise. Magaalaa Hararitti kan argamu bakka bashannanaa Abaadir Pilaazaatti sosochiin qaamaa gaggeeffameera. Hoggantoonni olaanoo naannichaa, qopheessitoonni fiigicha guddichaa Itiyoophiyaa, hojjettoonni waajjiraalee sektarootaa, dargaggoonni, daa’immanii fi jiraattonni magaalaa hedduun saganticharratti argamaniiru. Komishinariin komishinii ispoortii naannichaa obbo Muraad Abdii wayita kana akka jedhanitti, sosochiin ga’umsa qaamaa cimina qaamaa guddina sammuu akkasumas lammii fayya buleessaa fi ga’oomaa horachuuf faayidaa inni qabu ibsaniiru. Sosochiin ga’umsa qaamaa faayidaa fayyaarra darbee duudhaa waloomaa lammiilee kan guddisuu fi dhaloota ofitti amanu bocuuf faayidaa olaanaa akka qabu dubbataniiru. Hojiiwwan ispoortii kana fakkaatan cimanii akka itti fufan komishinarichi hubachiisaniiru. Komishinariin komishinii turizimii naannoo Hararii Saamii Abdulwaasii gamasaaniin, damee turizimii naannichaa guddisuuf misoomni kooriidarii fi hojiiwwan eegumsa hambaa bal’inaan hojjetamaniiru jedhaniiru. Haala Kanaan hambaalee balaarra jiran baraaruuf gargaaruurra darbee, magaalaa Harar jiraattotaa fi daawwattootaaf caalaatti miidhagduu, hawattuu gochuun danda’amuusaa eeraniiru. Adoolessa 12 bara 2018 naannichatti mata duree “Fiigicha golambaa jiraataatti” jedhuun dorgommiin sadarkaa guutuu biyyaatti akka gaggeeffamu eeranii dorgommichi turizimii ispoortii beeksisuuf hojii hojjetamu keessaa tokko ta’uu dubbataniiru.
Tapha mo’anii darbuu waancaa addunyaa 23 har’a galgalaa
Jun 30, 2026 6258
Waxabajjii 23/2018(ENA): Taphoota moo’anii darbuu Waancaa Addunyaa morkiin har’a Kootdivuwaar Noorweey waliin taasiftu ni eegama. Biyyoonni lamaan morkiin har’a galgala sa’aatii 2:00 eegalee waliin taasisan hawwiin eegama. Yeroo jalqabaaf har’a kan waliin taphatan biyyoonni kunneen marsaa itti aanutti darbuuf morkii cimaa taasisuun eegama. Akkasuma halkan sa’aatii 6:00 eegalee Faransaay Siwiidiin waliin taphatti. Biyyoonni lamaan taphoota kana dura waliin taphatan 24 keessaa Faransaay yeroo 12 yoo injifattu, Siwiidiin si’a 6 injifachuun, taphoota 6 ammoo qabxii qooddataniiru. Taphoota halkan edaa fi barii kana taphatamaniin Paaraaguwaay Jarman injifachuun, Moorokoon ammoo Neezarlaandis injifachuun marsaa itti aanuuf darbaniiru.
Ijaarsi Bu'uuraalee misoomaa Itiyoophiyaa gidduu-gala ispoortii Afriikaa fi Addunyaa taasisan cimee itti fufeera
Jun 29, 2026 4189
Waxabajjii 22/2018 (ENA): Itiyoophiyaa giddu-gala ispoortii Afriikaa fi Addunyaa taasisuuf hojiileen misooma dippilomaasii fi bu'uuraalee misooma ispoortii raawwatamaa jiraachuu Ministeerri Aadaa fi Ispoortii beeksise. De’eetaan Ministira Aadaa fi Ispoortii Makiyyuu Mahaammad ENA’f akka ibsanitti,jijjiirramaa booda damee misooma ispoortiif xiyyeeffannoon kenname jijjiirrama dachaa galmeessisuu danda’eera jedhani. Waltajjiiwwan Idil-Addunyaa irratti bakka bu'insa Itiyoophiyaa guddisuudhaan bifa biyyattii ijaaruu fi dippilomaasii ispoortii jabeessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Kanaanis hoggantoonni waldaalee Ispoortii biyyaalessaa 14 sadarkaa Ardii fi Idil-Addunyaatti hogganaa ta'anii tajaajilaa akka jiranii fi hojiin kun cimee akka itti fufu dubbataniiru. Itiyoophiyaanonni waltajjii dorgommii ispoortii Idil-addunyaa irratti hirmaannaa fi bu'aa qabeessummaan isaanii dabalaa jiraachuu isaas ibsaniiru. Itiyoophiyaan sagantaalee Ispoortii sadarkaa Ardii fi Idil-Addunyaa keessummeessaa jiraachuu ishee eeranii, kunis bifa biyyattii ijaaruu keessatti shoora olaanaa akka qabu ibsaniiru. Finfinnee giddu-galeessa sagantaalee isportii Afriikaa fi addunyaa gochuudhaan Itiyoophiyaa damee kanaan caalaatti fayyadamtuu taasisuuf xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa jira jedhan. Kanaafis hojiileen babal'isuu bu'uuraalee misooma ispoortii sadarkaa isaanii eeggatan raawwatamaa jiraachuu kaasanii, Istadiyeemoonni gurguddoon shan sadarkaa idil-addunyaa akka guutan hojjetamaa jira jedhaniir
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Sosochiin Ummataa Duula Ashaaraa Magariisaa irratti mul’ate ummatni gamtaan yoo hiriire jijjiirama guddaa fiduu akka danda’u mirkaneessee jira
Aug 5, 2026 56
Adoolessa 29/2018 (ENA): Sosochiin Ummataa Duula Ashaaraa magariisaa irratti mul’ate ummatni gamtaan yoo hiriire jijjiirama guddaa fiduu akka danda’u kan mirkaneesse ta’uu Hayyoonni Yuunivarsiitii Jimma ibsan. Ministira Mummee Doktor Abiyyi Ahmadiin bara 2011 kan jalqabame Innisheetiivii Ashaaraa Magariisaa, faayyidan damdaneessuummaa isaa qabatamaan mul’achaa jira. Sagantaan kun keessattuu Miidhaa jijjiirama qilleensaan dhufu hir'isuuf, biyyeen akka hin dhiqamne ittisuuf,wabii nyaataa mirkaneessuufi uwwisa bosona biyyattii xiqqaate ture dabaluuf yaadameeti. Kanaanis waggoota darbaniif guutuu biyyaatti "guyyaa tokkoon biqiltuu dhaabuu" dabalatee uummata tokkummaan sochoosuun biqiltuu biliyoonaan lakka'aman dhaabuun danda'amera. Bara kanas duula dhabbii biqiltuu guyyaa tokkoon biqiltuu miliyoona 800 dhaabuuf kan karoorfame ture yoo ta’u, tumsa fi hirmaannaa Itoophiyaanootaatiin karoora olitti galmaan ga'uun danda'ameera. Dhimma kana ilaalchisuun hayyoonni Yuunivarsiitii Jimmaa yaada isaanii ENA'f kennaniruu; sagantaan guyyaa tokkoon raawwatame kun tokkummaan yoo dhaabbannee biyya keenya guddisuu fi jijjiiruu akka dandeenyu qabatamaan kan agarsiisedha jedhan. Barsiisaa fi qorataan damee qabeenya uumamaa Kolleejjii Qonnaa fi Beelladaa Yuunivarsiitii Jimmaaa, Doktor Xibabuu Alamuu; uummanni dammaqinaan ba'ee biqiltuu dhaabuun isaa miira abbummaa uumuu bira dabree aadaa ta'aa dhufu dubbataniira. Hojiiwwan misoomaa duulaan raawwannu Itoophiyaa gara sadarkaa fooyya'aatti kan ceesisan fi dhaloota dhufuuf bu'uura kan kaa'an ta'uu isaa milka’inni biqiltuu dhaabuu guyyaa tokkoo argasiiseera jedhaniira. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa waggoota darbatan keessatti fayyadamummaa lakka'amee hin dhumne kan argamsiise ta'uu kan ibsan Doktor Xibabuu Alamuu; pirojeektiin kun naannoo jijjiiruu bira dabree dargaggootaaf carraa hojii uumuu isaa eeraniiru. Dabalataanis, dubartoota fi daa’imman dabalatee garaagarummaa tokko malee uummata kan tokkumsee fi uummanni faayidaa biqiltuu dhaabuu caalaatti akka hubatu kan taasisedha jedhaniiru. Sagantaan kun xiyyeeffannoo dhaabbilee Idil-Addunyaa fi dhaabbilee Sab-qunnamtii kan harkise ta'uu kan eeran hayyuun kun; kunis Itoophiyoonni yoo tumsan biyya dhiibbaa uumtuu fi mo'attu ijaaruu akka danda'an kan mirkaneessaadha jedhan. Bu'aa tokkummaa beekuu kan barbaadu Injiffannoo Adwaa fi Hidha Haaroomsaa Guddicha Itoophiyaa yaadachuun gahaa ta'uu kan dubbatan hayyuun kun; yoo waltumsine wal-dhiibuun hafee walii galteen caalaatti gabbachaa deema jedhaniiru. Barsiisaa fi qorataan damee qabeenya uumamaa Kolleejjii Qonnaa fi Beelladaa Yuunivarsiitii Jimmaaa, kan ta’an Geetinnat Sayid sagantaan Ashaaraa Magariisaa uwwisa bosonaa biyyattii dabaluu fi wabii nyaataa mirkaneessuu bira dabree, hiika guddaa fi cee’uumsaa kan qabu ta'uu ibsaniiru. Waqtii jijjiiramni qilleensaa addunyaa dhiphisaa jiru kanatti, tokkummaan keenya biyya irra dabree qaama furmaata rakkoo Addunyaa ta'aa jira jedhaniiru. Keessattuu sagantaa duula Ashaaraa Magariisaa guyyaa tokkoo irratti lammiileen garaagarummaa tokko malee waggaa waggaadhaan tokkummaadhaan ashaaraa isaanii kaa'uun isaanii; nagaa keenyaaf, guddina keenyaaf fi hiyyummaa balleessuuf shoora bakka hin buune kan taphatu ta'uu ibsaniiru.
ENA’n Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin Kaka’usa Hawaasaa Uumuun dabalatee Qabatamaan hojii Fakkeenyummaa qabu hojjechaa jira.
Aug 3, 2026 436
Adoolessa 27/2018 (ENA): ENA’n Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin Kaka’usa Hawaasa Uumuun dabalatee Qabatamaan hojii Fakkeenyummaa qabu hojjechaa akka jiru Hojii Raawwachisaa olaanaan Dhaabbatichaa obbo Sayifee Darribee himan. Sagantaan dhaabbii biqiltuu miliyoona 800 guyyaa tokkoo dhaabuuf mata duree "Abdii Haa Dhaabnu" jedhuun gaggeeffame ganama keessaa sa'aatii 12:00 jalqabee gaggeeffameera. ENA’n Hogganoota Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittii fi Aanaa 6 waliin ta'uun sagantaa ashaaraa magariisaatiin biqiltuu dhaabaniiru. Hojii Raawwachisaa olaanaan Dhaabbatichaa obbo Sayifee Darribee akka ibsanitti, dhaabbatichi sagantaa ashaaraa magariisaa bara 2018tiin yeroo sadaffaaf biqiltuu dhaabuu isaa eeraniiru. Sagantaa dhaabbii biqiltuu har'a gaggeeffame irrattis hooggantoonni fi hojjettoonni dhaabbatichaa hirmaachuu isaanii ibsuun, fuulduraattis biqiltuu dhaabaman kunuunsuu hojiin akka itti fufu dubbataniiru. ENA’n milkaa'ina sagantaa ashaaraa magariisaatiif hawaasa dammaqsuu fi kakaasuu bira darbee qabatamaan hojii fakkeenyummaa qabu hojjechaa akka jiru beeksisaniiru. Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti Hojii raawwachiisaan Aanaa 6 obbo Alamaayyoo Margaa akka jedhanitti, hirmaattoonni aanichaa halkan irraa jalqabee sagantaa ashaaraa magariisaa irratti dammaqinaan hirmaachaa turuu ibsan. Hirmaannaan jiraattoonni aanichaa sagantaa ashaaraa magariisaa irratti yeroo yeroon taasisan dabalaa dhufuu kan kaasan obbo Alamaayyoon, fuulduraattis kanuma cimsinee itti fufsiisna jedhaniiru. Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti sagantaan dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo sochii olaanaadhaan jalqabamee hawaasni hundi ba'ee biqiltuu dhaabaa ooluu kan dubbatan immoo Itti Gaafatamtuu Waajjira Komuniikeeshinii Kutaa magaalichaa Qiddist Nigaatuu ti. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena# Ashaaraa Magariisaa #GreenLegacy
Akkaataa Miidiyaaleen Idil Addunyaa sagantaa Ashaaraa Magariisaa Guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 800 dhaabuu gabaasaa oolan
Aug 3, 2026 293
Har’a sagantaa biyyaalessaa guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 800 dhaabuuf guutummaa Itoophiyaa keessatti adeemsifamaa jira. Ganama sa'aatii 12:00 irraa eegalee lammiileen Itoophiyaa hundi sagantaa dhaabbii biqiltuu seena qabeessa kana irratti dammaqinaan hirmaachaa jiru. Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad Sagantaa Ashaaraa Magariisaa irratti hirmaachaa kan turan yoo ta'u, ashaaraa magariisa isaanii dhaabaniiru. Ministirri Muummee ergaa yeroo sana dabarsan keessatti biqiltuun abdiidha; wanti dhaabaa jirru egeree boruu fi egeree ijoollee keenyaati jedhani. Itoophiyaanonni tokkummaa fi tumsaan galma biyyaalessaa kaa’an galmaan akka ga’anis waamicha dhiyeessaniiru. Itoophiyaan Sagantaa Ashaaraa Magariisaa isheetiin guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 800 dhaabuuf galma qabatte xiyyeeffannoo miidiyaalee idil-addunyaa hedduu hawwateera. Akka gabaasa CGTN Chaayinaa baaseetti, waamicha Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad dhiheessan hordofuun, lammiileen Itoophiyaa hundi duula biqiltuu dhaabuu kana irratti xiiqii guddaan hirmaachaa jiru jedha. Itoophiyaan qophii bal’aa hordofuun sagantaa dhaabbii biqiltuu guutuu biyyaatti biqiltuu miiliyoona 800 ta’u guyyaa tokkotti milkaa’inaan raawwachuuf hojjechaa jiraachuu gabaasni kun ibseera. Aljaziiraan Qaxar gama isaatiin duulli dhaabbii biqiltuu adda ta’e kun qophii Itoophiyaan Yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (COP32) 32ffaa bara 2027 gaggeeffamuuf taasiftu haalaan kan cimsuu fi kan deeggaru ta’uu ibseera. Gaazexaan Kooriyaa Poostiin Rippabiliika Kooriyaas duulli seena qabeessa kun sochii eegumsa naannoo qofa osoo hin taane jijjiirama dinagdee fi hawaasummaa biyyattii saffisiisuu keessatti jijjiirama guddaa ta’uu isaa gabaasa isaa keessatti ibseera. Miidiyaan ‘Somaaliyaa Horn Diplomat’ akka jedhutti Itoophiyaan guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 800 dhaabuuf karoorri qabdu mancaatii bosonaa to’achuuf, dhiibbaa jijjiirama qilleensaa qolachuuf, hirmaannaa ummataa guddisuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsa. Gaazexaan Kuubaa ‘Prensa Latina’ akka gabaasetti Itoophiyaan guyyaa tokkotti biqiltuu hamma sanaa dhaabuun milkaa’ina seena qabeessa kan biraa fi milkaa’ina galmaan ga’aa jirti jedha. Dhaabbiin biqiltuu kun ilaacha dippilomaasii Itoophiyaa calaqqisiisuu qofa osoo hin taane, suuraa biyya keessaa ishee mul’isuu isaa Asoosheetid Prees Paakistaan gabaaseera. Imbaasiin Itoophiyaa Paakistaan jirus dhaabbiin biqiltuu kun kaayyoo biyyattii deeggaruun michummaa biyyoota lamaanii cimsuuf kan kaayyeffate ta’uu hubachiiseera. Kan Yugaandaa Charmaar sochiin waggaa Itoophiyaan guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 800 dhaabuuf galma qabattee eegalte kun sadarkaa addunyaatti misooma itti fufiinsa qabuu fi eegumsa naannootiif agarsiistuu fi fakkeenya guddaa ta’uu hubachiise. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena# Ashaaraa Magariisaa #GreenLegacy
Itoophiyaan Guyyaa Tokkotti Biqiltuu Miliyoona 805.3 Dhaabuun Afrikaaf Fakkeenya Taatee Jirti – Ministeera Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad
Aug 3, 2026 265
Adoolessa 27/2018 (ENA): Itoophiyaan guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 805.3 dhaabuun Afrikaaf fakkeenya ta'uu ishee Ministeerri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad ibsan. Ministeerri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad raawwii duula sagantaa ashaaraa magariisaa guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 800 dhaabuuf karoorfame ilaalchisee ibsa kennaniin; Itoophiyaan karoora qabatte irratti hundaa'uun guyyaa tokko qofa keessatti biqiltuu miliyoona 805.3 dhaabuun milkaa'ina seenaa-qabeessa galmeessiteetti jedhan. Akkaatuma kanaanis biyyi keenya of irra darbitee guutuu Afrikaatiif fakkeenya guddaa ta'uu danda'uu ishee kan ibsan Ministeerri Muummee, ummata Itoophiyaatiin baga gammaddan jechuun gammachuu isaanii ibsaniiru. Sochii duula dhaabbii biqiltuu biyyaalessaa si'aataa kana irratti uummanni miliyoona 26.2 ta'u dammaqinaan ba'uun hirmaannaa olaanaa taasisuu isaa addeessaniiru. Itoophiyaanonni tattaaffii fi kutannoo dinqisiisaa agarsiisaniif dinqisiifannaa isaanii kan ibsan Ministeerri Muummee, hirmaannaa guyyaa tokko kanaan lafa heektaara kuma 291.4 ta'u ashaaraa magariisaatiin uwwisuun danda'amuu isaa beeksisaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena# Ashaaraa Magariisaa #GreenLegacy
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 15737
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 15691
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.