Itiyoophiyaan qaqqabummaa waldhaansa cararii bal’isuuf hojjechaa jirti-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa

Waxabajjii 23/2017(TOI)- Itiyoophiyaan qorannoo kaansarii dabalatee qaqqabummaa waldhaansa cararii bal’isuuf hojjechaa akka jirtu Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan.

Yaa’iin idil addunyaa Ministirri fayyaa ejensii inarjii atoomikii idil addunyaa waliin ta’uun mata duree “carariiwwan abdii” jedhuun qopheessanii fi faayidaa atoomiik inarjiin gama fayyaan qabu irratti mari’atu galma walgahii gamtaa Afriikaatti eegalameera.

Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa, daarektar jeneraaliin ejensii atoomiik inarjii idil addunyaa Raafaa’eel Giroosii, ministiroonni, ambaasaaddaroonni, bakka bu’ooni dhaabbilee idil addunyaa fi qooda fudhattoonni waltajjicharratti hirmaataniiru.

Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen wayita kana, haalli fayyaa addunyaa jijjiiramuusaa eranii, Itiyoophiyaanis sirna fayyaa haala kana bu’uureffate ijaaraa jirti jedhaniiru.

Ekisteenshiniin fayyaa hojiirra ooluusaatiin waggoottan darban eegumsi fayyaa namoota hedduu fooyya’uusaa ibsaniiru.

Itiyoophiyaan qorannoo kaansarii fi waldhaansa cararii qaqqabamaa taasisuuf hojjechaa akka jirtu kaasanii, kanaaf ammoo teeknooloojiiwwan yeroon gaafatu fayyadamuu eegaluushee eeraniiru.

Waldhaansi cararii ofeeggannoo fi ittigaafatamummaan faayidaarra ooluusaa mirkaneessuuf sirni to’annoo cimaan diriirfamuu himaniiru.

Inarjii Nuukilaaraa tajaajila fayyaaf oolchuun waldhaansa cararii bal’isuun dhukkuba kaansarii saffisaan qorannoon adda baasuun jireenya namootaa baraaruuf gumaacha olaanaa akka qabu ibsaniiru.

Kanumaan Walqabsiisuun  sagantaan ashaaraa magariisaa fayyaa hawaasaa fooyyessuun jireenya fayyaalessaa gabbisaa akka jiru kaasaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015