Labsichi lammiilee hojiif biyya alaatti ergaman sirnaan hoogganuun kabajaa fi faayidaa isaanii kan eegsisudha-Ministira Mufarihaat Kaamil

Waxabajjii 25/2017(TOI)- Labsichi lammiilee hojiif biyya alaa garagaraatti ergaman sirnaan hoogganuun kabajaa fi faayidaa isaanii eegsisuu kan dandeessisu ta’uu Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kaamil ibsan.

Manni maree bakka bu’oota ummataa walgahii idilee 41ffaa kaleessa gaggeesseen labsii lmmiilee Itiyoophiyaa hojiif biyyal alaatti erguuf dandeessisu ilaalee mirkaneesseera.

Labsichi mirgi, nageenyii fi kabajni lammiilee akka eegamu kan taasisu akkasumas faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaan damee kanarraa argachuu qabdu akka argatu kan taasisudha.

Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kaamil labsichi lammiilee hojiif biyya alaatti erguu  ilaalchisee tumaalee bal’aa ofkeessaa qaba.

Dhimmoota waggoottan jijjiiramaa xiyyeeffannaan kennameef keessaa tokko dippilomaasii lammiirratti xiyyeeffate ta’uu eeranii, labsichi kana hubannoo keessa galchuun qophaa’uusaa ibsaniiru.

Gama dippilomaasii namarratti xiyyeeffateetiin nageenyi lammiilee fi faayidaan biyyaa kan jalqabaa fi kan xumuraa akka ta’an gochuu ilaallata jedhaniiru.

Labsichi Namoota seeraan ala deddeebisuu hambisuun qooda guddaa akka qabaatu eeruun, lammiileen biyya alaatti hojjechuu barbaadan kabajnii fi faayidaansaanii eegameefii karaa seera qabeessaa akka deeman taasisa jedhaniiru.

Labsichi lammiin biyya alaatti hojjechuu barbaadu barumsa gitni hojii barbaadu, beekumsa damee sanarratti qabu, ogummaa fi muuxannoo hojii akka qabaatan kan dandeessisu akka ta’e eeraniiru.

Damee hojii irratti qacaraman irratti jiddugala madaallii seera qabeessa irraa raga ga’umsa ogummaa mirkaneessu akka argatan akka taasisu ta’uus ministirittiin ibsaniiru.

Sirni leenjii fi ga’oomsuu cimaan akka dhimma murteessaa tokkooti kan jedhan ministirittiin, ofitti amanamummaa fi dandeettiin mariin waliigaluun qacaramuu lammiilee akka guddatu gochuuf labsichi qooda guddaa qaba jedhan.

Labsichi damee kanarratti kan hojjetan gurmaa’insaa fi sirna hojmaataa akka qabaatan kan godhu ta’uusaa dabalanii ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015