Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Itiyoophiyaan wabii anniisaa, nageenyaa fi guddina waloo naannoo Afriikaa bahaati
Oct 23, 2026 206
Onkoloolessa 13/2019 (ENA)-‎ Itiyoophiyaan wabii anniisaa, nageenyaa fi guddina waloo naannoo Afriikaa bahaa ta’uushee gorsaan ministira muummee dhimmoota Afriikaa bahaa Geetaachoo Raddaa ibsan. Foramiin Xaanaa 12ffaan magaalaa Bahaar Daar qarqara haroo Xaanaatti mata duree “daandiiwwan Afriikaa gara nagaatti geessan,birmadummaa dinagdee fi cehumsa ji’oo siyaasaa”jedhuun har’aa eegalee gaggeeffamaa jira. Foramii Xaanaa baranaatiin furmaata nageenyaa Ardii Afriikaatti fiduun birmadummaa dinagdee fi jiijjiirama ji’oo siyaasaa fiduu dhimmoota dandeessisanirratti ni mari’atama. Afriikaa dhugaa fudhachuurraa gara oomishtummaatti ceesisuuf shoora hoggantoonni olaanoo Afriikaa qabanirratti ni mari’ata. Sagantaa Kanaan galaana diimaa fi nageenya naannoo Afriikaa bahaa irratti ergamtoota addaa Afriikaa bahaa yaa’iin ergamtoota addaaa gaggeeffameera. Gorsaan ministira muummee dhimmoota Afriikaa bahaa Geetaachoo Raddaa wayita kana akka jedhanitti, jijjiiramni Itiyoophiyaa keessatti gama hundaan argamu biyyoota naannichaaf murteessaadha. Gama dinagdeen, siyaasaa fi dhimmoota nageenyaarratti biyyoota naannichaaf humna dabalataa uuma jedhaniiru. Itiyoophiyaan biyya guddachaa jirtuu fi ummata miil. 130 qabdu ta’uushee eeranii, guddinnishee biyyoota naannichaan ija gaariin ilaalamuu akka qabu ibsaniiru. Carraaqquun nageenyaa fi tasgabbiif Itiyoophiyaan naannawa daangaatti taasiftu hawaasni addunyaa sirriitti hubachuu qaba jedhaniiru.
Magaalaa Ambootti bulchiinsi lafaa tajaajila dijitaalaan deeggaramee kennuunsaa tajaajila si’ataa akka argannu nu gardaareera
Oct 23, 2026 90
Onkoloolessa 13/2019 (ENA)- Naannoo Oromiyaa magaalaa Ambootti bulchiinsi lafaa tajaajila dijitaalaan deeggaramee kennuunsaa tajaajila si’ataa akka argannu nu gardaareera jechuun dubbatan tajaajilamtoonni. Riippoortarri ENA biiroo bulchiinsa lafaa magaala Ambootti argamuun kenniinsa tajaajilaa ilaalchisuun tajaajilamtoota dubbiseera. Tajaajilamtoonni guyyaa kana tajaajila argachuuf dhufan kenniinsi tajaajilaa dijitaalaan erga ta’ee booda tajaajila si’ataa fi ariifataa argachaa jirra jedhaniiru. Isaan keessaa obbo Xibabee Yimaanee yaada kennaniin Kanaan dura dhimmoota mana jireenyaan wal qabatan raawwachiifachuuf torban lamaa fi sadii fudhachaa akka ture yaadachiisanii, amma yeroo gabaabaatti tajaajilamaa jirra jedhaniiru. Kenniinsi tajaajila dijitaalaa eegalame kun yeroo fi humna akkasumas hojmaata gaarii maallaqa qusatu ta’uu dubbataniiru. Obbo Biraanuu Tasfaayee, kaartaa lafaa argachuuf gara waajjirichaa dhufuusaanii ibsanii, battalatti keessummeeffamuusaanii dubbataniiru. Kanaan dura tajaajila akkasii argachuuf nuffidiidaa akka ture yaadachiisanii, amma garuu hojmaanni ammayyaa fi si’ataa diriifamuusaa galateeffataniiru. Magaalaa Ambootti tajaajila galmee kaadaastaraa bulchiinsa lafaa argachuuf kan dhufan adde Wayinisheet Atoomsaa tajaajilli teeknooloojiin deeggarame kun bu’aa bayii Kanaan dura ture hambiseera jedhan. Ogeeyyota tajaajilaa jiran galateeffatanii tajaajilli akkasii cimee itti fufuu qaba jedhan. Bulchiinsa lafaa magaalaa Ambootti ogeessi galmeessa kaadaastaraa Malkaa Araggaa, sirni kaadaastaraa kun qabeenya lafa magaalichaa sirnaan bulchuurra darbee tajaajilamtootaa haala mijataa uumuusaa ibsaniiru. Bulchiinsa magaalaa Ambootti namoonni kuma 11 ol sirna ammayyaan galmeeffamanii kaartaa lafaa fudhachuusaanii ragaaleen ni eeru. See less
Nageenya galaana diimaa Afriikaa bahaa eegsisuuf tumsa biyyoota naannichaa amansiisaa ta’e cimsuu barbaachisa-Ambaasaaddar Reedwaan Huseen
Oct 23, 2026 151
Onkoloolessa 13/2019 (ENA)- Nageenya galaana diimaa Afriikaa bahaa eegsisuuf tumsa biyyoota naannichaa amansiisaa ta’e cimsuun akka barbaachisu daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen ibsan. Foramiin Xaanaa 12ffaan magaalaa Bahaar Daar qarqara haroo Xaanaatti mata duree “daandiiwwan Afriikaa gara nagaatti geessan,birmadummaa dinagdee fi cehumsa ji’oo siyaasaa”jedhuun har’aa eegalee gaggeeffama. Foramii Xaanaa baranaatiin furmaata nageenyaa Ardii Afriikaatti fiduun birmadummaa dinagdee fi jiijjiirama ji’oo siyaasaa fiduu dhimmoota dandeessisanirratti ni mari’atama. Afriikaa dhugaa fudhachuurraa gara oomishtummaatti ceesisuuf shoora olaanoo Afriikaa qabanirratti ni mari’ata. Sagantaa Kanaan galaana diimaa fi nageenya naannoo Afriikaa bahaa irratti ergamtoota addaa Afriikaa bahaa yaa’iin ergamtoota addaaa ni gaggeeffama.   Mata dureewwan Afriikaatti nageenya waaraa, jijjiirama haala qilleensaa fi hawaasa cimaa ijaaruu dandeessisanirratti cinaatti mariin gaggeeffamuu eegaleera. Dinagdee seeraan alaa, sochii maallaqaa walitti bu’iinsa Sudaan kibbaa fi Sudaaniin taasifamu, ejensiiwwan Afriikaa jijjiirama dhaabbilee idil addunyaarratti deeggarsa walitti qabuu, Afriikaatti nageenya waaraa buusuun seerota mirga namoomaa idil addunyaa kabachiisuu, daldalaa fi nageenya naannoo irratti mariin cinaatti ni gaggeeffama. Daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen waltajjicharratti akka ibsanitti, ji’oon siyaasaa fi walxaxxummaan gaanfa Afriikaa itti caalaa dhufeera. Gaanfi Afriikaa boba’aa, albuudota murteessoo, lafa hin qotamnee fi bishaan dabalatee qabeenya uumamaa hin tqamne akka qabdu ibsaniiru. Sarara daldalaa idil addunyaa kan ta’an galaana diimaa, dachee Arabaa, galaana Hindii fi garbi meditiraaniyaan bakka itti walitti dhufan ta’uu dubbataniiru. Finxaalessummaa fi shororkeessummaan Afriikaa bahaatti yaaddoo walirraa hin cinne uumaniiru jedhan. Daldalli galaanarraa Itiyoophiyaa guutummaatti galaana diimaarratti kan hirkatee fi bu’ura naannichaa ta’uushee eeranii, yaaddoo nageenyaa dhabamsiisuun, daldala galaanarraa fi dooniiwwan daldalaashee eeguuf dirqama akka qabdu ibsaniiru.
Hidhi Magac Gondaritti argamu Gaanaatti hojii keenya akka sakattaanu nu kakaaseera-Pirezidaantii Gaanaa Joon Diraamaanii Mahimaa
Oct 23, 2026 113
Onkoloolessa 13/2019 (ENA)- Hidhi jallisii Magac hidhii karaa wal fakkaatuun waggoota hedduu dura eegalamee osoo hin xumuramiin hafe deebifnee eegaluuf ciminaa fi humna kan namaa kennu ta’uu pirezidaantiin biyyattii Joon Diraamaanii Mahimaa ibsan. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad pirojektii hidha jallisii Magac har’a eebbisanii tajaajilaaf banaa taasisaniiru. Pirezidaantiin Gaanaa Joon Diraamaanii Mahimaa sagantaa eebbarratti argamanii dubbii dubbataniin, Itiyoophiyaan gita bittaaf kan hin jilbeeffanne Itiyoophiyaan Afriikaanotaa mallattoo bilisummaati jedhaniiru. Gaanaan Saaaraa gaditti kan bilisoomte biyya jalqabaa ta’uunshee Itiyoophiyaa waliin seenaadhaan akka walitti fidu dubbataniiru. Seenaa pirojektii hidha Milaalchisee pirezidaantichi yoo dubbatan, ijaarsi hidha kanaa A.L.A bara 1998 yemmuu eegalamu yeroo dargaggummaasaaniitti itti aanaa ministiraa ta’uun jireenya siyaasaa yeroo itti eegalan akka ture dubbataniiru. Sana booda adeemsaan pirezidaantii biyyasaanii ta’anis, pirojektichi garuu yeroo dheeraaf osoo hin xumuramiin addaa cite turuusaa ibsaniiru. Haa ta’u malee waggoottan sadii dura hooggansa ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad kennaniin, pirojektichi bayyanatee xumuramee yeroo eebbisan arguusaaniitti akka itti boonan gochuusaa dubbataniiru. Gaanaatti waggoottan hedduu dura eegalamee osoo hin xumuramiin kan hafe pirojektiin bishaanii fi jallisii Piwaaluguu (Pwalugu) akka argamu eeraniiru. Pirezidaantichi shoora hoggantoota Ardichaa ilaalchisuun ergaa dabarsaniin, abbootiin Afriikaa Kanaan duraa Afriikaa gita bittaarraa bilisoomsuuf akkuma qabsaa’an, hoggantoonni har’aa ammo guddina dinagdee fi badhaadhina ummatasaaniif fiduuf hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.
Yuunivarsiitiin Finfinnee Hayyoota 10’f guddina sadarkaa piroofeesarummaa guutuu mirkaneesse
Oct 23, 2026 189
  Onkoloolessa 13/2019(ENA) Boordiin Bulchiinsaa Yuunivarsiitii Finfinnee guddina sadarkaa piroofeesarummaa guutuu mirkaneesseera. Boordichi murtoo kana kan dabarse walga'ii kaleessa gaggeessaniini. Guddinni sadarkaa kun bu'aalee fi gumaacha ol'aanaa hayyoonni kunniin barnoota fi tajaajila akadaamii, qorannoo fi tajaajila hawaasummaa irratti galmeessan irratti hundaa'uun kan kenname ta'uu yuunivarsiitichi beeksiseera. Bu’uuruma Kanaan: Dr.Abrahaam GabreeTekkaaleenyi – Istiraakcharaal Injiinaringiin, Dr.Adaanee Bitaw Tagnyi– Medikaal Maayikiroobaayoolojiitiin, Dr. Adeey Felleqee Dastaa–Invaayiroonmentaal Maayikiroobaayoolojiin, Dr. Dassaaleny Yaayyeehii Ayyaal – Diizaaster riski manaajimantiin, Dr. Haayileli'uul Nugusee Dubbaalee – Veeterinaarii Eepideemiyaalojii Dr. Kaasaa Mikaa'el W/Yesuus – Barnoota Herregaa Dr. Salamoon Gannet Gabree – Baayyookeemistrii Dr. Salamoon Ara'aayaa Kaasaa – Barnoota Waliigalaa (General Education) Dr. Yaregaal Assaabee Laaqee – Arfiishaala Intaallajensii Dr. Yedilfaanaa Sexxe'argee Mekonnin – Fiizikaal Keemistrii (Physical Chemistry) Milkaa'inni kun gumaacha yuunivarsiitichi fooyyinsa akkadaamii, qorannoo fi kalaqa haaraa akkasumas tajaajila hawaasaaf kennaa jiruus fi kanaan dura kennees kan agarsiisu ta'uun ibsameera. Yuunivarsiitiin Finfinnee hayyoota sadarkaa ol'aanaa akkadaamiikii kanaaf ga’aniif baga gammaddan jechuun, fuulduraafis milkaa'ina akkadaamii, qorannoo fi tajaajila jalqabame kana cimsuun akka itti fufsiistan waamicha dhiyeesseera
Kan mul'ate

Karoorri misooma damee dinagdee bara 2019 Godina Giddu-galeessa Oromiyaa mirkanaa’e
Oct 23, 2026 123
Onkoloolessa 13/2019(ENA) Godina Giddu-galeessa Oromiyaatti koreen dinagdee Godinichaa karoorawwan misooma hawaas-dinagdee bara 2019 irratti mari’achuun mirkaneessaniiru. Karoorri diinagdee bu’a qabeessa ta’e guddina diinagdee biyyaalessaa cimsuu, oomishtummaa guddisuu fi fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf murteessaadha. Karoorichi kallattii misooma dinagdee biyyaalessaa waliin wal simsiisuun qabeenya jiru sirnaan fayyadamuu, oomishtummaa fi oomisha guddisuu, carraa hojii bal’isuu, akkasumas jireenya hawaasaa fooyyessuuf xiyyeeffannoo kan kennu ta’uu Itti aanaa Bulchaa fi Itti gaafatamaan damee misoomaa Godina giddu-galeessa Oromiyaa Obbo Abbaabbuu Waaqo ibsaniiru. Marii Karoora Damee Misooma Diinagdee bara 2019 irratti gaggeeffameen, hojiiwwan misoomaa bu’a qabeessa taasisuu, raawwii karooraa cimsuu fi galmoota misoomaa karoorfaman milkeessuuf qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uun irratti mari’atameera. Itti Aanaa Bulchaa fi itti gaafamaan damee misoomaa Godina giddugaleessa Oromiyaa obbo Abbaabbuu Waaqoo, galmoota karoorfaman milkeessuuf xiyyeeffannoo olaanaa kennuun, qabeenya jiru bu’a qabeessa ta’een fayyadamuun, hojii misoomaa irratti qindoominaan hojjechuunii fi raawwii karooraa yeroo yeroon hordofuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru. Dabalataanis, karoorri diinagdee bara 2019 qophaa’e bu’uuraalee misoomaa cimsuu, dameewwan oomishtummaa qaban guddisuu, carraa hojii uumuu fi guddina diinagdee waaraa deeggaruun, galmoota misooma biyyaalessaa sadarkaa godinaatti milkeessuuf gahee olaanaa qaba. Milkaa’inni karoorichaa hirmaannaa qaamolee mootummaa, dameewwan misoomaa, abbootii qabeenyaa fi hawaasaa irratti kan hundaa’u ta’uun hubatameera. Karoora mirkanaa’e gara hojiitti hiikuun bu’aa qabatamaa hawaasaaf fiduuf qindoominaa fi itti gaafatamummaan hojjechuun murteessaa ta’uun ibsameera. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa

Haqni Ce’umsaa Olaantummaa Seeraa Cimsuuf Murteessaadha – Ministira Haqaa Haannaa Ar’aya Sillaasee
Oct 23, 2026 188
Onkoloolessa 13/2019 (ENA) – Haqni ce’umsaa olaantummaa seeraa cimsuuf murteessaa ta’uu Ministirri Haqaa Haannaa Ar’aya Sillaasee ibsan. Ministeerri Haqaa fi dhaabbileen hawaasa siivilii sagantaa foramii waloo haqa cehumsaa waltajjii waloo haqaa ce’umsaa hundeessu gaggeessaa jiru. Ministirri Haqaa Haannaa Ar’aya Sillaasee saganticharratti akka ibsanitti, imaammata haqaa ce’umsaa qopheessuuf yeroo dheeraaf hojiiwwan qorannoo fi marii gaggeeffamaa turaniiru. Haaluma kanaan, naannolee fi bulchiinsa magaalotaatti waltajjiileen marii hedduun gaggeeffamuun, kutaalee hawaasaa garaagaraa irraa yaadonni walitti qabamuu isaanii kaasaniiru. Imaammatichi Mana Maree Ministirootaan erga raggaasifamee booda hojiirra oolmaa isaaf bu’uraalee seeraa barbaachisan qopheessuuf hojiiwwan hojjetamuu ibsaniiru. Adeemsi haqaa ce’umsaa mufiiwwan sababa walitti bu’iinsaan uumaman furuuf, sarbamiinsi mirga namoomaa irra deebi’ee akka hin raawwatamne ittisuu fi nageenya waaraa mirkaneessuuf murteessaa ta’uu himaniiru. Akkasumas, adeemsi haqaa ce’umsaa sababoota bu’uuraa walitti bu’iinsotaa adda baasuun furuuf, mufiiwwan hawaasa keessatti kuufaman dhabamsiisuu fi walitti bu’iinsi irra deebi’ee akka hin uumamne ittisuuf barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Hojiiwwan haqaa ce’umsaa adeemsa marii biyyaalessaa waliin qindeessuun tattaaffii ijaarsa nageenyaa biyyattii cimsuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru. Gara fuulduraattis, bu’uuraalee seeraa hirmaannaa ummataatiin xumuruun raggaasisuu fi dhaabbilee imaammataa fi seerota keessatti ibsaman hundeessuun gara hojiirra oolmaa qabatamaatti ce’uun akka danda’amu ibsaniiru. Adeemsa kana keessatti gaheen dhaabbilee hawaasa siivilii murteessaa ta’uu eeraniiru. Keessumaa, namoonni sarbamiinsa mirga namoomaatiif saaxilaman, dubartoonnii fi kutaaleen hawaasaa miidhaaf saaxilamoo ta’an adeemsa kana keessatti hirmaannaa hiika qabu akka qabaatan deeggaruun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Haqa cehumsaarratti hubannoo guddisuun, hojiiwwan qorannoo gaggeessuun fi adeemsa raawwii isaa hordofuun hojiiwwan dhaabbilee hawaasa siivilii irraa eegaman keessaa ta’uu himaniiru. Adeemsi haqaa ce’umsaa muuxannoo biyyoota biroo irraa barachuu kan gaafatu ta’uu eeranii, hojiirra oolmaan isaa haala seenaa fi dhugaa hawaasummaa biyyattii tilmaama keessa galche ta’uu akka qabu ibsaniiru. Milkaa’inni adeemsa haqaa ce’umsaa baay’ina walga’iiwwan gaggeeffamanii fi hojiiwwan qophii hojjetamaniin qofa osoo hin taane, dhugaa barbaaduun, itti gaafatamummaa mirkaneessuun, haqa kabachiisuu fi sarbamiinsi mirga namoomaa gara fuulduraatti akka hin raawwatamneef jijjiirama dhaabbilee keessatti fiduun madaalamuu akka qabu Ministirri Haqaa Haannaa Ar’aya Sillaasee ibsaniiru.
Olaantummaa Seeraa kabachiisuu fi nageenya waaraa mirkaneessuu keessatti gaheen caasaalee nageenyaa murteessaadha
Oct 23, 2026 185
Onkoloolessa 13/2019(ENA):Olaantummaa Seeraa kabachiisuu fi nageenya waaraa mirkaneessuuf gaheen caasaalee nageenyaa murteessaa ta’uusaa itti aanaan bulchaa fi itti gaafatamaan damee nageenyaa Godina Giddu-galeessaa Oromiyaa Obbo Kifaloo Adaree ibsan. Olaantummaa seeraa kabachiisuu, nageenya waaraa mirkaneessuu fi haala misoomni itti fufiinsa qabu keessatti gaggeeffamu uumuun gahee fi itti gaafatamummaa caasaalee nageenyaa sadarkaa hundaa ta’uusaa ibsaniiru.   Godina Giddu-galeessaa Oromiyaatti caasaaleen nageenyaa sadarkaa garaagaraa irratti argaman dhimmoota nageenyaa, olaantummaa seeraa kabachiisuu fi misooma irratti xiyyeeffachuun marii gaggeessaniiru. Itti Aanaan Bulchaa fi Itti Gaafatamaan Damee Nageenyaa Godina Giddu-galeessaa Oromiyaa Obbo Kifaloo Adaree, kaayyoon marii kanaa nageenya hawaasaa mirkaneessuu, olaantummaa seeraa kabachiisuu, caasaalee nageenyaa sadarkaa hundatti jiran cimsuu fi karooraan of danda’uu gama nageenyaatiin qophaa’e bu’uura cimaa irratti hundeessuun hojiirra oolchuu ta’uu ibsaniiru. Obbo Kifaloon, nageenya waaraa mirkaneessuuf qindoomina caasaalee nageenyaa cimsuu, odeeffannoo waljijjiiruu fi hordoffii hojii sirna qabeessa ta’e iddoo barbaachisaa ta’etti gaggeessuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru. Nageenyi bu’uura misoomaa fi jireenya hawaasaa tasgabbaa’aa waan ta’eef tumsi mootummaa, caasaalee nageenyaa fi hawaasaa cimaan barbaachisaa ta’uunis marii kana keessatti xiyyeeffannoo argateera. Marii kana irratti bulchitoonni aanaalee fi magaalota Godina Giddu-galeessaa Oromiyaa, akkasumas caasaaleen nageenyaa sadarkaa garaagaraa irratti argaman hirmaataniiru. Marii kanaan qindoomina qaamolee nageenyaa cimsuu, olaantummaa seeraa kabachiisuu fi nageenya waaraa hawaasaa mirkaneessuuf kallattiiwwan hojii irratti mari’atameera. Komininikeeshinii Godina gidduugaleessaarraa #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa
Kabajaa fi birmadummaa Itiyoophiyaaf akkasumas faayidaan biyyaalessaashee akka kabajamu aarsaa kamiyyuu kaffaluuf qophoofneerra-Qondaaltotaa fi miseensota raayyaa
Oct 23, 2026 175
Onkololessa 13/2019 (ENA)- Kabajaa fi birmadummaa Itiyoophiyaaf akkasumas faayidaan biyyaalessaashee akka kabajamu aarsaa kamiyyuu kaffaluuf qophoofneerra jechuun dubbatan qondaaltonnii fi miseensonni raayyaa. Guyyaan raayyaa ittisaa RFDI wagga waggaan Onkoloolessa 15 sirnoota biyyaalessaa fi loltummaa garagaraan kan kabajamu yoo ta’u, guyyaan kun raayyaan birmadummaa biyyaa fi nageenya ummataa eegsisuuf aarsaa kaffalee fi kaffalaa jiru yaadachuu fi kabachiisuuf kan moggaafamedha. Guyyaan raayyaa ittisaa baranaa mata duree “raayyaa injifannoo” jedhuun Dilbata dhufu dammaqinaan kabajama. Kana ilaalchisuun ENA’n miseensotaa fi qondaaltota raayyaa ittisaa FDRI waliin gaaffii fi deebii taasiseera. Raayyaa ittisa biyyaatti hogganaan duulaa tawarwaarii kokob koorii 202ffa kumaalaa Yooseef Waldee akka ibsanitti, raayyaan imaanaa seenaa gootummaa, bilisummaa fi birmadummaa abbootiisaarraa dhaale dhaloota dhufuuf dabarsuuf kutannoo fi cichoomina olaanaa irratti argama. Raayyaan birmadummaa fi tokkummaa biyyaaf dahannoo isa dhumaati kan jedhan hogganaan kun, keessumaa dirqama kamiyyuu bahachuuf teknooloojii ammayyaa, leenjii fi qophaa’ummaa olaanaan ga’oomee ijaarameera jedhaniiru. Kabajaa fi birmadummaa Itiyoophiyaa akkasumas faayidaan biyyaalessaashee akka kabajamu aarsaa barbaachisu kaffaluuf qophaa’ummaa olaanaa irratti argaman jechuun ibsaniiru. Miseensi koorii 202ffaa loltuu bu’uraa Hayidar Najibawwal gamasaan, jaalala loltummaa fi biyyaaf qaburraa ka’uun Yunivarsiitiirraa digirii jalqabaan akkuma eebbifameen raayyaatti makamuusaa dubbata. Raayyaan imaanaa bilisummaa fi kabajaa abbootii duraanii itti fufsiisuuf, ogummaa loltummaa keessa galuunii fi barumsa jireenyaa raayyaa keessatti argamu horachuudhaan biyyasaa kutannoon tajaajilaa akka jiru dubbateera. Miseensa koorii 202ffaa kan ta’e ajajaan kudhanii Saamiraawiit Salamoon dubartii ta’uunshee raayyaatti makamuuf akka ishee hindaangessine ibsuun, miseensa raayyaa gootichaa ta’uusheetti akka boontu dubbatteetti. Bakka dirqamni kenname hundatti jaalallii fi deeggarsi ummanni amma ammaatti raayyaa keenyaaf agarsiisaa jiru kan raajeffatamudha kan jette ajajaa kudhanii Saamiraawiit, guyyaan raayyaa kabajamuunsaa ummanni caalaatti raayyaa akka deeggaru kaka’umsa uuma jetteetti.
Humna Galaana Itoophiyaa
Oct 23, 2026 211
  Itoophiyan seenaa ishee keessatti Humna loltuu guutuun of ijaartee birmadummaa biyya ishee kabachiiftee nageenya Gaanfa Afriikaa tasgabbeessuu keessatti shoora mataa ishee taphachaa turteetti. Bara 1948 Humni Galaanaa Itoophiyaa Mootii Haayilesillaasee (Haile Silasse I Navy) jedhamuun ifatti moggaafamee buufata humna galaanaa buufata doonii Mitsiwwaatti hundeesse. Pirojektiin ijaarsaa guddaan kun waggoota sadii walitti aansuun kan fudhate ta’uusaa fi bara1950 yeroo xumuramu, Humni Galaanaa Mootii Itoophiyaa, Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Humna Qilleensaa biyyaalessaatti aanee, damee sadaffaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa ta’ee tajaajilaa tureera. Erga hundeeffamee kaasee dirqamni isaa inni guddaan qarqara Galaana Diimaa irratti sakatta’insaa fi eegumsa idilee gaggeessaa akka ture seenaan humna galaanaa Itoophiyaa ni mul’isa. Ajajni isaa inni guddaan Finfinnee fi Mitsawwaatti kan hundaa’e yoo ta’u, jalqaba ajaja Eegdota Kabajaa fi Itti aanaa ajajaa Olaanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa jalatti, boodarra ammoo ajaja Impaayera Haayilasillaasee 1ffaa Itoophiyaa, Ajajaa Olaanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa jala akka ture odeeffannoon seenaa ni mul’isa. Bara aangoo isaatti humni galaanaa mootii Itoophiyaa Kolleejjii Leenjii Qondaalota Galaanaa Asmaraatti, Kolleejjii Leenjii Qubsumaa Mitsiwaatti, Kolleejjii Leenjii Yuunitii Komaandoo Addaa Mitsiwwaatti, Kolleejjii Komunikeeshinii fi Suphaa Galaanaa Asabaa fi Asmaraatti Odoola Dahlak Galaana Diimaa irratti hundeesse ture.   Kana malees, fedhii gaarii fi carraaqqii Imperor kanaan lammiileen Itoophiyaan baay’inaan gara Kolleejjii Galaanaa Mootii Noorweey, Kolleejjii Galaana Mootii Biriteen, Akkaadaamii Galaana Xaaliyaanii, Akkaadaamii Galaana Ameerikaa, Aviyeeshinii Galaana Sooviyeet, fi akkaadaamiiwwan qondaala galaanaa beekamoo birootti ergamuun biyya isaanii fi ummata isaanii akka tajaajilan ta’eera. Akka ragaan seenaa mul’isutti biyyi keenya Itoophiyaan yeroo sanatti qarqara galaanaa kiiloo meetira kuma tokko (1,000) Galaana Diimaa irratti kan qabdu yoo ta’u, biyya daangaa ishee bira darbee sadarkaa idil-addunyaatti guddummaashee mirkaneessite turte. Haa ta'u malee bara 1983 mootummaan ADWUI yeroo jijjiiramu humni galaanaa Itoophiyaa diigame. Dhiheenya kana humnoota gurguddoo addunyaa dabalatee biyyoonni Galoo Galaanaa hedduun Buufata doonii ijaaruu fi buufata waraanaa Gaanfa Afrikaa (qarqara Galaana Diimaa fi Galaana Hindii irratti) ijaaruuf dorgommii keessa seenuun isaanii ni beekama. Biyyi keenya Itiyoophiyaan waldorgommii biyyoota naannichaa gidduu jiru gama buufata waraanaa hundeessuufi ijaarsa buufata dooniitiin taasifamu of eeggannoodhaan kan ilaalte yoo ta’u, nageenya dooniiwwan daldalaa ishee fi dorgommii naannichaa irratti dhiibbaa geessisuu malu kamiyyuu tilmaama keessa galchitee jirti. Dantaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa fi nageenya dooniiwwan daldalaa ishee haala amanamaa ta’een eeguuf jecha, humni galaanaa Itiyoophiyaa buufata doonii mataa isaa qabaachuu baatus, bu’uura labsii lakkoofsa 1100/2011 bu'uureffachuudhaan, Humni Galaanaa Itoophiyaa qarqara galaanaa mataa ishee kan hin qabne ta'us, akka kutaa humnoota ittisaatti hundaa'ee hojii eegaleera. Humni Galaanaa Itiyoophiyaa yeroo ammaa humna namaa, bu’uuraalee misoomaa, fi leenjii gahaa ta’een of gurmaa’ee, bu’uura cimaa fi bu’uura gaarii qabuun ergama itti kenname ba’uuf haala isa dandeessisuun gara fuulduraatti tarkaanfachuu kan danda’u ta’aa jira. Itoophiyaanis haala qajeelfama Idil- addunyaa hordofuun hulaa galaanaa seeraan ala harkaa bahe deebifachuuf hojjechaa jirti. Itoophiyaan baay’ina uummataa saffisaan guddatu qabdu hulaa bahinsaa dhabdee keessa turuu dhiistee, Hulaa Galaanaa argachuun jireenya dhaloota dhufuu fi barbaachisummaan dinagdee kan dirqamsiisedha ta’uu hubachuun hojjechaa jirti.   Gama biraatiin, Humni Galaanaa Itoophiyaa dantaa biyyaaleessaa guutummatti eegsisuuf dandeettii cimaa irra jira. Dhaabbatichi biyyoota michuu Afrikaa, Awurooppaa fi Eezhiyaa waliin leenjii fi tumsa cimaa uumeera. Humni Galaanaa Itoophiyaa hundeeffamee tajaajilawwan kanneen kennu keessaa muraasni : Nageenya bishaanii biyya keessaa eeguu : Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa, Haroo Xaanaa fi qaamolee bishaanii biyyattiin qabdu sa'aatii eeguu. Leenjii fi Humna Namaa: humna namaa gita sanaan leenjisuun hojitti bobbaasuu, walitti dhufeenya biyyoota biroo waliin qabdu cimsuun nageenya galaana diimaa eegsisuu keessatti shoora mataasaa ni taphata. Dantaa Biyyaalessaa: Daldala alaa fi birmadummaa biyyaalessaa ilaalchisee fedhii hulaa galaanaa fi nageenya galaanaa mirkaneessa . Marsariitii Raayyaa ittisa biyyaa Itoophiyaarraa odeeffanne. https://dfmc.mod.gov.et/ #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa
Itoophiyaan hulaa galaanaa argachuun ishee walitti hidhaminsa daldala fi hariiroo tarsimo’aa cimsa
Oct 23, 2026 227
Onkoloolessa 13/2019(ENA) Itoophiyaan hulaa galaanaa argachuun ishee walitti hidhamiinsa daldala idil-addunyaa ishee cimsuu bira darbee, hirmaannaa dippiloomaasii fi istiraateejawaa isheen gaanfa Afrikaa keessatti qabdu kan guddisu ta’uu Hayyoonni Yuunvarsiitii Jimmaa ibsan. Barsiisaa fi qorataan kutaa Barnoota Hayidrooliikii fi Misooma Qabeenya Bishaanii Yuunivarsiitii Jimmaa Dr.Daawud Tamaam Galaanni diimaan sarara daldala Idil-Addunyaa murteessaa ta'uu bira darbee,fedhii tarsiimowaa biyyoota adda addaa mirkaneessuuf Riijinii xiyyeeffannoon kennamuuf ta'uu ibsaniiru. Itoophiyaan seenaa ishee keessatti buufata galaanaa naannoo Galaana Diimaa waliin hariiroo akka qabdu yaadachiisan Dr. Daawud, hulaa galaanaa argachuun ishee walitti hariiroo daldala idil-addunyaa ishee babal'isuu fi hirmaannaa tarsimawaa naannicha keessatti qabdu cimsuuf gahee murteessaa akka qabu hubachiisaniiru. Dr.Daawud akka ibsanitti, hulaa galaanaa argachuun Itoophiyaaf hariiroo daldalaa bira darbee, walta'insa naannoo fi hariiroo dippiloomaasii fooyyessuu keessatti faayidaa guddaa qaba. haata’u malee fedhii ishee kana milkeessuuf waliigaltee Seera Galaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dabalatee seeraa fi seera-qabeessummaa idil-addunyaa hordofuun akka barbaachisu eeraniiru. Haaluma walfakkaatuun, barsiisaa fi qorataan kutaa barnoota Miidiyaa fi Komunikeeshinii Yuunivarsiitii Jimmaa Dr.Geetaachoo Xilaahuun, Itoophiyaan hula galaanaa dhabuun ishee taateewwan seenaa waliin kan walqabate ta'uu ibsaniiru.   Baay’ee dabaluun baay'ina uummataa fi sochii diinagdeeshee hulaa galaanaa argachuun hammam barbaachisaa akka ta'e kan agarsiisu ta'uu kan ibsan Dr. Geetaachoon, kunis Itoophiyaaf faayidaa diinagdee guddaa, dippiloomaasii fi siyaasaa kan qabu ta'uu dubbataniiru. Hulaa galaanaa argachuun Itoophiyaa qofaaf osoo hin taane gaanfa Afrikaatiifis faayidaa kan qabu ta'uu kan ibsan Dr.Geetaachoo Xilaahuun dhimma kana milkeessuuf karaalee seera-qabeessa hordofuu fi marii irratti hundaa'uun hojjechuun akka eegamu eeraniiru. Dabalataanis, tattaaffiin karaa seera-qabeessaa fi mariin taasifamu fedhii Itoophiyaa milkeessuu bira darbee, walta'insaa fi hubannoo biyyoota naannichaa cimsuuf akka gargaaru eeraniiru. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa  
Manni maree bakka bu’oota ummataa komishinaroota komishinii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaaf sagantaa beekamtii fi galateeffannaa gaggeessaa jira
Oct 22, 2026 445
#Biyya guddoo#ummata guddaa#mul’ata guddaa Onkoloolessa 12/2019 (ENA) - Manni maree bakka bu’oota ummataa sagantaa beekamtii fi galateeffannaa komishinaroota komishinii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaaf qoheesse gaggeessaa jira. Af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa obbo Ahimad Shdee, mana marichaatti ministirri bakka bu’aan mootummaa Fiqaaduu Tasammaa, miseensonni mana marichaa, komishinaroota komishinii marii biyyaalessaa dabalatee keessummoonni waamaman argamaniiru. Komishiniin marii biyyaalessaa hayyoota, paatilee siyaasaa, waldaalee ogummaa, bakka bu’oota ummataa, Itiyoophiyoota biyya alaa jiraatanii fi dhalootaan Itiyoophiyaa dabalatee karaa hirmaachisaa ta’een mariilee bal’aa gochuun hojii ajandaa fo’achuu hojjeteera. Haala Kanaan ajandaawwan ijoo saddet irratti mari’attoota kuma afur kan hirmaachise yaa’iin marii biyyaalessaa gaggeeffamee milkaa’inaan xumurameera. Komishinichi marii Kanaan yaadota 394 kan fo’e, yaadota kanneenis mana maree bakka bu’oota ummataaf kenneera. Waltajjiin manni maree qopheessee fi komishinaroonni marii biyyaalessaa mariachi bu’a qabeessa akka ta’u nagaa fi tokkummaan akka cimu beekamtii kennu gaggeeffamaa jira. Waltajjiin manni marichaa har’a qopheesse kun komishinaroonni komishinii marii biyyaalessaa adeemsa marii biyyaalessaaf shoora bahatanii fi nagaa fi tokkummaan akka cimu beekamtii kan kennudha.

Hawaasummaa
Yuunivarsiitiin Finfinnee Hayyoota 10’f guddina sadarkaa piroofeesarummaa guutuu mirkaneesse
Oct 23, 2026 189
  Onkoloolessa 13/2019(ENA) Boordiin Bulchiinsaa Yuunivarsiitii Finfinnee guddina sadarkaa piroofeesarummaa guutuu mirkaneesseera. Boordichi murtoo kana kan dabarse walga'ii kaleessa gaggeessaniini. Guddinni sadarkaa kun bu'aalee fi gumaacha ol'aanaa hayyoonni kunniin barnoota fi tajaajila akadaamii, qorannoo fi tajaajila hawaasummaa irratti galmeessan irratti hundaa'uun kan kenname ta'uu yuunivarsiitichi beeksiseera. Bu’uuruma Kanaan: Dr.Abrahaam GabreeTekkaaleenyi – Istiraakcharaal Injiinaringiin, Dr.Adaanee Bitaw Tagnyi– Medikaal Maayikiroobaayoolojiitiin, Dr. Adeey Felleqee Dastaa–Invaayiroonmentaal Maayikiroobaayoolojiin, Dr. Dassaaleny Yaayyeehii Ayyaal – Diizaaster riski manaajimantiin, Dr. Haayileli'uul Nugusee Dubbaalee – Veeterinaarii Eepideemiyaalojii Dr. Kaasaa Mikaa'el W/Yesuus – Barnoota Herregaa Dr. Salamoon Gannet Gabree – Baayyookeemistrii Dr. Salamoon Ara'aayaa Kaasaa – Barnoota Waliigalaa (General Education) Dr. Yaregaal Assaabee Laaqee – Arfiishaala Intaallajensii Dr. Yedilfaanaa Sexxe'argee Mekonnin – Fiizikaal Keemistrii (Physical Chemistry) Milkaa'inni kun gumaacha yuunivarsiitichi fooyyinsa akkadaamii, qorannoo fi kalaqa haaraa akkasumas tajaajila hawaasaaf kennaa jiruus fi kanaan dura kennees kan agarsiisu ta'uun ibsameera. Yuunivarsiitiin Finfinnee hayyoota sadarkaa ol'aanaa akkadaamiikii kanaaf ga’aniif baga gammaddan jechuun, fuulduraafis milkaa'ina akkadaamii, qorannoo fi tajaajila jalqabame kana cimsuun akka itti fufsiistan waamicha dhiyeesseera
Qulqullina barnootaa mirkaneessuun dhaloota gahoome horachuuf xiyyeeffannoon hojjatamaa jira
Oct 23, 2026 123
Onkoloolessa 13/2019(ENA) Godinichatti qulqullina barnootaa mirkaneessuun dhaloota dandeettii fi teekinolojiin gahoome horachuuf xiyyeeffannoon hojjatamaa jiraachuun ibsame. Godina Kibba Baha Oromiyaa damee Asallaatti yaa'iin barnootaa hoggantootaa garaa garaa fi qooda fudhattoota barnootaa hirmaachise gaggeeffameera. Yaa'ichaan gabaasni raawwii hojii baruu fi barsiisuu manneen barnoota aanaalee fi magaalota damee Asallaa hirmaattotaaf dhiyaachuun milkaa'ina hojii fuulduraa irratti kallattiin kennameera. Hirmaattotni marichaas jijjiirama gama qulqullinaa barnootaan dhufaa jiru caalmaan ittifufsiisuuf tumsa kan taasisan ta'uu dubbataniiru. Itti aanaa bulchaa fi qindeessaan damee nageenyaa Godina Kibba Baha Oromiyaa obbo Abdurrazaaq Huseen waggoottan dabran xiyyeeffannoo mootummaan damee barnootaaf kennee hojjachaa tureen rakkooleen gama qulqullina barnootaan mul'atan furamuun raawwiin gaariin galmaa'uu ibsaniiru. Humna namaafi qabeenya jiru qindeessuun waliin gahiinsa qulqullina barnootaa mirkaneessuun dhaloota dandeettii fi teekinolojiin dorgomaa ta'ee uumuuf gurmaa'insi caasaa haaraa godinichaas gahee olaanaa kan qabu ta'uu himaniiru. Ittigaafatamaan Waajjira Barnootaa godina Kibba Baha Oromiyaa obbo Abraaham Haylee, godinichatti hirmaannaa qaamolee hunda bu'ureeffate diriirsuun bu'aa barachuu barattootaa foyyeessuu,manneen barnootaa mijataa taasisuu fi qulqullina barnootaa dabaluun gahuumsa dhaloota egeree mirkaneessuurratti jijjiiramni bu'aa qabeessa galmaa'uu dubbatan. Yaa'ii barnootaa gaggeeffameen cinaatti barattoota kutaa 6ffaa,8ffaa fi 12ffaa qormaata naannoo fi biyyaaleessatiin qabxii olaanaa galmeessan, barsiisota adda duree, daarikteroota manneen barnootaa fi qaamoolee galma gahiinsa barnootaa keessatti gahee olaanaa bahataniif sirni beekamtiifi badhaasaa kennameera.Koomunikeeshinii godinichaarraa
Ministeera hojii fi ogummaa Pirojektii ‘ELMIS’ irratti yakka malaammaltummaa birrii biiliyoona 1 ol raawwachuun Kan shakkaman irratti himanni baname
Oct 23, 2026 87
Onkoloolessa 13/2019 (ENA) -Ministeera hojii fi ogummaa pirojektii sirna odeeffannoo gabaa hojii Itiyoophiyaarratti yakka malaammaltummaa guddaa raawwachuun kan shakkame hojii gaggeessaa waajjira pirojektii odeeffannoo gabaa hojii Itiyoophiyaa kan ture Birhaanuu Alaqaa Asgadoom fi kanneen isa waliin yakka raawwachuun shakkaman irratti himanni banameera. Poolisiin federaalaa Adoolessa 17 bara 2018 irraa eegalee shakkamtootarratti qorannoo cimaa gaggeessaa ture xumuree abbaa alangaa ministeera haqaatti ergee himanni banameera. Birhaanuu Alaqaa Asgadoon fi hojjettoonni dhaabbatichaa biroon, abbootiin ejensii hojjetaa fi hojjechiisaa hojjechiisaa walitti Fidanii fi namoota biroo dabalatee namoonni 13 yakka kana keessatti hirmaachuusaanii fi shakkamtoonni itti gaafatama mootummaarraa kennameef cinaatti dhiisuun fi pirojekticha hojmaataan ala sochoosuudhaan jalqabumarraa sadarkaan qulqullinaa siistamichaa osoo hin mirkanaa’iin hojii akka eegalu gochuusaanii poolisiin qorannoo gaggeesseen mirkaneesseera. Birhaanuu Alaqaa Asgadoom namoota hin baranne ykn leenjii gahaa hin fudhanne kuma 81 fi 236’f namoota hojjetaa dhaabbatichaa hin taanee fi dhaabbatichihin beekne 3sadii waliin ta’uun mirga bulchiinsa siisatamaa addaa kennuudhaan nammoonni osoo hin leenji’iin mirkaneessa ga’umsa ogummaa sobaa akka argatan gochuusaa qorannoon akka bira gahame beekameera. Gocha yakkaa kanaaf buukiierraga baankii sobaa lama akka banaman gochuun gocha seeraan alaa Kanaan walumaa gala birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona 13 fi kuma 609 ol walitti qabuusaa qorannoon mirkanaa’eera. Kana malees firii yakka kanaa kan ta’e erraga baankii keessa kan ture birriin miiliyoona 249 kan dhorkame yakkamtoota maallaqicha karaa iccitii ta’een gara kiriiptoo karansiitti jijjiiruun kan kaa’an doolaara kuma 965 fi 508 qorannoo teeknooloojiin deeggaramuun mana murteetiin dhorka gochuun gara baankii biyyaalessaatti akka galu taasifameera. Kana malees shakkamtoonni sharafa alaa osoo hin galchiin osoo hin galchiin ejensiiwwan dhorkaman seeraal ala dhorkaa irraa kaasuun matta’aa birrii miiliyoona 10 fi kuma 100 kan fudhatamanii fi namoota kuma 64 fi 500 sanada viizaa sobaatiin gara Jordaanii fi gara biyyooya Arabaa birootti erguun bu’aa bayii olaanaaf saaxiluu poolisiin qorannoo cimaa taasiseen mirkaneessuusaa ibseera. Poolisiin ministeera haqaa, tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaabaankii biyyaalessaa waliin qindaa’uun qorannoo gaggeesseen maneen jireenyaa maqaa shakkamtichaan kutaa magaalaa Lammii Kuraa, Boolee fi Qirqoositti kan bitaman maneen jireenyaa ammayyaa 6 birrii miiliyoona 55 amma miiliyoona 68 baasan akkasumas konkolaataa ammayyaa V6 birrii miiliyoona 68’n bitame egzibiitiin to’annaa jala akka oolan taasiseera. Akkasumas ejensiiwwan yakka kana keessatti kan hirmaatanii fi seera qabeessummaan dahachuun sharafa alaa mootummaan argachuu qabu osoo hin galchiin hafanirratti qorannaa gaggeessaa jiru cimsee itti fufuusaa odeeffannoon poolisii federaalaa mul’iseera. Kana malees maatiin ijoolleesaanii biyya alaatti erganii eessa buuteensaanii jalaa badee fi yakka Kanaan wal qabatee namoonni odeeffaanoo qaban appilikeeshinii hirmaannaa lammiilee (EFPApp), bilbila tolaa (991) fi buufata poolisii ismaartii nama malee(SPS),eeruu akkasumas qajeelcha walii galaa qorannoo yakkaa qaamaan dhaquun raga bahu akka raawwatan dhaamaniiru.
Diinagdee
Hidhi Magac Gondaritti argamu Gaanaatti hojii keenya akka sakattaanu nu kakaaseera-Pirezidaantii Gaanaa Joon Diraamaanii Mahimaa
Oct 23, 2026 113
Onkoloolessa 13/2019 (ENA)- Hidhi jallisii Magac hidhii karaa wal fakkaatuun waggoota hedduu dura eegalamee osoo hin xumuramiin hafe deebifnee eegaluuf ciminaa fi humna kan namaa kennu ta’uu pirezidaantiin biyyattii Joon Diraamaanii Mahimaa ibsan. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad pirojektii hidha jallisii Magac har’a eebbisanii tajaajilaaf banaa taasisaniiru. Pirezidaantiin Gaanaa Joon Diraamaanii Mahimaa sagantaa eebbarratti argamanii dubbii dubbataniin, Itiyoophiyaan gita bittaaf kan hin jilbeeffanne Itiyoophiyaan Afriikaanotaa mallattoo bilisummaati jedhaniiru. Gaanaan Saaaraa gaditti kan bilisoomte biyya jalqabaa ta’uunshee Itiyoophiyaa waliin seenaadhaan akka walitti fidu dubbataniiru. Seenaa pirojektii hidha Milaalchisee pirezidaantichi yoo dubbatan, ijaarsi hidha kanaa A.L.A bara 1998 yemmuu eegalamu yeroo dargaggummaasaaniitti itti aanaa ministiraa ta’uun jireenya siyaasaa yeroo itti eegalan akka ture dubbataniiru. Sana booda adeemsaan pirezidaantii biyyasaanii ta’anis, pirojektichi garuu yeroo dheeraaf osoo hin xumuramiin addaa cite turuusaa ibsaniiru. Haa ta’u malee waggoottan sadii dura hooggansa ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad kennaniin, pirojektichi bayyanatee xumuramee yeroo eebbisan arguusaaniitti akka itti boonan gochuusaa dubbataniiru. Gaanaatti waggoottan hedduu dura eegalamee osoo hin xumuramiin kan hafe pirojektiin bishaanii fi jallisii Piwaaluguu (Pwalugu) akka argamu eeraniiru. Pirezidaantichi shoora hoggantoota Ardichaa ilaalchisuun ergaa dabarsaniin, abbootiin Afriikaa Kanaan duraa Afriikaa gita bittaarraa bilisoomsuuf akkuma qabsaa’an, hoggantoonni har’aa ammo guddina dinagdee fi badhaadhina ummatasaaniif fiduuf hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.
Karoorri misooma damee dinagdee bara 2019 Godina Giddu-galeessa Oromiyaa mirkanaa’e
Oct 23, 2026 123
Onkoloolessa 13/2019(ENA) Godina Giddu-galeessa Oromiyaatti koreen dinagdee Godinichaa karoorawwan misooma hawaas-dinagdee bara 2019 irratti mari’achuun mirkaneessaniiru. Karoorri diinagdee bu’a qabeessa ta’e guddina diinagdee biyyaalessaa cimsuu, oomishtummaa guddisuu fi fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf murteessaadha. Karoorichi kallattii misooma dinagdee biyyaalessaa waliin wal simsiisuun qabeenya jiru sirnaan fayyadamuu, oomishtummaa fi oomisha guddisuu, carraa hojii bal’isuu, akkasumas jireenya hawaasaa fooyyessuuf xiyyeeffannoo kan kennu ta’uu Itti aanaa Bulchaa fi Itti gaafatamaan damee misoomaa Godina giddu-galeessa Oromiyaa Obbo Abbaabbuu Waaqo ibsaniiru. Marii Karoora Damee Misooma Diinagdee bara 2019 irratti gaggeeffameen, hojiiwwan misoomaa bu’a qabeessa taasisuu, raawwii karooraa cimsuu fi galmoota misoomaa karoorfaman milkeessuuf qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uun irratti mari’atameera. Itti Aanaa Bulchaa fi itti gaafamaan damee misoomaa Godina giddugaleessa Oromiyaa obbo Abbaabbuu Waaqoo, galmoota karoorfaman milkeessuuf xiyyeeffannoo olaanaa kennuun, qabeenya jiru bu’a qabeessa ta’een fayyadamuun, hojii misoomaa irratti qindoominaan hojjechuunii fi raawwii karooraa yeroo yeroon hordofuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru. Dabalataanis, karoorri diinagdee bara 2019 qophaa’e bu’uuraalee misoomaa cimsuu, dameewwan oomishtummaa qaban guddisuu, carraa hojii uumuu fi guddina diinagdee waaraa deeggaruun, galmoota misooma biyyaalessaa sadarkaa godinaatti milkeessuuf gahee olaanaa qaba. Milkaa’inni karoorichaa hirmaannaa qaamolee mootummaa, dameewwan misoomaa, abbootii qabeenyaa fi hawaasaa irratti kan hundaa’u ta’uun hubatameera. Karoora mirkanaa’e gara hojiitti hiikuun bu’aa qabatamaa hawaasaaf fiduuf qindoominaa fi itti gaafatamummaan hojjechuun murteessaa ta’uun ibsameera. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa
Pirojektii Jallisii Magaci waggoota 19f harkifachaa ture yaadama ida’amuun xumursiisuun gara eebba guddaatti jijjiirreerra - Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)
Oct 23, 2026 87
Onkololessa 13/2019 (ENA): Pirojektii Jallisii Magaci waggoota 19f harkifachaa ture yaadama ida’amuun xumursiisuun gara eebba guddaatti jijjiirreerra jedhan Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD). Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) Pirojektii Hidha Jallisii Magac guyyaa har'aa ifatti eebbisuun tajaajilaaf bananiiru.   Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) eebba kanarratti argamuun akka ibsanitti Pirojektiin Magac waggoota 19f harkifatee kan ture yoo ta’u, kunis raawwii fi dandeettiin hooggansa piroojektii laafaa ta’uu isaati jedhani. Itiyoophiyaan qabeenyaa fi dandeettii qabaattus gara dandeettii gurmaa’etti jijjiiruu dadhabuun ishee pirojektoonni akka Magac akka harkifatan taasiseera jechuun akeekaniiru. Ministirri Muummee Doktar Abiy yi Ahimad waggaa lama dura pirojekticha yeroo daawwatan ijaarsi isaa abbaa qabeenyaa kan hin qabne ta’uu fi hojiin isaa haala gaarii hin taane ta’uu isaa ilaaluu isaanii yaadataniiru. Kunis ummanni Gondar bishaan dheebuu fi qabeenya qabaachuu danda’u irraa fayyadamuu akka hin dandeenye taasiseera jedhan. Mootummaan ida’amuu pirojekticha gamaaggamee, abbummaa itti ramadee, kontiraaktara jijjiiree hordoffii cimaa taasisuun, waggaa lama keessatti xumuramuu isaa ibsaniiru. Mootummaan hanqinaalee kanneen sirreessuun dandeettii pirojektoota hojiirra oolchuu fi yeroon xumuruu ijaaruu isaa agarsiiseera jedhan. Gondar seena qabeettii iddoo turizimii ishee gabbisuuf hojiiwwan akka hojjetamanis akeekaniiru. Ummanni Gondar misoomaaf tokkummaan akka dhaabbatuu fi hojiiwwan misoomaa eegsisuu akka qabu dhaamaniiru. Mootummaan fayyadamummaa misoomaa naannoo Amaaraa mirkaneessuuf kutannoon kan itti fufu ta’uus ibsaniiru. Mootummaan ida’amuu qaroomina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf hojjechaa akka jiru ibsuun, mul’ata guddaa kana galmaan ga’uuf hunduu ga’ee isaa akka ba’u waamicha dhiyeessaniiru. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links
Torban bishaanii fi Inarjii Itoophiyaa 3ffaan golambaa saayinsiitti ni gaggeeffama
Oct 23, 2026 100
Onkoloolessa 13/2019 (ENA)-Torban Bishaanii fi Inarjii Itoophiyaa 3ffaan Onkoloolessa 16 hanga 20tti golambaa Saayinsiitti akka gaggeeffamu Ministeerri Bishaanii fi Inarjii beeksise. Ministeerichi torban Bishaanii fi Inarjii ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kenneera. Gorsaan Olaanaan Ministira Bishaanii fi Inarjii Dooktar Mikaa'el Mahaarii ibsa kennaniin, Torban Bishaanii fi Inarjii Itoophiyaa sadarkaa biyyaalessaatti kabajamuu erga eegalee waggaa sadii guuteera. Waltajjiin jalqabaa faayidaa Ashaaraa Magariisaa irratti kan xiyyeeffate akka ture eeranii, waltajjiin lammaffaan immoo mata duree “Bishaanii fi Inarjii Guddina Waaraaf Oolchuu” jedhuun gaggeeffamuu yaadachiisaniiru. Torban Bishaanii fi Inarjii Itoophiyaa 3ffaan kanaa Wixata dhufu irraa eegalee guyyoota shaniif golambaa Saayinsiitti kan gaggeeffamu ta’uu himaniiru. Yaa’ichi gumiiwwan idil-addunyaa gara fuulduraatti gaggeeffamaniif yaadota galtee ta'an irratti mari'achuuf kan gargaaru ta'uu ibsaniiru. Yaa’ichi milkaa'inoota damee bishaanii fi inarjiitiin Itoophiyaatti galmaa'anii fi hojiiwwan gara fuulduraatti hojjetaman kan itti dhiyaatan ta'uu eeraniiru. Waltajjii guyyoota shaniif turu kanarratti waraqaan qorannoo garagaraa eegumsa sululaa, bishaanii fi inarjii irratti xiyyeeffatan ogeeyyii Itoophiyaa fi biyyoota alaan akka dhiyaatan ibsaniiru. Waltajjicharratti Hoggantoonni mootummaa, hayyoonnii fi ogeeyyiin garaagaraa kan hirmaatan ta'uus himaniiru. Guyyoota waltajjichi itti gaggeeffamutti dhimmoota jijjiirama qilleensaa, anniisaa, bishaan, dippilomaasii bishaanii fi itti fayyadama qabeenya bishaanii daangaa ce'aa irratti barreeffamoonni qorannoo dhiyaachuun mariin akka irratti gaggeeffamu ibsaniiru. Dabalataanis, Waltajjiin Qooda Fudhattootaa 15ffaan kan gaggeeffamu yoo ta'u, waltajjicharratti ministiroonni Bishaanii fi Inarjii duraanii muuxannoo isaanii akka qoodan Dooktar Mikaa'el Mahaarii ibsaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Magaalaa Ambootti bulchiinsi lafaa tajaajila dijitaalaan deeggaramee kennuunsaa tajaajila si’ataa akka argannu nu gardaareera
Oct 23, 2026 90
Onkoloolessa 13/2019 (ENA)- Naannoo Oromiyaa magaalaa Ambootti bulchiinsi lafaa tajaajila dijitaalaan deeggaramee kennuunsaa tajaajila si’ataa akka argannu nu gardaareera jechuun dubbatan tajaajilamtoonni. Riippoortarri ENA biiroo bulchiinsa lafaa magaala Ambootti argamuun kenniinsa tajaajilaa ilaalchisuun tajaajilamtoota dubbiseera. Tajaajilamtoonni guyyaa kana tajaajila argachuuf dhufan kenniinsi tajaajilaa dijitaalaan erga ta’ee booda tajaajila si’ataa fi ariifataa argachaa jirra jedhaniiru. Isaan keessaa obbo Xibabee Yimaanee yaada kennaniin Kanaan dura dhimmoota mana jireenyaan wal qabatan raawwachiifachuuf torban lamaa fi sadii fudhachaa akka ture yaadachiisanii, amma yeroo gabaabaatti tajaajilamaa jirra jedhaniiru. Kenniinsi tajaajila dijitaalaa eegalame kun yeroo fi humna akkasumas hojmaata gaarii maallaqa qusatu ta’uu dubbataniiru. Obbo Biraanuu Tasfaayee, kaartaa lafaa argachuuf gara waajjirichaa dhufuusaanii ibsanii, battalatti keessummeeffamuusaanii dubbataniiru. Kanaan dura tajaajila akkasii argachuuf nuffidiidaa akka ture yaadachiisanii, amma garuu hojmaanni ammayyaa fi si’ataa diriifamuusaa galateeffataniiru. Magaalaa Ambootti tajaajila galmee kaadaastaraa bulchiinsa lafaa argachuuf kan dhufan adde Wayinisheet Atoomsaa tajaajilli teeknooloojiin deeggarame kun bu’aa bayii Kanaan dura ture hambiseera jedhan. Ogeeyyota tajaajilaa jiran galateeffatanii tajaajilli akkasii cimee itti fufuu qaba jedhan. Bulchiinsa lafaa magaalaa Ambootti ogeessi galmeessa kaadaastaraa Malkaa Araggaa, sirni kaadaastaraa kun qabeenya lafa magaalichaa sirnaan bulchuurra darbee tajaajilamtootaa haala mijataa uumuusaa ibsaniiru. Bulchiinsa magaalaa Ambootti namoonni kuma 11 ol sirna ammayyaan galmeeffamanii kaartaa lafaa fudhachuusaanii ragaaleen ni eeru. See less
Yuunivarsiitiin Finfinnee Hayyoota 10’f guddina sadarkaa piroofeesarummaa guutuu mirkaneesse
Oct 23, 2026 189
  Onkoloolessa 13/2019(ENA) Boordiin Bulchiinsaa Yuunivarsiitii Finfinnee guddina sadarkaa piroofeesarummaa guutuu mirkaneesseera. Boordichi murtoo kana kan dabarse walga'ii kaleessa gaggeessaniini. Guddinni sadarkaa kun bu'aalee fi gumaacha ol'aanaa hayyoonni kunniin barnoota fi tajaajila akadaamii, qorannoo fi tajaajila hawaasummaa irratti galmeessan irratti hundaa'uun kan kenname ta'uu yuunivarsiitichi beeksiseera. Bu’uuruma Kanaan: Dr.Abrahaam GabreeTekkaaleenyi – Istiraakcharaal Injiinaringiin, Dr.Adaanee Bitaw Tagnyi– Medikaal Maayikiroobaayoolojiitiin, Dr. Adeey Felleqee Dastaa–Invaayiroonmentaal Maayikiroobaayoolojiin, Dr. Dassaaleny Yaayyeehii Ayyaal – Diizaaster riski manaajimantiin, Dr. Haayileli'uul Nugusee Dubbaalee – Veeterinaarii Eepideemiyaalojii Dr. Kaasaa Mikaa'el W/Yesuus – Barnoota Herregaa Dr. Salamoon Gannet Gabree – Baayyookeemistrii Dr. Salamoon Ara'aayaa Kaasaa – Barnoota Waliigalaa (General Education) Dr. Yaregaal Assaabee Laaqee – Arfiishaala Intaallajensii Dr. Yedilfaanaa Sexxe'argee Mekonnin – Fiizikaal Keemistrii (Physical Chemistry) Milkaa'inni kun gumaacha yuunivarsiitichi fooyyinsa akkadaamii, qorannoo fi kalaqa haaraa akkasumas tajaajila hawaasaaf kennaa jiruus fi kanaan dura kennees kan agarsiisu ta'uun ibsameera. Yuunivarsiitiin Finfinnee hayyoota sadarkaa ol'aanaa akkadaamiikii kanaaf ga’aniif baga gammaddan jechuun, fuulduraafis milkaa'ina akkadaamii, qorannoo fi tajaajila jalqabame kana cimsuun akka itti fufsiistan waamicha dhiyeesseera
Dhaabbanni qorannoo Qonna qulumsaa bu’aa qabeessummaa fi oomishtummaa qamadii dabaluuf qorannoo teekinooloojiin deeggarame gaggeessaa jira
Oct 20, 2026 732
Onkoloolessa 10/2019 (ENA) Dhaabbanni qorannoo Qonnaa Qulumsaa bu'aa qabeessummaa fi oomishtummaa qamadii mirkaneessuuf tattaaffii taasifamu teeknoolojiiwwan haaraa qorannoodhaan maddisiisuun deeggaraa akka jiru beeksise. Guyyaan Daawwannaan misooma qamadii biyyaalessaa Godina Baha Oromiyaa Aanaa Xiyyoo fi Giddu-gala Qorannoo Qulumsaatti gaggeeffameera. Daayirektarri Giddu-gala Qorannoo Qonnaa Qulumsaa Obbo Shimallis Alamaayyoo akka ibsanitti, giddu-galichi sanyii qamadii jalqabaa dhibbeentaa 80 ol ta’u lafa qorannoo isaa fi ooyruu qonnaan bultootaa irratti baay'isaa jira. Akka Obbo Shimallis jedhanitti, giddu-galichi sanyii baay’isuu malees, Sanyii qamadii ilbiisota oomishtummaa qamadii hir'isuu danda'an dandamachuu danda'an sanyii baay'isuu irratti hojjechaa jira.   Dabalataanis, sanyiiwwan qamadii hongee fi ho’a dandamachuun ooomisha gaarii kennan baay’isuudhaan qonnaan bultootaa fi horsiise bultootaaf bal'inaan geechisaa jiraachuu eeranii; kanaafis qamadii jallisii bonaa fi sanyiiwwan qamadii naannoo gammoojjii giddu-gala kana irraa qorannoodhaan kan bahan ta’uu ibsaniiru. Kaniinis, biyya keenyatti oomishtummaa qamadii dabaluu irratti shoora olaanaa taphachaa akka jiran ibsuun sanyii qamadii ka’umsaa kuntaala kuma shanii ol baay'isuun waggaa waggaadhaan dhaabbilee oomishtootaa fi fayyadamtootaaf dhiyeessaa jiraachuu ibsaaniiru. Keessattuu dandeettia ogeessota qamadii cimsuu irratti hojjechaa akka jiran kan ibsan Obbo Shimallis, kanaafis hojiiwwan hedduun raawwatamaa jiraachuu eeraniiru. Bu’aa oomishtummaa fi qorannoo qamadii irratti dhufeef kutannoon mootummaa fi hordoffiin akkasumas deeggarsi hoggansaa itti fufinsa qabu shoora guddaa qabaachuu ibsaniiru. Inistitiyuutii Qorannoo Qonnaa Itoophiyaatti Daayirektarri bakka bu’aan daarektara Misooma Misooma midhaanii Dr.Fiqaaduu Gurmuu akka ibsanitti, inistitiyuutichi misooma qamadii irratti teeknoolojiiwwan haaraa hojii irratti akka oolan qooda fudhattootaaf dhaqqabsiisuun omishtummaa irratti jijiiramni qabatamaan akka dhufu qooda isaa bahachaa jiraachuu dubbataniiru. Keessattuu jallisii bonaa fi naannoolee gammoojjii biyyattii keessatti qamadiin jallisiidhaan bal'inaan akka oomishamu gochuun oomisha qamadiitiin of danda'uu keenya irratti shoora guddaa taphachaa akka jiran ibsaniiru. Teeknoolojii maddisiisuu fi babal'isuun, keessattuu sanyiiwwan qamadii jalqabaa bal'inaan baay'isuu fi gahaa gochuudhaan guddina oomishtummaa qamadii irratti bu’aa qabatamaan akka dhufu gumaacha bahaa jiru caalaatti cimsuudhaaf kaayyeffatee guyyaan daawwannaa biyyaalessaa gaggeeffamuu eeraniiru. Itti dabaluudhaanis, dhaabbileen qorannoo, yunivarsiitiiwwanii fi qooda fudhattoonni hedduun shoora guddaa qabaachuu isaanii ibsaniiru. Daawwannaa kana irratti hoggantoonni damichaa, qorattoonni, bakka bu'oota Yunivarsiitii, Qonnaan Bultoonni fi qooda fudhattoonni biroos hirmaataniiru.
Yunivarsiitiin Haroo Mayaa oomishtummaa qonnaa guddisuuf sanyii baay’isaa jira
Oct 19, 2026 477
Onkoloolessa 9/2019 (ENA)-Yunivarsiitiin Haroo Mayaa sanyii filatamaa qonnaan bulaa biraan gahuu gahuu fi oomishtummaa qonnaa guddisuuf sanyii baay’isaa jiraachuu ibse. Yunivarsiitichatti qindeessituun garee qorannoo fi faasiliitii midhaanii fi beelladaa Burtukaan Yimaam ENA’f akka ibsanitti, sanyuun kun mooraa muummee, Baabbilee, Kurfaa callee, Fadiis, Giraawwaa Hirnaa, Dirree Dawaa dabalatee bakkee birootti kan argaman buufataalee qorannoo 14 keessatti gaggeeffama. Sanyiin baay’ifamanis Boloqqee, Qamadii, Atara, Loozii, Baaqilaa, Mosee fi akaakuuwwan midhaanii biroo ta’uu fi sanyiiwwan filatamaa baay’ifaman hongee fi dhukkuba damdamachuun oomisha gaarii akka kennan ibsameera. Misooma Intarpiraayizii Yunivarsiitichatti qindeessaan mekaanaayizeeshinii qonnaa obbo Taaddasaa Addunyaa gamasaaniin, yunivarsiitichi hanqina sanyii filatamaa furuuf akaakuuwwan midhaan qorannoon fooyya’an baay’isaa akka jiru ibsaniiru. Bar-dheengaddaa sanyiiwwa Mosee ‘Buubbuu’ fi ‘Guddannee’ jedhaman baay’isuu sanyii kuntaala kuma 2 gatii madaalawaan qonnaan bultoota naannawaa fi kanneen biroof gatii madaalawaan raabseera. Kana malees Yunivarsiitichi sanyii loonii foyyessuu fi oomishtummaa guddisuuf hojjechaa jira.​​​​​​​   Yunivarsiitii Haroo Mayaatti barsiisaan kutaa barnootaa saayinsii beelladaa fi qindeessaan faarmii beelladaa Guutaa Kumsaa gamasaaniin, Yunivarsiitichi misooma qabeenya beelladaa ammayyeessuu fi oomishtummaa guddisuuf xiyyeeffatee hojjechaa jira jedhaniiru. Wiirtuu horsiisa beelladaa keessatti sanyiiwwan beelladaa guyyaatti aannan liitira 30 ta’u elmaman fooyyessuuf hojjetamaa kan jiru yoo ta’u beelladoota karaa nam tolcheen diqaalfaman hawaasa naannawaa fi dhaabbilee biroof ni dhiheeffama. Sanyii baay’isuurratti kan hirmaatan Jamiilaa Umar akka ibsanitti, bara kana hanqinni roobaa jiraatus jallisiitti gargaaramuun sanyiin baay’ifameera. Omishni walitti qabamus hanqina sanyii roobaan mudachuu danda’u furuuf akka gargaaru ibsaniiru.
Ispoortii
Taphni Arsenaal fi Nottingiham Forest, akkasumas Manchesteer yuunaayitidii fi Liidsi yuunaayitid Sagantaawwa hawwiin eegamanidha
Oct 18, 2026 559
Onkoloolessa 8/2019 (ENA) Taphoota torbee 7ffaa Piriimeer Liigii Ingilaandi guyyaa lammaffaa har'a taphooni afur ni gaggeeffamu. Galgala sa'aatii 12 fi daqiiqaa 30 irratti Nottingiham Foresti Arsenal waliin Istaadiyeemii Siti Giraawundiitti ni taphatu.   Nottingiham Forest qabxii shan qabaachuudhaan sadarkaa 17ffaa irratti argama. Shaampiyooniin liigii yeroo ammaa Arsenal qabxii 15 dhaan sadarkaa lammaffaa irratti taa'eera. Keessummeessaan Foresti taphoota liigii darban lamaanmoo injifatamuu dabarsaniiru. Sagantaan kun gara injifannoo deebi'uuf kan taasifamu dha. Torbee ja'affaatti Leedsi United 2 fi 1 injifachuun gara injifannoo deebi'e Arsenaal deemsa injifannoo isaa itti fufuuf ni tapha. Arsenaal yoo injifatan garagaraa qabxii Liigii durfamaa Manchester Siitii waliin qaban gara sadiitti gadi buusu. Sagantaa biraa irratti Liidsi yuunited Manchester yuunaayitid waliin Istaadiyeemii ayilaandi Rooditti waaree booda sa'aatii 10 irratti tapha isaanii ni gaggeessu. Keessummeessaan Leedsi qabxii sagal qabaachuudhaan sadarkaa 8ffaa irratti argama. Dorgomaan isaa Manchisteer Yuunaatid qabxii ja'aan sadarkaa 14ffaa irratti argama. Liids yuunaayitid taphoota lamaan darban, Manchister yuunaayitid immoo sagantaawwan liigii afur darban injifachuu hin dandeenye. Kilaboonni lamaan gara injifannoo deebi'uuf tapha taasisan dorgommii wal-madaalaa akka qabu ni eegama. Sagantaawwan biroo irratti Birayitan Kiristaal Paalaas waliin, akkasumas Boornimaawuz Sanidar Laandi waliin walduraa duubaan waaree booda sa'aatii 10 irratti tapha isaanii ni taasisu.
Dorgommii Maaraatoonii Atileetiksii Toroontoo fi Amisteerdaam irratti Atileetonni Itoophiyaa hawwiidhaan eegamu
Oct 18, 2026 527
Onkoloolessa 8/2019 (ENA) Maaraatooniin Toorontoo 37ffaan har'a waaree booda sa'aatii sagal irraa eegalee ni gaggeeffama. Dorgommicharratti Koorniyaa lamaaniinuu atileetoonni Itoophiyaa 11 ni hirmaatu. Dubartootaan Ayinaadis Tashoomee, Maarituu Katamaa, Nigisti Haaftuu, Zawdiituu Adaraaw, Ilfinash Damsee fi Qabbanee Caalaa ni hirmaatu. Maaraatoonii Siyeel bara kanaarratti sa'aatii 2 fi daqiiqaa 20 sekondii 51 galuun kan injifatte Ayinaadis Tashoomee dorgommicha ni injifatti jedhamuun atileetota hawwiin eegaman keessaa tokko dha. Yeroon isheen itti seentes yeroo fooyyee dhuunfaa fageenyichaa ti. Sa'aatiin 2 fi daqiiqaa 16 sekondii 07 yeroo fooyyee dhuunfaa ishee kan ta'e Maarituu Katamaanis atileetii biraa kan eegamtu dha. Atileetonni lammii Keeniyaa Ruut Chebitook fi Biitriis Cheseerek dorgomtoota cimoo atileetota Itoophiyaa ta'u jedhamuun eegamu. Dinqalaam Ayyaalaa, Gizaalaw Ayyaanaa, Limanih Geetaachaw, Yismaaw Axinaafuu fi Fiqaaduu Liichee Atileetota Itoophiyaa dhiirootaa hirmaatanidha. Sa'aatii 2 fi daqiiqaa 6 sekondii 43 yeroo dhuunfaasaa kan fooyyeefate qabu Dinqalaam Ayyaalaa atileetota tilmaama injifannoo argatan keessaatti argama. Akkasumas Gizaalaw Ayyaanaa Atileetii biraa kan eegamu yoo ta'u, sa'aatii 2 fi daqiiqaa 5 sekondii 35 yeroo fooyyee dhuunfaasaa qaba. Dhiirootaan injifataan Maaraatoonii Toorontoo yeroo ammaa atileetiin lammii keeniyaa Leeyonaardi Laangaat fi atileetiin biyyattii biraa Elviis Cheboy dorgommicharratti ni eegamu. Maaraatoonii Toorontoo 37ffaarratti koorniyaa lamaaniinuu atileetonni 44 ni hirmaatu. Atileetota kana dabalate namoonni kuma 30 ol hirmaattota dha. A.L.A bara 1990 kan jalqabame Maaraatoonii Toorontoo dorgommii Atileetiksii Addunyaatiin beekamtii kan qabu (World Athletics Elite Label Road Race) dha. dabalataanis Maaraatoonii Amisteerdaam 50ffaan har'a ganama sa'aatii afur irraa eegalee ni gaggeeffama. dorgommichaan Dubartoota injifatan yeroo ammaa Ayinaalam Dastaa ni eegamti. Masarat Ballaxxaa, Buuzee Dirribaa, Mastaawot Fiqiree fi Yashii Kaalayyuu dorgommicharratti ni hirmaatu. Dhiirootaan Lammii Birhaanuu, Tsaggaayee Geetaachoo fi Hayimaanot Aleewu kan hirmaatan ta'u. Maaraatoonii Amisteerdaam sadarkaa Pilaatiiniyamii Atileetiksii Addunyaatiin kan kennameefiidha. Miseensa Maatii Dijiitaalaa ENA ta’aa https://linktr.ee/ENADigital #BiyyaGuddoo,UmmataGuddaa#Mul'ataGuddaa!  
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Ergaa Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad dabarsan:
Oct 13, 2026 815
Inistitiyuutii Metiworooloojii Itoophiyaa daawwachuuf carraa argadheen ture. Dhaabbatichi tajaajila raaga qilleensaa guutuu kennuudhaan dhaabbata humna misoomaa biyyattiif hojiiwwan murteessaa ta'an hojjechuudhaan umurii bara dheeraa qabudha. Daawwannichaan haala qilleensaafi amala qilleensaa jijjiiramaa jiru ilaalchisee haalota hubachuufi deebii kennuudhaan humna qabnu cimsuudhaaf odeeffannoo meetiriiwooloojii funaanuun, qorannoon saayinsaawaafi guddinni teknooloojii faayidaa olaanaa qabu kan mirkaneesse ta'uu argeera.   Dhaabbilee akka Inistitiyuutii Metiworooloojii Itoophiyaa jiran cimsuun baay'ee barbaachisaadha. Tajaajiloota dameewwan ijoo akka qonnaa, bishaan, fayyaa, aviyeeshiniifi hooggansi hojii yaaddoo balaa itti hirkatan fooyyessuuf ijaarsa dandeettii humna namaa, teknooloojiiwwan ammayyaafi misooma bu'uraa odeeffannoo irratti qabeenya ramadanii hojechuun murteessaadha. Keessaayyuu balaawwan dursanii tilmaamuuf, naannaawwan kamitti dafanii qaqqabuun caalaatti akka barbaachisu murteessuuf akkasumas karaa wayitawaa fi bu'a-qabeessa ta'e akka sochoonu gochuuf faayidaa sirnoonni dursanii akeekkachiisuu qaban najajjabeesseera. Odeeffannoo amansiisaan gara qajeelfamoota qabatamaatti yoo jijjiiramu lubbuu baraara; qabeenya kunuunsa, akkasumas murtii fooyya'aa kennuuf gargaara. Hojiin akkasii saatalaayitii ilaaluu bira kan darbudha. Hojichi odeeffannoowwan funaanamanii, qindaawwaaniifi qaacceffamanii tarkaanfii wayitaawaa fudhachuuf akka gargaaran, buufatawwan funaansa odeeffannoofi man'ee giddugala odeeffannoo ciccimoo guutummaa biyyattiitti argaman irraattis kan hundaa'edha.
Harka Lammiilee isheen Dachee Laliste -Itoophiyaa
Sep 22, 2026 2995
Waggoota kurnan darban keessa uwwisni bosonaa ishee baay’ee haphatee ture. Haalli kunis biyyattii jijjiirama haala qilleensaa fi eegumsa naannoof qormaata itti ta’aa tureera. Kaka’umsa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin ifatti bara 2011 kan jalqabame sagantaan ashaaraa magariisaa bu’aa olaanaa fidaa jira. Sagantaa ashaaraa magariisaa kanas ummanni Itoophiyaa qajeelfama hoggansa isaa fudhachuun duulaan biqiloota dhaabuun adda duree akka ta’e Zegaardiyaan gabaasa isaa keessatti bal’inaan ibseera. Haliimaa Kadir yeroo jalqabaaf gaafa biqiltuu dhaabuu jalqabdu namoonni akka ishee shakkanii fi itti qoosan akka turte illee Zegaardiyaan gabaasa isaa keessatti eereera. Biqiloonni dhaabaman kunniin muuzii,zayituunaafi Giraaviiliyaa, akkasumas gosoota kuduraa fi muduraa adda addaan oyiruu uwwifame bira teessoo mukaarra teessee gaafa biqiltuu dbaabuuf jettu sana gara duubatti yaadatti. Olloonni koo abdii na kutachiisanii ture jetti. Garuu waan ajaa’ibaa hojjette. Namoota Tokkoo tokkoo isaaniif ifaajii homaa hin baafne itti fakkaatee ture;garuu booda biqiloonni dhaabaman kunniin jijjiirama qilleensaa fi wabii nyaataa mirkaneessuuf furmaata ta’ee gaafa argamu dhugaa jiru hubachaa dhufuu isaanii ibsiti. Naannoo Oromiyaa aanaa Barbareetti kan kan argamtu Haliimaa Kadir umuriin waggaa 35 kan taate,biqiloota kumaatamaan lakkaa’aman dhaabuun eegumsa naannoof modeela taateetti. Biyya akka Itoophiyaa mancaatiin bosonaa mudatuti hojiin Haalimaa salphaa hin turre; ija jabina naamusaa fi cimina guddaa gaafata ture. Amma garuu wanti hundi jijjiirameera jetti Haalimaan. Biqiltoonni isheen dhaabde guddachuu fi naannoon ishee magariisa ta'aa dhufuun, warri jalqaba abdii kutachiisuuf yaalan illee hojii cimaa fi kutannoo ishee akka dinqisiifatan ibsiteetti. Haalimaaf biqiltuun isheen dhaabdu muka ofii isaatii irra darbee hiika qaba; isaanis hiriyyoota ishee dhiyootiin akkasumas qormaata hawaasa ishee addunyaa irratti jijjiirama qilleensaaf saaxilamoo ta’an keessaa tokko ta’eef furmaata ta’anii ilaalamu. Akkuma ‘The Guardian’ gabaasetti; Itiyoophiyaan babal’ina qonnaa, biqiltuu qoraaniif oolan fi itti fayyadama cileef irraa kan ka’e uwwisa bosona ishee bal’aa dhabdeetti. Kunis heddummina lubbu qabeeyyii, gabbina biyyee fi qabeenya bishaanii irratti miidhaa guddaa kan geessise yoo ta’u, balaawwan haala qilleensaatiin walqabatan hammeesseera. Inishiyeetiiwwan hedduu mootummaan Itiyoophiyaan eegalte keessaa tokko kan ta’e Ashaaraa Magariisaan, jijjiirama qilleensaa fi mancaatii bosonaa hir’isuu keessatti gahee olaanaa taphateera. Gabaasni kun akka mul’isutti waggoota torban darban keessatti biqiltuun biiliyoona 48 ta’u sagantaa kanaan dhaabameera, kan amma jiru osoo hin dabalatiin jechuudha. Ollaan Haalimaa Faxee Abdullaahi milkaa’ina Haalimaa erga argitee booda eegumsa naannoo irratti hirmaattetti. Isheenis nuti akka hin dogoggorre nutti agarsiifte jechuun Haalimaa jajuun, rakkoon furmaata biyya keessaatiin rakkoo addunyaa furuun furuun akka danda’amu agarsiisuudhaan fakkeenya taatee jirti jette. Hawaasni Oromoo daa’ima nama biraa irraa dhalate abbaa fi haadha uumamaa ykn walitti dhufeenya dhalootaa tokko malee fudhachuun akka dhala ofiitti guddifachuun, akka ilmoo ofiitti guddisee, faayidaa dinagdee fi hawaasummaa isaa eeguun aadaa qaba. Ummanni Oromoo biqiltuu akka ilmoo isaatti ilaala. Haalimaan duudhaa kana irraa ka’uun biqiloota dhaabuun kunuunsuun akka ishee gargaare ibsiteetti. Akkasumas walitti dhufeenya ijoollee ishee waliin qabdu miira haadhummaa waliin walqabsiistee jirti. ''Akkuma aadaa keenya keessatti ijoollee guddifnu, biqiltuus akka ijoollee kootti nan ilaala,'' jetteetti. Naannoo hanqinni bishaanii hamaan jiru keessa kan jiraattu Haalimaan gara sa'aatii tokkoo deemtee biqiltuu ishee bishaan obaasti. Ilmi Haalimaa ganna 13, Anwaar Hasan, haadha isaatti akka boonu ibsuun, kaayyoo ishee hordofuu akka barbaadu dubbata. Jijjiirama qilleensaa ittisuuf umurii guutuu waadaa galuu akka barbaadus himeera. Maatiin fi dubartoonni kumaatamaan lakkaa’aman ganda naannoo sana jiranis sagantaa biqiltuu dhaabuu kana irratti hirmaataniiru. Akka qorattoonni naannoo fi ogeeyyiin jedhanitti, gosoonni mukaa dhalootaan maatii fi dhaabbilee adda addaatti raabsaman hedduun isaanii guddataniiru. Naannolee gammoojjii fi haala qilleensaaf miira qaban keessatti tattaaffiin kun hawaasni jijjiirama qilleensaa caalaatti akka dandamatu gargaaruu danda’a. Qindeessaan Sagantaa Biyyaalessaa ‘REDD+’ Misooma Bosonaa Itiyoophiyaa Doktar Xibabuu Mogas sagantaa dhaabbii biqiltuu hanga ammaatti milkaa’inni guddaan argame badda dareetti ta’uu dubbatu. Itiyoophiyaan jijjiirama qilleensaa ittisuuf kutannoon hin raafamne akka biyyaattis ta’e idil-addunyaatti guddachaa fi babal’achaa dhufeera. Miidiyaa Dijitaalaa ENA hordofaa- https://www.ena.et/web/links
Raaga haala Qilleensaa bal'inaan dhaqqabamaa taasisuun qophii gahaan akka jiraatuuf dhiheenyaan hojjetamaa jira
Sep 18, 2026 2314
Fulbaana 8/2019 (ENA) Odeeffannoo raaga haala qilleensaa bal'inaan dhiyeessuun qophii fi offeeggannoo duraa akka jiraatuuf dhiyeenyaan hojjetamaa jiraachuusaa Inistitiyuutiin Meetiroloojii Itoophiyaa beeksise. Inistitiyuutichi gamaggama haala qilleensa gannaa fi raaga haala qilleensa bonaa fuulduraa hirmaannaa qooda fudhattootaatiin Adaamaatti gaggeessaa jira. Daarektarri Olaanaan Inistitiyuutichaa Dr.Faxxanaa Tashoomaa akka jedhanitti, Inistitiyuutichi misoomawwan hawaasummaafi dinagdee biyyaattif faayidaa kan qaban raaga haala qilleensaa yeroo gabaabaa fi dheeraa yeroosaa eeggatee dhiyeessuun gaheesaa ba'achaa jira.   Odeeffannoon kunneen keessattuu dameelee Qonnaafi misooma jallisiif, Bulchiinsa qabeenya bishaaniif, hir’ina sodaa balaatiif,Aviyeeshinii fi geejibaatiif ,Barnootaafi fayyaaf gaggeesuuf murteessaa ta’uusaanii ibsaniiru. Akkasumas,odeeffannoo haala qilleensaa yeroosaa eeggatee fi amansiisaa ta'e uummataafi qooda fudhattootaaf dhiyeessuun misoomaa fi guddina biyyaatiif murteessaa ta'uu isaafi hojiin kun cimee kan ittifufu ta'uu ibsaniiru. odeeffannoo raaga haala qilleensaa yeroodhaan dhiyeessuun qophii fi deebii sirrii kennuuf kan gargaaruudhas jedhan. Qooda fudhattoonnis odeeffannoo kanatti fayyadamanii tarkaanfii qophiitiif akka itti fayyadaman waamicha dhiyeessaniiru. Gara biraatiin, raaga haala qilleensa Bonaa kan dhiyeessan Itti Aanaa Daarektara Inistitiyuutichaa Dr.Asaamminnoo Tashoomaa akka ibsanitti,Bona dhufu kanatti naannowwan horsiise bulaatti haalli qilleensaa misooma qonnaatiif mijaawaa ta'ee fi roobni gaariin akka jiraatu ibsaniiru. Naannoowwan kunniin rooba kana jalqaba baatii Onkololeessaatii jalqabanii kan argatan ta'uun ibsameera. See less  
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 33185
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 22870
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru.   Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 19538
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015