Daandiin Qilleensa  Itiyoophiyaa  baay’ina xiyyaaroota   gara 180 ol guddiseera. -   Ministira   Muummee Dr,Abiyyi Ahimad 

Waxabajjii 26/2017(TOI)-Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa baay’ina xiyyaaroota qabuu gara 180 ol guddisuu Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad ibsan.

 Manni Maree bakka bu’oota Uummataa Walga’ii Idilee 42ffaa gaggeessaa jira.

Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad gaaffiiwwan Miseensota Mana maree irraa gaafatamaniif deebii fi ibsa kennaniiru.

Guddinaa fi bu’aawwan damee tajaajilaan galmaa’an keessaa agarsiiftuun tokko daandii qilleensaa Itiyoophiyaa ta’uusaa Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Damee ibsaniiru.

Daandiin Qilleensaa bara Baajataa kanatti xiyyaarota13 dabalataan bituun walii gala baay’ina Xiyyaarotaa 180’n ga’uu eeraniiru.

Bakkeewwan balalli haaraa 6 dabaluun waliigala bakkeewwan balallii qabu gara 136tti guddisuu hubachiisaniiru.

Bara baajataa kanatti biyya keessaa fi biyya alaatti Imaltoota Miiliyoona19 ol Imalchiisuu fi jijiirama dura  kan ture waliin walbira yoo qabamu dachaan  dabaluu  dubbataniiru.

Bu’aa Daandiin Qilleensichaa argachaa jiru dabalatee Milkaa’inoonni galmeessisaa jiru  Itiyoophiyaatti guddini akka jiru  mul’isa jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015