Naannichatti Bu’uuraaleen Misoomaa Ijaaramanii tajaajilaaf ga’aa jiran fayyadamummaa hundagaleessa hawaasaa kan guddisanidha - ENA Afaan Oromoo
Naannichatti Bu’uuraaleen Misoomaa Ijaaramanii tajaajilaaf ga’aa jiran fayyadamummaa hundagaleessa hawaasaa kan guddisanidha

Waxabajjii 28/2017(TOI)-Naannoo Oromiyaatti dhaabbiileen Bu’uuraalee Misoomaa Ijaaramanii tajaajilaaf ga’aa jiran fayyadamummaa hundagaleessa hawaasaa kan guddisan ta’uun ibsame.
Godina Iluu Abbaabor Aanaa Hurruumuutti bu’uuraaleen misoomaa adda addaa bassii Birii Miiliyoona 72 oliin ijaaraman tajaajilaaf ga’aniiru.
Sagantaa eebbaa sanarratti kan argaman Paartii Badaadhinaa Damee oromiyaatti Itti Gaafatamaan Damee Siyaasaa Obbo Namarraa Bulii akka ibsanitti , Pirojektoonni Bu’uuraalee Misoomaa Fayyadamummaa Hawaasaa Dabalaa jiran tajaajilaaf dhihaachaa jiru .
Keessumaa dhaabbileen bu’uuraalee misoomaa fedhii hawaasaa guutuu fi fayyadamummaa hunda galeessa mirkaneessuuf kan gargaaran waan ta’aniif hojichi cimee itti fufa jedhaniiru.
Pirojektoonni Misoomaa gaaffii Hawaasummaa, Dinagdee fi Bulchiinsa gaarii deebisuu danda’an bal’inaan akka hojjetamanis dubbataniiru.
Hoggansi sadarkaan jiru tajaajila uummataaf kennu saffisiisuu fi rakkoo Bulchiinsa gaarii dhabamsiisuu akka qabu hubachiisaniiru.
Bulchaa Godina Iluu Abbaaboor Indaalkaachoo Tafarii gamasaaniin, bara baajataa kana Godinichatti Aanaa hundatti dhaabbiileen bu’uuraalee misoomaa gaaffii uummataa gama Hawaasummaa, Dinagdee, fi Bulchiinsa gaarii deebisan ijaaramanii tajaajilaaf ga’uu ibsaniiru.
Godinichatti dhaabbilee bu’uuraalee misoomaa tajaajilaaf ga’a jiran keessaa mana barumsa Bu’’uura Booruu, Riqichawwan, Daandiiwwan, Dhaabbilee Bishaan Dhugaatii Qulqulluu, Waajjiraalee Bulchiinsa, fi Gidduugalli Gabaa akka keessatti argaman ibsaniiru.
Pirojektoonni kunneen kallattiinis ta’e al kallattiin rakkoo hawaasaa hunda galeessa furuu kan danda’anidha.
Bulchaan Aanaa Hurrumuu Minaasee Mokonnin Aanichatti Dhaabbiileen bu’uuraalee misoomaa 37 waliigala baasii birrii miiliyoona 72 tuqaa 6 oliin ijaaramuun xumuramanii tajaajilaaf ga’uu ibsaniiru.
Jiraattota Aanaa Hurrumuu Keessaa Aadde Hizbaalam Dagafuu fi Obbo Galataa Caakkaa Naannosaaniitti dhaabbiileen bu’uuraalee misoomaa addaa addaa ijaaramanii tajaajilaaf ga’uu isaanii ibsuun, dhaabbileen kunneen gaaffii isaanii yeroo dheeraa kan deebisan ta’uu ibsaniiru