Tajaajila waldhaansa Kaansarii babal’isuuf misooma humna namaa fi Teekinooloojiif  Xiyyeeffannoon Kennameera-Dr.Maqdas Dhaabaa

Waxabajjii 24/2017(TOI)-Itiyoophiyaan taajaajila waldhaansa kaansarii babal’isuuf misooma namaa fi teekinooloojiif xiyyeeffannoo kennite cimsitee itti fufti jedhan  Ministirri Fayyaa Dr.Maqdas Dhaabaa ibsan.

Ejensiin Inarjii Atoomikii Idil Addunyaa gama isaatiin, Itiyoophiyaatti wal’aansa kaansarii  babal’isuuf deeggarsa isaa cimsee akka itti fufu ibseera.

Yaa’iin Idila Addunyaa  Ministeerri fayyaa Ejensii Inarjii Atoomikii Idil Addunyaa waliin ta’uun mata duree ‘’ ifa abdii ‘’ jedhuun qopheessanii fi Atoomik Inarjiin gama fayyaan faayidaa qabu irratti marii’atu Galma walga’ii Gamtaa Afriikaatti gaggeeffamaa jira. 

Yaa’icha cinaatti Ministirri Fayyaa Dr.Maqdas Dhaabaa,Ministirri Innooveeshinii fi Teekinooloojii Dr.Ballaxaa Mollaa, hoggantoonni mootummaa olaanoo fi  Daarektarri olaanaa Ejensii Annisaa Atoomikii Idil Addunyaa jeneraal Maariyaanoo Giroosii Gidduugala Qorichaa  Nikulaaraa  Hospitaala Xuqur Anbassaa Eebbisaniiru.

Ministirri Fayyaa Dr.Maqdas Dhaabaa saganticha irrati akka ibsanitti, dhukkuba kaansarii ittisuuf akkasumas dhaqqabummaa waldhaansa isaa bal’isuuf baasii guddaa gaafata.

Kanaaf Mootummaan kaansarii  yaaddoo fayyaa hawaasaa kan ta’e ittisuuf misooma humna namaa fi teekinooloojii irratti xiyyeeffachuun lammiilee wal’aansa barbaadaniif   qorannoo kaansarii fi waldhaansaa raadiyeeshinii babal’isuuf xiyyeeffachuu beeksisaniiru.

Kana bu’aa qabeessa gochuuf dhaabbilee deeggartoota waliin ta’uun  hojii bal’aa raawwachaa jiraachuu ibsaniiru. 

Keessattuu Ministeerichi Ejensii Anniisaa Atoomikii Idil addunyaa waliin ta’uun  wiirtuuwwan wal’aansa Raadiyeeshinii kaansariif hojiin mijatoo ta’an  akka hundeeffaman haala mijeessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Gahumsa Ogeeyyii toora sanaan jiranii guddisuuf kan dandeesisan hojiiwwan bal’aan  hojjetamaa jiraachuu ibsuun, hojiin toora Kanaan hojjetamu fuuldurattis cimee akka ittifufu  mirkaneessaniiru.  

Daarektarri olaanaan Ejensii Inarjii Atoomikii idil Addunyaa Maariyaanoo Giroosii gama isaaniin Ejensichi Itiyoophiyaan fayyaa lammiileeshee eeguuf hojiiwwan gama hedduun  hojjettu deeggaruu cimsee itti fufa jedhaniiru.

 Oduu walfakkaatuun, Daarektarri olaanaan Ejensii anniisa Atoomikii Idil Addunyaa  Maariyaanoo Giroosii hambaalee Seenaa Itiyophiyaa Masaraa biyyoolessaa keessatti argamu daawwataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015