Biiroon Barnootaa Oromiyaa firii qormaata kutaa 8ffaa bara 2014 ifoomse

4648

Hagayya 25/2014(TOI) - Bara barnootaa 2014tti barattoota kuma 451fi 25 qormaata naannoo kutaa 8ffaa fudhachuuf galmaa'an keessaa barattoonni kumni 443fi 526 qormaaticha fudhataniiru.

Barattoota qoramaata fudhatan walii galaa keessaa barattoonni kumni 421fi 779 (%95.09) qabxii darbiinsaa argatanii gara kutaa 9ffaatti darbuu Hogganaa Ittaanaan BBO Obbo Girmaa Baay'isaa ibsa miidiyaaleef kennaniin ibsaniiru.

Naannawaa horsiisee bulaan ala qabxii darbiinsaa dhiiraaf 50fi dubartootaaf 47 ta'uus himaniiru.

Naannawaa horsiisiisee bulaatti ammoo qabxiin darbinsaa dhiiraaf 47 yoo ta'u, barattoota dubaraaf 44 ta'uufi qabxiin darbiinsa barattoota fedhii adda kan dhiiraa 44fi dubaraaf 41 ta'uu Obbo Girman himaniiru.

Naannoo Oromiyaatti bara barnootaa 2015 barattoota miiliyoona 11 ol barsiisuuf galmeessi kan eegalameen yoo ta'u, Fulbaana 9/2015 guutummaa Oromiyaatti barnoonni ni eegalana.

Barana barattoota miliyoona 7.5 ol sagantaa nyaataa manneen barnootaan fayyadamoo taasisuuf haaldureen xumuramuus ibsaniiru.

Barattoonni baasii gara garaaf osoo hinsaaxilamin qabxii darbiinsaasaanii karaa toora interneetii http://oromia.ministry.et/#/home jedhuun ilaallachuu akka danda'an biirochi ibseera. DhPI irraa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015