Dandeettiin oomishuu Itiyoophiyaan haa omishtuu dhibbantaa 59 ture dhibbentaa 65 gaheera-Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Dandeettiin oomishuu Itiyoophiyaan haa omishtuu dhibbantaa 59 ture dhibbentaa 65 gaheera-Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad

Waxabajjii 26/2017(TOI)-Dandeettiin oomishuu Itiyoophiyaan haa omishtuu dhibbantaa 59 ture dhibbentaa 65 gahuusaa Ministirr Muummee Dr.Abiyyi Ahimad ibsan.
Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad industirii ilaalchisuun gaaffilee miseensota mana mareerraa gaafatamaniif deebii fi ibsa kennaniiru.
Ibsa isaaniin bara kana damee Industriin guddina dhibbantaa12 galmeessisuuf karoorfamee hojjetamaa jirachuu ibsaniiru.
Sosochii Itiyoophiyaan Haa omishtu jedhuun hojiiwwan hedduun hojjetamaniiru kan jedhan Ministirri Muummee, kanaanis Humni Omisha keenyaa bara darbe dhibbentaa 59 akka ture yaadachuun barana dhibbantaa 65 gaheera jedhaniiru.
Kunis ittifayyadama omisha waarshaalee guddisuuni kan jedhan yoo ta’u, bara kanas fedhiin Annisaa industirichaa dhibbantaa 40 gaheera jedhaniiru.
Kun guddina guddaadha, Omishni Simmintoo ol ka’eera, bu’aa sibiilotaan guddinni dhibbentaa 18 galmaa’eera jechuun ibsan Ministirri Muummee.
Itiyoophiyaan dandeettii sibiila omishuu gabbifachuushee ibsanii, fedhii sibilaa guutummaa guutuuti guuttachuuf hojiin eegalameera.
Waarshaan Daawwitii waggaatti naannoo toonii kuma 600 omishu ijaaramaa jiraachuu ibsuun, hojiin waarshichaa ulaagaa kamiinuu kan raajeffatamudha jedhaniiru.
Baatiiwwan dhufan Muddee fi Amajjiittii akka xumuramu ibsuun, waarshaaleen panaalii soolaarii omishanis ijaaramaa akka jiran fi yeroo dhihootti ni eebbaifamu, industirii dadammaksuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru