Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Boru Mana maree ibsaa fi deebii nikennu

Waxabajjii 25/2017(TOI)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Boru Mana maree bakka bu’oota ummataatti argamuun 6gaaffilee miseensota mana mareerraa gaafatamaniif ibsaa fi deebii nikennu.

Manni maree bakka bu’oota ummataa walgahii idilee 42ffaa boru nitaa’a.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Raawwii karoora mootummaa bara bajataa 2017 ilaalchisuun gaaffilee miseensota mana maree irraa gaafatamaniif deebii fi ibsa nikennu.

Bajanni  mootummaa federaalaa bara 2018 akka mirkanaa’u ni’eegama jechuun manni maree odeeffannoo TOI’f ergeen ibseera.

Keessummoonni waamaman, ambaasaaddaroonnii biyyoota garagaraa fi itti waamamtoonni dhaabbilee idil addunyaa garagaraa abbootiin amantaa, namoonni beekamoo fi hooggantoonni paartilee siyaasaa morkattootaa walgahicharratti ni’argamu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015