Naannicha fakkeenya nageenyaa, misoomaa fi waldanda’uu gochuuf hojii hojjetameen bu’aalee argaman ittifufsiisuu barbaachisa-obbo Adam Faaraah

Waxabajjii 24/2017 (TOI)-Naannicha fakkeenya nageenyaa, misoomaa fi waldanda’uu gochuuf hojii hojjetameen bu’aalee argaman ittifufsiisuu barbaachisa jedhan sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti hoogganaan jiddugalaa qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii fi itti aanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa obbo Adam Faaraah.

Konfaransiin nageenyaa, misoomaa fi tokkummaa mata duree “tokkummaa fi waloomni naannoo cimaan nageenyaa fi badhaadhina egereef” jedhuun sadarkaa naannootti magaalaa Walaayittaa Sooddootti gaggeeffameera.

Obbo Adam Faaraah wayita kana akka jedhanitti, bu’aa gama hawaasummaa, dinagdee fi siyaasaan naannichatti galmaa’aa jiru ittifufsiisuuf waldeeggaruun hojjechuu barbaachisa.

Konfaransichi naannichatti nagaa, misoomaa fi tokkummaa irratti jijjiirama gaarii fiduun fi fayyadama ummataa mirkaneessuun dhimmoota bulchiinsa gaarii sadarkaa caalutti ceesisuuf akka deeggaru eeraniiru.
 

Yeroo itti aanutti seenessoota qoqqoodan dhabamsiisuuf yaadama ida’amuutiin obbolimmaa fi obboleettummaa cimsuun imala badhaadhinaa si’achiisuu barbaachisa jedhaniiru.

Sab-daneessummaa eenyummaa waloo gabbisan mirkaneessuuf komii darbe dhiifamaan bira darbuun egereef bu’aa caalu galmeessuuf hojjechuun akka barbaachisu dubbataniiru.

Dhaabbilee cimoo sadarkaa naannootti uumuun hooggansa ga’umsa qabuun akka gaggeeffaman gochuun dhaloota hojmaata badaa fi malaammaltummaa jibbu uumuun akka barbaachisu cimsanii kaasaniiru.

Inisheetiivota misoomaa garagaraa sadarkaa olaanaatti ceesisuun badhaadhina naannichaa mirkaneessuuf carraaquun akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Bulchaan naannoo Kibba Itiyoophiyaa obbo Xilahun Kabbadaa gamasaaniin, bariituu naannichi hundeeffamee eegalee seenessoota waloo walooma cimsan hubachuusuuf hojiin hojjetame bu’aa buusuu dubbataniiru.

Ija dandeettii naannichi misoomuu qabuun yoo ilaalamu ammallee hedduun akka hafu eeranii, gama hundaan bu’aa caalu galmeessisuuf carraaquun akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Konfaransiin nageenyaa, misoomaa fi tokkummaa mata duree “tokkummaa fi waloomni naannoo cimaan nageenyaa fi badhaadhina egereef” jedhuun sadarkaa naannootti magaalaa Walaayittaa Sooddootti gaggeeffamaa ture har’a xumurameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015