Siyaasa - ENA Afaan Oromoo
Siyaasa
Mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru wal-hubannoo uumuun tokkummaa kan cimsudha
Jun 20, 2026 246
Waxabajjii 12/2018 (ENA)- Mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru hubannoo waloo biyyaalessaa uumuun tokkummaa kan cimsu ta'uu Itiyoophiyaatti bakka bu'aan sagantaa Misooma Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNDP) Saamu'eel Doo ibsan. Komiishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa yaa’ii isaa Adooleessa 8 bara 2018 irraa jalqabee akka gaggeessu beeksiseera. Komiishinichi yaa’ii kana gaggeessuuf qophiiwwan barbaachisoo taasisaa jira. Itiyoophiyaatti Bakka Bu'aan Sagantaa Misooma Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Saamu'eel Doo ENA waliin turtii taasisaniin, Komiishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa erga hundaa'ee kaasee hojii nama dinqisiisu hojjechuu isaa ibsaniiru. Mariin rakkina bu'uuraa biyya tokko keessatti mul'atu mariidhaan furuun hubannoo waloo biyyaalessaa uumuu kan dandeessisu ta'uu eeraniiru. Adeemsa marii Itiyoophiyaan gaggeessaa jirtu milkiin itti fufsiisuuf kutannoo agarsiisaniif mootummaan fi ummanni Itiyoophiyaa akkasumas komiishinichi galata guddaan isaaniif mala jedhaniiru. Muxannoo Laayibeeriyaa dabalatee, Kolombiyaa, Ameerikaa Latiini, Eeshiyaa fi kutaalee Afrikaa adda addaa keessatti mariiwwan biyyaalessaa taasifaman qo'achuu isaanii eeranii; adeemsi marii furmaata filannoo hin qabne ta'uu ibsaniiru. Hojiin akkasii fedhii guddaa, kutannoo ol'aanaa fi waliin gara fuulduraatti deemuuf obsa cimaa kan gaafatu ta'uu hubachiisaniiru. Filannoowwan nagaa fi marii carraa fuulduraa hawaasaa caalaatti kan ifa taasisan ta'uu ibsuun; Itiyoophiyaa saboota baay'ee fi seenaa nama dinqisiisu qabdu keessatti tokkummaa biyyaalessaa fi misooma waaraa caalaatti cimsuuf mariin waliinii murteessaa ta'uu ibsaniiru. Kanaafuu, Itiyoophiyaanonni adeemsa marii kana keessatti dammaqinaan hirmaachuun milkaa'ina isaatiif gahee ijaarsaa taphachuu akka qaban hubachiisaniiru.
Rakkoo bulchiinsa gaarii mudatan furuuf mariin hawaasaa gaggeeffame
Jun 19, 2026 1526
Waxabajjii 12/2018 (ENA)-Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Gafarsa Gujeetti waltajjiin marii hawaasaa rakkoo bulchiinsa gaarii fi kenna tajaajilaan wal qabatanii ka’aa turan furuun Mootummaa fi Ummata gidduutti wal hubannaa gaariin akka jiraatuuf mariin gaggeeffamuu waajjirri komunikeeshinii kutaa magaalichaa beeeksise. Waltajjicha irratti kan argaman Itti Aanaan Bulchaa Kutaa Magaalichaa Obbo Haacaaluu Lachiisaa Mootummaan fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf imaammataa fi tarsiimoowwan garaagaraa baasuun hojjechaa jira jedhaniiru. Waltajjii fuulaa fi fuulaatiin komataafi komatamaa walitti fiduun rakkooleen jiran furmaata waarawaa ta'e akka argatan taasifamaa jiraachuu himuun, gaaffilee fi komiilee hawaasaa hiikuuf qindoominaan hojjechuun murteessaa ta'uu himaniiru. Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Kutaa Magaalichaatti Itti Gaafatamaan Siyaasaa obbo Wanduu Nagaash Mootummaan rakkoolee Kenna tajaajilaafi Bulchiinsa gaarii sadarkaan jiran hiikuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Hawaasni tajaajila argachuu qabu karaa guutuu akka argatu taasisuuf hojjechuun murteessaa ta'uu himuun, rakkoo bishaan dhugaatii akka Kutaa Magaalichaatti jiru hiikuuf hawaasa waliin qindoomuun kan hojjetan ta'uu himaniiru. Rakkooleen Kenna tajaajilaa fi Bulchiinsa gaarii sadarkaan jiran akka furamaniif waltajjii fuulaa fi fuulaatiin komataa fi komatamaa walitti fiduun wal hubannaan gaarii fi kallattiin furmaataa akka jiraatuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Itti Gaafatamtuun Waajjira Komunikeshinii Kutaa Magaalichaa Daraartuu Kabbadaa ibsaniiru. Kanaaf guyyaa har’aa rakkoo bishaan dhugaatii jiru furuuf Komataa fi komatamaa walitti fiduun iftoomina uumuufi hawaasa keenyaaf furmaata kennuuf waltajjiin fuulaa fi fuulaa kun kan qophaa'e ta’uu ibsaniiru. Hirmaattonni Waltajjichaa tokko tokkos rakkoon bishaan dhugaatii isaan muudachaa jiraachuu himuun, Mootummaan rakkoo kanaaf furmaata akka isaaniif kennu gaafataniiru. Waltajjicha irratti qooda fudhattoonni garaagaraa komii rakkoo bishaan dhugaatii sadarkaan jiran furuuf qindoominaan kan hojjetan ta'uu himaniiru. Waajjira koomunikeeshinii Kutaa magaalichaarraa
Mariisistoota Yaa’ii Marii Biyyaalessaaf leenjiin hubannoo fi ogummaa kennamuu eegale
Jun 18, 2026 1643
Waxabajjii 11/2018 (ENA): Komishiniin Maree Biyyaalessaa Itiyoophiyaa marisistoota Yaa’ii Marii Biyyaalessaatiif leenjii hubannoo fi ogummaa kennuu eegaleera. Leenjiin mariisistootaaf kennamu kun Finfinneetti gaggeeffamaa jiru kun Waxabajjii 11 hanga 17, 2018tti guyyoota torbaaf akka turu gabaafameera. Baniinsa leenjichaa irratti argamuun akka ibsanitti Komishinarri Olaanaa Komishinichaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa sagantaan leenjii kun imala Itiyoophiyaan garaagarummaa jiru mariin, iftoominaa fi waliigalteen itti furamu ijaaruuf taasiftuuf milkaa’ina guddaa fi boqonnaa biraati jedhani. Mariisistoonni itti gaafatamummaa biyyaalessaa guddaa kana amanamummaadhaan kan baatan imaanaa ta’uu hubachiisuun, namoota seenaa hojjetan waliin ta’uun egeree hawaasummaa, ummataa fi dimokiraatawaa biyyattii ijaaran ta’anii of ilaaluu akka qabanis dhaamaniiru. Leenjiin kun hirmaattonni beekumsa, dandeettii fi duudhaalee marii ulfina lammii Itiyoophiyaa hunda kabaju hoogganuu fi hawwii waloo nagaa, haqaa fi tokkummaa isaanii galmaan ga’uuf isaan dandeessisu akka horatan kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Hirmaattonni hundinuu yeroo konfiraansii kanaa dubbachuu fi hirmaachuuf carraa walqixa akka argatan gochuu, waliigaltee dhabuu yeroo marii uumamu sirnaan bulchuu, akkasumas mariin kun hubannoo walootti akka geessu karaa agarsiisuutu irraa eegama. Akkasumas hirmaattonni imaanaa sabaa guddaa kana namuusaan, loogii malee fi obsaan akka raawwatan dhaamaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo
Hojiiwwan misooma, nageenyaa fi fedhii biyyaalessaa eegsisuun eegale cimsinee itti fufna - paartilee siyaasaa
Jun 16, 2026 2979
Waxabajjii 9/2018 (ENA) - Miseensonni mana maree waloo paartilee siyaasaa Naannoo Hararii hojiiwwan misooma biyyaa, nageenyaa fi fedhii biyyaalessaa eegsisuu cimsanii akka itti fufan beeksisan. Haalaa bu'ura seeraa Mana Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Itiyoophiyaa itti hundaa'een, dhimmoota gurguddoo biyyaalessaa fi naannoo irratti garaagarummaa jiru mariidhaan furuun, ajandaawwan waloo irratti waliin hojjechuun ijaarsa sirna dimokiraasii ta’ee fudhatama. Haaluma wal fakkaatuun Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Naannoo Harariis dhimma misoomaa, nageenyaa fi fedhii biyyaalessaa irratti ejjennoo waloo calaqqisiisuunsaa, naannichatti aadaa siyaasaa fayyaalessaa fi walitti dhihaatu guddisuuf carraaqqii taasifamaa jiruuf agarsiistuu dha. Miseensota mana maree waloo keessaa bakka bu'aan Dhaabbata Dimookraasii Hararii (HADIID) Obbo Huseen Suleeymaan akka jedhanitti; paartilee gidduu garaagarummaan ilaalchaa yoo jiraates, misooma biyyaa fi naannoo akkasumas nageenyaaf hojiiwwan bifa tumsaatiin raawwatamaa jiran cimsanii akka ittifufan ibsaniiru. Keessattuu, carraaqqii gaaffiin Ulaa galaanaa Itiyoophiyaa deebii sirrii akka argatuuf tattaaffii taassifamuu fi pirojektoota gurguddoo biyyaalessaa biroo irratti ejjennoo wal fakkaataa kan qaban ta'uu isaanii Obbo Huseen cimsanii ibsaniiru. Humnoota nageenya biyyaa booressuu fi fedhii biyyaalessaa dhabsiisuuf gurmaa'anii socho'an paartiin isaanii dammaqinnaan hordofaa akka jiru kan eeran Obbo Huseen; humnoota kanneen ummata waliin ta'uun kutannoodhaan akka irratti qabsaa’an beeksisaniiru. Walitti qabaan Mana maree waloo paartilee siyaasaa naannoo Hararii fi bakka bu'aan Paartii tokkummaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa Hasannat Mummee gama isaaniitiin paartiin isaanii misooma, nageenyaa fi fedhii biyyaalessaa Itiyoophiyaa dursa kan kennuu fi gochawwan biyya diiganirratti kan qabsa’anidha. Nagaya fi misooma waaraa biyyaatiif garaagarummaa malee qindoominaan ni hojjanna, kan jedhan Aadde Hasanat, keessattuu hojii humnoota finxaaleyyii kan biyyaaf yaaddoo ta'an manni marichi dammaqinnaan hordofaa fi ejjennootiin kan qabsaoo ta'uusaanii dubbataniiru. Naannichatti paartilee dorgomtoota socho'an waliin walitti dhufuun fi mari'achuun misooma waaraa, nageenyaa fi guddina hunda galeessa naannichaa irratti paartiin isaanii qindoominaan hojjechaa jira kan jedhan immoo miseensa mana maree waloo fi bakka bu'aa EZEMA Maatileet Zawuduu ti. Humnoonni biyya jeequu fi fedhii biyyaalessaa dhabsiisuuf yaalan taateewwan darbe irraa kan hin barannee fi uummataaf kan hin yaadne ta'uu eeruun gocha kana irraa akka of qusatanii fi mariin walitti dhihaatanii dantaa uummataa mirkaneessuuf waliin hojjechuun akka irra jiru dubbataniiru. Naannichatti yeroo kamiyyuu caalaa dameewwan misoomaa adda addaa fi hojiiwwan dantaa biyyaa kabachiisan irratti garaagarummaa siyaasaa dhiisuun waliin hojjetamaa jira kan jedhan immoo, Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Hararitti Daarektara Ijaarsa Aadaa Dimokiraasii Obbo Hasan Abdiiti. Misoomaa fi nageenya naannichaa mirkaneessuun biyyattii gara fuulduraatti tarkaanfachiisuuf hojii eegalame cimsanii akka itti fufanis dabalanii ibsaniiru.
Naannoo Oromiyaatti hidhattoonni duraanii karaa nagaatti deebi’an ajandaasaanii komishinii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaaf kennan
Jun 16, 2026 1938
Waxabajjii 9/2018 (ENA)- Naannoo Oromiyaatti hidhattoonni duraanii karaa nagaatti deebi’an ajandaasaanii komishinii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaaf kennan. Hidhattoonni naannoo Oromiyaatti karaa nagaatti deebi’an waltajjii yaa’ii marii biyyaalessaa ajandaa walitti qabuu fi hirmaattota fo’achuu guyyoota lamaaf magaalaa Adaamaatti gaggeessaniiru. Hidhattonni duraanii hedduun karaa nagaatti deebi’an waltajjii ajandaa walitti qabuurratti argamaniiru. Hidhattoonni duraanii itti aantuu komishinata muummee marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa Hiirut G/Sillaaseef ajandaasaanii kennaniiru.
Itiyoophiyaan tekinoolojiidhaan deeggaramtee filannoo nagaa fi milkaa'aa Afriikaaf fakkeenya ta'u gaggeessuun ishee kan dinqisiifatamu dha
Jun 15, 2026 3146
Waxabajjii 8/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan tekinoolojiidhaan deeggaramtee filannoo nagaa fi milkaa'aa Afriikaaf fakkeenya ta'u gaggeessuun ishee kan dinqisiifatamu ta'uu Itiyoophiyaatti Ambaasaddarri Hindii Aniil Kumar Rayi ibsan. Itiyoophiyaan caamsaa 24 bara 2018 filannoo walii galaa dhabileen Ardii fi Riijinii kanneen akka Gamtaa Afriikaa (AU) fi IGAD taajjabdoota filannoo bobbaasuun filannoo walabaa fi dimokiraatawaa ta'uu isaa mirkaneessan gaggeessuun ishee ni yaadatama. Tajjabdoonni biyya keessaas filannoo kanaan keessatti kan hirmaatan yoo ta'u, mana maree Dhaabbilee Hawaasa Siivilii Itiyoophiyaa dhaabbilee 55 of keessatti qabatu, filannoon walii galaa 7ffaan hirmaachisaa, walabaa fi dimokiraatawaa ta'uu isaa taajjabuusaanii ibseera. Boordiin Filannoo biyyaalessa Itiyoophiyaa, dhaabbileen nageenyaa, haqaa fi dimookiraasii filannichi loogiirraa bilisaa fi dandeettii dhaabbataan/gahumsa/ akka gaggeeffamu gochuu isaanii taajjabuu mirkaneessaniiru. Itiyoophiyaatti Ambaasaddarri Hindii Aniil Kumar Rayi ENA waliin turtii taasisaniin, Ummatni fi Mootummaan Itiyoophiyaa filannoo guutuu milkaa'aa ta'e gaggeessuu isaanii ibsaniiru. Ministirri Muummeen Dr. Abiyyi Ahimad filannoon dura filannoo hirmaachisaa ta'e gaggeessuuf haala waadaa galaniin, mootummaan dimokiraasummaa filannichaaf qophii duraa irraa kaasee haala mijeessuusaa dinqisiifataniiru. Filannicha Itiyoophiyaanonni hedduun sagalee isaanii kan kennan, hirmaannaa ho’aan dubartootaa fi dargaggootaa kan itti mul'ate ta’uu ibsaniiru. Dhaabbileen akka Gamtaa Afriikaa fi IGAD taajjabdoota filannoo bobbaasuun filannichi nageenyaa fi haqa qabeessa ta'uu mirkaneessuun isaanii dimokiraatawaa ta'uu isaa kan agarsiisu ta’uu raajeffachuun ibsaniiru. Itiyoophiyaan galmee kaadhimamtootaa fi filattootaa irraa kaasee teknoolojiidhaan deeggaramee, filannoo walaba, nagayaafi dimokiraatawaa Afriikaaf fakkeenya ta'u gaggeessuu dandeeyseettijedhaniiru. Dhumarratti Ambaasaddarichi , dhimmi Afriikaa Afriikaanotaan furamuu qaba, jechuun kanaafis, filannoo Itiyoophiyaa keessatti taajjabdoonni Gamtaa Afriikaa fi IGAD bobba'uun isaanii agarsiiftuu ta’uu ibsaniiru.
Garaagarummaa fi gaaffii qaban karaa nagaa dhiyeessuun agarsiiftuu qaroominaati dha- Koomishinara Olaanaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa
Jun 15, 2026 2908
Waxabajjii 8/2018 (ENA): Garaagarummaa fi gaaffii qaban karaa nagaa dhiyeessuun agarsiiftuu ogummaa qaroominaati jedhan Komishinarri Olaanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa. Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa hidhattoota duraanii Mootummaa Naannoo Oromiyaa keessatti hidhatanii booda karaa nagaa hawaasatti makaman waliin marii Adaamaatti gaggeessaa jira. Haasaa baniinsaa isaanii keessatti Komishinarri Olaanaan Komishinichaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa hidhattoonni duraanii nagaaf dursa kennuu fi daandii nagaa filachuun deebi’uu murteessuu isaanii galateeffataniiru. Garaagarummaa fi gaaffii qaban karaa nagaa dhiyeessuun qaroomina ogummaa kan mul’isu ta’uu ibsuun, waliigaltee biyyaalessaa waaraa biyyattii keessatti uumuuf filannoo karaa nagaa ta’uu ibsaniiru. Komishinichi konfiraansii marii biyyaalessaa isa guddaa Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee akka gaggeessu beeksiseera. Kanaafis konfiraansii marii biyyaalessaa guddichi akka gaggeeffamuuf adeemsa marii hirmaachisaa fi hunda hammatee ajandaa uumuu fi marii hirmaachisaa marsaa adda addaatiin raawwachuun isaa ni beekama. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Hirmaannaa Marichaaf Waamicha Dhiyeesse
Jun 15, 2026 2460
Waxabajjii 8/2018 (ENA): Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa konfiraansii marii xumuraa Adoolessa 8/ 2018 irraa eegalee kan gaggeeffamuuf lammiileen biyyattii hundi akka isa cinaa dhaabbatuuf waamicha dhiyeesse. Seenaa biyya keenyaa keessatti yeroo jalqabaatiif komishinichi dhimmoota Itiyoophiyota guutuu Itiyoophiyaa fi biyya alaa jiran dhimmoota wal dhabsiisu irraa walitti qabuun, walii galtee waaraarra gahuuf yaada galtee walitti qabaa turuun isaa ni yaadatama. Ajandaawwan kanneen irratti yaada sadarkaa biyyaatti kan qopheessu Yaa’iin Marii Biyyaalessaas Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee Finfinneetti konfiraansii marii biyyaalessaa gaggeessuuf qophii xumureera. Kanaaf komishinichi lammiileen Itiyoophiyaa hundi taatee seena qabeessa kana deeggaruun itti gaafatamummaa biyyaalessaa akka bahatan waamicha dhiyeesseera. Komishinichi bakka bu’oonni hawaasaa fi qooda fudhattoonni filataman walgahii milkaa’aa fi bu’a qabeessa ta’e mirkaneessuuf qophii barbaachisu hunda akka taasisanis dhaameera. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Milkaa'ina Marii Biyyaalessaatiif Deeggarsa taasisu cimsee itti fufa
Jun 12, 2026 5259
Waxabajjii 5/2018 (ENA): Manni Maree waloo Paartilee Siyaasaa Itiyoophiyaa keessatti waliigaltee biyyaalessaa nageenyi isaa mirkanaa’e fi sirna dimokiraasii cimaa ijaaruuf murteessaa ta’e, milkaa’ina isaaf deeggarsa taasisu cimsee itti fufa jedhan walitti qabaan Mana Marichaa obbo Salamoon Ayyalaa. Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa dhaabbata walabaa Labsii Lakk. 1265/2014’n kan hundaa’e yoo ta’u, nageenya waaraa biyyattii keessatti buusuuf hojjechaa jira. Hanga ammaatti aanaa irraa eegalee hawaasa guutuu, paartilee siyaasaa, waldaalee siivikii, hayyootaa fi qooda fudhattoota hunda hirmaachisuun hojii ijaarsa ajandaa bal’aa raawwateera. Dhaabbatichi yeroo ammaa kana ajandaawwan qindaa’an kanaan gara marsaa barbaachisaa itti aanutti ce’uuf, yeroo dhiyootti konfiraansii biyyaalessaa guddicha gaggeessuuf qophii xumuraa isaa xumuree jira. Walitti qabaan Mana Maree waloo Paartilee Siyaasaa Itiyoophiyaa obbo Solomoon Ayyalaa marii biyyaalessaa eegalame waliigaltee biyyaalessaa uumuu fi misooma mirkaneessuu keessatti gahee addaa qaba jedhan. Biyyattiin gufuuwwan jaarraa hedduuf turan irraa gara misoomaa marsaa haaraatti ce’uuf mariin biyyaalessaa murteessaa ta’uu hubachiisuun, kanaaf filannoo guddaa fi amanamaa ta’uu akeekaniiru. Manni Maree Waliinii adeemsa marii kanarratti dammaqinaan hirmaachuu bira darbee ajandaawwan biyyaalessaa paartilee siyaasaa irraa walitti qabaman marsaa lamatti Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaaf dhiyeessuu isaa himaniiru. Rakkooleen yeroo dheeraaf Itiyoophiyaanota gidduutti waliigaltee dhabuu uume, konfiraansii marii biyyaalessaa guddicha, kan yeroo dhiyootti ni gaggeeffama jedhamee eegamu irratti, dhaabbataadhaan akka furamu amantaa guutuu akka qabanis ibsaniiru. Filannoo waliigalaa bara 2018 fi milkaa’ina marii biyyaalessaa hordofuun Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa karoora addaatiin hundeeffamuu isaa kan ibsan obbo Salamoon, komishinichi itti gaafatamummaa guddaadhaan sadarkaa kanarra ga’uu isaatiif dinqisiifannaa qaban ibsaniiru. Paartileen walitti dhufeenya hojii dhiyeenyaa fi itti gaafatamummaa biyyaalessaa komishinicha waliin qaban cimsanii akka itti fufan kan akeekan yoo ta’u, yeroo murteessaa kanatti hubannoo waloo bu’uura kaa’uuf carraa ta’uu hubachiisaniiru. Akkasumas, Manni Maree Waloo adeemsa biyyaalessaa seena qabeessaa fi abdachiisaa ta’e kana dammaqinaan deeggaruun, biyyattiin siyaasa hirmaachisaa hin taane hudhee biyya qabaa kan ture irraa gara marsaa haaraa tasgabbii fi ijaarsa sirna dimokiraasiitti akka ceetuuf gumaacha taasisa jedhan. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA
Pirezidaanti Taayye Atsqasillaasee Ambaasaddaroota biyyoota lamaan yeroo hojii isaanii xumuran gaggeessan
Jun 10, 2026 5842
Waxabajjii 3/2018 (ENA)- Pirezidantiin Riippabilika Dimookiraatawaa Federaala Itiyoophiyaa Taayye Atsqasillaasee, ambaasaddara Luksembargi Itiyoophiyaa turan ZyaanKiraawuzarii fi ambaasaddora Emireetota Araba Gamtoomanii Mohaammad Saaleem Alraashiidii hojii isaanii xumuran gaggeessaniiru. Hariiroon dippilomaasii firii qabeessaa fi milkaa'aan biyyoota kanneen gidduu jiru cimee akka ittifufu ibsameera. Ambaasaddarri Luksembargi Itiyoophiyaatti turan ZyaanKiraawuzari yaada isaanii ENA’f kennan, yeroo turtiisaaniitti hojiiwwan tumsa dippilomaasii biyyoota lamaanii cimsan hojjechuusaanii dubbataniiru. Hojiiwwan tumsa dinagdee Itiyoophiyaa fi Luksembarg gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf hojjetamanis milkaa'aa akka turan kaasaniiru. Kanaanis, sagantaa leenjii dandeettii ogummaawwan faayinaansii fi dinagdee gabbisu qopheessuun, biyyoota lamaan gidduutti wal-jijjiiraan muuxannoo bu'a qabeessi taasifamuu isaa ibsaniiru. Michummaan cimaan biyyoota lamaanii gara fuulduraattis dameewwan tumsa dinagdee magariisaa fi misooma faayinaansiitiin cimee akka ittifufu amantaa qaban ibsaniiru. Fooyya'iinsi dinagdee gooroo Itiyoophiyaa xiyyeeffannoo kaampaaniwwan Luksembargi hawwachuun abdii guddaa kan kennu ta'uus dubbataniiru. Kaampaaniiwwan Luksembargis adeemsa jijjiirama carraawwan gabaa fi invesitimentii Itiyoophiyaa ilaaluun hirmaannaa isaanii akka guddisan dhaamsa dabarsaniiru.
Manni maree bakka bu’oota ummataa boru wal gahii idilee ni gaggeessa
Jun 10, 2026 4215
Waxabajjii 3/2018 (ENA)-Manni maree bakka bu’oota ummataa 6ffaa bara hojii wagga shanaffaa walgahii idilee 25ffaa akka gaggeessu beeksise. Wal gahii kanaanis, ibsa bajataa wixinee bajataa bara bajataa 2019 ilaalchisuun ministirri maallaqaa Ahimad Shidee dhiheessan irratti ni mari’ata. Marii Kanaan boodas labsii wixinee bajataa koree dhaabbataa dhimmoota pilaanii, bajataa fi fayinaansiif akka qajeelchu ni eegama jedhamuusaa odeeffannoon mana marichaa ni mul’isa.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ministira muummee Hindi Naareendiraa Moodiif ergaa baga geessanii dabarsan
Jun 10, 2026 3405
Waxabajjii 3/2018 (ENA)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ministira muummee Hindi Naareendiraa Moodiin seenaa biyyattii keessatti hogganaa wagga dheeraa gaggeessan waan ta’aniif ergaa baga geessanii dabarsaniiru. Obboleessa koo angafaa fi michuu koo jaalatamaa Naareendiraa Moodii, amantaa fulla’aa hawaasaa demokiraasii addunyaa keenyarraa isa guddaa fi baay’ee dammaqaa ta’e argachuun, Hindiin mul’ataa fi kutannoodhaan baroota demokiraasii walitti aanan sadiif gaggeessuun milkaa’ina seena qabeessa galmeessiftaniif gammachuu natti dhaga’amen ibsa jedhan ergaasaaniitiin. Hooggansi isaanii lammiilee miiliyoonaan lakkaa’aman hiyyummaa jalaa kan baase, bu’ura misoomaa ummataa dijitaalaa haala olaanaadhaan kankan babal’isee fi guddina bu’ura misoomaa Kanaan dura argamee hin beekne fiduun dinagee si’ataa kan argamsiisedha jechuun ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti barreessaniiru. Ministirri muummee Naareendiraa Moodii yeroo walitti aananiif kutaa addunyaa kibbaaf (Global South) sagalee cimaa ta’uudhaan tajaajilaniiru jechuunis ibsaniiru.
Daangaa biyya keenyaa eegsisuu cinaatti, mirga dimokiraasii keenya fayyadamuun sagalee keenya kennineerra – Miseensota Ajaja Kaaba-Bahaa
Jun 9, 2026 4191
Waxabajjii 2/2018 (ENA)- Tokkummaa fi daangaa biyya keenyaa kabachiisuu cinaatti, mirga Dimokiraasii keenyaa fayyadamuun sagalee keenya kennineerra jechuun miseensonni raayyaa ittisa biyyaa kaaba-bahaa ibsan. Akka labsii filannoo, galmeessa paartilee siyaasaa fi naamusa filannoon, namni filatu kamiyyuu naannoo jireenyaa isaa ykn naannoo dhaabbatadhaan itti hojjetutti galmaa’ee sagalee kennuu akka qabu tuma. Haa ta'u malee, sababa uumamaa fi nam-tolchee adda addaan kanneen qe'ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa'an fi miseensonni raayyaa ittisa biyyaa daangaa biyyaa kabachiisuuf daangaa biyyaa eeganii fi kaampii adda addaa keessa jiran, buufata filannoo idileetti argamuun sagalee kennuu hin dandeenye. Mirga bu’uuraa kana kabachiisuu fi hirmaachisummaa filannichaa mirkaneessuuf, Boordiin Filannoo Biyyaalessa Itiyoophiyaa qajeelfama addaa baasuun buufataalee filannoo addaa ni gurmeessa. Filannoo waliigalaa 7ffaa kanaanis, lammiilee haala addaa keessa jiran kanneen buufata daahoo keessa jiran fi kaampiiwwan ittisa biyyaa keessatti buufataalee filannoo addaa keessatti har'a gaggeeffamaa jira. Miseensonni izzii Kaaba-Bahaa yaada isaanii ENA’f kennan akka jedhanitti, raayyaan ittisa biyyaa gootummaa guddaadhaan tokkummaa fi daangaa biyya isaa kabachiisaa jira. Kanaan cinattis mirga deemokiraasii isaanii fayyadamuun paartii biyyaaf ta’a jedhaniif sagalee isaanii kennaniiru. Kanneen yaada kennan keessaa Itti-aanaan Hoogganaa Ooditii izzii Kaaba-Bahaa kumalaa Nigaatuu Kumsaa raayyaan ittisa biyyaa gootummaa olaanaan daangaa biyya isaa eegsisuu cinaatti har'a filannoo irratti hirmaachuu isaaniitiin gammachuu guddaan akka itti dhaga'ame dubbataniiru. Gara fuulduraattis filannichaan paartii mo'ate cinaa dhaabbachuun nagaa Itiyoophiyaa mirkaneessuu fi daangaa biyyaa kutannoon eegsisuu keessatti shoora keenya ni baana jedhaniiru. Shaalaqaa baashaa Abaatee Arsiinoo gama isaaniitiin; dirqama biyyaalessaa nuuf kenname ba'uu fi daangaa biyya keenyaa eegsisuuf yeroo mara qophii ta'uu isaanii ibsuun, cinaattis filannoo kanarratti hirmaachuu danda'uu isaaniitiin akka gammadaniis addeessaniiru. Filannicha irratti hirmaachuu isaaniitiin gammachuu qaban ibsuun, kunis yeroo sadaffaaf ta'uu isaa dubbataniiru. Ajaan dhibbaa Iyaasuu Cuummaa, daangaa biyya koo eegsisaa yeroo kanatti mirga dimokiraasii koo fayyadamee filachuu danda'uu kootiif gammadeera jedhaniiru. Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti mirga dimokiraasii isaanii fayyadamuun bilisaan filachuu danda'uu kan dubbatan ammoo ajajaa kudhanii Taammanee Tashoomaa ti. Tokkummaa fi daangaa biyya koo eeggachaa, nagaa ishee kabachiisuu cinaatti filachuu danda'uu kootiif baay'een gammada jedhaniiru.
Milkaa’inoota naannichatti damee hundaan argaman ciminaan itti fufuun nibarbaachisa
Jun 9, 2026 2930
Waxabajjii 2 /2018 (ENA)-Milkaa’inoota misoomaa, bulchiinsa gaarii fi nageenyaa dhamaatii olaanaa fi kutannoo hoggansaatiin argaman cimsuun itti fufsiisuun akka barbaachisu hogganaan waajjira paartii badhaadhinaa damee naannoo Hararii obbo Geetuu Wayyeessaa ubsan. Waajjirri paartii badhaadhinaa naannoo Hararii hoggantoota olaanoo fi jiddu galeessaa naannichaa waliin hojiilee itti aanan irratti waltajjii maree gaggeesseera. Paartii badhaadhinaatti hogganaan waajjira paartii naannoo Hararii obbo Geetuu Wayyeessaa hojiileen yeroo darbe dhamaatii olaanaa fi kutannoo hoggansaatiin hojjetamaniin bu’aan olaanaan argamuusaa ibsaniiru. Yeroo itti aanus milkaa’inoota damee misoomaan, bulchiinsa gaariin, nageenyaan, hawaasummaa fi dinagdeen argaman cimsuun itti fufsiisuun akka barbaachisu ibsaniiru. Waadaa ummataaf galle hojiin mirkaneessuuf hooggansi kutannoo olaanaan hojjechuu qaba jedhaniiru. Demokiraasii dhugaa milkaa’inoota misoomaa, bulchiinsa gaarii fi nageenyaa waliin wal bira qabuun badhaadhinai Itiyoophiyaa guutuu ta’e hojiin mirkaneessuun milkaa’ina arganne cimsinee itti fufna jechuun dubbataniiru. Kanaaf ammoo hooggansi miira tajaajilamtummaan guutamee tajaajiluu qaba jedhan. Keessumaa carraa hojii dargaggootaaf uumuu, qaala’insa jireenyaa tasgabbeessuu fi olaantummaa seeraa kabachiisuun hojiilee xiyyeeffannoon hojjetaman akka ta’e eeraniiru.
Manni marichaa wixinee labsii Gumurukaa irra deebiin fooyyessuuf bahe raggaasise
Jun 9, 2026 3077
Waxabajji 2/2018 (ENA): Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa wixinee labsii Gumurukaa irra deebiin fooyyessuu fi wixinee labsii nageenya saayibarii bu’uuraalee misoomaa ijoo ilaallatan qoratee raggaasiseera. Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa 6ffaan walga’ii idilee 24ffaa bara hojii isaa waggaa 5ffaa gaggeesseera. Haaluma kanaan wixinee labsii Gumuruukaa fooyyessuuf dhiyaate irratti gabaasaa fi murtee koreen dhaabbii karooraa, baajataa fi faayinaansii dhiheesse qoratee sagalee caalmaan raggaasiseera. Kana malees, Manni marichaa wixinee labsii nageenya saayibarii bu’uuraalee misoomaa ijoo irratti gabaasaa fi murtee koreen dhaabbii hariiroo alaa fi dhimma nageenyaa dhiheesse qoratee sagalee guutuun raggaasiseera. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI
Manni maree ministirootaa wal gahii idilee 56ffaa gaggeesseen dhimmoota garagaraarratti mari’atee murtee dabarse
Jun 9, 2026 2999
Waxabajjii 2/2018(ENA)- Manni maree ministirootaa guyyaa har’aa wal gahii idilee 56ffaa gaggeesseen dhimmoota garagaraarratti mari’atee murtee dabarseera. Murteewwan wal gahii idilee 56ffaa mana maree ministirootaa – 1. Manni marichaa jalqaban hammattoo dinagdee gooroo fi fiisikaalaa bara jiddugaleessaa (2019-2023) irratti mari’ateera. Riifoormiin dinagdee gooroo guutummaan hojiira erga oolee dinagdeen Itiyoophiyaa gufuuwwan keessa jiru keessaa bahaa jiraachuu fi bu’uraaleen dinagdees cimaa dhufaniiru. Hammattoon kun bu’aalee jajjabeessoo riifoormii dinagdee Kanaan argaman caalaa cimsuu akka dandeessisuu fi dinagdee gooroo ijoo ta’anii fi Fiisikaala irratti hundaa’uun qophii bajataa mootummaa federaalaa bara bajataa 2019’f ka’umsa ta’ee akka tajaajilu qophaa’ee dhihaateera. Manni maree hammattoo kanarratti bal’inaan egra mari’atee booda hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera. 2. Xumurarrattis manni marichaa wixinee labsii bajata mootummaa federaalaa bara bajataa 2019 irratti mari’ateera. Bajanni mootummaa feeraalaa bara 2019 qaama karoora misoomaa wagga kudhanii kan ta’e galmoota karoora misoomaa fi invastimantii 2019-2021 irratti kaa’amanii fi hammattoo dinagdee gooroo fi fiisikaalaa bara jiddu galeessaa (2019-2023) bu’uureffachuun raawwii bajata sagantaa bara bajataa 2018 ka’imsa gochuun, kallattiiwwanii fi akeekama tiraanisfoormeeshinii hawaasummaa fi dinagdee akkasumas galmoota mootummaadhaan kaa’aman milkeessuuf dandeettii faayinaansii mootummaa fi sektaroonni raawwachiiftota ta’an ergamaa fi itti gaafatama kennameefiin yoo madaalamu baasii isaan barbaachisu qorachuudhaan qophaa’ee dhihaateera. Bu’uuruma kanaan, Baajanni baasiiwwan idilee, baasiiwwan kaapitaalaa, deeggarsa mootummoota naannolee fi deeggarsa raawwii galmawwan misooma fulla’aatiif oolu, Biirriin 2,339,268,126,738 (Triiliyoona lamaa fi biiliyoona dhibba sadii fi soddomii sagalii fi miliyoona dhibba lamaa fi jaatamii saddeetii, kumni dhibba tokkoo fi digdamii jaha fi dhibba torbaa fi soddomii saddeet) mana marichaatiif dhiyaateera. Manni marichaas wixinee labsii baajata mootummaa Federaalaa bara 2019 dhiyaate irratti bal’inaan erga mari’atee booda, yaada galteewwan itti dabaluun gara Mana Marii bakka bu’oota uummataatti akka darbu sagalee guutuun murteesseera.
Adeemsa filannoo walii galaa buufataalee filannoo addaa
Jun 9, 2026 1714
Waxabajjii 2/2018 (ENA)- Buufataalee addaa buqqaatota biyya keessaa fi kaampii loltuu keessatti argamanitti haala addaatiin filannoon walii galaa torbaffaa gaggeeffamaa jira. Boordiin filannoo Wixata Caamsaa 24 bara 2018 filannoo walii galaa torbaffaa raawwachiisuunsaa ni yaadatama. Dabalataanis boordichi akkaataa aangoo labsii filannoo Itiyoophiyaa, galmee paartilee siyaasaa fi naamusa filannoo lakk. 1162/2011 keewwata 17’n kennameefiin buqqaatota biyya keessaa fi kaammpii loltuutti keessatti buufataalee addaa hundeessuun jiraattonni kaampii keessa jiraatan filannoo walii galaa torbaffaarratti akka hirmaatan filannoof galmeessuunsaa ni beekama. Haala Kanaan lammiileen kaampii keessa jiraatan kan filachuuf galmaa’an filachaa akka jiran boordichi odeeffannoo dabarseen mul’iseera.
Kaampii keessatti filannoof kan galmaa’an filachaa jiru
Jun 9, 2026 853
Waxabajjii 2/2018 (ENA)-Boordiin filannoo Itiyoophiyaa Caamsaa 24 bara 2018 filannoo walii galaa torbaffaa gaggeessuunsaa ni beekama. Boordichi akkaataa aangoo labsii filannoo Itiyoophiyaa, galmee paartilee siyaasaa fi naamusa filannoo lakk. 1162/2011 keewwata 17’n kennameefiin haala addaatiin filannoo walii galaa idileerratti hin hirmaanneef guyyaa filannoo nimijeessa. Haala Kanaan buqqaatota biyya keessaa fi kaampii loltuu keessatti buufata addaa hundeesseera. Kun ammoo akkaataa jiraattonni kaampii filannoo walii galaa torbaffaarratti akka hirmaatan galmeesseen kan gaggeeffamudha. Kanaaf lammiileen kaampii keessa jiraatan kan fulachuuf galmaa’an har’a Waxabajjii 2 bara 2018 filachaa jiru.
Boordiin Filannoo guyyaa boruu buufataalee filannoo addaatti sagalee kennuuN akka jalqabamu beeksise
Jun 8, 2026 2217
Waxabajji 1/2018 (ENA): Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa filannoo waliigalaa 7ffaa boru buufataalee filannoo addaa buqqaatota biyya keessaa fi kaampii waraanaa keessatti argamanitti akka gaggeeffamu beeksiseera. Boordiin Filannoo filannoo waliigalaa 7ffaa Caamsaa 24, 2018 sagalee kennuun akka gaggeeffame beeksiseera. Boordichi yeroo ammaa bu’aa waajjiraalee aanaa filannoo irraa gara waajjira muummee boordii dhufu mirkaneessuu, bu’aa odiitii barbaadu qoratee, bu’aa mirkanaa’e gara kuusaa ragaatti galchuuf hojjechaa jira. Akkasumas, konfiraansii ogeeyyii seeraatiin ragaalee paartilee siyaasaa fi kaadhimamaa dhuunfaa gurmeessuu fi dhaggeeffachaa jira. Bu’aan adeemsa armaan olitti ibsames akkaataa seeraatiin Boordiif dhiyaatee akka raggaasifamuu fi ummataaf ifa ta’uu isaas Boordichi beeksiseera. Boordichi bu’uura aangoo “Labsii Filannoo, Galmeessa Paartilee Siyaasaa fi Naamusa Filannoo 1162/2011” keewwata 17’n kennameen, namoota biyya keessaa buqqa’anii fi kaampii waraanaa keessatti buufata addaa hundeessuun jiraattonni kaampii filannoo waliigalaa 7ffaa irratti akka hirmaatan galmeessuun isaa ni beekama. Kanaafuu, adeemsi sagalee kennuu lammiilee kaampii keessatti filattoota ta’anii galmaa’anii guyyaa boruu akka raawwatamu Boordichi odeeffannoo kana keessatti akeekeera. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Poolisiin Federaalaa haala seenaa fi kabaja Itiyoophiyaa wajjin walsimuun hojjechaa jira - Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el
Jun 8, 2026 1391
Waxabajji 1/2018 (ENA): Poolisiin Federaalaa haala seenaa fi ulfina Itiyoophiyaa mijatuu fi yeroo waliin walsimuun hojjechaa jiraachuu Ajajaan Olaanaa Poolisii Federaalaa Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el himaniiru. Jijjiirama biyyaalessaa hordofuun haaromsa hojiirra oolche dhaabbatichi amma yakka ittisuu keessatti argama cimaa ijaaruu isaa Komishinar Jeneraal Dammallaash ibsaniiru. Kunis haala jijjiiramaa fi addunyaa dijitaalaa waliin akka tarkaanfatu isa dandeessiseera jedhan. Poolisiin Federaalaa haala seenaa fi kabaja Itiyoophiyaa wajjin walsimuun hojjechaa jiraachuu ibsuun, yakkoota idil-addunyaa fi biyyoota ollaa ittisuuf hojii milkaa’aa hojjeteera jedhani. Dhaabbatichi shakkamtoota daddabarsa namoota seeraan alaa kallattii adda addaatiin hirmaatan hoggantoota isaanii dabalatee to'annoo jala oolchuun adeemsa dhaddacha isaanii akka hordofan taasisuus himaniiru. Dhaabbatichi bakkeewwan gochoonni yakkaa akkanaa itti raawwatamaa jiran adda baasuu irratti xiyyeeffatee hojjechaa akka jiru kan ibsan Komishinar Jeneraal kun, hojiin daldala namaa seeraan alaa, lubbuu lammiilee hedduu galaafachaa jiru irratti kutannoodhaan hojjete dhaabbilee idil-addunyaa adda addaatiin dinqisiifannaa guddaa argateera jedhan. Dhaabbatichi Itiyoophiyaan alatti yakkoota idil-addunyaa to’achuuf gahee isaa bahaa jiraachuu ibsaniiru. Dhaabbilee idil-addunyaa damee kanarratti hojjetan waliin tumsuun dhiibbaan dhaabbatichaa akka guddatu himaniiru. Gochoonni yakkaa yeroodhaa gara yerootti caalaatti walxaxaa fi teeknooloojiin guddachaa kan dhufan ta’us, Poolisiin Federaalaa dandeettii isaa cimsuun teknooloojii yeroo waliin deemu itti fayadamuun hojii isaa itti fufuu isaa mirkaneessee jira jechuun Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiniin gabaaseera.