Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Tajaajilli tola ooltummaa rakkoo hawaasummaa fi dinagdee lammiilee salphisaa jira - Pireesidaanti Ordiin Badrii
Jun 22, 2026 118
Waxabajjii 15/2018 (ENA): Tajaajilli tola ooltummaa rakkoo hawaasummaa fi dinagdee lammiilee salphisaa jiraachuu piresidaantiin naannoo Hararii obbo Ordiin Badrii beeksisaniiru. Piresidaanti Ordiin Badrii sagantaa tajaajila tola ooltummaa Ganna bara kanaa eegalchiisaniiru. Piresidaanti Ordiin saganticha kan eegalchiisan kutaalee hawaasaa rakkoof saaxilamoo ta’aniif ijaarsa mana jireenyaa eegaluunidha. Wayita sana akka jedhanitti, hunduu hojiiwwan tajaajila tola ooltummaa gaggeeffamaa turan gargaaraa fi deeggarsa taasisuun, rakkoo hawaasummaa fi diinagdee lammiilee salphisaniiru. Hojii tajaajila tola ooltummaa Ganna bara kanaa irratti paartii fi mootummaan waliin ta’uun lammiilee rakkoof saaxilamoo ta’aniif mana jireenyaa ni ijaaru jedhaniiru. Manneen kunneen yeroo gabaabaa keessatti saffisaa fi gahumsaan ijaaramanii fayyadamtootaaf dabarfamuu akka danda’an himaniiru. Hunduu humnaa fi qabeenya qabu hundaan sochii tajaajila tola ooltummaa Ganna naannicha keessatti gaggeeffamu irratti hirmaachuudhaan gahee lammummaa isaa gumaachuun akka irraa eegamu dubbataniiru. Hojiin tajaajila tola ooltummaa kaka’umsa mataa ofiitiin gaggeeffamu gara fuula duraatti cimee akka itti fufu piresidaanti Ordiin ibsaniiru. Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartoota, Daa’immanii fi Dargaggoota Naannichaa Aadde Ramziyaa Abdulwaahib gama isaaniitiin; Tajaajila tola ooltummaa waggaa waggaan naannichatti gaggeeffamu irratti lakkoofsi dargaggoota hirmaatan dabalaa dhufeera jedhani. Tajaajila tola ooltummaa bara kanaa fi hojiiwwan misoomaa hawaasa fayyadamoo taasisan keessatti tajaajilawwan xiyyeeffannoo 14 adda baasuun, kanarrattis tola ooltonni kuma 47 akka hirmaatan hubachiisaniiru. Sagantichaan hojiiwwan misoomaa birrii miiliyoona 200tti tilmaamamu hojjachuuf karoorri qabamee hojiitti galamuusaa akeekaniiru. Sirna jalqabsiisa kana irratti Itti Aantuu piresidaantii naannichaa aadde Roozaa Umar, Af-yaa’iin Mana Maree Naannichaa Sulxaan Abdusalaam fi Hogganaan Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Hararii Geetuu Wayyeessaa akkasumas hoggantoonni naannichaa biroo argamaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo
Hariiroon Itiyoophiyaa fi Yunaayitid Kingidam caalaatti cimuu qaba – Dr. Geediyoon Ximootiwoos
Jun 22, 2026 126
Waxabajjii 15/2018 (ENA)-Hariiroon seenaa qabeessi Itiyoophiyaa fi Yunaayitid Kiingidam caalaatti akka cimu ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoosa dhaaman.   Sagantaan irbaata dippilomaatikii gareen Sidaraa (Sidara Group) magaalaa Landanitti qopheesse akkasumas Leber Afriikaa Neetwoorkii (Labour African Network fi embsaaiin Yunaayitid Kingidam Itiyoophiyaatti argamuun waloomaan qophaa’e gaggeeffameera. Ministirri dhimma alaa Dr Geediyoon Ximootiwoos wayita kana akka jedhanitti, gufuulee idil addunyaa waloomaan furuuf akkasumas carraalee guddinaa fi badhaadhinaa haaraatti gargaaramuuf waltajjiiwwan maree fi tumsaa qooda ijoo qabu.   Hariiroon Itiyoophiyaa fi Yunaayitid Kiingidam dhaabbilee mootummaa jidduutti akka hin daangofne ibsaniiru. Tumsi kun walitti hidhamiinsa fulla’aa dhaabbilee daldalaa, dhaabbilee mootummaa, hawaasa diyaasporaa fi lammiilee biyyoota lamaanii jidduu jirurratti kan hundaa’e ta’uu ibsaniiru. Hariiroon ummattoota biyyoota lamaanii jiru kun tumsa cimaa fi egereef utubaa isa ijoodha jedhaniiru. Ministirri dhimma alaa kun dubbiisaanii keessatti ajandaa riifoomii Itiyoophiyaa yeroo ammaa fi karoora misoomaa yeroo dheeraa kaasaniiru. Keessumaa dinagdee jabeessuu, dargaggoof carraa hojii uumuuf akkasumas guddina hammataa fi fulla’aa fiduuf tattaaffii taasifamaa jiru kaasaniiru. Carraaleen tumsa daldalaa, Invastimantii, barnoota, qu’annoo teeknooloojii kalaqaa(Innoveeshinii) fi jijjiirama qilleensaa damdamachuu biyyoota lamaan jidduu jiraachuusaanii ministirichi eeraniiru.   Haala idil addunyaa yeroo yerootti wal xaxaa dhufe sirnaan bahachuu fi lammiilee biyyoota lamaaniif faayidaa qabatamaa argamsiisuuf tumsa idil-addunyaa cimaa uumuun dhimma filmaata hin qabne ta’uu hubachiisaniiru. Dura taa’aan Leber Afriikaa Netwoork (LAN) Ernasti Ambee dubbii dubbataniin, Neetwoorkichi sagaleen Afriikaa imaammata bocuu Yunaayitid keessatti, waltajjiiwwan daldalaa fi dippilomaasii irratti guddatee akka mul’atu gochuurratti qooda inni bahe dinqisiifataniiru. Dinagdeen Itiyoophiyaa Afriikaarraa gabaawwan isa guddaa fi guddina si’ataa galmeessisaa jiran keessaa isa tokko ta’uu haala addaan kaasaniiru. Yuunaayitid Kingidamitti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Buruuk Mokonnon gamasaaniin, taateen dippilomaasichaa tumsa daldalaa, Invastimantii fi innoveeshinii biyyoota lamaanii cimaa dhufe bal’isuuf carraa gaarii uumuusaa ibsaniiru. wal deeggarsi dinagdee itiyoophiyaa fi walumaa gala biyyoota afriikaa waliin qabdu guddachuunsaa carraalee haaraa, badhaadhina waloo fi guddina hammataa fulla’aa fiduuf akka gargaaru ibsuusaanii ministeerri dhimma alaa beeksiseera.
Misoomni qarqara lagaa fi kooriidaraa saaxilamummaa lolaa hir’isuudhaan gumaacha olaanaa gochaa jira
Jun 22, 2026 100
Waxabajjii 15/2018 (ENA)- Misoomni qarqara lagaa fi kooriidaraa saaxilamummaa lolaa hir’isuudhaan gumaacha olaanaa gochaa jiraachuu komishiniin hoggansa yaaddooo ibiddaa fi soda balaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee ibse. Hojiileen qarqara lagaa fi kooriidaraa Finfinneetti ijaaraman miidhaginaa fi ammayyummaa magaalattii guddisuudhaan Finfinneen turizimiif bakka filatamtu akka taatu gochaa jiru. Misoomni kooriidaraa fi qarqara lagaa jiraattota qarqara lagaarra yaaddoo guddaan jiraachaa turan baraaruu danda’eera. Pirojektoonni qindoominaan hijjetaman kunneen yaaddoo lolaa yeroo gannaa mudachaa ture furuudhaan yaaddoo malee akka jiraatan godheera. Itti aanaan komishinaraa hoggansa yaaddoo ibiddaa fi soda balaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Dassaalanyi Gonfaa ENA’f akka ibsanitti, lolaa fi balaa yeroo gannaa mudatuittisuuf hojiiwwan haal duree hojjetamaa jiru. Komishinichi qooda fudhattoota magaalattii garagaraa waliin ta’uun ujummoowwan dhangala’aan keessa darbuu fi bo’oon lolaan keessa darbu balfaan akka hin duuchamne xiyyeeffannoodhaan qulqulleeffamaa akka jiru eeraniiru. Dabalataanis hirmaannaan ummataa murteessaa waan ta’eef jiraattonni lagaa fi ujummoo keessatti balfa akka hin ganne hojiin hubannoo bal’aan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Bakkeewwan lolaaf saaxilaman adda baasuudhaan qama dhimmi ilaalu waliin ta’uun balaa gahuu danda’u salphsuuf xiyyeeffannoon hojjetanaa akka jiru itti aanaan komishinarichaa ibsaniiru. Hojiileen misooma qarqara lagaa fi kooriidaraa rakkoolee ujummoowwan bishaan keessa darbuu furuudhaan yaaddoo lolaa yeroo gannaa mudachuu danda’u hir’isuudhaan gumaacha olaanaa gochaa jira jedhaniiru. Kun ammoo jiraattota magaalichaaf aara galfii akka kenne dubbataniiru.
Paartii Badhaadhinaa waliin ta’uun misoomawwan eegalaman galmaan ga’uuf kutannoon ni hojjenna -Jiraattota Magaalaa Harar
Jun 22, 2026 129
Waxabajjii 15/2018 (ENA): Jiraattonni Magaalaa Harar pirojektoota misoomaa jalqabaman Paartii Badhaadhinaa waliin ta’uun cimsuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf kutannoon akka hojjetan beeksisan. Bulchiinsi Magaalaa Harar waggoota darban keessa gaaffii jiraattotaa bishaan dhugaatii, bu’uuraalee daandii fi carraa hojii uumuu irratti gaaffii dhiyeessan deebisuuf pirojektoota misoomaa adda addaa raawwachaa akka ture ni beekama. Keessattuu pirojektoonni misoomaa fayyadamummaa hawaasummaa fi dinagdee jiraattotaa mirkaneessan, seenaa fi aadaa magaalichaa irratti dhiibbaa osoo hin geessisin mirkaneessu bu’aa jajjabeessaa galmeessaa jira. Kutannoon amma jiraattonni agarsiisan bu’aa misoomaa hanga ammaatti argame itti fufiinsa akka qabaatu fi gatiiwwan bulchiinsa gaarii daran guddisuuf fedhii ummanni qabus agarsiisa. Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa kaleessa filannoo waliigalaa 7ffaa Bakka Bu'oota Ummataa fi Mana Maree Naannoolee irratti Paartiin Badhaadhinaa teessoo caalmaa injifachuu isaa beeksiseera. Haaluma kanaan jiraattonni magaalaa Harar yaada isaanii ENA’f kennan hojiiwwan misoomaa fi bulchiinsa gaarii Paartii Badhaadhinaa waliin ta’uun eegalaman cimsuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamaa jiru cimsinee deggerra jedhaniiru. Jiraattonni kunneen hojiiwwan misoomaa, nageenya, dippilomaasii fi hojiiwwan kanaan walqabatan biroo paarticha waliin ta’uun hojjechaa jiran cimsuu itti fufna jedhaniiru. Jiraattota yaada isaanii kennan keessaa Paartiin Badhaadhinaa misooma koridarii, carraa hojii uumuu, ashaaraa magariisaa fi hojiiwwan misoomaa biroo irratti jijjiirama qabatamaa galmeessisaa jira jedhan obbo Jamaal Mahaammad. Hojiin kun itti fufuu akka qabu, ummannis hojii dhaabicha waliin eegalame itti fufuu akka qabu hubachiisaniiru. Yaada isaanii kan kennan qaama miidhamaa obbo Imraan Ahmad waggoota shanan dhufan keessatti paartiin kun fooyya’aa akka hojjetu amantaa qaban ibsaniiru. Pirojektoota misoomaa eegalaman xumuruu fi fayyadamummaa ummataa daran guddisuuf ciminaan hojjechuun barbaachisaa ta’uus hubachiisaniiru. Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti hirmaachuudhaan sagaleen keenya gatii akka qabu ifatti arginee jirra; akkasumas Paartiin Badhaadhinaa injifachuu isaatti gammachuu qabdu ibsachuun, paartiin kuni kanaan ol akka hojjetu abdii qabdu ibsachuun cinaa dhaabbachuu akka qabdu kan ibsite immoo Yaabsiraa Dassaalenyidha. Dargaggoo Abdulaaziiz Shakib gama biraatiin Paartiin Badhaadhinaa paartii biyya ceesisu ta'uu dubbachuun,waggoota shanan dhufan keessatti hojiiwwan misoomaa fooyya’oo ta’an raawwachuudhaan fayyadamummaa ummataa akka guddisu amantaa akka qaban ibseera. Dargaggoo Abdulaaziiz akka jedhetti, paartichi pirojektoota gurguddoo hedduu ijaaruu fi hojiirra oolchuudhaan ''waadaa gochaan agarsiiseera''; Fuuldurattis hojii misoomaa eegalame dhaabicha waliin cimsinee itti fufna jedheera. #TOI #ENA Afaan Oromoo
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa

Filannichi ummanni keenya nagaaf jecha gatii qaalii kaffalee kan itti mo’ate filannoo seenaa qabeessadha-SBA
Jun 22, 2026 76
Waxabajjii 15/2018 (ENA)- Filannichi ummanni keenya nagaaf jecha gatii qaalii kaffalee kan itti mo’ate filannoo seena-qabeessa ta’uusaa Sochiin Biyyaalessaa Amaaraa(SBA)ibse. Boordiin filannoo biyyaalessaa bu’aa filannoo biyyaalessaa 7ffaa kaleessa ifoomsuunsaa ni beekama. Haala Kanaan paartileen siyaasaa garagaraa adeemsi filannichaa milkaa’aa ta’uusaa ibsuudhaan, bu’aasaa fudhachuusaanii fi paartii badhaadhinaa sagalee caalmaan mo’ateef hawwii gaarii dabarsaa jiru. Sochiin Biyyaalessaa Amaaraa(SBA) ibsa baaseen filannoon walii galaa 7ffaa, nagaaf jecha ummanni keenya gatii qaalii kaffalee kan itti mo’ate filannoo seena qabeessadha jedheera. Filannoon walii galaa 7ffaan ummanni gara boqonnaa siyaasaa fi hawaas-dinagdee fooyya’aatti cehuuf kutannoosaa kan itti agarsiise murtoo cimaa ta’uusaa ibseera. Milkaa’inni galmaa’e bu’aa ummanni keenya fageessee ilaaluu danda’uusaa waan ta’eef seenaa guddaatti fudhatamuu kan qabudha jedhe ibsa baaseen. Filannichi diinota Itiyoophiyaa alaas abdii kan kutachiise taatee guddaa ta’uu SBA ibseera. Diyaasporaan misoomaa fi hojii misoomaa akka deeggaru akkasumas tasgabbii biyyaaf jecha ajandaawwan bu’aa hinbuufnerraa akka fagaatu waamicha godheera. Xumurarrattis paartii badhaadhinaa filannoo walii galaa 7ffaan sagalee caalmaa argateen ergaa baga gammaddanii ibsee, yeroon itti aanu biyya keenya boqonnaa hunda galeessa fooyyee qabutti kan itti ceesifnu akka ta’u ibseera.
Hojiiwwan Misoomaa eegalaman akka Saffisaniif hirmaannaa taasifnu cimsinee itti fufna – Dargaggoota
Jun 22, 2026 116
Waxabajjii 15/2018 (ENA) – Paartii mo'ate cinaa dhaabbachuun nageenya naannoo keenyaa eeguu fi hojiiwwan misoomaa eegalaman akka saffisaniif hirmaannaa goonu cimsanii kan itti fufan ta'uu dargaggoonni Magaalaa Amboo beeksisan. Filannoo waliigalaa keessatti Paartiin Badhaadhinaa Mana Maree Bakka bu'oota uummataafi manneen maree naannoof teessuma caalmaa argachuun mo'achuu isaa Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa beeksisuun ni yaadatama. Dhimma kana irratti dargaggoonni magaalaa Amboo ENA’n dubbise; nageenya naannoo isaanii eeguun hojiiwwan misoomaa jalqabaman akka saffisaniif paartii mo'ate cinaa dhaabbachuun hirmaannaa taasisan kan itti fufan ta'uu ibsaniiru. Yaada kennitoota keessaa dargaggoo Shibbiruu Nagarii Paartiin Badhaadhinaa gaaffii uummataa deebisuu kan danda'anii fi kanaan dura sadarkaa biyyaalessaafi naannootti pirojektoota gurguddoo eegalaman cimsee itti fufsiisuu akka qabu himeera. Hojiiwwan misoomaa gurguddoo sadarkaa biyyaalessaatti karoorfaman akka milkaa'aniif paarticha cinaa dhaabbachuun qooda isaa kan bahu ta'uu ibseera. Dargaggoon Yohaannis Miidhagsaa gama isaatiin, magaalicha keessatti dameewwan hundaan hojiiwwan misoomaa hojjetamaa jiran deeggaruuf qophaa'uu isaa ibseera. Paartii mo'ate waliin ta'uun hojiiwwan misoomaa jalqabaman irratti hirmaachuun, akkasumas dargaggoota naannichaa qindeessuun gahee isaarraa eegamu bahachuuf qophii ta'uu isaa ibseera. Dargaggoon Cimdeessaa Nagarii gama isaatiin; paartiin teessuma mana maree caalmaa argate kanaan dura gaaffiiwwan misoomaa lammiileen kaasaa turan deebisuu akka qabu eeruun, pirojektoonni misoomaa jalqabamanifi fayyadamummaa uummataa dabalan akka itti fufaniif qooda isaa kan bahu ta'uu ibseera.
Paartiin filannoo injifate Paartiin Badhaadhinaa fi warri filannoo kana irratti hirmaattan hundi baga gammaddan- Paartii Haqa Hawaasummaa Lammiilee Itiyoophiyaatiif (IZEMA)
Jun 22, 2026 317
Waxabajjii 15/2018 (ENA): Paartiin Badhaadhinaa hogganaa ta’ee akka itti fufuuf kan fialatameefi akkasumas dorgomtoonni dorgommii kana irratti hirmaatanii bakka bu’ummaa ummataa galmaan ga’an baga gammaddan jechuun paartiin haqa hawaasummaa lammiilee Itiyoophiyaaf (IZEMA)’n beeksiseera. Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa ibsa kaleessa baaseen filannoo waliigalaa 7ffaa irratti naannolee filannoo irra caalaan Paartiin Badhaadhinaa injifataa ta’uu beeksiseera. Kana hordofuun, Paartii Haqa Hawaasummaa Lammiilee Itiyoophiyaatiif (IZEMA) ergaa har’a dabarseen paartichi bakka itti dorgometti mana maree bakka bu’oota ummatootaa 13 fi teessoo mana maree naannoo fi magaalaa 73 injifachuu isaaniitiin deeggartootaa fi paartichaan baga gammaddan jechuun ergaa dabarseera. Filannoo waliigalaa 7ffaa irrattis sadarkaa biyyaatti paartii morkataa ta'ee akka xumures ibseera. Kaadhimamaa, miseensootaa fi deeggartoota paartichaa milkaa'ina galmeessisaniif baga gammaddan jechuun, waggoota filannoo itti aanuuf dursanii jiran keessatti cimina isaa itti fufsiisuun, tarsiimoo fi hojiiwwan barbaachisoo birootiin qaawwa jiru guutuudhaan, yeroo osoo hin qisaasessiin gahee dorgomaa isaa akka bahatu ammumarraa akka eegalus ibseera. Akkuma kanaan dura gochaa turre dhimmoota dantaa biyyaa tajaajilan irratti humnoota Itiyoophiyaa hunda waliin ta’uun ni hojjenna jedhaniiru. Garaagarummaa fi qeeqa keenya ajandaa dorgommii irratti qaroomina hawaasa keenyaaf malu qabannee dhiyeessuun jalqabne aadaa siyaasaa fayya qabeessaa fi ammayyaa horachuuf hojii keenya itti fufna, milkaa’ina dabalataaf ni carraaqna jedheera. Paartii Badhaadhinaa paartii biyya bulchu ta’ee itti fufuuf filatame, akkasumas dorgomtoota dorgommii kana irratti hirmaatan bakka bu’ummaa ummataa galmaan ga’an baga gammaddan jenna jechuun paartichi ergaa isaa keessatti ibseera. Dhaabbilee dimokiraasii ijaaruu fi haala siyaasaa haqa qabeessa ta’e har’a irraa eegalee hundaaf qixa dhaqqabamaa taasisuuf kutannoon akka hojjatu dhaameera. Paartiin injifate yaada uummataa dhaggeeffachuu; yaadonni misoomaa fi jijjiirama biyyattiif faayidaa qaban gama kamirraayyuu argamuu akka danda’aniifi kan hunda hirmaachise akka ta’u ergaa isaa keessatti himeera. Akkasumas qeeqa gara bal’inaan fudhachaa ,waliin ta'uun dimokiraasii biyyi keenya barbaaddu akka ijaarru jechuun Paartiin Haqa Hawaasummaa Lammiilee Itiyoophiyaaf (IZEMA)’n ibsa isaa keessatti eereera. #TOI #ENA Afaan Oromoo
Mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru wal-hubannoo uumuun tokkummaa kan cimsudha
Jun 20, 2026 2455
Waxabajjii 12/2018 (ENA)- Mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru hubannoo waloo biyyaalessaa uumuun tokkummaa kan cimsu ta'uu Itiyoophiyaatti bakka bu'aan sagantaa Misooma Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNDP) Saamu'eel Doo ibsan. Komiishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa yaa’ii isaa Adooleessa 8 bara 2018 irraa jalqabee akka gaggeessu beeksiseera. Komiishinichi yaa’ii kana gaggeessuuf qophiiwwan barbaachisoo taasisaa jira. Itiyoophiyaatti Bakka Bu'aan Sagantaa Misooma Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Saamu'eel Doo ENA waliin turtii taasisaniin, Komiishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa erga hundaa'ee kaasee hojii nama dinqisiisu hojjechuu isaa ibsaniiru. Mariin rakkina bu'uuraa biyya tokko keessatti mul'atu mariidhaan furuun hubannoo waloo biyyaalessaa uumuu kan dandeessisu ta'uu eeraniiru. Adeemsa marii Itiyoophiyaan gaggeessaa jirtu milkiin itti fufsiisuuf kutannoo agarsiisaniif mootummaan fi ummanni Itiyoophiyaa akkasumas komiishinichi galata guddaan isaaniif mala jedhaniiru. Muxannoo Laayibeeriyaa dabalatee, Kolombiyaa, Ameerikaa Latiini, Eeshiyaa fi kutaalee Afrikaa adda addaa keessatti mariiwwan biyyaalessaa taasifaman qo'achuu isaanii eeranii; adeemsi marii furmaata filannoo hin qabne ta'uu ibsaniiru. Hojiin akkasii fedhii guddaa, kutannoo ol'aanaa fi waliin gara fuulduraatti deemuuf obsa cimaa kan gaafatu ta'uu hubachiisaniiru. Filannoowwan nagaa fi marii carraa fuulduraa hawaasaa caalaatti kan ifa taasisan ta'uu ibsuun; Itiyoophiyaa saboota baay'ee fi seenaa nama dinqisiisu qabdu keessatti tokkummaa biyyaalessaa fi misooma waaraa caalaatti cimsuuf mariin waliinii murteessaa ta'uu ibsaniiru. Kanaafuu, Itiyoophiyaanonni adeemsa marii kana keessatti dammaqinaan hirmaachuun milkaa'ina isaatiif gahee ijaarsaa taphachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Hawaasummaa
Tajaajilli tola ooltummaa rakkoo hawaasummaa fi dinagdee lammiilee salphisaa jira - Pireesidaanti Ordiin Badrii
Jun 22, 2026 118
Waxabajjii 15/2018 (ENA): Tajaajilli tola ooltummaa rakkoo hawaasummaa fi dinagdee lammiilee salphisaa jiraachuu piresidaantiin naannoo Hararii obbo Ordiin Badrii beeksisaniiru. Piresidaanti Ordiin Badrii sagantaa tajaajila tola ooltummaa Ganna bara kanaa eegalchiisaniiru. Piresidaanti Ordiin saganticha kan eegalchiisan kutaalee hawaasaa rakkoof saaxilamoo ta’aniif ijaarsa mana jireenyaa eegaluunidha. Wayita sana akka jedhanitti, hunduu hojiiwwan tajaajila tola ooltummaa gaggeeffamaa turan gargaaraa fi deeggarsa taasisuun, rakkoo hawaasummaa fi diinagdee lammiilee salphisaniiru. Hojii tajaajila tola ooltummaa Ganna bara kanaa irratti paartii fi mootummaan waliin ta’uun lammiilee rakkoof saaxilamoo ta’aniif mana jireenyaa ni ijaaru jedhaniiru. Manneen kunneen yeroo gabaabaa keessatti saffisaa fi gahumsaan ijaaramanii fayyadamtootaaf dabarfamuu akka danda’an himaniiru. Hunduu humnaa fi qabeenya qabu hundaan sochii tajaajila tola ooltummaa Ganna naannicha keessatti gaggeeffamu irratti hirmaachuudhaan gahee lammummaa isaa gumaachuun akka irraa eegamu dubbataniiru. Hojiin tajaajila tola ooltummaa kaka’umsa mataa ofiitiin gaggeeffamu gara fuula duraatti cimee akka itti fufu piresidaanti Ordiin ibsaniiru. Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartoota, Daa’immanii fi Dargaggoota Naannichaa Aadde Ramziyaa Abdulwaahib gama isaaniitiin; Tajaajila tola ooltummaa waggaa waggaan naannichatti gaggeeffamu irratti lakkoofsi dargaggoota hirmaatan dabalaa dhufeera jedhani. Tajaajila tola ooltummaa bara kanaa fi hojiiwwan misoomaa hawaasa fayyadamoo taasisan keessatti tajaajilawwan xiyyeeffannoo 14 adda baasuun, kanarrattis tola ooltonni kuma 47 akka hirmaatan hubachiisaniiru. Sagantichaan hojiiwwan misoomaa birrii miiliyoona 200tti tilmaamamu hojjachuuf karoorri qabamee hojiitti galamuusaa akeekaniiru. Sirna jalqabsiisa kana irratti Itti Aantuu piresidaantii naannichaa aadde Roozaa Umar, Af-yaa’iin Mana Maree Naannichaa Sulxaan Abdusalaam fi Hogganaan Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Hararii Geetuu Wayyeessaa akkasumas hoggantoonni naannichaa biroo argamaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo
Misoomni qarqara lagaa fi kooriidaraa saaxilamummaa lolaa hir’isuudhaan gumaacha olaanaa gochaa jira
Jun 22, 2026 100
Waxabajjii 15/2018 (ENA)- Misoomni qarqara lagaa fi kooriidaraa saaxilamummaa lolaa hir’isuudhaan gumaacha olaanaa gochaa jiraachuu komishiniin hoggansa yaaddooo ibiddaa fi soda balaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee ibse. Hojiileen qarqara lagaa fi kooriidaraa Finfinneetti ijaaraman miidhaginaa fi ammayyummaa magaalattii guddisuudhaan Finfinneen turizimiif bakka filatamtu akka taatu gochaa jiru. Misoomni kooriidaraa fi qarqara lagaa jiraattota qarqara lagaarra yaaddoo guddaan jiraachaa turan baraaruu danda’eera. Pirojektoonni qindoominaan hijjetaman kunneen yaaddoo lolaa yeroo gannaa mudachaa ture furuudhaan yaaddoo malee akka jiraatan godheera. Itti aanaan komishinaraa hoggansa yaaddoo ibiddaa fi soda balaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Dassaalanyi Gonfaa ENA’f akka ibsanitti, lolaa fi balaa yeroo gannaa mudatuittisuuf hojiiwwan haal duree hojjetamaa jiru. Komishinichi qooda fudhattoota magaalattii garagaraa waliin ta’uun ujummoowwan dhangala’aan keessa darbuu fi bo’oon lolaan keessa darbu balfaan akka hin duuchamne xiyyeeffannoodhaan qulqulleeffamaa akka jiru eeraniiru. Dabalataanis hirmaannaan ummataa murteessaa waan ta’eef jiraattonni lagaa fi ujummoo keessatti balfa akka hin ganne hojiin hubannoo bal’aan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Bakkeewwan lolaaf saaxilaman adda baasuudhaan qama dhimmi ilaalu waliin ta’uun balaa gahuu danda’u salphsuuf xiyyeeffannoon hojjetanaa akka jiru itti aanaan komishinarichaa ibsaniiru. Hojiileen misooma qarqara lagaa fi kooriidaraa rakkoolee ujummoowwan bishaan keessa darbuu furuudhaan yaaddoo lolaa yeroo gannaa mudachuu danda’u hir’isuudhaan gumaacha olaanaa gochaa jira jedhaniiru. Kun ammoo jiraattota magaalichaaf aara galfii akka kenne dubbataniiru.
Tajaajilli Tola Ooltummaa Daangaa Qaxxaamuraa Itiyoophiyaa Walitti Hidhamiinsa Lammiilee Cimsuun Gahee Dargaggootaa Ijaarsa Biyyaa Keessatti Guddisaa jira
Jun 21, 2026 1372
Waxabajjii 14/2018 (ENA): Tajaajilli Tola Ooltummaa Daangaa Qaxxaamuraa Itiyoophiyaa tokkummaa biyyaalessaa cimsuu fi ga’ee dargaggoonni ijaarsa biyyaa keessatti qaban guddisaa jiraachuu Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa ibseera. Fayyadamummaa lammiilee guddisuuf hojiiwwan nama irratti xiyyeeffatan hedduun kan raawwataman yoo ta’u, keessumaa gochi tajaajila tola ooltummaa gaggeessuu yeroodhaa gara yerooti guddachaa dhufeera. Dameewwan tola ooltummaa adda addaa keessaa tajaajilli tola ooltummaa dargaggoota daangaa qaxxaamuraa damee dammaqinaan guddachaa jiruudha. Sagantaan kun dargaggoonni Itiyoophiyaa hojii tola ooltummaa raawwachuu qofa osoo hin taane, biyya isaanii caalaatti akka beekanii fi hubataniif carraa guddaa uumaa jira. De’eetaan Ministira Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Muunaa Ahimad ENAtti akka himanitti, Dargaggoonni guutuu biyyattii irraa gara kutaalee biyyattii adda addaatti socho’uun hojii tola ooltummaa gaggeessaa jiru jedhan. Tajaajilli tola ooltummaa daangaa qaxxaamuraa dargaggoota kutaalee biyyattii adda addaa walitti fiduu fi tokkummaa biyyaa cimsuun ijaarsa biyyaa keessatti gahee ijaarsaa taphachaa jira jedhan. Kunis dargaggoota gidduutti aadaa fi duudhaa wal jijjiiruu uumuudhaan waa’ee maalummaa fi gama adda ta’een biyya isaanii akka baratan carraa uumuudha jedhan. Haala kanaanis adeemsa ijaarsa biyyaa keessatti gaheen dargaggootaa daran cimaa jira jedhan. Sagantaan bara 2014 eegalame kun bara kana yeroo 5ffaaf mata duree "Gaarummaa olka’insa Itiyoophiyaa 5ffaaf" jedhuun hojjechuuf qophaa’uu ibsaniiru. Tajaajilli tola ooltummaa daangaa qaxxaamuraa sadarkaa biyyaatti eegalame amma naannolee fi Godinoota biratti hojii idilee ta’aa jira jedhan. Itiyoophiyaan akkuma ashaaraa magariisaa isheetiin hojjatte hojii tola ooltummaatiin aadaa badhaadhaa ijaaruun addunyaaf fakkeenya ta’uuf hojjechaa jirti jedhan. Dargaggoonni sagantaa tola ooltummaa Ganna bara kanaa irratti qindoomuun dammaqinaan hirmaachuu fi itti gaafatamummaa hawaasummaa isaanii akka ba’atanis waamicha dhiyeessaniiru.
Diinagdee
Gaaffiin mirga abbummaa hulaa galaanaa Itiyoophiyaa nageenyaa fi guddina riijinii mirkaneessuuf kan gargaarudha
Jun 21, 2026 1080
Waxabajjii 14/2018 (ENA): Gaaffiin mirga abbummaa hulaa galaanaa Itiyoophiyaa nageenyaa fi guddina riijinii mirkaneessuuf kan gargaaru dha jedhan hayyoonni. Seenaan qaroominaafi aangoon Itiyoophiyaa bara dheeraa qabdu abbummaa buufata galaanaa uumamaa ishee waliin walitti hidhata guddaa akka qabu dhugaa beekamaadha. Shirri diinonni seenaa biyya keessaa fi alaatiin xaxamanis Itiyoophiyaa abbummaa buufata galaanaa uumamaa ishee mulquun dabni guddaan biyyattii irratti raawwatameera. Gaaffiin buufata galaanaa waggoota kurnan sadiif onnee lammiilee Itiyoophiyaa keessatti ukkaamfamee ture, jijjiirama biyyaalessaa hordofuun ajandaa barbaachisaa ta’ee dhiyaateera. Abbummaan buufata galaanaa Itiyoophiyaa gaaffii seera qabeessa, seenaa, haqaa, teessuma lafaa fi riijinii ta’ee fi biyya baay’ina ummataa baay’ee guddina dinagdee ariifataa waliin walitti fidu qabdu buufata galaanaa malee jiraachuu hin dandeessu. Hayyoonni yaada isaanii ENAf kennan akka himanitti, Itiyoophiyaan abbummaa uumamaa fi seera qabeessa buufata galaanaa mataa ishee mulqisiisaniiru jedhani. Yunivarsiitii Yuniitiitti,barsiisaa sirna Hooggansaa fi Hariiroo Idil-addunyaa kan ta’an Dr. Geetiyyee Tirfee shirri diinota seenaa fi baandaawwan keessootiin dalagame abbummaa buufata galaanaa akka dhabnu nu taasiseera jedhan. Gantummaan garee aangoo mataa ofiif malee dantaa biyyaalessaaf dursa hin kennine, biyya ganuun dantaa biyyaalessaa irratti jal’ina dhiifama hin qabne raawwataniiru jedhani. Itiyoophiyaan haqa malee abbummaan buufata galaanaa ishee irraa mulqabuun, Dorgommii daldala idil-addunyaa gama galii fi baasiitiin hir’isuu bira darbee naannichi mandhee shororkeessitootaa akka ta’u taasiseera jedhani. Jijjiirama biyyaalessaa booda Itiyoophiyaanonni ejjennoo waloo qabatanii dhimma abbummaa buufata galaanaa akka ajandaa dantaa biyyaalessaa tarsiimootti dhiyeessuun, seenaa dabe sirreessuuf dhimma barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Dhimmi abbummaa buufata galaanaa Itiyoophiyaa wiirtuu dantaa biyyaalessaa tarsiimoo ta’ee fi beekamtii idil-addunyaa argachaa ture ta’uu ibsaniiru. Abbummaan buufata galaanaa Itiyoophiyaas tumsa naannoo fi cimina guddisuun nagaa, guddina diinagdee, fi qindoomina gabaaf bu’uura ta’uu ibsaniiru. Ministeera Geejjibaa fi Loojistikii keessatti qorataa imaammataa fi tarsiimoo kan ta’an Dr. Tamsgeesn Waalellinyi akka jedhanitti, Buufatni galaanaa Itiyoophiyaaf qananii osoo hin taane, dhimma lubbuun jiraachuuti. Itiyyoophiyaan buufata galaanaa tarsiimoo keessaa bahuun ishee waggoota kurnan sadii oliif jireenya lammiilee irratti dhiibbaa kan geessise yoo ta’u, sirna loojistikii irratti dhiibbaa guddaa kan uume ta’uu hubachiisaniiru. Yeroo ammaa ijji biyyoota guddtanaii kan irra qubate naannoon Galaana Dimmaa, Itiyoophiyaanonni abbummaa seena qabeessaa fi seera qabeessa ta’e deebifachuuf tattaaffiin taasisaa jiran cimee itti fufuu akka qabus hubachiisaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo
Magaalaa Shaggaritti qonna Gannaa bara kanaan hanga ammaatti lafti heektaarri kumni 89 ol qotamee sanyiif qophaa’eera
Jun 21, 2026 884
Waxabajii 14/2018 (ENA Afaan Oromoo) : Magaalaa Shaggaritti qonna Gannaa baranaaf hanga ammaatti lafti heektaarri kumni 89 qotamee facaasaaf qophaa’uu Waajjirri Qonnaa Bulchiinsa Magaalichaa beeksise. Magaalaan Shaggar erga hundaa'ee jalqabee, bal'ina lafa qonnaafi gandoota baadiyyaa hedduu of jalatti kan hammate waan taa'eef, dhiyeessii oomisha qonnaatiin naannoo saniifi magaalaaf shoora olaanaa taphachaa jira. Bulchiinsi magaalichaa guddina industiriifi jireenya magaalaa qofa irratti utuu hin taane, wabii nyaataa mirkaneessuufi qaala’insa jireenyaa tasabeessuuf xiyyeeffannoo addaa qonna magaalaatiif kennee hojjechaa jira. Keessattuu, qonni Gannaa kan oomishni sanyiiwwan midhaanii adda addaa bal’inaan itti argamuufi wabii nyaataa biyyattii keessatti iddoo guddaa qabu, Magaalaa Shaggar keessattis yeroo eeggatee tekinoolojiin deeggaramee akka raawwatamu taasifamaa jira. Bulchiinsi magaalichaa qonna gannaa baranaatiif qotee bultootaaf dhiyeessii sanyii filatamaa, xaa'oo akkasumas deeggarsa tiraaktaraa yeroon geessisuuf hojiiwwan bal’aa raawwachaa tureera. Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar, Obbo Dajanee Baqqalaa akka himanitti, magaalichatti qonni magaalaa wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti qooda guddaa akka qabu hubatamee xiyyeeffannoon hojjetamaa jira. Haaluma kanaan bara kana magaalichaatti lafa heektaara kuma 95 fi 500 misoomsuuf kan karoorfame yoo ta’u, kana keessaa yeroo ammaa lafti heektaarri kuma 89 qotamee sanyiif qophaa’eera jedhan. Hangaa ammaatti heektaara kuma 3 ol oomishaalee gosa adda addaatiin uwwifamuus himan. Bulchiinsi magaalichaas oomishaa fi oomishitummaa qonnaan bultootaa dabaluuf teeknooloojii qonnaa guutuu akka fayyadaman deeggarsa ogummaa fi bulchiinsaa kennaa jira jedhaniiru. Magaalichatti hanga ammaatti xaa’oo dhihaachuu qabu keessaa dhibbeentaan 81 dhihaachuu eeranii, kana keessaa dhibbeentaan 61 qonnaan bultootaaf dhihaachuu himaniiru. Xaa’oo kompoostii qophaa’e keessaa meetir kuubiin kuma 316 ol qopheeffamuun ooyiruu qonnaatti baafamuu himanii, dabalataan magaalichatti xaa’oo kompoostii varmii kumtaala kuma 13 fi 900 ol qopheessuun yeroo ammaa fayidaarra ooluuf ooyiruu qonnaan bulaarratti baafamuu ibsaniiru. Magaalichatti hojii qonnaa ammayyeessuun oomishaa fi oomishitummaa dabaluuf hojii hojjetamaa jiruun bara kana lafa magaalichatti misoomu keessaa dhibbeentaan 80 tiraakteeraan kan qotamu ta’uu himaniiru. Hojii kana milkeessuufis kanaan dura magaalicha keessa tiraakteroonni 7 qofa kan turan ta’us yeroo ammaa dachaa hedduun dabaluun lakkoofsi tiraakterootaa magaalicha keessa jiran 67 gahuu himaniiru. Kunis oomishaa fi oomishitummaa qonnaan bultoota magaalichaa dabaluu keessatti gahee olaanaa kan qabudha jedhan. Bara kana akka magaalichaatti sanyii filatamaa gosa adda addaa kumtaala kuma 80 qonnaan bultootaaf dhihaachaa jiraachuu ibsaniiru. Magaalichatti hubannoo qonnaan bultoonni fayyadama teeknooloojii fi gabbina biyyee irratti qaban dabaluuf leenjiiwwan adda addaa kennamaa turuu eeraniiru. Kanarraa kan ka’e qonnaan bultoonnis hubannoo gaarii waan argataniif bara kana akka magaalichaatti lafa misoomurraa callaa kumtaala miliyoona 4.5 walitti qabuuf hojjetamaa jiraachuu ibsan. #TOI #ENA Afaan Oromoo
Dandeettii dorgommii Invastimantii mirkaneessuuf hoggansi haala qabatamaa hubachuun tattaaffiisaa cimsuu qaba
Jun 20, 2026 705
Waxabajjii 13/2018 (ENA)-Hojmaata barame hordofuun dandeettii dorgommii invastimantii mirkaneessuun waan hin danda’amneef hoggansi haala qabatamaa sirriitti hubachuun tattaaffiisaa cimsuu qaba jedhan pirezidaantiin naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa dubbatan. Gareen hoggantoota olaanoo federaalaa fi naannoo pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan durfamu zoonii dinagdee addaa Gadaa daawwateera.   Pirezidaanti Shimallis yeroo kana akka jedhanitti, hojmaata barame hordofuun dandeettii dorgommii Invastimantii mirkaneessuun waan hin danda’amneef hoggansi jijjiiramaa haala qabatamaa jiru dursee hubachuudhaan tarsiimoo bocee hojjechuu qaba. Zooniin dinagdee addaa Gadaas kana ka’umsa godhachuun hojjechaa jiraachuu eeranii, yeroo ammaa invastimantii garagaraa keessa galuusaa ibsaniiru. Zooniin dinagdee addaa Gadaa kaayyoo cehumsa caasaa dinagdee milkeessuun gara boqonnaa haaraatti kan ceesisu ta’uu dubbataniiru. Zooniin dinagdee addaa boqonnaa qophii bu’ura misoomaa keessa darbee bakka kaappitaalli, omishtummaa fi magaalummaan itti arganii fi kaayyoo waloosaanii kan itti cimsan ta’uu dubbataniiru. Sochii amma ammaatti jiruun dameeleen daldalaa fi lojistiksii, oomisha qonnaa qiqindeessuun, Maanuufaakchariingiin, albuudaa, tajaajilaa fi kanneen biroo zoonicha keessatti hojjechaa jiru jedhan. Dureeyyota Itiyoophiyaa dabalatee Invastaroonni Chaayinaa. Ameerikaa, Emereetota Araba Gamtoomnii, Hoolandi Xaaliyaanii fi invastaroonni biyyoota biroo hojii kanarra akka jiran kaasaniiru. Mootummaan naannoo Oromiyaa tarkaanfiiwwan tarsiimawaa cehumsa caasaa dinagdee mirkaneessan cimsuudhaan, dorgommii sadarkaa idil addunyaa caalaatti kan guddisu ta’a jedhaniiru. Gorsaan dinagdee gooroo ministira muummee ambaasaaddar Girmaa Birruu, bulchaan baankii biyyaalessaa Dr. Iyyoob Takkaaliny, komishinariin komishinii Invastimantii Itiyoophiyaa Dr. Zallaqaa Tamasgeen fi hoggantoonni olaanoo federaalaa fi naannoo daawwannaa kanarratti argamaniiru.
Pirojektii buufata Xiyyaaraa Bishooftuu – Boqonnaa milkaa’inaa Itiyoophiyaa isa haaraa keessaa isa tokko
Jun 20, 2026 600
Waggoottan darban fayyadama walii galaa lammiilee mirkaneessuudhaan akkasumas dhaabbilee cimaa gama ijaaruutiin hojiileen ijoon biyyattii ol kaasan raawwatamaniiru. Dhaabbilee milkaa’inni keessatti galmaa’an keessaa daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa isa tokkodha. Dhaabbatichi dameewan hundaan humnasaa guddifachaa jira. Kanaaf ammo ijaarsi buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu ragaadha. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Amajjii 2 bara 2018 ijaarsa buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu yeroo jalqabsiisan dooniiwwan samiirra balali’aniif akka buufataatti tajaajila, Kunis cabinsa sirna loojistiksii Itiyoophiyaa bara dheeraaf deebii kan ta’udha jechuunsaanii ni yaadatama. Ijaarsi buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu agarsiiftuu guddina Aviyeeshinii Afriikaa fi fakkeenya guddaa akka ta’u eegama. Pirojektiin kun Itiyoophiyaa Aviyeeshinii addunyaa adda duree ta’an keessaa tokko kan isa taasisu yoo ta’u, dandeettii dorgommii idil addunyaa daandii qilleensaa Itiyoophiyaa baay’ee guddisa. Seenaa Afriikaa keessatti pirojektii bu’ura misooma Aviyeeshinii isa guddaa waan ta’eef Itiyoophiyaan dandeettii damee geejjiba qilleensaatiin qabdu caalaatti beeksisa. Buufanni Xiyyaaraa kun biyyattii hojiirra oolmaa riijinii daldala bilisaa Afriikaa (AfCFTA) si’achiisuu fi walitti hidhamiinsa daldalaa fi dinagdee cimsuuf qooda ijoo bahata. Magaalaan Erpoortii buufata Xiyyaaraa Kanaan wal qabatee hundeeffamu dameewwan daldalaa, industirii fi Turizimiitiin guddina naannawichaaf gumaacha guddaa kan qabaatu yoo ta’u sochii dinagdee dabalataa ni uuma. Pirojektichi guddaa ta’uunsaa fi faayidaan tarsiimawaa inni qabu invastimantii kallattii alaa (FDI) gara Itiyoophiyaatti hawachuudhaan alattis yeroo ijaaramaa jiruu fi yeroo xumurames tajaajiloota kennamaniin lammiilee biyyattii kumaan lakkaa’amaniif carraa hojii kallattii fi al kallattii ni uumu. Ijaarsi buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu waggoottan jijjiiramaa darbanitti hojiirra kan oole dandeettii pirojektoota jalqabanii xumuruu kan mirkaneessu akka ta’u ni eegama. Itiyoophiyaan pirojektoota meeggaa gurguddoo fi wal xaxaa hooggansa cimaadhaan gaggeessuun yeroo kaa’ameefitti qulqullinaan xumuruun eebbisuun sadarkaa idil addunyaatti raga kan bahameef aadaa hojii biyyaalessaa haaraa uumteetti. Fakkeenyaaf hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddicha xumuruu, yaadannoo injifannoo Adwaa yeroo gabaabaa keessatti ijaaruu, golambaa Saayinsii,misooma kooriidaraa fi bakkeewwan bashannanaa tuuristootaa ammayyaa qulqullinaan xumuramanii tajaajilaaf ooluunsaanii Itiyoophiyaan yeroo ammaa pirojektoota dinagdeee fi bu’ura misoomaa gurguddoo karoorsuu, gaggeessuu fi yeroo qabameefitti xumuruuf qabatamaan dandeettii qabdu kan agarsiisudha. Buufanni Xiyyaaraa Bishooftuus imala cichoomaa fi milkaa’inaa sadarkaa olaanaatti kan irra deebi’u ta’a.  
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Mul’anni Itiyoophiyaa fakkeenya badhaadhinaa Afriikaa gochuuf kaa’ame gama hundaan milkaa’aa jira
Jun 20, 2026 1730
Waxabajjii 13/2018 (ENA)- Mul’anni Itiyoophiyaa fakkeenya badhaadhinaa Afriikaa gochuuf kaa’ame gama hundaan milkaa’aa jiraachuu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad egzibiishinii bu’aalee riifoormii fooyyessa siviil sarviisii agarsiisu kan mata duree ‘dijitaalli ga’oomaaf’ jedhuun golambaa Saayinsiitti qophaa’e eebbisanii bananiiru. Egzibiishinii har’arraa eegalee guyyoota walitti fufan afuriif tururratti konkolaattota federaalaa socho’uun tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob gaazii fi elektiriikiin hojjetan eebbisanii hojii eegalchiisaniiru. Kana malees dhaabbilee kudha lama tajaajila isaanii wajjin waltajjii tokkorratti kan walitti fidu appilikeeshinii tajaajila dijitaalaa qindaa’aa ifatti eebbisanii hojii eegalchiisaniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad yeroo kanatti ergaa dabarsaniin, mootummaan Itiyoophiyaa tajaajiloota dhaabbilee ammayyeessuuf hojii guddaa hojjechuusaa eeraniiru. Hojiileen riifoormii milkaa’oon tajaajiloota mootummaa ammayyeessuuf taasifaman Itiyoophiyaaf madda boonsaa ta’uudhaan invastimantii teeknooloojiin gaggeeffamuu fi kaayyoo irratti xiyyeeffate akka argamsiisan kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru. Dhaabbata mootummaa isa ijoo kan ta’e siviil sarviisiin jijjiiramee fi ammayyoomee arguun gammachuu namatti hora kan jedhan ministirri muummee, tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoobis bu’ura misoomaa dinagdee isa ijoodha jedhan. Hundaa ol milkaa’inni kun hawwii egeree Itiyoophiyaa ይqofa osoo hin taane, haqa harkaa fi dandeettii keenyaan kan ijaarru ta’uusaanii ifatti kan agarsiisu raga guddaa ta’uu ibsaniiru. Teeknooloojiin qonna Itiyoophiyaa, industirii, albuuda, turizimi fi tajaajilaa fi oomishtummaa industirii baankii ammayyeessuudhaan qooda olaanaa bahachaa akka jiru dubbataniiru. Milkaa’ina Itiyoophiyaa caalaatti cimsuun, muuxannoo obboloota keenya Afriikaatiif qooduun, akkasumas kana irra caalaatti bu’aa guddaa galmeessisuuf kutannoon gara fuulduraatti deemuun akka barbaachisu dhaamaniiru. Fooyya’iinsi tajaajila dhaabbilee mootummaa wiirtuu tokkoo Masoob irraa gara socho’aatti, itti fufuunis gara aplikeeshinii mobaayilaatti ce’umsa si’ataa taasise saffisa dinqisiisaan kan deeggarame ta’uu ibsaniiru. Sadarkaa Afriikaatti akka Masoob tajaajilli hundis sirna qindaa’aan kan itti kennamu akka hin jirre kan dubbatan Ministirri muummee, Itiyoophiyaanis waggaa tokko keessatti tokko jedhanii kan eegalani tajaajilli Masoob amma 70 irra gahuu isaa dubbataniiru. Itiyoophiyaan biyyoota muuxannoo irraa fudhatte waggoota kudhan keessatti torbaatama akka hin geenye eeruun, dhaqqabamummaan tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob Itiyoophiyaas saffisa dinqisiisaan babal’achaa jiraachuu isaa dubbataniiru.   Aplikeeshiniin tajaajila dijitaalaa qindaa’aan kun Afriikaatti gama hundaan aplikeeshinii tajaajila qindaa’aa isa jalqabaati, jedhaniiru. Masoob wiirtuu tokkoon tajaajila argachuun dinqisiisaa ta’ee utuu jiruu, lammiileen bilbila harka isaaniitiin dhimma isaanii bakka jiranitti fi yeroo kamittuu tajaajilamuu kan isaan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Yuunivarsiitiin Artiifishaal Intalajansii dhimmoota baay’eedhaan Itiyoophiyaa Afriikaatti fakkeenya kan ishee taasisu ta’uun isaa eeranii, badhaadhina mirkaneessuuf caalaatti tajjajila, hojii fi carraaqqii guddaa akka gaafatus eeraniiru. Itiyoophiyaa fi Itiyoophiyaanonni kan itti boonaan akka ta’an, ijoollee isheetiif biyya hiyyummaa hin dhaalchisne ijaaruun akka barbaachisu eeraniiru. Itiyoophiyaa fakkeenya badhaadhina Afriikaa taasisuuf mul’anni jiru gama hundaan milkaa’aa jiraachuu isaas ibsaniiru.
Workishoppii qorannoo guutuu magaalaa shanaffaan akkaadaamii hoggansa Finfinnee boru gaggeeffama
Jun 19, 2026 1485
Waxabajjii 12/2018 (ENA)- Akaadamii Hoggansa Finfinnee workishooppii qo'annoo fi qorannoo guutuu magaalaa shanaffaa boru, Waxabajjii 13 bara 2018 Yaadannoo Injifannoo Adwaatti akka gaggeessu beeksise. Workishoppiin kun mata-duree "Hojiiwwan qorannoo furmaata fidan badhaadhina waliigala magaalaa keenyaatiif" jedhuun akka gaggeeffamus eerameera. Daarektarri Qo'annoo fi Misoomma Akaadamichaa Doktar Abinnat Fullaasaa ibsa gaazzexaa kennaniin; akaadamichi imaammatoota fi tarsiimoowwan misooma magaalattis ta'ee biyyattii hojiirra oolchuuf kutannoon hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Kanaanis, workishoppiiwwan qorannoo adda addaa gaggeessuun rakkoolee hawaasummaa, dinagdee fi siyaasaa magaalattiis ta'ee biyyattiif furmaata saayinsawaa argamsiisuu kan dandeessisan hojjechaa jiraachuu eeraniiru. Akaadamichi kanaan dura workishoppiiwwan wal-fakkaatan afur gaggeessuu isaa yaadachuun, waltajjii shanaffaa kana irrattis waraqaawwan qorannoo ja'a kanneen furmaata gama-hedduu magaalattii agarsiisan dhiyaatanii akka mari’atamu beeksisaniiru. Kanaanis, qulqullina kenninsa tajaajilaa fi itti quufinsa maamilaa, deeggarsa intarpiraayizootaaf taasifamu guddina daldalaa irratti gahee inni qabu, akkasumas raawwii hojii fi hojiirra oolmaa sirna hoggansaa kanneen hammatan waraqaawwan qorannoo akka dhiyaatan eeraniiru. Dabalataanis, faayidaa hojiirra oolmaa tajaajila elektirooniksii (E-service) itti-gaafatamummaa irratti qabuu fi gamaggama raawwii damee geejjibaa qorannoowwan ilaallatan akka dhiyaatan ibsaniiru. Workishoppiin kun bu'aawwan qorannoo gaggaarii qaamolee qooda fudhattootaaf dhiheesuun, hojiirra ooluu isaanii mirkaneessuu fi ce’umsa beekumsaa uumuuf kan kaayyeffate ta’uusaa ibsaniiru. Waltajjii kana irratti qondaaltotni ol'aanoon bulchiinsa magaalattii, miseensonni boordii, hayyoonni affeeraman dabalatee dhaabbilee qorannoo fi leenjii akkasumas qaamoleen dhimmi ilaallatu biroon akka hirmaatan beeksisaniiru.
Sirni Hojii Onlaayinii Ejansichi eegale kenniinsa tajaajilaa ifaa fi si’ataa kan taasisudha
Jun 19, 2026 1193
Waxabajjii 12/2018 (ENA) – Sirni hojii onlaayinii Eejansiin galmeessa ragaalee bu’uura hawaasummaa jalqabe tarkaanfii guddaa kenniinsa tajaajilaa ifaa fi si’ataa taasisu ta’uu sadarkaa itti aanaa kantiibaatti Hojii Raawwachiisaan Ol’aanaa Injiinar Wandimmuu Seetaa ibsan .   Ejansiin Galmeessa ragaa bu’uura hawaasummaa bifa onlaayinii jiraattonni bakka jiranitti tajaajilamuu danda'an hojii jalqabsiiseera. Injiinar Wandimmuu Seetaa sirna kanarratti akka jedhanitti; tajaajilli onlaayinii kun kenniinsa tajaajilaa gabaabaa fi ifa kan taasisu hojii guddaadha jedhaniiru.   Tajaajiloota magaalattii keessatti kennaman si’ataa fi ifa kan taasisan ta’uus eeraniiru. Appilikeeshinichi inistitiyuutii hubannaa namtolchee Itiyoophiyaatiin qophaa'uun isaa kan nama boonsu ta’uusaas eeraniiru.   Daarektarri Ol’aanaa Ejansichaa Yooseef Nugusee gamasaaniitiin akka ibsanitti; eejansichi hojmaataa fi sirna riifoormii jalqabe cimsee itti fufeera. Tajaajilli onlaayinii har'a ifatti jalqabame kunis qaama hojii riifoormii kanaa yoo ta'u, kunis kenniinsa tajaajilaa caalaatti saffisaa fi mijataa kan taasisudha jedhaniiru. Kanaanis jiraattonni magaalattii bakka jiran ta'uun, Waraqaa ragaa dhalootaa (Birth Certificate), Tajaajila waraqaa eenyummaa (ID Services) fi Ragaa gaa’ilaa, karaa onlaayiniitiin gaafachuun salphaatti argachuu akka danda'an ibsaniiru. Dabalataanis, appilikeeshiniin onlaayinii haaraan kun sanadoota sobaa fi eenyummeessaa sobaa guutummaatti ittisuu keessatti shoora olaanaa akka qabu eeraniiru. Walumaagalaan, appilikeeshiniin kun kenna tajaajilaa kan saffisiisu dhaabbata guddaa ta’uu beeksisaniiru.
Ispoortii
Atileetota lafaa dhufeeyyii filachuu fi hordofuuf sirna dijitaalaatti fayyadamuun xiyeeffannoon kennameera
Jun 17, 2026 2155
Waxabajjii 10/2018 (ENA): Federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa sirna dijitaalaa haaraa ataileetota lafaa dhufeeyyii filachuu fi hordoffiif tajaajilu dhaabbataadhaan hiiku hojiirra oolchuuf hojjechaa jiraachuu beeksise. Akkasumas, teeknooloojiin dijitaalaa dhimmoota umurii wajjin walqabatan furuu keessatti gahee olaanaa akka qabu agarsiiseera. Itiyoophiyaan biyya atileetota gootota taate, injifannoo ijoolleen ishee galmeessisaniin maqaa ishee beekamtii fi alaabaa ishee dirree addunyaa irratti ol kaasaa jirti. Haa ta'u malee yeroo dhiyoo asitti bu'aan eegamu gama atileetiksiitiin galmaa'uu dhabuun isaa ni himama. Milkaa’ina atileetiksii idil-addunyaa Itiyoophiyaa eegsisuuf jecha atileetota itti aanan oomishuun dhimma xiyyeeffannoo argachuu qabu ta’uun isaa ifaadha. Hojii gaggeessaan olaanaa Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Dr. Amansiisaa Kabbadaa ENA waliin turtii taasisaniin akka himanitti, milkaa’ina itti fufiinsa qabu damichaa mirkaneessuuf atileetota dargaggoota irratti xiyyeeffachuun hojii hin hafnee fi murteessaa ta’uu ibsaniiru. Kanaaf Federeeshiniin Atileetiksii atileetota itti aanan bu’a qabeessa ta’anii fi biyyaaf ulfina fidan oomishuuf tooftaalee adda addaa qopheessaa fi hojiirra oolchaa akka jiru akeekaniiru. Federeeshinichi pirojektoonni akka biyyaatti hordofu sirna madaallii wal irraa hin cinne akka hordofan hojii jalqabuu isaa, akkasumas bu’a qabeessummaan pirojektootaa guddifamee atileetota dargaggoota oomishuuf akka ta’e hubachiisaniiru. Sirni haaraan kun rakkoolee adeemsi madaallii gaarii hin taanee fi pirojektoota keessatti deeggarsa maallaqaa yeroodhaan argachuu dhabuun mul’atu fureera jechuun hubachiisaniiru. Pirojektoota keessatti atileetota dargaggootaa itti dhiyeenyaan hordofuu fi atileetota gahumsa qaban oomishuuf sirni dijitaalaa hojiirra oolaa jiraachuu akeekaniiru. Sirni dijitaalaa kun keessumaa gufuulee umuriin walqabatan sirreessuun atileetiin tokko umurii isaaf malu irraa akka hirmaatu kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Sirni dijitaalaa kun guutumaan guututti hojirra yommuu oolu dargaggoota atileetota gahumsa qaban akka dorgomanii fi biyya bakka bu’an jajjabeessuu keessatti ga’ee ol’aanaa qaba jedhaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo #  
Milkaa'inni Bu'uraalee Misooma iddoowwan ispoortii Finfinnee carraa guddattoonni  dandeettii  ispoortii isaanii itti cimsatan uumeera
Jun 14, 2026 2314
Waxabajjii 7/2018 (ENA) — Milkaa'inni bu'uraalee misooma iddoowwan ispoortii Finfinnee, guddattoonni gahumsa ispoortii isaanii akka gabbifatan bu'uura guddaa kaa'uusaa Biroon Dargaggootaa fi Ispoortii Magaalaa Finfinnee beeksise. Magaalittii keessatti pirojektoonni koriidaraa fi lageen qarqaraa miidhagoon ijaaraman, bu'uraaleen misooma iddoowwan ispoortii hedduun akka ijaaraman dandeessiseera. Iddoowwan ispoortii ijaaraman kunneenis, naamusaa fi eenyummaa dargaggoota magaalattii ijaaruun, dandeettii ispoortii isaanii akka gabbifataniif haala mijataa uumeera. Kunis hanqina iddoowwan ispoortii furuudhaan, dameewwan ispoortii hundaan dargaggoota bakka bu'oo ta'anii fi gahumsa qaban horachuuf haala mijataa uumaa jira. Hogganaan Biiroo Dargaggootaa fi Isportii Finfinnee Obbo Assagidaw Hayilagoorgis ENA'f akka ibsanitti; milkaa'inni misooma magaalattii ijaarama bu'uraalee misooma ispoortiitiif haala mijataa uumuu isaa eeraniiru. Bu’aan Misooma miidhagsuu Finfinnee kunis, ispoortessitoota dorgamtootaa fi gahumsa qaban horachuu kan dandeessisan, gidduu galaa fi iddoowwan ispoortii bu'a-qabeeyyii ta'an akka ijaaraman gochuu isaa dubbataniiru. Kanaanis, jijjiirama biyyaalessaa booda, guddattoota ispoortessitoota gahumsaa fi qulqullina qaban horachuu kan dandeessisan, bakkeewwan shaakala ispoortii kuma 2 fi 581 ijaaramuusaanii dubbataniiru. Ijaarsi iddoowwanii fi gidduugalli ispoortii kunis, manneen barnootaa, dhaabbilee leenjii ogummaa fi teeknikaa, dhaabbata fayyaa dabalatee, naannawa jireenya uummataa keessattis pirojektoonni bu'uraalee misooma ispoortii hirmaachisoo ta'an ijaaramuusaanii hubachiisaniiru. Gidduugalli leenjii fi iddoowwan ispoortii magaalattii, isportessitoota bakka bu'oo horachuu bira dabree, faayidaa hawaasummaa fi dinagdee damee hedduu argamsiisaa akka jiran kaasaniiru. Lammii naamusa gaariin bocame horachuu keessattis, dargaggoonni fi ijoolleen yeroo isaanii bakka hin mallee fi faayidaa hin qabneerraa akka fageeffatan haala mijataa uumuusaa eeraniiru. Iddoowwan ispoortii Finfinnee kanneen ammayyaa fi sadarkaa isaanii eeggatan, Itiyoophiyaan dorgommiiwwan idil-addunyaa keessummeessuuf dandeettii akka argattu kan taasisan ta'uusaa ibsaniiru. Yeroo ammaas, gidduugala leenjii fi iddoowwan ispoortii kanaan guddattoonni leenjifaman, gara kilaboota adda addaa fi garee biyyaalessaatti sadarkaa isportii ol'aanaatti ce'aa akka jiran ibsaniiru. Kunis, misooma isportii Itiyoophiyaa keessatti faayidaa guddaa buusuun, guddattonni dandeettii ispoortii isaanii akka gabbifatan bu'uura kaa'amuu isaa kan agarsiisudha jedhaniiru. Gara fuulduraattis, ispoortessitoota bakka bu'oo horachuu kan dandeessisan, hojiin ijaarsa bu'uraalee misooma giddugala leenjii fi iddoowwan ispoortii cimsee kan itti fufu ta'uu mirkaneessaniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Itiyoophiyaan Konkolaattota Elektriikaa babal’isuudhaan guddina dinagdee magariisaa fakkeenya kan ta’u galmeessisaa jirti
Jun 22, 2026 110
Waxabajjii 15/2018 (ENA) - Itiyoophiyaan konkolaattota elektriikaa babal’isuun fayyadama humna haaromfamuu fi guddina Dinagdee mijaawaatiif milkaa’ina fakkeenya ta’u galmeessisaa jiraachuu ishee De’eetaan Ministiraa Geejibaa fi Loojistiiksii Bari’oo Hasan ibsan. Itiyoophiyaan teeknooloojiiwwan geejibaa, industirii, teekinooloojiiwwan anniisaa qusatanii fi konkolaattota elektriikaa guddina dinagdee saffisiisan irratti xiyyeeffannoodhaan hojjachaa jirti. Kanaanis baasii boba’aadhaaf qisaasamu waggaa waggaan xiqqeessuu fi sirna Geejibaa Annisaa haaromfamuun dursamu haala olaanaadhan ijaaraa jirti. Ministeerri Geejibaa fi Loojistiiksii dhaabbilee Federaalaa 18 ol kan hirmaachise tarsiimoo haaraa konkolaattota elektriikaa (2025-2030) fi karoora hojiirra oolmaa isaa ifa gochuun isaa ni yaadatama. De’eetaa Ministiraa Geejibaa fi Loojistiiksii Bari’oo Hasan ENA’f akka ibsanitti; tarsiimichi adeemsa sektara Geejiba biyyattii gara Anniisaa elektriikaatti jijjiiru, haala saffisaan gara hojiitti galchuu fi qindoomina dhaabbilee cimsuuf yaadamee kan qophaa’edha. Itiyoophiyaan baasii boba’aa xiqqeessuu fi dhiyeessii konkolaattota elektriikaa babal’isuuf tarsiimoowwan adda addaa bocuu fi imaammatoota onnachiiftuu taaksii baasuu irratti hojii guddaa hojjachaa jirti jedhan. Mootummaan sekterichaaf xiyyeeffannoo olaanaa kennuun isaa konkolaattota elektriikaa irratti onnachiiftuuwwan adda addaa akka taasifaman eeraniiru. Haaluma kanaan, konkolaattonni elektriikaa guutummaatti suphamanii gara biyyaa galan irratti taaksiin gumuruukaaf kaffalamu inni olaanaan hanga dhibbantaa 35 akka ta’u gochuu isaanii ibsaniiru. Qaraxni kun walumaa gala taaksii eksaayizii,Suur fi taaksii dabalataa kan ofkeessatti qabatu waan ta’eef fichisiiftota guddaa kan onnachiise ta’uu eeraniiru. Dabalataanis konkolaattonnib biyya keessatti suphaman qaraxa gumuruukaarraa bilisaa taasifamuusaanii eeraniiru. Karoorri elektirifikeeshinii biyyattii yeroo ammaa otomoobiloota manaa fi geejjiba ummataa qofaan osoo hin daangeffamiin, geejjiba daangaa cehuu fi konkolaattonni fe’isa gurguddoo akka hammatu godhamuu ibsaniiru. Haala Kanaan konkolaattota fe’isaa gurguddoo amma toonii 20 ulfaatan biyya keessatti suphuun eegalamuu eeranii, pirojektoota gurguddoorrattis maashinaroonni elektiriikiin hojjetan hojii eegaluusaanii dabalanii ibsaniiru. Baay’inni konkolaattota elektiriikii biyyattii kuma 145 ol ta’uu dubbatanii, yeroo ammaa magaalota sagal keessatti tajaajilli otobisii elektiriikii eegalamuu beeksisaniiru. Magaalonni misooma kooriidaraa ijaaran buufata konkolaataan elektiriikii chaarjii itti guuttatu ijaaraa jiraachuu himanii, waggoota 10 dhufan magaalaa Finfinneetti buufattoonni konkolaataa elektiriikii hatattamaan chaarji godhan kuma 1 fi 176 dhaabuuf karoorfamuu eeraniiru. Kana gochuufis tajaajila elektiriikii Itiyoophiyaa, Itiyoo-telekoomii fi qooda fudhattoota biro waliin qindaa’uun qajeelfamni biyyaalessaa haaraan qophaa’uusaa ibsaniiru. Bu’ura misoomaa diriirsuun cinaatti suphaa baatirii, irra deebi’uun itti gargaaramuu fi oomisha baatiriirratti konkolaattota elektiriikii xiyyeeffachuun teeknooloojii fi dhaabbilee qorannoo waliin hojiin qorannoo saayinsaawaa waloo hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Sosochiin konkolaattota elektiriikii maxxantummaa boba’aa biyyattii hir’isuun,birmadummaa dinagdee Itiyoophiyaa mirkaneessuu fi sadarkaa jireenyaa ummataa fulla’insaan fooyyessuuf humna guddaa kan ta’udha.
Hojiilee Ashaaraa Magariisaan hojjetamaniin uwwisni Magariisaa Finfinnee Gara Dhibbeentaa 24tti Guddateera – Kantiibaa Adaanech Abeebee
Jun 21, 2026 941
Waxabajjii 14/2018 (ENA): Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee sagantaa ashaaraa magariisaa waggoota darban hojiirra ooleen uwwisni magariisaa magaalichaa gara dhibbeentaa 24tti ol guddachuu beeksisaniiru. Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Mata Duree “Abdii haa dhaabnu” jedhuun Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaa ifatti eegalsiiseera. Sagantaa kana irratti Af-yaa’iin Mana Maree Federeeshinii obbo Aaganyaahu Tashaagar,kantiibaa Adaanech Abeebee; Itti Aanaa Kantiibaa fi Hogganaan Biiroo Misooma Industirii Finfinnee, Jaanxiraar Abbay fi keessummoonni biroo argamaniiru. Kantiibaan magaalattii aadde Adaanech Abeebee yeroo sanatti akka himanitti, Sagantaan ashaaraa Magariisaa qindoomina qabuun erga eegalamee waggoota saddeet kan guute yoo ta’u, adeemsa kana keessatti hojiiwwan milkaa’oo ta’an hojjetamaa turaniiru jedhani. Bulchiinsi magaalichaa hojiiwwan misoomaa walitti fufiinsaan hojjeteen uwwisa magariisa magaalichaa guddisuu danda’uu ibsaniiru. Finfinneen amma uwwisa magariisaa dhibbantaa 24 irra gaheera jedhan. Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaatiin magaalaa Finfinneetti biqiltuu miiliyoonni 6 akka dhaabamu himaniiru. Waggoota dhufan keessatti uwwisa magariisaa magaalattii gara dhibbeentaa 30tti guddisuuf galmi akka kaa’ame himaniiru. Biqiltuu dhaabuun alattis biqiltuuwwan dhaabaman yeroo yeroon kunuunsuu fi eegumsa gochuun magaalaa qulqulluu, bareedduu fi magariisa ta’e ijaaruu akka qabamu dubbataniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo
Lammiin kamiyyuu kaka'umsa guddaadhaan Sochii Ashaaraa Magariisaatti makamee misooma itti fufiinsa qabu biyyattii keessatti gumaachuu qaba - Afyaa'ii Mana Maree Federeeshinii, Aaganyahu Tashaagar
Jun 21, 2026 784
Waxabajjii 14/2018 (ENA): Lammiin kamiyyuu kaka’umsa guddaadhaan Sochii Ashaaraa Magariisaatti makamee misooma itti fufiinsa qabu biyyattii keessatti gumaachuu qaba jedhan Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii obbo Aaganyaahu Tashaagar. Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Mata Duree “Abdii haa dhaabnu” jedhuun Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaa ifatti eegalsiiseera. Afyaa'iin mana maree Federeeshinii obbo Aaganyahu Tashaagar, Kantiibaa Adaanech Abeebee fi Itti aanaa kantiibaa fi itti gaafatamaan Biiroo Misooma Industirii Magaalaa Finfinnee Jaanxiraar Abbay fi keessummoonni affeeraman biroo saganticha irratti argamaniiru. Afyaa’iin mana maree Federeeshinii obbo Aaganyahu Tashaagar akka himanitti hojiin Sagantaa Ashaaraa Magariisaa jalatti akka biyyaatti hojjetamaa jiru eegumsa naannoo bira darbee misooma itti fufiinsa qabu keessatti gahee olaanaa qaba jedhan. Hojiin guddaan Itiyoophiyaatti Ashaaraa Magariisaa jalatti hojjetame beekamtii idil-addunyaa akka argate hubachiisaniiru. Hojiin eegumsa naannoo sadarkaa dhaabbileetti qindaa’aa jiraachuun isaa hojii kana caalaatti milkeessuu fi bu’a qabeessa taasisuu isaa ibsaniiru. Hojii misooma magariisaa fi miidhaginaa kanaan Finfinneen Afrikaa keessatti magaalaa fakkeenya ta’uu ibsaniiru. Kanaaf lammiileen hundi kaka’umsa guddaadhaan Sochii Ashaaraa Magariisaatti makamuun misooma itti fufiinsa qabu biyyattii keessatti gumaacha akka taasisan waamicha dhiyeessaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 24264
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 6029
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru.   Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 10644
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015