Hiriirri nageenya deeggaruu finfinxaalessummaa balaaleffatu naannoo Amaaraa magaalaawwan garagaraatti gaggeeffamaa jira

Waxabajjii 22/2017(TOI)- Hiriirri nageenya deeggaruu finfinxaalessummaa balaaleffatu naannoo Amaaraa magaalaawwan garagaraatti gaggeeffamaa jira.

Hirmaattonni hiriira kanarratti argaman carraaqqii mootummaan misoomaa fi nageenyaat taasisu dinqisiifachuun gargaarsaa fi deeggarsa cimaa akka taasisan mirkaneessaniiru.

Uggura, ajjeechaa fi saamicha gareen finxaalessaa naannicha bakkeewwan tokko tokkotti raawwatu nibalaaleffanna jechuun yaadasaanii hiriira kanarratti ibsaa jiru.

Hirmaattonni hiriira bahan nagaa nibarbaanna, mootummaan nagaa kabachiisuun warra nama nagaa ajjeesan seenatti nuuf haadhiheessu, gootummaa misoomaa ijoollee keenyaaf nidhaalchifna, nageenyi qabeenya walooti waloomaan ni’eegama waloomaan eegama, nagana hundaaf hundi nageenyaaf kan jedhanii fi ergaalee biros dabarsaa jiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015