Dijiitaal Itiyoophiyaa 2025  sirna Dijiitaalaa keessatti bu’aa guddaa argamsiiseera- Dr.Balaxaa Mollaa 

Waxabajjii 24/2017 (TOI)-Waggoottan shanan darban hojiirra oolaa kan ture dijiitaal Itiyoophiyaa 2025  sirna Dijiitaalaa keessatti bu’aa argamsiiseera  jechuun Ministirri Teekinooloojii fi Innovaashinii  Dr.Ballaxaa Mollaa Ibsan. 

Mistirichi turtii TOI waliin taassisaniin akka ibsanitti , guddina  waliigalaa biyya tokkoo mirkaneessuun kan danda’amu  sirni hojmaataa Saayinsii fi Teekinooloojiin, akkasumas Innoveeshiniin yoo deegaramedha. 

Itiyoophiyaan hammattoo seeraa fi Tarsiimoo sirna dijiitaalaatti galuuf ishee dandeessisu qopheessitee hojii eegaluushee ibsaniiru.

Dabalataanis bu’uuraaleen misoomaa gara sirna dijiitaalaatti galchuuf gargaaran guutamanii hojiirra ooluu jalqabuu beeksisaniiru.

Tarsiimichi Riifoormii Dinagdee Mandhalee fi tarsiimoo karoora misoomaa waggaa 10 akkasumas Tarsiimoo Tiraanisfoormeeshinii Dijiitaalaa Afriikaa waliin walitti hidhamee raawwatamaa turuu  ibsaniiru.

Waggoottan darban hojiirra oolaa kan ture tarsiimoon Dijiittal Itiyoophiyaa 2025 baatii tokkoo booda akka goolabamu ibsuun, hanga 20230tti  hojiirra kan oolu tarsiimoon waggaa shanii  qophaa’aa akka jiru   ibsaniiru.

Tarsiimoon dijitaal Itiyoophiyaa 2025 waggoottan shanan darban hojiirra oolaa ture damee saayinsii, teeknooloojii fi Innoveeshiniirratti bu’aan guddaan akka irraa argame ministirichi beeksisaniiru.

Waggoota shanan darban sirna kaffaltii Dijiitaalaa Diriirsuun Tajaajila Dijiitaalaa babal’isuun akkasumas, waraqaa eenyummaa Dijiitaalaa dhaqabamaa taassisuurratti  hojiin bu’aa qabeessi hojjetamuu    kaasaniiru.

Sirna hojii Mootummaa  Ammayyeessuu waliin wal qabatee Dijiitaala Itiyoophiyaa 2025 dhugoomsuuf  tattaaffii milkaa’aa taasifamaa jiru keessatti tajaajilli jiddugaleessa tokkoo  (Masoob) dhugoomsuuf hojii milkaa’inaa hojjetaman keessaa tokko ta’uu  ibsaniiru. 

Dhaabbatichi  Tajaajila Teekinooloojii Dijiitaalaa bakka tokkootti fayyadamuun Tajaajiloota Mootummaa adda addaa walitti hidhuun tajaajilaa kennaa akka jiru beeksisaniiru. 

Fuulduratti tajaajila jiddugaleessa tokkoo (masoob) gara Magaalota Naannooleetti babal’isuun  fayyadamtoota tajaajilichaa akka ta’aniif hojjetamaa jirachuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015