Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Ayyaan Irreechaarratti hanqinni Geejjibaa akka hinmudanne qophiin barbaachisu godhameera-Ministeera Geejjibaa fi Lojistiksii
Oct 1, 2025 10
Fulbaana 21/2018 (TOI)-Ayyaana Irreechaarratti hanqinni Geejjibaa akka hinmudanne tajaajila geejjibaa gahaa dhiheessuuf qophiin taasifamuu Ministeerri Geejjibaa fi Lojistiksii ibse. Tajaajila Geejjibaa ayyaana Irreechaa Sanbataa fi Dilbata dhufu kabajamu ilaalchisee ministeerri geejjibaa fi lojistiksii ibsa kenneera. Gorsaan de’eetaa ministiraa geejjibaa fi lojistiksii Asaffaa Haddis akka jedhanitti, ayyaana Irreechaa Fulbaana 24 fi 25 Finfinnee fi Bishooftuutti kabajamuuf qophiin barbaachisu taasifameera. Ayyaanicha sababeeffachuun bu’aa bayiin geejjiba akka hin uumamne ejensii geejjiba Oromiyaa, biiroo geejjibaa Finfinnee fi Paabiliik Sarviisii akkasumas geejjiba Baaburaa Itiyoo Jibutii waliin qindaa’uun qophiin taasifamuu ibsaniiru. Keesumaa Irreecha Hora Harsadeetti kabajamuuf keessummoota Finfinneerraa Bishooftuu dhaqaniif buufattoota konkolaataa magaalattiitti argaman jaha keessatti tajaajilli geejjibaa gahaan qophaa’uusaa dubbataniiru. Akkasumas toora Labuurraa amma Bishooftuutti baaburri hirmaattota ayyaanichaa geejjibsiisu qophaa’uusaa kaasanii, geejjibni Paabiliik sarviiziis Baabura biraan gahuuf konkolaattota 50 caalan ramaduusaa dubbataniiru. Haala Kanaan Buufattoonni konkolaataa guddaa fi xiqqaa Finfinnee, Askoo, Ayyar Xeenaa, Qaallittii fi Laam-baratitti tajaajilli geejjibaa qophaa’eera jedhaniiru. Buufattoota konkolaataan cinaatti bulchiinsa magaalaa Finfinnee bakkeewwan ka’umsaa garagaraa filatamanitti tajaajilli geejjibaa gahaan akka qophaa’es akkasuma.
Ayyaanni irreechaa waloomaa fi tokkummaakaraa cimsuun duudhaasaa eegee nikabajama-Gamtaa abbootii Gadaa Oromoo
Oct 1, 2025 25
Fulbaana 21/2018(TOI)- Ayyaanni irreechaa waloomaa fi tokkummaakaraa cimsuun duudhaasaa eegee akka kabajamu Gamtaan abbootii Gadaa Oromoo beeksisan. Ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee fi Hora Harsadee baranaa ilaalchisuun miseensonni gamtaa abbootii Gadaa Oromoo Hora Harsadeetti ibsa waloo kennaniiru. Abbootiin Gadaa misensa gamtichaa ibsa kennaniin ayyaanni Irreechaa ayyaana ummanni oromoo kan isa uumeef galata galchuu fi bara dhufu abdiin itti simatudha jedhaniiru. Ayyaanni Irreechaa haaloo fi ijaa walbahuun dhabamee nagaa fi jaalalli kan itti ibsamu akkasumas waloomnii fi tokkummaan kam itti cimu duudhaa biyyaa isa guddaadha jedhaniiru. Keessumaa ayyaana Irreechaa baranaa kan adda isa godhu borumtaa ijaarsi hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi xumurametti kabajamuusaati jedhaniiru. Kanaaf ayyaana Irreechaa baranaa haala fooyya’een akka kabajamu qaama dhimmi ilaalu waliin qindaa’uun qophiin ga’aan taasifamuusaa himaniiru. Ayyaanichi ayyaana addababayii namoonni hedduun irratti argaman ta’uu eeranii, akkuma barame duudhaasaa gaarii calaqqisiisuun kabajamuu akka qabu hubachiisaniiru. Hirmattonni ayyaanichaa aadaa fi duudhaansaa akka ajajutti marga jiidhaa fi abaaboo qabatani, uffannaa aadaan miidhaganii ayyaanicha akka miidhagsan waamicha dabarsaniiru. Ayyaanichi ayyaana Itiyoophiyaanota hundaa waan ta’eef bayyanachuu biyyaaf faayidaa guddaa waan qabuuf saboonni, sablammoonnii fi lammiileen biyya alaallee akka irratti hirmaatan afeeraniiru.
Nageenyi godina Gujii Lixaatti argame hojiileen misoomaa cimanii akka ittifufan godheera
Oct 1, 2025 27
Fulbaana 21/2018(TOI)- Nageenyi naannoo Oromiyaa godina Gujii Lixaatti argame hojiileen misoomaa cimanii akka ittifufan gochuusaaabbootiin Gadaa fi jaarsoliin biyyaa ibsan. Hidhattoonni godinicha keessa socho’aa turan waamicha nagaa mootummaan taasise fudhatanii dhufuunsaaniitiin nagaa argameen hojii qonnaa dabalatee hojiilee misoomaa hundarratti kaka’umsa guddaa uumuunsaa ibsameera. Nageenyaa naannichaa fi hojii misoomaa raawwatamaa jiru ilaalchisee agabaasaan TOI Abbootii Gadaa fi Jaarsolii biyyaa dubbiseera. Abbootiin Gadaa fi Jaarsoliin biyyaa sirna Gadaa mallattoo Nagaa, Jaalalaa, fi Tokkummaa ta’e bu’uura godhachuun ijaa bahuu, haaloo, jibbiinsa dhiisuun, nageenya ijaaruun dirqama ta’uu ibsaniiru. Kanaanis Godinichatti meeshaa waraanaa Hidhatanii bosona seenuun socha’aa kan turan duudhaasaa kabajanii fi waamicha nageenyaa mootummaa fudhatanii dhufuusaaniif galateeffataniiru. Gareen Hidhatanii socho’aa turan hedduun hidhannosaanii hiikatanii gara jireenya nagaatti deebi’uun godinichatti nagaa fi tasgabbiin uumamuu fi hojiin misoomaa cimee itti fufuusaa dubbataniiru. walitti bu’insi obboloota lamaan gidduutti ta’u injifataa hin qabu kan jedhan Abbaan Gadaa Gannaalee Aaagaa fi jaarsa biyyaa kan ta’an Odaa Goobanaa waamicha nageenyaa mootummaa fi hawwii nageenya hunda keenyaa fudhachuun hidhattoota dhufan galateeffataniiru. Kanneen bosonatti hafan biroon yoo jiraatan caraa gaarii kanatti fayyadamuun hidhannoosaanii hiikuuni fi gara misoomaatti deebi’uun uummata keenya kiisuuf akka qophaa’an dhaamsa dabarsaniiru. Itti Gaafatamaan Waajjirra Bulchiinsaa fi Nageenyaa Godina Gujii Lixaa Ayyalaa Dhaabaa, godinichatti Hidhattoonni hedduun waamicha nageenya mootummaa fi Abbootii Gadaa fudhachuun hidhannoosaanii hiikkachuusaanii ibsaniiru. Kanaanis Godinichatti nagaa fi tasgabbii amansiisaa uumamuun gama hundaan hojii misoomaa cimanii itti fufuusaanii mirkneessaniiru. Godinichatti caasaalee gandaa hundatti tajaajilli mootummaa guutuun kennamaa jiraachuu fi Qonnaan bulaanis karaa guutuu ta’een hojii qonnaasaanii raawwachaa jiru jedhaniiru. Fuuldurattis balballi nagaa mootummaa banaa ta’uu kaasuun walitti bu’insaa fi waraana dhiisuun misoomaa fi bayyanachuu biyyaa dhugoomsuuf wal tumsinee haa haojjennu jedhaniiru.
Quulqullinaa fi waliin gahiinsa barnootaa fi leenjii Afriikaa guddisuuf tumsa cimsuun nibarbaachisa
Oct 1, 2025 39
Fulbaana 21/2018(TOI)- Quulqullinaa fi waliin gahiinsa barnootaa fi leenjii Afriikaa guddisuuf biyyoonni tumsa cimsuun akka barbaachisu ibsame. Konfaransiin barumsa barsiisotaa biyyoota miseensa gamtaa Afriikaa Finfinneetti taa’amuu eegaleera. Konfaransiin mata duree “sirna barumsa barsiisota Afriikaa jijjiiruu” jedhuun eehalame ministiroonni barnootaa biyyoota miseensa gamtichaa, bakka bu’oonni waldalee barsiisotaa, hayyoonni dameen dhuunfaa fi dhaabbilee hawaasa siviikii fi bakka bu’oonni tumsitoota misoomaa hirmaachaa jiru. Afriikaan aadaa fi seenaan badhaatullee barnootaa fi leenjiin deeggaramuun guddina Ardichaaf bu’aa barbaadamu akka hindhufne ibsameera. De’eetaan ministira barnootaa federaalaa Ayyalach Isheetee barumsi misooma qabeenya namaa fi dinagdeef qooda ijoo qaba jedhaniiru. Afriikaatti misoomaa fi guddina barbaadamu fiduuf barnoota waliin gahuurratti hojjechuun akka barbaachisu dubbataniiru. Waggoottan Toorban darban Itiyoophiyaan qulqullinaa fi waliin gahiinsa barumsaa mirkaneessuuf riifoormiiwwan garagaraa hojiirra oolchuushee fi kanaanis bu’an argamuusaa kaasaniiru. Dandeettii barsiisotaa gabbisuuf leenjiiwwan garagaraa kennuun hojiin fooyya’aan hojjetamuu de’eetaan ministiraa kun eeraniiru. Akka Afriikaatti qulqullina barnootaa fi hanqina bariisotaarratti ammallee rakkoon hinfuramne akka jiru eeranii, rakkoo kana fulla’insaan furuuf biyyoonni miseensaa caalaatti tumsuu qabu jedhaniiru. KOmishinii gamtaa Afriikaatti komishinariin barnootaa, saayinsii, teeknooloojii fi Innoveeshinii piroofeesar Mohaammad Beelhoosiin gamasaaniin, Afriikaatti dinagdee dijitaalaa ijaaruu fi saayinsii fi kalaqa caalaatti gabbisuuf dandeettii barsiisotaa guddisuun murteessaadha jedhan. Dandeettii barsiisotaa cimsuuf inisheetiivonni garagaraa bocamanii hojeeffamaa jiraachuu ibsanii, karooronni misoomaa Afriikaa 2063 beekumsarratti hundaa’uun yoo hojeeffaman bu’a qabeessa ta’u jedhaniiru. Dandeettii barsiiftonni Afriikaa addunyaarratti qaban guddisuuf teeknooloojii si’ataa fi jijijjiiramu waliin madaquun akka barbaachisu kaasaniiru. Tarsiimoowwan haaraan garagaraa barsiiftotaa fi barumsa ilaallatan baniinsa konfaransichaarratti ifoomaniiru. #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI
Kan mul'ate

Ayyaanni irreechaa gabaan uffannaa aadaa caalaatti akka dammaqu godheera
Oct 1, 2025 57
Fulbaana 21/2018(TOI)- Ayyaanni irreechaa gabaan uffannaa aadaa caalaatti akka dammaqu gochuun faayidaa dinagdee dabalataa argamsiisaafii akka jiru daldaltoonni uffannaa aadaa ibsan. Ayyaana galateeffannaa kan ta’e irreechi Sanbata dhufu Finfinnee Hora Finfinneetti akkasumas Dilbata Bishooftuu Hora Harsadeetti nikabajama. Irreechi agarsiiftuu sirna Gadaa isa tokko yoo ta’u ayyaana tokkummaa, obbolummaa fi waloomaati. Kabaja ayyaana Irreechaa fi ayyaanota biroorratti uffannaa aadaa uffachuun oolee bulee guddachaa dhufeera. Daldaltoonni uffannaa aadaa oomishanii fi daldalan TOI’f yaada kennanniin, uffannaa aadaa bakkeewwan garagaraa agarsiisan qopheessuun gabaaf dhiheessuusaanii ibsaniiru. Kanneen uffannaa aadaa daldalan keessaa obbo Seeyifuu Fayyisaa akka jedhanitti, Irreechi ayyaana bu’aa hojiisaanii gabaaf dhiheessanii fi faayidaa itti argatanidha.   Saboonni, sablammoonnii fi ummattoonni ayyaana Irreechaarratti waan hirmaataniif gabaansaanii ammuma sana akka guddatu gochuusaa dubbataniiru. Dargaggoo Hundee Tolasaa gamasaatiin Irreechi faayidaa dinagdee guddaa akka isaaniif buusu eeree, uffannaa aadaa diizaayinii haaraan miidhagan Gabaaf dhiheessuusaa ibseera.   Uffannaa, Faayaa fi meeshaalee miidhagina ayyaanichaaf oolan kan itti gurguran adde Alam Warquu gamasaaniin, Irreechi hojiisaanii beeksisuu fi galiisaanii guddisuuf haala mijataa akka uumeef dubbataniiru.   Obbo Garramuu Leellisaa gamasaaniin, Irreechi uffannaa aadaa bal’inaan beeksisuun gamatti faayidaa dinagdee akka argamsiiseef ibsaniiru. Obbo Alamaayyoo Taarikuu yaada kenneen uffannaa aadaa ayyaanaaf oolan qopheessee dhiheessuusaa ibsee, Irreechi carraa dinagdee guddaa akka uumeef dubbateera.   Adde Buzaayyoo Dajanee akka ibsanitti, uffannaa aadaa ayyaana irreechaarratti fayyadamuun guddachaa dhufuusaatiin carraa hojii uumuuf gumaacha taasiseera.  

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Naannoo Harariitti hojiileen karoora bu’uureffatan bu’a qabeessummaan akka raawwataman nitaasifama-Bulchaa Ordiin Bardii
Sep 30, 2025 215
Fulbaana 20/2018 (TOI)- Naannoo Harariitti hojiileen karoora bu’uureffatan raawwatamanii bu’aan fooyya’aan akka galmeeffamu xiyyeeffannoon taasifamuu Bulchaa naannichaa Ordiin Bardii ibsan. Hojiirra oolmaan akkaawuntii dinagdee sadarkaa naannoo, sagantaa istaatistiikii Itiyoophiyaa fi misooma dijitaalaa akkasumas hooggansaa fi bulchiinsa pirojektoota misooma mootummaa ilaalchiseeb na Naannoo Harariitti hojiileen karoora bu’uureffatan bu’a qabeessummaan akka raawwataman nitaasifama-Bulchaa Ordiin Bardii annichaa fi ministirri pilaanii fi misoomaa Dr. Fitsum Asaffaa bakka argamanitti mariin gaggeeffamaa jira. Bulchaan naannichaa Ordiin Badrii wayita kana akka jedhanitti, hojiiwwan fayyadama ummataa mirkaneessan caalaatti raawwachuuf karoora bu’uureffachuun hojii jabeessuun sirrii ta’a. Keessumaa badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuun karoora qulqullina qabu qopheessuu fi karoora qophaa’e sirnaan raawwachuun bu’a qabeessummaa caaluuf nigargaara jedhaniiru. Naannichatti hojii fooyya’aa fi bu’a qabeessa waloomaan raawwachuu fi bara bayyanachuu ittifufsiisuuf karooraan fayyadamuun faayidaansaa olaanaa ta’uu ibsaniiru. Ministirri pilaanii fi misoomaa Dr. Fitsum Asaffaa gamasaaniin, bariituu jijjiiramaarraa eegalee dandeettiin pirojektoota bulchuu fi raawwachuu guddachuu kaasaniiru. Fuulduras hojiileen akkaawuntii dinagdee sadarkaa naannoo, sagantaa Istaatistiiksii Itiyoophiyaa fi misooma dijitaalaa ilaalchisee eegalaman cimsuun naannoleetti gadi buusuun dinagdee dorgomaa uumuuf akka hojjetamu dubbataniiru. Kanaaf ammoo ministeerichi naannolee fi bulchiinsa magaalotaa waliin qindoominaan akka hojjetu ibsaniiru. Yeroo ammaa barreeffamoonni garagaraa dhihaatanii mariin taasifamaa jira.
Faransaay Riifoormii Dinagdee Itiyoophiyaaf deeggarsa gochuushee itti fufti-Ambaasaaddar Aleksiis Laameek
Sep 29, 2025 272
Fulbaana19/2018(TOI)-Faransaay Riifoormii Diinagdee Itiyophiyaan hojjiirra oolchaa jirtuuf deeggarsa gochuushee akka Ittifuftu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Faransaay Aleksiis Laameek ibsan. Itiyoophiyaan karaa sagantaa Riifoormii Dinagdee Mandhaaleen riifoormii Dinagdee gooroo taassisaa jirti. Dameelee adda adadaa Abbootii dureeyyii banaa gochuun fooyya’insa Imaammattoota Fiiskaalaa fi Moniitarii, Bulchiinsa liqaa fi naannoo daldalaa fooyyessuun riifoormiiwwan kana keessaatti kan eeramanidha. Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Faransaay Aleksis Laameek TOI waliin turtii taassisaniin jijiirama guddaa Itiyoophiyaan argisiisaa jirtuu fi adeemsa riifoormii raajeffataniiru. Faransaay Riifoormii Dinagdee Itiyoophiyaan gochaa jirtuuf deeggarsa taassisuunshee akka ishee boonsu ibsitetti. Itiyoophiyaan hojjii Invastimantii kallatii alaaf haala mijataa Uumuuf hojii hojjechaa jirtuuf Faransaay Muuxannooshee qoodduu akka feetu Ambaasaaddarri kun dubbataniiru. Faransaay Itiyoophiyaa waliin tumsa gamlamee kallattii adda addaan qabadu cimsuuf kutannoo qabdi jechuun ibsaniiru. Biyyisaanii Hariiroo gam-lamee Itiyoophiyaa waliin qabduuf bakka guddaa akka kennitu eeruun, Deeggartuu dhihoo fi michuu Ityiyoophiyaati jechuun dubbataniiru. Dureeyyiin Faransaay Itiyoophiyaatti qabeenyasaanii invast akka godhanii fi deeggarsa akka taassisan beeksisaniiru. Itiyoophiyaa fi Faransaay hariisoo dippiloomaasii kan eegalan AL.A. bara 1897 ta’uu odeeffannoon nimul’isa .
Kooriin Gibee nagaa mirkaneessuun gamatti hojiilee misoomaa fi tola ooltummaa irratti hirmaachuun ilma biyyaa ta’uusaa mirkaneessa jira.
Sep 29, 2025 257
Fulbaana 19/2018(TOI)- Izzii jiddugaleessaaatti Kooriin Gibee 103ffaan nagaa mirkaneessuun gamatti hojiilee misoomaa fi tola ooltummaa irratti hirmaachuun ilma biyyaa ta’uusaa mirkaneessa jira jedhan ajajaan korii Gibee 103ffaa Birgaader Jeneraal Jamaal Kadira. Izzii jiddugaleessaa jalatti kan argamu Kooriin gibe 103ffaan ayyaana hundeeffamasaa waggaa afraffaa godina Wallagga Lixaa magaalaa Gimbiitti qophiilee gragaraan kabajaa jira. Ajajaan Izzii jiddugaleessaa Letenaal Jeneraal Zawuduu Balaayi, ajajaan olaanaa Izzii lixaa Letenaal Jeneraal Massalaa Masarat, ajajaan humna rippaabilikaanii Meejer Jeneraal Tasfaayee Raggaasaa, ajajaan koorii Gibee 103ffaa Birgaader Jeneraal Jamaal Kadir fi jiraattonni magaalaa hedduun fi keessummoonni waamaman ayyaana kanarratti argamaniiru. Ajajaan koorii Gibee 103ffaa Birgaader Jeneraal Jamaal Kadir ergaa ayyaana kanarratti dabarsaniin, waggoottan arfan darban Kooriin Gibee injifannoo boonsaa galmeessisuusaa dubbataniiru. Koorii Gibee dirqama kennameef gootummaan raawwachuun nagaa fi tasgabbii biyyaa mirkaneessa akka jiru ibsanii, godinaalee Wallaggaarraa humnoota farra nageenyaa qulqulleessuun naannawicha lafa misoomaa gochaa jira jedhaniiru. Kooriin kun nageenya naannawichaa mirkaneessuun gamattihojiilee misoomaa fi tola ooltummaarratti hirmaachuun ijoollee ummataa ta’uusa mirkaneessaa akka jiru ibsaniiru. Bulchaan godina Wallagga Lixaa Taliilaa Tarrafaa gamasaaniin, kooriin Gibee 103ffaa nageenyi godinichaa akka mirkanaa’uu fi misooma hawaasaaf gomaacha olaanaa fideera jedhaniiru. Kooriin kun goota godinichaa fi godinaalee ollaaf nagaa mirkaneesse ta’uu dubbataniiru. Nagaa bmirkaneessuun gamatti tajaajiloota tola ooltummaa garagaraa irratti hirmaachaa akka jiru ibsanii, raayyaan jaajala ummataaf qabu hojiilee misoomaatiin agarsiiseera jedhan.
Izziin Bahaa godinaalee Goojjamii fi Gondaritti sochii garee Finxaalessaa hordofuun tarkaanfii fudhachuun nageenya naannawaa cimsaa jira-Jeneraal Ababawu Taaddasaa
Sep 26, 2025 980
Fulbaana 16/2018(TOI)- Raayyaa ittisaatti Izziin Bahaa godinaalee Goojjamii fi Gondaritti sochii garee Finxaalessaa hordofuun tarkaanfii fudhachuun nageenya naannawaa cimsaa akka jiru itti aanaan itaamaajoor shuumii humnoota waraanaa walii gala Jeneraal Ababawu Taaddasaa ibsan. Itti aanaan itaamaajoor shuumii humnoota waraanaa waliigalaa fi walitti qabaan kaawunsilii nageenyaa naannoo Amaaraa Jeneraal Ababawu Taaddasaa, raawwii ergama Izzii bahaa fi nageenya naannawichatti uumame ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Haala Kanaan hoggansi Izzichaa fi raayyaan ergama heera mootummaa fi biyyaa jaalala biyyaa cimaa fi naamusa cimaan raawwachaa jira jedhaniiru. Miseensonni raayyaa Izzichaa raawwii cimaatiin nageenyi naannichaa fulla’inaan akka mirkanaa’u hojjechuun ergama biyyaalessaa ga’umsa olaanaan bahachaa akka jiran ibsaniiru. Raawwii ergamaan gamatti humna nageenyaa naannichaa irra deebuun gurmeessuun, leenjisuu fi ga’oomsuun caasaan nageenyaa cimaan akka jiraatu gochuusaa kaasaniiru. Haala Kanaan Izziin bahaa godinaalee Goojjamii fi Gondar Lixaatti sochii garee finxaalessaa hordofee tarkaanfii fudhachuun nageenya naannawichaa cimsaa akka jiru ibsaniiru. Kaayyoo diinota alaa fudhatee nageenya naannichaa booressuuf kan sosso’u gareen finxaalessaa tarkaanfii cimaa irratti fudhatameen abdii kutachuurra jira jedhaniiru. Kanaaf tarkaanfiin garee finxaalessaa kanarratti fudhatamu cimee itti fufa jedhan jeneraal Ababawu. Raayyaan ittisa biyyaa jaalala biyyaa fi ummatummaan guutamee naamusa cimaan gootummaa fi kaayyoosaaf kutannoon kabajaa fi birmadummaa biyyasaa eegsisuu ittifufa jedhaniiru. Hoggansi raayyaa sadarkaan jiru ga’umsa hooggansaa olaanaa akka qaban kaasanii kanumaan ittifufuu qaba jechuun hubachiisan Jeneraal Ababawu.
Haala teessuma lafaatiin ulaa galaanaa dhabuun hinmalu-Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee
Sep 26, 2025 680
Fulbaana 16/2018 (TOI)-Sababa teessuma lafaatiin carraaleen guddinaa, faayinaansii fi teeknooloojii biyya kamiiyyuu cufaa ta’uu hinqaban jechuun ibsan Pirezidaanti Taayyee Atsqasillaasee. Pirezidaant Taayyeen yaa’ii waliigalaa mootummoota gamtoomanii 80ffaa Niwuyoorkitti gaggeeffamaa jirurratti ejjennoo Itiyoophiyaa dubbii gochuun dhiheessaniiru. Itiyoophiyan baay’ina ummataan Afriikaarraa lammaffaa ta’uushee yeroo kana kaasaniiru.   Haala Kanaan biyyi keenya daldala galaanaa olaanaa qabdi kan jedhan pirezidaantichi, imala nageenya galaanarraa garba diimaa fi galaana Hindiif iddoo guddaa kenniti jedhaniiru.   Kanaaf carraaleen guddinaa, faayinaansii fi teeknooloojii biyya kamiyyuu sababa teessuma lafaatiin cufaa ta’uu akka hinqabne cimsanii dubbataniiru. Kanaaf haqni guddaan seera idil addunyaa garba hambaa waloo dhala namaa gochuun ibsuu fi byya hunda mirga walqixa fayyadamuu mirkaneessu dhugoomuu qaba jedhaniiru.     Itiyoophiyaan byyoota biroo waliin ta’uun hojmaanni hundagaleessi misoomaa fi nageenya biyyoota naannawa garba diimaa fi galaana Hinditti argaman hunda walqixa mirkaneessuu dandeessisu akka diriirfamu nihojjetti jedhaniiru.   Itiyoophiyaan imaamatashee seera qabeessa kana milkeessuuf filmaattota dippilomaasii fi karaa nagaa akka hordoftu mirkaneessaniiru. Pirezidaant Taayyeen dubbiisaaniin, dhimmoota riijinii, Ardii fi idil addunyaa biroo kaasaniiru.

Hawaasummaa
Ayyaan Irreechaarratti hanqinni Geejjibaa akka hinmudanne qophiin barbaachisu godhameera-Ministeera Geejjibaa fi Lojistiksii
Oct 1, 2025 10
Fulbaana 21/2018 (TOI)-Ayyaana Irreechaarratti hanqinni Geejjibaa akka hinmudanne tajaajila geejjibaa gahaa dhiheessuuf qophiin taasifamuu Ministeerri Geejjibaa fi Lojistiksii ibse. Tajaajila Geejjibaa ayyaana Irreechaa Sanbataa fi Dilbata dhufu kabajamu ilaalchisee ministeerri geejjibaa fi lojistiksii ibsa kenneera. Gorsaan de’eetaa ministiraa geejjibaa fi lojistiksii Asaffaa Haddis akka jedhanitti, ayyaana Irreechaa Fulbaana 24 fi 25 Finfinnee fi Bishooftuutti kabajamuuf qophiin barbaachisu taasifameera. Ayyaanicha sababeeffachuun bu’aa bayiin geejjiba akka hin uumamne ejensii geejjiba Oromiyaa, biiroo geejjibaa Finfinnee fi Paabiliik Sarviisii akkasumas geejjiba Baaburaa Itiyoo Jibutii waliin qindaa’uun qophiin taasifamuu ibsaniiru. Keesumaa Irreecha Hora Harsadeetti kabajamuuf keessummoota Finfinneerraa Bishooftuu dhaqaniif buufattoota konkolaataa magaalattiitti argaman jaha keessatti tajaajilli geejjibaa gahaan qophaa’uusaa dubbataniiru. Akkasumas toora Labuurraa amma Bishooftuutti baaburri hirmaattota ayyaanichaa geejjibsiisu qophaa’uusaa kaasanii, geejjibni Paabiliik sarviiziis Baabura biraan gahuuf konkolaattota 50 caalan ramaduusaa dubbataniiru. Haala Kanaan Buufattoonni konkolaataa guddaa fi xiqqaa Finfinnee, Askoo, Ayyar Xeenaa, Qaallittii fi Laam-baratitti tajaajilli geejjibaa qophaa’eera jedhaniiru. Buufattoota konkolaataan cinaatti bulchiinsa magaalaa Finfinnee bakkeewwan ka’umsaa garagaraa filatamanitti tajaajilli geejjibaa gahaan akka qophaa’es akkasuma.
Ayyaanni irreechaa waloomaa fi tokkummaakaraa cimsuun duudhaasaa eegee nikabajama-Gamtaa abbootii Gadaa Oromoo
Oct 1, 2025 25
Fulbaana 21/2018(TOI)- Ayyaanni irreechaa waloomaa fi tokkummaakaraa cimsuun duudhaasaa eegee akka kabajamu Gamtaan abbootii Gadaa Oromoo beeksisan. Ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee fi Hora Harsadee baranaa ilaalchisuun miseensonni gamtaa abbootii Gadaa Oromoo Hora Harsadeetti ibsa waloo kennaniiru. Abbootiin Gadaa misensa gamtichaa ibsa kennaniin ayyaanni Irreechaa ayyaana ummanni oromoo kan isa uumeef galata galchuu fi bara dhufu abdiin itti simatudha jedhaniiru. Ayyaanni Irreechaa haaloo fi ijaa walbahuun dhabamee nagaa fi jaalalli kan itti ibsamu akkasumas waloomnii fi tokkummaan kam itti cimu duudhaa biyyaa isa guddaadha jedhaniiru. Keessumaa ayyaana Irreechaa baranaa kan adda isa godhu borumtaa ijaarsi hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi xumurametti kabajamuusaati jedhaniiru. Kanaaf ayyaana Irreechaa baranaa haala fooyya’een akka kabajamu qaama dhimmi ilaalu waliin qindaa’uun qophiin ga’aan taasifamuusaa himaniiru. Ayyaanichi ayyaana addababayii namoonni hedduun irratti argaman ta’uu eeranii, akkuma barame duudhaasaa gaarii calaqqisiisuun kabajamuu akka qabu hubachiisaniiru. Hirmattonni ayyaanichaa aadaa fi duudhaansaa akka ajajutti marga jiidhaa fi abaaboo qabatani, uffannaa aadaan miidhaganii ayyaanicha akka miidhagsan waamicha dabarsaniiru. Ayyaanichi ayyaana Itiyoophiyaanota hundaa waan ta’eef bayyanachuu biyyaaf faayidaa guddaa waan qabuuf saboonni, sablammoonnii fi lammiileen biyya alaallee akka irratti hirmaatan afeeraniiru.
Quulqullinaa fi waliin gahiinsa barnootaa fi leenjii Afriikaa guddisuuf tumsa cimsuun nibarbaachisa
Oct 1, 2025 39
Fulbaana 21/2018(TOI)- Quulqullinaa fi waliin gahiinsa barnootaa fi leenjii Afriikaa guddisuuf biyyoonni tumsa cimsuun akka barbaachisu ibsame. Konfaransiin barumsa barsiisotaa biyyoota miseensa gamtaa Afriikaa Finfinneetti taa’amuu eegaleera. Konfaransiin mata duree “sirna barumsa barsiisota Afriikaa jijjiiruu” jedhuun eehalame ministiroonni barnootaa biyyoota miseensa gamtichaa, bakka bu’oonni waldalee barsiisotaa, hayyoonni dameen dhuunfaa fi dhaabbilee hawaasa siviikii fi bakka bu’oonni tumsitoota misoomaa hirmaachaa jiru. Afriikaan aadaa fi seenaan badhaatullee barnootaa fi leenjiin deeggaramuun guddina Ardichaaf bu’aa barbaadamu akka hindhufne ibsameera. De’eetaan ministira barnootaa federaalaa Ayyalach Isheetee barumsi misooma qabeenya namaa fi dinagdeef qooda ijoo qaba jedhaniiru. Afriikaatti misoomaa fi guddina barbaadamu fiduuf barnoota waliin gahuurratti hojjechuun akka barbaachisu dubbataniiru. Waggoottan Toorban darban Itiyoophiyaan qulqullinaa fi waliin gahiinsa barumsaa mirkaneessuuf riifoormiiwwan garagaraa hojiirra oolchuushee fi kanaanis bu’an argamuusaa kaasaniiru. Dandeettii barsiisotaa gabbisuuf leenjiiwwan garagaraa kennuun hojiin fooyya’aan hojjetamuu de’eetaan ministiraa kun eeraniiru. Akka Afriikaatti qulqullina barnootaa fi hanqina bariisotaarratti ammallee rakkoon hinfuramne akka jiru eeranii, rakkoo kana fulla’insaan furuuf biyyoonni miseensaa caalaatti tumsuu qabu jedhaniiru. KOmishinii gamtaa Afriikaatti komishinariin barnootaa, saayinsii, teeknooloojii fi Innoveeshinii piroofeesar Mohaammad Beelhoosiin gamasaaniin, Afriikaatti dinagdee dijitaalaa ijaaruu fi saayinsii fi kalaqa caalaatti gabbisuuf dandeettii barsiisotaa guddisuun murteessaadha jedhan. Dandeettii barsiisotaa cimsuuf inisheetiivonni garagaraa bocamanii hojeeffamaa jiraachuu ibsanii, karooronni misoomaa Afriikaa 2063 beekumsarratti hundaa’uun yoo hojeeffaman bu’a qabeessa ta’u jedhaniiru. Dandeettii barsiiftonni Afriikaa addunyaarratti qaban guddisuuf teeknooloojii si’ataa fi jijijjiiramu waliin madaquun akka barbaachisu kaasaniiru. Tarsiimoowwan haaraan garagaraa barsiiftotaa fi barumsa ilaallatan baniinsa konfaransichaarratti ifoomaniiru. #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI
Irreechi Waltajjii  walitti hidhaminsa hawasummaa cimsu ta’aa dhufeera
Sep 30, 2025 123
Fulbaana 20/2018(TOI)-Ayyaanni Irreechaa Waltajjii walitti hidhaminsa hawasummaa cimsu keessaa tokko ta’aa dhufuu Itti Gaafatamaan Biiroo Komunikeeshiinii Naannoo Oromiyaa Obbo Haayiluu Addunyaa dubbatan. Waltajjiin “Gumii balal” ayyaana Irreechaa barana kabajamurratti xiyyeeffate mata turee “Irreechi Bayyanachuu Biyyaaf” jedhuu walta’insa waajjira pirezidaantii fi biiroo komunikeeshinii naannichaan qophaa’e mariin ayyaana irreechaarratti xiyyeefate gaggeeffamaa jira. Waltajjii marii kanarratti Itti Gaafatamaan Biiroo Koomunikeeshinii Naannichaa Obbo Haayiluu Addunyaa, Itti Gaafatamtuu Biiroo Aadaa fi Turiizimii Naannichaa Aadde Jamiilaa Simbiruu, Abbootii Gadaa, Haadholii siinqee fi Hayyoonni argamaniiru. Waltajjii marii kana kan saaqan obbo Haayiluun akka jedhanitti qaama Sirna Gadaa keessa tokko kan ta’e Irreechi uummata oromoo biratti ayyaana bal’inaan kabajamudha. Ayyaanichi uummanni garaa garummaa tokko malee tokkummaan bahee dukkana baatiilee gannaa keessaa bahee uumaasaaf galata kan dhiheessu ta’uu kaasaniiru. Kana qofa osoo hin ta’iin, Ayyanichi Jalaala, tokummaa, Nageenya kan ibsu ta’ee abdiin boruu kan itti kan keessatti mul’atu ta’uu dubbataniiru. Irrechi Duudhalee gaggaarii hedduu qabaachuu kan kaasan Obbo Haayiluun, Irreechi waltajjii walitti hidhamiinsa hawaasummaa cimsu ta’aa dhufeera jedhaniiru. Kana waan ta’eef dhaloonni yeroo ammaa duudhaalee gaarii hawaasummaa Irreecha fakkaatan eeguu fi guddisuu qabu jedhaniiru. Hayyoonni Damichaa maalummaa irreechaa fi agarsiiftuu sirrii qorannoo fi qo’annoon deeggaruun beeksisuu fi hubachiisuu akka qaban hubachiisaniiru. Waltajjicharratti barreffama marii kan dhiheessan Yuunvarsiitii Arsiitti Barsiisaa Gadaa kan ta’an Dr.Mahaammad Namoo Irreechi Ayyaana Obbolummaa fi obboleettummaa cimsudha jedhaniiru. Namni Ayyana Irreechaarratti hirmatu kamiyyuu Haloo fi ijaa bahuurraa qulqullaa’ee, haala nagaa fi wal amantaa jabeesseen ta’uu qaba jedhaniiru. Ayyaanonni Irreecha fakkaatan ijaarsa biyyaa fi tokkummaa sabdaneessummaa cimsuuf faayidaan qaban guddaa ta’uu kaasaniiru. Ayyaanni Irreechaa bara kanaa Sanbataa fi Dilbata fuuldura keenyaa Hora Finfinnee fi Hora harsadeetti akka kabajamu ni beekama.
Diinagdee
Nageenyi godina Gujii Lixaatti argame hojiileen misoomaa cimanii akka ittifufan godheera
Oct 1, 2025 27
Fulbaana 21/2018(TOI)- Nageenyi naannoo Oromiyaa godina Gujii Lixaatti argame hojiileen misoomaa cimanii akka ittifufan gochuusaaabbootiin Gadaa fi jaarsoliin biyyaa ibsan. Hidhattoonni godinicha keessa socho’aa turan waamicha nagaa mootummaan taasise fudhatanii dhufuunsaaniitiin nagaa argameen hojii qonnaa dabalatee hojiilee misoomaa hundarratti kaka’umsa guddaa uumuunsaa ibsameera. Nageenyaa naannichaa fi hojii misoomaa raawwatamaa jiru ilaalchisee agabaasaan TOI Abbootii Gadaa fi Jaarsolii biyyaa dubbiseera. Abbootiin Gadaa fi Jaarsoliin biyyaa sirna Gadaa mallattoo Nagaa, Jaalalaa, fi Tokkummaa ta’e bu’uura godhachuun ijaa bahuu, haaloo, jibbiinsa dhiisuun, nageenya ijaaruun dirqama ta’uu ibsaniiru. Kanaanis Godinichatti meeshaa waraanaa Hidhatanii bosona seenuun socha’aa kan turan duudhaasaa kabajanii fi waamicha nageenyaa mootummaa fudhatanii dhufuusaaniif galateeffataniiru. Gareen Hidhatanii socho’aa turan hedduun hidhannosaanii hiikatanii gara jireenya nagaatti deebi’uun godinichatti nagaa fi tasgabbiin uumamuu fi hojiin misoomaa cimee itti fufuusaa dubbataniiru. walitti bu’insi obboloota lamaan gidduutti ta’u injifataa hin qabu kan jedhan Abbaan Gadaa Gannaalee Aaagaa fi jaarsa biyyaa kan ta’an Odaa Goobanaa waamicha nageenyaa mootummaa fi hawwii nageenya hunda keenyaa fudhachuun hidhattoota dhufan galateeffataniiru. Kanneen bosonatti hafan biroon yoo jiraatan caraa gaarii kanatti fayyadamuun hidhannoosaanii hiikuuni fi gara misoomaatti deebi’uun uummata keenya kiisuuf akka qophaa’an dhaamsa dabarsaniiru. Itti Gaafatamaan Waajjirra Bulchiinsaa fi Nageenyaa Godina Gujii Lixaa Ayyalaa Dhaabaa, godinichatti Hidhattoonni hedduun waamicha nageenya mootummaa fi Abbootii Gadaa fudhachuun hidhannoosaanii hiikkachuusaanii ibsaniiru. Kanaanis Godinichatti nagaa fi tasgabbii amansiisaa uumamuun gama hundaan hojii misoomaa cimanii itti fufuusaanii mirkneessaniiru. Godinichatti caasaalee gandaa hundatti tajaajilli mootummaa guutuun kennamaa jiraachuu fi Qonnaan bulaanis karaa guutuu ta’een hojii qonnaasaanii raawwachaa jiru jedhaniiru. Fuuldurattis balballi nagaa mootummaa banaa ta’uu kaasuun walitti bu’insaa fi waraana dhiisuun misoomaa fi bayyanachuu biyyaa dhugoomsuuf wal tumsinee haa haojjennu jedhaniiru.
Godina Harargee Lixaatti qabeenyota albuudaa sirnaan hojiirra oolchuuf xiyyeeffannoon kennameera
Oct 1, 2025 41
Fulbaana 21/2018(TOI)- Godina Harargee Lixaatti qabeenyota albuudaa adda baasuun sirnaan hojiirra oolchuuf xiyyeeffatamee hjjetamaa akka jiru waajjirri misooma qabeenya albuudaa godinichaa beeksise. Bakka bu’aan hoogganaa waajjirichaa Ifaa Immaanaa TOI’f akka ibsanitti, aanaalee godinichaa 15 keessaa irra caalaa keessatti qabeenyonni Albuudaa akka jiran qorannoon mirkanaa’eera. Kanneen keessaa cilee dhagaa, dhagaa gurraachaa fi adii, Dolomaayit akka keessatti argaman dubbataniiru. Qabeenyota albuudaa sirnaan hojiirra oolchuuf qorannoon adda baasuun dureeyyii hawachuuf tattaaffiin godhamaa akka jiru himaniiru. Godinicha aanaalee Ciroo, Xulloo, Gammachiis fi Shanan Dhugootti dureeyyiin jaha Albuuda baasuurratti hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Dureeyyiin 22 biroon aanaalee Daaroo Labuu, Gammachiis, Shanan Dhugoo fi Cirootti damee kanarratti hojjechuuf adeemsarra akka jiran dubbataniru. Dargaggoonni kuma 12 caalan damee albuudaatiin Cirracha baasuu fi dameelee Albuudaa Biroorratti waldaan gurmaa’anii carraa hojiitti fayyadamuusaanii beeksisaniiru. Dureeyyiin waggoottan darban eyyama fudhatanii hojii hojjetan namoota naannawaa 500 caalaniif carraa hojii dhaabbataa fi yeroo uumuusaanii himaniiru. Aanaa Xullootti albuuda baasaa kanjiran Gazzaaheny Taaddasaa akka jdhanitti, carraa mijateefitti fayyadamuun eyyama Invastimantii fudhatanii hojii hojjechaa jiru. Kaalshiyeem Kaarboneetii wal’aansa biyyoo asiidawaa, Saamunaa fi oomishaalee pilaastikiif oolu oomishaa akka jiran ibsaniiru. Oomisha kana bal’inaan oomishuun gabaa biyya keessaaf dhiheessuuf karoorsanii hojjechaa jiraachuu ibsanii, haala Kanaan walitti hidhamiinsi gabaa cimaan akka godhamuuf gaafataniiru. Hojii gaggeessaan warshaa dhagaa adii Mi’eessoo Adaanaa Hundee akka jedhanitti, waggaa tokkoo asitti qabeenyota Albuudaa godinichatti argamu fayyadamuun oomisha eegaluun magaalota garagaraaf dhiheessuu eegalaniiru. Oomishaalee albuudaa galteef gargaaran sirnaan argachaa akka jiran ibsanii, baay’ina oomishaa guddisuun magaalaawwan Finfinnee, Adaamaa, Dirree Dawaa fi Hararitti baay’inaan dhuheessuuf hojjechaa akka jiran himaniiru.
Ayyaanni irreechaa gabaan uffannaa aadaa caalaatti akka dammaqu godheera
Oct 1, 2025 57
Fulbaana 21/2018(TOI)- Ayyaanni irreechaa gabaan uffannaa aadaa caalaatti akka dammaqu gochuun faayidaa dinagdee dabalataa argamsiisaafii akka jiru daldaltoonni uffannaa aadaa ibsan. Ayyaana galateeffannaa kan ta’e irreechi Sanbata dhufu Finfinnee Hora Finfinneetti akkasumas Dilbata Bishooftuu Hora Harsadeetti nikabajama. Irreechi agarsiiftuu sirna Gadaa isa tokko yoo ta’u ayyaana tokkummaa, obbolummaa fi waloomaati. Kabaja ayyaana Irreechaa fi ayyaanota biroorratti uffannaa aadaa uffachuun oolee bulee guddachaa dhufeera. Daldaltoonni uffannaa aadaa oomishanii fi daldalan TOI’f yaada kennanniin, uffannaa aadaa bakkeewwan garagaraa agarsiisan qopheessuun gabaaf dhiheessuusaanii ibsaniiru. Kanneen uffannaa aadaa daldalan keessaa obbo Seeyifuu Fayyisaa akka jedhanitti, Irreechi ayyaana bu’aa hojiisaanii gabaaf dhiheessanii fi faayidaa itti argatanidha.   Saboonni, sablammoonnii fi ummattoonni ayyaana Irreechaarratti waan hirmaataniif gabaansaanii ammuma sana akka guddatu gochuusaa dubbataniiru. Dargaggoo Hundee Tolasaa gamasaatiin Irreechi faayidaa dinagdee guddaa akka isaaniif buusu eeree, uffannaa aadaa diizaayinii haaraan miidhagan Gabaaf dhiheessuusaa ibseera.   Uffannaa, Faayaa fi meeshaalee miidhagina ayyaanichaaf oolan kan itti gurguran adde Alam Warquu gamasaaniin, Irreechi hojiisaanii beeksisuu fi galiisaanii guddisuuf haala mijataa akka uumeef dubbataniiru.   Obbo Garramuu Leellisaa gamasaaniin, Irreechi uffannaa aadaa bal’inaan beeksisuun gamatti faayidaa dinagdee akka argamsiiseef ibsaniiru. Obbo Alamaayyoo Taarikuu yaada kenneen uffannaa aadaa ayyaanaaf oolan qopheessee dhiheessuusaa ibsee, Irreechi carraa dinagdee guddaa akka uumeef dubbateera.   Adde Buzaayyoo Dajanee akka ibsanitti, uffannaa aadaa ayyaana irreechaarratti fayyadamuun guddachaa dhufuusaatiin carraa hojii uumuuf gumaacha taasiseera.  
Faayidaa midhaan dibataa fi dheedhiirraa argamu guddisuuf xiyyeeffatameera-Ministeera qonnaa
Oct 1, 2025 64
Fulbaana 21/2018(TOI)-Fedhii sharafa alaa kan deeggaru oomishtummaa midhaan dibataa fi dheediif xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru ministeerri qonnaa ibse. Ministeerichatti hoogganaan deeskii misooma midhaan dibataa fi oomishaan boodaa Fissahaa Tolasaa TOI’f akka ibsanitti, kanneen midhaan kana oomishan jajjabeessuu fi oomishtummaa barbaadamu milkeessuuf hojjetamaa jira. Fakkeenyaaf midhaan gurguddoo qonnaan bulaan bal’inaan oomishu dandeettii oomishaa olaanaa kan qabanii fi lafa mijataa adda baasuun kilaastaraan gurmeeffameera jedhan. Haala Kanaan qonni kilaastaraa midhaan dibataa bakka ture heektaara miiliyoona 0 tuqaa 93 fi kuma 930 irraa baraa oomishaa 2017/18 gara heektaara miiliyoona 1 tuqaa 76tti guddachuu ibsaniiru. Dhiheesii sanyii ka’umsaa qorannoon deeggarame fooyyessuun dhiheessii sanyii filatamaa fi xaa’oo akkasumas ittifayyadamni akka guddatu taasifamuu eeraniiru. Rakkoolee midhaan oomishuurratti mudatan adda baasuun, furmaatasaaniis barbaaduun, maanuwaalii fi paakeejii oomisha midhaanii fooyya’anii qopheessuun leenjiin amma qonnaan bulaatti akka kennamu taasifameera jedhaniiru. Gama biraan qonni waliigaltee sadarkaa qajeelfamaatti bahuusaa eeranii, bara oomishaa 2017/18 qofa naannolee Amaaraa, Oromiyaa fi Beenii Shaangul Gumuzitti kanneen midhaan dibataa oomishanii fi bitan kuma 1 fi 264 jidduutti waliigalteen galamuu himaniiru. Midhaan industirii fi alergii tarsiimawaa ta’an adda baasuun ulaagaa gabaan barbaaduun akka oomishaman deeggarsa gochuun qooda fudhattoota waliin hojjetamaa jira jedhaniiru. Midhaan dibataa fi dheedhiin hanqinni dhiheessii sanyii filatamaa kan irratti mul’atu keessaa ta’uu yaadachiisaniiru. Rakkoo kana furuun oomishaa fi oomishtummaa midhaanii guddisuuf gareewwan sanyii oomishan hawaasa hirmaachisuun gurmeessuun sanyii oomishuu eegaluusaanii ibsanii, qajeelfamni hawaasa hirmaachisuun sanyii oomishuu dandeessisu qophaa’aa jiraachuu beeksisaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Tajaajilli Masoob Wiirtuu tokkoo Magaalaa Direedawaatti hojii eegale
Sep 25, 2025 284
Fulbaana 15/2018(TOI)-Bulchiinsa Magaalaa Diree Dawaatti sagantaan jalqabssisa tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob gaggeeffameera. Saganticharratti Ministirri Tajaajila komunikeeshinii Mootummaa Innaataalam Mallasaa fi Kantiibaan Bulchiinsa Magaalichaa Kadir Juhaar dabalatee qaamoleen adda addaa argamaniiru. Tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob Diree Dawaa tajaajila si’ataa fi ariifataa ummataaf kennuuf, akkasumas rakkoowwan bulchiinsa gaarii furuuf kan dandeessisu ta’uu Ministirittiin ibsaniiru.   Mootummaan tajaajila ummataaf kennu ammayyaa’aa, si’ataa, fi Ariifataa gochuuf riifoormiiwwan hojjechaa jiru bu’aa qabeessummaansaa itti fufuusaa kaasuun, tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob agarsiistuu qaama kanaati jedhaniiru. Gaggeessitonni Sadarkaa sadarkaan argaman hojii jijjiiramaa eegalan cimsanii ittifufsiisuun kenna tajaajila ummataa saffisiisuun kutannoon, qajeelummaa fi Amanamummaan akka tajaajilan ergaa dabarsaniiruKantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dawaa Kadir Juhaar gamasaaniin, jijjiirama biyyoolessaa hordofee dhimmoota xiyyeeffannoo guddaan itti kennaman gaaffiiiwwan hawaasaa yeroo dheeraa kenninsa tajaajilaa fi rakkoo bulchiinsa gaarii saffisaa fi qulqullinaan hojii deebisuu ta’uu kaasaniiru. Bu’uruma Kanaan Bulchiinsichi waggoottan jijiiramaa darban tajaajiloota si’ataa fi Ariifataa teekinooloojiin deeggaraman dhaqabamaa taassisuun hojii jajjabeessaa raawwachaa jiraachuu dubbataniiru. Har’a kan eebbifame kenni tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob Diree Dawaa tajaajiloota Mootummaa haala qindaa’ee fi wal-simateen iftoominaan, saffisaan, kennuu dandeessisa jedhaniiru. Masoob Ismaarti Dirree dhugoomsuuf qooda olaanaa akka qabaatu ibsaniiru.   Magaala Diree Dawaati tajaajilli wiirtuu tokkoo eegaluun dhaabbiilee boqonnaa jahaa fi tajaajiloota 28 Teekinooloojiin deeggaramuun gurmaa’insaa fi hoj-maata si’ataa fi Ariifataa Tajaajila ammayya’aa kennuu eegaluusaanii kan dubbatan immoo Itti Aanaa Kantiiibaa Bulchiinsichaa Harbii Buhiiti. Dhaabatichaaf Tajaajila yeroon gaafatu kennuu kan danda’an ogeessonni 64 leenjii fudhatanii gara hojiitti galuusaanii dubbataniiru.
Ispoortii
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Tarkaanfii fi kutannoon Itiyoophiyaan qulqullina qilleensaa fooyyessuuf fudhatte dinqisiisaadha
Sep 25, 2025 398
Fulbaana 15/2018(TOI)- Tarkaanfii fi kutannoon cimaan Itiyoophiyaan qulqullina qilleensaa fooyyessuuf qabdu dinqisiisaadha jechuun ibse inistiitiyuutiin dhaabbata qorataa idil addunyaa Istookhoolm Invaaronment ibse. Qulqullinni qilleensaa qilleensi ammam faalamarraa bilisa? Kan jedhu kan ittiin safaramudha. Biyyoonnii fi dhaabbileen safartuuwwan qulqullina qilleensaa qopheessuun qilleensi qulqulloodha moo faalameera kan jedhu madaaluun qulqullinasaa fooyyessuuf nihojjetu. Qulqullinni qilleensaa fooyya’uunsaa dhibeef saaxilamuu hir’isuuf, qilleensa naannawaa eeguu fi jijjiirama haala qilleensaa ittisuuf qooda murteessaa qaba. Inistiitiyuutiin Istookhoolm Invaaromentaal A.L.Atti bara 1989 hundeeffame qormaattonni haala qilleensaa, qilleensa naannawaa fi misooma fulla’aa akka furaman yaada saayinsaawaa qorannoo fi qu’annoo nidhiheessa, deeggarsa gabbisa dandeettii nitaasisa. Deeggarsa dhaabbanni imaammata Saayinsii idil addunyaa taasisu keessaa biyyoonni qulqullina qilleensaa akka fooyyessan deeggaruudha. Inistiitiyuutii Istookhoolm Invaaromentaalitti ogeessii fi qorataan qulqullina qilleensaa Nigongangi Waanjii Danub turtii TOI waliin taasisaniin, Kutannoo cimaa Itiyoophiyaan qulqullina qilleensaa fooyyessuuf qabdu dinqisiifataniiru. Itiyoophiyaan qulqullina qilleensaa ilaalchisee yeroo yerootti odeeffannoo walitti qabuun dursuun faalama ittisuuf hojiin itti jirtu jajjabeessaadha jdhaniiru. Odeeffannoowwan sadarkaa dhaabbataatti galtee imaammataaf oolchuuf kutannoo jiru dinqisiifataniiru. Karoora bulchiinsa qulqullina qilleensaa fi qulqullinni ittiin to’atamu qopheessuunfaalama qilleensaa dursaan ittisuuf akka dandeessisu dubbataniiru. Inistiitiyuutichi hojii abbaan taayitaa eegumsa naannoo bulchiinsa magaalaa Finfinnee magaalichatti odeeffannoo qulqullina qilleensaa walitti qabuu fi to’annoo qulqullina qilleensaa hojjechaa jiru deeggaraa akka jiru ogeessi kun ibsaniiru. Teeknooloojiiwwan Inistiitiyuutiin hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa hojjetu dabalatee Humna Itiyoophiyaan dhaabbilee garagaraa keessatti qabdu odeeffannoowwan qulqullina qilleensaa yeroo yerootti walitti qabuun faalama hir’isuuf cimtee hojjechuu akka qabdu gorsaniiru. Qulqullina Qilleensaa fi odeeffannoo haala qilleensaa haala Qindaa’een fayyadamauun faalama ittisuurratti bu’aa hunda galeessafiduuf hojjechuun akka malu hubachiisaniiru. Invaarometaal Inistitiyuutii Istookholmi Itiyoophiyaa dabalatee sadarkaawwan qulqullina qilleensa biyyoota Afriikaa akka fooyyessan deeggarsa gochaa jiraachuu ibsaniiru. Sadarkaa safartuu qulqullina Qilleensa biyyoolessaa fi hojiirra oolmaa imaammataa fi deeggarsa gabbisa dandeettii kennaa jiraachuu eeraniiru. Odeeffannoo Qulqullina Qilleensaa biyyoota Afriikaa haala qilleensa biyyoolessaa waliin walitti hidhuurratti akka argamu ogeessi kun ibsaniiru. Biyyoon buufata raaga haala Qilleensaasaaniitti odeeffannoo haala qilleensasaanii waliin odeeffannoo haala qilleensa walitti hidhanii fayyadamuun bu’aa barbaadamu fiduuf akka hojjetanii fi cehumsa gara Dinagdee Magariisaatti taassisan akka saffisiisan hubachiisaniiru. Dhimmi qulqullina qilleensa Afriikaa caasaa dhaabbataa fi hammattoo imaammataan dabaluuf hojii eegalan cimsanii akka itti fufan waamicha dhiheessaniiru.
Innisheetiivoota Itiyoophiyaan Dhiibbaa Haala Qilleensaa dandamachuuf Jalqabde tumsa kibba-kibbaan jabeessuu barbaachisa
Sep 12, 2025 979
Fulbaana 02/2018(TOI)- Innisheetiivoota Itiyoophiyaan Dhiibbaa Haala Qilleensaa dandamachuuf Jalqabde tumsa kibba-kibbaan jabeessuun akka barbaachisu hoggantoonni dhaabbilee Idil-Addunyaa ibsan. Hangi Faalama gaazii Afriikaan gallakkiftu dhibbentaa afur caaluu baatus dhiibbaa haala jijiirama qilleensaan baay’ee Miidhamtuu ta’uunshee hin oolle. Keessumaa Afriikaa dabalatee biyyoonni guddachaa jiran rakkoo dhiibbaa jijiirama Haala Qilleensaan isaanirra gahu gaaffii dhimma jiraachuu keessa kan galu ta’eera. Afriikaan Dhiibbaa Haala Qilleensaa dandamachuuf biyyoota gaazii qilleensa faalu guddaa dad-lakkisan eeggachuuurra , furmaata mataashee barbaaduu qabdi kan jedhu yaada dhaabbilee Idil-addunyaa hedduuti. Kanarra darbee biyyootaTeekinooloojiin badhaadhan kanneen akka Chaayinaa fi Jaappaan waliinTumsa waloo Kibba-kibbaa taassisuun humna Teekinooloojii guddifachuu akka qabdu ibsaniiru. Gargaaraan Barreessaa dhaabbata Meetiworooloojii Addunyaa Toomaas Asaaree TOI’f akka ibsanitti , Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa Guddicha faayinaansii haala Qilleensaa maddisiisuu fi biyyoonni ollaa humna Haaromfamaan walitti hidhuun gumaacha guddaa qaba. Itiyoopiyaan sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuuwwan biiliyoonaan lakka’aman dhaabuun Dinagdee magariisaa Jijiirama Haala Qilleensaan hinraafamne ijaaraa jiraachuu ibsaniiru. Kanaafis Kutannoon gaggeessummaa Ministira Muummee Dr.Abiyi Ahimadii fi Hirmaannaan ummata Itiyoophiyaa qooda olaanaa qabachuu dubbataniiru. Ta’us Itiyoophiyaan Jijiirama Haala Qilleensaa dandamachuuf tattaaffii taassistu tumsa kibba -kibbaan jabeessuutu barbaachisa jedhaniiru. Gargaaraa Daarekteer Jeneraalaa dhaabbata qonnaa fi nyaataa addunyaa fi itti waamamaan Afriikaa Dr. Abbabaa Hayilagabreel gamasaaniin, waliigalteewwan Paarisii fi idil addunyaa kanneen biroo biyyoonni gaazii qilleensa faalu guddaa gad-lakkisan faayinaansii jijjiirama qilleensaa akka danda’an taasisuuf bahan sirnaan hojiirra hin oolle jedhaniiru. Dhiibbaa jijiirama haala Qilleensaa dandamachuuf tumsa kibba-kibbaa cimsuun humna teekinooloojiisaanii guddisuu akka qaban ibsaniiru. Afriikaan ardii humna haaromfamaa, qabeenyota albuudaa fi dilbii uumamaa kanneen biroo qabdu ta’uushee eeruun, teeknooloojii dilbii kana ittiif fayyadamtu tumsa kibba-kibbaan madaqsuu qabdi jedhaniiru. Hammattoo waliigaltee Kibba -Kibbaan biyyoon akka chaayinaa waan hedduun qoramanii humna teekinooloojii bu’uura qabatan ijaaraniiru kan jedhan Dr.Abbabaan , Afriikaan turtee seenuushee, /latecomer advantage/ akka carraatti fayyadamuu akka qabdu ibsaniiru. Biyyoonni akka Chaayinaa hammattoo tumsa tumsaan dandeettii teeknooloojii hedduu qoramanii bu’ura qabate ijaaraniiru kan jedhan Dr. Abbabaan, Afriikaan turtee itti seenuunshee /late comer advantage/ akka carraatti fayyadamuu akka qabdu ibsaniiru.
Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf gargaarsa osoo hintaane Invastimantii waloo barbaaddi-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Sep 8, 2025 1037
Qaammee 3/2017(TOI)- Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf gargaarsa osoo hintaane Invastimantii waloo barbaaddi jedhan Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad. Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa Afriikaa lammaffaan jiddugala konveenshinii idil addunyaa Addisitti eegalameera. Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad dabalate hooggantoonni riijinichaa fi biyyoota Afriikaa garagaraa, hooggantoonni dhaabbilee idila addunyaa akkasumas qorattoonni jijjiirama haala qilleensaa yaa’icharratti hirmaataniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad dubbii baniinsa yaa’ichaarratti dubbataniin, qormaata jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf hir’uu keenyarraa osoo hinta’iin kan qabnurraa eegaluu qabna jedhaniiru. Haala Kanaan Afriikaan dargaggoota hedduu, lafa misoomuu danda’u akkasumas humna haaromfamaaf wantoota hedduu qabdi jedhaniiru. Waan ta’eef asitti kan argamne jijjiirama haala qilleensaa addunyaaf furmaata kaa’uufi jechuun ibsan ministirri muummee. Kanaaf Afriikaan laftishee osoo hinmiidhamiin guddachuu akka dandeessu ibsaniiru. Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf kan barbaaddu gargaarsa osoo hintaane Invastimantii walooti kan jedhan ministirri muummee, invastimantiin jijjiirama haala qilleensaarratti taasifamu faayidaa guddaa akka qabu kaasaniiru. Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf furmaata ijoo ta’uu akka qabdus dubbataniiru.’ Afriikaan jijjiirama haala qilleensaarratti birmadummaa odeeffannoo mataashee qabaachuu akka qabdu kaasaniiru. Hammattoon Yuunivarsiitiiwwanii fi qorattoota Afriikaa akkasumas qooda fudhattoota biroo hirmaachisee fi jijjiirama haala qilleensaaf furmaata qindaa’e diheessu akka hindeeffamu yaada dhiheessaniiru. Haala Kanaan Itiyoophiyaan karaa ashaaraa magariisaa waggoottan toorba dura eegalameen biqiltuu biiliyoona 48 dhaabuushee eeraniiru. Sagantaan ashaaraa magariisaa naannawa eeguurra darbee bakkeewwan miidhaman akka bayyanatan, wabii nyaataa fi carraa hojii uumuuf carraa guddaa uumuusaa eeraniiru. Itiyoophiyaan misooma jallisii rakkoo jjjiirama haala qilleensaan walsime hojjechuun oomisha Qamadiin jijjiirama olaanaa fiduushee ibsaniiru. Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi tibbana eebbifamu anniisaa haaromfamu meegaa waattii kuma shan caalaa maddisiisuunItiyoophiyaa fi riijinicha fayyadamoo anniisaa akka taasisu ministirri muummee dubbataniiru. Itiyoophiyaan yaa’ii jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii keessummeessuu akka barbaaddus eeraniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 14188
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015