Itiyoophiyaan Imala Haaromsaa dinqisiisaarra jirti-itti aanaa pirezidaantii Naayijeeriyaa Kaashiin Sheetiimaa

Waxabajjii 20/2017(TOI)- Itiyoophiyaan Imala Haaromsaa dinqisiisaarra jirti jedhan itti aanaa pirezidaantii Naayijeeriyaa Kaashiin Sheetiimaa.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad dhimmoota gamlamee fi Ardii ijoo ta’anirratti itti aanaa Pirezidaantii Naayijeeriyaa Kaashiim Sheetiimaa waliin Mari’achuunsaanii nibeekama.

Itti aanaan Pirezidaantii kun Masaraa biyyaalessaa bifa hambaa fi seenaa Itiyoophiyaa ifatti mul’isuun haaromfamee agarsiisaaf banaa taasifame daawwataniiru.

Daawwannaa kana ilaalchisuun ergaa yaadannoo galmee kabajaarratti barreessaniin masaraan biyyaalessaa seenaa barabaraaan jiraatudha jedhaniiru.

Itiyoophiyaan biyya gita bittaan hinbitamne ta’uushee kan dubbatan Itti aanaan pirezidaantichaa, imala dinqisiisaarra jirti jedhaniiru.

Itiyoophiyaan biyya seenaa dinqii fi dilbii qabdu biyya guddoo ta’uusheetti Kabajni akka itti dhagahame ergaasaanii keessatti Eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015