Dheerinni daandii Itiyoophiyaa Kiiloomeetira kuma 175 qaqqabeera-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Dheerinni daandii Itiyoophiyaa Kiiloomeetira kuma 175 qaqqabeera-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Waxabajjii 26/2017(TOI)- Dheerinni daandii Itiyoophiyaa Kiiloomeetira kuma 175 qaqqabuusaa Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad bu’ura misoomaa daandii ilaalchisuun gaaffilee miseensota mana mareerraa gaafatamaniif deebi fi ibsa kennaniiru.
Ibsa kennaniin dheerinni daandii Itiyoophiyaa kiiloomeetira kuma 175 qaqqabeera jedhaniiru.
Pirojektoonni baasii birrii tiriiliyoonii 1 tuqaa 5 gaafatan 300 mirkaneeffamuu dubbatanii waliigaltee mallatteessuun sadarkaa garagaraa irra jiru jedhaniiru.
Kanneen keessaa pirojektoonni 169 daandii kiiloo meetira kuma 11 caalu ijaaramaa jiraachuu ibsaniiru.
Barana daandiin kiiloo meetira kuma 1 ni’eebbifama kan jedhan ministirri muummee, daandiin kiiloo meetira kuma 17 suphaan cimaa fi jiddugaleessaa taasifamaafii jira jedhaniru.
Walumaa gala daandiin kiiloo meetira kuma 28 Suphaa fi haaraan ijaaramaa jiraachuu ibsanii, daandii dabaluuf ittifufiinsaan akka hojjetamu beeksisaniiru.