Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad har’a mana mareef insaa fi deebii nikennu

Waxabajjii 26/2017(TOI)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad har’a mana maree bakka bu’oota ummataatti argamuun gaaffilee miseensota mana mareerraa gaafatamaniif insaa fi deebii nikennu.

Manni maree bakka bu’oota ummataa walgahii idilee 42ffaa har’a nitaa’a.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad raawwii karoora mootummaa bara bajataa 2017 ilaalchisuun gaaffilee miseensota mana mareerraa gaafatamaniif walgahii kanarratti ibsaa fi deebii nikennu.

Manni marichaa wixinee bajata mootummaa federaalaa 2018 nimirkaneessa jedhamee akka eegamu odeeffannoo TOI’f ergeen beeksiseera.

Ambaasaaddaroonnii fi itti waamamtoonni dhaabbilee biyyoota garagaraa, abbootiin amantaa, namoonni beekamoo fi hooggantoonni paartilee morkattootaa walgahii kanarratti ni’argamu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015