Wixineen bajataa bara Bajataa2018 birrii tiriiliyoona 1 tuqaa 93 ta’uun ragga’e

Waxabajjii 26/2017(TOI)-Manni maree bakka bu’oota ummataa bajata mootummaa federaalaa bara 2018 dhihaateef raggaaseera.

Manni marichaa walgahii idilee 42ffaa gaggeeseera.

Yaanni murtii fi gabaasni wixinee bajataa mootummaa federaalaa bara 2018 walitti qabaa koree dhaabbataa dhimmoota pilaanii, bajataa fi faayinaansii Dassaalany wadajoon dhihateera.

Manni maree bakka bu’ootaa yaada murtii dhihaateef ilaaleewixinee bajataa bara bajataa 2018 raggaaseera.

Bajanni mootummaa federaalaa bara dhufuu birrii tiriiliyoona 1 tuqaa 93 ta’uu gabaasicharratti ibsameera.

Wixinee bajata 2018 keessaa tiriiliyooniin 1 tuqaa 2 baasii idileef, biriin biiliyoona 415 baasii kaappitaalaaf, birriin biiliyoona 315 deeggarsa mootummoota naannoleef akkasumas birriin biiliyoona 14  deeggarsa galmoota misooma egeree naannolee raawwachiisuuf kan ooludha.

Wixinee bajataa keessaa birriin tiriiliyoonii 1 ykn harki 73 galii taaksiirraa, biriin biiliyoona 236 deeggartoota misoomaa kan hafe ammoo deeggarsa pirojektootaa fi galiiwwan garagaraarraa argachuuf karoorfameera.

Akkaataa oomisha biyyaa waliigalaatiin hanqinni bajataa waliigalaa harka 2 tuqaa 2 akkasumas hanqinni bajata qulqulluu dhibbantaa 1 ta’uu gabaasa wixinee bajatarratti ibsameera.

Mootummaan hanqina bajataa kana kan guutu kallattiin baankii biyyaalessaarraa liqii fudhachuun osoo hinta’iin gurgurtaa sanada kuusaa akka guutu eerameera.

Wixineen bajataa 2018 riifoormii dinagdee gooroo guutuu fi karoora misoomaa waggaa 10nii hubannoo keessa galchuun akka qophaa’e gabaasarratti dhihaateera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015