Tattaaffii badhaadhina dhugoomsuuf taasifamu keessatti ilaalcha eeggattummaarraa jalaa bahe guddisuun dhimma ijooti-Kantiibaa Adaanech Abeebee

Waxabajjii 28/2017 (TOI)- Tattaaffii badhaadhina dhugoomsuuf taasifamu keessatti ilaalcha eeggattummaarraa jalaa bahe guddisuun dhimma ijooti jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee.

Sagantaan “aadaa harak hojetuu” biroon hojii fi ogummaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Addis Miidiyaa Neetwoork waliin ta’uu qopheesse ifatti jalqabsiiseera.

Af-yaa’iin mana maree magaalaa Finfinnee Buzeenaa Alkadir, ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kaamil, walitti qabaan boordii Addis Miidiyaa Neetwoorkii fi paartii badhaadinaatti hoogganaan waajjira damee Finfinnee obbo Mogos Baalachaa, abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa, abbootiin Gadaa, hojii uumtonni, dargaggoonni, fi qooda fudhattoonni biroon saganticharratti argamaniiru.

Sagantaan kun guyyaa 15tti al tokko ddis Miidiyaa Netwoorkiin kan dhihaatu yoo ta’u, yaadonni hojii uumuurratti dhaloota qaroomsan kan dhihaatan ta’uun himameera.

Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee wayita kana, karoora gargaaramuu jalaa bahuun badhaadhinatti geessu qabannee hojjechaa jirra jedhaniiru.

Karoorri qabanne kan milkaa’u cimnee yoo hojjenne qofa kan jedhan kantiibaa Adaanech, kanaaf ammoo biyyoonni hojjetanii jijjiiraman fakkeenya ta’uu qabu jedhaniiru.

Hojii filachuu fi dadhabummaa jalaa bahuun akka barbaachisu haala Kanaan hawaasa hubachiisuun ittiyaadamuu qaba jedhaniiru.

Abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa, abbootii Gadaa dabalatee dhaabbileen dhaloota qaran aadaa hojii lammiilee jijjiiruuf hojii hubannoo uunuu ciminaan akka hojjetan himaniiru.

Manneen barnootaa fi bakka hojiitti lammiilee dadammaqsuun cimuu qaba jedhaniiru.

Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kaamiil gamasaaniin, akka biyyaatti aadaa hojii guddisuuf sagantaan maree oomishtummaa hawaasaa hojeeffamaa akka jiru kaasaniiru.

Sagantaan maree kun hawaasni dilbii naannawasaa jiru beekuu fi hojjechuun bu’a qabeessa akka ta’u ulaa kan banudha jedhan.

Sagantichi aadaan hojii akka guddatu kan gumaachu tarkaanfii guddaa ta’uusaa dubbataniiru.

Gootummaa yeroon gaafatu hojjechuudhaan jjjiiramuun ofdanda’uudha kan jedhan ministirittiin, harki hojii bare biyyas nama dhuunfaas niguddisu jedhaniiru.

Xiyyeeffannoon yoo hojjetame aadaa hojiirratti jijjiiramni qabatamaan akka dhufu misoomni kooriidarii Finfinnee agarsiiftuu ta’uu kaasaniiru.

Iyya ceesisuuf hojii qajeelfama ittiin yaadan, ciminaan hojjechuu fi qaxalummaa gochuun tumsuu qabna jechuun cimsanii dubbataniiru.

Sadarkaa itti aanaa Kantiibaatti hoogganaan biiroo hojii fi ogummaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee obbo Xiraatuu Bayyanaa gamasaaniin, bara bajatichaa namoota hojii barbaadan kuma 366’f carraan hojii dhaabbataa uumamuufii dubbataniiru.

Dargaggoonni yaada hojii uumuu qaban sirni yaadasaanii gochatti jijjiiran diriirfamuu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015