Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad daarektara olaanaa Ejensii humna atoomikii idil addunyaa (IAFA) waliin mari’atan

Waxabajjii 23/2017(TOI)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad daarektara olaanaa Ejensii humna atoomikii idil addunyaa (IAFA) Maariyaanoo Giroosii waliin mari’ataniiru.

Ministirri muummee ergaa fuula marsariitii isaaniin dabarsaniin daarektara olaanaa Ejensii humna atoomikii idil addunyaa (IAFA) Maariyaanoo Giroosii yaa’ii Reeyis oof hoop irratti hirmaachuuf Finfinnee dhufan waliin har’a ganama wal argineerra jedhan.

Humna atoomilkii idil addunyaa deeggarsi Itiyoophiyaatti taasisu hammattoowwan kunuunsa waldhasansa kaansarii, fayyaa beelladaa, tisiisa balleessuu, inarjiingii fi to’annaa nuukilaaraa irratti kan xiyyeeffatedha jechuun ibsaniiru.

Deeggarsoota taasifamaa jiranii fi carraalee tumsaa fuulduraa irratti marii taasifneerra jechuun beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015