Waldaan Bataskaanaa OrotodoksiTawaahidoo Itiyoophiyaatti Qulqulluu Abuna Maatiyaas Ashaaraa Magariisaa kaa’an - ENA Afaan Oromoo
Waldaan Bataskaanaa OrotodoksiTawaahidoo Itiyoophiyaatti Qulqulluu Abuna Maatiyaas Ashaaraa Magariisaa kaa’an

Waxabajjii 24/2017(TOI)-Paatiriyaarikiin Waldaa Bataskaanaa OrtodooksiiTawaahidoo Itiyoophiyaa Qulqulluu Abuuna Maatiyaas Naannoo Buufata Xiyyaara Idil Adduyaa Booleetti biqiltuu dhaabuun Ashaaraa Magariisaa isaanii kaa’an.
Hojii gaggeessaan walii Galaa Mana Amantaa, kutaa lallabaa kibba Shawaa bahaa fi Magaalaa Shaggar, phaaphaasii paatriyaarikii Qulqulluu Abuune Saawuroos, fi abbootiin mana Amantaa Bataskaana Ortoodooksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa Saganticha irratti argamaniiru.
Dabalataanis Itti Aanaan Kantiibaa Magaala Finfinnee fi Ittigaafatamaan Biiroo Indistirii Magaalaa Finfinnee obbo Jaanxiraar Abbay fi hoggantoonnoi bulchiinsa Magaalichaa fi Bulchiinsa Kutaa Magaala Boolee argamaniiru.
Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad, Itti Aanaan Pirezidaantii Naayjeeriyaa kashiim Shetiimaa, Afa-Yaa’iin Mana Maree bakka bu’oota ummataa Taaggasaa Caafoo, Bulchitoota Naannoolee, Kantiibota Bulchiinsa Magaalotaa lamaanii akkasumas, Ministiroonni bakka argamanitti sagantaa jalqabsiisa Ashaaraa Magariisaa bara kanaa qarqara Laga Magaalaa Finfinneetti eegalamuun ni yaadatama.
Sagantaan Ashaaraa magariisaa bara kanaa mata duree “dhaabuun Bayyanachuu” jedhuun biqiltuuwwan biiliyoona 7 tuqaa 5 akka dhaabaman ni eegama