Tamsaasa Kallatti:
Siyaasa
Caasaan nageenyaa ummata waliin qindoomee hojjechuusaatiin shira baadaa keessaa fi baandaa alaa fashaleesseera-Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el
Aug 27, 2026 102
Hagayya 21/2018 (ENA)- Caasaan nageenyaa ummata waliin qindoomee hojjechuusaatiin shira baadaa keessaa fi baandaa alaa fashaleessuun akka danda’ame Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el ibsan. Waltajjiina nageenyaa waloo komishinaroota poolisii Itiyoophiyaa fi hoggantoota nagaa fi tasgabbii gaggeeffamaa jira. Komishinar jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el wayita kana akka jedhanitti, caasaan nageenyaa ummata waliin qindoomee hojjechuusaatiin bu’aaleen nageenya cimsan argamaniiru. Filannoon biyyaalessaa torbaffaan nagana akka gaggeeffamu, raayyaan poolisii, hoggantoonni bulchiinsaa fi nageenyaa, milishoonni, raayyaan ittisa biyyaa sadarkaan jiru waloomaan karoorsuun hojjechuusaaniitiin filannoon akka biyyattis ta’e sadarkaa addunyaatti fakkeenya ta’e karaa nagaa gaggeeffamuusaa dubbataniiru. Diinonni biyya keessaa fi biyya alaa Itiyoophiyaan rakkoo keessa akka turtu nagaashee booressuuf barbaadan walitti dhufuun shira hedduu akka karoorsan kan dubbatan komishinar Jeneraal Dammallaash, shiroota kana sadarkaa hundatti lubbuusaaniillee aarsaa gochuunii fi shira kana fashaleessuudhaan, nagaa fi tasgabbii biyyaa eegsisuun sadarkaa har’a irra gahameef hojjetamuusaa dubbataniiru. Waltajjichi fuulduratti daba diinonni Itiyoophiyaa nagaa fi tasgabbii gufachiisuuf baandota biyya keessaa fi biyya alaa waliin walitti dhufanii hojjetan hunda fashaleessuuf, raayyaan ammallee qophii ta’uusaa kan itti mirkaneessuu fi ergama fuulduraaf kan itti of qopheessudha jedhaniiru. Itiyoophiyaan bakka gahumsa turistootaa ta’uurra darbee biyya taateewwan Ardii fi idil addunyaa gurguddoon keessatti gaggeeffamu akka taate kaasaniiru. Taateewwan kunneen rakkoo nageenyaa tokko malee akka gaggeeffaman raayyaan poolisii qaamolee nageenyaa biro waliin ta’uun ta’uun hojiilee gurguddoo hojjechaa akka jiru dabalanii ibsaniiru. Taateewwan biyyaalessaa fuulduraaf gaggeeffamaniif waliin mari’achuun, waliin karoorsuunii fi daba diinaa fashaleessaanagaan akka gaggeeffaman gochuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Waltajjiin har’aas hojii hojjetameen muuxannoo argamanii fi hanqinoota mudatan adda baasuun ergama fuulduraatiif gamanumaa qophaa’uuf kan karoorfame ta’uu dubbataniiru.
Pirezidaanti Taayyee Atsqasillaasee Ambaasaaddara Kooriyaa Kibbaa yeroo hojii saanii xumuran gaggeessan
Aug 26, 2026 122
Hagayya 20/2018 (ENA): Pirezidaantiin Rippaabilika Dimokirataawaa Federaalaa Itoophiyaa Taayyee Atsqasillaasee Itoophiyaatti Ambaasaaddara Kooriyaa Kibbaa yeroo hojii saanii xumuran Jaangi Kaangi gaggeessaniiru. Sirna gaggeessaa Masaraa Mootummaa Biyyaalessatti raawwatame irratti Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Kooriyaa Kibbaa argaman Jaangi Kaangi akka jedhanitti, hariiroon Itoophiyaa fi Kooriyaa Kibbaa hundee seenaa cimaa irratti kan ijaarameta’uu ibsaniiru. Hariiroon gam-lameee biyyoota lamaan gidduu jiru dhimmoota tarsiimowaa irratti guddachaa dhufuu isaa ibsaniiru. Keessattuu daawwannaa sadarkaa hoggantoota ol-aanaatti taasifamuun, walta'insa dinagdeetiin fi hariiroo ummataa fi ummataatiin guddinni jajjabeessaan galmeeffamuu isaa dubbataniiru. Waggottan Itoophiyaa keessa turanitti hariiroo biyyoota lamaanii gara sadarkaa ol-aanaatti ceessisuuf shoora olanaa taphachuu isaas ambaasaaddarichi ibsaniiru. Gara fuulduraattis hariiroo daldalaa biyyoota lamaan gidduu jiru guddisuuf, hirmaannaa dinagdee fi investimantii dhaabbilee Kooriyaa Kibbaa Itoophiyaa keessatti qaban cimsuun akka barbaachisu eeraniiru. Dabalataanis hariiroo ummataa fi ummataa akkasumas jijjiirraa aadaa ummatoota lamaan gidduu jiru caalaatti cimsuun akka barbaachisu ambaasaaddarichi ibsaniiru. Michummaa seenaa qabeessaa fi cimaan biyyoota lamaan gidduu jiru gara fuulduraattis cimee akkaittifufu abdii qabaachuu saanii ibsuun, yeroo gaarii Itoophiyaa keessatti dabarsaniif galateeffataniiru.
Birmadummaa Biyyaa Kabachiisuuf Qophiidha –Eebbifamtoota Komandoo koorsii Tsinaat
Aug 24, 2026 808
Hagayya 18/2018 (ENA)- Leenjii argataniin dirqama biyyaa isaanitti kennamu bu'a qabeessummaan ba'achuun birmadummaa Itoophiyaa kabachiisuuf qophii ta'uu isaanii leenjitoonni komaandoo bu'uuraa koorsii Tsinaat Wiirtuu Leenjii Ajaja duula Addaa irraa eebbifaman ibsan. Wiirtuu Leenjii Ajaja duula Addaa komaandoo bu'uuraa leenjii Tsinaat marsaa 45ffaatiif leenjise eebbisiiseera. Sagantaa eebbaa kana irratti kan argaman Itaamaajor Shuumiin Humnoota Waraanaa walii galaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa ergaa dabarsaniin; humni qilleensaa fi komaandoon dandeettii qaamaa, cichoomaa fi beekumsa waraana olaanaa isaatiin kallattii lolaa jijjiiramaa ta'uu isaa dubbataniiru. Eebbifamtoonni komaandoo bu'uuraa koorsii Tsinaat ENA waliin turtii taasisaniin; leenjii fudhataniin muuxannoo fi dandeettii waraana olaanaa horachuu isaanii ibsaniiru. Eebbifamtoota keessaa komaandoo bu'uuraa Abduulsalaam Siyyum; biyya malee ummanni, ummata malee biyyi adda bahanii ilaalamuu akka hin dandeenye dubbateera. Birmadummaan biyyaa eegamee akka turuuf waraana irraa waan baay'een akka eegamu ibsuun biyya jaallachuun loltummaan tajaajiluu ulfina waan ta'eef leenjii waraana argateen biyya isaa tajaajiluuf qophii ta'uu isaa mirkaneesseera. Itoophiyaa ogummaa waraanaan tajaajiluuf leenjii Tsinaat fudhatte xumuruu isheetiin gammaduu kan dubbatte komandoo bu'uuraa Fantaayee Yaadataa gama isheetiin;leenjii waraana fudhatteen Itoophiyaan dirqama biyyaa ishee irraa feetu hundumaa irratti gahee ishee gahumsaan ba'achuuf qophii ta'uu ishee ibsiteetti. Eebbifamaan biraan komandoo bu'uuraa Daagim Daawwit; turtii leenjii isaatiin barnoota waraana dandeettii qabu ta'uu isa dandeessisuu fi muuxannoo argachuu isaa dubbateera. Adeemsa leenjii sirnaan xumuruu isaatiin gammaduu ibsee, fuula durattis nagaa biyyaa eegsisuuf qophii ta'uu isaa beeksiseera. Komaandoo bu’uuraa Mulgeetaa Girmaa jaalalli addaa ogummaa waraanaatiif qabu gara Wiirtuu Leenjii Ajaja duula Addaa seenee leenjii hordofuu kaka’umsa qabaachuu ibsee; wiirtuu sanatti leenjiiwwan adda addaa fudhachuu isaa fi fuula durattis dandeettii waraana horateen daangaa biyya isaa eeguuf qophaa’uu isaa dubbateera. Komaandoo bu'uuraa Qaalkidaan Geetaahuun gama isheetiin; Wiirtuu Leenjii Ajaja duula Addaatti leenjiin waraana fudhatte biyya ishee tajaajiluuf ga’oomuu fi qophii akka ishee taasise ibsitee, dandeettii waraana horatteen dirqama biyyaa isheef kennamu bu'a qabeessummaan ba'achuuf qophii ta'uu ishee mirkaneessiteetti.
Marichi milkaa’inaan xumurameera – Komishinicha
Aug 22, 2026 918
Hagayya 16/2018(ENA)- Yaa’iin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa Adoolessa 8 bara 2018 eegalame marii torbeewwaniif gaggeeffameen booda guyyaa har’aa milkaa’inaan xumuramuusaa komishiniin marii biyyaalessaa beeksise. Itti aantuun komishinarii olaanaa komishinichaa Hiirut Gabrasillaasee yaa’ichi xumuramuu iilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kennaniin Itiyoophiyaanonni kuma 4 waltajjii seena qabeessa kanarratti walitti dhufuudhaan ajandaawwan biyyaalessaa ijoo ta’an saddet irratti mari’achaa turuusaanii yaadachiisaniiru. Dhumarrattis mari’attoonni yaada furmaataa waldhabdeewwan bara dheeraaf turaniif furmaata ta’an qindeessanii komishinichaaf kennuusaanii dabalanii ibsaniiru. Adeemsa Kanaan mari’atoonni dhimmoota tokko tokko irratti salphaatti walii galaa, dhimmoota tokko tokko irratti ammoo yeroo fudhatanii marii cimaa taasisuudhaan dhumarrattis dhimmoota hedduurratti walii galuusaanii dubbataniiru. Komishinichi adeemsicha yemmuu hordofu waltajjiiwwan marichaa hundi wal dhaaggeeffachuun, wal kabajuunii fi wal danda’uun raawwatamaa akka ture mirkaneessuun akka danda’ame itti aantuun komishinarii olaanaa Hiirut dubbataniiru. Kaayyoon marii biyyaalessaa qaamoleen qooda fudhattootaa garaagarummaa qaban mari’atanii walii galtee uumuudhaan fuulduratti waliin tarkaanfachuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Mariin biyyaalessaa mo’aa fi mo’atamaa adda baasuu miti kan jedhan itti aantuun komishinara olaanaa Hiirut, adeemsi kun dorgommii gamni tokko mo’atamee gamni biraa itti mo’atu miti jedhaniiru. Akka ibsa itti aantuu komishinara olaanaa Hiirutitti marii Kanaan Itiyoophiyaanonni wal baraniiru, hariiroo cimaa uumaniiru, ilaalchota garagaraa dhaggeeffataniiru, akkasumas qormaatilee biyya keenyaa ilaalchisee yaada wal jijjiiraniiru, dhumarrattis walii galteerra gahaniiru. Yaa’iin marii biyyaalessaa kun garaagarummaa Itiyoophiyaan akka biyyaatti qabdu mariin furuu akka dandeessu kan itti agarsiifte boqonnaa seena qabeessadha jechuun dubbataniiru. Milkaa’ina yaa’ii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaaf qaamota gumaacha taasisan hunda maqaa komishinichaan galateeffataniiru itti aantuun komishinara olaanaa.
Mariin Biyyaalessaa Itoophiyaa Afrikaanotaaf Fakkeenya Kan Ta’udha – Oliseeguun Obosaanjoo
Aug 22, 2026 614
Hagayya 16/2018 (ENA) – Mariin Biyyaalessaa Itoophiyaa Afrikaaf fakkeenya guddaa ta’uu danda’a jechuun Pirezidaantii Naayijeeriyaa duraanii fi Ergamaan Addaa Gamtaa Afrikaa Gaanfa Afrikaaf, Oliseeguun Obosaanjoo, ibsan. Sagantaan Cufiinsaa Yaa’ii Marii Biyyaalessaa Giddugala Konveenshinii Idil-Addunyaa Addisitti gaggeeffamaa jira. Pirezidaantiin duraanii Naayijeeriyaa fi Ergamaan Addaa Gamtaa Afrikaa Gaanfa Afrikaa, Oliseeguun Obosaanjoo, Yaa’iin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa milkaa’inaan xumuramuu ibsaniiru. Yaa’iin kun milkaa’inaan akka xumuramuuf gumaacha kan taasisan qaamolee hundaaf baga gammaddan jechuun ergaa dabarsaniiru. Mariin Biyyaalessaa nageenya waaraa fiduuf kan dandeessisu ta’uu eeruun, adeemsi kun seenaa keessatti iddoo guddaa kan qabu ta’uu ibsaniiru. Mariin Biyyaalessaa hammataa fi hirmaachisaa ta’e kun Afrikaaf fakkeenya gaarii ta’uu danda’a jedhaniiru. Itoophiyaanonni nageenya fiduuf walitti dhufanii mari’achuu fi waliigaltee irra ga’uuf filannoon taasisan kun kan dinqisiifamu ta’uu dubbataniiru. Yeroon mariif kennamu kamiyyuu, miidhaa walitti bu’iinsaa fi waraanni fidu waliin yoo madaalamu, gahee olaanaa fi hin-madaalamne qaba jedhaniiru. Mariin Biyyaalessaa kun Itoophiyaa keessatti nageenyi akka mirkanaa’u, akkasumas misoomaa fi badhaadhinni akka mirkanaa’uuf bu’uura gaarii kan kaa’u ta’uu ibsaniiru.  
“Raayyaan ittisa biyyaa gaachana Itiyoophiyaati!” Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa
Aug 22, 2026 671
Wiirtuun leenjii Izzii duulota addaa “komaandoo bu’uraa Koorsii Tsinaat” yeroo 45ffaaf leenjise har’a ebbisiiseera. Itaamaajoor shuumiin humnoota waraanaa waliigalaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa sagantaa eebbaarratti keessumaa ta’uun argamanii ergaa dabarsaniin, raayyaan ittisaa gaachana Itiyoophiyaati jedhaniiru. “Qawween ergamtoota alagaa biyya diiga” kan jedhan Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa nuyi garuu hojjechaa kan jirru finxaaleyyii fi jeeqxota biyya diiguuf wixxifatan qolachuudha jedhaniiru. Humni qilleensarraa bu’uu fi komaandoon ga’umsa qaamaan, cichoominaa fi beekumsa loltuu olaanaa qabuun humna kallattii waraanaa jijjiiru waan ta’eef weerartoota keesaa fi alaa aggaamanii fi walitti bu’iinsa qolachuudhaan qormaatilee namtolchee fi uumamaa keessa darbee imaanaa biyyaalessaa ga’umsaan ba’achuusaa ibsaniiru. Itiyoophiyaanonni roobni summii samiirraa osoo itti roobuu biyya albee fi dimotforiidhaan waraananii nuuf dabarsan har’a meeshaa waraanaa argannoo teeknooloojii hidhannee kasaaraa namaa hir’ifnee humna guddaan bara waraannurratti argaman. Waadaa gootota Sanaa eeguu fi faayidaa biyyaalessaa biyyaa kabachiisuuf har’allee qophoofneerra kan jedhan Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan warri har’a eebbifamtan ammam ciniinnatanii leenjiisaanii akka xumuran agarsiisa taasifamerraa hubachuusaanii kaasaniiru. Leenjiin komaandoo salphaarraa gara ulfaataatti ulfaataarraa gara walxaxaatti kan cehuu fi adeemsa cehumsa loltuurraa gara loltuu ga’oomaatti akkuma maqaasaanii cichoominaan cehanii ergama biyyii fi ummannisaanii kenneef kutannoon bahachuu akka qaban imaanaa kennaniiruuf. Itaamaajoor shuumiin humnoota waraanaa waliigalaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa dabalatee, itti aanaan Itaamaajiio shuumiin waliigalaa Jeneraal Ababaawu Taaddasaa, itti gaafatamaan hoggansa dhukaasaa ittisaa Jeneraal Alamisheet Daggifee, hogganaan qajeelcha olaanaa leenjii ittisaa Jeneraal Yimar Mokonnon, hogganaan qajeelcha olaanaa Maandisa ittisaa Jeneraal Dastaa Aab, Kantiibaan magaalaa Hawaasaa obbo Xiraatuu Bayyanaa, ajajaan izzii duulota addaa Letenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa, itti aanaan pirezidaantii naannolee qondaaltonni Jeneraalaa keessummoonni waamaman sagantaa eebbaarratti argamaniiru.  
Yaa’iin Marii Biyyaalessaa miira Abbummaa dagaagsuun seenaa Itoophiyaan keessatti mo'attedha
Aug 22, 2026 121
Hagayya 16/2018 (ENA): Yaa’iin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa garaagarummaa fi miira ‘anummaa’ irraa gara ‘Unummaatti’ ce’uudhaan ilaalcha waliinii biyyaalessaa kan irratti ijaaramee fi seenaa Itoophiyaan keessatti mo'atte ta'uu hirmaattonni ibsan. Yaa’iin Marii Biyyaalessaa Adoolessa 8 bara 2018 irraa eegalee Galma Konvenshinii Idil Addunyaa Addisitti gaggeeffamaa ture gara xumuraatti dhihaateera. Hirmaattonni yaada isaanii (ENA) kennan akka jedhanitti, garaagarummaa yaadaa irratti taa'anii mari'achuudhaan gara waliigalteetti dhufuun nagaa waaraa fi guddina waliinii biyyaatiif bu'uura kaa'eera. Hirmaattota keessaa IiseeBaanee HaajjiiAbuubakar akka ibsanitti, mariin kun rakkoolee marii fi waliigalteedhaan furuun akka danda'amu qabatamaan kan agarsiisedha. Marichaan yaada adda addaa dhihaatanii gara yaada waliinii tokkootti dhufuun akka danda'ame eeruudhaan, hirmaattonni hundi yaada isaanii bilisummaa fi walqixxummaadhan kan dhiheessan ta'uu ibsaniiru. Mariin biyyaalessaa kun aadaa biyyaattii ta'ee ittifufu kan qabu ta'uus dubbataniiru. Hirmaataan biraa Qees Dannaqaa Daarimoo gama isaaniitiin, mariin biyyaalessaa kun adeemsa seenaa qabeessa ta'uu ibsaniiru. Saboota, Sab-lammootaa fi ummatoota adda addaa kan bakka bu'an Itoophiyaatokko ta'anii biyyattiif furmaata barbaaduuf mari'achuu isaanii yaadachiisaniiru. Hirmaattonni hundi yaada isaanii bilisummaadhan ibsachuu mirgi isaanii eegamee mari'achaa kan jiran ta'uu eeruudhaan, rakkoolee mariidhaan furuun dhaloota dhufuuf kan fayyadu seenaa haaraa barreessuu ibsaniiru. Mariin biyyaalessaa kun nagaa waaraa biyyaattiif gumaacha ol'aanaa kan qabu ta'uu fi biyyoota Afrikaa birootiifis fakkeenya ta'uu kan danda'u ta'uu ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena# Marii # See less
Itiyoophiyaa fi Ameerikaan ittisaa fi nageenyarratti tumsa tarsiimawaa hundeessuuf waliigalan
Aug 21, 2026 198
Hagayya 15 /2018 (ENA)- Itiyoophiyaa fi Ameerikaan ittisaa fi nageenyarratti tumsa tarsiimawaa hunda galeessa hundeessuuf waliigalaniiru. Gareen jilaa Itiyoophiyaa hoggantoota loltummaa olaanoo Ministeera ittisa biyyaatti daarektara olaanaa hariiroo alaa fi tumsa loltummaa Meejer Jeneraal Tashoomaa Gammachuun durfamu Hagayya 13 amma 14 /2018 Ameerikaa daawwachuudhaan gitasaanii fi hoggantoota olaanoo ministeera waraanaa Ameerikaa waliin Peentaagoonitti marii waloo gamlamee taasisaniiru. Akka Kanaan Peentaagoonitti gargaaraa itti aanaan ministeera ittisaa dhimmoota Afriikaa Birayan J. Eliis waliin marii waloo gaggeeffameen tumsa loltummaa fi dippilomaasii biyyoota lamaanii gara boqonnaa haaraa fi olaanaatti ceesisuuf walii galaniiru. Hoggantoonni dhaabbilee ittisaa biyyoota lamaanii tumsa dhaabbilee bal’isuu fi qindoomina tarsiimawaa caalatti cimsuuf walii galaniiru. Tumsi tarsiimawaa kun utubaalee ijoo faayidaa biyyaalessaa fulla’aa fi fayyadama waloo mirkaneessuu, wal amantaa waloo cimsuudhaan tumsa fulla’aa hundeessuu fi gaanfa Afriikaa fi riijinii bal’aa keessatti nageenyaa fi tasgabbii waaraa buusuuf tattaaffii waloo guddisuuf kaayyeeffataniin kan qajeelfamudha. Meejer Jeneraal Tashoomaa Gammachuu fi itti aanaan gargaaraa ministiraa Birayan J. Eliis hammattoowwan irra gahaman hatattamaan hojiitti galchuu fi hariiroo ittisaa gam lame gara tumsa tarsiimawaa fooyya’aatti guddisuuf kutannoo waloo qaban mirkaneessaniiru. Kana malees gareen jilaa kun turtiisaatiin hoggantoota dhaabbilee ittisaa Ameerikaa biroo waliin marii bal’aa fi daawwannaa taasisuusaa odeeffannoon ministeera dhimma alaa ni mul’isa.
Yaa’iin marichaa aadaa marii biyyaalessaa gabbisuudhaan Itiyoophiyaa fooyyofte ijaaruuf boqonnaa haaraa baneera-Mari’attoota
Aug 20, 2026 297
Hagayya 14/2018 (ENA)- Yaa’iin marichaa aadaa marii biyyaalessaa gabbisuudhaan Itiyoophiyaa fooyyofte ijaaruuf boqonnaa haaraa kan banedha jechuun ibsan Mari’attoonni. Yaa’iin marii biyyaalessaa olaanaan Adoolessa 18 bara 2018 irraa eegalee wiirtuu konvenshinii idil addunyaa Addisitti gaggeeffamaa turee gara boqonnaa xumuraatti dhihaachaa jira. Mariin kun nageenya, tokkummaa fi badhaadhina biyyattii mirkaneessuuf bu’ura guddaa kan kaa’u ta’uu mari’attoonni ENA’f ibsaniiru. Marichi garaa garummaa keessatti walii galtee waloo uumuu fi Itiyoophiyaa egeree ijaaruuf boqonnaa haaraa banuusaa beeksisaniiru. Maricharratti kan hirmaatan Kaappiteen Salamoon Gizawu akka ibsanitti, mariin kun nageenyaa fi guddina egeree biyyattii bu’ura cimaarra dhaabuuf kan gargaaru ta’uu kaasaniiru. Kun ammo Itiyoophiyaa fooyyofte dhaloota boruuf dabarsuuf carraa guddaa ta’uu beeksisaniiru. Adde Salaam Waaqoo gama isaaniin, waltajjiin marii biyyaalessaa kun rakkoo jiru mariidhaan furuun akka danda’amu qabatamaan kan mirkaneesse ta’uu ibsaniiru. Yaanni hirmaattotaa garaagarummaa tokko malee marichaarratti walqixxummaan kan itti dhagahame, wal kabajaa fi waliigalteen kan keessatti mul’ate akka ta’e ibsaniiru. Mariin kun Itiyoophiyaanonni kallattii biyyattii hundaa fi biyya alaarraa walitti dhufan gaaddisa tokko jalatti walitti qabamanii biyyasaanii sadarkaa caalutti ceesisuuf kan mari’atan waltajjii seena qabeessa ta’uu kan ibsan ammoo Shaalaqaa Baashaa Tarrafaa Walaaniiti. Muuxannoon gaariin wal dhaggeeffachuu fi mari’achuu maricharratti argame dhalootarraa dhalootatti cehaa aadaa siyaasaa fihawaasummaa biyyaalessaa ta’ee itti fufuu akka qabu eeraniiru.
Yaa’ii Marichaa irraa yaada furmaata waldhabdee siyaasaaf ta'an ni eegganna - Jiraattota Magaalaa Adaamaa
Aug 19, 2026 397
Hagayya 13/2018 (ENA): Marii biyyaaleessaa kana irraa furmaata waldhabdee Siyaasaatiif ta'an ni arganna amantaa jedhu akka qaban Abbootiin Gadaa fi Amantaa Magaalaa Adaamaa dubbataniiru. Adoolessa 08 bara 2018 irraa jalqabee yaa’iin marii biyyaaleessaa Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira. Jiraattota Magaalaa Adaamaa yaada isaanii ENA’f kennan keessaa Abbootii Gadaa fi Amantaa Magaalaa Adaamaa akka jedhanitti, hirmaachisummaan yaa’ii marii biyyaaleessaa kanaan mul'ate waldhabdee Siyaasaatiif furmaata waaraa fi yaada furmaataa ni fida amantaa jedhu akka qaban ibsaniiru. Magaalaa Adaamaa Kutaa Magaalaa Bokuutti Abbaa Gadaa Tashoomaa Simaa akka ibsanitti, mariin biyyaaleessaa kun injifannoo seenaa qabeessa biyyattiin baroota keessatti argatteedha jedhaniiru. Hirmaattonni mariichaa ummata bakka bu'uun Itoophiyaaf furmaata caalu kaa'uuf mari'achaa akka jiran ibsaniiru. Adeemsi marii kanaa haaloowwanii fi mufannaawwan uummataa darban dhiisuudhaan ijaarsa nagaa waaraatiif bu'uura guddaa akka kaa'u abdii akka qaban dubbataniiru. Mootummaanis ta'e paartileen Siyaasaa yaada furmaataa yaa’ii marii kana irraa dhihaatu kabajuu fi gara hojiitti jijjiiruu irratti tumsuu akka qaban ibsaniiru. Biyyi keenyaa fi ummanni keenya carraa kana argachuu isaaniitti gammadoo ta'uu kan ibsan Abbaa Gadaan kun, yaa’ii marii kana irraa bu'aa guddaa akka eeggatanis dabaluudhaan dubbataniiru. Magaalaa Adaamaatti miseensi Mana Maree Dhimma Islaamummaa Sheek Abdulqaadir Ahimed akka ibsanitti, mariin biyyaaleessaa kun mufannawwan bara dheeraa ture karaa guutuu ta'een ni fura abdii jedhu qabu. Keessattuu waldhabdee siyaasaa biyyattii keessa turan furuuf furmaatni tokkichi marii qofa ta'uu ibsaniiru. Mariichaan furmaata gaariin ni dhufa abdii jedhu akka qaban kan dubbatan Sheek Abdulqaadir, raawwii isaatiifis gahee isaan irraa eeggamu akka bahatan dubbataniiru. Hayyoonni, paartileen siyaasaa , hidhattonni duraanii, bakka bu'oonni amantaa, Hoggantoonni Hawaasaa, Dubaroonni, Qaama Miidhamtoonni, Qaamoleen Nageenyaa dabalataanis Itoophiyaanonni ala jiraatan yaa’ii irratti hirmaatan ta'uu isaatiin gammaduu isaanii ibsaniiru. Adeemsi marii kanaa ajandaa walitti qabuu irraa jalqabee hunda kan hammatee fi hirmaachisaa akka ture kan ibsan Sheek Abdulqaadir, adeemsi kun biyya keenyaaf furmaata waaraa ni fida kan jedhu amantaa guutuu akka qaban dubbataniiru
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015