Godinichatti Qonna Arfaasaan Lafa Hektaara kuma 368 facaafame irraa omishni Kuntaala Miiliyoona 8 tuqaa 7 ni eegama - ENA Afaan Oromoo
Godinichatti Qonna Arfaasaan Lafa Hektaara kuma 368 facaafame irraa omishni Kuntaala Miiliyoona 8 tuqaa 7 ni eegama

Waxabajjii 26/2017(TOI)-Godina Gujii Lixaatti Lafa Hektaara kuma 368 Qonna Arfaasaan facaafame irraa omishni Kuntaala Miiliyoona 8 tuqaa 7 akka eegamu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise.
Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi Qondaaltonni Olaanoon Naannichaa Misoomaa Godina Gujii Lixaatti Hojjetame daawwachaa jiru.
Kanaanis Godina Gujii Lixaa Aanaa Suuroo Barguddaatti Qamadii fi Xaafii Kilaastaraan omishamee daawwataniiru.
Hogganaan Waajjira Qonnaa Godina Gujii Tukee Anaa Qondaaltota Olaanoof ibsa kennaniin, Godinichatti Baatii Gannaa Kanatti lafti hektaarri kuma 368 midhaan akaakuu garagaraa facaafamuu ibsaniiru.
Isaanis, Boqqolloo, Qamadii, Boloqqee, Xaafii, Maashoo fi kanneen biroo ta’uusaanii ibsuun, Omishni Kuntaala Miiliyoona 8 tuqaa7 akka eegamu dubbataniiru.
Aadaan Hojii Qotee bulaa Yeroo gara yerootti dabalaa jiraachuus itti dabaluun kaasaniiru.
Omishtummaan akka guddatuuf motummaan deeggarsa adda addaa gochaa jiraachuu eeruun, sanyii filatamaa, Xaa’oo fi galteewwan biroo dhiheessuu dubbataniiru.
Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa, Shimallis Abdiisaa dabalatee Hogganaan Paartii Badhaadhinaa waajjira Damee Naannoo Oromiyaa Kaffaaloo Tafarraa fi Qondaaltonni olaanoon Naannichaa daawwannaa Hojiiwwan Misoomaa Godina Gujii Lixaatti raawwatamaa jiru kanarratti hirmaataniiru.